Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Qaamni Olaanaan Kan Gurmaa’e Akkamitti?

Qaamni Olaanaan Kan Gurmaa’e Akkamitti?

Qaamni Olaanaan Kan Gurmaa’e Akkamitti?

QAAMNI OLAANAA Dhugaa Baatota Yihowaa, dhiirota dibamoo tajaajila Waaqayyootiif of murteessan kan qabatedha. Obboloonni kun hojjetaa amanamaafi ogeessa bakka bu’u. Hojjetaan kunimmoo nyaata hafuuraa qopheessuufi qajeelfama kennuuf itti gaafatamummaa qaba; akkasumas hojiin lallabaa addunyaa maratti akka raawwatamu qajeelfama kenna.—Mat. 24:14, 45-47.

Qaamni Olaanaan torban torbaniin yeroo baay’ee gaafa Roobii walga’ii godha. Kunis obboloonni kun tokkummaadhaan akka waliin hojjetan isaan gargaara. (Far. 133:1) Miseensonni Qaama Olaanaa koree addaddaa keessa galanis ni tajaajilu. Gabaabumatti akka armaan gaditti ibsametti, koreen hundumtuu hojiiwwan Mootummichaa wajjin wal qabatanirratti wanta olaantummaadhaan to’atu qaba.

KOREE QINDEESSITOOTAA: Koreen kun, qindeessitoota koreewwan Qaama Olaanaa warra kaaniifi barreessaa miseensa Qaama Olaanaa ta’e tokko kan qabatedha. Koreen kun, koreewwan hundinuu rakkoo tokko malee karaa bu’a qabeessa ta’een akka hojjetan gargaara. Kana malees, balaawwan gurguddaan, ari’atamniifi dhimmawwan ariifachiisaa ta’an kan biraan Dhugaa Baatota Yihowaa addunyaa maratti argaman yommuu mudatan, tarkaanfii barbaachisaa ta’e fudhata.

KOREE PARSONEELII: Obboloonni koree kana keessa jiran, miseensonni maatii Bet’el addunyaa maratti argaman karaa foonii, karaa hafuuraafi karaawwan kan biraatiin haala gaarii keessa jiraachuusaanii to’ata. Kana malees, koreen kun, miseensota maatii Bet’el haaraa ta’an filatee gara Bet’elitti ni waama; akkasumas tajaajila Bet’el keessatti raawwatan ilaalchisee gaaffii gaafatamuuf deebii kenna.

KOREE MAXXANSAA: Koreen kun, hojii barreeffamoota Macaafa Qulqulluurratti hundaa’an qopheessuu, maxxansuufi erguu olaantummaadhaan to’ata. Manneen maxxansaafi qabeenya waldaawwan addaddaa Dhugaa Baatonni Yihowaa itti fayyadaman olaantummaadhaan to’ata. Koreen kun, buusiin hojii Mootummichaa addunyaa maratti geggeeffamuuf godhamu sirriitti hojiirra akka oolu godha.

KOREE TAJAAJILAA: Obboloonni koree kana keessa jiran, hojii lallabaa, akkasumas dhimma gumiiwwan, qajeelchitoota, jaarsoliifi daawwattoota olaanaa ilaallatan olaantummaadhaan to’atu. Akkaataa barreeffamni Tajaajila Mootummaa itti qopheeffamu to’atu. Kana malees, barattoota Mana Barumsaa Masaraa Eegumsaa Giil’aadiifi Mana Barumsaa Leenjii Tajaajiltootaa galan afeeruufi biyya addaddaatti ramaduun hojii koree kanaati.

KOREE BARUMSAA: Koreen kun, barumsawwan walga’ii addaa, aanaa, koonyaafi gumiirratti dhihaatan olaantummaadhaan to’ata. Miseensota maatii Bet’eliif sagantaawwan hafuuraa qopheessa. Dabalataanis, Mana Barumsaa Giil’aadiifi Mana Barumsaa Qajeelchitootaa, akkasumas qophii kaassettoota oodiyoofi viidiyoo ni to’ata.

KOREE BARREEFFAMAA: Nyaanni hafuuraa barreeffamaan akka maxxanfamuufi obboloonnis ta’e warri kaan akka argatan gochuun itti gaafatamummaa koree kanaati. Koreen kun, gaaffiiwwan Macaafa Qulqulluutiif deebii kan kennu ta’uusaarrayyuu, barreeffama diraamaafi waraqaa haasawaan irraa dhihaatu ni raggaasisa. Kana malees, hojii hiika afaanii addunyaa maratti raawwatamu olaantummaadhaan to’ata.

Phaawulos, gumii dibamtootaa qaama namaa wajjin wal fakkeessee ibseera. Akkasumas, miseensonni hundi faayidaa guddaa kan qaban, wal malee jiraachuu kan hin dandeenye, kan wal jaallataniifi hojii Waaqayyo isaanii kenne kan waliin raawwatan ta’uusaanii addeesseera. (Rom. 12:4, 5; 1 Qor. 12:12-31) Yesus Kiristos inni Mataasaanii ta’e, miseensonni qaamasaa wal ta’anii akka jiraatan, akka qindaa’aniifi nyaata hafuuraa akka argatan wanta barbaachisaa ta’e godha. (Efe. 4:15, 16; Qol. 2:19) Karaa kanaan, Qaamni Olaanaan akkuma Yihowaan hafuura qulqulluudhaan isa geggeessutti qajeelfama kennuuf qindaa’eera.