Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Tole Kan Jettaniifi Ilaalcha Sirrii Kan Qabdan Ta’aa

Tole Kan Jettaniifi Ilaalcha Sirrii Kan Qabdan Ta’aa

Tole Kan Jettaniifi Ilaalcha Sirrii Kan Qabdan Ta’aa

“Tole jechuu . . . isaan yaadachiisi.”—TIT. 3:1, 2. miiljalee NW

1, 2. Tole jechuu ilaalchisee Caaffanni Qulqullaa’oon maal jedhu? Kun barbaachisaa kan ta’e maaliifi?

YIHOWAAN, Abbaan keenya inni samii ogummaa hangana hin jedhamne qaba. Nutis uumamasaa waan taaneef qajeelfamasaa argachuu barbaanna. (Far. 48:14) Yaaqoob akkas jechuudhaan nutti hima: “Ogummaan waaqa irraa garuu, hundumaa dura qullaa’aa dha, akkasumas naga-qabeessa, garraamii [“tole kan jedhu,” miiljalee NW] dha, of kennaa dha; oo’aan, ija gaariidhaanis guutuu dha; garaa hir’uun, of arguu dhabuunis keessa hin jiru.”—Yaq. 3:17.

2 Phaawulos, “Garraamummaan [tole kan jettan ta’uun] keessan nama hundumaa biratti haa beekamu!” jechuudhaan nu gorseera. * (Filp. 4:5) Yesus Kiristos Gooftaafi Mataa gumii Kiristiyaanaati. (Efe. 5:23) Hundi keenya qajeelfama Kiristos fudhachuudhaanis ta’e walitti dhufeenya warra kaanii wajjin qabnuun garraamota ta’uun keenya baay’ee barbaachisaadha.

3, 4. (a) Tole jechuun faayidaa akkamii akka qabu fakkeenyaan ibsi. (b) Waa’ee maalii ilaalla?

3 Karaa sirrii ta’een tole jechuun bu’aa gaarii argamsiisa. Fakkeenyaan ibsuuf: Biyya Biritaaniyaatti yaaliin shororkeessitoonni godhan erga beekamee booda, namoonni xiyyaaraan adeeman hundi meeshaalee kanaan dura fudhatanii xiyyaara seenan akka hin qabanne seera ba’e tole jedhanii fudhataniiru. Yommuu konkolaataa oofnu namootarra balaan akka hin geenyeefi konkolaataan rakkina malee akka adeemuuf jecha bakka karaan itti wal qaxxaamurutti konkolaachiftoota kaaniif dursa kennuun barbaachisaa akka ta’e ni amanna.

4 Tole jechuun baay’ee keenyaaf salphaa miti. Karaawwan tole jechuu itti dandeenyu sadii ilaaluun keenya faayidaa nuuf argamsiisa. Isaanis kaka’umsa, ilaalcha aboodhaaf qabnuufi hangam tole jechuu akka qabnudha.

Tole Jechuu Kan Qabnu Maaliifi?

5. Seera Musee jalatti garbi tokko gooftaasaa wajjin jiraachuuf akka filatu kan isa kakaasu maal ta’uu danda’a?

5 Fakkeenya bara Kiristiyaanummaan utuu hin hundeeffamin dura tureefi kaka’umsa sirrii tole jechuuf gargaaru ibsu haa ilaallu. Seera Musee jalatti, Ibroonni garboota ta’an, tajaajiluu jalqabanii waggaa torbaffaasaaniitti ykn waggaa Iyobeeliyutti, jechuunis lamaan keessaa isa dursee dhufutti luba ba’uu qabu turan. Ta’us, garbi tokko akkuma garba ta’etti hafuufis filachuu danda’a ture. (Ba’uu 21:5, 6 dubbisi.) Garbi tokko kana akka godhu kan isa kakaasu maalidha? Aboo gooftaasaa isa isaaf yaadu jala akka turu kan isa kakaasu jaalaladha.

6. Jaalalli tole jechuu wajjin walitti dhufeenya akkamii qaba?

6 Haaluma wal fakkaatuun, jaalalli Yihowaadhaaf qabnu akka isaaf of murteessinuufi murtoo keenya kana eegnee akka jiraannu nu kakaasa. (Rom. 14:7, 8) Yohannis, “Waaqayyoon jaallachuu jechuunis abboommota isaa eeguu dha; abboommonni isaa immoo ba’aa ulfaatoo miti” jedhee barreesseera. (1 Yoh. 5:3) Jaalalli akkasiimmoo waan isatti tolu qofa hin barbaadu. (1 Qor. 13:4, 5) Walitti dhufeenya namoota kaanii wajjin qabnuun, jaalalli ollaawwan keenyaaf qabnu tole jechuufi isaaniif dursa laachuuf nu kakaasa. Ofittoo ta’uu mannaa, fedhii namoota kaanii tilmaama keessa galchina.—Filp. 2:2, 3.

7. Akka haalasaatti jijjiirama gochuun tajaajilarratti ga’ee akkamii qaba?

7 Haasawaanis ta’e gochi keenya warra kaan gufachiisuu hin qabu. (Efe. 4:29) Jaalalli, namoonni akkaataa guddinaafi aadaa akkamiiyyuu keessaa dhufan tajaajila Waaqayyootti akka hin guddanne wanta godhu raawwachuurraa akka fagaannu nu gochuu qaba. Kunimmoo yeroo baay’ee garraamii ta’uu gaafata. Fakkeenyaaf, obboleettonni tajaajila misiyoonummaarratti bobba’an akkaataa miidhaginaa ykn uffannaa namoonni naannoo tajaajilaa itti ramadamanitti argaman, amala gaarii qabaachuusaanii akka shakkaniifi akka gufatan godhu hin fayyadaman.—1 Qor. 10:31-33.

8. Jaalalli Waaqayyoof qabnu ‘hundarra akka xinnaannu’ yaaduuf kan nu gargaaru akkamitti?

8 Jaalalli Yihowaadhaaf qabnu koorarraa akka fagaannu nu gargaara. Bartootasaa keessaa eenyu akka guddaa ta’e falmiin erga uumamee booda, Yesus mucaa tokko isaan gidduu dhaabee akkas isaaniin jedhe: “Mucaa kana maqaa kootiin kan simu ana sima, kan na simus isa na erge sima; isin keessaa hundumaa irra kan xinnaatu, inni guddaa in ta’a.” (Luq. 9:48; Mar. 9:36) Dhuunfaatti ‘hundumarra kan xinnaannu’ ta’uun dhugumaan nu rakkisuu danda’a. Cubbuun dhaalleefi kooruuf fedhii qabaachuun keenya akka hundarra caallu akka nutti dhaga’amu godhus, gad of deebisuun tole jechuuf nu gargaara.—Rom. 12:10.

9. Tole jechuuf maal tilmaama keessa galchuu qabna?

9 Tole jechuuf aangoo Waaqayyo kenne tilmaama keessa galchuu qabna. Kiristiyaanonni dhugaa hundi, seera matummaa ni hubatu. Phaawulos akkas jechuudhaan warra Qorontosiif seera kana ibseera: “Kristos mataa warra dhiiraa, abbaan manaa mataa haadha manaa, Waaqayyo mataa Kristos ta’uu isaa, akka beektan nan barbaada.”—1 Qor. 11:3.

10. Aangoo Yihowaatiif bitamuun keenya maal argisiisa?

10 Aangoo Waaqayyootiif bitamuufi isa akka Abbaa keenyaatti ilaaluun keenya isarratti amantaa akka qabnu argisiisa. Inni wanta nurratti raawwatamu hunda kan beeku ta’uusaarrayyuu, hammuma sana nu kiisa. Dhimma kana yaadatti qabachuun keenya warri kaan yommuu ulfinaan nu qabuu dhiisaniifi nutti aaran nu gargaaruu danda’a. Phaawulos, “Nama hundumaa wajjin nagaatti jiraachuudhaaf karaa keessan wanta danda’amu hundumaa godhaa!” jedheera. Phaawulos gorsa kana qajeelfama akkas jedhuu wajjin kenneera: “Michoota ko! Ijaa baasuu dheekkamsa Waaqayyootti dhiisaa malee, ofii keessanii ijaa hin baafatinaa! Caaffata qulqullaa’aa keessatti, Waaqayyo gooftaan, ‘Ijaa baasuun kan koo ti, ani hojii namaa mataa isaa irratti nan deebisa’ jedhee dubbateera.”—Rom. 12:18, 19.

11. Qajeelfama Kiristosiif abboomamuu keenya akkamitti argisiisuu dandeenya?

11 Gumii Kiristiyaanaa keessattis aboo Yihowaan kenne kabajuu qabna. Mul’anni boqonnaa 1 Yesus Kiristos “urjoota” gumii harkasaa mirgaa keessatti akka qabate ibsa. (Mul. 1:16, 20) Akkuma walii galaatti, “urjoonni” kun qaama jaarsolii ykn ilaaltota olaanaa gumii keessatti argaman kan bakka bu’anidha. Ilaaltonni olaanaan hafuuraan dibaman kun qajeelfama Yesus fudhachuufi walitti dhufeenya warra kaanii wajjin qabaniin tole kan jedhan ta’uu qabu. Warri gumii keessatti argaman hundi, qophii Yesus ‘hojjetaa amanamaafi ogeessatti’ gargaaramuudhaan nyaata hafuuraa yeroodhaan dhiheessuuf godheef abboomamuu qabu. (Mat. 24:45-47) Yeroo ammaatti, barreeffamoota kana qo’achuufi hojiirra oolchuuf fedhii akka qabnu argisiisuun keenya, qajeelfama Yesusiif abboomamuu keenya kan argisiisu yommuu ta’u, kunimmoo nagaafi tokkummaan akka jiraatu gargaara.—Rom. 14:13, 19

Hanga Maaliitti Tole Jechuu Qabna?

12. Tole jechuun daangaa qaba kan jennu maaliifi?

12 Haata’u malee, tole jechuun, amantaa keenya ganuu ykn seerawwan bu’uuraa Waaqayyo nuu kenne cabsuuf walii galuu jechuu miti. Kiristiyaanonni jaarraa jalqabaa, yommuu geggeessitoonni amantii maqaa Yesusiin akka hin barsiifne isaan dhowwan maal godhan? Phexrosiif ergamoonni kan biraan ija jabinaan: “Nuyi namaaf abboomamuu irra, Waaqayyoof abboomamuutu nu irra jira” jedhan. (HoE. 4:18-20; 5:28, 29) Kanaaf yeroo ammaattis, abbootiin taayitaa misiraachoo kana lallabuu keenya akka dhaabnu yommuu nu dirqisiisan, hojii kana malaan hojjechuuf akkaataa dhiheenyaa keenyarratti jijjiirama goona malee lallabuu hin dhiisnu. Manaa gara manaatti lallabuun dhorkaa yoo ta’e, maloota garabiraa namoota argachuuf nu dandeessisanitti fayyadamnee hojii Waaqayyo nuu kenne kana hojjechuudhaan isaaf abboomamuu keenya itti fufna. Haaluma wal fakkaatuun, yommuu ‘warri biyya bulchuudhaaf aboo qaban’ walga’ii akka hin goone nu ittisan, malaan namoota muraasa taanee wal geenya.—Rom. 13:1; Ibr. 10:24, 25.

13. Yesus warra aboo qabaniif abboomamuu ilaalchisee maal jedhe?

13 Yesus Lallabasaa isa Gaaraarratti warra aboo qabaniif abboomamuun barbaachisaa ta’uusaa akkas jechuudhaan ibseera: “Namni yaa’ii si irraa qabaatee qomee kee yoo si irraa fudhachuu barbaade, kootii kees dhiisiif. Namni [“aboo qabu tokko,” NW] tokko akka kiiloo meetirii tokkoo isa duukaa akka dhaqxuuf yoo si giddisiise, akka kiilo meetirii lamaa duukaa dhaqi!” (Mat. 5:40, 41) * Warra kaaniif yaaduuniifi fedhiin isaan gargaaruuf qabnus, fakkeenyaan kiilomeetirii dabalataa akka isaanii wajjin adeemnu nu kakaasa.—1 Qor. 13:5; Tit. 3:1, 2.

14. Matumaa gantummaadhaaf of laachuu kan hin qabne maaliifi?

14 Fedhiin tole jechuuf qabnu garuu, matumaa gara gantummaatti nu geessuu hin qabu. Kana ilaalchisee ejjennoo ifaafi jabaa ta’e qabaachuun keenya dhugaan qulqulluu akka ta’etti akka turuufi tokkummaa gumii eeguuf baay’ee barbaachisaadha. Phaawulos ‘Obboloota sobduu’ ilaalchisee akkas jechuudhaan barreesseera: “Dhugaan wangeelaa akka hin tuqamnetti isiniif eeguudhaaf, nuyi battala tokko illee isaan kanaaf abboomamuudhaaf of hin laanne.” (Gal. 2:4, 5) Darbee darbee yommuu gantummaan mul’atu, Kiristiyaanonni dhugaan ciminaan wanta dhugaa ta’e cina dhaabatu.

Ilaaltonni Olaanaan Tole Jechuun Isaan Barbaachisa

15. Kiristiyaanonni ilaaltota olaanaa ta’an yommuu walga’ii godhan tole jechuu kan danda’an akkamitti?

15 Ulaagaa namoota ilaaltota olaanaa ta’anii muudamaniif ba’e keessaa inni tokko tole jechuudha. Phaawulos: ‘Ilaaltuun hojii waldaa kristiyaanaa garraamii [tole kan jedhuu] ta’uu akka qabu’ barreesseera. (1 Xim. 3:2, 3) Keessumaa dhiironni muudaman yeroo dhimmoota gumii ilaaluuf walitti qabaman amala kana argisiisuunsaanii barbaachisaadha. Jaarsoliin hundi dirqama yaada kennuu qabu jedhamuu baatus, murtoon tokko kennamuusaa dura warri achitti argaman hundi yaadasaanii ibsuu danda’u. Yeroo murtoon godhamu, namni tokko warri kaan seerawwan bu’uuraa Caaffata Qulqullaa’aa yaada sana deggeran yommuu dhi’eessan yaadasaa jijjiiruu danda’a. Jaarsi ga’eessa ta’e tokko yaadasaatti cichee yaada warra kaanii mormuu mannaa, tole jedha. Jalqaba marichaarratti, yaanni garagaraa dhihaachuu danda’a; haata’u malee kadhannaadhaan irratti xiinxaluun jaarsolii gad of qabaniifi tole jedhan gidduutti tokkummaan akka jiraatu godha.—1 Qor. 1:10; Efesoon 4:1-3 dubbisi.

16. Kiristiyaanni ilaaltuu olaanaa ta’e tokko ilaalcha akkamii qabaachuu qaba?

16 Kiristiyaanni jaarsa ta’e tokko sochiiwwansaa hundarratti qajeelfama ti’ookraasii hojiirra oolchuuf yaalii gochuu qaba. Amalli kunimmoo warra kaaniif akka yaaduufi gaarummaa akka isaanitti argisiisu isa gargaaruudhaan yommuu hoolota daawwatu mul’achuu qaba. Phexros akkas jechuudhaan barreesseera: “Karra hoolotaa isa Waaqayyo tikaaf isinitti kenne sana, giddiidhaan utuu hin ta’in, jaalalaan, akka Waaqayyo barbaadutti, bu’aa nama yeellaasisu irraa argachuuf utuu hin ta’in, of kennuudhaan egaa!”—1 Phe. 5:2.

17. Warri gumii keessatti argaman hundi walitti dhufeenya warra kaanii wajjin qabaniin garraamummaa argisiisuu kan danda’an akkamitti?

17 Miseensonni gumii maanguddoota ta’an, gargaarsa obboloonni dargaggoota ta’an isaanii godhaniif kan galateeffatan ta’uusaarrayyuu, ulfinaan isaan qabu. Dargaggoonnis, maanguddoota Yihowaa tajaajiluutti muuxannoo waggoota dheeraa qaban ni kabaju. (1 Xim. 5:1, 2) Kiristiyaanonni jaarsolii ta’an, dhiirota ga’eessota ta’an barbaaduufi akkamitti hoolota Waaqayyoo kunuunsuu akka danda’an leenjisuudhaan itti gaafatamummaa tokko tokko isaaniif hiru. (2 Xim. 2:1, 2) Kiristiyaanonni hundi gorsa Phaawulos geggeessaa hafuura qulqulluutiin kenneef bakka guddaa kennuu qabu: “Geggeessituun keessan akka warra itti gaafatamanii waan hojjetan himuuf jiraniitti, waa’ee lubbuu keessaniif dammaqanii waan yaadaniif, isin isaaniif abboomamaa karaas kennaaf [“tole jedhaa,” miiljalee NW]! Kanas gaddaan utuu hin ta’in, gammachuudhaan akka isaan hojjetan godhaa! Isaan gaddaan yoo hojjetan garuu isiniif ba’eessa miti.”—Ibr. 13:17.

Walitti Dhufeenya Maatii Keenyaa Wajjin Qabnuun Garraamota Ta’uu

18. Maatii keessatti tole jechuun barbaachisaa kan ta’e maaliifi?

18 Miseensonni maatiis garraamummaa argisiisuu qabu. (Qolosaayis 3:18-21 dubbisi.) Macaafni Qulqulluun ga’een miseensota maatii Kiristiyaanaa maal akka ta’e ibsa. Abbaan, mataa haadha manaa ta’uusaarrayyuu, dursa fudhachuudhaan ijoolleesaatiif qajeelfama kennuuf itti gaafatamummaa qaba. Haati manaa aboo hiriyaan gaa’elaashee qabu hubachuu kan qabdu yommuu ta’u, ijoolleenis warrasaaniitiif abboomamuu qabu; kunimmoo wanta Gooftaa gammachiisudha. Miseensi maatii hundi waan sirrii ta’eef tole jechuudhaan, maatii sana keessatti tokkummaafi nagaan akka jiraatu ga’ee mataasaa raawwachuu danda’a. Macaafni Qulqulluun fakkeenya yaada kana ibsu qabateera.

19, 20. (a) Tole jechuu ilaalchisee garaagarummaa fakkeenya Eliifi Yihowaa gidduu jiru ibsi. (b) Warri fakkeenyawwan kanarraa barumsa akkamii argachuu danda’u?

19 Saamu’el yommuu daa’ima turetti, Eliin biyya Israa’elitti angafa lubootaa ture. Haata’u malee, ilmaan Elii kan ta’an Hofniifi Fiinehaas “Waaqayyoon kan hin beekne, namoota waa’ee hin baafnes turan.” Eliin, ilmaansaa kun dubartoota balbala dunkaana itti walga’anitti hojjetanii wajjin saalqunnamtii raawwachuusaanii dabalatee waa’eesaanii oduu gadhee dhaga’e. Tarkaanfii akkamii fudhate? Eliin yoo isaan Yihowaarratti cubbuu hojjetan, eenyuyyuu akka isaaniif hin kadhanne isaanitti hime. Haata’u malee, utuu isaan hin sirreessiniifi isaan hin adabin hafeera. Kanaan kan ka’es ilmaan Elii gochasaanii gadhee kana raawwachuu itti fufan. Dhumarrattis Yihowaan akka ajjeefaman murteessuudhaan firdii sirrii ta’e isaanirratti dabarse. Eliinis akka isaan ajjeefaman yommuu dhaga’e ni du’e. Bu’aa gadhee ture! Eliin gochasaanii isa gadhee akka salphaatti ilaaluunsaa, jechuunis wanta kana raawwachuusaanii akka itti fufan heyyamuunsaa sirrii akka hin turre beekamaadha.—1 Sam. 2:12-17, 22-25, 34, 35; 4:17, 18.

20 Haala kanarraa faallaa ta’een, walitti dhufeenya Waaqayyo ilmaansaa warra ergamoota jedhamanii wajjin godhe qabu ilaalaa. Miikiyaas raajichi, walga’ii Yihowaafi ergamoonnisaa godhan mul’ata nama ajaa’ibsiisuun argeera. Yihowaan, ergamaan Ahaab Mootii Israa’eliin gowwoomsuudhaan mootiin hamaan kun akka kufu godhu eenyu akka ta’e gaafate. Yihowaan yaada ilmaansaa hafuuraa kennan hunda ni dhaggeeffate. Achiis ergamaan tokko ani kana nan godha jedhe. Yihowaanis akkamitti jedhee isa gaafate. Yihowaan deebii inni kennetti gammadee hojii kana akka hojjetu isa ajaje. (1 Mot. 22:19-23) Miseensonni maatii, fakkeenya tole jechuun barbaachisaa ta’uusaa argisiisu kanarraa barumsa argachuu hin danda’anii? Abbaan manaa Kiristiyaana ta’e, ilaalchaafi yaada haati manaafi ijoolleensaa qaban tilmaama keessa galchuu qaba. Karaa biraammoo, haati manaafi ijoolleen yaada qaban ykn filannaasaanii erga dubbatanii booda, qajeelfama namni murtoo gochuuf karaa Caaffata Qulqullaa’oo aboo argateen kennu kabajuu qabu.

21. Mataduree ittaanutti waa’ee maalii baranna?

21 Yaadachiisa gaarii Yihowaan tole akka jennu nuu kenneef baay’ee isa galateeffanna! (Far. 119:99) Mataduree ittaanu keessatti yeroo sirrii ta’etti tole jechuun gaa’ela keessatti gammachuu argachuuf akkamitti akka gargaaru ilaalla.

[Miiljaleewwan]

^ key. 2 Jecha Phaawulos asirratti fayyadame jecha afaan Oromoo tokkoon kaa’uun rakkisaadha. Barreeffamni tokko akkas jechuudhaan ibseera: “Garraamummaan wanta mirga ofii ta’e dhiisuuf fedhii qabaachuu, warra kaaniif yaaduufi isaaniif gaarummaa argisiisuu kan dabalatudha.” Jechi tole jedhu garraamii ta’uu kan argisiisu yommuu ta’u, seera tokkotti cichuu ykn mirga ofiitiif falmuu kan argisiisu miti.

^ key. 13 Masaraa Eegumsaa Guraandhala 15, 2005, ful. 23-26⁠rratti mataduree “Namni Aangoo Qabu Tokko Waan Tokko Akka Raawwattu Yoo Si Dirqisiisehoo? jedhu ilaali. (Amaariffa)

Maal Jettee Deebista?

• Tole jechuun bu’aawwan akkamii qaba?

• Ilaaltonni olaanaa tole jechuusaanii akkamitti argisiisuu danda’u?

• Maatii keessattis tole jechuun barbaachisaa kan ta’e maaliifi?

[Gaaffiiwwan Qayyabannaa]

[Fakkii fuula 4rra jiru]

Jaarsoliin, warra kaan gaarummaadhaan qabuudhaan fakkeenya Kiristos hordofaa

[Fakkii fuula 6rra jiru]

Jaarsoliin gumii yommuu walga’ii godhan, kadhannaa gochuufi tole jechuunsaanii tokkummaasaanii cimsa