Fakkeenya Phaawulos Hordofuudhaan Karaa Hafuuraa Guddina Argisiisi
Fakkeenya Phaawulos Hordofuudhaan Karaa Hafuuraa Guddina Argisiisi
“Wal’aansoo isa gaarii sanas dhaabadhee qabeera; dorgomee koos raawwadheera, amantiis eegeera.”—2 XIM. 4:7.
1, 2. Saa’ol inni nama Xarsees ture jireenyasaa keessatti jijjiirama akkamii godhe? Hojii barbaachisaa akkamii hojjechuu jalqabe?
NAMTICHI beekaafi gara kuteessadha. Haata’u malee, ‘hawwa foonsaa duukaa bu’a ture.’ (Efe. 2:3) Booddees, “maqaa balleessaa, ari’achaa, humnaan namarratti ka’aa” akka ture ibseera. (1 Xim. 1:13) Namni kun Saa’ol isa biyya Xarseesi.
2 Saa’ol, yeroo booda jireenyasaa keessatti jijjiirama guddaa godheera. Amalasaa isa durii dhiisuudhaan, ‘waan isaaf waa’ee baasu utuu hin ta’in, waan namoota baay’eedhaaf waa’ee baasu barbaaduuf’ carraaquu jalqabe. (1 Qor. 10:33) Yeroo booda gara laafessa ta’uusaarrayyuu, namoota duraan jibbaa tureef jaalala guddaa akka qabu argisiiseera. (1 Tasaloniiqee 2:7, 8 dubbisi.) “Ani wangeela kanaaf hojjetaa ta’eera. . . . Ani warra Waaqayyoof qulqullaa’an hundumaa irra nan xinnaadha; haa ta’u iyyuu malee, badhaadhummaa Kristos isa bira ga’uun hin danda’amne, saba Waaqayyoo warra hin ta’initti misraachoo akkan lallabuuf ayyaanni kun anaaf kennameera” jechuudhaan barreesseera.—Efe. 3:7, 8.
3. Xalayaawwan Phaawulosiifi wanta tajaajilasaa ilaalchisee barreeffame qayyabachuun kan nu gargaaru akkamitti?
3 Saa’ol, inni Phaawulos jedhame, karaa hafuuraa guddina dinqisiisaa ta’e godheera. (HoE. 13:9) Karaa hafuuraa guddachuuf wanti nu gargaaru inni tokko, xalayaawwan Phaawulosiifi wanta tajaajilasaa ilaalchisee barreeffame qayyabachuu, akkasumas fakkeenya amantaasaa hordofuudha. (1 Qorontos 11:1; Ibroota 13:7 dubbisi.) Akkas gochuun keenya, yeroo hunda qayyabannaa dhuunfaa gochuuf, namootaaf jaalala dhugaa qabaachuufi ofii keenyaaf ilaalcha sirrii qabaachuuf akkamitti akka nu gargaaru haa ilaallu.
Phaawulos Qayyabachuu Amaleeffatee Ture
4, 5. Qayyabannaan dhuunfaa Phaawulosiin kan fayyade akkamitti?
4 Phaawulos, Fariisota keessaa tokko ta’uusaarrayyuu, ‘Gamaali’el biratti seera abaabiliisaatiif kenname hundumaa ija irratti eegee kan barte’ waan ta’eef, hamma tokko beekumsa Caaffata Qulqullaa’oo qaba ture. (HoE. 22:1-3; Filp. 3:4-6) Akkuma cuuphameen, “biyya Arabaa dhaqe.” Iddoon kun, Lafa Onaa Sooriyaa ykn lafa Arabaa baay’eensaa bishaaniin marfame, Galaana Diimaarraa gara bahaatti argamuufi bakka xiinxaluuf mijaa’aa ta’edha. (Gal. 1:17) Phaawulos, Caaffata Qulqullaa’oo Yesus Masiihii ta’uusaa mirkaneessanirratti xiinxaluu barbaadee ture. Kana malees, hojii isa eeggatuuf of qopheessuu barbaadee ture. (Hojii Ergamootaa 9:15, 16, 20, 22 dubbisi.) Dhimmawwan hafuuraarratti xiinxaluufis yeroo ramada ture.
5 Beekumsiifi hubannaan Phaawulos qayyabannaa dhuunfaadhaan argate, karaa bu’a qabeessa ta’een dhugaa barsiisuuf isa dandeessiseera. Fakkeenyaaf, mana sagadaa mandara Anxokiyaa ishee Phisiidiyaa keessaatti, Caaffata Qulqullaa’oo afaan Ibrootaarraa yoo xinnaate al shan kallattiidhaan caqasuudhaan Yesus Masiihii ta’uusaa mirkaneesseera. Phaawulos Karaa kallattii hin taaneenis si’a baay’ee Caaffata Qulqullaa’oorraa caqaseera. Ragaan inni Caaffata Qulqullaa’oorraa caqase kan nama amansiisu waan ta’eef, barumsa dabalataa argachuuf, “Yihudoonni baay’een akkasumas saba garaa garaa keessaa barsiisa Yihudootaa kan fudhatan, Phaawulosii fi Baarnaabaas duukaa bu’an.” (HoE. 13:14-44) Waggoota booda, Yihudoonni Roomaa keessa jiraatan baay’een yeroo mana inni kireeffate dhaqan, Phaawulos “waa’ee mootummaa Waaqayyoo isaanitti dhugaa ba’e. Inni macaafa Museetii fi macaafota raajotaa keessa isaan hubachiisuudhaan, waa’ee Yesus tole isaan jechisiisuu yaale.”—HoE. 28:17, 22, 23.
6. Phaawulos yeroo qorumsi irra ga’etti karaa hafuuraa jabaatee akka dhaabatu kan isa gargaare maalidha?
6 Phaawulos yeroo qorumsi irra ga’e, Caaffata Qulqullaa’oo qoruusaa itti fufuudhaan ergaa geggeessaa hafuura qulqulluutiin barreeffamerraa jajjabina argateera. (Ibr. 4:12) Ajjeefamuusaa dura yommuu Roomaatti hidhamee ture, “macaafota” akkasumas “maraa caaffatoota gogaa duugamaa” akka isaaf fiduu Ximotewosiin gaafatee ture. (2 Xim. 4:13) Macaafonni kun, kutaa Caaffata Qulqullaa’oo afaan Ibrootaa, Phaawulos qayyabannaa gadi fageenya qabu gochuuf itti fayyadame ta’uu hin oolan. Phaawulos jabaatee dhaabachuuf, yeroo hundumaa Caaffata Qulqullaa’oo qayyabachuudhaan beekumsa argachuunsaa barbaachisaa ture.
7. Yeroo hundumaa Macaafa Qulqulluu qayyabachuudhaan faayidaa akkamii akka argattu dubbadhu.
7 Yeroo hundumaa Macaafa Qulqulluu qayyabachuufi akka gaariitti irratti xiinxaluun, karaa hafuuraa guddachuuf nu gargaara. (Ibr. 5:12-14) Faayidaa Dubbiin Waaqayyoo qabu ilaalchisee faarfatichi akkas jechuudhaan faarfateera: “Seerri inni afaan kee keessaa ba’e, warqee fi meetii guroo kumaatama irra anaaf wayya. Abboommiin kee bara baraan ana bira jira, diinota koo caalaas ogeessa na godha. Ani dubbii kee eeguudhaaf, miilla koo karaa hamaa hundumaa irraa nan ittise.” (Far. 119:72, 98, 101) Macaafa Qulqulluu qayyabachuu amaleeffatteettaa? Guyyaa hundumaa Macaafa Qulqulluu dubbisuufi wanta dubbisterratti xiinxaluudhaan, hojii gara fuulduraatti tajaajila Waaqayyoo keessatti sii kennamuuf of qopheessaa jirtaa?
Saa’ol Namoota Jaallachuu Barateera
8. Saa’ol namoota Yihudii hin taanerra rakkina akkamii geessisa ture?
8 Saa’ol Kiristiyaana ta’uusaa dura amantiisaatiif kan hinaafu ta’uyyuu, namoota amantii Yihudiitiin ala ta’an hin jaallatu ture. (HoE. 26:4, 5) Yeroo Yihudoonni tokko tokko Isxifaanosiin ajjeesan irratti walii galuudhaan dhaabatee ilaala ture. Tarii Saa’ol, Isxifaanos ajjeefamuunsaa sirrii akka ta’e waan itti dhaga’ameef, gocha kana arguunsaa Kiristiyaanota ari’achuuf isa jajjabeessuu hin oolu. (HoE. 6:8-14; 7:54–8:1) Seenaan geggeessaa hafuura qulqulluutiin barreeffame, “Saa’ol . . . waldaa amantootaa lafa irraa balleessuudhaaf manneen keessa adeemee, dhiirotaa fi dubartoota amantoota ta’an harkisee, mana hidhaatti in kenna ture” jedha. (HoE. 8:3) ‘Hamma mandaroota biyya ormaattillee isaan ari’ata ture.’—HoE. 26:11.
9. Saa’ol namootarratti wanta gadhee raawwachuusaa akka dhiisu kan isa godhe maalidha?
9 Gooftaa Yesus Saa’olitti kan mul’ate, yeroo inni ergamoota Kiristos ari’achuuf gara Damaasqoo deemaa turettidha. Ifni Ilma Waaqayyoo ijasaa waan jaamseef, gargaarsi namoota kaanii isa barbaachiseera. Yihowaan, agartuusaa isaaf deebisuuf Ananiiyaasitti yeroo fayyadame, ilaalchi Saa’ol namootaaf qabu guutummaatti jijjiirame. (HoE. 9:1-30) Duuka buutuu Kiristos erga ta’ee booda, akkuma Yesus, namoota hundumaa haala gaariidhaan qabuuf carraaqqii guddaa godheera. Kana jechuun, hamaa hojjechuusaa dhiisee ‘nama hundumaa wajjin nagaatti jiraachuu’ jalqabe jechuudha.—Roomaa 12:17-21 dubbisi.
10, 11. Phaawulos namootaaf jaalala dhugaa akka qabu kan argisiise akkamitti?
10 Phaawulos warra kaanii wajjin nagaadhaan jiraachuu qofatti kan gammadu hin turre. Jaalala dhugaa isaanitti argisiisuu kan barbaadu yommuu ta’u, tajaajilli Kiristiyaanummaammoo kana gochuuf carraa isaa argamsiiseera. Adeemsa misiyoonummaasaa isa jalqabaatti, Asiyaa ishee Xinnoo keessatti misiraachicha lallabeera. Ari’atamni cimaan isaanirra ga’uyyuu, Phaawulosiifi michoonnisaa namoonni qajeeloo ta’an Kiristiyaanota akka ta’an gargaaruurratti xiyyeeffataniiru. Mormitoonni Lisxiraafi Iqoniiyum jiran Phaawulosiin ajjeesuuf yaalaniyyuu, magaalaawwan kanatti deebi’anii lallabaniiru.—HoE. 13:1-3; 14:1-7, 19-23.
11 Booddee, Phaawulosiifi obboloonni isaa wajjin turan, namoota garaa qajeelaa qaban argachuuf Filiphisiiyus ishee magaalaa Maqedooniyaa taatetti tajaajilaniiru. Kanaan kan ka’es, Liidiyaan, isheen amantiishee gara Yihudiitti jijjiirte misiraachicha fudhachuudhaan Kiristiyaana taateetti. Warri biyya bulchan Phaawulosiifi Siilaasiin qabanii uleedhaan erga reebanii booda mana hidhaa isaan galchan. Haata’u malee, Phaawulos eegduu mana hidhaa sanaatiif waan lallabeef, namichiifi maatiinsaa cuuphamanii waaqeffattoota Yihowaa ta’aniiru.—HoE. 16:11-34.
12. Saa’ol inni namarratti ka’aa ture Phaawulos ergamaa Yesus Kiristos isa namoota jaallatu akka ta’u kan isa kakaase maalidha?
12 Saa’ol inni duraan Kiristiyaanota ari’achaa ture amantaa diinotasaa kan fudhate maaliifi? Saa’ol nama humnaan namarratti ka’u ture. Booddee garuu, Phaawulos ergamaa gaarummaa qabuufi namoota jaallatu, akkasumas namoonni waa’ee Waaqayyoofi waa’ee Kiristos dhugaasaa akka beekaniif lubbuusaa dabarsee kennu ta’eera. Phaawulos jijjiirama akkasii akka godhu kan isa gargaare maalidha? ‘Waaqayyo ayyaana isaatiin na waamuutti gammade. Yeroo ofii jaallatettis ilma isaa kana anatti mul’ise’ jechuudhaan barreesseera. (Gal. 1:15, 16) Phaawulos, “Yesus Kristos ana isa cubbuutti isa duraa ta’e kana keessaan obsa isaa guutummaatti akka mul’isutti, warra jireenya bara baraatiif isatti amananiif fakkeenya akka ta’uuf, ani araara argadheera” jechuudhaan Ximotewosiif barreesseera. (1 Xim. 1:16) Yihowaan Phaawulosiif dhiifama kan godhe si’a ta’u, Phaawulosis gaarummaan akkasii isaa godhamuunsaa namoota kaaniif misraachoo lallabuudhaan jaalala isaaniif qabu akka argisiisu isa kakaaseera.
13. Namoota jaallachuuf nu kakaasuu kan qabu maalidha? Kana gochuu kan dandeenyuhoo akkamitti?
13 Yihowaan cubbuufi irra daddarbaa keenyas nuu dhiisa. (Far. 103:8-14) Faarfatichi, “Yaa Waaqayyo, utuu ati irra-daddarbaa namatti lakkooftee, silaa eenyutu si dura dhaabata, yaa gooftaa?” jechuudhaan gaafateera. (Far. 130:3) Utuu araara Waaqayyoo hin arganne ta’ee, tokkoon keenyayyuu gammachuu tajaajila qulqulluu dhiheessuudhaan argamu argachuus ta’e, jireenya barabaraa abdiidhaan eeggachuu hin dandeenyu turre. Waaqayyo hunda keenyaaf gaarummaa guddaa nuu godheera. Kanaafuu, nuyis akkuma Phaawulos namootaaf lallabuufi dhugaa isaan barsiisuudhaan, akkasumas warra hidhata amantaa keenya ta’an jajjabeessuudhaan jaalala keenya bal’ifachuuf fedhii qabaachuu qabna.—Hojii Ergamootaa 14:21-23 dubbisi.
14. Tajaajila keenya akkamitti bal’isuu dandeenya?
14 Phaawulos misiraachicha lallabuutti barsiisaa gaarii ta’uu barbaadee kan ture yommuu ta’u, fakkeenyi Yesusis garaasaa tuqeera. Karaawwan Ilmi Waaqayyoo namootaaf jaalala guddaa qabaachuusaa itti argisiise keessaa tokko, warra kaaniif lallabuu ture. Yesus, “Midhaan sassaabamu baay’ee dha, hojjetoonni sassaaban garuu muraasa; egaa hojjettoota warra midhaan sassaaban itti haa yaafatuuf, abbaa midhaanichaa kadhadhaa!” jedheera. (Mat. 9:35-38) Phaawulos hojjettoota dabalataa argachuuf kadhatee ta’uu danda’a; hinaaffaadhaan tajaajiluudhaan wanta kadhannaasaa kanaa wajjin wal simu raawwateera. Atoo, haala tajaajilakeetii fooyyessuu dandeessaa? Yookiinimmoo, qajeelchaa ta’uuf haalakee mijeessuudhaan tajaajilarratti yeroo dheeraa dabarsuu ni dandeessaa? Namoonni ‘dubbii jireenyaa jabeessanii akka qabatan’ gargaaruudhaan, jaalala dhugaa isaaniif qabnu haa argisiisnu!—Filp. 2:16.
Ilaalcha Phaawulos Ofiif Qabu
15. Phaawulos Kiristiyaanota hidhatasaa ta’an biratti ofiif ilaalcha akkamii qaba ture?
15 Phaawulos akka Kiristiyaana tokkootti, karaa kan biraatiinis fakkeenya gaarii nuu ta’a. Phaawulos, gumii Kiristiyaanaa keessatti mirga addaddaa kan argate ta’us, mirgawwan sana dandeettiisaatiin akka argateefi kan isaaf malan akka ta’an itti hin dhaga’amne. Eebbawwan kana kan argate gaarummaa Yihowaatiin akka ta’e beeka ture. Phaawulos, Kiristiyaanonni kaanis karaa bu’a qabeessa ta’een misiraachicha akka lallaban beeka ture. Tajaajiltoota Waaqayyoo keessaa bakka guddaa kan qabu ta’uyyuu nama gad of deebisu ture.—1 Qorontos 15:9-11 dubbisi.
16. Phaawulos, dhimma dhaqna qabaarratti, kan gad of deebisuufi humnasaa kan beeku ta’uusaa kan argisiise akkamitti?
16 Phaawulos magaalaa Sooriyaa kan taate Anxokiyaatti rakkinni yommuu ka’e maal akka godhe ilaali. Kiristiyaanonni achi turan dhimma dhaqna qabaarratti walii galuu dadhabanii turan. (HoE. 14:26–15:2) Phaawulos namoota saba Waaqayyoo hin taaneefi dhaqna hin qabanneef lallabuurratti dursa akka fudhatu filatamee ture. Kanaafuu, dhimma kanarratti warra Yihudoota hin taanee wajjin mari’achuufi rakkina sanaaf furmaata kennuu akka danda’u itti dhaga’ameera ta’a. (Galaatiyaa 2:8, 9 dubbisi.) Haata’u malee, carraaqqii inni godheen rakkoon sun furmaata hin arganne. Kanaaf, gad of deebisuufi humnasaa beekuudhaan, dhimmi kun qaama olaanaa Yerusaalem ture biratti akka dhihaatu murtoo godhame fudhateera. Miseensonni qaama olaanaa dhimmicharratti yommuu mari’atan, yommuu murteessaniifi ergaasaanii akka dabarsu yommuu isas filatan, guutummaatti walii galeera. (HoE. 15:22-31) Akka kanaan, Phaawulos tajaajiltoota hidhatasaa ta’aniif ‘ulfina kennuudhaaf dorgomeera.’—Rom. 12:10b.
17, 18. (a) Phaawulos Kiristiyaanotaaf ilaalcha akkamii qaba ture? (b) Jaarsoliin gumii Efesoon yommuu Phaawulos isaanirraa adda ba’u wanti isaanitti dhaga’ame, inni nama akkamii ta’uusaa nu hubachiisa?
17 Phaawulos nama gad of deebisu waan ta’eef, obboloota gumii keessa turanitti dhihaachuu kan hin barbaanne hin turre. Kanaa mannaa isaanitti Rom. 16:1-16.
maxxanee jiraateera. Xumura xalayaa warra Roomaatiif barreesserratti, namoota 20 ol ta’an maqaa dha’uudhaan nagaa isaanitti dhaameera. Namoota kana keessaa baay’eensaanii Caaffata Qulqullaa’oo keessatti bakka biraatti kan hin caqasamne yommuu ta’an, mirga adda ta’e kan qabanimmoo baay’ee muraasa turan. Ta’uyyuu, tajaajiltoota Yihowaa warra amanamoo waan ta’aniif, Phaawulos baay’ee isaan jaallata ture.—18 Phaawulos kan gad of deebisuufi kan nama jaallatu ta’uunsaa gumiiwwan jajjabeesseera. Jaarsolii gumii Efesoonii wajjin yeroo dhumaatiif yommuu wal argetti, “isaaniis boo’aa morma isaatti marmanii dhungatan. Dubbiin inni si’achi akka isaan isa hin argine dubbate immoo, caalaa isaan gaddisiise.” Phaawulos nama of tuulaafi namatti maxxanuu hin barbaanne utuu ta’ee, isaan dhiisee deemuusaatti akkas akka isaanitti hin dhaga’amne beekamaadha.—HoE. 20:37, 38.
19. Walitti dhufeenya Kiristiyaanota kaanii wajjin qabnuun akka ‘gad of deebisnu’ argisiisuu kan dandeenyu akkamitti?
19 Namoonni karaa hafuuraa guddachuu barbaadan hundi, akkuma Phaawulos kan gad of deebisan ta’uu qabu. Phaawulos, “Gad of deebisuudhaan warra kaan of irra caalchisaa lakkaa’aa malee, yaada ofittummaatiin yookiis of dhiibuudhaan waan tokko illee hin hojjetinaa!” jechuudhaan Kiristiyaanota gorseera. (Filp. 2:3) Gorsa kana hojjiirra oolchuu kan dandeenyu akkamitti? Karaan inni tokko, qajeelfama jaarsoliin gumii nuu kennan hordofuufi murtoo isaan godhan deggeruudhaan isaanii wajjin walii galuudha. (Ibroota 13:17 dubbisi.) Karaan inni kaanimmoo, obboloota hidhata amantii keenya ta’an hunda kabajuudha. Gumiin Dhugaa Baatota Yihowaa, namoota lammii, aadaa, sanyiifi gosa addaddaarraa dhufan kan qabatedha. Ta’us, akkuma Phaawulos godhe hundasaanii utuu wal hin caalchisin jaallachuu hin qabnuu? (HoE. 17:26; Rom. 12:10a) ‘Akkuma Kristos ofitti nu qabe, nuyis Waaqayyoon galateeffachiisuuf, inni tokko isa kaan ofitti akka qabnu’ gorfamneerra.—Rom. 15:7.
Dorgommii Jireenyaa ‘Obsaan Danda’aa Fiigaa’
20, 21. Fiigicha jireenyaa injifannoodhaan xumuruuf maaltu nu gargaara?
20 Jireenyi Kiristiyaana tokkoo, dorgommii fiigicha fageenya dheeraa wajjin wal fakkaachuu danda’a. Phaawulos akkas jechuudhaan barreesseera: “Dorgomee koos raawwadheera, amantiis eegeera. Kanaa achis gonfoon qajeelummaa anaaf kaa’amee jira; gooftichi abbaan firdii inni qajeelaan guyyaa sanatti gonficha anaaf in kenna; ana duwwaaf utuu hin ta’in, warra deebi’ee mul’inatti dhufuu isaa jaallatan hundumaafis in kenna.”—2 Xim. 4:7, 8.
21 Fakkeenya Phaawulos hordofuun keenya, fiigicha jireenya barabaraa argachuuf goonu injifannoodhaan xumuruuf nu gargaara. (Ibr. 12:1) Kanaaf, qayyabannaa dhuunfaa amaleeffachuudhaan, namootaaf jaalala guddaa qabaachuudhaan, akkasumas gad of deebisuudhaan karaa hafuuraa guddina gochuu keenya itti haa fufnu.
Maal Jettee Deebista?
• Phaawulos Caaffata Qulqullaa’oo yeroo hundumaa qayyabachuusaatiin kan fayyadame akkamitti?
• Kiristiyaanonni dhugaa namootaaf jaalala qabaachuunsaanii barbaachisaa kan ta’e maaliifi?
• Amalawwan namoota akka wal hin caalchisne nu gargaaran kamfa’i?
• Fakkeenyi Phaawulos, jaarsolii gumiikee keessa jiranii wajjin akka walii galtu si gargaaruu kan danda’u akkamitti?
[Gaaffiiwwan Qayyabannaa]
[Fakkii fuula 23rra jiru]
Akkuma Phaawulos Caaffata Qulqullaa’oorraa jajjabina argadhu
[Fakkii fuula 24rra jiru]
Namootatti misiraachicha himuudhaan akka isaan jaallattu argisiisi
[Fakkii fuula 25rra jiru]
Phaawulos obboloota biratti akka jaallatamu kan godhe maal akka ta’e beektaa?