Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Akka Yihowaatti Warra Kaan Ilaaltaa?

Akka Yihowaatti Warra Kaan Ilaaltaa?

Akka Yihowaatti Warra Kaan Ilaaltaa?

“Gargar ba’uun bu’aa dhagnaa gidduutti utuu hin argamin, qixxeetti walii isaaniitiif akka yaadaniif kana godhe.”—1 QOR. 12:25.

1. Jalqaba yeroo gara jannata hafuuraatti seente maaltu sitti dhaga’amee ture?

BIYYA LAFAA keessaa baanee yeroo saba Yihowaa wajjin michoomne, jaalalaafi walii yaaduu isaan gidduu jiru argachuu keenyaan baay’ee gammannee ta’uu qaba. Sabni Yihowaa namoota hamoo to’annaa Seexanaa jala jiran, jibbaan guutamaniifi dubbii barbaadanirraa faallaa kan ta’anidha! Jannata hafuuraa nagaafi tokkummaadhaan guutametti seenneerra.—Isa. 48:17, 18; 60:18; 65:25.

2. (a) Ilaalcha warra kaaniif qabnurratti wanti dhiibbaa geessisu maalidha? (b) Nuti maal gochuu nu barbaachisa ta’a?

2 Haata’u malee, yeroo booda dogoggora obboloonni keenya hojjetan guddisnee ilaaluu jalqabuu dandeenya. Cubbamoo ta’uun keenya, amaloota gaarii obboloonni keenya horatanirratti xiyyeeffachuu mannaa, dogoggorasaanii guddisnee akka ilaallu nu godha. Akka Yihowaan isaan ilaalutti ilaaluu daganna jechuudha. Rakkina akkasii qabaannaan, ilaalcha keenya qoruufi kan Yihowaa wajjin wal simsiisuuf carraaqqii gochuu qabna.—Bau. 33:13.

Yihowaan Obboloota Keenya Akkamitti Ilaala?

3. Macaafni Qulqulluun gumii Kiristiyaanaa maalii wajjin wal fakkeessa?

3 Akkuma 1 Qorontos 12:2-26⁠rratti galmeeffamee jirutti, Phaawulos gumii Kiristiyaanaa dibamtoota ta’an “bu’aa dhagnaa baay’ee” wajjin wal fakkeesseera. Akkuma bu’aan dhagnaa addadda ta’e, miseensonni gumiis amalaanis ta’e dandeetiidhaan addaddadha. Ta’us, Yihowaan miseensota gumii addadda ta’an kana simateera. Tokkoon tokkoon miseensota kanaa kan jaallatu ta’uusaarrayyuu, isaan dinqisiifata. Kanaaf, Phaawulos miseensota gumii kan taane hundi ‘qixxeetti walii keenyaaf akka yaannu’ nu gorseera. Amalli warra kaanii kan keenyarraa adda waan ta’uuf akkas gochuun ulfaataa ta’uu danda’a.

4. Ilaalcha obboloota keenyaaf qabnu sirreessuun kan nu barbaachisu maaliif ta’uu danda’a?

4 Dogoggora obboloota keenyaarratti xiyyeeffachuutu nutti tola ta’a. Kana jechuun qaama fakkii tokko keessaa bakkuma tokkorratti xiyyeeffanna jechuudha. Yihowaan garuu, waanuma tokko qofa utuu hin ta’in wantoota naannoo sana jiran guutummaatti ilaalu danda’a. Nuyi wanta ofii keenyaa hin jaallannerratti kan xiyyeeffannu si’a ta’u, Yihowaan garuu amaloota nama sanaa hunda ilaaluu danda’a. Fakkeenya Yihowaa hordofuuf caalaatti yeroo carraaqnu, jaalalaafi tokkummaa gumiitiif gumaacha guddaa gochuu dandeenya.—Efe. 4:1-3; 5:1, 2.

5. Warra kaanitti faraduun dogoggora kan ta’e maaliif?

5 Yesus, ilmaan namootaa cubbamoo ta’an amala namatti faraduu akka qaban hubatee ture. “Akka isinitti hin faradamnetti warra kaanirratti faraduu [keessan] dhaabaa!” jechuudhaan gorsa kenneera. (Mat. 7:1, NW) Yesus “hin faradinaa!” utuu hin ta’in “faraduu dhaabaa” jechuusaa hubadhu. Namoota isa dhaggeeffatan keessaa baay’eensaanii amala namootatti faraduu akka qaban beeka ture. Nuyis amala akkasii qabnaa laata? Taanaan, akka nutti hin faradamneef jijjiirama gochuuf carraaqqii guddaa gochuu qabna. Dhugumayyuu, namoota Yihowaan itti fayyadamuuf muudetti faraduuf ykn inni miseensa gumii miti jechuuf nuyi eenyu? Obboleessi tokko hir’ina qabaatuyyuu, Yihowaan isa simachuunsaa kan itti fufu yoo ta’e nuyi isa simachuu diduun keenya sirrii ta’aa? (Yoh. 6:44) Yihowaan jaarmiyaasaa geggeessaa akka jiruufi sirreeffamni yoo barbaachise yeroosaatti tarkaanfii akka fudhatu ni amannaa?Roomaa 14:1-4 dubbisi.

6. Yihowaan tajaajiltootasaa akkamitti ilaala?

6 Yihowaan, Kiristiyaanonni yeroo addunyaa haaraatti galaniifi jireenya mudaa hin qabne argatan amala akkamii qabaachuu akka danda’an beeka. Guddina hafuuraa hamma ammaatti godhanis beeka. Kanaaf sababii tokkoon tokkoon dadhabbiisaaniirratti xiyyeeffatuuf hin qabu. Faarfannaan 103:12, “Ba’i-biiftuu lixa-biiftuutii akka fagaatu, innis irra-daddarbaa keenya nuttii in fageessa” jedha. Nuyis kanaaf dhuunfaatti guddaa galateeffachuu qabna!—Far. 130:3.

7. Ilaalcha Yihowaan Daawitiif qaburraa maal baranna?

7 Yaadawwan Yihowaan amaloota nama tokkoo warra gaarii ta’anirratti akka xiyyeeffatu, argisiisan Caaffata Qulqulaa’oo keessatti argamu. Waaqayyo Daawitiin ilaalchisee: “Daawit garbicha koo isa wanta ija koo duratti qajeelaa ta’e duwwaa gochuudhaan abboommii koo eegee, garaa isaa guutuudhaan ana duukaa bu’e” jedhee ture. (1 Mot. 14:8) Dhugaadha, yeroo Daawit itti dogoggora raawwate akka jiru beekna. Haata’u malee, Yihowaan garaan Daawit qajeelaa ta’uusaa waan beekuuf amalasaa isa gaariirratti xiyyeeffateera.—1 Sen. 29:17.

Obbolootakeetiif Ilaalcha Yihowaa Qabaadhu

8, 9. (a) Fakkeenya Yihowaa hordofuu kan dandeenyu karaa kamiini? (b) Kun fakkeenyaan ibsamuu kan danda’u akkamitti? Kanarraa barumsa maalii arganna?

8 Yihowaan ilaalchaafi yaada namaa hubachuu kan danda’u si’a ta’u, nuyi garuu hin dandeenyu. Kun qofti namootatti akka hin faranneef sababii ga’aa ta’a. Guutummaa yaada namootaa beekuu hin dandeenyu. Dogoggora namootaa yeroo booda badurratti xiyyeeffachuu mannaa Yihowaa fakkaachuuf carraaquu qabna. Kana ilaalchisee fakkeenyasaa hordofuuf galma baafachuun gaarii mitii? Akkas gochuun keenya obboloota keenyaa wajjin hariiroo gaarii akka qabaannu gumaacha guddaa godha.—Efe. 4:23, 24.

9 Kana fakkeenyaan ibsuuf, mana dulloomaa mancoroorrisaa (ashandaa) dhangalaasu, foddaansaa caccabeefi dhimmuudhaan koorniisiinsaa ciccite yaadi. Namoonni hedduun mana kana yeroo ilaalan ija namaatti waan hin tolleef diigamuu qaba jedhanii murteessuu danda’u. Garuu namni ilaalcha kanarraa guutummaatti adda ta’e qabu jiraachuu danda’a. Wanta alaan mul’aturra darbee ilaaluudhaan, manni kun jabaa akka ta’eefi suphamuu akka danda’u hubata. Namni kun mana kana bitee rakkina alaan mul’atu suphuudhaan miidhagsuu danda’a. Isaan booda, namoonni achirra darban manichi miidhagaa ta’uusaa dubbatu. Nuhoo akka namicha mana kana supheefi deebisee haareessuuf carraaqqii guddaa godhee ta’uu dandeenyaa? Hir’ina obboloota keenyaa mul’atanirratti xiyyeeffachuu mannaa, amaloota gaarii qabaniifi guddina hafuuraa dabalataa gochaa jiran hubachuu dandeenyaa? Taanaan, akkuma Yihowaa miidhagina hafuuraa isaan qabaniin isaan jaallanna jechuudha.Ibroota 6:10 dubbisi.

10. Gorsi Filiphisiiyus 2:3, 4⁠rra jiru nu gargaaruu kan danda’u akkamitti?

10 Phaawulos, gorsa namoota gumii keessa jiranii wajjin hariiroo gaarii akka qabnu nu gargaaru kenneera. Akkas jedhee Kiristiyaanota gorseera: “Gad of deebisuudhaan warra kaan of irra caalchisaa lakkaa’aa malee, yaada ofittummaatiin yookiis of dhiibuudhaan waan tokko illee hin hojjetinaa! Isin keessaa adduma addaan waan warra kaanitti tolus immoo haa ilaalu malee, waan isatti tolu duwwaa hin ilaalin!” (Filp. 2:3, 4) Gad of qabuun namoota kaaniif ilaalcha sirrii akka qabaannu nu gargaara. Namoota kaaniif yaaduuniifi amalasaanii isa gaariirratti xiyyeeffachuunis akka Yihowaan isaan ilaaluutti ilaaluuf nu gargaara.

11. Jijjiiramni gumiiwwan tokko tokko keessatti mul’atu maalidha?

11 Yeroo dhihoodhaa asitti, jijjiiramni addunyaa maratti ga’aa jiru namoonni iddoo tokko gara garabiraatti akka oliif gad deeman godheera. Magaalonni baay’een namoota biyyoota addaddaatii dhufaniin guutamaniiru. Namoonni naannoo keenyaaf haaraa ta’an tokko tokko dhugaa Macaafa Qulqulluutiif fedhii kan argisiisan ta’uusaaniirrayyuu, Yihowaa waaqeffachuu jalqabaniiru. Isaanis “saba hundumaa keessaa, gosa hundumaa keessaa, nama hundumaa keessaa, afaan dubbatamu hundumaa keessaa dhufan.” (Mul. 7:9) Kanaan kan ka’es, gumiiwwan keenya baay’een namoota addunyaa mararaa dhufaniin kan guutamedha.

12. Walii keenyaaf ilaalcha akkamii qabaachuu qabna? Kun yeroo tokko tokko rakkisaa kan ta’u maaliif?

12 Kanaaf, gumii keenya keessatti warra kaaniif ilaalcha sirrii qabaachuuf caalaatti xiyyeeffannaa kennuu nu barbaachisa. Gorsa Phexros “obboloota garaa qulqulluudhaan jaallachuu,” akkasumas “jaalala ho’aa isa garaa keessaa dhufuun wal jaalladhaa!” jechuudhaan kenne qalbeeffachuu akka qabnu nu hubachiisa. (1 Phe. 1:22) Gumii namoonni baay’een kutaawwan addunyaa addaddaatii dhufan keessa jiranitti jaalala dhugaa qabaachuun ulfaataa ta’uu danda’a. Aadaan, sadarkaan barumsaa, haalli dinagdeefi sanyiinsaanii kan keenyarraa baay’ee adda ta’uu danda’a. Namoota hidhata amantaa keenyaa ta’aniifi aadaa garabiraa qaban keessaa warri tokko tokko akkamitti akka yaadaniifi wantoota akkamitti akka ilaalan hubachuun rakkisaa sitti ta’eera? Tarii Isaanis waa’eekee akkasuma isaanitti dhaga’amee ta’uu danda’a. Haata’u malee, abboommiin “obbolummaa amantootaa [‘hundumaa,’ NW] jaalladhaa” jedhu hunda keenyaaf kennameera.—1 Phe. 2:17

13. Ilaalcha keenyarratti jijjiirama maalii gochuun nu barbaachisa ta’a?

13 Obboloota keenya hundumaa jaallachuuf ilaalcha keenyarratti jijjiirama gochuu nu barbaachisa ta’a. (2 Qorontos 6:12, 13 dubbisi.) Akkas ofiin jettee beektaa, “Halaalatti nama hin jibbu, garuu . . . ” jechuudhaan amala godhee namoota gosa tokkoo dhufan ittiin beekaman jedhamee yaadamuu ni caqastaa? Miirri akkasii amala namoota halaalatti jibbuu nu keessa jiru of keessaa baasuu akka qabnu kan argisiisuudha. ‘Yeroo hundumaa namoota aadaa adda ta’e qabanii wajjin wal baruuf carraaqqii cimaa nan godhaa?’ jennee of gaafachuu qabna. Akkasitti of qoruun keenya, jaalalaafi dinqisiifannaa obboloota keenya addunyaa mararraa dhufaniif qabnu fooyyeffachuuf nu gargaara.

14, 15. (a) Namoota ilaalcha warra kaaniif qaban sirreessan akka fakkeenyaatti caqasi. (b) Fakkeenyasaanii hordofuu kan dandeenyu akkamitti?

14 Macaafni Qulqulluun namoota ilaalchasaaniirratti jijjiirama gochuudhaan fakkeenya gaarii ta’an kan caqasu yeroo ta’u, isaan keessaa tokko Phexrosidha. Phexros nama Yihudaa waan ta’eef mana namoota Yihudii hin taanee hin seenu ture. Mana Qorneelewos isa nama Yihudii hin ta’iniifi dhagna hin qabatinii akka dhaqu yeroo ajajame maaltu akka itti dhaga’ame tilmaamuu dandeessa! Phexros, namoonni saba hundumaa keessa dhufan kutaa gumii Kiristiyaanaa ta’uunsaanii fedha Waaqayyoo akka ta’e hubachuunsaa ilaalchasaa akka jijjiiru isa taasiseera. (HoE. 10:9-35) Saa’ol, inni booddee Phaawulos ergamaa jedhamee waamames, jijjiirama gochuufi haalaalatti nama jibbuu dhiisuun isa barbaachisee ture. Baay’ee Kiristiyaanota jibbaafi “garmalee waldaa Waaqayyoo ari’achaa, balleessuudhaafis dhama’aa” akka ture amaneera. Haata’u malee, yeroo Yesus Gooftaan Phaawulosiin sirreessu jijjiirama guddaa gochuusaarrayyuu, namoota dura ari’achaa turerraa qajeelfama fudhachuu jalqabeera.—Gal. 1:13-20.

15 Hafuura Yihowaatiin ilaalcha keenya jijjiiruu akka dandeenyu homaa hin shakkisiisu. Halaalatti nama jibbuun garaa keenya keessa dhokatee yoo jiraate, fonqolchinee baasuufi “hidhaa nagaatiin tokkummaa hafuura qulqulluu of harkatti eeggachuudhaaf” dhama’uu qabna. (Efe. 4:3-6) Macaafni Qulqulluun, “jaalala isa wanta hundumaa raawwatamaa godhee walitti hidhu qabaadhaa!” jechuudhaan nu jajjabeessa.—Qol. 3:14.

Tajaajila Keenyaan Fakkeenya Yihowaa Hordofuu

16. Namoota ilaalchisee kaayyoon Waaqayyoo maalidha?

16 Phaawulos, “Waaqayyo nama wal hin caalchisu” jechuudhaan barreesseera. (Rom. 2:11) Yihowaa namoonni saba garagaraa keessaa baba’an akka isa waaqeffatan kaayyoosaati. (1 Ximotewos 2:3, 4 dubbisi.) Kaayyoosaa kana galmaan ga’uufis, “wangeela isa bara baraa . . . saba hundumaatti, gosa hundumaatti, afaan dubbatamu hundumaatti, nama hundumaatti” akka lallabamuuf qophii godheera. (Mul. 14:6) Yesus, “qotiisichi biyya lafaa ti” jedheera. (Mat. 13:38) Kun siif, warrakee, obbolaakee, hiriyaa gaa’elaakeetiifi ijoolleekeetiif hiika maalii qaba?

17. Namoota saba hundumaa keessaa dhufan gargaaruu kan dandeenyu akkamitti?

17 Hundi keenya ergaa Mootummichaa kutaalee addunyaa fagoo ta’an dhaqnee lallabu hin dandeenyu ta’a. Haata’u malee, namoota kutaa addunyaa addaddaatii dhufaniifi naannoo keenya jiraataniif lallabuu dandeenya. Namoota waggoota baay’eedhaaf lallabneef qofa utuu hin ta’in, carraawwan namoota saba hundumaa keessaa bobba’aniiif lallabuu nu dandeessisaniif dammaqoodhaa? Namoota misiraachichi akka gaariitti hin lallabaminiif dhugaa ba’uuf maaliif dursa hin fudhattu?—Rom. 15:20, 21.

18. Yesus namootaaf akka yaadu kan argisiise akkamitti?

18 Yesus nama hundumaa gargaaruuf fedhii guddaa qaba ture. Kan inni lallabe naannoo tokko qofaatti hin turre. Gabaasni Macaafa Qulqulluu tokko, “mandaroota hundumaa fi gandeen keessa naanna’ee” akka ture nutti hima. Achiis, namoota “yommuu arge isaaniif oo’e,” akkasumas isaan gargaaruuf fedhii akka qabu argisiisuuf wanta isaan barbaachisu godheeraaf.—Mat. 9:35-37.

19, 20. Karaawwan ilaalcha Yihowaafi Yesus namoota hundumaaf qaban itti argisiisuu dandeenyu maalfa’i?

19 Karaan ilaalcha akkasii akka qabnu itti argisiisuu dandeessu tokko tokko maalfa’i? Warri tokko tokko naannoowwan tajaajilaasaanii yeroo baay’ee itti hin lallabamnetti lallabuuf carraaqqii godhu. Kunis, naannoowwan daldalaa, bakka bashannanaa, bakka konkolaataa itti eeggatan ykn gamoowwan jireenyaa seenuun rakkisaa ta’etti balbalarra dhaabatanii lallabuu kan dabalatu ta’uu danda’a. Kaanimmoo, namoota gosa kan biraa naannoosaanii jiraatan ykn gareewwan kanaan dura akka gaariitti dhugaan hin ba’amneef lallabuuf afaan haaraa barachuuf carraaqqii godhu. Namoota kana afaansaaniitiin nagaa gaafachuu barachuun waa’eesaanii akka yaaddu kan godhanii akka hubatan gochuu danda’a. Ofii keenyaa kana gochuu hin dandeenyu taanaan warri kaan akka barataniif jajjabeessuu dandeenyaa? Babal’istoota, namoota biyya kan biraatii dhufaniif lallabuuf afaan haaraa barachuuf carraaqii godhan abdii hin kutachiisnu ykn kaka’umsasaaniirratti gaaffii kaasuu hin qabnu. Lubbuun namoota hundaa Waaqayyoo duratti gati jabeessa waan ta’eef, ilaalchi keenyas akkasuma ta’uu qaba.—Qol. 3:10, 11.

20 Akka Waaqayyootti namoota kaan ilaaluuf, haallisaanii maaliyyuu yoo ta’e hundumaaf lallabuu kan dabalatudha. Warri tokko tokko mana jireenyaa kan hin qabne, qulqullinasaanii kan hin eegganne ykn jireenya safuu kan jiraatan ta’uu danda’u. Namoonni tokko tokko wanta sirrii hin taane nurratti raawwatanillee gochisaanii kun dimshaashumatti lammii ykn gosasaaniitif ilaalcha dogoggoraa akka qabaannu nu gochuu hin qabu. Namoonni tokko tokko Phaawulositti hammaataniyyuu, gosa namoota sanaaf lallabuun gufuu akka isatti ta’u hin heyyamne. (HoE. 14:5-7, 19-22) Isaan keessaa muraasi deebii gaarii akka kennan abdii godhatee ture.

21. Akka Yihowaan isaan ilaalutti warra kaan ilaaluun kan si fayyadu akkamitti?

21 Obboloota gumii keessatti argamaniifi addunyaa maratti argaman akkasumas namoota tajaajilarratti arginuu wajjin haala walqabateen, ilaalcha Yihowaa qabaachuun ilaalcha sirrii ta’uusaa yeroo kamiyyuu caalaa ifa nuu ta’eera. Ilaalcha Yihowaa caalaatti argisiisaa yeroo adeemnu nagaafi tokkummaa uumuuf humna arganna. Namoonni kaan, Yihowaa isa namoota “Hundumti isaanii hojii harka isaatii” ta’an jaallatuufi ‘hin loogne’ akka jaallatan gargaaruu dandeenya.—Iyo. 34:19.

Deebisuu Dandeessaa?

• Obboloota keenya ilaalchisee ilaalcha akkamiirraa fagaachuu qabna?

• Ilaalcha obboloota keenyaaf qabnuun Yihowaa fakkaachuu kan dandeenyu akkamitti?

• Ilaalcha obboloota keenya addunyaa maratti argamaniif qabaachuu qabnu ilaalchisee barumsa maalii argatteetta?

• Tajaajilarratti ilaalcha Yihowaan namootaaf qabu akka qabnu akkamitti argisiisuu dandeenya ?

[Gaaffiiwwan Qayyabannaa]

[Fakkii fuula 26rra jiru]

Namoota aadaa garabiraa qabanii wajjin caalaatti wal baruu kan dandeessu akkamitti?

[Fakkii fuula 28rra jiru]

Namoota baay’eedhaaf misiraachicha lallabuuf karaawwan si dandeessisan tokko tokko kamfa’i?