Aangoo Yihowaa Fudhadhaa
Aangoo Yihowaa Fudhadhaa
“Waaqayyoon jaallachuu jechuunis abboommota isaa eeguu dha; abboommonni isaa immoo ba’aa ulfaatoo miti.”—1 YOH. 5:3.
1, 2. (a) Namoonni baay’een aangoo warra kaaniitiif bitamuun kan isaan jibbisiisu maaliifi? (b) Namoonni yaada warra kaanii fudhachuu akka hin barbaanne dubbatan, dhugumaan kan ofiin bulanidhaa? Ibsi.
Yeroo har’aa namoonni baay’een jecha “aangoo” jedhu hin jaallatan. Namoonni hedduun nama kan biraatiif bitamuun baay’ee isaan jibbisiisa. Namoonni warra kaan jalatti buluu hin barbaanne, “Eenyuyyuu waanan gochuu qabu akka natti himu hin barbaadu” yaada jedhu qabu. Haata’u malee, dhugumaan namoonni kun warra ofiin of bulchanidhaa? Matumaa! Namoota akkasii keessaa baay’eensaanii, filannaa namoota “fakkeenya jireenya bara isa darbu kanaa duukaa” bu’an kan hordofanidha. (Rom. 12:2) Kanaa mannaa akkuma Phexros jedhe namoonni kun “garboota badiisaa ti.” (2 Phe. 2:19) Jarri kun, ‘toora biyya lafaa kanaa duukaa bu’anii deddeebi’aa, akkasumas Diiyaabilos isa aboo qilleensa keessa jiru irratti gooftummaa qabuuf abboomamaa jiru.’—Efe. 2:2.
2 Qopheessaan kitaabaa tokko, “Warrikoo ykn lubni ykn geggeessaan amantii ykn Macaafni Qulqulluun, wanta sirrii ta’e ilaalchisee murtoo akka naa godhan hin barbaadu” jechuudhaan of jajaan dubbateera. Dhugaadha, namoonni tokko tokko aangoosaaniitti karaa sirrii hin taaneen waan fayyadamaniif, isaaniif ajajamuun keenya hin malu ta’a. Haata’u malee, guutummaatti qajeelfamni eenyuuyyuu akka nu hin barbaachisne yaaduun keenya kanaaf furmaata ta’aa? Matadureewwan gaazexaa yoo ilaalte, qajeelfama fudhachuu dhiisuun rakkoowwan akkamii geessisaa akka jiru hubachuu dandeessa. Namoonni baay’een yeroo qajeelfamni barbaachisaa itti ta’e kanatti, qajeelfama fudhachuuf fedhii dhabuunsaanii baay’ee nama gaddisiisa.
Ilaalcha Aangoodhaaf Qabnu
3. Kiristiyaanonni jaarraa jalqabaa, namoota aangoo qabaniif callisanii akka hin ajajamne kan argisiisan akkamitti?
3 Kiristiyaanota waan taaneef, ilaalchi keenya Hojii Ergamootaa 5:27-29 dubbisi.
ilaalcha biyyi lafaa kun qaburraa addadha. Kana jechuun, waan jedhamne hunda callisnee fudhanna jechuu miti. Kanaa mannaa, al tokko tokko warra aangoo qabaniyyuu dabalatee wanta warri kaan nu ajajan diduu qabna. Kiristiyaanonni jaarraa jalqabaa akkas godhaniiru. Fakkeenyaaf, ergamoonni Yesus lallabuu akka dhiisan yommuu ajajamanii turan, angafa lubootaa, akkasumas warra aango qabeeyyii kutaa Yaa’ii turan sodaachuudhaan harka hin kennine. Aangoo namootaatiif ajajamuuf jecha waan sirrii ta’e gochuurraa duubatti hin jenne.—4. Caaffanni Qulqullaa’oon afaan Ibrootaa, tajaajiltoonni Waaqayyoo hedduun wanta namoota biratti fudhatama hin qabne gochuusaanii kan argisiisan akkamitti?
4 Tajaajiltoonni Waaqayyoo bara Kiristiyaanummaa dura turan hedduunis murtoo akkasii godhaniiru. Fakkeenyaaf, Museen kana gochuunsaa ‘mooticha dheekkamsiisuyyuu’ “ilma intala Fara’oon jedhamee waamamuu dide[e] . . . saba Waaqayyoo wajjin rakkina jala jiraachuu fo’ate.” (Ibr. 11:24, 25, 27) Yoseef, haati manaa Phoxiifaar isheen tarkaanfii isarratti fudhachuufi isa miidhuu dandeessu, ishee wajjin akka ejju isa dirqisiisuuf yaaltuyyuu ishee dideera. (Uma. 39:7-9) Daani’el, ejjennoonsaa angafa hojjettootaa warra Baabilon biratti fudhatama dhabus, “nyaata mootichi nyaatuu fi dhugaatii inni dhugu soorachuudhaan akka of hin xureessineef garaa murate.” (Dan. 1:8-14) Seenaawwan kun, sabni Waaqayyoo rakkina akkamiiyyuu yoo isaanirra geessise, wanta sirrii ta’e gochuurraa duubatti akka hin jenne argisiisu. Namoota biratti fudhatama argachuuf jecha, waan hundaan hin ajajaman. Nuyis kana gochuu hin qabnu.
5. Ilaalchi aangoodhaaf qabnu, ilaalcha biyya lafaarraa adda kan ta’e akkamitti?
5 Ija jabeeyyii ta’uun keenya, akka diddaatti ykn dhimma siyaasaa wajjin wal qabateen mormitoota akka taanetti ilaalamuu hin qabu. Kanaa mannaa, aangoo nama kamiiyyuu caalaa aangoo Yihowaatiif bitamuuf murteessineerra. Seerri namootaafi seerri Waaqayyoo yeroo wal faallessu, maal akka goonu murteessuun rakkisaa miti. Akkuma ergamoota jaarraa jalqabaa, seera namootaa mannaa seera Waaqayyootiif ajajamna.
6. Yihowaadhaaf ajajamuun yeroo hundumaa gaarii kan ta’e maaliifi?
6 Aangoo Waaqayyoo fudhachuuf kan nu gargaare maalidha? Yaada Fakkeenya 3:5, 6rratti, “Garaa kee guutuu Waaqayyoon amanadhu, hubannaa ofii keetiitti hin hirkatin! Karaa kee hundumaatti isa yaadi, innis daandii kee siif in qajeelcha” jedhuu wajjin guutummaatti walii galla. Wanti Waaqayyo nu ajaju hundi, dhumarratti faayidaa kan nuu argamsiisu ta’uusaa ni amanna. (Keessa Deebii 10:12, 13 dubbisi.) Yihowaan, “Isa wanta waa’ee siif baasu si barsiisuu fi isa karaa ati adeemtu irratti si geggeessuu dha” jechuudhaan waa’eesaa Israa’elootaaf ibseera. Itti dabaluudhaanis, “Eyyee, ati seerrata koo utuu eegdeetta ta’ee, silaa nagaan kee akka laga bishaanii in yaa’a, qajeelummaan kees akka guuboo galaanaa ol in ka’a ture” jedheera. (Isa. 48:17, 18) Kun dhugaa ta’uusaa ni amanna. Abboommiiwwan Waaqayyootiif ajajamuun yeroo hundumaa akka nu fayyadu ni amanna.
7. Ajajni Dubbii Waaqayyoo keessatti argamu tokko maaliif akka kenname guutummaatti yoo hubachuu baanne maal gochuu qabna?
7 Ajajni tokko tokko maaliif akka kenname nuu galuu baatuyyuu, aangoo Yihowaa ni fudhanna, isaafis ni abboomamna. Kun gowwummaa utuu hin ta’in isatti amanamuu keenya kan argisiisudha. Kana gochuun keenya, Yihowaan wanta nuuf gaarii ta’e kan beeku ta’uusaa akka amannu argisiisa. Yohannis ergamaan, “Waaqayyoon jaallachuu jechuunis abboommota isaa eeguu dha; abboommonni isaa immoo ba’aa ulfaatoo miti” waan jedheef, isaaf ajajamuun keenya jaalala keenyas kan argisiisudha. (1 Yoh. 5:3) Haata’u malee karaan ajajamoo ta’uu itti qabnuufi dagatamuu hin qabne kan biraanis jira.
Sammuu Keenya Barsiisuu
8. ‘Sammuu keenya barsiisuun’ aangoo Yihowaa fudhachuu wajjin walitti dhufeenya maalii qaba?
8 Macaafni Qulqulluun, ‘sammuun keenya hojiidhaan itti baree hamaafi gaarii gargar baasuu akka danda’u’ gochuu akka qabnu dubbata. (Ibr. 5:14) Kanaafuu, utuma itti hin yaadin seerawwan Waaqayyootiif ajajamuun kaayyoo keenya miti. Kanaa mannaa, seerawwan bu’uuraa Yihowaarratti hundaa’uudhaan, waan “hamaa fi gaarii gargar baasuu” danda’uu qabna. Daandiin Yihowaa daandii ogummaa ta’uusaa arguu barbaanna. Kana yoo goonemmoo akka faarfatichaa, “Seerri kees garaa koo keessa jira” jechuu dandeenya.—Far. 40:8.
9. Yaada garaa keenya seerawwan bu’uuraa Yihowaa wajjin wal simsiisuu kan dandeenyu akkamitti? Kana gochuun barbaachisaa kan ta’e maaliifi?
9 Akkuma faarfatichaa bu’aa guddaa seerawwan Waaqayyoo qaban hubachuu yoo barbaanne, wanta Macaafa Qulqulluurraa dubbisnerratti xiinxaluun keenya barbaachisaadha. Fakkeenyaaf, ulaagaa Yihowaan nurraa eegu tokko erga beeknee booda, ‘Abboommiin ykn seerri bu’uuraa kun barbaachisaa kan ta’e maaliifi? Seera kanaaf ajajamuun faayidaa kan naa argamsiisu akkamitti? Dhimma kana ilaalchisee warri gorsa Waaqayyoo fudhachuu didan wanta hamaa akkamiitu isaanirra ga’e?’ jennee of gaafanna ta’a. Yaanni garaa keenya karaa Yihowaa wajjin kan wal simu yoo ta’e, yeroo baay’ee murtoo fedha Yihowaa wajjin wal simu goona. ‘Jaalalli Yihowaa maal akka ta’e hubachuufi’ ajajamuu dandeenya. (Efe. 5:17) Kana gochuun yeroo hunda salphaa miti.
Seexanni, Aangoon Yihowaa Akka Tuffatamu Gochuu Barbaada
10. Karaan Seexanni aangoon Yihowaa akka tuffatamu itti godhe tokko maalidha?
10 Seexanni, yeroo dheeraadhaa kaasee aangoon Yihowaa akka tuffatamu gochuuf yaalaa tureera. Ofiin of bulchuu akka barbaadu karaawwan hedduudhaan argisiiseera. Qajeelfama Waaqayyo gaa’ela ilaalchisee baase kabajuu dhiisuu akka fakkeenyaatti ilaalaa. Namoonni tokko tokko utuu wal hin fuudhiin waliin jiraachuu kan barbaadan yommuu ta’u, kaanimmoo hiriyaa gaa’elaasaanii wajjin gargar ba’uuf mala barbaadu. Namoonni akkasii, dubartii fiilmii hojjechuurratti beekamtuu taateefi, “Hiriyaa gaa’elaa tokko qofaan jiraachuun saalawwan lamaaniifuu waan danda’amu miti. Nama amanamaa ta’e, ykn ta’uu barbaadu tokkoyyuu hin beeku” jette tokkoo wajjin walii galu. Namni fiilmii hojjechuurratti beekamaa ta’e tokkos, walitti dhufeenya gadhee inni qaburratti yaaduudhaan, “Jireenya keenya isa hafe hundumaatti nama tokkoo wajjin qofa gaa’elaan hidhamnee jiraachuun uumama keenya ta’uusaa nan shakka” jechuudhaan dubbateera. ‘Dhimma gaa’elaa wajjin haala wal qabateen, aangoo Yihowaa nan fudhadhamoo, ilaalchi biyya lafaa inni gadheen yaada koorratti dhiibbaa geessisaa jira?’ jennee of gaafachuu qabna.
11, 12. (a) Dargaggoonni aangoo Yihowaa fudhachuun kan isaanitti ulfaatu maaliifi? (b) Muuxannoo namni tokko seerawwaniifi seerawwan bu’uuraa Yihowaa tuffachuusaatiin miidhaa isarra ga’e argisiisu dubbadhu.
11 Dargaggeessa jaarmiyaa Yihowaa keessa jirtudhaa? Yoo taate, Seexanni aangoo Yihowaa akka tuffattu gochuuf haala adda ta’een sirratti xiyyeeffachuu danda’a. ‘Kajeellaan yeroo dargaggummaatti hammaatuufi’ dhiibbaan hiriyoota keerraa sitti dhufu, seerawwan Waaqayyoo ba’aa akka ta’an akka sitti dhaga’amu gochuu danda’a. (2 Xim. 2:22) Kun akka ta’u hin heyyamin. Seera bu’uuraa Waaqayyo baase hordofuun gamnummaa ta’uusaa hubachuuf carraaqi. Fakkeenyaaf Macaafni Qulqulluun, ‘halalummaa akka baqattu’ sitti hima. (1 Qor. 6:18) Ammas, ‘Gorsi kun gaarii kan ta’e maaliifi? Dhimma kanaa wajjin haala wal qabateen ajajamuunkoo kan na fayyadu akkamitti?’ jedhii of gaafadhu. Namoota gorsa Waaqayyoo didanii cubbuu hojjechuusaaniitiin rakkinni guddaan isaanirra ga’e beekta ta’a. Namoonni kun amma gammachuu qabuu? Yeroo jaarmiyaa Yihowaa keessa turan sana caalaa jireenya gaarii jiraachaa jiruu? Karaa gammachuun itti argamu ilaalchisee, iccitii tajaajiltoota Waaqayyoo kaan jalaa dhokate argataniiruu?—Isaayaas 65:14 dubbisi.
12 Yaada Kiristiyaanni Shaaran jedhamtu tokko yeroo muraasa dura kennite ilaali. “Seera Yihowaa cabsuu kootiin dhukkubni nama ajjeesuufi Eedsii jedhamu na qabeera. Yeroo hundumaa, waggootan gammachuu itti argadheefi Yihowaa tajaajiluudhaan dabarse sana duubatti deebi’een yaadadha” jetteetti. Seera Yihowaa cabsuunshee gowwummaa akka ta’e, akkasumas seerawwan kanaaf bakka guddaa kennuun akka isheerra ture hubatteetti. Seerri Yihowaa eegumsa nuu ta’a. Shaaran, jechoota armaan olitti argaman kana barreessitee ji’aafi torban sadiitti duute. Muuxannoonshee inni gaddisiisaan kun akka argisiisutti, Seexanni, namoota kutaa biyya lafaa isa hamaa kanaa ta’aniif waan gaarii tokkoyyuu hin kennu. “Abbaa sobaa” waan ta’eef, akkuma abdii Hewwaaniif kenne utuu isheedhaa hin raawwatin hafe, abdii baay’ee kennuyyuu raawwatee hin beeku. (Yoh. 8:44) Dhugumayyuu, yeroo hundumaa aangoo Yihowaa fudhachuun faayidaa qaba.
Ofiin Of Bulchuurraa Fagaadhaa
13. Karaawwan amala ofiin of bulchuurraa itti of eeguu qabnu keessaa tokko tokko kamfa’i?
13 Aangoo Yihowaa fudhachuu ilaalchisee, amala ofiin of bulchuurraa fagaachuu qabna. Garmalee ofitti amanamuun, qajeelfamni eenyuuyyuu akka nu hin barbaachisne akka nutti dhaga’amu gochuu danda’a. Fakkeenyaaf, gorsa namoonni saba Waaqayyoo gidduutti geggeessitoota ta’an nuu kennan fudhachuu didna ta’a. Waaqayyo, hojjetaa amanamaafi ogeessi nyaata hafuuraa yeroosaatti akka dhiheessu qophii godheera. (Mat. 24:45-47) Qophiin kun karaa Yihowaan yeroo har’aa kunuunsa itti nuu godhu ta’uusaa gad of qabuudhaan fudhachuu qabna. Fakkeenya ergamoota Yesus warra amanamoo ta’anii hordofi. Duuka buutonni tokko tokko mufatanii yeroo isa duukaa bu’uu dhiisanii turanitti, Yesus ergamootasaatiin, “Isinis immoo adeemuu in barbaadduu iyyuu?” jedhee isaan gaafate. Phexrosis deebisee, “Si dhiifnee eenyu bira dhaqna ree? Gooftaa, dubbii waa’ee jireenya bara baraa nama barsiisu situ qaba’o” jedhe.—Yoh. 6:66-68.
14, 15. Gad of deebisuudhaan gorsa Macaafa Qulqulluu fudhachuu kan qabnu maaliifi?
14 Aangoo Yihowaa fudhachuun, gorsa Dubbiisaarratti hundaa’e fudhannee hojiirra oolchuu dabalata. Fakkeenyaaf, kutaan hojjetaa amanamaafi ogeessaa, ‘akka dammaqnuufi akka of qabnu’ nu akeekkachiiseera. (1 Tas. 5:6) Bara dhumaa namoonni baay’een “ofittoo, sassatoota” itti ta’an kanatti, gorsi akkasii nuu kennamuunsaa barbaachisaadha. (2 Xim. 3:1, 2) Ilaalchi babal’ate akkasii kun dhiibbaa nurra geessisuu danda’aa? Eeyyee. Galmawwan jireenya hafuuraa wajjin walitti dhufeenya hin qabne hordofuun, karaa hafuuraa nu laaffisuu ykn qabeenyaaf bakka guddaa akka laannu nu gochuu danda’u. (Luq. 12:16-21) Kanaafuu, gorsa Macaafa Qulqulluu fudhachuuniifi jireenya ofittummaa biyya lafaa Seexanni bulchu kana keessatti babal’aterraa fagaachuun keenya baay’ee barbaachisaadha.—1 Yoh. 2:16.
15 Nyaanni hafuuraa hojjetaan amanamaafi ogeessi qopheessu, karaa jaarsoliitiin gumiiwwan ga’a. Macaafni Qulqulluun, “Geggeessituun keessan akka warra itti gaafatamanii waan hojjetan himuuf jiraniitti, waa’ee lubbuu keessaniif dammaqanii waan yaadaniif, isin isaaniif abboomamaa karaas kennaaf! Kanas gaddaan utuu hin ta’in, gammachuudhaan akka isaan hojjetan godhaa! Isaan gaddaan yoo hojjetan garuu isiniif ba’eessa miti” jechuudhaan nu gorsa. (Ibr. 13:17) Kana jechuun jaarsoliin gumii hin dogoggoran jechuudhaa? Akkas jechuu akka hin taane beekamaadha! Haata’u malee, nama kamiyyuu caalaa Waaqayyo hir’inasaanii akka gaariitti ilaala. Ta’us akka isaanii bitamnu barbaada. Jaarsoliin hir’ina qabaataniyyuu isaanii wajjin walii galuunkeenya, aangoo Yihowaa akka fudhannu kan argisiisudha.
Barbaachisummaa Gad Of Deebisuu
16. Yesus isa Mataa gumii ta’e akka kabajnu akkamitti argisiisuu dandeenya?
16 Yeroo hundumaa Yesus Mataa gumii isa dhugaa ta’uusaa yaadachuu qabna. (Qol. 1:18) ‘Baay’ee ol isaan qabuudhaan’ gad of deebisnee qajeelfama jaarsolii fudhachuu kan qabnu kanaafidha. (1 Tas. 5:12, 13) Jaarsoliin gumiis, yaada ofiisaanii utuu hin ta’in ergaa Waaqayyoo gumichaaf dabarsuuf of eeggachuudhaan akka bitaman argisiisuu danda’u. Yaada dhuunfaasaanii babal’isuuf jecha, ‘wanta caaffanni qulqullaa’aan jedhu gararraa hin darban.’—1 Qor. 4:6.
17. Of gurguddisuun gaarii kan hin taane maaliifi?
17 Obboloonni gumii keessatti argaman hundi ofiisaaniitiif ulfina akka hin barbaanne of eeggannoo gochuu qabu. (Fak. 25:27) Kiyyoon akkasii, duuka buutuu Kiristos isa Yohannis ergamaa wajjin wal arge tokkorra ga’eera. Yohannis, “Diyotreefes inni geggeessituu ta’uu barbaadu immoo nu hin dhaga’u. Egaa yoon dhufe, waan inni hojjetuu fi isa inni dubbii hundee hin qabneen maqaa keenya balleessu hundumaa nan kaasa” jechuudhaan barreesseera. (3 Yoh. 9, 10) Kun yeroo har’aas wanta nuu dabarsu qaba. Fedhii bakka guddaa argachuuf qabnu akkamiiyyuu of keessaa balleessuuf sababii ga’aa qabna. Macaafni Qulqulluun, “Of gurguddisuun badiisatti, of bokoksuunis kufaatiitti nama in geessa” jedha. Warri aangoo Waaqayyoo kabajan, of tuuluun salphina akka fidu amanuudhaan amala akkasiirraa fagaachuu qabu.—Fak. 11:2; 16:18.
18. Aangoo Yihowaa fudhachuuf maaltu nu gargaara?
18 Eeyyee, amala ofiin buluu biyyi lafaa kun qaburraa fagaachuufi aangoo Yihowaa fudhachuun galmakee haa ta’u. Yeroo hundumaa, mirga guddaa Yihowaa tajaajiluuf argatterratti dinqisiifannaadhaan xiinxali. Saba Waaqayyoo gidduutti argamuunkee, inni hafuurasaatiin garasaatti akka si harkise kan mirkaneessudha. (Yoh. 6:44) Walitti dhufeenya Waaqayyoo wajjin qabdu akka waan salphaatti hin ilaalin. Amala ofiin of bulchuu akka mormituufi aangoo Yihowaa akka fudhattu jireenyakee hundaan argisiisuuf carraaqqii godhi.
Ni Yaadattaa?
• Aangoo Yihowaa fudhachuun maal dabalata?
• Sammuu keenya barsiisuun, aangoo Yihowaa fudhachuu wajjin walitti dhufeenya maalii qaba?
• Seexanni aangoon Yihowaa akka tuffatamu gochuuf kan yaalu karaawwan kamiini?
• Aangoo Yihowaa fudhachuuf, gad of deebisuun barbaachisaa kan ta’e maaliifi?
[Gaaffiiwwan Qayyabannaa]
[Fakkii fuula 18rra jiru]
“Namaaf abboomamuu irra, Waaqayyoof abboomamuutu nu irra jira”
[Fakkii fuula 20rra jiru]
Yeroo Hundumaa seerawwan Waaqayyoo hordofuun gaariidha