Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Dargaggootaa, Ammuma Uumaa Keessan Yaadadhaa

Dargaggootaa, Ammuma Uumaa Keessan Yaadadhaa

Dargaggootaa, Ammuma Uumaa Keessan Yaadadhaa

“Bara dargaggummaa keetti uumaa kee yaadadhu!” —LAL. 12:1.

1. Yihowaan dargaggoota isa waaqeffatanirratti amantaa akka qabu kan ibse akkamitti?

YIHOWAAN, dargaggoota Kiristiyaana ta’an akka waan gati jabeessaafi fixeensa ganamaa nama gammachiisuutti ilaala. Guyyaa itti Ilmisaa ‘maccasaa geggeessutti’ dargaggoonni tajaajila Kiristosiif ‘jaalalasaaniitiin akka of dhiheessan’ raajii dubbateera. (Far. 110:3) Raajiin kun namoonni hedduun Waaqa kan hin barbaanne, fedhiisaaniirrattiifi qarshiirratti kan xiyyeeffatan, akkasumas kan hin ajajamne yeroo ta’anitti kan raawwatamudha. Yihowaan garuu dargaggoonni isa waaqeffatan adda akka ta’an beeka ture. Dargaggootaa, Yihowaan amantaa guddaa isinirratti qaba mitiiree?

2. Yihowaa yaadachuun maalfaa dabalata?

2 Waaqayyo dargaggoonni Uumaasaanii yommuu yaadatan arguutti hammam akka gammadu yaadaa. (Lal. 12:1) Yihowaa yaadachuu jechuun yeroo xinnoodhaaf waa’eesaa yaaduu qofa miti. Kanaa mannaa seerrisaafi seerri bu’uuraasaa guyyaa guyyaadhaan akka nu geggeessu gochuudhaan, wanta isa gammachiisu raawwachuuf tarkaanfii fudhachuu jechuudha. Yihowaan baay’ee akka nuu yaadu beekuudhaan isatti amanachuus ni dabalata. (Far. 37:3; Isa. 48:17, 18) Uumaa keessan ilaalchisee akkas isinitti dhaga’amaa?

“Garaa Kee Guutuu Waaqayyoon Amanadhu”

3, 4. Yesus Yihowaatti akka amanamu kan argisiise akkamitti? Yeroo har’aa Yihowaatti amanamuun barbaachisaa kan ta’e maaliifi?

3 Waaqayyotti amanamuudhaan hunda caalaa fakkeenya gaarii kan nuu ta’u Yesus Kiristos akka ta’e beekamaadha. Yesus Fakkeenya 3:5, 6 wajjin haala wal simuun jiraateera. Caqasichi akkas jedha: “Garaa kee guutuu Waaqayyoon amanadhu, hubannaa ofii keetiitti hin hirkatin! Karaa kee hundumaatti isa yaadi, innis daandii kee siif in qajeelcha.” Yesus cuuphamee baay’ee utuu hin turin Seexanni isatti dhihaachuudhaan, aboofi ulfina biyya lafaa akka fudhatu isa qoruuf yaalee ture. (Luq. 4:3-13) Yesus garuu hin gowwoomfamne. “Gad of deebisuufi Waaqayyoon sodaachuun,” “Qabeenya, ulfinaa fi jireenya” akka namaaf argamsiisu beeka ture.—Fak. 22:4.

4 Namoonni biyya lafaa sassataafi ofittummaadhaan jiraatu. Haala akkasii keessatti fakkeenya Yesus hordofuun keenya barbaachisaadha. Kana malees, Seexanni tajaajiltoota Yihowaa karaa dhiphoo jireenyatti geessurraa jal’isuuf waan danda’e hunda akka godhu yaadadhaa. Namoonni hundi karaa bal’aa badiisatti geessurra akka deeman barbaada. Isaaf hin gowwoominaa! Kanaa mannaa Uumaa keessan yaadachuuf murtoo godhaa. Guutummaa isatti amanadhaa; “jireenya dhugaa” mirkanaa’aa ta’eefi dhiheenyatti argamu jabeessaa qabadhaa.—1 Xim. 6:19.

Dargaggootaa, Ogeeyyii Ta’aa!

5. Biyyi lafaa kun gara fuulduraatti maal ta’a jettee yaadda?

5 Dargaggoonni Uumaasaanii yaadatan ogummaa umriisaaniitii ol ta’e qabu. (Faarfannaa 119:99, 100 dubbisi.) Ilaalcha Waaqayyoo waan qabaniif, biyyi lafaa kun abdii akka hin qabne sirriitti beeku. Dargaggootaa, umrii keessan xinnoo kanattillee, sodaaniifi dhiphinni namootaa dabalaa akka jiru akka hubattan beekamaadha. Mana barumsaatti waa’ee manca’ina qilleensaa, ho’a lafaa, manca’ina bosonaafi rakkoowwan kana fakkaatanii dhaga’uu hin ooltan. Wantoonni kun baay’ee namoota yaaddessaa jiru. Wantoonni kun mallattoo dhumni addunyaa Seexanaa ga’uusaa argisiisan akka ta’an kan beeku Dhugaa Baatota Yihowaa qofadha.—Mul. 11:18.

6. Dargaggoonni tokko tokko kan gowwoomfaman akkamitti?

6 Kan nama gaddisiisu garuu, dargaggoonni tajaajiltoota Waaqayyoo ta’an tokko tokko dammaqoo ta’uu dhiisuudhaan, biyyi lafaa kun yeroo gabaabaa qofa akka qabu dagachuusaaniiti. (2 Phe. 3:3, 4) Kaanimmoo, hiriyoonnisaaniifi fakkiiwwan fedhii saalqunnamtii kakaasan, cubbuu guddaa hojjechuutti akka isaan geessan godhaniiru. (Fak. 13:20) Yeroo guyyaa dhumaatti dhihaanne kanatti Waaqayyo biratti fudhatama dhabuun baay’ee nama hin gaddisiisuu? Wanta Dh.K.D. bara 1473⁠tti yeroo Dachaa Mo’aab keessa buufatanii turanitti Israa’elootarra ga’erraa baradhaa; yeroo sanatti Biyyattii Abdachiifamtetti galuu ga’anii turan. Yommus maaltu raawwatame?

Dhumarra Ga’anii Kufan

7, 8. (a) Seexanni Dachaa Mo’aab keessatti mala akkamiitti fayyadame? (b) Yeroo ammaahoo mala akkamiitti fayyadamaa jira?

7 Yeroo sana Seexanni, Israa’eloonni dhaala abdachiifaman sana akka hin arganne dhowwuu barbaadee ture. Seexanni, Bala’aam raajichi akka isaan abaaru gochuu erga dadhabee booda, mala kan biraatti fayyadamee wanta eebba Yihowaa isaan dhabsiisu akka raawwatan gochuuf yaale. Seexanni dubartoota Mo’aabitti fayyadamee cubbuu isaan hojjechiisuudhaan hamma tokko milkaa’ina argatee ture. Sabni Israa’el dubartoota Mo’aab wajjin saalqunnamtii raawwachuufi Ba’aal isa Phe’oriif sagaduu jalqaban! Dhaalasaanii isa guddaa kan taate Biyyattii Abdachiifamteetti baay’ee dhihaatanii kan turan ta’us, Israa’eloonni 24,000 ta’an lubbuusaanii dhabaniiru. Baay’ee kan nama gaddisiisu mitii?—Lak. 25:1-3, 9.

8 Yeroo ammaa, addunyaa haaraa biyyattii abdachiifamterra caalutti baay’ee dhihaachaa jirra. Seexanni akkuma amalasaa har’as saba Waaqayyoo xureessuuf saalqunnamtii seeraan ala ta’etti fayyadamaa jira. Ilaalchi addunyaan amala gaariidhaaf qabu baay’ee manca’eera. Kanaan kan ka’es, ejji akkuma waan barameetti, saalqunnamtiin namoota saala wal fakkaatu qaban gidduutti raawwatamus filannaa ofii akka ta’etti ilaalamaa jira. Obboleettiin tokko akkas jetteetti: “Ijoolleenkoo, saalqunnamtiin namoota saala wal fakkaatu qaban gidduuttii fi gaa’elaan ala raawwatamu Waaqayyo biratti jibbamaa ta’uusaa kan baratan, manattiifi Galma Mootummaatti qofadha.”

9. Namni tokko bara dargaggummaa ‘fuudha ga’uusaa’ dura jirutti qorumsi akkamii isa mudachuu danda’a? Dargaggoonni haala kana mo’uu kan danda’an akkamitti?

9 Dargaggoonni Uumaasaanii yaadatan, saalqunnamtiin qophii Waaqayyo jireenya argamsiisuufi namoonni ijoollee akka godhataniif qopheesse ta’uusaa beeku. Kanaafuu, saalqunnamtiin raawwatamuu kan qabu karaa Waaqayyo jedheen, jechuunis hiriyoota gaa’elaa gidduutti akka ta’e beeku. (Ibr. 13:4) Haata’u malee, bara dargaggummaa ‘fuudha ga’uusaanii’ dura jiru, jechuunis yeroo fedhiin saalqunnamtiidhaaf qaban isaan mo’ee yaadasaanii jal’isutti, qulqulluu ta’anii jiraachuun rakkisaa ta’uu danda’a. (1 Qor. 7:36) Yaanni sirrii hin taane gara sammuu keessanii ennaa dhufu maal gochuu dandeessu? Yihowaan wanta qulqulluu ta’erratti xiyyeeffachuuf akka isin gargaaru kadhadhaa. Yihowaan yeroo hundumaa warra garaadhaa isa kadhatan ni dhaggeeffata. (Luqaas 11:9-13 dubbisi.) Wantoota gaarii ta’anirratti haasa’uunis yaada keenya sirreessuuf nu gargaara.

Galma Keessan Ofeeggannoodhaan Filadhaa!

10. Wanta gadhee akkamii yaaduurraa of qusachuu qabna? Gaaffiiwwan akkamii of gaafachuu dandeenya?

10 Dargaggoonni biyya lafaa hedduun, ‘mul’ata,’ jechuunis qajeelfama Waaqayyoos ta’e abdii amansiisaa waan hin qabaanneef, wanta foonsaanii gammachiisu hordofuurraa duubatti hin jedhan. (Fak. 29:18) Dargaggoonni kun, akka Israa’eloota bara Isaayaasitti qajeelfama Waaqayyoo hin barbaannu jedhaniifi “gammaduu ililchuu, . . . foon nyaachuu, daadhii wayniis dhuguu[f]” jiraataniiti. (Isa. 22:13) Namoota akkasiitti hinaafuu mannaa, abdii gammachiisaa Yihowaan warra isaaf amanamoo ta’aniif kennerratti maaliif hin xiinxaltu? Dargaggeessa Waaqayyoon tajaajiltu yoo taate, addunyaa haaraa hawwiidhaan eeggachaa jirtaa? ‘Abdiikee isa eebbifamaa’ Yihowaan si fuuldura kaa’e eeggachaa, ‘of qabuutti jiraachuuf’ hamma dandeesse carraaqqii gochaa jirtaa? (Tit. 2:12, 13) Deebiin gaaffii kanaaf kennitu, galma qabduufi wanta dursa kennituufirratti jijjiirama fida.

11. Dargaggoonni jabaatanii barachuu kan qaban maaliifi?

11 Biyyi lafaa kun dargaggoonni galmawwan addunyaa kanaa hordofuuf akka carraaqan barbaada. Dargaggoonni barumsarra jirtan, barumsa gaarii argachuuf carraaquu akka qabdan beekamaadha. Ta’us kaayyoon keessan hojii gaarii argachuuf qofa utuu hin ta’in, akka gaariitti gumii tajaajiluufi labsitoota Mootummichaa bu’a qabeeyyii ta’uu akka ta’e yaadachuu qabdu. Galma kanarra ga’uufimmoo, yaada keessan akka gaariitti ibsuu, waan sirrii ta’e yaaduu, akkasumas warra kaaniif suuta jettanii karaa ulfina qabuun deebii kennuu kan dandeessan ta’uu qabdu. Dargaggoonni Macaafa Qulqulluu qayyabataniifi seerawwan bu’uuraasaa hojiirra oolchuuf carraaqan, barumsa gaarii barachuudhaan jireenyisaanii milkaa’aafi barabaraaf kan itti fufu akka ta’u godhu.—Faarfannaa 1:1-3 dubbisi. *

12. Maatiiwwan Kiristiyaanaa fakkeenya isa kam hordofuu qabu?

12 Biyya Israa’elitti warri ijoolleesaanii barsiisuunsaanii wanta bakka guddaan kennamuuf ture. Barumsi kunis jireenya nama tokkoorratti, keessumaammoo dhimmawwan hafuuraarratti kan xiyyeeffatu ture. (Kes. 6:6, 7) Kanaafuu, Israa’eloonni dargaggoota ta’aniifi warrasaaniis ta’e maanguddoota Waaqayyoon sodaatan dhaggeeffatan, beekumsa qofa utuu hin ta’in ogummaa, hubannaafi dandeettii dubbii gargar baasuuf isaan gargaaru argataniiru. Amalawwan kunis yeroo baay’ee barumsa Waaqayyoo barachuudhaan malee bakka biraadhaa kan argaman miti. (Fak. 1:2-4; 2:1-5, 11-15) Yeroo har’aas maatiiwwan Kiristiyaanaa barumsaaf xiyyeeffannaa akkasii kennuu qabu.

Warra Isin Jaallatan Dhaga’aa

13. Dargaggoonni tokko tokko gorsa akkamii argatu? Dammaqoo ta’uu kan qabanoo maaliifi?

13 Dargaggoonni, gorsitoota mana barumsaa yeroo baay’ee milkaa’ina biyyi lafaa argamsiisu qofa akka hordofan isaan gorsan dabalatee namoota hundumaarraa gorsa argatu. Dubbii Waaqayyoo, akkasumas barreeffamoota hojjetaa amanamaafi ogeessaan dhihaatanirratti hundaa’uudhaan gorsawwan kana kadhannaadhaan gamaaggami. Macaafa Qulqulluu yeroo qayyabattu, Seexanni kan xiyyeeffatu dargaggootaafi namoota muuxannoo hin qabnerratti akka ta’e ni hubatta. Fakkeenyaaf, Eeden keessatti, Hewwaan isheen muuxannoo hin qabne, Seexana isa sanaan dura hin beekneefi homaa ishee hin jaallanne dhaggeeffatteetti. Yihowaa isa karaa hedduu jaalalasaa isheedhaaf ibse utuu dhaggeeffatteetti ta’ee bu’aansaa gaarii ta’a ture.—Uma. 3:1-6.

14. Yihowaafi warra keenya warra Dhugaa Baatota ta’an dhaggeeffachuu kan qabnu maaliifi?

14 Uumaan keessan isiniinis kan jaallatu yommuu ta’u, kanas kan godhu faayidaa isinirraa argachuuf miti. Ammaaf qofa utuu hin ta’in barabaraaf akka gammaddan barbaada! Kanaan kan ka’es, akka haadhaafi abbaa ijoolleesaaniitiif yaadaniitti, isiniinis ta’e warra isa waaqeffatan hundaan, “Karichi isa kana, isa irra adeemaa!” jedha. (Isa. 30:21) Warra Yihowaa jaallatan yoo qabaattanimmoo eebba dabalataa qabdu jechuudha. Wantoota dursa kennitaniif yeroo filattanis ta’e galma yeroo baafattan, gorsasaanii kabajaan dhaggeeffadhaa. (Fak. 1:8, 9) Isaan jireenya barabaraa, isa qabeenya ykn ulfina biyya lafaa caalaa gati jabeessa ta’e akka argattan barbaadu.—Mat. 16:26.

15, 16. (a) Yihowaarratti amantaa akkamii qabaachuu dandeenya? (b) Muuxannoo Baarukirraa barumsa gaarii akkamii arganna?

15 Namoonni Uumaasaanii yaadatan, Yihowaan “matumaa” akka isaan hin dhiisneefi akka isaan hin gatne waan amananiif, jireenya salphaa jiraatu. (Ibroota 13:5 dubbisi.) Ilaalchi biyya lafaa yaada gaarii kanarraa faallaa waan ta’eef, dhiibbaa akka nurratti hin goone of eeggachuu qabna. (Efe. 2:2) Kana ilaalchisee fakkeenya Baaruk isa barreessaa Ermiyaas turee ilaalaa; Baaruk yeroo rakkisaa magaalaan Yerusaalem Dh.K.D. bara 607⁠tti baduushee dura turetti kan jiraatedha.

16 Baaruk qabeenya horachuudhaan jireenya gaarii jiraachuu kan barbaade fakkaata. Yihowaan kana waan hubateef Baaruk “wanta guddaa” argachuu akka hin barbaanne gaarummaadhaan isa akeekkachiise. Baaruk gorsa Yihowaa fudhachuudhaan badiisa Yerusaalemirraa waan ooleef, nama gad of qabuufi ogeessa ta’uusaa argisiiseera. (Er. 45:2-5) Karaa gara biraatiin garuu, namoonni bara Baaruk turaniifi Yihowaadhaaf bakka lammaffaa kennuudhaan karaa foonii “wanta guddaa” argachuu barbaadan, baay’ee utuu hin turin qabeenyasaanii hunda Kaladootaan (warra Baabiloniin) saamamaniiru. Baay’eensaaniimmoo lubbuusaanii dhabaniiru. (2 Sen. 36:15-18) Muuxannoon Baaruk, Waaqayyoo wajjin walitti dhufeenya gaarii qabaachuun, qabeenyaafi ulfina biyya lafaa keessatti argamu caalaa barbaachisaa ta’uusaa hubachuuf nu gargaara.

Namoota Fakkeenya Gaarii Ta’an Hordofaa

17. Yesus, Phaawulosiifi Ximotewos tajaajiltoota Yihowaa yeroo ammaa jiraniif fakkeenya gaarii kan ta’an akkamitti?

17 Dubbiin Waaqayyoo seenaa namoota daandii jireenyaarra deemuuf fakkeenya gaarii nuu ta’anii qabateera. Fakkeenyaaf Yesus, namoota hamma ammaa jiraatan hunda caalaa dandeettii kan qabudha. Ta’uyyuu, wanta barabaraaf namoota gargaaru, jechuunis “misiraachoo mootummaa Waaqayyoo” barsiisuurratti xiyyeeffateera. (Luq. 4:43) Phaawulos guutummaatti Yihowaa tajaajiluuf jecha, hojii galii gaarii isaaf argamsiisuu danda’u dhiisuudhaan, yeroofi humnasaa misiraachicha lallabuuf oolcheera. Ximotewos inni “dhuguma amantaadhaan ilma [Phaawulos] ta’e,” fakkeenya Phaawulos hordofeera. (1 Xim. 1:2) Yesus, Phaawulosiifi Ximotewos filannaasaaniitti gaabbaniiruu? Matumaa hin gaabbine! Phaawulos wanta biyyi lafaa argamsiisu mirga Waaqayyoon tajaajiluuf argatee wajjin yommuu wal bira qabu, “akka waan gatameetti” akka ilaalu dubbateera.—Filp. 3:8-11.

18. Obboleessi dargaggeessa ta’e tokko jijjiirama guddaa akkamii godhe? Murtoosaatti kan hin gaabbinehoo maaliifi?

18 Yeroo har’aa dargaggoonni baay’een fakkeenya Yesus, Phaawulosiifi Ximotewos ni hordofu. Fakkeenyaaf, obboleessi hojii mindaa gaarii argamsiisu hojjechaa ture tokko akkas jechuudhaan barreesseera: “Seerawwan bu’uuraa Macaafa Qulqulluu eegee waanan jiraadhuuf, hojii kootiin dafeen guddina argadhe. Mindaa gaarii kanan argadhu ta’us, qilleensa akkan ari’u natti dhaga’ame. Hoggantoota dhaabbatichaa bira dhaqee tajaajila yeroo-guutuu jalqabuu akkan barbaadu yommuun itti himu, achitti akkan itti fufu abdachuudhaan qarshii baay’een akka naa dabalamu natti himan. Ani garuu murteesseen ture. Namoonni baay’een, yeroo-guutuu tajaajiluuf jecha hojiikoo isa mindaa guddaa naa argamsiisu maaliif akkan dhiise isaanii galuu hin dandeenye. Kana kanan godhe waadaan yeroon Yihowaadhaaf of murteesse galee wajjin wal simee jiraachuu waanan barbaadeefi. Amma dhimmawwan hafuuraarratti waanan xiyyeeffadhuuf, gammachuu guddaa qarshiin ykn ulfinni naa argamsiisuu hin dandeenye argadheera.”

19. Dargaggoonni filannaa gaarii akkamii akka godhan gorfamaniiru?

19 Addunyaa maratti dargaggoonni kumaan lakkaa’aman filannaa gaarii akkasii godhaniiru. Kanaafuu dargaggootaa, waa’ee gara fuulduraa yommuu yaaddan, guyyaan Yihowaa dhihoo ta’uusaa yaadatti qabadhaa. (2 Phe. 3:11, 12) Namoota biyya lafaa kanarraa faayidaa guddaa argachaa jiranitti hin hinaafinaa. Kanaa mannaa warra dhugumaan isin jaallatan dhaggeeffadhaa. “Badhaadhummaa ofii keessaniif waaqa irratti” kuufadhaa. Wanti amansiisaaniifi faayidaa bara baraa isinii argamsiisu kana qofadha. (Mat. 6:19, 20; 1 Yohannis 2:15-17 dubbisi.) Eeyyee, Uumaa keessan yaadadhaa. Yoo akkas gootan Yihowaan isin eebbisa.

[Miiljalee]

^ key. 11 Barumsa olaanaafi hojii argachuu ilaalchisee, Masaraa Eegumsaa, Onkoloolessa 1, 2005, ful. 26-31 ilaali.

Ni Yaadattaa?

• Waaqayyorratti amantaa qabaachuu keenya akkamitti argisiisna?

• Barumsi hundarra caalu isa kami?

• Baarukirraa barumsawwan akkamii arganna?

• Namoonni fakkeenya gaarii nuu ta’an eenyufa’i? Maaliif?

[Gaaffiiwwan Qayyabannaa]

[Fakkii fuula 13rra jiru]

Yihowaan barumsa hundarra caalu kenna

[Fakkii fuula 15rra jiru]

Baaruk Yihowaa dhaga’uusaatiin badiisa Yerusaalemirraa ooleera. Fakkeenya kanarraa maal barattu?