Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Karaa Hundumaan Qajeelfama Waaqayyoo Barbaadaa

Karaa Hundumaan Qajeelfama Waaqayyoo Barbaadaa

Karaa Hundumaan Qajeelfama Waaqayyoo Barbaadaa

‘Inni kun yeroo hundumaa bara baraaf Waaqa keenya, hamma duunuttis isatu qajeelfama nuu kenna.’—Far. 48:14, NW.

1, 2. Ogummaa keenyatti amanamuu mannaa qajeelfama Yihowaatti amanamuu kan qabnu maaliifi? Gaaffiiwwan kamirratti mari’anna?

WANTI TOKKO waa’ee kan hin baasne ta’ee utuu jiruu, waan waa’ee baasudha jedhanii of gowwoomsuun salphaadha. (Fak. 12:11) Wanta Kiristiyaanonni gochuu hin qabne tokko gochuuf fedhii guddaa yoo qabaanne, yeroo baay’ee garaan keenya wanta sana gochuuf sababii hin taane dhiheessa. (Er. 17:5, 9) Kanaafuu faarfatichi, “Ifa kee fi dhugaa kee ergi, isaan anatti karaa haa argisiisan” jedhee Yihowaa kadhachuunsaa sirrii ture. (Far. 43:3) Beekumsa xinnoo qabutti utuu hin ta’in Yihowaatti amanameera; Yihowaa caalaa eenyuyyuu qajeelfama isaa kennuu hin danda’u ture. Akkuma faarfatichaa nuyis Waaqayyo qajeelfama akka nuu kennu gaafachuu qabna.

2 Haata’u malee, waan hundumaa caalaa qajeelfama Waaqayyootti amanamuu kan qabnu maaliifi? Qajeelfama kana barbaaduu kan qabnu yoomi? Qajeelfama kanarraa faayidaa argachuuf ilaalcha akkamii qabaachuu qabna? Yeroo har’aa Yihowaan qajeelfama kan nuu kennu akkamitti? Mataduree kana keessatti gaaffiiwwan barbaachisaa ta’an kanarratti mari’anna.

Qajeelfama Yihowaatti Kan Amanamnu Maaliifi?

3-5. Qajeelfama Yihowaatti guutummaatti amanamuu kan qabnu maaliifi?

3 Yihowaan Abbaa keenya isa samiirra jiraatudha. (1 Qor. 8:6) Inni hunda keenya sirriitti kan beeku ta’uusaarrayyuu garaa keenya dubbisuu danda’a. (1 Sam. 16:7; Fak. 21:2) Daawit Mootichi Waaqayyoon akkas jedheera: “Taa’uu koo fi ijaajjuu koo in beekta, fagoodhaas yaada koo in hubatta. Utuma dubbiin afaan kootii hin ba’in, isa ani jechuuf ture hundumaa ati dur illee beekte, yaa Waaqayyo!” (Far. 139:2, 4) Yihowaan akka gaariitti kan nu beeku erga ta’ee, wanta nuuf gaarii ta’e beekuusaa akkamitti shakkuu dandeenya? Kana malees, Yihowaan eenyuyyuu caalaa ogummaa kan qabudha. Waan hundumaa ni arga, eenyuyyuu caalaa gadi fakkeenyaan ilaala, wanti tokko bu’aansaa maal akka ta’u jalqabumaa kaasee beeka. (Isa. 46:9-11; Rom. 11:33) Inni “Waaqayyo isa ogeessa tokkicha.”—Rom. 16:27.

4 Akkasumas Yihowaan nu jaallata; yeroo hundumaas waan gaarii nuuf hawwa. (Yoh. 3:16; 1 Yoh. 4:8) Waaqa jaalalaa waan ta’eef, arjummaa nutti argisiisa. Yaaqoob, “Kennaan gaariin hundinuu, kennaan guutuun hundinuus abbaa ifaa biraa ol waaqa gubaadhaa in dhufa” jechuudhaan barreesseera. (Yaq. 1:17) Namoonni qajeelfama Waaqayyootiin jiraatan, arjummaasaarraa faayidaa guddaa argatu.

5 Kana malees, Yihowaan waan hundumaa danda’a. Kana ilaalchisee faarfatichi akkas jedheera: “Namni golgaa isa hundumaa gararraa jiru keessa jiraatu, gaaddisa isa hundumaa danda’uu jala in buufata; Waaqayyoon, ‘Ani sitti kooluu galeera, ati masaraa koo ti; ati Waaqayyo koo isa ani amanadhuu dha’ in jedha.” (Far. 91:1, 2) Qajeelfama Yihowaa hordofuun keenya, Waaqa wanta jedhe raawwatu amanachuu keenya argisiisa. Mormiin yoo nurra ga’eyyuu Yihowaan nu gargaara; nu hin gatu. (Far. 71:4, 5; Fakkeenya 3:19-26 dubbisi.) Dhugumayyuu, Yihowaan wanta nuuf gaarii ta’e beeka, waan gaarii nuu hawwa, waan gaarii nuu gochuufis humna qaba. Qajeelfamasaa fudhachuu diduun gowwummaa guddaa mitii? Haata’u malee qajeelfamnisaa kan nu barbaachisu yoomi?

Qajeelfamni Kan Nu Barbaachisu Yoomi?

6, 7. Qajeelfamni Yihowaa kan nu barbaachisu yoomi?

6 Ijoollummaadhaa hamma dullumaatti qajeelfamni Waaqayyoo akka nu barbaachisu beekamaadha. Faarfatichi, ‘Inni kun yeroo hundumaa bara baraaf Waaqa keenya, hamma duunuttis isatu qajeelfama nuu kenna’ jedheera. (Far. 48:14, NW) Akkuma faarfatichaa, Kiristiyaanonni ogeeyyii ta’anis yeroo hundumaa qajeelfama Waaqayyoo barbaaduu qabu.

7 Yeroon atattamaan gargaarsa itti barbaannu akka jiru beekamaadha. Yeroo tokko tokko ari’atamaan, dhukkuba cimaadhaan ykn akkuma tasaa hojii dhabuudhaan “rakkina” keessa galuu dandeenya. (Far. 69:16, 17) Yeroo akkasiitti Yihowaan akka nu jabeessuufi qajeelfama murtoo sirrii gochuuf nu dandeessisu akka nuu kennu beekuun keenya nu jabeessa. (Faarfannaa 102:17 dubbisi.) Ta’us, yeroon gargaarsisaa itti nu barbaachisu kan biraanis jira. Fakkeenyaaf, misiraachoo Mootummichaa lallabuudhaan bu’aa argachuuf qajeelfamni Yihowaa nu barbaachisa. Kana malees bashannana, akkaataa uffannaafi filannaa, hiriyoota, hojii, barumsa ykn wanta kan biraa ilaalchisee murtoo sirrii ta’e gochuu kan dandeenyu qajeelfama Yihowaa yoo hordofne qofadha. Dhugaasaa dubbachuuf yeroon qajeelfamni itti nu hin barbaachisne hin jiru.

Qajeelfama Yihowaa Barbaaduu Dhiisuun Balaa Akkamii Qaba?

8. Hewwaan ija mukaa dhowwame sana nyaachuunshee maal kan argisiisu ture?

8 Haata’u malee, qajeelfama Yihowaa hordofuuf fedhii qabaachuu akka qabnu hin irraanfatin. Yoo nuyi fedhii qabaachuu baanne Waaqayyo qajeelfamasaa akka hordofnu nu hin dirqisiisu. Ilmaan namootaa keessaa yeroo jalqabaatiif qajeelfama Yihowaa hordofuu kan didde Hewwaan yommuu taatu, wanti isheen goote kun murtoon akkasii balaadhaaf nama saaxiluu akka danda’u argisiisa. Kana gochuunshee maal akka argisiisus hubadhu. Hewwaan ‘hamaafi gaarii beekuudhaan akka Waaqayyoo ta’uu’ waan barbaaddeef, ija mukaa akka hin nyaanne dhowwamte sana nyaatte. (Uma. 3:5) Kana gochuusheetiinis, wanta gaariifi hamaa ta’e ilaalchisee qajeelfama Yihowaa hordofuu mannaa murtoo mataashee gochuudhaan bakka Waaqayyoo of keesse. Akka kanaan olaantummaa Yihowaa mormitee ofiin of bulchuu barbaadde. Abbaan manaashee Addaamis gochashee kana duukaa bu’eera.—Rom. 5:12.

9. Qajeelfama Yihowaa diduun keenya maal argisiisa? Kunoo gowwummaa kan ta’e maaliifi?

9 Yeroo har’aas, qajeelfama Yihowaa yoo hordofuu baanne, olaantummaasaa akka morminu argisiisna. Fakkeenyaaf, mee waa’ee nama fakkiiwwan fedhii saalqunnamtii kakaasan ilaaluu amaleeffate tokkoo yaadi. Namni kun gumiirratti kan argamu yoo ta’e, qajeelfama Yihowaan dhimma kana ilaalchisee kenne beeka. Wantoota qulqulluu hin taane akkasii ilaalanii ittiin bashannanuun haa hafuutii waa’eensaaniiyyuu dhaga’amuu hin qabu. (Efe. 5:3) Namni akkasii qajeelfama Yihowaa tuffachuusaatiin, olaantummaasaa akka mormuufi aangoosaa akka tuffatu argisiisa. (1 Qor. 11:3) Ermiyaas, “namni akeeka jireenya isaatii of harka galfachuu, karaa jireenya isaatiis ofii isaatiin geggeeffachuu akka hin dandeenye” waan dubbateef, gochi akkasii gowwummaa guddaadha.—Er. 10:23.

10. Akkaataa mirga filannaa keenyatti fayyadamnuun, of eeggannoo gochuu kan qabnu maaliifi?

10 Namoonni tokko tokko Yihowaan waan barbaanne akka filannu waan heyyameef, waan barbaanne yoo goone nu hin mormu jedhanii yaaduudhaan wanta Ermiyaas dubbatee ni mormu. Ta’us, wanta barbaanne filachuuf mirga qabaachuun keenya, kennaa qofa utuu hin ta’in itti gaafatamummaas akka nutti fiduu hin dagatin. Wanti dubbachuufis ta’e gochuuf filannu Waaqayyo biratti nu gaafachiisa. (Rom. 14:10) Yesus, “Waan garaa namaa keessa guute afaan dubbata” jedheera. Itti dabaluudhaanis, “Wanti hamaan hundinuu yaada garaa keessaa ba’ao, isaanis, nama ajjeechaa, ejjummaa, halalummaa, hanna, sobaan dhugaa ba’uu, nama salphisuus” jedheera. (Mat. 12:34; 15:19) Kanaafuu, wanti dubbannuufi goonu wanta garaa keenya keessa jiru ibsa; eenyummaa keenyas sirriitti argisiisa. Kiristiyaanni abshaala ta’e tokko karaa hundumaan qajeelfama Yihowaa kan barbaadu kanaafi. Yihowaanis ‘gara qajeelaa’ ta’uusaa waan arguuf ‘gaarii isaaf godhaaf.’—Far. 125:4.

11. Seenaa Israa’elootaarraa maal baranna?

11 Seenaa Israa’elootaa yaadadhu. Sabni sun yeroo Yihowaadhaaf ajajamuudhaan filannaa gaarii godhanii turanitti Inni isaan eegeera. (Iya. 24:15, 21, 31) Haata’u malee, al baay’ee mirga filannaa isaanii kennametti karaa sirrii hin taaneen fayyadamaniiru. Bara Ermiyaasitti Yihowaan waa’eesaanii akkas jedhee ture: “Isaan garuu mataa jabaatanii wanta hamaa ofii isaaniitii yaadan duukaa bu’anii dugda anatti gatan malee, wantan isaanitti dubbadhe hin dhageenye, gurra isaaniis gara kootti hin qabne.” (Er. 7:24-26) Kana gochuunsaanii baay’ee nama gaddisiisa! Nuyis mataa jabaachuu ykn albaadhummaadhaan, qajeelfama Yihowaa didnee yaada ofii keenyaan deemuudhaan, matumaa ‘dugda kan isatti gannu’ ta’uu hin qabnu.

Qajeelfama Waaqayyoo Hordofuun Maal Gochuu Gaafata?

12, 13. (a) Amalli qajeelfama Yihowaa hordofuuf fedhii akka qabaannu nu gargaaru isa kami? (b) Amantaan barbaachisaa kan ta’e maaliifi?

12 Yihowaa jaallachuun keenya qajeelfamasaa hordofuuf fedhii akka qabaannu nu godha. (1 Yohannis 5:3) Haata’u malee Phaawulos, “Nuyi amantiidhaan jiraanna malee, waan hundumaa ijaan arguudhaan jiraanna miti” jechuudhaan wanta nu barbaachisu kan biraa ibseera. (2 Qor. 5:6, 7) Amantiin barbaachisaa kan ta’e maaliifi? Yihowaan “daandii qajeelaa irra” kan nu geggeessu ta’uyyuu, daandiiwwan kun badhaadhummaa ykn ulfina biyya lafaa nuuf hin argamsiisan. (Far. 23:3) Kanaafuu, eebbawwan hafuuraa Yihowaa tajaajiluudhaan argannurratti amantaa cimaa qabaachuu qabna. (2 Qorontos 4:17, 18 dubbisi.) Kana malees, amantaan wanta jireenyaaf barbaachisu argachuudhaan akka gammannu nu gargaara.—1 Xim. 6:8.

13 Yesus, waaqeffannaa dhugaan fedhii ofii aarsaa gochuu akka dabalatu ibseera; kunimmoo amantaa qabaachuu kan gaafatudha. (Luq. 9:23, 24) Waaqeffattoonni amanamoo ta’an tokko tokko hiyyummaa, cunqursaa, sababii malee jibbamuufi ari’atama guddaa danda’uudhaan aarsaa kaffalaniiru. (2 Qor. 11:23-27; Mul. 3:8-10) Gammachuudhaan kana akka godhan kan isaan dandeessise, amantaa cimaa qabaachuusaaniiti. (Yaq. 1:2, 3) Amantaa cimaa qabaachuun keenya, qajeelfama Yihowaa hordofuun yeroo hundumaa gaarii ta’uusaa akka hin shakkine godha. Qajeelfamni Yihowaa Yeroo hundumaa bu’aa gaarii nuu argamsiisa. Eebbi namoonni amanamoon argatan, rakkina yeroodhaaf isaanirra ga’u kamirrayyuu akka caalu homaa hin shakkinu.—Ibr. 11:6.

14. Aggaar gad of deebisuun kan ishee barbaachise maaliif ture?

14 Gad of deebisuunis qajeelfama Yihowaa hordofuurratti gahee akkamii akka qabu hubadhu. Fakkeenyi Aggaar, hojjettuu Saaraa kana kan argisiisudha. Saaraan dhala akka hin godhanne ennaa beektu, Abrahaamiif Aggaariin waan laatteef Aggaar Abrahaamiif ulfoofte. Sana booda Aggaar giiftiishee ishee dhabduurratti kooruu jalqabde. Kanaafis Saaraan “hojii jibbisiisaadhaan gad ishee qabde;” Aggaaris ni baqatte. Ergamaan Waaqayyoo tokko Aggaariin, “Deebi’ii giiftii keetiif gali, gad of deebisii harka ishee jala buli!” jedheen. (Uma. 16:2, 6, 8, 9) Aggaar qajeelfamni kan biraa utuu kennameefii filatti ta’a. Qajeelfama ergamichaa hojiirra oolchuuf koorashee dhiisuu qabdi turte. Aggaar gad of deebisuudhaan waan ergamichi jedheen gootetti; ilmishee Ismaa’elis nagaadhaan qe’ee abbaasaatti dhalateera.

15. Qajeelfama Yihowaa hordofuuf gad of deebisuun kan barbaachisu yeroo akkamiitti akka ta’e ibsi.

15 Nuyis qajeelfama Yihowaa hordofuuf gad of deebisuun nu barbaachisuu danda’a. Obboloonni tokko tokko bashannanni isaan jaallatan Yihowaa kan hin gammachiisne ta’uusaa amanuu qabu. Kiristiyaanni tokko nama aarse tokko dhiifama gaafachuu ykn dogoggora raawwate amanuu qaba. Namni tokko cubbuu cimaa yoo hojjetehoo? Gad of deebisuudhaan cubbuusaa jaarsoliitti himachuu qaba. Namni tokko gumiidhaa baafamuyyuu ni danda’a. Gumiitti deebifamuu yoo barbaade, gad of deebisuudhaan yaada garaasaa jijjiirratee balleessaasaarraa deebi’uu qaba. Haala akkasiis ta’e kan biraa keessatti, yaanni Fakkeenya 29:23⁠rra jiru kan nama jajjabeessudha. Akkas jedha: “Of gurguddisuun, gad deebii namatti fida, kan gad of deebisu garuu, ulfina in argata.”

Yihowaan Qajeelfama Kan Nuu Kennu Karaa Kamiini?

16, 17. Macaafa Qulqulluu isa hunda caalaa qajeelfama Waaqayyoo nuu kennurraa guutummaatti fayyadamuu kan dandeenyu akkamitti?

16 Maddi Qajeelfama Waaqayyoo irraa argannu inni hunda caalu, Macaafa Qulqulluu isa geggeessaa hafuura Waaqayyootiin barreeffamedha. (2 Ximotewos 3:16, 17 dubbisi.) Dubbii Waaqayyoo kanarraa faayidaa guddaa argachuuf, hamma rakkinni dhufutti eeguu mannaa yaadawwan nama gargaaran Caaffata Qulqullaa’oorraa ammuma barachuu qabna. Guyyaa guyyaadhaan Macaafa Qulqulluu dubbisuu qabna. (Far. 1:1-3) Akkas gochuudhaan wanta Dubbii Waaqayyoo isa geggeessaa hafuuraatiin barreeffame keessa jiru beekuu dandeenya. Kunis yaada Waaqayyoo wajjin wal fakkaatu akka qabaannu waan godhuuf, rakkoowwan utuu hin yaadin nutti dhufanillee mo’uuf qophaa’oo taana.

17 Kana malees, wanta Caaffata Qulqullaa’oorraa dubbisnerratti xiinxaluufi waa’eesaa kadhachuun keenya barbaachisaadha. Caqasawwan Macaafa Qulqulluurratti yommuu xiinxallu, caqasawwan kun haala adda ta’e tokko keessatti akkamitti hojiirra ooluu akka danda’an hubanna. (Far. 77:12) Rakkoo cimaan yommuu nu mudatu, qajeelfama barbaachisaa ta’e argachuuf akka nu gargaaru Yihowaa kadhanna. Hafuurri Yihowaa, seerawwan bu’uuraa Caaffata Qulqullaa’oo nu fayyadan akka yaadannu nu gargaara. Seerawwan bu’uuraa kunis, yeroo Macaafa Qulqulluu ykn barreeffama isarratti hundaa’e dubbisnu kan arganne ta’uu danda’u.Faarfannaa 25:4, 5 dubbisi.

18. Yihowaan qajeelfama nuu kennuuf Kiristiyaanota obboloota keenya ta’anitti kan fayyadamu karaawwan kamiini?

18 Maddi qajeelfama Yihowaa irraa argannu inni kaanimmoo waldaa obbolummaati. Handhuurri waldaa obbolummaa kanaammoo ‘hojjetaa amanamaafi ogeessa’ Qaama Olaanaatiin bakka buufamedha. Hojjetaan kunis barreeffamootaan, akkasumas sagantaawwan gumiifi walga’ii gurguddaatiin, yeroo yeroodhaan nyaata hafuuraa nuu dhiheessa. (Mat. 24:45-47; HoE. 15:6, 22-31 ilaali.) Kana malees, waldaa obbolummaa kana keessa, Kiristiyaanonni ga’eessota ta’an, keessumaa jaarsoliin dhuunfaatti gargaaruufi gorsa Caaffata Qulqullaa’oorratti hundaa’e kennuuf ga’eessota ta’an jiru. (Isa. 32:1) Dargaggoonni maatii Kiristiyaanaa keessatti argamanimmoo gargaarsa dabalataa argatu. Waaqayyo warrasaanii warra amananirraa qajeelfamasaa akka argatan isaan jajjabeessa.—Efe. 6:1-3.

19. Yeroo hunda qajeelfama Yihowaa yoo barbaanne eebbawwan akkamii arganna?

19 Eeyyee, Yihowaan karaawwan hedduudhaan qajeelfama kan nuu kennu si’a ta’u, nuyis qajeelfama kanarraa guutummaatti fayyadamuu qabna. Daawit Mootichi, waa’ee yeroo Israa’eloonni amanamoo itti turanii ennaa dubbatu akkas jedheera: “Abboonni keenya si amanatan, isaan in amanatan, atis isaan in oolchite; gara keetti iyyanii, in baraaraman, si amanatanii, hin yeellaasifamnes.” (Far. 22:3-5) Yihowaatti amanamuudhaan qajeelfamasaa yoo hordofne, nuyis ‘hin yeellaasifamnu.’ Abdiin nuu kenname utuu hin raawwatamin hin oolu. Beekumsa keenyatti amanamuu mannaa ‘karaa keenya Yihowaatti yoo kennanne,’ yeroo ammaattillee eebbawwan hedduu arganna. (Far. 37:5) Hamma dhumaatti karaa kanaan yoo itti fufne, eebba barabaraa arganna. Daawit Mootichi akkas jedheera: “Waaqayyo waan dhugaa ta’e in jaallata, warra isaaf of kennanis hin gatu; isaan bara baraan in eegamu. . . . Warri qajeelonni biyya in qabaatu [“lafa in dhaalu,” 1899], yeroo hundumaafis keessa in taa’u.”—Far. 37:28, 29.

Ibsuu Dandeessaa?

• Qajeelfama Yihowaatti kan amanamnu maaliifi?

• Qajeelfama Yihowaa diduun keenya maal argisiisa?

• Kiristiyaanni tokko gad of deebisuun kan isa barbaachisu yeroo akkamiitti?

• Yeroo har’aa Yihowaan qajeelfama kan nuu kennu karaawwan kamiini?

[Gaaffiiwwan Qayyabannaa]

[Fakkii fuula 8rra jiru]

Jireenyakee hundumaan qajeelfama Yihowaa ni barbaaddaa?

[Fakkii fuula 9rra jiru]

Hewwaan olaantummaa Yihowaa mormiteetti

[Fakkii fuula 10rra jiru]

Aggaar qajeelfama ergamichaa hordofuuf amala akkamii qabaachuun ishee barbaachiseera?