Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Wanti Jireenyi Faayidaa Akka Qabaatu Godhu Maalidha?

Wanti Jireenyi Faayidaa Akka Qabaatu Godhu Maalidha?

Wanti Jireenyi Faayidaa Akka Qabaatu Godhu Maalidha?

“Waaqayyoon sodaadhu, abboommii isaas eegi!” —LAL. 12:13.

1, 2. Macaafa Lallabaa qoruudhaan faayidaa argachuu kan dandeenyu akkamitti?

MEE waa’ee nama waan hundumaa qabu tokkoo yaadi. Namni kun mootii beekamaa, namoota yeroo sana jiraatan hunda caalaa sooressaafi baay’ee ogeessa ta’edha. Kana hunda qabaatuyyuu, ‘Wanti jireenyi faayidaa akka qabaatu godhu maalidha?’ jedhee of gaafatee ture.

2 Namni kun waggoota kuma sadii dura kan jiraatedha. Maqaansaa Solomoon kan jedhamu si’a ta’u, barbaacha inni gammachuu argachuuf godhe macaafa Lallabaa keessatti arganna. (Lal. 1:13) Seenaa Solomoonirraa waan baay’ee barachuu dandeenya. Dhugumayyuu, ogummaan macaafa Lallabaa keessatti argamu jireenya kaayyoo dhugaa qabu jiraachuuf galma akka baafannu nu gargaara.

“Qilleensa Ari’uu”

3. Jireenya ilmaan namootaa ilaalchisee haqni hundi keenya hubachuu qabnu maalidha?

3 Solomoon, Waaqayyo lafarratti wantoota mimmiidhagoo dhuma hin qabne uumuusaa dubbateera. Wantoonni kun dinqisiisoo, qalbii namaa kan hawwataniifi barabaraan kan nama gammachiisan akka ta’anis ibseera. Haata’u malee, barri jireenya keenyaa gabaabaa waan ta’eef wantoota Waaqayyo uume qorree fixuu hin dandeenyu. (Lal. 3:11; 8:17) Akkuma Macaafni Qulqulluun jedhu barri jireenya keenyaa gabaabaafi dafee kan darbudha. (Iyo. 14:1, 2; Lal. 6:12) Haqni kun jireenya keenya ogummaadhaan akka itti fayyadamnu nu kakaasuu qaba. Biyyi lafaa Seexanni seerratu, karaa sirrii hin taanerra akka adeemnuuf dhiibbaa waan nurraan ga’uuf akkas gochuun salphaa miti.

4. (a) Jechi “waa’ee hin baasu” jedhu maal kan argisiisudha? (b) Wanta jireenya keessatti hordofnu maalfaa ilaalla?

4 Solomoon balaa karaa sirrii hin taaneen jireenya ofiitti fayyadamuun qabu ibsuuf, macaafa Lallabaa keessatti jecha “waa’ee hin baasu” jedhuu wajjin wal gitan al 30 ol barreesseera. Jechi afaan Ibrootaa “waa’ee hin baasu” jedhu, wanta duwwaa, gatii kan hin qabne, hiika kan hin qabnefi faayidaa yeroo dheeraa turu kan hin argamsiisne jedhamee hiikameera. (Lal. 1:2, 3) Al tokko tokko Solomoon jecha “waa’ee hin baasu” jedhu, “qilleensa ari’uu” jechuudhaanis ibseera. (Lal. 1:14; 2:11) Qilleensa qabuuf fiiguun waan gatii hin qabne ta’uunsaa beekamaadha. Namni akkas gochuuf yaalu dhumarratti waan tokkoyyuu hin qabatu. Haaluma wal fakkaatuun galmawwan sirrii hin taane hordofuun abdii nama kutachiisa. Sirna biyya lafaa kana keessatti jireenyi baay’ee gabaabaa waan ta’eef, kana hordofuuf carraaquun harka qullaa nu hambisa. Dogoggora wal fakkaatu akka hin hojjenneef, fakkeenya Solomoon wanta jireenya keessatti hordofuu akka dandeenyuuf nu gargaaru kenne mee haa ilaallu. Jalqaba waa’ee gammachuufi qabeenya hordofuu ilaalla. Achiis, faayidaa hojiin Waaqayyoon gammachiisu qabu ilaalla.

Maal Hordofuutu Gammachuu Argamsiisa?

5. Solomoon gammachuu argachuuf kan yaale eessaa ture?

5 Akkuma namoota yeroo har’aatti jiranii Solomoon jireenya gammachuu qabu hordofuudhaan gammachuu argachuuf yaaleera. “Wanta iji koo hawwe hundumaa ani hin dhowwanne, garaa koos gammaduu irraa hin dhowwine” jechuudhaan barreesseera. (Lal. 2:10) Gammachuu argachuu kan yaale eessaati? Akka Lallabni boqonnaa 2 jedhutti of qabuudhaan ‘daadhii wayniitiin namummaasaa gammachiisaa’, naannoo mana jireenyaasaa bareechaa, manneetii mootummaa ijaaraa, muuziqaa dhaggeeffachaafi nyaata mi’aawaa nyaachaa ture.

6. (a) Wantoota gaarii jireenya keessatti argaman tokko tokkotti gammaduun dogoggora kan hin qabne maaliifi? (b) Bashannana ilaalchisee of eeggannoo gochuun barbaachisaa kan ta’e maaliifi?

6 Macaafni Qulqulluun hiriyootaa wajjin yeroo gaarii dabarsuu ni dhowwaa? Matumaa. Fakkeenyaaf, Solomoon hojii cimaa erga hojjetanii booda bakka nama bashannansiisu ta’anii nyaata nyaachuun kennaa Waaqayyoo akka ta’e barreesseera. (Lallaba 2:24; 3:12, 13 dubbisi.) Kana malees Yihowaan, dargaggeessaan “garaan kee haa gammadu, gara yaadni kee si geessutti adeemi” jedhe afeereera. (Lal. 11:9) Bashannanni sirrii ta’e nu barbaachisa. (Maarqos 6:31 waliin ilaali.) Haata’u malee, bashannanni wanta jireenya keenya keessatti dursi kennamuufii qabu miti. Kanaa mannaa bashannana hangisaa murteeffameefi faayida qabeessa ta’etti bashannanuu qabna. Bashannanarratti yeroo dheeraa dabarsuun balaa geessisa. Haaluma walfakkaatuun, Solomoon jireenyi gammachuurratti hundaa’e “qilleensa ari’uu” akka ta’e bira ga’eera.—Lal. 2:10, 11.

7. Wanta itti bashannannu of eeggannoodhaan filachuu kan qabnu maaliifi?

7 Kana malees, bashannana hundatu gaariidha jechuu miti. Baay’eensaanii karaa hafuuraas ta’e karaa amalaa kan nama hubanidha. Namoonni miliyoonaan lakkaa’aman ‘yeroo gaarii dabarsuu waan barbaadaniif’ qoricha sammuu hadoochuun, dhugaatii alkoolii garmalee dhuguufi qumaaraan jireenyasaanii balleessuudhaan abdii kan kutatan mitii? Yihowaan, garaan ykn iji keenya wanta hamaa akka godhu kan heyyamnu yoo ta’e, miidhaa akka nurraan geessisu nu akeekkachiisa.—Gal. 6:7.

8. Akkaataa jireenya keenyaarratti xiinxaluun barbaachisaa kan ta’e maaliifi?

8 Kana malees, yeroo hundumaa gammachuu argachuuf carraaqqii gochuun keenya, wantoota bakka guddaan kennamuufii qaburratti akka hin xiyyeeffanne nu godha. Jireenyi dafee kan darbuufi gabaabaa ta’uusaarrayyuu, fayyaa gaarii qabaachuufi jireenya rakkinarraa walaba ta’e jiraachuu hin dandeenyu. Solomoon itti dabaluudhaan “mana cidhaa dhaquu mannaa” sirna awwaalchaa Kiristiyaanota amanamoorratti argamuun caalaatti faayidaa kan qabu akka ta’e barreesseera. (Lallaba 7:2, 4 dubbisi.) Akkas kan jennu maaliifi? Haasawaa sirna awwalchaa dhaggeeffachuufi seenaa jireenyaa tajaajiltoota amanamoo du’anirratti xiinxaluun, jireenya keenya qoruuf nu kakaasuu danda’a. Sana booda, jireenya keenya ogummaadhaan itti fayyadamuuf jecha galma keenya sirreessuuf murteessina ta’a.—Lal. 12:1.

Qabeenyi Gammachuu Nuuf Argamsiisaa?

9. Qabeenya horachuu ilaalchisee Solomoon maal hubateera?

9 Solomoon macaafa Lallabaa yeroo barreesse namoota bara sana jiraatan hunda caalaa sooressa ture. (2 Sen. 9:22) Wanta barbaade hunda argachuu danda’a ture. “Wanta iji koo hawwe hundumaa ani hin dhowwanne” jechuudhaan barreesseera. (Lal. 2:10) Qabeenyi qofti garuu gammachuu akka hin argamsiisne hubateera. “Namni horii jaallatu horii hin quufu, namni badhaadhummaa jaallatus isa hin quufu” jechuudhaan xumureera.—Lal. 5:10.

10. Wanti gammachuufi qabeenya dhugaa argamsiisu maalidha?

10 Faayidaan qabeenyaa hamma liphsuu ijaa kan turu ta’us, qalbii namaa hawwachuuf humna guddaa qaba. Qorannaan dhiheenya kana Yuunaayitid Isteets keessatti godhame, barattoota yunivarsiitii waggaa jalqabaa keessaa harka 75 kan ta’an, galmisaanii guddaan “baay’ee sooressa ta’uu” akka ta’e ibseera. Utuma galmasaaniirra ga’uu danda’anii, dhugummaan gammachuu ni argatuu? Matumaa. Dhimma kana ilaalchisee namoonni qorannaa godhan qabeenyi gammachuu akka hin argamsiisne hubataniiru. Bara dheeraa dura, Solomoon kana hubatee ture. “Meetii, warqee, badhaadhummaa mootonni . . . qabaatanis walitti qabadheera . . . wanti kun hundinuu waa’ee hin baasu, akka nama qilleensa ari’uu tis” jechuudhaan barreesseera. * (Lal. 2:8, 11) Faallaa kanaatiin, jireenya keenya garaa guutuudhaan Yihowaa tajaajiluuf yoo itti fayyadamne, eebbasaa argachuudhaan qabeenya isa dhugaa arganna.—Fakkeenya 10:22 dubbisi.

Gammachuu Dhugaa Kan Argamsiisu Hojii Akkamiiti?

11. Caaffanni Qulqullaa’oon faayidaa hojiin qabu kan ibsan akkamitti?

11 Yesus, “Abbaan koo amma iyyuu hojjechuutti jira, anis immoo nan hojjedha” jedheera. (Yoh. 5:17) Yihowaanis ta’e Yesus hojiirraa gammachuu akka argatan beekamaadha. Macaafni Qulqulluun Yihowaan hojii harkasaatti gammaduusaa yeroo ibsu, “Waaqayyo waanuma hojjete hundumaa in ilaale; kunoo, innis baay’ee gaarii ture” jedheera. (Uma. 1:31) Ergamoonni wanta Waaqayyo hojjete hundumaa yeroo argan, “guddisanii sagalee gammachuu in dhageessisan.” (Iyo. 38:4-7) Solomoonis hojii kaayyoo sirrii ta’e hojjechuun faayidaa akka qabu hubateera.—Lal. 3:13.

12, 13. (a) Namoonni lama hojiin gammachuu kan argamsiisu ta’uusaa kan ibsan akkamitti? (b) Hojiin abdii nama kutachiisuu kan danda’u maaliif?

12 Namoonni hedduun faayidaa jabaatanii hojjechuun qabu ni hubatu. Fakkeenyaaf namni Hosee jedhamuufi fakkii kaasuudhaan beekamaa ta’e akkas jedheera: “Fakkii sammuu keessanitti yaaddan yommuu sharaarratti kaastan, akkuma nama tabba guddaa yaabee ba’eetti isinitti dhaga’ama.” Daldalaan Miigeel * jedhamummoo akkas jedheera: “Hojiin wanta maatii keessaniif barbaachisu dhiheessuuf waan isin gargaaruuf, gammachuu isiniif argamsiisa. Akka wanta tokko bakkaan geessanitti isinitti dhaga’ama.”

13 Karaa biraammoo, hojiiwwan baay’een kana nama nuffisiisaniifi wanta haaraa ta’e tokko hojjechuuf carraa kan namaa hin kenninedha. Al tokko tokko bakkumti hojiillee abdii kan nama kutachiisuufi bakka loogiin itti raawwatamu ta’uu danda’a. Akkuma Solomoon jedhe, namni dhibaa’aan namoota taayitaarra jiranii wajjin hariiroo waan qabuuf, wanta namni kaan itti dadhabee hojjete irraa fudhachuu danda’a. (Lal. 2:21) Sababiiwwan kaanis abdii kan nama kutachiisan ta’uu danda’u. Daldalli jalqabarratti bu’aa gaarii argamsiisa jedhamee yaadamu, dhumarratti sababii kufaatii dinagdeetiin ykn sababa yeroofi wal arguun geessisuun kasaaraarra bu’uu danda’a. (Lallaba 9:11 dubbisi.) Yeroo baay’ee, namni milkaa’ina argachuuf jabaatee hojjetu, wanta inni ‘itti dadhabee hojjete qilleensi fudhachuunsaa’ isa aarsuufi abdii isa kutachiisuu danda’a.—Lal. 5:16.

14. Hojiin yeroo hundumaa gammachuu namaaf argamsiisu maalidha?

14 Hojiin tasumaa abdii nama hin kutachiisne jiraa? Hosee inni armaan olitti caqasame akkas jedheera: “Waggoonni darbaa ennaa adeeman, fakkiiwwan kaafaman hatamuu ykn manca’uu danda’u. Bu’aan tajaajilarraa argamu garuu akkas miti. Yihowaa wajjin hojii lallabaarratti hirmaachuudhaan namoonni kaan barabaraaf Kiristiyaanota gaarii Waaqayyoon sodaatan akka ta’an gargaareera. Kunimmoo faayidaa guddaa kan qabudha.” (1 Qor. 3:9-11) Miigeelis ergaa Mootummichaa lallabuun hojii dhuunfaa caalaa gammachuu kan argamsiisu ta’uusaa ibseera. “Nama tokkotti dhugaa Caaffata Qulqullaa’oo erga itti himtanii booda, garaansaa yeroo tuqamu arguu caalaa wanti nama gammachiisu hin jiru” jedheera.

‘Midhaan Kee Ceesisii’

15. Wanti dhugumaan jireenyi faayidaa akka qabaatu godhu maalidha?

15 Wanti dhugumaan jireenyi faayidaa akka qabaatu godhu maalidha? Jireenya gabaabaa sirna biyya lafaa kana keessatti, wanta gaarii gochuufi Yihowaa gammachiisuun keenya, gammachuu dhugaa nuuf argamsiisa. Yihowaa wajjin hariiroo gaarii uumuu, ijoollee keenyaaf dhaala hafuuraa dabarsuu, namoonni kaan Yihowaa akka beekan gargaaruufi obboloota keenyaa wajjin michooma barabaraa uumuu dandeenya. (Gal. 6:10) Namoonni wantoota kana gochuuf carraaqan faayidaafi eebba barabaraa argatu. Solomoon bu’aa wanta gaarii gochuun qabu ibseera. Akkas jedheera: “Bara baay’ee booddee deebitee waan argattuuf, midhaan kee bishaan irra ceesisii nama biyya fagoo jiruun ga’i!” (Lal. 11:1) Yesus ergamootasaa yeroo gorsu, “Kennaa, Waaqayyos isiniif in kenna” jedheera. (Luq. 6:38) Kana malees, Yihowaan warra namoota kaaniif gaarii godhan akka eebbisu waadaa galeera.—Fak. 19:17; Ibroota 6:10 dubbisi.

16. Yeroo gaariin jireenya keenyaaf karoora itti baasnu yoomidha?

16 Macaafni Qulqulluun, bara dargaggummaa keenyaatti akka itti jireenya keenyatti fayyadamnu ilaalchisee, filannoowwan sirrii akka goonu nu gorsa. Karaa kanaan, gaabbii jireenya keenya boodaatti dhufuu danda’u hambisuu dandeenya. (Lal. 12:1) Waggoota ba’eessa ta’an, wantoota biyya lafaa qalbii nama hawwatan ari’uudhaan kan dabarsinu yoo ta’e, baay’ee kan nama gaddisiisuufi qilleensa qabachuu caalaa faayidaa kan hin qabnedha!

17. Karaa jireenya isa gaarii filachuuf maaltu si gargaaruu danda’a?

17 Yihowaan akka abbaa jaallatamaatti, jireenyatti akka gammaddu, wantoota gaarii akka hojjettuufi wantoota nama gaddisiisanirraa akka fagaattu barbaada. (Lal. 11:9, 10) Akkas gochuuf kan si gargaaru maalidha? Galmawwan hafuuraa baafachuudhaan isaan bira ga’uuf carraaqqii cimaa godhi. Waggoota 20 dura obboleessi Kaaviyeer jedhamu ogeessa fayyaa ta’uu ykn tajaajilaa yeroo guutuu ta’uu keessaa tokko filachuu qaba ture. Akkas jedha: “Hojiin doktoorummaa kan nama gammachiisu ta’uyyuu, gammachuu namoonni baay’een dhugaa akka beekan gochuudhaan argadhe garuu kanaa wajjin kan wal gitu miti. Tajaajilli yeroo guutuu jireenya kootti guddaa akkan gammadu na dandeessiseera. Kan na gaabbisiisu dafee jalqabuu dhiisuukooti.”

18. Jireenyi Yesus inni lafarraa baay’ee faayida qabeessa ture kan jennu maaliif?

18 Egaa wanti hunda caalaa faayida qabeessa ta’eefi argachuuf carraaquu qabnu maalidha? Macaafni Lallabaa: “Urgooftuu gaarii irra, maqaa gaarii wayya; guyyaa dhalatan irra, guyyaa du’an wayya” jedha. (Lal. 7:1) Jireenya Yesus caalaa wanti dhugaa kana mirkaneessu hin jiru. Inni Yihowaa duratti maqaa gaarii qaba ture. Yesus amanamummaadhaan yeroo du’e, olaantummaa Abbaasaa kan mirkaneesse ta’uusaarrayyuu, aarsaa furii fayyina nuu argamsiisu dhiheesseera. (Mat. 20:28) Yesus yeroo gabaabaadhaaf lafarra turetti, jireenya faayidaa qabu hordofuuf carraaqqii akka goonu fakkeenya gaarii nuu ta’eera.—1 Qor. 11:1; 1 Phe. 2:21.

19. Solomoon gorsa faayida qabeessa akkamii kenne?

19 Nuyis Waaqayyo duratti maqaa gaarii qabaachuu dandeenya. Yihowaa duratti maqaa gaarii qabaachuun qabeenya kamiyyuu kan caaludha. (Maatewos 6:19-21.) Guyyaa hundumaa, wantoota ija Yihowaa duratti gaarii ta’an gochuuf carraa barbaaduufi jireenya keenya fooyyessuu dandeenya. Fakkeenyaaf, namootaaf misiraachoo ni lallabna, gaa’elaafi maatii keenya ni jabeessina, akkasumas qayyabannaa dhuunfaa gochuufi walga’iiwwanirratti argamuudhaan hariiroo Yihowaa wajjin qabnu fooyyeffachuu dandeenya. (Lal. 11:6; Ibr. 13:16) Egaa, jireenya faayidaa qabu jiraachuu hin barbaadduu? Taanaan, gorsa Solomoon: “Waaqayyoon sodaadhu, abboommii isaas eegi! Kun nama hundumaa irraa in barbaadama” jedhu hojiirra oolchuukee itti fufi.—Lal. 12:13.

[Miiljalee]

^ key. 10 Galiin Solomoon waggaatti argatu warqee kiilogiraamii 22,000 ol ta’u ture.—2 Sen. 9:13.

^ key. 12 Maqaansaa jijjiirameera.

Maal Jettee Deebista?

• Galma baafannu gadi fageenyaan akka yaannu nu kakaasuu kan qabu maalidha?

• Gammachuufi qabeenya hordofuuf ilaalcha akkamii qabaachuu qabna?

• Hojii akkamiitu gammachuu dhugaa argamsiisa?

• Qabeenyi faayida qabeessa ta’eefi argachuuf carraaquu qabnu maalidha?

[Gaaffiiwwan Qayyabannaa]

[Fakkii fuula 23rra jiru]

Bashannanni jireenya keenya keessatti iddoo akkamii qabaachuu qaba?

[Fakkii fuula 24rra jiru]

Wanti hojiin lallabaa gammachiisaa akka ta’u godhu maalidha?