Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Yaadawwan Ijoo Macaafa Yohannis

Yaadawwan Ijoo Macaafa Yohannis

Dubbiin Yihowaa Jiraataadha

Yaadawwan Ijoo Macaafa Yohannis

YOHAANIS—‘bartuu Yesus jaallatu’ si’a ta’u, nama isa dhumaa waa’ee jireenyaafi tajaajila Yesus geggeessaa hafuura qulqulluutiin barreessedha. (Yoh. 21:20) Wangeelli Yohannis Dh.K.B. bara 98 kan barreeffame yommuu ta’u, Wangeelota sadan keessaa yaadawwan muraasa qofa caqase.

Yohannis ergamaan kaayyoo tokko sammuutti qabachuudhaan Wangeelasaa barreesse. Wantoota barreesse ilaalchisee akkas jedheera: “Isaan kun garuu, Yesus, Kristosicha, ilma Waaqayyoo ta’uu isaa akka amantaniif, amanachuu keessaniinis maqaa isaatti jireenya akka qabaattaniif caafaman.” (Yoh. 20:31) Dhugumayyuu, ergaansaa faayidaa guddaa nuu argamsiisa.—Ibr. 4:12.

“ILAA HOOLICHA WAAQAYYOO”

(Yohannis 1:1–11:54)

Yohannis Cuuphaan yeroo Yesusiin argetti amantaa guutuudhaan, “Ilaa hoolicha Waaqayyoo, isa cubbuu biyya lafaa irraa fuudhu” jechuudhaan dubbateera. (Yoh. 1:29) Yesus yeroo Samaariyaa, Galiilaa, Yihudaafi Yordaanos bahaatti lallabaa, barsiisaafi gochawwan dinqisiisoo raawwachaa turetti, ‘namoonni baay’een dhufanii isatti amananii’ turan.—Yoh. 10:41, 42.

Dinqiiwwan gurguddaa Yesus raawwate keessaa inni tokko Alaazaariin du’aa kaasuu ture. Namoonni baay’een Yesus nama guyyaa afuriif du’ee ture du’aa kaasuusaa yeroo argan isatti amananiiru. Angafoonni lubootaafi Fariisonni garuu, Yesusiin ajjeesuuf mari’atan. Yesusis, “gara kutaa biyyaa isa lafa onaatti dhi’aatuu, gara mandara Efreem jedhamuu dhaqe.”—Yoh. 11:53, 54.

Gaaffiiwwan Caaffata Qulqullaa’aafi Deebiisaanii:

1:35, 40—Indiriyaasii wajjin Yohannis Cuuphaa bira dhaabataa kan ture eenyu? Barreessaan kitaabichaa, Yohaannis Cuuphaadhaan “Yohannis” jedha malee Wangeelasaa keessatti maqaa ofiisaa al tokkoyyuu hin caqasne. Kanaaf, duuka bu’aan maqaansaa hin caqasamne kun Yohannis isa Wangeela barreesse akka ture beekamaadha.

2:20—Manni qulqullummaa “ijaaruun isaa waggaa afurtamii ja’a fudhate” isa kami? Yihudoonni, waa’ee mana qulqullummaa Zarubaabel, isa Herodis Mootiin Yihudaa deebisee ijaarsise dubbachuusaanii ture. Akka Joseefas inni barreessaa seenaa ture jedhetti, hojichi kan jalqabame waggaa 18⁠ffaa bulchiinsa Herodisitti ykn Dh.K.D. bara 18/17⁠tti ture. Manni qulqullummaafi ijaarsawwan tokko tokko waggaa saddeet keessatti xumuraman. Haata’u malee, guutummaan hojiiwwan mana qulqullummaa hamma ayyaanni Faasiikaa Dh.K.B. bara 30 godhame boodaatti, jechuunis hanga Yihudoonni ijaarsichi waggaa 46 fudhateera jedhan sanaatti itti fufeera.

5:14—Dhukkubni cubbuu hojjechuudhaan kan dhufudhaa? Ta’uu dhiisuu danda’a. Namichi Yesus fayyise cubbuu Addaamirraa dhaaleen waggaa 38 dhukkubsateera. (Yoh. 5:1-9) Yesus amma namichi araara waan argateef, daandii fayyina argamsiisurra adeemuufi wanti dhukkubarra caalu akka isa mudatu beekuudhaan, ta’e jedhee cubbuu hojjechuurraa akka of qusatu itti himuusaa ture. Namni kun cubbuu dhiifama hin argamsiisneefi du’a barabaraa isatti fidu raawwachuu danda’a.—Mat. 12:31, 32; Luq. 12:10; Ibr. 10:26, 27.

5:24, 25—Warri ‘du’a keessaa gara jireenyaatti darban’ eenyufa’i? Yesus waa’ee namoota yeroo tokko karaa hafuuraa du’anii turaniifi booddee garuu dubbiisaa dhaga’anii isatti amanamuudhaan, cubbuu hojjechuu dhiisanii dubbachuusaa ture. Duuti isaanitti murteeffame waan isaanirraa fuudhameef, ‘du’a keessaa gara jireenyaatti kan darban’ si’a ta’u, Waaqayyootti amanuusaaniitiin abdiin jireenya barabaraa isaaniif kennameera.—1 Phe. 4:3-6.

5:26; 6:53—Yesus “burqaa jireenyaa” jedhamuunsaafi duuka buutonnisaa akka ‘jireenya of keessaa qaban’ ibsamuunsaa maal argisiisa? Kun Yesus Kiristosiif, dandeettiiwwan addaa lama jechuunis—ilmaan namootaa Yihowaa duratti fudhatama akka qabaatan gochuufi namoota du’an kaasuun isaaf kennamuusaa argisiisa. Duuka buutota Yesusiifimmoo, ‘jireenya of keessaa qabaachuu’ jechuun jireenya barabaraa argachuu jechuudha. Kiristiyaanonni dibamoon samiirra jiraachuuf yeroo du’aa ka’an jireenya kana argatu. Tajaajiltonni Waaqayyoo amanamoon lafarra jiraachuuf abdii qabanis, jireenya barabaraa kan argatan qorumsa xumura Bulchiinsa Kiristos isa waggaa Kumaa booda jiru yoo darban qofadha.—1 Qor. 15:52, 53; Mul. 20:5, 7-10.

6:64—Yesus yeruma Yihudaa isa biyya Keriyot filate, akka inni dabarsee isa kennu beeka turee? Akka hin beekne ifadha. Haata’u malee, yeroo tokko Dh.K.B. bara 32⁠tti, Yesus ergamootasaatiin, “Isin keessaa tokko garuu, Seexana” jechuudhaan dubbatee ture. Tarii, Yesus yeroo inni hammeenya garaasaatti yaaduu “jalqabee” kaasee, dabarsee akka isa kennu beeka ture.—Yoh. 6:66-71.

Barumsa Akkamii Arganna?

2:4. Yesus Ilma Waaqayyoo isa cuuphame waan ta’eef, qajeelfama kan fudhatu Abbaasaa isa samiirraa akka ta’e Maariyaamitti himuusaa ture. Yesus tajaajilasaa reefuu jalqabuusaa ta’uyyuu, du’a aarsaa du’uu dabalatee hojii isaaf kenname raawwachuuf yeroo gabaabaan akka isaa hafe beeka ture. Maariyaamiin dabalatee miseensonni maatiisaallee jaalala Waaqayyoo raawwachuu akka isa dhowwan hin heyyamne. Nuyis gara kuteenya akkasiitiin Yihowaa tajaajiluu qabna.

3:1-9. Fakkeenyi Niqoodemos, isa dura buutuu Yihudootaa turee waa lama nu barsiisa. Tokkoffaa, Niqoodemos ilma muka sooftuu tokkoo barsiisaa Waaqayyo biraa ergame ta’uusaa waan hubateef, kan gad of qabe, hubataafi wanti hafuuraa akka isa barbaachisu kan isatti dhaga’amu ta’uusaa argisiiseera. Yeroo har’aatti amalli gad of qabuu Kiristiyaanota dhugaadhaaf barbaachisaadha. Lammaffaa, Niqoodemos yeroo Yesus lafarra turetti bartuusaa ta’uurraa duubatti jedhee ture. Tarii nama sodaachuudhaan, aangoo yaa’ii warra Yihudootaa keessatti qabu gad dhiisuu waan hin barbaanneef ykn jaalala qabeenyaatiin ta’uu danda’a. Kanarraa barumsa akeekkachiisa nuuf ta’u argachuu dandeenya: Wanta ‘fannoo keenya baannee, yeroo hundaa Yesus duukaa akka hin buune’ nu dhowwu kamiyyuu heyyamuu hin qabnu.—Luq. 9:23.

4:23, 24. Waaqeffannaan keenya Waaqayyo duratti fudhatama akka qabaatuuf, dhugaa Macaafa Qulqulluu keessatti ibsamee wajjin kan walsimuufi hafuura qulqulluudhaan kan geggeeffamu ta’uu qaba.

6:27. “Nyaata jireenya bara baraatiif argamuuf” dhama’uu jechuun, fedhii hafuuraa keenya guutuuf carraaquu jechuudha. Kana gochuun keenyammoo gammachuu nuu argamsiisa.—Mat. 5:3.

6:44. Yihowaan dhuunfaadhaan nuu yaada. Tokkoon tokkoon keenya karaa hojii lallabaatiin gara Ilmasaatti nu harkisa; hafuura qulqulluutti fayyadamee dhugaa hafuuraa akka hubannuufi hojiirra akka oolchinu nu gargaara.

11:33-36. Miira keenya ibsuun dadhabina kan argisiisu miti.

‘ISA DUUKAA BU’AA’

(Yohannis 11:55–21:25)

Yeroo ayyaanni Faasikaa Dh.K.B. bara 33⁠tti kabajamu dhihaatu, Yesus gara Bitaaniyaatti deebi’e. Gaafa Niisaan 9, ilmoo harreerra ta’ee gara Yerusaalem dhufe. Gaafa Niisaan 10 immoo, deebi’ee gara mana qulqullummaa dhufe. Maqaan Abbaasaa ulfina akka argatu waan kadhateef samiirraa sagaleen, “Raawwadhee ulfeessee, guddiseera; si’achis nan ulfeessa, nan guddisas!” jedhu ni dhaga’ame.—Yoh. 12:28.

Utuu irbaanni ayyaana Faasikaa nyaatamaa jiruu, Yesus duuka buutotasaatiif gorsa dhumaa kan kenne si’a ta’u, waa’eesaanii kadhateera. Qabamee, dhiphinni isarra ga’ee erga fannifamee booda du’aa ka’eera.

Gaaffiiwwan Caaffata Qulqullaa’aafi Deebiisaanii:

14:2—Yesus duuka buutotasaa amanamoo ta’aniif ‘iddoo kan qopheessu’ akkamitti? Jechi kun Yesus, Waaqayyo duratti gatii dhiigasaa dhiheessuudhaan kakuu haaraa mirkaneessuusaa kan dabalatudha. Qophiin kun, Kiristos duuka buutonnisaa dibamtoota ta’an samiirra jiraachuuf du’aa ka’uu jalqabuusaanii dura, aangoo Mootummaa fudhachuusaa kan dabalatudha.—1 Tas. 4:14-17; Ibr. 9:12, 24-28; 1 Phe. 1:19; Mul. 11:15.

19:11—Yesus waa’ee nama dabarsee Isa kennuu yeroo dubbate, Yihudaa isa biyya Keriyotiin jechuusaa turee? Yesus, Yihudaa ykn nama tokko utuu hin ta’in, namoota isa ajjeesuurratti hirmaachuudhaan cubbuu hojjetan hundumaa yaadatti qabatee kan ture fakkaata. Kunis Yihudaa, ‘luboota warra angafootaafi guutummaa yaa’ii warra Yihudootaa,’ akkasumas “namoota” Barabbaan akka gad dhiifamu gaafatan kan dabalatudha.—Mat. 26:59-65; 27:1, 2, 20-22.

20:17—Yesus Maariyaam akka isa hin qabne kan itti dubbate maaliifi? Maariyaam, Yesus yeruma sana gara samiitti kan ol ba’uufi lammata kan isa hin argine waan isheetti fakkaateef, isa qabuu barbaaddee akka turte beekamaadha. Yeroon inni itti ol ba’u akka hin geenye isheedhaaf mirkaneessuuf akka isa hin qabne, kanaa mannaa deemtee duuka buutotasaatti du’aa ka’uusaa akka himtu ishee erge.

Barumsa Akkamii Arganna?

12:36. “Ijoollee ifaa” ykn kan ifa ibsinu ta’uuf, beekumsa Macaafa Qulqulluu sirrii ta’e argachuu nu barbaachisa. Achiis beekumsa kanatti fayyadamnee namoonni kaan dukkana hafuuraa keessaa ba’anii gara ifa Waaqayyootti akka dhufan gargaaruu qabna.

14:6. Karaa Yesus Kiristos malee Waaqayyo duratti fudhatama argachuu hin dandeenyu. Yesusirratti amantii qabaachuufi fakkeenyasaa hordofuudhaan qofa gara Waaqayyootti dhihaachuu dandeenya.—1 Phe. 2:21.

14:15, 21, 23, 24; 15:10. Waaqayyoof abboomamuun, jaalalasaafi jaalala Ilmasaatti qabamnee jiraachuuf nu gargaara.—1 Yoh. 5:3.

14:26; 16:13. Hafuurri Yihowaa kan nu barsiisuufi isa baranne kan nu yaadachiisudha. Dhugaa ibsuufis ni gargaara. Kanaaf, beekumsaan, ogummaadhaan, hubannaafi, murtoo sirrii gochuudhaan akka guddannu nu gargaaruu danda’a. Egaa, keessumaa hafuurasaa akka nuu kennuuf kadhannaadhaan cimuu qabna.—Luq. 11:5-13.

21:15, 19, hiika bara 1899. Yesus, Phexros “isaan kanarra” jechuunis qurxummii isaan fuuldura jiran caalaa kan isa jaallatu ta’uusaa isa gaafatee ture. Yesus tajaajila yeroo guutuu filachuun, hojii qurxummii qabuu caalaa barbaachisaa akka ta’e Phexrositti himuusaa ture. Seenaawwan Wangeela keessa jiran erga qorannee booda, wantoota qalbii keenya hawwatan kamiyyuu caalaa Yesusiin jaallachuuf murtoon goone cimee ta’uu danda’a. Eeyyee, garaa guutuudhaan isa duukaa bu’uu keenya itti haa fufnu.

[Fakkii fuula 31rra jiru]

Fakkeenya Niqoodemos irraa maal baranna?