Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Yeroo Hunda Yihowaa Fuulakee Dura Kaa’adhu

Yeroo Hunda Yihowaa Fuulakee Dura Kaa’adhu

Yeroo Hunda Yihowaa Fuulakee Dura Kaa’adhu

“Waaqayyo yeroo hundumaa fuula koo dura anaaf jira.”—FAR. 16:8.

1. Seenaawwan Macaafa Qulqulluu faayidaa akkamii nuu argamsiisu?

DUBBIIN Yihowaa inni barreeffamaan taa’e, walitti dhufeenya Waaqayyo ilmaan namootaa wajjin godhe ilaalchisee seenaa gaarii qabateera. Macaafni kun, namoota hedduu raawwii kaayyoo Yihowaa keessatti qooda guddaa qaban nuu ibsa. Jechiifi gochisaanii Macaafa Qulqulluu keessatti kan caafame seenaa nu gammachiisu qofa akka ta’uuf miti. Kanaa mannaa seenaawwan kun caalaatti Waaqayyotti akka dhihaannu nu gargaaru.—Yaq. 4:8.

2, 3. Jechoonni Faarfannaa 16:8⁠rratti argaman hiika maalii qabu?

2 Hundi keenya muuxannoo namoota beekamoo akka Abrahaam, Saaraa, Musee, Ruut, Daawit, Asteer, Phaawulosiifi warra Macaafa Qulqulluu keessatti ibsaman kaanirraa barumsa hedduu argachuu dandeenya. Haata’u malee, seenaa namoota baay’ee beekamoo hin taanerraas faayidaa guddaa argachuu dandeenya. Seenaawwan Macaafa Qulqulluurratti argamanirratti xiinxaluun keenya, wanta Faarfatichi jedhee wajjin haala wal simuun jiraachuuf nu gargaara. Faarfatichi akkas jedhe: “Waaqayyo yeroo hundumaa fuula koo dura anaaf jira, inni mirga koo waan jiruufis ani hin shishu.” (Far. 16:8) Hiikni jechoota kanaa maalidha?

3 Loltuun tokko yeroo baay’ee billaasaa harkasaa mirgaatiin waan qabatuuf, qaamnisaa inni gara mirgaa gaachana harka bitaatiin qabameen hin eegamu. Haata’u malee, hiriyaansaa karaa mirgasaatiin dhaabatee lolu eegumsa isaa godha. Yeroo hunda Yihowaa kan yaadannuufi jaalalasaa kan raawwannu yoo taane, inni eegumsa nuu godha. Mee Seenaawwan Macaafa Qulqulluu qorachuun keenya ‘Waaqayyoon yeroo hundumaa fuula keenya dura akka keenyyuuf’ akkamitti amantaa keenya akka nuu jabeessu haa ilaallu.

Yihowaan Kadhannaa Keenyaaf Deebii Kenna

4. Fakkeenya Caaffata Qulqullaa’oo Waaqayyo kadhannaa keenyaaf deebii akka kennu argisiisu dubbadhu.

4 Yeroo hundumaa Yihowaa fuula keenya dura yoo keenye, kadhannaa keenyaaf deebii nuu kenna. (Far. 65:2; 66:19) Kun dhugaa ta’uusaa hojjetaa Abrahaam isa umriidhaan hojjettoota kaanirra caalurraa mirkaneessuu ni dandeenya; hojjetaan kunis tarii Elii’ezaar ta’uu danda’a. Abrahaam Elii’ezaar Mesophotaamiyaa dhaqee Yisihaqiif haadha manaa Waaqayyoon sodaattu akka fiduuf isa erge. Elii’ezaar Waaqayyo qajeelfama akka isaaf kennu kan kadhate yommuu ta’u, yeroo Ribqaan gaalotasaa bishaan obaastetti Yihowaan akka isa gargaare hubate. Elii’ezaar garaadhaa waan kadhateef, Yisihaqiif haadha manaa jaallatamtuu arguu danda’eera. (Uma. 24:12-14, 67) Hojjetaa Abrahaamiif hojiin adda ta’e akka isaa kenname beekamaadha. Haata’u malee, nutoo akkumasaa Yihowaan kadhannaa keenya akka dhaga’u mirkanaa’oo ta’uu hin qabnuu?

5. Kadhannaa gabaabaan sagalee utuu hin dhageessisin goonullee bu’a qabeessa ta’uu danda’a kan jennu maaliifi?

5 Yeroo tokko tokko, gargaarsa Waaqayyoo argachuuf atattamaan kadhannaa dhiheessuu qabna ta’a. Yeroo tokko Mootii warra Faares kan ture Artashaastaan, dhugaatii dhiheessituusaa kan ture Nahimiiyaan akka gaddee arge. Mootichis “Maal gaafachuuf barbaadda?” jedhee isa gaafate. ‘Innis gidduutti Waaqayyoon gooftaa bantii waaqaa ni kadhate.’ Nahimiiyaan kadhannaa utuu sagaleesaa hin dhageessisin dhiheesse kana dheeressuu hin danda’u ture. Ta’us, Nahimiiyaan dallaa Yerusaalem akka ijaaru mootichi waan isa gargaareef, Yihowaan kadhannaasaatiif deebii isaa kenneera. (Nahimiiyaa 2:1-8 dubbisi.) Eeyyee, kadhannaa gabaabaan sagalee utuu hin dhageessisin goonullee bu’a qabeessa ta’uu danda’a.

6, 7. (a) Kadhannaa ilaalchisee Ephafraas fakkeenya akkamii nuu ta’a? (b) Warra kaaniif kadhachuu kan qabnu maaliifi?

6 Yeroo hundumaa kadhannaan akkasii yeruma sana deebii akka argate ragaan argisiisu jiraachuu baatus “waliifis kadhadhaa!” jedhamnee gorfamneerra. (Yaq. 5:16) “Kiristosiif hojjetaa amanamaa” kan ta’e Ephafraas namoota hidhata amantiisaa ta’aniif kadhannaadhaan dhama’a ture. Phaawulos xalayaa yeroo Roomaa ture barreesserratti akkas jedheera: “Ephafraas hojjetaan Kristos Yesus inni isin keessaa tokko ta’e nagaa isiniif in erga; isin namoota ga’an taatanii wanta Waaqayyo jaallatu jaallachuudhaanis guutamtanii jabaattanii akka dhaabattaniif, inni kadhata isaatiin yeroo hundumaa isiniif in dhama’a. Inni isinii fi warra Laa’odiiqeyaaf warra Heraapholisiif hojjechuutti jabeessee akka dadhabe ani dhugaa nan ba’aaf.”—Qol. 1:7; 4:12, 13.

7 Qolosaayis, Laa’odiiqeyaafi Heraapholis, magaalota naannoo Asiyaa Xinnootti argamanidha. Kiristiyaanonni Heraapholis turan namoota waaqayyittii Siibil jedhamtu waaqeffatan gidduu kan jiraatan, warri Laa’odiiqeeyaammoo namoota qabeenyaaf bakka guddaa kennaniin marfamanii kan turan yommuu ta’u, warri Qolosaayisimmoo falaasama namootaatiin kan marfaman turan. (Qol. 2:8) Ephafraas inni Qolosaayis ture Kiristiyaanota magaalattii keessa turaniif ‘kadhannaadhaan maaliif akka dhama’aa ture’ hubachuun nama hin rakkisu. Macaafni Qulqulluun kadhannaan Ephafraas akkamitti deebii akka argate kan hin ibsine ta’us, inni warra hidhata amantaasaa ta’aniif kadhachuu hin dhaabne. Nutis obboloota keenyaaf kadhachuu dhiisuu hin qabnu. ‘Dhimma namaa keessa galuu’ kan hin qabne taanus, maatii ykn hiriyaa qorumsi amantii irra ga’e tokko beekna ta’a. (1 Phe. 4:15, NW) Dhuunfaatti isaaniif kadhachuun baay’ee gaarii hin ta’uu? Akkuma kadhannaan warra kaanii Phaawulosiin gargaare kadhannaan keenyas bu’aa gaarii argamsiisuu danda’a.—2 Qor. 1:10, 11.

8. (a) Jaarsoliin Efesoon faayidaa kadhannaan qabu kan hubatan ta’uusaanii akkamitti beekna? (b) Kadhannaadhaaf ilaalcha akkamii qabaachuu qabna?

8 Warri kaan nuti namoota kadhannaadhaaf bakka guddaa laannuufi yeroo hunda kadhannu akka taane isaanitti dhaga’amaa? Phaawulos jaarsolii Efesoonii wajjin erga wal argee booda, “hunduma isaanii wajjin jilbeenfatee Waaqayyoon kadhate.” Achiis “Hundumti isaaniis boo’aa morma isaatti marmanii dhungatan. Dubbiin inni si’achi akka isaan isa hin argine dubbate immoo, caalaa isaan gaddisiise; akkasitti isaan hamma lafa markabaatti isa geggeessan.” (HoE. 20:36-38) Maqaa jaarsolii kanaa hunda kan hin beekne taanus, namoota faayidaa kadhannaan qabu hubatan akka ta’an homaa hin shakkisiisu. Mirga Waaqayyoon kadhachuuf arganneef bakka guddaa kennuufi ‘yaada qullaa’aadhaan harka keenya ol kaasuudhaan’ Abbaan keenya inni samii deebii akka nuu kennu amanuu qabna.—1 Xim. 2:8.

Waaqayyoof Guutummaatti Abboomami

9, 10. (a) Intaloonni Zelofehaad fakkeenya akkamii nuu ta’u? (b) Abboomamuunsaanii, ilaalcha Kiristiyaanni qeentee ta’e tokko gaa’elaaf qaburratti jijjiirama kan fidu akkamitti?

9 Yeroo hundumaa Yihowaa of dura kaa’achuun keenya, akka isaaf abboomamnu kan nu gargaaru yommuu ta’u, kunis eebba nuu argamsiisa. (Kes. 28:13; 1 Sam. 15:22) Kunimmoo abboomamuuf qophaa’oo ta’uu gaafata. Mee ilaalcha ijoollee durbaa Zelofehaad isa bara Museetti jiraachaa turee ilaali. Akka aadaa Israa’elitti dhaala abbaa kan argatan dhiirota turan. Zelofehaad ijoollee dhiiraa utuu hin godhatin waan du’eef, Yihowaan ijoolleen durbaa shanan kun dhaala abbaasaanii hundumaa akka hiratan abboome. Haata’u malee, ulaagaa tokko guutuu qabu turan. Ilmaan Minaaseetti heerumuudhaan qabeenyi dhaalan sun gosa sana keessaa akka hin baane gochuu qabu turan.—Lak. 27:1-8; 36:6-8.

10 Ijoolleen durbaa Zelofehaad Waaqayyoof yoo abboomaman bu’aa gaarii akka argatan ni amanu turan. Macaafni Qulqulluun, “Intaloonni Zelofehaad akkuma Waaqayyo Musee abboome in godhan” jedha. “Intaloonni Zelofehaad Maahilaa, Tiirzaa, Hoglaa, Miilkaa fi No’aa ilmaan obboloota abbaa isaaniitti in heeruman. Isaan maatiiwwan ilmaan Minaasee ilma Yoseef keessatti in heeruman; dhaalli isaaniis qomoo gosa abbaa isaanii keessatti in hafe.” (Lak. 36:10-12) Dubartoonni ajajamoo ta’an kun wanta Yihowaan abboome raawwataniiru. (Iya. 17:3, 4) Kiristiyaanonni karaa hafuuraa cimoo ta’aniifi gaa’ela hin qabnes, amantii akkasii waan qabaniif abboommii Waaqayyo ‘nama amane qofaa wajjin’ gaa’ela akka godhatan ajajeef ni abboomamu.—1 Qor. 7:39.

11, 12. Kaaleb Yihowaarratti amantaa akka qabu kan argisiise akkamitti?

11 Akkuma Kaaleb nama Israa’el turee guutummaatti Yihowaadhaaf abboomamuun nu barbaachisa. (Kes. 1:36) Dh.K.D. jaarraa 16⁠ffaatti Israa’eloonni Gibxii erga ba’anii booda, Museen Kana’aaniin akka gaadaniif namoota 12 ergee ture. Haata’u malee, gaaddota kana keessaa saba sana Yihowaatti akka abdataniifi biyyattiitti akka galan kan gorsan gaaddota 2 qofa yommuu ta’an isaanis Iyaasuufi Kaaleb turan. (Lak. 14:6-9) Naannoo waggoota afurtamaa boodas Iyaasuufi Kaaleb lubbuudhaan kan turaniifi guutummaatti Yihowaa wajjin deddeebi’aa kan turan yommuu ta’u, Waaqayyos Iyaasuun geggeessituusaanii akka ta’u gochuudhaan Israa’eloota Biyyattii Abdachiifamtetti galcheera. Haata’u malee, gaaddonni kurnan amantaa hin qabne sun yommuu Israa’eloonni waggaa 40f lafa onaa keessa jooraa turanitti akka du’an haalasaarraa hubachuun ni danda’ama.—Lak. 14:31-34.

12 Yeroo Israa’eloonni lafa onaa keessa adeemaa turan utuu hin du’in kan oole Kaaleb, Iyaasuu dura dhaabatee, “ani garuu raawwadheen Waaqayyo gooftaa koo duukaa bu’e” jechuu danda’eera. (Iyaasuu 14:6-9 dubbisi.) Kaaleb yommuu umriinsaa waggaa saddeettamii shan turetti, biyyi gaaraa inni Waaqayyo isa abdachiise diinotaan kan qabameefi magaalotasaatti marsaan kan ijaarame ta’uyyuu akka isaaf kennamu gaafateera.—Iya. 14:10-15.

13. Rakkinni nurra ga’eyyuu, gargaarsa kan argannu yoo maal goonedha?

13 Akkuma Kaaleb isa amanamaafi abboomamaa turee, nutis ‘guutummaatti Yihowaa duukaa yoo buune’ gargaarsa Waaqayyoo arganna. Yeroo rakkinni cimaan nu mudatuttillee ‘guutummaatti Yihowaa duukaa yoo buune’ gargaarsa nuu godha. Akkuma Kaaleb godhe jireenya keenya guutuu kana gochuun rakkisaa ta’uu danda’a. Solomoon Mootichi jalqaba bulchiinsasaarratti Yihowaa duukaa kan bu’e ta’us, haadhotiin manaasaa bara dullumaasaatti waaqolii tolfamoo akka waaqeffatu yaadasaa waan jal’isaniif “akka abbaa isaa Daawit guutummaatti Waaqayyo duukaa hin buune.” (1 Mot. 11:4-6) Qorumsawwan irraa ooluu hin dandeenye yoo nu mudataniyyuu, yeroo hundumaa guutummaatti Waaqayyoof kan abboomamnuufi isa of dura kan keenyu haataanu.

Yeroo Hunda Yihowaatti Amanami

14, 15. Waaqayyotti amanamuu ilaalchisee muuxannoo Naa’omiirraa maal baratte?

14 Keessumaa abdiin gara fuulduraatti qabnu nutti dukkanaa’uusaatiin yommuu dhiphannu Yihowaatti amanamuu qabna. Haala Naa’omii ishee abbaa manaasheefi ilmaanshee lamaan diina ilmaan namootaa kan ta’e du’aan dhabdee ilaali. Yommuu Mo’aabii gara Yihudaatti deebitu akkas jechuudhaan gaddashee ibsiteetti: “Naa’omii [“Gammachuukoo,” miiljalee NW] jettanii ana hin waaminaa! Inni hundumaa danda’u jireenya koo keessa ba’ee akka anatti hadhaa’u waan godheef, ‘Maaraa’ [“Hadhaa’aa,” miiljalee NW] anaan jedhaa! Ani harka guutuudhaan nan ba’e, Waaqayyo immoo harka duwwaa deebisee na fide; erga Waaqayyo ana harkatti qabee, inni hundumaa danda’us waan hamaa anatti fide, maaliif ‘Naa’omii’ naan jettu ree?”—Rut. 1:20, 21.

15 Naa’omiin dhiphattee kan turte ta’us, macaafa Ruut akka gaariitti yommuu dubbisnu isheen Yihowaatti amanamuushee akka itti fufte hubanna. Haalasheerrattis jijjiiramni kana hin jedhamne mul’ateera. Niitii ilma Naa’omii kan turte Ruut ishee abbaan manaashee jalaa du’e Bo’azitti heerumuudhaan ilma deesse. Naa’omiinis mucicha guddisuu kan jalqabde yommuu ta’u, seenaansaa akkas jedha: “Dubartoonni ollaa sanaa, ‘Naa’omiif ilmi dhalateera’ jedhanii mucichaaf maqaa kennuu dhaqanii, maqaa isaas ‘Yoobeed’ jedhanii in moggaasan; Yoobeed abbaa Iseyi, Isey immoo abbaa Daawit ture.” (Rut. 4:14-17) Naa’omiinis taate Ruut lafarra jiraachuuf yommuu du’aa ka’an, Naa’omiin, Ruut abaabilii Yesus Masiihichaa ta’uushee hubatti. (Mat. 1:5, 6, 16) Nutis akkuma Naa’omii, rakkinni yeroo ammaatti nurra ga’aa jiru akkamitti wanta gaariitti jijjiiramuu akka danda’u hin beeknu. Kanaaf, akkuma Fakkeenya 3:5, 6⁠rratti gorfamne yeroo hunda Yihowaatti haa amanamnu. Caqasichi akkas jedha: “Garaa kee guutuu Waaqayyoon amanadhu, hubannaa ofii keetiitti hin hirkatin! Karaa kee hundumaatti isa yaadi, innis daandii kee siif in qajeelcha.”

Hafuura Qulqulluutti Amanami

16. Hafuurri Waaqayyoo jaarsolii Israa’el durii keessa turan kan gargaare akkamitti?

16 Yeroo hundumaa Yihowaa fuula keenya dura yoo kaa’anne, hafuura qulqulluusaatiin nu geggeessa. (Gal. 5:16-18) Hafuurri Waaqayyoo, jaarsolii 70 Musee gargaaranii ‘ba’aa uummata Israa’el baachuuf’ filatamanirra ture. Maqaadhaan kan caqasaman Eldaadiifi Medaad qofa haa ta’an malee, hafuurri qulqulluun hojiisaanii akka raawwatan hundasaanii gargaareera. (Lak. 11:13-29) Isaanis akkuma namoota isaan dura filatamanii dandeettii kan qaban, Waaqayyoon kan sodaataniifi amanamoo akka turan hin shakkisiisu. (Bau. 18:21) Jaarsoliin gumii yeroo ammaatti argamanis amalawwan akkasii qabu.

17. Hafuurri Yihowaa ijaarsa godoo qulqullaa’aarratti shoora akkamii qaba ture?

17 Hafuurri Yihowaa hojii lafa onaatti godoo qulqullummaa ijaaruuf godhamerratti ga’ee olaanaa qaba ture. Yihowaan Bazaali’el ogeessa hunda caaluufi godoo sana ijaaru godhee kan muude yommuu ta’u, “Ani Waaqayyo hafuura kootiin, ogummaadhaan, hubannaadhaan, beekumsa waan garaagaraa miidhagsanii hojjechuutiinis isa guuteera” jechuudhaan waadaa isaaf galeera. (Bau. 31:3-5) Namoonni ‘warri ogeessi,’ Bazaali’eliifi gargaartuusaa Aholiiyab wajjin ta’uudhaan hojii dinqisiisaa kana hojjetaniiru. Kana malees, hafuurri Yihowaa namoonni garaa guutuudhaan kennaa gochuudhaaf akka kaka’an godheera. (Bau. 31:6; 35:5, 30-34) Sabni Waaqayyoo yeroo ammaatti argamanis hojii Mootummichaa babal’isuuf wanta danda’an hunda akka godhan kan isaan kakaasu hafuuruma kanadha. (Mat. 6:33) Dandeettii tokko tokko qabaachuu dandeenya ta’a; haata’u malee, hojii Yihowaan sabasaa yeroo ammaatti argamaniif kenne raawwachuuf, hafuura qulqulluu argachuuf kadhachuufi isaan geggeeffamuun nu barbaachisa.—Luq. 11:13.

Yeroo Hundumaa Yihowaa Sodaadhu, Ulfinas Kenniif

18, 19. (a) Hafuurri Waaqayyoo ilaalcha akkamii akka qabaannu nu gargaara? (b) Fakkeenya Simi’ooniifi Haannaarraa barumsa akkamii argatte?

18 Hafuurri qulqulluun akka Yihowaa sodaannu nu kakaasuudhaan yeroo hundumaa Isa fuula keenya dura akka kaa’annu nu gargaara. Sabni Waaqayyoo warri durii, ‘maqaasaa qulqullummaatti akka eeganiifi akka isa sodaatan’ isaanitti himamee ture. (Isa. 29:23) Jaarraa jalqabaatti Yerusaalem durii keessa maanguddoonni Simi’ooniifi Haannaa jedhaman Waaqayyoon kan sodaatan turan. (Luqaas 2:25-38 dubbisi.) Simi’oon raajiiwwan Masiihicha ilaalchisee dubbataman amanuudhaan “fayyina isa Israa’eliif dhufu kan eeggatu ture.” Waaqayyo Simi’ooniin hafuura qulqulluudhaan kan dibe yommuu ta’u, lubbuudhaan jiraatee Masiihicha akka argus isaaf mirkaneesseera. Kunis raawwatameera. Dh.K.D. bara 2⁠tti, gaaf tokko haatisaa Maariyaamiifi abbaan isa Guddise Yoseef Yesusiin gara mana qulqullummaatti fidan. Simi’oon Hafuura Qulqulluutiin kaka’uudhaan, Masiihicha ilaalchisee raajii kan dubbate yommuu ta’u, gara fuulduraatti Maariyaam yeroo Yesus mukarratti fannifamu akka gadditu raajii dubbateera. Haata’u malee, Simi’oon yommuu “Masiihii Waaqayyoo,” [hiika bara 1899] kaasuutti baatu gammachuu isatti dhaga’ame yaadaa! Simi’oon Waaqayyoon sodaachuu ilaalchisee tajaajiltoota Waaqayyoo yeroo ammaatti argamaniif fakkeenya gaarii ta’a.

19 Haannaan haadha hiyyeessaa nama umriinshee waggaa 84 ta’e yommuu taatu, ‘mana qulqullummaa keessaa hin dhabamtu turte.’ Isheen “yeroo yerootti soomaa, halkanii fi guyyaa kadhachaa” Yihowaadhaaf tajaajila qulqulluu dhiheessiti turte. Yommuu Yesus gara mana qulqullummaatti geeffame isheenis achi turte. Yesus isa gara fuulduraatti Masiihii ta’u arguusheetti baay’ee gammaddee turte! Isheen, “Yeroo kanatti dhi’aattee, Waaqayyoon galateeffachaa warra furii Yerusaalem eeggatan hundumaatti waa’ee mucichaa dubbatte.” Haannaan misiraachoo kana warra kaaniif hiruu akka qabdu itti dhaga’ameera. Akkuma Simi’ooniifi Haannaa, Kiristiyaanonni dulloomoon yeroo ammaatti argamanis namoonni umriinsaanii hammamiiyyuu yoo ta’e, Dhugaa Baatota Yihowaa ta’anii tajaajiluu akka isaan hin dhowwine beekuunsaanii isaan gammachiisa.

20. Umrii akkamiiyyuu keessa yoo jiraanne maal gochuu qabna? Maaliif?

20 Umrii akkamiirrayyuu yoo jiraanne yeroo hundumaa Yihowaa fuula keenya dura kaa’achuu qabna. Mootii ta’uusaafi hojiiwwan harkasaa warra dinqisiisoo ta’an ilaalchisee carraaqqii goonu nuu eebbisa. (Far. 71:17, 18; 145:10-13) Haata’u malee, Yihowaadhaaf ulfina kennuuf amalawwansaa argisiisuu qabna. Seenaawwan Macaafa Qulqulluu garabiraa qorachuudhaan, waa’ee amalawwan kanaa maal barachuu dandeenya?

Maal Jettee Deebista?

• Yihowaan kadhannaa namootaa akka dhaga’u akkamitti beekna?

• Guutummaatti Waaqayyoof abboomamuu kan qabnu maaliifi?

• Yoo dhiphanneyyuu, yeroo hunda Yihowaatti amanamuu kan qabnu maaliifi?

• Hafuurri Waaqayyoo sabasaa kan gargaaru akkamitti?

[Gaaffiiwwan Qayyabannaa]

[Fakkii fuula 4rra jiru]

Kadhannaa Nahimiiyaan Yihowaatti dhi’eesse bu’a qabeessa ture

[Fakkii fuula 5rra jiru]

Eebbawwan Naa’omiin argatte yaadachuun keenya Yihowaatti akka amanamnu nu gargaara