Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Fayyinni Mootummaan Waaqayyoo Argamsiisu Dhihaateera!

Fayyinni Mootummaan Waaqayyoo Argamsiisu Dhihaateera!

Fayyinni Mootummaan Waaqayyoo Argamsiisu Dhihaateera!

“Mootummaan kee haa dhufu, jaalalli kee waaqa irratti akka ta’u, akkasuma immoo lafa irratti haa ta’u!”—MAT. 6:10.

1. Ijoon barumsa Yesus maal ture?

YESUS KIRISTOS Lallabasaa Isa Gaaraarratti, kadhannaa ijoo barumsasaa gabaabsee ibsu barsiiseera. Duuka buutonnisaa, “Mootummaan kee haa dhufu, jaalalli kee waaqa irratti akka ta’u, akkasuma immoo lafa irratti haa ta’u!” jedhanii akka kadhatan barsiiseera. (Mat. 6:9-13) “Yesus mandarootaa fi gandeen keessa adeemee, mootummaa Waaqayyoo labsaa misraachoo himaa ture.” (Luq. 8:1) Kiristos, “Duraan dursitanii yaada keessan mootummaa Waaqayyoo fi qajeelummaa isaa barbaaduutti hidhaa!” jechuudhaan duuka buutotasaa gorseera. (Mat. 6:33) Yeroo Barumsa kana qayyabattu, karaa itti barumsicha tajaajila keerratti itti fayyadamtu barbaadi. Fakkeenyaaf, gaaffiiwwan, Ergaan Mootummichaa hangam barbaachisaadha? Ilmaan namootaa maalirraa ooluun isaan barbaachisa? Mootummaan Waaqayyoo fayyina kan argamsiisu akkamitti? jedhaniif deebii akkamii kennuu akka dandeessu yaadi.

2. Ergaan Mootummichaa hangam barbaachisaadha?

2 Yesus, “Saba hundumaatti akka dhugaa ba’uuf, wangeelli mootummaa kun guutummaa biyya lafaatti in lallabama; kana booddees dhumni in dhufa” jechuudhaan raajii dubbateera. (Mat. 24:14) Misiraachoon waa’ee Mootummaa Waaqayyoo dubbatu hunda caalaa barbaachisaadha. Eeyyee, misiraachoon kun addunyaarratti ergaa barbaachisaa ta’edha! Tajaajiltoonni Waaqayyoo gara miliyoona torbaa ta’aniifi gumiiwwan Dhugaa Baatota Yihowaa 100,000 ta’an keessatti argaman, Mootummichi hundeeffamuusaa warra kaanitti himuudhaan hojii lallabaa kana yoomiyyuu caalaa bal’inaan hojjechaa jiru. Mootummaan kun, bulchiinsa Waaqayyo samiirratti dhaabeefi dhimmawwan biyya lafaa to’achuuf itti fayyadamu waan ta’eef, hundeeffamuunsaa misiraachoodha. Bulchiinsa Mootummaa kanaa jalatti, jaalalli Yihowaa akkuma waaqarratti ta’e akkasuma lafarratti ni ta’a.

3, 4. Jaalalli Waaqayyoo yeroo lafarratti ta’u jijjiirama akkamiitu dhufa?

3 Jaalalli Waaqayyoo yeroo lafarratti ta’u, ilmaan namootaa eebbawwan akkamii argatu? Yihowaan, “imimmaan hundumaa ija isaaniittii in haqa; . . . duuni deebi’ee hin argamu, gadduun, iyyuun, waraansis si’achi hin jiru!” (Mul. 21:4) Namoonni cubbuu dhaalaniin hin dhukkubsatan ykn hin du’an. Macaafni Qulqulluun, ‘Warra qajeelotaafi warra jal’ootaafis du’aa ka’uun jira’ jechuudhaan abdii waan kennuuf, namoonni du’aniifi yaada Waaqayyoo keessa jiran barabaraaf lafarra jiraachuuf carraa argatu. (HoE. 24:15) Waraanni, dhukkubni ykn beelli hin jiraatu; laftis jannata taati. Bineensonni yeroo ammaatti balaa namarraan ga’anillee, namoota wajjinis ta’e waliisaanii wajjin nagaadhaan jiraatu.—Far. 46:9; 72:16; Isa. 11:6-9; 33:24; Luq. 23:43.

4 Bulchiinsi Mootummichaa eebbawwan dinqisiisaa ta’an argamsiisa. Kanaafuu, Macaafni Qulqulluun, “Warri garraamonni garuu lafa in qabaatu, isaanis nagaa guututti jiraachuu isaaniitiin sonaan in gammadu” jechuudhaan raajii dubbachuunsaa nama hin dinqisiisu. Hamoonnoo maal ta’u? Caaffanni Qulqullaa’oon, “Inni jal’aan yeroo xinnoo booddee achitti hin argamu” jechuudhaan raajii dubbatu. “Warri Waaqayyoon eeggatan garuu lafa in qabaatu [“dhaalu,” 1899].”—Far. 37:9-11.

5. Sirna si’anaa kanarra maaltu ga’a?

5 Kana hunda dura, sirni ammaa kun, mootummootasaa warra wal lolan, amantiiwwan sobaafi sirna daldalaasaa hundaa wajjin baduu qaba. Bulchiinsi waaqarraa kana raawwata. Daani’el hafuura qulqulluutiin geggeeffamee akkas jechuudhaan raajii dubbatee ture: “Bara mootota sanaatti [amma jiraniitti] Waaqayyo inni waaqa irraa mootummaa deebi’ee matumaa hin badne, isa mo’ichi isaas saba biraatti hin darbine [waaqarratti] dhaabuuf jira; inni mootummoota [amma jiran] sana hundumaa caccabsee in hurreessa, badduus isaan in baasa; ofii isaatii immoo bara baraan jabaatee in dhaabata.” (Dan. 2:44) Mootummaan Waaqayyoo jechuunis bulchiinsi waaqarraa inni haaraan, hawaasa lafarraa isa haaraa bulcha. Yeroo sanatti ‘bantiiwwan waaqaa haaraafi lafa haaraa qajeelummaan keessa buufatutu’ jiraata.—2 Phe. 3:13.

Yoomiyyuu Caalaa Amma Fayyinni Barbaachisaadha

6. Macaafni Qulqulluun hammeenya biyya lafaa akkamitti ibsa?

6 Ilmaan namootaa balaarra kan bu’an, yeroo Seexanni, Addaamiifi Hewwaan wanta sirriifi dogoggora ta’e ofumasaaniitiif murteeffachuu barbaaduudhaan Waaqayyorratti ka’an ture. Bishaan Badiisaa dura, waggaa 1,600 booda, ‘jal’inni namaa lafarratti baay’atee, wanti namni guyyaa hundumaa garaasaatti yaadee qopheessu hundinuus jal’aa duwwaa ta’ee ture.’ (Uma. 6:5) Waggaa 1,300 boodammoo, Solomoon haalli namoonni keessatti argaman manca’aa adeemuusaa waan hubateef, “Warra hamma ammaatti jiran irra warra kanaan dura du’an wayya; warri hin dhalatin immoo jal’ina aduu jalatti hojjetamaa jiru waan hin arginiif, isaan kana lamaan irra iyyuu in wayyu” jechuudhaan barreesseera. (Lal. 4:2, 3) Waggoota 3,000 booda, jechuunis yeroo keenya kanattimmoo hammeenyi garmalee babal’ateera.

7. Yeroo ammaatti Waaqayyo biraa fayyina argachuun baay’ee barbaachisa kan ta’e maaliifi?

7 Hammeenyi yeroo dheeraadhaaf kan ture yoo ta’eyyuu, yeroo kamiyyuu caalaa namoonni amma fayyina Mootummaan Waaqayyoo fidu argachuunsaanii baay’ee barbaachisaadha. Haalli waggaa 100 asitti mul’achaa jiru yeroo kamirrayyuu caalaa baay’ee kan manca’e yommuu ta’u, ammammoo ittuma caalaa deemeera. Fakkeenyaaf, dhaabbanni Woorlidwooch jedhamu, “Baay’inni namoota jaarraa [20⁠ffaa] keessatti waraanaan ajjeefamanii, baay’ina namoota waraana Dh.K.B. jaarraa jalqabaatii kaasee hanga bara 1899⁠tti godhameen ajjeefamanirra harka sadiin caala” jechuudhaan gabaaseera. Bara 1914 jalqabee namoonni miliyoona 100 ol ta’an sababii waraanaatiin lubbuusaanii dhabaniiru! Insaayikilooppeediyaan tokko, Waraana Addunyaa Lammaffaatti, namoonni tilmaamaan miliyoona 60 ta’an akka du’an gabaaseera. Yeroo ammaa biyyoonni tokko tokko meeshaawwan waraanaa niiwkularii waan qabaniif, ilmaan namootaa saboota hedduu lafarraa fixuuf dandeettii qabu. Gama saayinsiifi qorichaatiin guddinni argamuyyuu, waggaa waggaatti daa’imman miliyoona shan ta’an beelaan du’aa jiru.—Kitaaba Macaafni Qulqulluu Maal Barsiisa? jedhamu, boqonnaa 9 ilaali.

8. Bulchiinsi ilmaan namootaa waggoota kumaan lakkaa’amaniif ture maal mirkaneesseera?

8 Carraaqqiin ilmaan namootaa hammenya balleessuuf godhan utuu hin milkaa’in hafeera. Dhaabbileen siyaasaa, daldalaafi amantii biyya lafaa, tasumaa wantoota ilmaan namaatiif barbaachisaa ta’an jechuunis nagaa, badhaadhummaafi fayyaa argamsiisuu hin dandeenye. Dhaabbileen kun rakkina ilmaan namootaa gurguddaa ta’an hiikuu mannaa, rakkoowwan dabalataa uumaniiru. Bulchiinsi ilmaan namootaa waggoota kumaan lakkaa’amaniif ture, “namni akeeka jireenya isaatii of harka galfachuu, karaa jireenya isaatiis ofii isaatiin geggeeffachuu akka hin dandeenye” mirkaneesseera. (Er. 10:23) “Yeroon inni tokko warra kaan irratti mo’ee isaan miidhus jira.” (Lal. 8:9) Kana malees, ‘uumamni hundinuu hamma ammaatti aadaafi ciniinsifataa’ jira.—Rom. 8:22.

9. Kiristiyaanonni dhugaan “guyyoota gara dhumaatti” wantoonni akkamii akka raawwataman eegu?

9 Macaafni Qulqulluun yeroo keessa jiru ilaalchisee, ‘Guyyoota gara dhumaatti yeroon sodaachisaan in dhufa’ jechuudhaan raajii dubbateera. Raajiin kun haalawwan guyyoota gara dhumaa bulchiinsa ilmaan namootaa keessatti raawwataman erga ibsee booda, “Namoonni hamoonni, warri ija namaa gowwoomsanis isa gadhee irraa gara isa caalaa gadheetti gad in adeemu” jedha. (2 Ximotewos 3:1-5, 13 dubbisi.) Kiristiyaanonni “Guutummaan biyya lafaa immoo harka isa hamaa [Seexana] jala akka jiru” waan beekaniif, wanti kun isaan hin dinqisiisu. (1 Yoh. 5:19) Haata’u malee, Waaqayyo namoota isa jaallatan akka fayyisu beekuun misraachoodha. Biyya lafaa isa atattamaan manca’aa adeemu kanarraa ni oolu.

Fayyina Argamsiisuu Kan Danda’u Eenyu?

10. Burqaan fayyinaa amansiisaa ta’e Yihowaa qofadha kan jennu maaliifi?

10 Misiraachicha yeroo lallabdu, Yihowaan Burqaa fayyinaa akka ta’e ibsi. Tajaajiltootasaa haalawwan gadhee keessaa oolchuuf humnas ta’e fedhii kan qabu isa qofadha. (HoE. 4:24, 31; Mul. 4:11) Yihowaan, “Akka ani yaade in ta’a, akka ani murtoo godhettis in raawwatama” jechuudhaan waan kakateef, yeroo hunda sabasaa akka oolchuufi kaayyoosaa galmaan akka ga’u mirkanaa’oo ta’uu dandeenya. Dubbiinsaa “harka duwwaa gara [isaatti] hin deebi’u.”—Isaayaas 14:24, 25; 55:10, 11 dubbisi.

11, 12. Waaqayyo tajaajiltootasaatiif abdii akkamii kenne?

11 Yihowaan yommuu hamootarratti faradu tajaajiltootasaa akka fayyisu waadaa galeera. Waaqayyo, Ermiyaas raajichi namoota cubbuu cimaa hojjetanitti ija jabinaan akka dubbatu yeroo isa erge, “Hin sodaatin!” kan jedhe yommuu ta’u, sababiisaas, “Ani si oolchuudhaaf sii wajjinan jira’o” jechuudhaan ibseera. (Er. 1:8) Haaluma wal fakkaatuun, Yihowaan yeroo namoota hamoo Sodoomiifi Gomoraa keessa turan balleesse, ergamoota isaan geggeessan lama erguudhaan, Looxiifi maatiinsaa naannoo sanaa akka ba’an godheera. Sana booda, “Waaqayyo . . . dhagaa boba’u, ibiddas mandaroota Sodoomii fi Gomoraa irratti gad in roobse.”—Uma. 19:15, 24, 25.

12 Yihowaan, namoota addunyaa maratti argamaniifi jaalalasaa raawwatan oolchuu danda’a. Yihowaan, Bishaan Badiisaatiin yommuu addunyaa hamaa balleesse, “Nohin isa qajeelina lallabu, namoota biraa torbaa wajjin oolche.” (2 Phe. 2:5) Gara fuulduraattis yeroo biyya lafaa isa hamaa kana balleessu namoota qajeeloo ta’an ni oolcha. Kanaan kan ka’es Dubbiinsaa, “Isin warri gad deebi’oon biyyicha keessa jiraattan . . . hundinuu Waaqayyoon barbaaddadhaa! Guyyaa dheekkamsa isaa sanatti inni isin golboobee isin in oolcha ta’a, isin immoo qajeelinaa fi garraamummaa barbaaddadhaa!” jechuudhaan ibsa. (Sef. 2:3) Badiisni addunyaa maraa kun erga raawwatamee booda, ‘namoonni qajeeloon lafarra kan jiraatan yommuu ta’u, cubbamoonni garuu lafarraa in badu.’—Fak. 2:21, 22 1899.

13. Tajaajiltonni Yihowaa warri du’an fayyina kan argatan akkamitti?

13 Haata’u malee, tajaajiltoonni Waaqayyoo hedduun dhukkubaan, ari’atamaafi sababiiwwan kan biraatiin du’aniiru. (Mat. 24:9) Warri kun hundi fayyina kan argatan akkamitti? Akkuma olitti ibsame, ‘qajeelonni du’aa ni ka’u.’ (HoE. 24:15) Homtinuu Yihowaan sabasaa akka hin oolchine gochuu akka hin dandeenye beekuun baay’ee nama jajjabeessa!

Bulchiinsa Qajeelaa

14. Mootummaan Waaqayyoo bulchiinsa qajeelaa akka ta’e kan amannu maaliifi?

14 Tajaajila keerratti Mootummaan Yihowaa inni samiirraa, bulchiinsa qajeelaa ta’uusaa ibsuu dandeessa. Murtoo mudaa hin qabne, qajeelummaafi jaalala dabalatee amalawwan Waaqayyoo achi keessatti waan mul’ataniif, bulchiinsi kun qajeelaa jedhamuu danda’a. (Kes.32:4; 1 Yoh. 4:8) Waaqayyo, Mootummaa kana Yesus Kiristos isa hundarra caalaa lafa bulchuuf ga’eessa ta’eef kenneera. Yihowaan Kiristiyaanonni dibamoon 144,000 ta’an lafarraa filatamanii samiirra akka jiraataniifi Kiristosii wajjin dhaaltota ta’uudhaan lafa akka bulchan kaayyoo qaba.—Mul. 14:1-5.

15. Garaa garummaa bulchiinsa Mootummaa Waaqayyoofi bulchiinsa namootaa gidduu jiru ibsi.

15 Bulchiinsi Yesusiifi dibamtoota 144,000 ta’anii, bulchiinsa namoota cubbamoo ta’aniirraa garaa garummaa guddaa qabaata! Bulchitoonni addunyaa kanaa yeroo baay’ee hamoota waan ta’aniif, namoota isaan jalatti bulan waraana namoonni miliyoonaan lakkaa’aman itti gorra’amanitti oofaniiru. Caaffanni Qulqullaa’oon, ‘namoota fayyisuu hin dandeenyetti’ akka hin amanamne nu gorsuunsaanii sirriidha. (Far. 146:3, 1899) Bulchiinsi Kiristos garuu kanarraa addadha! Yesus akkas jedheera: “Isin warri itti dhamaatanii dadhabdan, ba’aanis kan isinitti ulfaatu hundinuu gara koo kottaa; ani boqonnaa isiniifan kenna. Waanjoo koo fuudhaatii baadhaa, ana irraas baraa; anoo garraamii dha kanan gad of deebises; boqonnaas lubbuu keessaniif in argattu. Waanjoon koo nama hin dhibu, ba’aan namni anaaf jedhee baatus salphaa dha.”—Mat. 11:28-30.

Guyyoonni Gara Dhumaa Xumuramuuf Jedhu!

16. Guyyoonni gara dhumaa kun kan xumuraman akkamitti?

16 Bara 1914 jalqabee biyyi lafaa guyyoota gara dhumaa ykn “dhuma barichaa” keessa jira. (Mat. 24:3) Yeroo dhi’oottimmoo, “rakkinni guddaan” Yesus raajiidhaan dubbate ni dhufa. (Maatewos 24:21 dubbisi.) Rakkinni homtinuu isaan hin qixxaanne kun, guutummaa biyya lafaa Seexanni seerratu kana dhabamsiisa. Haata’u malee, rakkinni guddaan kun akkamitti jalqaba? Kan xumuramuhoo akkamitti?

17. Macaafni Qulqulluun rakkinni guddaan akkamitti akka jalqabu ibsa?

17 Rakkinni guddaan akka tasaa jalqaba. Eeyyee, “Guyyaan gooftaa” “‘Nagaa dha, gabii dhas’ utuma jedhanii” akka tasaa dhufa. (1 Tasaloniiqee 5:2, 3 dubbisi.) Rakkinni raajiidhaan dubbatame kun, yeroo saboonni rakkoowwansaanii gurguddaa ta’an tokko tokko hiikuu jala akka ga’an isaanitti dhaga’amutti jalqaba. Badiisni bulchiinsa amantii sobaa addunyaa maraa kan taate “Baabilon guddittii” inni akka tasaa ga’u, biyya lafaa ajaa’ibsiisa. Mootonniifi namoonni kaan Baabilon Guddittiitti yeroo faradamu ni dinqisiifamu.—Mul. 17:1-6, 18; 18:9, 10, 15, 16, 19.

18. Yihowaan, lola Seexanni sabasaarratti kaasuuf tarkaanfii kan fudhatu akkamitti?

18 Dhumarratti, “Milikkinnis biiftuutti, ji’atti, urjootatti in ta’a;” akkasumas ‘milikkinni ilma namaa waaqa keessatti in mul’ata.’ Yeroo sanatti, ‘furamuun keenya akka dhi’aate beekuudhaan mataa keenya ol qabnee ilaaluu’ dandeenya. (Luq. 21:25-28; Mat. 24:29, 30) Seexanni ykn Goog, saba Waaqayyorratti duula. Haata’u malee, Yihowaan warra tajaajiltootasaa amanamoo ta’anirratti ka’an ilaalchisee, “Namni isin tuqu agartuu ija kootii tuqa” jechuudhaan dubbateera. (Zak. 2:8) Kanaaf, yaaliin Seexanni isaan balleessuuf godhu isaaf hin milkaa’u. Maaliif? Yihowaan, Gooftaan hundumaa danda’u, battaluma sanatti tajaajiltootasaa oolchuuf tarkaanfii waan fudhatuufidha.—His. 38:9, 18.

19. Ergamoonni Yihowaa warri firdii raawwachiisan, sirna Seexanaa akka balleessan amanamuu kan dandeenyu maaliifi?

19 Waaqayyo sabootarratti tarkaanfii yeroo fudhatu, ‘Inni Yihowaa akka ta’e in beeku.’ (His. 36:23, NW) Yihowaan macca ergamootaa warra firdii raawwachiisaniifi Yesus Kiristosiin geggeeffaman erguudhaan sirna Seexanaa lafarratti argamu hunda ni balleessa. (Mul. 19:11-19) Ergamaan tokko qofti halkan tokkotti dinoota Waaqayyoo “kumaatama dhibba tokkoo fi kuma saddeettamii shan” akka ajjeese ni yaadanna. Kanarraa ka’uudhaan, yommuu rakkinni inni guddaan waraana Armaagedoonitti xumuramu, macci ergamootaa harcaatuu sirna Seexanaa lafarratti argamu kamiyyuu salphaadhumatti balleessuu akka danda’u mirkanaa’oo ta’uu dandeenya. (2 Mot. 19:35; Mul. 16:14, 16) Seexanniifi hafuuronni hamoonni waggaa kuma tokkoof iddoo lafa jalaatti hidhamu. Booddees ni balleeffamu.—Mul. 20:1-3.

20. Yihowaan Mootummaasaatti fayyadamee maal godha?

20 Samiifi lafti hammeenyarraa walaba ta’u; namoonni qajeelota ta’an barabaraaf lafa kanarra jiraatu. Yihowaan Fayyisaa Guddaa ta’uusaa ni mirkaneessa. (Far. 145:20) Mootummaasaatti fayyadamee, olaantummaasaa ni mirkaneessa, maqaasaa ni qulqulleessa, akkasumas kaayyoo guddaa lafaaf qabu ni raawwata. Tajaajilarratti yeroo misiraachoo kana lallabdu, namoonni ‘jireenya barabaraatiif qophaa’an’ guyyaan Mootummaan Waaqayyoo fayyina itti fidu dhihaachuusaa akka hubatan gargaaruudhaan gammachuu argadhu!—HoE. 13:48.

Ni Yaadattaa?

• Yesus Mootummichi barbaachisaa ta’uusaa kan ibse akkamitti?

• Yeroo kamiyyuu caalaa amma fayyinni kan barbaachisu maaliifi?

• Yeroo rakkina guddaatti maaltu akka raawwatamu eeguu dandeenya?

• Yihowaan Fayyisaa Isa Guddaa ta’uusaa kan mirkaneesse akkamitti?

[Gaaffiiwwan Qayyabannaa]

[Fakkii fuula 12rra jiru]

Dubbiin Waaqayyoo hojiin lallabaa homtinuu isaan hin qixxaanne bara keenyatti akka raawwatamu raajii dubbateera

[Fakkii fuula 15rra jiru]

Yihowaan akkuma Nohiifi maatiisaa oolche, nuunis oolchuu danda’a

[Fakkii fuula 16rra jiru]

Yihowaan “imimmaan hundumaa ija isaaniittii in haqa . . . , egaa duuni deebi’ee hin argamu”—Mul.21:4