Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Addaan Baafamanii Jiraataniyyuu Hin Irraanfataman

Addaan Baafamanii Jiraataniyyuu Hin Irraanfataman

Addaan Baafamanii Jiraataniyyuu Hin Irraanfataman

PHAAWULOS ergamaan, “Kottaa nama hundumaaf, addumaan immoo warra amantii keessa jiraniif, gaarii in hojjenna” jechuudhaan Kiristiyaanota hidhatasaa ta’an gorseera. (Gal. 6:10) Yeroo ammaattis qajeelfama geggeessaa hafuura qulqulluutiin barreeffame kana hordofuudhaan, warra hidhata amantaa keenya ta’aniif waan gaarii gochuuf mala barbaanna. Warra gumiin Kiristiyaanaa xiyyeeffannaa kennuufii qabu keessaa tokko, obboloota maanguddoo dhaabbilee maanguddoota kunuunsan keessa jiranidha.

Dhugaadha, biyyoottan tokko tokkotti maanguddoota manasaaniitti maatiisaaniitu isaan kunuunsa. Haata’u malee, biyyoota kaanitti maanguddoonni hedduun dhaabbilee maanguddoota kunuunsan keessa jiraatu. Kiristiyaanota maanguddoo dhaabbilee kunuunsi itti godhamu jiraniif gargaarsa dabalataa gochuu kan qabu eenyu? Rakkina akkamiitu isaanirra ga’a? Miseensa maatii isaan gargaaru yoo hin qaban ta’e, haala kana akkamitti mo’uu danda’u? Gumiin Kiristiyaanaa akkamitti isaan gargaaruu danda’a? Yeroo yeroodhaan isaan gaafachuun keenya, fayyada akkamii nuuf argamsiisa?

Rakkoowwan Dhaabbilee Maanguddoota Kunuunsan Keessa Jiran

Maanguddoonni Kiristiyaanota ta’an bakka dhaabbilee maanguddootaaf kunuunsi itti godhamu akkasii yommuu galan, naannoo gumii isaan hin beeknee dhaqu. Kanaan kan ka’es, Dhugaa Baatonni naannoo sanatti argaman yeroo baay’ee isaan gaafachuu hin yaadan ta’a. Kana malees, dhaabbata kana keessatti namoota amantii garabiraa hordofanii wajjin jiraachuunsaanii hin oolu. Kunimmoo isaanirratti rakkina guddaa uumuu danda’a.

Fakkeenyaaf, naannoowwan tokko tokkotti dhaabbileen maanguddoota kunuunsan sirniwwan amantii tokko tokko akka geggeeffaman qophii godhu. Namni maanguddootaaf kunuunsa godhu tokko akkas jedheera: “Maanguddoonni Dhugaa Baatota ta’aniifi akka gaariitti dubbachuu hin dandeenye tokko tokko, fedhasaanii malee barcuma namoonni adeemuu hin dandeenye irra taa’aniin sirnawwan manni sagadaa godhutti geeffamaniiru.” Kana malees, dhaabbileen kun namoota achi jiraatan bashannansiisuuf jecha, yeroo baay’ee guyyaa dhalootaa, Ayyaana Qillee ykn Ayyaana Du’aa Ka’uu qopheessu. Dhugaa Baatonni tokko tokkos nyaata yaanni garaasaanii isaanii hin heyyamne akka nyaatan godhamaniiru. (HoE. 15:29) Yeroo yeroodhaan obboloota keenya warra maanguddoo yoo gaafanne, qorumsawwan akkasii akka mo’an isaan gargaaruu dandeenya.

Gargaarsa Gumiin Godhu

Kiristiyaanonni jaarraa jalqabaa maanguddoota maatii isaan gargaaran hin qabne gargaaruudhaan itti gaafatamummaasaanii raawwataniiru. (1 Xim. 5:9) Haaluma wal fakkaatuun, yeroo ammaattis ilaaltonni olaanaan, maanguddoonni dhaabbilee isaan kunuunsu keessa jiran akka hin dagatamne mirkaneessuu qabu. * Jaarsi gumii Roobart jedhamu tokko akkas jedheera: “Kiristiyaanonni ilaaltota olaanaa ta’an haala maanguddoonni kun keessatti argaman hubachuuf dhuunfaatti utuu isaan gaafataniifi utuu wajjin kadhatanii gaariidha. Gumiin karaa baay’eedhaan wanta isaan barbaachisu gochuu danda’a.” Maanguddoota kana gaafachuuf yeroo ramaduudhaan, warra rakkatan gargaaruun Yihowaa duratti hangam barbaachisaa akka ta’e hubachuu keenya argisiisna.—Yaq. 1:27.

Barbaachisaa yoo ta’e, jaarsoliin obboloota dhaabbilee maanguddoota kunuunsan keessa jiraniif gargaarsi akka godhamu qophii godhu. Roobart akkas jechuudhaan wanta isaan barbaachisu tokko ibseera: “Obboloonni maanguddoota ta’an kan danda’an yoo ta’e, walga’iiwwan gumiirratti akka argaman jajjabeessuu qabna.” Haata’u malee, jaarsoliin maanguddoota Galma Mootummaa adeemuu hin dandeenyeef qophiiwwan garabiraa gochuu danda’u. Obboleettiin Jaakulin jedhamtuufi umriinshee gara waggaa 85 ta’e tokko, dhukkuba ostiyoo’artiraayitis jedhamuun qabamtus sagantaa walga’ichaa bilbilaan dhaggeeffatti. Akkas jetti: “Wanta walga’icharratti jedhamu kallattiidhaan dhaga’uunkoo faayidaa baay’ee naaf argamsiisa. Wanti fedheyyuu yoo uumame sagantaawwan kana dhaggeeffachuukoo hin dhiisu!”

Maanguddoon Kiristiyaana ta’e tokko walga’iiwwan kana bilbilaan dhaggeeffachuu hin danda’u yoo ta’e, jaarsoliin sagantaan sun kaasseettiidhaan akka waraabamu qophii gochuu danda’u. Obboleessi kaasseettii kana geessuufii dhaqu, carraa kanatti fayyadamee maanguddoo sana jajjabeessuu danda’a. Obboleessi ilaaltuu olaanaa gumii ta’e tokko, “Waa’ee miseensota gumii obboloota maanguddoo kanatti himuun, ammayyuu kutaa maatii hafuuraa akka ta’an akka itti dhaga’amu godha” jedheera.

Isaan Haasofsiisaa

Maanguddoonni hedduun yommuu dhaabbata kunuunsaa galan akka dhiphataniifi akka dalga isaanitti galu beekamaadha. Kanaan kan ka’es isaan keessaa tokko tokko warra kaanirraa adda of baasanii jiraachuu barbaadu. Haata’u malee, akkuma maanguddoonni kun achi galaniin isaan gaafachuufi isaan jajjabeessuu keenya kan itti fufnu yoo ta’e, nageenya sammuufi gammachuu guddaa akka argatan isaan gargaaruu dandeenya.—Fak. 17:22.

Obboloonni tokko tokko, maanguddoonni kun dubbachuun kan isaan rakkisu, rakkina dhageettii ykn rakkina namaa wajjin walii galuu akka hin dandeenye godhu kan biraa yoo qabaatan, isaan gaafachuun faayidaa hin qabu jedhanii yaadu. Haata’u malee, isaanii wajjin walii galuun hangamiyyuu rakkisaa yoo ta’e, deddeebinee isaan gaafachuuf carraaqqii gochuun keenya, warra hidhata amantaa keenya ta’aniif ‘ulfina kennuudhaaf akka wal dorgomnu’ argisiisa. (Rom. 12:10) Obboleessi maanguddoo ta’e tokko wantoota dhihootti raawwataman irraanfachuu jalqabeera taanaan, wanta ijoollummaasaatti isa mudate ykn akkamitti dhugaa Macaafa Qulqulluu akka dhaga’e dabalatee muuxannoowwansaa warra durii akka nutti himu isa jajjabeessuu dandeenya. Obboleessi kun sirriitti dubbachuuf rakkachaa jira yoo ta’ehoo maal gochuu dandeenya? Obsaan dhaggeeffadhu, yoo barbaachisaa ta’e, jechoota inni dubbachuu barbaade lama ykn sadii dubbadhuuf ykn yaadasaa irra deebi’ii ibsiitii dubbiisaa akka itti fufu jajjabeessi. Wantoota tokko tokko kan wal maku yoo ta’e ykn wanta inni jedhu hubachuun rakkisaa yoo nutti ta’e, akkaataa sagaleesaatiif xiyyeeffannaa kennuudhaan wanta inni jechuu barbaade hubachuuf carraaqqii gochuu dandeenya.

Dubbiidhaan walii galuun matumaa kan hin danda’amne yoo ta’e, mala garabiraatti fayyadamuun ni danda’ama. Qajeelchituun Laawureens jedhamtu obboleettii Maadeliin jedhamtuufi umriinshee waggaa 80 ta’e akkasumas dubbachuu hin dandeenye tokko yeroo hunda gaafatti. Laawureens akkamitti obboleettii kanaa wajjin akka walii galtu akkas jechuudhaan ibsiti: “Harka Maadeliin qabeen waliin kadhanna. Isheenis yeroo kanatti xinnuma jabeessitee harkakoo qabachuufi ijashee liphsachuudhaan galateeffannaa qabdu ibsiti.” Harka maanguddootaa qabuun ykn isaan hammachuun akka jaallataman akka isaanitti dhaga’amu gochuu danda’a.

Achitti Argamuun Keessan Isaan Faayida

Yeroo hunda maanguddoota gaafachuunkee kunuunsa warri kaan isaaniif godhanirratti jijjiirama fiduu danda’a. Obboleessi Daani’el jedhamuufi gara waggaa 20tiif Dhugaa Baatota dhaabbilee kunuunsi itti godhamuuf keessatti argaman daawwate tokko akkas jedheera: “Warri dhaabbata maanguddoota kunuunsan keessaa hojjetan, nama yeroo yeroodhaan gaafatamuuf kunuunsa gaarii godhu.” Obboleessi Roobart jedhamuufi olitti ibsame akkas jedheera: “Namoonni dhaabata maanguddoota kunuunsan keessaa hojjetan, wanta namni yeroo yeroodhaan maanguddoota gaafatu isaaniin jedhu dhaggeeffatu. Nama darbee darbee maanguddoota gaafatuuf kabaja akkasii hin kennan.” Namoonni dhaabbata kana keessaa hojjetan yeroo baay’ee maatiiwwan maanguddootaa warri galata hin qabne waan isaan rakkisaniif, warra kaanirraa galata argachuunsaanii isaan gammachiisa. Kana malees, warra dhaabbata maanguddoota kunuunsu keessaa hojjetanii wajjin walitti dhufeenya gaarii yoo qabaanne, ejjennoofi amantaa maanguddoota Dhugaa Baatota kunuunsasaanii jala jiran kabajuu danda’u.

Hojiiwwan salphaa ta’an isaan gargaaruudhaanis warra achi keessaa hojjetanii wajjin walitti dhufeenya gaarii uumuu dandeenya. Naannoowwan tokko tokkotti, dhaabbata akkasii keessatti namoonni ga’eessa ta’an baay’een kan hin argamne ta’uunsaanii maanguddoonni kunuunsa gaarii akka hin arganne godheera. Dubartiin Rebekaa jedhamtuufi warra dulloomaniif kunuunsa gootu, “Sa’aatii nyaataatti hojiin ni baay’ata. Kanaaf, sa’aatii kanatti isaan gaafachuufi gargaaranii nyaachisuun baay’ee gaariidha” jetteetti. Namoota achii hojjetan karaa kamiin isaan gargaaruu akka dandeenyu gaafachuuf duubatti jechuu hin qabnu.

Yeroo baay’ee gara dhaabbilee maanguddootaaf kunuunsi itti godhamu yommuu adeemnu, wanta obboloota keenya barbaachisu hubachuufi dhaabbata sana heyyama gaafachuudhaan dursa fudhannee wantoota isaan barbaachisan kana gochuufii dandeenya. Fakkeenyaaf, suuraawwan michuusaanii ykn fakkiiwwan ijoollee xixinnoon kaasan fannisuudhaan kutaasaanii miidhagsuu dandeenya. Nageenyasaaniitiif yaaduudhaan, uffata ho’u ykn wantoota akka dibataa, saamunaafi kan kana fakkaatan geessuufii dandeenya. Bakki itti qilleensa fudhatan yoo jiraate, akka qilleensa fudhatan gad isaan baasuu dandeenyaa? Laawureen isheen olitti ibsamte akkas jetti: “Maadaliin, yeroo ani itti ishee gaafadhu hawwiidhaan eeggatti. Yommuun ijoollee fuudhee dhaqu, yeruma sana fuullishee ni ifa!” Dursa fudhatanii maanguddoota achi keessatti argaman kaaniifis waan akkasii gochuun bu’aa guddaa argamsiisuu danda’a.—Fak. 3:27.

Nuyis Isaan Gaafachuudhaan Ni Fayyadamna

Yeroo yeroodhaan Maanguddoota kana gaafachuun ‘jaalaa dhugaa’ qabaachuuf dhiisuu keenya argisiisa. (2 Qor. 8:8) Akkamitti? Yommuu michuun keenya tokko yeroodhaa gara yerootti dadhabaa deemu arguun keenya baay’ee nu gaddisiisuu danda’a. Laawurens akkas jetti: “Jalqabarratti haalli Maadelin rakkisaa ta’aa adeemuunsaa baay’ee waan na gaddisiiseef, yeroo hunda yommuun ishee gaafadhee deebi’u nan boo’an ture. Haata’u malee, kadhannaa garaadhaa madde dhiheessuun sodaa keenya akka moonuufi warra gaafannu jajjabeessuuf akka nu gargaaru hubadheera.” Roobart waggoota hedduudhaaf obboleessa Laarii jedhamuufi dhukkuba ribuu Paarkiinsans jedhamuun dhiphatu tokko gaafata ture. Roobart akkas jedheera: “Looriin dhukkuba kanaan garmalee waan hubameef wanta inni jedhu tokkoyyuu hin hubadhu. Ta’uus yommuu waliin kadhannu amantaa akka qabu hubachuu nan danda’a.”

Maanguddoota hidhata amantaa keenya ta’an yommuu gaafannu, isaan gargaaruu qofa utuu hin ta’in ofii keenyaafis faayidaa arganna. Utuma namoota amantii addaddaa hordofan wajjin jiraatanii, Yihowaatti dhihaatanii jiraachuuf murtoo gochuunsaanii, amantaafi ija jabina akka qabaannu nu barsiisa. Dhaga’uunis ta’e arguun kan isaan rakkisu ta’us, hawwiin nyaata hafuuraa argachuuf qaban, ‘Namni dubbii afaan Waaqayyoo keessaa ba’u hundumaan malee nyaata duwwaadhaan’ akka hin jiraanne argisiisa. (Mat. 4:4) Maanguddoonni waanuma xinnoodhaan jechuunis kolfa ijoolleetiifi waliin nyaachuudhaan kan gammadan ta’uunsaanii, waan qabnutti gammannee akka jiraannu nu yaadachiisa. Dhimmawwan hafuuraatiif jaalala qabaachuunsaanii, wantoota barbaachisaa ta’aniif dursa akka kenninu nu gargaara.

Gargaarsi maanguddootaaf goonu guutummaa gumichaa akka fayyadu beekamaadha. Kan akkas jennu maaliifi? Jireenyi obboloota humnisaanii dadhabaa ta’ee, caalaatti jaalala obbolummaarratti kan hundaa’e waan ta’eef, gumichi gara laafina argisiisuudhaan guddachuuf carraa argata. Kanaafuu hundi keenya yeroo dheeraadhaafillee maanguddootaaf kunuunsa gochuun keenya, karaa warra kaaniif waa’ee itti baasnu keessaa isa tokko ta’uusaa haa hubannu. (1 Phe. 4:10, 11) Jaarsoliin sochii kanarratti dursa fudhachuunsaanii, miseensonni gumii warri kaanis sochiin Kiristiyaanummaa kun matumaa dagatamuu kan hin qabne ta’uusaa akka hubatan gargaara. (His. 34:15, 16) Fedhiifi jaalalaan kakaanee gargaarsa isaanii gochuudhaan, maanguddoonni Kiristiyaanota hidhata amantaa keenyaa ta’an akka hin dagatamne isaanii mirkaneessuu dandeenya!

[Miiljalee]

^ key. 8 Barreessaan gumii obboleessi ykn obboleettiin tokko dhaabbata akkasii naannoo gumii kan biraatti argamutti galuusaanii akkuma beekeen, atattamaan jaarsolii gumii naannoo sanaatti beeksisuunsaa baay’ee gaariidha.

[Fakkii fuula 28rra jiru]

“Warri dhaabbata maanguddoota kunuunsan keessaa hojjetan, nama yeroo yeroodhaan gaafatamuuf gargaarsa gaarii godhu”

[Fakkii fuula 26rra jiru]

Maanguddoota Dhugaa Baatota hidhata keenya ta’anii wajjin kadhannaa garaadhaa madde gochuun keenya, nageenya sammuu isaaniif argamsiisuu danda’a

[Fakkii fuula 26rra jiru]

Jaalala maanguddoota hidhata amantaa keenyaatiif qabnu ibsuun keenya isaan jajjabeessa