Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Ni Yaadattaa?

Ni Yaadattaa?

Ni Yaadattaa?

Barruulee Masaraa Eegumsaa dhiheenya kanatti ba’an dubbisuudhaan gammaddeettaa? Mee gaaffiiwwan armaan gadii deebisuu yaali:

• Ogeeyyiin urjii lakkaa’an Yesusiin kan daawwatan yoom ture?

Maxxansi Macaafa Qulqulluu tokko yaada kana ilaalchisee akkas jedha: “Ogeeyyiin kun Yesusin kan gaafatan akka tiksitoota sanaa, halkanuma inni dhalateefi siree horiin irraa nyaatanirratti hin turre. Kan isaan dhufan ji’oota muraasa booda ture.” Yeroo sanatti Yesus ‘mucaa’ xinnoo guddate kan ture si’a ta’u, kan arganis mana keessatti ture. (Mat. 2:7-11) Namoonni urjii lakkaa’an kun halkanuma Yesus dhalatetti isa daawwatanii warqeefi kennaawwan gati jabeeyyii isaaf kennaniiru utuu ta’e, Maariyaam guyyaa 40 booda Yesusiin gara mana qulqullummaa yommuu geessitu gugee lama qofa dhiheessiti turtee?—1/1, ful. 31.

• Namoonni baay’een jireenyisaanii kaayyoo akka qabaatuuf maal gochuu danda’u?

Namni tokko, ‘Haalakoo sirreessuudhaan jireenyakoo salphaa gochuu nan danda’aa?’ jedhee gaafata ta’a. Eemiin akkasuma gooteetti. Isheen soorettii taatus, gammachuu hin qabdu turte. Hojii biyya lafaa hordofuunshee akka amantaarraa baduuf yeroo xinnoon akka ishee hafe hubatte. Kanaaf, fedhii Mootummichaaf dursa kennuuf murteessuudhaan, waggoota muraasaaf qajeelchaa ta’uu dandeesseetti. Eemiin “Amma gammachuun yommuun yerookoo biyya lafaatiif hojjechuudhaan fixetti hin arganne argadheera” jechuudhaan dubbatteetti.—1/15, ful. 19.

• Wantoonni haadhotiin akka milkaa’an godhan tokko tokko maalfa’i?

Haadhotiin baay’een manasaaniitii ala hojjetu. Warri tokko tokko kana kan godhan wantoota maatiisaaniitiif barbaachisan guutuufidha. Warri kaanimmoo qarshii akka barbaadanitti baasan argachuuf ykn jireenya qannoo jiraachuufidha. Kaanimmoo hojiisaanii waan jaallataniifidha. Haadhotiin Kiristiyaan ta’an yeroo mucaan umrii daa’imummaarra jirutti ga’een isaan mana keessatti qaban baay’ee guddaadha. Haadhotiin tokko tokko caalaatti maatiisaaniirratti xiyyeeffachuuf jecha, sa’aatii manasaanii ala hojjetan xinneessuuf ykn hojiisaanii dhaabuuf filataniiru; akkas gochuunsaaniis gammachuu isaaniif argamsiiseera.—2/1, ful 28-31.

• Yesus Maatewos 24:34rratti ‘dhaloota si’anaa’ yeroo jedhu maal jechuusaa ture?

Yesus yeroo baay’ee jecha ‘dhaloota’ jedhuun kan fayyadame namoota hamoo yeroo sana turan argisiisuuf ture. Caqasa kanarratti kan inni dubbate garuu, bartoonnisaa yeroo muraasa booda hafuura qulqulluudhaan waan dibamaniif jecha kanatti karaa kanaan hin gargaaramne. Xumura Maatewos 24:32, 33⁠rratti ibsamerra ga’uu kan danda’an bartootasaa kanadha. Kanarraa ka’uudhaanis, Yesus ‘dhaloota’ yeroo jedhu duuka buutotasaa dibamoo jaarraa jalqabaafi yeroo ammaatti jiran kan argisiisudha jechuu dandeenya.—2/15, ful. 23-4.

• Akka hiika bara 1899⁠tti, Galaatiyaa 3:24rratti seerichi eegduu kan ta’e akkamitti?

Bara durii, yeroo hedduu namni eegduu ta’uuf filatamu hojjetaa amanamaa ta’uu, nageenya mucichaa eeguu, akkasumas karaa abbaan barbaaduun mucichi kunuunfamuusaa to’achuuf itti gaafatama qaba. Haaluma wal fakkaatuunis, seerichi Israa’eloota dhiibbaa gadhee, kan akka namoota saba Waaqayyoo hin taane wajjin gaa’ela uumuu fakkaatan ni dhowwa ture. Haata’u malee akkuma eegduu mucaa, seerichi yeroodhaaf qofa kan tajaajilu yommuu ta’u, kan inni hojjetus hanga Kiristos dhufuttidha.—3/1, fuula 18-21. (Amaariffa)

• Akkuma Yaaqoob 3:17rratti ibsametti, amalawwan akkamii argisiisuu qabna?

Qulqulluu taanee jiraachuuf, wantoota hamaarraa atattamaan fagaachuu nu barbaachisa. (Uma. 39:7-9) Kana malees, dafnee aaruufi dubbii barbaachuu dhiisuu ykn gocha nagaa booressu gochuurraa fagaachuu qabna. Kanaaf, hundi keenya akkas jennee of gaafachuu qabna: ‘Nagaa buusuumoo nagaa booressuudhaan beekama? Yeroo baay’ee namoota kaanii wajjin walittan bu’aa? Salphaadhumattan mufadhaa ykn warra kaan mufachiisaa? Dafeen dhiifama godhaa? Warri kaan ilaalchakoo akka fudhatan dhiibbaa gochuurraa ofan qusadhaa?’—3/15, ful. 24-5.

• Yesus nama ijisaa hin argine suuta suutaan kan fayyise maaliifi? (Mar. 8:22-26)

Macaafni Qulqulluun dhimma kana ilaalchisee kallattiidhaan deebii hin kennu. Haata’u malee, nama ijisaa hin argine kana suuta suutaan fayyisuudhaan wantoota haaraa naannoosaatti arguu wajjin irraa jalaan akka wal baru gochuuf ta’uu danda’a. Kunis Yesus nama ijisaa hin argine sana akka jaallatuufi akka yaaduuf kan argisiisudha.—4/1, ful. 30. (Amaariffa)