Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Gaa’ela Keetti Gammadi

Gaa’ela Keetti Gammadi

Gaa’ela Keetti Gammadi

“Manni ogummaadhaan ijaarama, hubannaadhaanis jabeeffamee in dhaabama.”—FAK. 24:3.

1. Waaqayyo nama jalqabaa ilaalchisee ogummaa qabaachuusaa kan argisiise akkamitti?

ABBAAN keenya inni samiifi inni ogeessi wanta nuuf gaarii ta’e beeka. Fakkeenyaaf, Waaqayyo jannata keessatti kaayyoosaa raawwachuuf ‘namichi kophaa isaa ta’uun gaarii akka hin taane’ hubatee ture. Yeroo sanatti kaayyoon Yihowaan abbaa manaafi haadha manaatiif qabu inni guddaan, ijoollee godhatanii akka ‘lafa guutan’ ture.—Uma. 1:28; 2:18.

2. Yihowaan faayidaa ilmaan namootaatiif jecha qophii akkamii godhe?

2 Yihowaan, “kan akka isaatii kan isa gargaartu, ani isaaf nan tolcha” jedhe. Achiis Waaqayyo Addaamitti hirriba cimaa buusuudhaan qaamasaa isa cubbuu hin qabnerraa lafee tokko fudhate. Lafee sanas dubartii godhe. Yihowaan dubartii mudaa hin qabne kana, jechuunis Hewwaaniin garasaatti yommuu fide Addaam akkas jedhe: “Isheen kun lafeen ishee lafee koo keessaa, foon ishees foon koo irraa fuudhame; isheen kun namattii waan argamteef, ‘namee’ jedhamtee haa waamamtu!” Hewwaan dhugumayyuu Addaamiin kan gargaartu turte. Lamaansaanii dandeettiifi amala addaddaa kan qaban ta’us, mudaa kan hin qabneefi bifa Waaqayyootiin kan uumaman turan. Yihowaan gaa’ela isa jalqabaa kan hundeesse akka kanaan ture. Addaamiifi Hewwaan qophii gaa’elaa wal gargaaruuf isaan dandeessisu kana fudhachuun isaan hin rakkisne.—Uma. 1:27; 2:21-23.

3. Namoonni hedduun gaa’ela kennaa Waaqayyoo ta’eef ilaalcha akkamii qabu? Kun gaaffiiwwan akkamii kaasa?

3 Yeroo ammaa hammeenyi addunyaarratti babal’achuunsaa nama gaddisiisa. Rakkoowwan kana kan fide Waaqayyo miti. Namoonni hedduun gaa’ela isa kennaa Waaqayyoo ta’e akka waan yeroon itti darbeetti, akkasumas abdii kutachuufi walitti bu’iinsaaf akka nama saaxilutti ilaaluudhaan qophii kana akka tuffatan argisiisu. Namoota gaa’ela qaban keessaa baay’eensaanii wal hiiku. Ijoolleen jaalala kan hin arganne ta’uusaaniirrayyuu, haatiifi abbaan yeroo wal lolan inni tokko isa kaanirraa faayidaa argachuuf ijoolleetti fayyadamu ta’a. Haatiifi abbaa hedduun, nagaafi tokkummaa uumuuf jechallee tole jechuu hin barbaadan. (2 Xim. 3:3) Yoos yeroo rakkisaa kana keessatti gaa’ela ofiitti gammaduun kan danda’amu akkamitti? Garraamummaan gaa’elli akka hin diigamne eeguuf ga’ee akkamii qaba? Namoota yeroo ammaatti gaa’elasaaniitti gammaduudhaan fakkeenya ta’anirraa barumsa akkamii arganna?

Qajeelfama Yihowaatiif Guutummaatti Ajajamuu

4. (a) Phaawulos fuudhaaf heeruma ilaalchisee qajeelfama akkamii kenne? (b) Kiristiyaanonni ajajamoo ta’an qajeelfama Phaawulos kenne hojiirra kan oolchan akkamitti?

4 Phaawulos dubartoonni abbaan manaa irraa du’e lammata heerumuu yoo barbaadan ‘nama amanetti heerumuu’ akka qaban geggeessaa hafuura qulqulluutiin qajeelfama kenneera. (1 Qor. 7:39) Seerri kun Kiristiyaanota amantii Yihudii hordofaa turaniif yaada haaraa hin turre. Seerri Waaqayyoo, Israa’eloonni saboota naannoosaaniitti argamaniifi Waaqayyorraa fagaatanii wajjin ‘akka hin soddoomne’ kan dhowwu ture. Yihowaan seera bu’uuraa kenname kana cabsuun balaa akkamii akka qabu ibsa dabalataa kenneera. “Kanaa achi isaan ilmaan kee waaqayyolii biraaf akka hojjetaniif Waaqayyo biraa in deebisu, dheekkamsi Waaqayyoo si irratti in boba’a, dafees si balleessa.” (Kes. 7:3, 4) Yihowaan dhimma kana ilaalchisee tajaajiltootasaa yeroo ammaatti argamanirraa maal eega? Namni Waaqayyoon tajaajilu tokko, hiriyaa gaa’elaa godhachuu kan qabu ‘nama amane’ jechuunis nama Yihowaadhaaf of murteessee cuuphameefi Yihowaa waaqeffatu qofa ta’uu akka qabu beekamaadha. Hiriyaa gaa’elaa yommuu filannu qajeelfama Yihowaa kana tole jennee fudhachuun keenya barbaachisaadha.

5. Yihowaanis ta’e Kiristiyaanonni wal fuudhan waadaa gaa’elaatiif ilaalcha akkamii qabu?

5 Waadaan gaa’elaa Waaqayyo biratti qulqulluudha. Ilma Waaqayyoo kan ta’e Yesus gaa’ela jalqabaa caqasuudhaan, “Waan Waaqayyo walitti qabsiise, namni gargar hin baasin!” jedheera. (Mat. 19:6) Faarfatichi wareegni ykn waadaan akka laayyootti kan hin ilaalamne ta’uusaa akkas jechuudhaan nu yaadachiisa: “Waaqayyoof galata aarsaa godhii dhi’eessi, wareega kees [abbaa] isa hundumaa gararraaf baasi!” (Far. 50:14) Kaadhimoonni lamaan gara fuulduraatti gammachuu kan argatan ta’us, waadaan guyyaa cidhaatti galan akka laayyootti kan hin ilaalamneefi itti gaafatamummaa kan isaanitti fidudha.—Kes. 23:21.

6. Fakkeenya Yiftaarraa maal barachuu dandeenya?

6 Waa’ee Yiftaa isa Dh.K.D. jaarraa 12⁠ffaatti Israa’el keessatti abbaa firdii ta’ee tajaajilaa turee ilaali. Akkas jechuudhaan Yihowaadhaaf waadaa gale: “Ati dhugumaan warra Amoon kana harka koo keessa yoo buufte, ani immoo yeroon nagaadhaan achii deebi’ee dhufu, waanuma duraan dursee ana simachuudhaaf balbala mana koo keessaa gad ba’u siif nan kenna; qalma gubamu godhees siif nan dhi’eessa.” Yiftaan gara manasaa isa Miisphaatti argamutti yommuu deebi’u, duraan dursitee isa simachuudhaaf kan baate intalasaa ishee tokkittii ta’uushee yommuu hubate waadaa gale sana cabseeraa? Hin cabsine. Yiftaan, “Ani Waaqayyo duratti afaan kootiin waanan dubbadhe qaba; isa dhiisuus hin danda’u” jedhe. (Abo. 11:30, 31, 35) Yiftaan kana gochuunsaa, namni maqaasaatiin waamamu akka hin jiraanne kan godhu ta’uyyuu waadaa Yihowaadhaaf gale eegeera. Waadaan Yiftaan gale waadaa gaa’elaaf galamurraa adda ta’uyyuu, Kiristiyaanonni abbaa manaafi haadha manaa ta’an waadaa galan eeganii jiraachuu akka qaban fakkeenya gaarii ta’a.

Gaa’elli Milkaa’aa Akka Ta’u Kan Gargaaru Maalidha?

7. Namoonni dhi’ootti wal fuudhan sirreeffamawwan akkamii gochuu qabu?

7 Abbootiin manaafi haadhotiin manaa hedduun yeroo itti wal qoratan gammachuu guddaadhaan yaadatu. Nama gara fuulduraatti hiriyaa gaa’elaasaanii ta’u beekuunsaanii baay’ee isaan gammachiiseera! Yeroo baay’ee waliin dabarsuunsaanii caalaatti walitti isaan dhiheesseera. Haata’u malee, gaa’elasaanii dura wal qorachuudhaan yeroo dheeraa dabarsanis dabarsuu baatanis, abbaa manaafi haadha manaa yommuu ta’an sirreeffama gochuun isaan barbaachiseera. Abbaan manaa tokko akkas jechuudhaan dubbateera: “Yeroo jalqaba wal fuunetti rakkoon keenya inni guddaan waa’ee nama lamaa yaaduu dadhabuu ture. Yeroo xinnoodhaaf walitti dhufeenya hiriyoota keenyaafi maatiiwwan keenyaa wajjin qabnu sirriitti eegnee jiraachuun nu rakkisee ture.” Abbaan manaa waggoota 30f gaa’ela keessa ture tokko, fuudhee baay’ee utuu hin turin ilaalcha sirrii qabaachuuf “akka nama lamaatti yaaduun” barbaachisaa ta’uusaa hubatee ture. Afeerrii isaa dhihaate tole jechuusaa ykn waadaa tokko galuusaa dura ishee erga mariisisee booda wanta lamaansaaniiyyuu gammachiisu tilmaama keessa galchuudhaan murteessa ture. Haala akkasii keessatti garraamii ta’uun faayidaa qaba.—Fak. 13:10.

8, 9. (a) Ifatti waliin mari’achuun barbaachisaa kan ta’e maaliifi? (b) Akka haalasaatti jijjiirama gochuun faayidaa kan qabu karaawwan kamiini? Maaliif?

8 Yeroo tokko tokko namoonni aadaa addaddaa qaban wal fuudhuu danda’u. Ifatti mari’achuun keessumaa yeroo kanatti barbaachisaadhaa. Akkaataan itti mari’atan garaagara ta’uu danda’a. Akkaataa hiriyaan gaa’elaa keessan firootasaa wajjin itti mari’atu hubachuun keessan, akka gaariitti isa beekuuf isin gargaaruu danda’a. Yeroo tokko tokko yaada nama tokkoo kan mul’isu wanta namni sun dubbatu utuu hin ta’in akkaataa inni itti dubbatudha. Utuu namichi hin dubbatinillee waa’eesaa waan baay’ee hubachuun ni danda’ama. (Fak. 16:24; Qol. 4:6) Gammachuu argachuuf hubannaa qabaachuun baay’ee barbaachisaadha.Fakkeenya 24:3 dubbisi.

9 Hojii yeroo boqonnaatti hojjetamuufi bashannana filachuu ilaalchisee, namoonni baay’een akka haalasaatti jijjiirama gochuun barbaachisaa ta’uusaa ni amanu. Hiriyaan gaa’elaakee wal fuudhuu keessan dura ispoortiiwwan ykn bashannanawwan addaddaatti yeroo kan dabarsu/dabarsitu ta’uu danda’a/eessi. Amma sirreeffama tokko tokko gochuun ni barbaachisaa laata? (1 Xim. 4:8) Firoota ofii wajjin yeroo dabarsuu ilaalchisees gaaffiin wal fakkaatu ka’uu danda’a. Abbaan manaafi haati manaa dhimmoota hafuuraafi sochiiwwan garabiraa waliin raawwachuuf yeroon akka isaan barbaachisu beekamaadha.—Mat. 6:33.

10. Tole jechuun warraafi ijoolleesaanii warra hiriyaa gaa’elaa qaban gidduu walitti dhufeenyi gaariin akka jiraatu kan godhu akkamitti?

10 Dhiirri tokko yommuu fuudhu, abbaafi haadhasaa dhiisa; dubartiinis akkasuma. (Uumama 2:24 dubbisi.) Abboommiin Waaqayyo abbaafi haadha ofii kabajuun barbaachisaa ta’uusaa ilaalchisee kenne yeroo kamittiyyuu hojiirra kan ooludha. Kanaafuu, dhiirriifi dubartiin tokko erga wal fuudhanii boodallee, darbee darbee warraafi soddootasaanii wajjin yeroo dabarsuunsaanii hin oolu. Abbaan manaa waggaa 25f gaa’ela keessa ture tokko akkas jechuudhaan dubbateera: “Darbee darbee wanta hiriyaan gaa’elaa fedhuufi wanta isa barbaachisu, wanta warra ofii, obboloota ofiifi soddoota ofii barbaachisuu wajjin wal simsiisuun ulfaataadha. Dhimma kanaaf furmaata gaarii kennuuf Uumama 2:24⁠rratti hundaa’anii murteessuun gaarii ta’uusaa hubadheera. Namni tokko miseensota maatiisaatiif amanamaa ta’uuf itti gaafatamummaa kan qabu ta’us, caqasni kun dura hiriyaa gaa’elaakootiif amanamaa ta’uu akkan qabu na hubachiiseera.” Akka kanaan, Kiristiyaanonni tole jedhaniifi ijoolleensaanii gaa’ela qaban, itti gaafatamummaa abbaan manaa maatiisaatiif qajeelfama kennuuf qabu ni kabaju.

11, 12. Abbaan manaafi haati manaa qayyabannaa maatiifi kadhannaa gochuunsaanii barbaachisaa kan ta’e maaliifi?

11 Yeroo hundumaa qayyabannaa maatiitiif barsiifata gaarii qabaachuunis barbaachisaadha. Muuxannoon maatii Kiristiyaanotaa hedduun, kun dhugaa ta’uusaa mirkaneessa. Qayyabannaa akkasii qabaachuun ykn utuu walirraa hin kutin gochuun salphaa miti. Mataan maatii tokko akkas jechuudhaan dubbateera: “Gara duubaatti deebinee wanta tokko sirreessuu kan dandeenyu utuu ta’ee, yeroo wal fuunee jalqabee barsiifata gaarii qayyabannaa maatii gochuuf nu gargaaru sirriitti hordofna turre.” Itti dabaluudhaanis: “Haati manaakoo dhugaawwan Macaafa Qulqulluu qayyabannaa keenyarraa arganne tokko tokkotti gammaduushee arguunkoo anaaf eebbadha.”

12 Wanti barbaachisaa ta’e kaanimmoo kadhannaadha. (Rom. 12:12) Abbaan manaafi haati manaa tokko ta’anii yommuu Yihowaa waaqeffatan, walitti dhufeenyi gaariin Waaqayyoo wajjin qaban tokkummaa gaa’elasaanii keessatti qaban isaanii cimsuu danda’a. (Yaq. 4:8) Abbaan manaa Kiristiyaana ta’e tokko akkas jedheera: “Dogoggora hojjetametti dafanii dhiifama gaafachuufi wantoota xinnoo warra kaan aarsuu danda’anillee kadhannaa waliin godhamurratti ibsuun, dogoggora uumameef garaadhaa akka gaddan karaa itti argisiifamudha.”—Efe. 6:18.

Hiriyaa Gaa’elaa Keessaniif Garraamota Ta’aa

13. Phaawulos saalqunnamtii gaa’ela keessatti raawwatamu ilaalchisee gorsa akkamii kenneera?

13 Kiristiyaanonni wal fuudhan, gochawwan walitti dhufeenyasaanii mancaasan, jechuunis wantoota biyya lafaa saalqunnamtiidhaaf maraate kana biratti fudhatama qaban raawwachuurraa fagaachuu qabu. Phaawulos dhimma kana ilaalchisee gorsa akkas jedhu kenneera: “Abbaan manaa jaalalaan haadha manaa isaa bira haa ga’u, haati manaas jaalalaan abbaa manaa ishee bira haa geessu. Haati manaa abbaa manaa ishee malee, dhagna ishee akka jaallatte gochuu hin dandeessu; abbaan manaas akkasuma haadha manaa isaa malee, dhagna isaa akka jaallate gochuu hin danda’u.” Achis Phaawulos akkas jechuudhaan qajeelfama ifa ta’e kenneera: “Yeroo itti kadhataaf of kennuudhaaf walii galtan irraa kan hafe, wal bira ga’uu wal hin didinaa.” Sababiisaa yeroo ibsu akkas jedheera: “Isa booddee of qabuu dadhabuu keessan irraa kan ka’e immoo, Seexanni isin qoruudhaaf karaa akka hin argannetti, deebitanii wal bira in geessu.” (1 Qor. 7:3-5) Phaawulos waa’ee kadhannaa caqasuudhaan wanta Kiristiyaanonni dursa kennuufii qaban ibseera. Haata’u malee, Kiristiyaanonni hiriyaa gaa’elaa qaban hundi, wanta qaamaafi miira hiriyaa gaa’elaasaaniitiif barbaachisu gochuuf qophaa’oo ta’uu akka qabanis ifa godheera.

14. Saalqunnamtii gaa’ela keessatti raawwatamuu wajjin haala wal qabateen, seerawwan bu’uuraa Caaffata Qulqullaa’aa hojiirra oolchuun kan danda’amu akkamitti?

14 Abbaan manaafi haati manaa ifatti waliin mari’achuu kan qaban yommuu ta’u, karaa kanaan gara laafina argisiisuu dhiisuunsaanii rakkina akka uumu hubachuu qabu. (Filiphisiiyus 2:3, 4 dubbisi; Maatewos. 7:12 ilaali.) Rakkinni kun, yeroo lamaansaanii keessaa inni tokko Dhugaa Baatuu hin taanetti darbee darbee akka mul’atu mirkanaa’eera. Waldhabiinsi yoo uumamellee, yeroo baay’ee inni Kiristiyaana ta’e amala gaariidhaan, gaarummaafi walii galteedhaan hamma ta’e rakkina kana salphisuu danda’a. (1 Phexros 3:1, 2 dubbisi.) Yihowaafi hiriyaa gaa’elaatiif jaalala qabaachuufi yeroo sirrii ta’etti tole jechuun, saalqunnamtii wajjin haala wal qabateen gaa’ela gargaaruu danda’a.

15. Ulfina walii kennuun gaa’ela gammachiisaa qabaachuuf kan gargaaru akkamitti?

15 Karaa garabiraas, abbaan manaa gaarii ta’e tokko haadha manaasaa ni kabaja. Fakkeenyaaf, dhimmoota xixinnoorrattillee miirashee tilmaama keessa galcha. Namni waggaa 47f abbaa manaa ta’e tokko, “Karaa kana ammayyuu barachaan jira” jechuudhaan dubbateera. Haadhotiin manaa Kiristiyaanota ta’anis abbootii manaasaaniitiif ulfina akka kennan gorfamaniiru. (Efe. 5:33) Abbootii manaasaanii kan hadheessaniifi warra kaan duratti dogoggorasaanii kan dubbatan yoo ta’e, kun akka isaaniif ulfina kennan hin argisiisu. Fakkeenyi 14:1 akkas jechuudhaan nu yaadachiisa: “Dubartoonni ogeeyyiin hundinuu mana isaanii in ijaaru, warri gowwoonni garuu, harka isaaniitiin mana ofii isaanii in diigu.”

Diiyaabilosiif Tole Hin Jedhinaa

16. Abbaan manaafi haati manaa Efesoon 4:26, 27 gaa’elasaanii keessatti hojiirra oolchuu kan danda’an akkamitti?

16 “Yoo aartan iyyuu aariin keessan gara cubbuutti isin hin geessin! Utuma aariitti jirtaniis aduun isin duraa hin lixin! Seexanaaf karaa hin kenninaa!” (Efe. 4:26, 27) Jechoota kana hojiirra oolchuun keenya, walitti bu’iinsa gaa’ela keessatti uumamu hiikuuf ykn dhabamsiisuuf nu gargaara. Obboleettiin tokko akkas jetteetti: “Rakkina uumame tokko hiikuun sa’aatii dheeraa kan nutti fudhatu ta’us, dhimmi ani abbaa manaakoo wajjin mari’adhee hiikuu hin dandeenye na mudatee hin beeku.” Akkuma wal fuudhaniin, waldhabiinsa isaan gidduutti uumame utuu hin hiikin guyyaa tokkollee akka hin dabarsine murteessanii turan. “Rakkinni akkamiiyyuu yoo uumame, walii dhiisuufi irraanfachuuf, akkasumas guyyaa isa ittaanu haala haaraadhaan jalqabuuf murteessine.” Kana gochuudhaan Seexanaaf karaa kennuu didaniiru.

17. Namoonni wal fuudhan hiriyaan gaa’elaasaanii akka isaaniif hin taane yeroo itti dhaga’amuttillee maaltu isaan gargaaruu danda’a?

17 Nama siif hin taanee wajjin gaa’ela yoo hundeessite maal gochuu qabda? Walitti dhufeenyi keessan akka warra kaanii jaalalarratti akka hin hundoofne sitti dhaga’amuu danda’a. Yeroo kanattillee ilaalcha Uumaan gaa’elaaf qabu yaadachuunkee si gargaaruu danda’a. Phaawulos geggeessaa hafuura qulqulluutiin Kiristiyaanotaaf gorsa akkas jedhu kenneera: “Gaa’elli hundumaa biratti ulfina-qabeessa haa ta’u, ciisichi gaa’elaas hin xureeffamin! Waaqayyo warra halalee fi ejjituutti faraduuf jira.” (Ibr. 13:4) Jechoonni, “Fo’aan dachaa sadiin walitti fo’ame dafee hin citu” jedhanis akka laayyootti kan ilaalaman miti. (Lal. 4:12) Abbaan manaafi haati manaa qulqullina maqaa Yihowaatiif kan yaadan yoo ta’e, walii wajjinis ta’e Waaqayyoo wajjin hariiroo cimaa ni qabaatu. Kana gochuunsaanii Yihowaa isa gaa’ela hundeesseef ulfina kan fidu ta’uusaa beekuudhaan gaa’ellisaanii akka milkaa’u carraaqqii godhu.—1 Phe. 3:11.

18. Gaa’ela ilaalchisee maal argachuun akka danda’amu mirkanaa’aa ta’uu dandeessa?

18 Kiristiyaanonni gaa’elasaaniirraa gammachuu argachuu ni danda’u. Kana argachuunis carraaqqiifi amaloota Kiristiyaanotarraa eegamu argisiisuu kan gaafatu yommuu ta’u, isaan keessaa inni tokko tole kan jedhan ta’uudha. Yeroo ammaatti gumii Dhugaa Baatota Yihowaa addunyaa maratti argamutti, abbootiin manaafi haadhotiin manaa hangana hin jedhamne kana gochuun akka danda’amu argisiisaniiru.

Maal Jettee Deebista?

• Gaa’elarraa gammachuu argachuun ni danda’ama kan jennu maaliifi?

• Gaa’elli akka milkaa’u kan gargaaru maalidha?

• Hiriyoonni gaa’elaa amaloota akkamii guddifachuu qabu?

[Gaaffiiwwan Qayyabannaa]

[Fakkii fuula 9rra jiru]

Abbaan manaafi haati manaa afeerrii tokko utuu hin fudhatin ykn beellama utuu hin qabatin dura akka gaariitti mari’atu

[Fakkii fuula 10rra jiru]

Waldhabiinsa uumame guyyuma sanatti hiikaa; ‘Seexanaaf iddoo hin kenninaa’