Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Waan Gaarii Gochuu Keessan Itti Fufaa

Waan Gaarii Gochuu Keessan Itti Fufaa

Waan Gaarii Gochuu Keessan Itti Fufaa

‘Waan Gaarii Godhaa.’—LUQ. 6:35.

1, 2. Warra kaaniif waan gaarii gochuun yeroo baay’ee rakkisaa kan ta’e maaliifi?

WARRA kaaniif waan gaarii gochuun rakkisaa ta’uu danda’a. Namoonni jaallannu nu hin jaallatan ta’a. “Wangeela isa waa’ee ulfina Waaqayyo eebbifamaa,” akkasumas waa’ee Ilmasaa dubbatu himuudhaan namoota gargaaruuf waan dandeenyu hundumaa goona. Haata’u malee, namoonni dantaa dhabuufi kan hin galateeffanne ta’uu danda’u. (1 Xim. 1:11) Warri kaanimmoo, “yaada fannifamuu Kiristositti diina ta’anii” jiraatu. (Filp. 3:18) Kiristiyaanota hamma taanetti warra kaan akkamitti qabuu qabna?

2 Yesus Kiristos bartootasaatiin, “Diinota keessan jaalladhaa, gaariis godhaa” jedhee ture. (Luq. 6:35) Mee gorsa kana bal’inaan haa ilaallu. Yaadawwan kan biraa Yesus warra kaaniif waan gaarii gochuu ilaalchisee dubbaterraas faayidaa ni arganna.

“Diinota Keessan Jaalladhaa”

3. (a) Yaada Yesus Maatewos 5:43-45⁠rratti dubbate jecha mataa keetiin ibsi. (b) Geggeessitoonni amantii Yihudootaa jaarraa jalqabaa turan, Yihudootaafi warra Yihudoota hin taaneef ilaalcha addaddaa akkamii qabu turan?

3 Yesus Lallaba beekamaa Gaararratti kennerratti, namoonni isa dhaggeeffachaa turan diinotasaanii akka jaallataniifi warra isaan ari’ataniif akka kadhatan itti himee ture. (Maatewos 5:43-45 dubbisi.) Warri isa dhaggeeffachaa turan Yihudoota abboommii, “Ati nama akka ofii keetiitti jaalladhu malee, ijaa hin baafatin, ijoollee saba keetii irrattis haaloo hin qabatin!” jedhu beekan turan. (Lew. 19:18) Geggeessitoonni amantii Yihudii jaarraa jalqabaa turan, jechi “ijoollee saba keetii” fi “nama” jedhu Yihudoota qofa argisiisa jedhanii amanu turan. Seerri Musee Israa’eloonni saboota kaanirraa adda ba’anii akka jiraatan ajaja. Haata’u malee, Israa’eloonni abboommii kana karaa sirrii hin taaneen waan hubataniif, warra Yihudoota hin taane akka diinaatti kan ilaalan ta’uusaarrayyuu, jibbuu akka qaban itti dhaga’ama ture.

4. Bartoonni Yesus diinotasaanii akkamitti qabuu qabu turan?

4 Haala kanarraa adda ta’een Yesus, “Diinota keessan jaalladhaa, warra isin ari’ataniifis kadhadhaa!” jedheera. (Mat. 5:44) Bartoonnisaa warra isaan jibban hunda jaallachuu qabu turan. Luqaas inni Wangeela barreesse Yesus akkas jechuusaa ibseera: “Ani garuu isin warra na dhageessaniin, diinota keessan jaalladhaa warra isin jibbaniifis gaarii godhaafan isiniin jedha. Warra isin abaaran eebbisaa, warra isin arrabsaniifis kadhadhaa!” (Luq. 6:27, 28) Akkuma namoota jaarraa jalqabaatti gorsa Yesus hojiirra oolchanii, nuyis ‘warra nu jibbaniif waan gaarii gochuudhaan’ jibbasaanii hojii gaariidhaan moona. Gaarummaadhaan isaanitti dubbachuudhaan ‘warra nu abaaran ni eebbisna.’ Warra qaama keenyarra miidhaa geessisuudhaan ykn ‘nu arrabsuudhaan’ ‘nu ari’ataniif ni kadhanna.’ Kadhannaan akkasii, warri nu ari’atan yaadasaanii jijjiirratanii tarkaanfii ayyaana Yihowaa isaanii argamsiisu akka fudhatan gargaaruu waan danda’uuf, jaalala isaanii qabnu argisiisa.

5, 6. Diinota keenya jaallachuu kan qabnu maaliifi?

5 Diinota keenya jaallachuu kan qabnu maaliifi? Yesus, “Kana yoo gootan ijoollee abbaa keessanii isa waaqa irraa in taatu” jedheera. (Mat. 5:45) Gorsa kana hojiirra yoo oolchine, fakkeenya Yihowaa hordofuudhaan ‘ijoolleesaa’ taana. Inni ‘aduusaa warra hamootaafi warra gaggaariidhaaf baasa, bokkaasaas warra qajeelotaafi jal’ootaaf roobsa.’ Wangeelli Luqaas, Waaqayyo “warra galata hin qabnee fi warra hamootaaf iyyuu arjaa” akka ta’e ibsa.—Luq. 6:35.

6 Yesus bartoonnisaa ‘diinotasaanii jaallachuunsaanii’ barbaachisaa ta’uusaa akkas jechuudhaan ibseera: “Warra isin jaallatan duwwaa yoo jaallattan gatii maalii argattu ree? Warri sodaa Waaqayyoo hin qabne iyyuu akkanuma in godhu mitii ree? Obboloota keessan duwwaa ho’iftanii nagaa yoo gaafattan, warra kaan caalaa maalfaa gootu? Warri saba Waaqayyoo hin ta’in iyyuu akkanuma in godhu mitii ree?” (Mat. 5:46, 47) Namoota nu jaallatan qofa kan jaallannu yoo ta’e, “gatii” ykn ayyaana Waaqayyoo hin argannu. Warri qaraxxuun jibbamoo turanillee, namoota isaan jaallatan ni jaallatu turan.—Luq. 5:30; 7:34.

7. “Obboloota” keenya qofa nagaa kan gaafannu yoo ta’e, wanta ‘warri kaan godhan caalaa’ hin goone kan jennu maaliifi?

7 Yihudoonni nagaa yeroo nama gaafatan jecha “nagaa” jedhutti fayyadamu turan. (Abo. 19:20; Yoh. 20:19) Kunis nama nagaa gaafatamu sanaaf, fayyaa, nagaafi badhaadhummaa akka hawwan kan argisiisu ture. “Obboloota” keenya qofa nagaa kan gaafannu yoo ta’e, wanta ‘warri kaan godhan caalaa’ hin goonu jechuudha. Yesus “Warri saba Waaqayyoo hin ta’in iyyuu” akkasuma godhu jedheera.

8. Yesus, “Warra mudaa hin qabne ta’aa” yommuu jedhu dhaggeeffattoonnisaa maal akka godhan isaan jajjabeessuusaa ture?

8 Bartoonni Yesus cubbuu waan dhaalaniif mudaa kan hin qabne ta’uu hin danda’an. (Rom. 5:12) Ta’uyyuu Yesus, “Egaa abbaan keessan inni waaqa irraa mudaa malee akkuma ta’e, isinis warra mudaa hin qabne ta’aa!” jechuudhaan Lallabasaa kana xumureera. (Mat. 5:48) Dhaggeeffattoonnisaa jaalala mudaa hin qabne akka qabaatan isaanitti himeera. Kana jechuunsaa, diinotasaanii jaallachuudhaan akka ‘Abbaasaanii isa waaqarraa’ jaalalasaanii guutuu akka godhan isaan jajjabeessuusaa ture. Nuyis akkasuma gochuutu nurraa eegama.

Dhiifama Gochuu Kan Qabnu Maaliifi?

9. Waan gaarii gochuun maal dabalata?

9 Nama cubbuu nurratti hojjete tokkoof dhiifama gochuudhaanis waan gaarii gochuu dandeenya. Kadhannaa Yesus barsiise keessaa garri tokko, “Akkuma nuyi warra nu yakkaniif dhiifne, yakka keenyas nuuf dhiisi!” kan jedhudha.—Mat. 6:12

10. Dhiifama gochuu ilaalchisee fakkeenya Waaqayyoo hordofuu kan dandeenyu akkamitti?

10 Waaqa isa cubbamoota qalbii jijjiirrataniif dhiifama godhu fakkaachuu qabna. Phaawulos akkas jechuudhaan barreesseera: “Walitti kan toltan, garaas kan waliif laaftan ta’aa; akkuma Waaqayyo karaa Kristos cubbuu keessan isiniif dhiise, isinis akkasuma waliif dhiisaa!” (Efe. 4:32) Daawit akkas jechuudhaan faarfateera: “Waaqayyo oo’a-qabeessaa fi araara-qabeessa, aariitti suuta in jedha, gaarummaan isaas guddaa dha. . . . Akka cubbuu keenyaatti nu irratti hin hojjetu, akka yakka keenyaattis nutti hin deebisu. . . . Ba’i-biiftuu lixa-biiftuutii akka fagaatu, innis irra-daddarbaa keenya nuttii in fageessa; abbaan ijoollee isaatiif akka garaa laafu, Waaqayyos akkasuma warra isa sodaataniif garaa in laafa. Akka nuyi itti hojjetamne inni in beeka, biyyoo ta’uu keenyas in yaadata.”—Far. 103:8-14.

11. Waaqayyo namoota akkamiitiif dhiifama godha?

11 Waaqayyo dhiifama kan godhu, namoota warra isaan yakkaniif dhiifama godhan qofaafidha. (Mar. 11:25) Yesus yaada kana akka gaariitti ibsuuf akkas jechuudhaan dubbateera: “Namootaaf irra-daddarbaa isaanii yoo dhiiftaniif, abbaan keessan inni waaqa irraa immoo isiniif in dhiisa. Garuu isin namootaaf yoo dhiisuufii baattan, abbaan keessan immoo irra-daddarbaa keessan isiniif hin dhiisu.” (Mat. 6:14, 15) Eeyyee, Waaqayyo dhiifama kan godhu namoota warra kaaniif garaadhaa dhiifama godhaniifidha. Karaan waan gaarii itti goonu inni tokko gorsa Phaawulos, “Gooftaan akkuma isiniif dhiise, isinis immoo waliif dhiisaa!” jechuudhaan kenne hojiirra oolchuudha.—Qol. 3:13.

“Namatti Hin Faradinaa!”

12. Yesus warra kaanitti faraduu ilaalchisee gorsa akkamii kenne?

12 Lallaba Yesus isa Gaaraa keessatti karaa wanta gaarii gochuu itti dandeenyu gara biraas ni arganna. Yesus fakkeenya gaarii kennuudhaan dhaggeeffattoonnisaa namatti akka hin faranne itti himeera. (Maatewos 7:1-5 dubbisi.) Yesus, “Namatti hin faradinaa” yommuu jedhu maal jechuusaa akka ture haa ilaallu.

13. Namoonni Yesusiin dhaggeeffatan, “Haa hafu” jechuu kan danda’an akkamitti ture?

13 Wangeelli Maatewos, Yesus, “Waaqayyo akka isinitti hin farannetti isin namatti hin faradinaa!” jechuusaa ibsa. (Mat. 7:1) Luqaasimmoo, Yesus akkas jechuusaa barreesseera: “Namatti hin faradinaa isinittis hin faradamu; yakka hin murinaa yakki isinitti hin muramu; haa hafu jedhaa, Waaqayyos isiniif haa hafu in jedha.” (Luq. 6:37) Fariisonni jaarraa jalqabaa, gara jabinaafi barsiifata Caaffata Qulqullaa’oo wajjin wal hin simnerratti hundaa’anii namootatti faradu turan. Warra Yesusiin dhaggeeffachaa turan keessaa namoonni akkas godhan ‘namatti faraduu dhiisuu’ qabu turan. “Haa hafu” jechuu ykn namootaaf yakkasaanii dhiisuufii qabu turan. Akkuma armaan olitti ibsame Phaawulosis dhiifama gochuu ilaalchisee gorsa kanaa wajjin wal fakkaatu kenneera.

14. Bartoonni Yesus namootaaf dhiifama gochuudhaan warri kaan maal akka godhan kakaasuu danda’u turan?

14 Bartoonni Yesus namootaaf dhiifama gochuudhaan, isaanis dhiifama akka godhan kakaasuu danda’u turan. Yesus, “Firdiidhuma isin namatti faraddaniin isinittis in faradama; qodaa safaraa isin itti namaaf safartanitti isiniifis in safarama” jedheera. (Mat. 7:2) Akkaataa warra kaan itti qabnu ilaalchisee waanuma facaasne galfanna.—Gal. 6:7.

15. Yesus dogoggora funaanuun sirrii akka hin taane kan barsiise akkamitti?

15 Yesus warra kaanirratti dogoggora barbaaduun sirrii akka hin taane argisiisuuf akkas jedhee gaafateera: “Maaliif huuba ija obboleessa kee keessa jiru ilaalta? Utubaa isa ija kee keessa jiru hin hubattuu? Yookiis attamitti obboleessa keetiin, ‘Lakkii huuba ija kee keessaa siifan baasa’ jetta ree? Kunoo, utubaanoo ija kee keessa jiraa!” (Mat. 7:3, 4) Namni dogoggora namarratti funaanu, huuba “ija” obboleessasaa keessa jirurratti xiyyeeffata. Namni akkasii obboleessisaa hubannaa gaarii akka hin qabneefi murtoo sirrii gochuu akka hin dandeenye dubbata. Dogoggorri uumame hamma huubaa xinnoo ta’uyyuu, namichi dogoggora funaanu sun, “Huuba ija kee keessaa siifan baasa” jedha. Of hin arginee ta’uudhaan, obboleessisaa sun ilaalcha gaarii akka qabaatu gargaaruuf yaalii godha.

16. Fariisonni ijasaanii keessaa “utubaa” qabu turan jechuun kan danda’amu maaliifi?

16 Keessumaa geggeessitoonni amantii Yihudii garmalee namootarratti dogoggora barbaadu turan. Fakkeenyaaf: Namichi Kiristos ijasaa baneef tokko, Yesus Waaqayyo biraa akka dhufe yommuu dubbatu, Fariisonni aariidhaan, “Ati guutummaatti cubbuudhaan dhalattee nu barsiiftaa?” jedhaniinii turan. (Yoh. 9:30-34) Seera bu’uuraa Yihowaarratti hundaa’anii waan sirrii ta’e gochuu ilaalchisee, Fariisonni ijasaanii keessaa “utubaa” waan qabaniif guutummaatti jaamaa turan. Kanaan kan ka’es Yesus akkas jedheera: “Ati of hin arginee nana, duraan dursitee utubaa ija ofii keetii keessaa baasi, isa booddee huuba ija obboleessa kee keessa jiru, hubattee baasuu in dandeessa.” (Mat. 7:5; Luq. 6:42) Waan gaarii gochuufi warra kaan haala gaariidhaan qabuuf yoo murteessine, yeroo hunda gara jabinaan dogoggora isaanirratti funaanuudhaan ijasaanii keessaa huuba hin barbaannu. Kanaa mannaa, cubbamoo ta’uu keenya amanuudhaan, warra kaanirratti faraduufi obboloota keenyarratti dogoggora barbaaduurraa of qusachuu qabna.

Warra Kaan Akkamitti Qabuu Qabna?

17. Maatewos 7:12 wajjin haala wal simuun warra kaan akkamitti qabuu qabna?

17 Yesus Lallaba Gaararratti kennerratti, Waaqayyo kadhannaa tajaajiltootasaatiif deebii kennuudhaan, akkuma abbaasaanii akka isaaniif ta’u dubbateera. (Maatewos 7:7-12 dubbisi.) Yesus seera bu’uuraa, “Waanuma namoonni akka isiniif godhaniif jaallattan, isinis akkasuma isaaniif godhaa” jedhu kennuunsaa sirriidha. (Mat. 7:12) Duuka buutota Yesus Kiristos warra dhugaa ta’uu keenya kan argisiisnu, namoota haala akkasiitiin yoo qabne qofadha.

18. ‘Seerichi’ wanta warri kaan akka nuu godhan barbaannu isaanii gochuu akka qabnu kan argisiisu akkamitti?

18 Yesus waanuma namoonni akka nuu godhan barbaannu isaanii gochuu akka qabnu erga dubbatee booda, “Seerrii fi raajonni isuma kana in barsiisu” jedheera. Akka Yesus jedhetti namoota kan qabnu yoo ta’e, ergaa ‘Seerichi’ dabarsuu wajjin haala wal simuun jiraanneerra jechuudha. ‘Seericha’ kan jedhaman, kitaabota Macaafa Qulqulluu Uumamaa hanga Keessa Deebiitti jiranidha. Kitaabonni kun, kaayyoo Yihowaan sanyii hammeenya dhabamsiisu argamsiisuuf qabu ni ibsu. Kana malees, Seera Dh.K.D. bara 1513 karaa Musee saba Israa’eliif kenname qabataniiru. (Uma. 3:15) Dabalataanis Seerichi, Israa’eloonni, murtoo sirrii akka godhan, nama akka wal hin caalchisne, warra rakkataniifi warra galaadhaaf waan gaarii akka godhan ajaja ture.—Lew. 19:9, 10, 15, 34.

19. “Raajonni” waan gaarii gochuu akka qabnu kan ibsan akkamitti?

19 Yesus “raajonni” yommuu jedhu, kitaabota raajii Caaffata Qulqullaa’oo afaan Ibrootaa yaadatti qabatee ture. Kitaabonni kun raajiiwwan waa’ee Masiihichaa dubbataniifi Kiristosirratti raawwataman qabataniiru. Kitaabonni kun, Waaqayyo tajaajiltoonnisaa wanta isa biratti sirrii ta’e yommuu godhaniifi warra kaan karaa sirrii ta’een yommuu qaban akka isaan eebbisus ni ibsu. Fakkeenyaaf raajiin Isaayaas Israa’elootaaf gorsa akkas jedhu kenneera: “Waaqayyo, . . . ‘firdii sirriitti eegaa, wanta qajeelaas godhaa! Namni wanta kana godhu, inni kana jabeessee eegu, . . . inni harka isaa wanta hamaa hojjechuuttii dhowwus haa gammadu!’ jedhe.” (Isa. 56:1, 2) Eeyyee, Waaqayyo sabnisaa waan gaarii akka godhan isaanirraa eega.

Yeroo Hunda Warra Kaaniif Waan Gaarii Godhaa

20, 21. Namoonni Lallaba Yesus Gaararratti kenne dhaggeeffatan tarkaanfii akkamii fudhatan? Atoo Lallaba kanarratti xiinxaluu kan qabdu maaliifi?

20 Barumsa Yesus Lallabasaa isa Gaaraarratti kenne keessaa kan ilaalle muraasa qofadha. Ta’uyyuu, namoonni yeroo sana isa dhaggeeffatan tarkaanfii akkamii akka fudhatan salphaatti beekuu dandeenya. Macaafni Qulqulluun akkas jedha: “Yesus dubbii isaa kana dubbatee yommuu raawwate, namoonni na’anii barsiisa isaa in dinqisiifatan. Inni akka barsiisota seeraa warra kan isaanii utuu hin ta’in akka nama aboo qabuutti isaan in barsiisa ture.”—Mat. 7:28, 29.

21 Yesus Kiristos ‘Gorsaa Dinqii’ isa waa’eensaa raajiidhaan dubbatame ta’uunsaa hin shakkisiisu. (Isa. 9:6) Yesus ilaalcha Abbaasaa isa samii akka gaariitti kan beeku ta’uusaa, Lallaba Gaararratti dhiheesserraa beekuun ni danda’ama. Yaadawwan olitti ibsamaniin alas, Lallabni kun gammachuu dhugaa argachuun, amala addaggummaarraa fagaachuun, qajeelota ta’uun, abdii gammachiisaa qabaachuun akkamitti akka danda’amuufi dhimmawwan kaanirrattis ibsa baay’ee kenna. Maatewos boqonnaa 5 hanga 7 of eeggannoofi kadhannaadhaan irra deebitee maaliif hin dubbistu? Gorsa gaarii Yesus kenneefi achirratti galmeeffamerratti xiinxali. Gorsa Kiristos Lallaba Gaaraarratti kenne hojiirra oolchi. Kana yoo goote caalaatti Yihowaa gammachiisuu, warra kaan akka gaariitti qabuufi waan gaarii gochuukee itti fufuu dandeessa.

Maal Jettee Deebista?

• Diinota keenya akkamitti qabuu qabna?

• Namootaaf dhiifama gochuu kan qabnu maaliifi?

• Yesus namootatti faraduu ilaalchisee maal jedhe?

Maatewos 7:12 wajjin haala wal simuun warra kaan akkamitti qabuu qabna?

[Gaaffiiwwan Qayyabannaa]

[Fakkii fuula 10rra jiru]

Yesus, “Namatti hin faradinaa” kan jedhe maaliif akka ta’e beektaa?

[Fakkii fuula 8rra jiru]

Warra nu ari’ataniif kadhachuu kan qabnu maaliifi?

[Fakkii fuula 10rra jiru]

Yeroo hundumaa wanta warri kaan akka sii godhan barbaaddu isaaniif ni gootaa?