Beellama Hunda Caalu
Beellama Hunda Caalu
BEELLAMA hunda caalu tokkon qaba. Haadha ijoolleefi umrii dargaggummaarratti kanan argamu yommuu ta’u, mee beellama hunda caalu kana akkan qabadhu kan na taasise maal akka ta’en isiniif ibsa.
Mana keenya keessa nagaafi waliigalteen hin jiru ture. Quxisuunkoo waggaa afuritti balaa suukanneessaadhaan du’uunsaa maatii keenyarra gadda guddaa geessiseera. Amalli abbaakoo inni gadheenis haatikoo gaa’elasheetti akka hin gammanne ishee taasiseera. Haalli akkasii jiraachuunsaa haatikoo anaaf obboleessakoo isa angafa akka gaariitti akka nu hin guddisne ishee hin dhowwine.
Yeroo booda kanan heerume yommuu ta’u obboleessikoos ni fuudhe. Utuu hin turinis, haatikoo dhukkuba kaansarii du’aaf ishee geessiseen qabamte. Du’uushee dura garuu dhaala guddaa nu dhaalchisteetti.
Dubartiin haadhakoo beektu tokko du’aa ka’uu ilaalchisee, abdii Caaffata Qulqulluurratti argamu itti himte; haatikoos afeerrii Macaafa Qulqulluu akka qayyabattu dhihaateef ni fudhatte. Abdiin Macaafa Qulqulluu keessatti argamus du’uushee guyyoota muraasa dura jireenyishee kaayyoofi gammachuu akka qabaatu gargaareera.
Bu’aa gaarii Macaafni Qulqulluun haadha keenyaaf argamsiise waan hubanneef, aniif obboleessikoo Dubbii Waaqayyoo qayyabachuu jalqabne. Anis, mucaa keenya ishee lammaffaafi miidhagdu, Luuchiyaa jennee moggaasne utuu hin dhalatin ji’a tokko duran cuuphamee Dhugaa Baatuu Yihowaa ta’e.
Guyyaa ani itti cuuphame anaaf guyyaa addaa ture. Sababiin inni tokko, barabaraan Yihowaa tajaajiluuf kansaa ta’uuf of murteessuukooti. Sababii garabiraanimmoo, mucaakoo dhiiraafi ishee durbaa jaallatamoo ta’an waa’ee amantiikoo barsiisuu danda’uukooti.
Wanti lammaffaan gammachuukootiif sababii ta’e garuu itti hin fufne. Luuchiyaan waggaa afuraffaasheetti garaa ciniinnaa cimaadhaan dhiphachuu jalqabde. Qorannaa hedduun erga godhamee booda, raadiyooloojistichi xannachi guddaan hamma burtukaanii ga’u tiruusheetti qabatee akka jiru nuu ibse. Doktoorichis, Luuchiyaan xannacha gara kaansariitti jijjiiramee saffisaan babal’achaa adeemuufi niwuroobilaastoomaa jedhamuun qabamuushee nutti hime. Kanaafuu, Luuchiyaan qabsoo waggoota torbaaf mana yaalaa turuu dabalatu gochuu ishee barbaachiseera.
Fedhii Ofii Aarsaa Gochuu
Luuchiyaan waggoota rakkisaa ta’an kanatti, nahaammachaafi nadhungachaa waan turteef, jajjabina argadheera. Kana malees, haalli isheen itti dhukkubicha obsaan danda’uuf carraaqxe hojjettoota mana yaalaa dinqisiiseera. Yeroo hundumaa ijoollee hospitaalicha keessatti argamaniif itittuu, cuunfaafi wantoota kaan kennuudhaan narsota gargaaruu hawwiti turte. Narsonni sunis uffata adii irra keessatti uffatan, kaardii qomarratti ka’atamuufi mallattoon “gargaartuu narsotaa” jedhu irratti barreeffame kennaniifii turan.
Hojjettuun hospitaalichaa tokko wanta yaadattu akkas jechuudhaan dubbatteetti: “Wanti Luuchiyaan goote garaakoo tuqeera. Isheen collee, qaroomina kan qabduufi fakkii kaasuu kan jaallattu turte. Yaadashee akka gaariitti ibsuu kan dandeessu, beektuufi bishaattuu turte.”
Luuchiyaan Dubbii Waaqayyoorraa jajjabinaafi tasgabbii argatteetti. (Ibr. 4:12) Abdii Dubbiin Waaqayyoo jireenya addunyaa haaraa keessatti argamu ilaalchisee, “egaa duuni deebi’ee hin argamu, gadduun, iyyuun, waraansis si’achi hin jiru!” jechuudhaan kennerratti amantaa cimaa qabdi turte. (Mul. 21:4) Namoota kaaniif waan yaadduuf, carraa argatte hundaatti ergaa Macaafa Ququlluu isaanitti himuuf itti fayyadamti turte. Luuchiyaan dhukkubasheerraa fayyuuf abdii kan hin qabne taatus, abdiin du’aa ka’uurratti qabdu baay’ee cimaa ture; kunis, of qabuu akka dandeessuufi gammachuushee eegdee akka jiraattu ishee gargaareera. (Isa. 25:8) Ilaalchashee kana hanga gaafa duuteetti cimsitee qabatteetti.
Beellama hunda caalu kana kanan qabadhe guyyaa kanatti ture. Luuchiyaan guyyaa sanatti ijaasheellee saaqachuu hin dandeenye. Abbaanshee harkashee isa tokko, animmoo harkashee isa kaan qabannee ture. Suuta jedhee akkasan jedheen: “Jabaadhu si hin dhiisuu, suuta jedhii hafuura baafadhu. Yeroo du’aa kaatu fayyaa taata. Sana booda dhukkubaan hin dhiphattu; anis siwajjinan ta’a.”
Beellaman guyyaa sanatti qabadhe eeguun qaba. Yeroo isheen du’aa kaatu eeguun ulfaata akka ta’e beeka. Ta’us, Yihowaarratti amantaa qabaachuudhaan obsaan jabaadhee yoon dhaabadheefi amanamummaakoo yoon eege, Luuchiyaan yommuu du’aa kaatu ishee wajjin akkan ta’u beeka.
Dhaala Luuchiyaan Nuudhiiste
Ija jabinni Luuchiyaan argisiifteefi deggersi gaariin miseensonni gumii nuu godhan, abbaa manaakoo isa Dhugaa Baatuu Yihowaan hin taane tuqeera. Guyyaa Luuchiyaan duute, haalawwan tokko tokkorra deebi’ee akka qoru natti himeera. Torban muraasa boodas, jaarsi gumii Macaafa Qulqulluu akka isa qayyabsiisu gaafate. Baay’ee utuu hin turinis, walga’iiwwan hundaarratti argamuu jalqabe. Yaalii inni kanaan dura araada tamboo xuuxuu dhaabuuf godhe milkaa’uufii baatus, amma gargaarsa Yihowaatiin araadasaa kana dhaabeera.
Gaddi du’a Luuchiyaatiin narra ga’e guutummaatti baduu baatus, dhaala Luuchiyaan naadhiistee duuteef Yihowaa guddaan galateeffadha. Aniifi abbaan manaakoo abdii gammachiisaa du’aa ka’uutiin kan wal jajjabeessinu yommuu ta’u, ijashee isa naannoofi miirashee akka gaariitti ibsu, akkasumas maddiishee isa yeroo isheen kolfitu dhooqu gara sammuu keenyaatti dhufa.
Haalli gaddisiisaan mucaa keenyarra ga’e garaa dubartii naannoo keenya jiraattu tokko garmalee tuqeera. Guyyaa Sanbadduraa tokko, utuu bokkaan roobuu haati tokko gara mana keenyaa dhufte; dubartiin kunis, mucaa Luuchiyaa wajjin mana barumsaa tokko barachaa ture qabdi turte. Isheenis, mucaa dhiiraa umriinsaa 11 ta’u dhukkubuma kanaan dhabdeetti. Dubartiin kun wanta Luuchiyaarra ga’e yommuu dhageessu, bakka nuyi jiraannu iyyaafattee nu gaafachuu dhufte. Gadda sababa Luuchiyaatiin narra ga’e akkamitti akkan mo’e kan na gaafatte yommuu ta’u, garee haadhotii haala akkasii keessatti argaman gargaaru tokko akka hundeessinu yaada naa dhiheessite.
Jajjabina dhugaa eenyuyyuu kennuu danda’u hunda caalu kanan argadhe abdii Macaafni Qulqulluun kennurra ta’uusaan ibseef. Yaada Yesus Yohannis 5:28, 29rratti dubbate yommuun dubbisuuf ijishee ni banameef. Macaafa Qulqulluu qayyabachuuf fedhii kan argisiiste yommuu ta’u, baay’ee utuu hin turinis, “Nagaan Waaqayyoo [isa] hubannaa namaa hundumaa irra caalu” argachuu akka jalqabde hubatte. (Filp. 4:7) Yommuu Macaafa Qulqulluu waliin qayyabannu, yeroo hedduu gidduutti dhaabannee addunyaa haaraa keessatti yommuu ijoollee keenya simannu ija qalbii keenyaatiin ilaalla turre.
Eeyyee, jireenyi Luuchiyaa inni gabaabaan dhaala barabaraa nuu kenneera. Amantaan Luuchiyaa maatiin keenya tokko ta’ee, Yihowaa akka tajaajilu kan godhe ta’uusaarrayyuu, murtoon amantaakootti jabaadhee dhaabachuuf godhe naa cimseera. Firoota jaallannuufi du’aan dhabne kan qabnu hundi, beellama hunda caalu akka qabnu homaa hin shakkisiisu.
[Fakkii fuula 20rra jiru]
Fakkii Luuchiyaan kaasteefi jannata argisiisu