Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Bara Dargaggummaatti Yihowaa Tajaajiluuf Filadhu

Bara Dargaggummaatti Yihowaa Tajaajiluuf Filadhu

Bara Dargaggummaatti Yihowaa Tajaajiluuf Filadhu

‘Isa barsiifamte, cimsitees itti amante sanatti qabamii jiraadhu!’—2 XIM. 3:14.

1. Yihowaan tajaajila Dhugaa Baatonni dargaggoota ta’an isaaf dhiheessaniif ilaalcha akkamii qaba?

YIHOWAAN tajaajila qulqulluu dargaggoonni isaaf dhiheessaniif bakka guddaa waan kennuuf, waa’eesaanii raajii dubbateera. Faarfatichi, “Guyyaa ati macca kee geggeessitutti, namoonni kee jaalala isaaniitiin of in dhi’eessu. Dargaggoonni kees akka fixeensa barii ganamaatti simboo qulqulluudhaan siif in ba’u” jechuudhaan faarfateera. (Far. 110:3) Eeyyee, Yihowaan dargaggoota isa tajaajiluuf of dhiheessaniif bakka guddaa kenna.

2. Dargaggoonni, galmasaanii ilaalchisee, dhibbaa akkamiitu isaanirra ga’a?

2 Dargaggoonni gumii Kiristiyaanaa keessa jirtan, Yihowaadhaaf of murteessitaniittuu? Dargaggoonni baay’een Waaqayyoon tajaajiluuf filachuun isaan rakkisuu danda’a. Daldaltoonni gurguddaan, barsiistonni, yeroo tokko tokkos miseensonni maatiifi hiriyoonnisaanii qabeenya argachuurratti akka xiyyeeffatan isaan jajjabeessu. Yeroo baay’ee, namoonni biyya lafaa dargaggoota galmawwan hafuuraa hordofanitti ni ga’isu. Dhugaasaa dubbachuuf garuu, Waaqa dhugaa tajaajiluun jireenya gaarii hundarra caaludha. (Far. 27:4) Gama kanaan, gaaffiiwwan sadan kana ilaali: Waaqayyoon tajaajiluu kan qabdu maaliifi? Wanti warri kaan jedhan ykn godhan maaliyyuu yoo ta’e, murtoo Waaqayyoon tajaajiluuf gooteen milkaa’ina argachuu kan dandeessu akkamitti? Waaqayyoof tajaajila qulqulluu dhiheessuuf carraawwan akkamii siif banamuu danda’u?

Yihowaa Tajaajiluun Wanta Hunda Keenyarraa Eegamudha

3. Uumamni Yihowaa maal akka goonu nu kakaasuu qaba?

3 Waaqa dhugaafi jiraataa ta’e tajaajiluu kan qabdu maaliifi? Mul’anni 4:11, “Ati waan hundumaa waan uumteef, isaanis jaalala keetiin waan uumamaniif, waan jiraataniif, gooftaa keenyaa! Waaqayyo keenyaa! Guddina, ulfina, aangoos fudhachuun siif in ta’a” jechuudhaan sababiisaa ibsa. Yihowaan Uumaa dinqisiisaa waan hundumaa uumedha. Lafti baay’ee bareedduudha! Mukeetii, abaaboowwan, bineensota, garbawwan, gaarawwaniifi fincaa’aawwan hundumaa kan uume Isadha. Faarfannaan 104:24 ‘Wanti Waaqayyo uume laficha guuteera’ jedha. Yihowaan qaamaafi sammuu, lafaafi wantoota gaggaarii lafarra jiraniin akka gammannu nu dandeessisu jaalalaan nuu kennuusaatti guddaa isa galateeffanna! Dinqisiifannaan uumamawwansaa warra ajaa’ibsiisaa ta’aniif qabnu, akka isa tajaajillu nu kakaasuu hin qabuu?

4, 5. Gochawwan Yihowaa, Iyaasuun akka isatti dhihaatu godhan maalfa’i?

4 Wanta Iyaasuun inni saba Israa’el geggeessaa ture dubbaterraa, sababii Yihowaa itti tajaajiluu qabnu garabiraa arganna. Iyaasuun yeroo du’uu jala ga’etti saba Waaqayyootiin, “Isin abdii Waaqayyo gooftaan keessan isiniif kenne hundumaa keessaa tokko illee akka hin hafne garaa keessan hundumaan, yaada keessan hundumaanis gaarii gootanii beektu; abdiin inni kenne hundinuu raawwatamaniiru, isaan keessaa tokko illee lafa bu’ee hin hafne” jedheera. Iyaasuun akkas kan jedhe maalif ture?—Iya. 23:14.

5 Iyaasuun Gibxiitti waan guddateef, Yihowaan Israa’elootaaf biyya dhuunfaasaanii isaanii kennuuf abdii akka kenne beeka ture. (Uma. 12:7; 50:24, 25; Bau. 3:8) Achiis Yihowaan, Fara’oon inni mata jabeessa ta’e saba Israa’el akka gadhiisu gochuuf warra Gibxiirratti Dha’icha Kurnan buusuudhaan, abdii kenne raawwachuu yommuu jalqabe ijasaatiin argeera. Iyaasuun, namoota Galaana Diimaa ce’an keessaa tokko yommuu ta’u, yeroo galaanichi Fara’ooniifi loltootasaa liqimsu ijasaatiin argeera. Israa’eloonni karaa dheeraa Siinaa isa “lafa onaa bal’aa fi sodaachisaa” ta’e keessa yommuu adeeman, Iyaasuun, Yihowaan akkamitti wanta isaan barbaachisu akka isaanii godhe argeera. Isaan keessaa namni tokkollee dheebuu ykn beelaan hin duune. (Kes. 8:3-5, 14-16; Iya. 24:5-7) Israa’eloonni yommuu saboota Kana’aan warra ciccimoo injifachuudhaan Biyyattii Abdachiifamte qabatan, Iyaasuun, Waaqni inniifi Israa’eloonni kaan waaqeffatan akkamitti akka isaan gargaare argeera.—Iya. 10:14, 42.

6. Waaqayyoon akka tajaajiltu kan si kakaasu maalidha?

6 Iyaasuun, Yihowaan abdii kenne akka raawwate beeka ture. Kanaan kan ka’es, “Anii fi manni koo Waaqayyoof in hojjenna” jedheera. (Iya. 24:15) Atoo, abdiiwwan Waaqni dhugaa kenne warra raawwatamaniifi gara fuulduraatti raawwatamuuf jiranirratti yommuu yaaddu, akkuma Iyaasuu isa tajaajiluuf kakaataa?

7. Cuuphaan tarkaanfii barbaachisaa kan ta’e maaliifi?

7 Wantoota Yihowaan uumeefi abdiiwwansaa warra amansiisaa ta’anirratti xiinxali. Kana gochuunkee Yihowaadhaaf of murteessuuf qofa utuu hin ta’in, murtookee kana cuuphamuudhaan akka argisiistu si kakaasuu qaba. Cuuphaan tarkaanfii barbaachisaa namoonni Waaqayyoon tajaajiluu barbaadan fudhachuu qabanidha. Yesus kana gochuudhaan fakkeenya ta’eera. Masiihii ta’ee hojiisaa jalqabuusaa dura, Yohannis Cuuphaa bira dhaqee cuuphameera. Yesus tarkaanfii kana kan fudhate maaliifi? Yeroo booda, “Fedha ofii kootii raawwachuudhaaf miti, fedha isa ana ergee raawwachuudhaafan waaqa irraa gad bu’e malee” jechuudhaan sababiisaa ibseera. (Yoh. 6:38) Yesus jaalala Abbaasaa raawwachuuf akka of dhiheesse argisiisuuf cuuphameera.—Mat. 3:13-17.

8. Ximotewos Waaqayyoon waaqeffachuu kan filate maaliifi? Atoo maal gochuutu si barbaachisa?

8 Mee ammammoo haala Kiristiyaana dargaggeessa Ximotewos jedhamu tokkoo ilaali. Yeroo booda Yihowaan hojii baay’eefi itti gaafatamummaa hedduu isaaf kenneera. Ximotewos Waaqa dhugaa waaqeffachuuf kan murteesse maaliifi? Macaafni Qulqulluun, ‘isa barsiifametti cimsee waan amaneef’ ta’uusaa nutti hima. (2 Xim. 3:14) Atis Dubbii Waaqayyoo kan qayyabatteefi wanti baratte dhugaa ta’uusaa kan amantu yoo ta’e, haala Ximotewos keessa ture keessa jirta jechuudha. Kanaafuu, murtoo gochuun si barbaachisa. Fedhiikee maaliif warrakeetti hin himtu? Isaanis, jaarsolii gumii wajjin ta’uudhaan, ulaagaalee Caaffata Qulqullaa’oo cuuphaadhaaf barbaachisan akka hubattu si gargaaruu danda’u.—Hojii Ergamootaa 8:12 dubbisi.

9. Yommuu cuuphamtu namoota kaanitti maaltu dhaga’ama?

9 Cuuphamuunkee Waaqa dhugaa tajaajiluuf jalqaba gaarii sii ta’a. Tarkaanfii kana fudhachuudhaan, dorgommii fiigichaa dheeraa keessa galta. Dorgommiin kunimmoo jireenya barabaraafi yeroo ammaattis gammachuu jaalala Waaqayyoo raawwachuudhaan argamu kan argamsiisudha. (Ibr. 12:2, 3) Kana gochuudhaanis miseensota maatiikee warra dorgommii kana keessa galaniifi michootakee warra gumii Kiristiyaanaa keessa jiran gammachiista. Hunda caalaa garuu Yihowaa gammachiista. (Fakkeenya 23:15 dubbisi.) Namoonni kaan maaliif Yihowaa waaqeffachuu akka filatte hubachuu dhiisuufi murtoo sirrii hin taane kan goote isaanitti fakkaachuu danda’a. Kanarra darbanii si mormuyyuu danda’u ta’a. Haata’u malee, rakkoowwan kana mo’uu ni dandeessa.

Yeroo Warri Kaan Gaaffii Si Gaafatan Yookiin Si Morman

10, 11. (a) Waaqayyoon tajaajiluuf murteessuukee ilaalchisee namoonni gaaffii akkamii si gaafachuu danda’u? (b) Yesus, waaqeffannaa dhugaa ilaalchisee gaaffii gaafatameef deebii kennerraa maal barachuu dandeessa?

10 Yihowaa tajaajiluuf murteessuunkee hiriyoota mana barumsaa, ollaawwankeefi firoottankeetti dalga itti ta’uu danda’a. Maaliif jireenya akkasii akka filatteefi wanta itti amantu ilaalchisee gaaffii si gaafachuu danda’u. Akkamitti isaaniif deebisuu qabda? Sababii filannaa akkasii itti gooteef akka gaariitti isaanii ibsuuf yaadakeefi fedhakee qoruun akka si barbaachisu beekamaadha. Gaaffiiwwan amantiikee ilaalchisee ka’aniif deebii kennuuf, fakkeenya Yesus hordofuu caalaa kan si gargaaru jiraa?

11 Geggeessitoonni amantii Yihudii waa’ee du’aa ka’uu ilaalchisee gaaffii yeroo isa gaafatan, Yesus, caqasawwan isaan hin hubannerratti akka xiyyeeffatan isaan gargaareera. (Bau. 3:6; Mat. 22:23, 31-33) Caafaan tokko abboomii inni guddaan isa kam akka ta’e yeroo isa gaafate, Yesus caqasa Macaafa Qulqulluu sirrii ta’e isaaf caqaseera. Namichis deebii Yesus isaa kenneef isa galateeffateera. (Lew. 19:18; Kes. 6:5; Mar. 12:28-34) Akkaataan Yesus Caaffata Qulqullaa’ootti fayyadameefi akkaataa itti dubbateen kan ka’e, “namoonni waa’ee isaa irratti yaadaan gargar ba’an.” Sana booda, warri isa morman isarratti miidhaa geessisuu hin dandeenye. (Yoh. 7:32-46) Amantiikee ilaalchisee namoonni yommuu gaaffii si gaafatan, Macaafa Qulqulluutti fayyadamuudhaan ‘arraba laafaafi nama safeeffachuudhaan’ deebii kenni. (1 Phe. 3:16) Deebii gaaffii sanaa hin beektu taanaan, deebiisaa akka hin beekneefi qorannaa dabalataa gootee akka dhuftu itti himi. Sana booda Baafanni Masaraa Eegumsaa ykn Waachtaawar Laayibiraarii CD-ROM afaan beektu tokkoon yoo jiraate fayyadamuu dandeessa. Qophii gaarii gochuudhaan, ‘deebii isaaniif deebisuun ta’u beekuu’ dandeessa.—Qol. 4:6.

12. Ari’atamni abdii akka si kutachiisu gochuu kan hin qabne maaliifi?

12 Sababii Waaqayyoon tajaajiluuf itti murteessiteefi amantiikee ilaalchisee gaaffii gaafatamtu malees rakkinni garabiraan sirra ga’uu danda’a. Biyya lafaa kan to’atu Seexana isa diina Waaqayyoo ta’edha. (1 Yohannis 5:19 dubbisi.) Namoonni hundi na galateeffatu ykn na deggeruu jedhanii eeguun sirrii miti; mormiin sirra ga’uu danda’a. Namoonni tokko tokko ‘maqaa kee balleessuufii’ kanas gochuusaanii itti fufuu danda’u. (1 Phe. 4:4) Haata’u malee, rakkinni akkasii warra kaanirras akka ga’u yaadadhu. Yesus Kiristosis ari’atameera. Phexrosirras ari’atamni kan ga’e yommuu ta’u; innumtiyyuu, “Michoota ko, wanti akka ibiddaa gubu [rakkinni] isin qoruudhaaf yommuu isin irra bu’u, waan takkaa ta’ee hin beekne waan isin irra bu’e fakkaatee, isin hin dinqifachiisin! . . . Hammuma dhiphina [Kristos] keessaa hirmaattuu taatan, isinis hammasuma gammadaa!” jechuudhaan barreesseera.—1 Phe. 4:12, 13.

13. Kiristiyaanonni yeroo ari’ataman gammaduu kan danda’an maaliifi?

13 Ari’atama ykn mormii Kiristiyaanota ta’uu keenyaan nurra ga’u danda’uu keenyaan gammaduu qabna. Maaliif? Biyya lafaa biratti fudhatama argachuun, seera Waaqayyo baaseen utuu hin ta’in, seera Seexanni baaseen jiraachuu keenya kan argisiisu waan ta’eefidha. Yesus, “Wayyoo isiniif namni hundinuu yoo isin jajate, abaabiliin isaaniis raajota sobduu akkasuma gochaa turan” jechuudhaan akeekkachiiseera. (Luq. 6:26) Ari’atamni, Seexannis ta’e biyyi lafaa inni seerratu Yihowaa tajaajiluu keetti baay’ee aaruusaanii argisiisa. (Maatewos 5:11, 12 dubbisi.) ‘Maqaa Kristosiif jedhanii arrabsamuunis’ wanta itti gammaduu qabnudha.—1 Phe. 4:14.

14. Namni tokko ari’atamni yoo isarra ga’es, Yihowaadhaaf amanamaa ta’uunsaa bu’aa akkamii isaaf argamsiisuu danda’a?

14 Mormiin sirra ga’uyyuu Yihowaadhaaf amanamaa ta’uunkee, yoo xinnaate bu’aawwan gurguddaa afur siif argamsiisa. Waa’ee Waaqayyoofi Ilmasaa dhugaa baata. Jabaattee dhaabachuunkee, Kiristiyaanota obbolootakee ta’an ni jajjabeessa. Kana malees, namoonni Yihowaa hin beekne tokko tokko, akka isa barbaadan kakaasuu danda’a. (Filiphisiiyus 1:12-14 dubbisi.) Yihowaan qorumsawwan sirra ga’an mo’uuf akka humna sii kenne yeroo hubattu, jaalalli isaaf qabdu ni guddata.

“Karaan” Sii Banameera

15. ‘Karaan’ Phaawulosiif baname maal ture?

15 Phaawulos tajaajila Efesoonitti raawwatu ilaalchisee, “Hojii guddaadhaa fi hojii waa’ee baasu hojjechuudhaaf karaan anaaf banameera” jechuudhaan barreesseera. (1 Qor. 16:8, 9) Karaan kun, magaalaa sana keessatti hojiin misiraachoo lallabuufi bartoota gochuu guddaan isaaf banamee akka ture kan argisiisudha. Phaawulos, karaa kanatti gargaaramuudhaan, namoonni baay’een waa’ee Yihowaa akka beekaniifi akka Isa waaqeffatan gargaareera.

16. Dibamtoonni lafarratti argaman bara 1919⁠tti karaa “balbala banamaa” kan galan akkamitti?

16 Bara 1919⁠tti Yesus Kiristos inni ulfina gonfate, dibamtoota lafarratti argamaniif “balbala banamaa” qopheessee ture. (Mul. 3:8) Dibamtoonni kun balbala sanaan ol galanii, misiraachicha lallabuufi yeroo kamiyyuu caalaa hinaaffaadhaan dhugaa Macaafa Qulqulluu barsiisuu jalqabaniiru. Tajaajillisaanii bu’aa akkamii argamsiise? Yeroo ammaatti misiraachichi hamma andaara lafaatti kan lallabame si’a ta’u, namoonni gara miliyoona torbaa ta’an addunyaa haaraa Waaqayyoo fidu keessatti barabaraaf jiraachuuf abdii qabu.

17. ‘Karaa hojii guddaadhaafi hojii waa’ee baasutti’ seenuu kan dandeessu akkamitti?

17 Tajaajiltoota Yihowaa hundumaaf, “hojii guddaadhaa fi hojii waa’ee baasu hojjechuudhaaf karaan” banamaadha. Namoonni karaa kanatti fayyadaman, misraachoo lallabuurratti hirmaannaa guddaa waan godhaniif gammachuu argatu. Dargaggoonni tajaajiltoota Yihowaa taatan, warri kaan ‘wangeelatti akka amanaman’ gargaaruuf mirga addaa argattaniif iddoo guddaa akkamii kennitu? (Mar. 1:14, 15) Qajeelchaa ykn qajeelchaa gargaaraa ta’uuf yaaddanii beektuu? Baay’een keessan ijaarsa Galma Mootummaarratti hirmaachuu, Bet’eliin galtanii tajaajiluu, misiyooniifi qajeelchaa addaa ta’uuf carraa qabdu. Yeroon biyyi lafaa inni haamaan Seexanni seerratu itti badu waan dhihaateef, bifawwan tajaajilaa kanarratti hirmaachuun guyyaa guyyaadhaan ariifachiisaa ta’aa jira. “Karaan” kun utuu hin cufamin, itti galuu barbaaddaa?

‘Gaarummaa Waaqayyoo Miyeeffadhaa Ilaalaa!’

18, 19. (a) Daawit Yihowaa tajaajiluuf fedhii cimaa akka qabaatu kan isa gargaare maalidha? (b) Daawit Waaqayyoon tajaajiluusaatti tasumaa akka hin gaabbine kan argisiisu maalidha?

18 Daawit faarfatichi geggeessaa hafuura qulqulluutiin, “Gaarummaan Waaqayyoo attam akka ta’e, isin miyeeffadhaa ilaalaa!” jechuudhaan namoota afeereera. (Far. 34:8) Mootii Israa’el durii kan ta’e Daawit yeroo tiksee turetti, Yihowaan bineensota daggalaa jalaa isa oolcheera. Yeroo Goliyaadii wajjin wal loletti Waaqayyo kan isa gargaare yommuu ta’u, balaawwan kan biraa baay’ee jalaas isa oolcheera. (1 Sam. 17:32-51; ibsa mataduree, Far. 18) Waaqayyoo gaarummaa guddaa waan isatti argisiiseef Daawit, “Yaa Waaqayyo gooftaa ko, gocha kee isa dinqisiisaadhaa fi yaada gaarii nuuf qabdu nuuf baay’ifteetta; tokko illee kan siin qixxaatu hin jiru” jedhee barreesseera.—Far. 40:5.

19 Daawit jaalalli Yihowaadhaaf qabu waan guddateef, garaasaafi yaadasaa guutuudhaan isa galateeffachuu barbaadee ture. (Faarfannaa 40:8-10 dubbisi.) Waggoonni ennaa darbaa adeeman, Daawit jireenyasaa Waaqa dhugaa waaqeffachuudhaan dabarsuusaatti hin gaabbine. Nama Waaqayyoo ta’ee jiraachuunsaa gammachuu guddaa isaaf argamsiiseera. Dullumasaa keessa Daawit, “Yaa Waaqayyo gooftaa ko, ati abdii koo ti, ati mucummaa kootii jalqabdee amanannaa koo ti! . . . Dulloomee mataan koo harrii yoo ta’e illee, ati ana hin dhiisin, yaa Waaqayyo!” jedheera. (Far. 71:5, 18) Daawit qaamnisaa dadhabaa deemuyyuu Yihowaatti amanameera; michooma isaa wajjin qabus caalaatti jabeeffateera.

20. Jireenyakee Waaqayyoon tajaajiluuf itti fayyadamuun hundarra kan caalu maaliifi?

20 Jireenyi Iyaasuu, Daawitiifi Ximotewos, jireenyakee Yihowaa tajaajiluuf itti fayyadamuun hundarra kan caalu ta’uusaa argisiisa. Bu’aan yeroo muraasaaf hojii biyya lafaa hojjechuudhaan argattan, eebba guddaa ‘garaa keessan guutuufi jireenya keessan guutuu isaaf hojjechuudhaan’ argattanii wajjin tasumaa wal hin gitu. (Iya. 22:5) Kadhannaadhaan Yihowaadhaaf of hin murteessine taanaan, ‘Dhugaa Baatuu Yihowaa akkan hin taane kan na dhowwe maalidha?’ jedhii of gaafadhu. Cuuphamtee Yihowaa waaqeffachaa kan jirtu yoo taatemmoo, gammachuukee guddifachuu barbaaddaa? Tajaajila kee bal’isuudhaan, karaa hafuuraa guddina argisiisuu kee itti fufi. Matadureen ittaanu, fakkeenya Phaawulos hordofuudhaan karaa hafuraa akkamitti guddachuu akka dandeessu ibsa.

Maal Jettee Deebista?

• Sababii Waaqayyoon itti tajaajiluu qabnu lama ibsi.

• Ximotewos Waaqayyoon tajaajiluuf akka murteessu wanti isa gargaare maalidha?

• Ari’atamni yommuu sirra ga’u jabaattee dhaabachuu kan qabdu maaliifi?

• Carraawwan tajaajilaa akkamii sii banamuu danda’a?

[Gaaffiiwwan Qayyabannaa]

[Fakkii fuula 18rra jiru]

Yihowaa tajaajiluun jireenya hundarra caaludha

[Fakkii fuula 19rra jiru]

Gaaffiiwwan amantiikee ilaalchisee ka’aniif deebii kennuu ni dandeessaa?