Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Amalawwan Argisiisuuf Dhama’uu Qabnu

Amalawwan Argisiisuuf Dhama’uu Qabnu

Amalawwan Argisiisuuf Dhama’uu Qabnu

“Qajeelinaaf, akka nama Waaqayyootti jiraachuudhaaf, amantiidhaaf, jaalalaaf, obsaaf, gara-laafummaadhaaf dhama’i!”—1 XIM. 6:11.

1. Jechi ‘dhama’uu’ jedhu maal jechuu akka ta’e ibsi.

JECHA “dhama’i” jedhu yommuu dhageessu maal yaadatta? Tarii dhama’iinsi waraanni warra Gibxii bara Museetti Israa’eloota ‘ari’uuf’ godhan Galaana Diimaa keessatti badiisa akka isaanirraan ga’e yaadatta ta’a. (Bau. 14:23) Yookiin Israa’el durii keessatti namni akka tasaa nama ajjeese, balaan akkamii akka isarra ga’uu danda’u yaadatta ta’a. Mandaroota kooluu-galtootaaf qophaa’an ja’aan keessaa isa tokkotti dafee baqachuu qaba ture. Kanaa achi “utuu inni achi hin ga’in inni gumaa baafachuudhaaf barbaadu sun yommuu garaan isaa aaru duukaa bu’ee qaqqabee isa in ajjeesa.”—Kes. 19:6.

2. (a) Waaqayyo Kiristiyaanonni muraasni badhaasa akkamii argachuuf akka dhama’an afeere? (b) Waaqayyo, Kiristiyaanota hedduun yeroo ammaatti argamaniif abdii akkamii kenneera?

2 Fakkeenyota Macaafa Qulqulluu olitti ibsamanirraa haala faallaa ta’een, Phaawulos akkas jechuudhaan barreesseera: “Akeeka sana bira ga’ee gonfoo warra mo’anii argachuudhaaf nan kaadha [“dhama’a,” NW]; gonfoon warra mo’anii kunis waamicha isa Waaqayyo karaa Kristos Yesus itti ol nu waamee dha.” (Filp. 3:14) Macaafni Qulqulluun Phaawulosiin dabalatee, Kiristiyaanonni dibamoon 144,000 ta’an badhaasa jireenya waaqarraa akka argatan ibsa. Isaanis yeroo Yesus Kiristos Waggaa Kumaaf bulchu isaa wajjin lafarratti mo’u. Afeerraan Waaqayyo galma dinqisiisaa kanarra ga’uuf akka dhama’aniif namoota kanaaf qopheesse mirga guddaadha! Kiristiyaanonni dhugaa hedduun yeroo ammaatti argaman garuu abdii ykn galma kanarraa adda ta’e qabu. Yihowaan wanta Addaamiifi Hewwaan dhaban, jechuunis lafa jannata taaturratti dhibee fayyaa tokko malee barabaraaf akka jiraatan abdii kenneera.—Mul. 7:4, 9; 21:1-4.

3. Dinqisiifannaa gaarummaa Waaqayyoof qabnu akkamitti argisiisuu dandeenya?

3 Namoonni cubbuu dhaalan carraaqqii waan gaarii gochuuf godhaniin jireenya barabaraa argachuu hin danda’an. (Isa. 64:6) Jireenya barabaraa argachuu kan danda’an fayyinaa Waaqayyo jaalalaan kaka’ee karaa Yesus Kiristos qopheessetti yoo amanan qofadha. Gaarummaa Waaqayyo nuu godhe kanaaf dinqisiifannaa qabnu argisiisuuf maal gochuu dandeenya? Kana gochuuf karaan inni tokko abboommii, “Qajeelinaaf, akka nama Waaqayyootti jiraachuudhaaf, amantiidhaaf, jaalalaaf, obsaaf, gara-laafummaadhaaf dhama’i!” jedhuuf ajajamuudha. (1 Xim. 6:11) Waa’ee amalawwan kanaa barachuun, hundi keenya amalawwan kana argisiisuuf ‘caalchifnee’ dhama’uuf akka murteessinu nu gargaara.—1 Tas. 4:1.

‘Qajeelinaaf Dhama’aa!’

4. ‘Qajeelinaaf’ dhama’uun barbaachisaa kan ta’e maaliifi? Namni tokko amala kana qabaachuuf jalqaba maal gochuu qaba?

4 Phaawulos amalawwan dhama’uufii qabnu ilaalchisee xalayaa Ximotewosiif barreesse lamaanirratti jalqaba “qajeelina” caqaseera. (1 Xim. 6:11; 2 Xim. 2:22) Akkasumas, Macaafni Qulqulluun bakka biraatti qajeelummaaf akka dhamaanu irra deddeebi’ee nu jajjabeessa. (Fak. 15:9; 21:21; Isa. 51:1) Karaan itti kana gochuu jalqabuu dandeenyu inni tokko, waa’ee ‘Waaqayyo isa tokkicha, isa dhugaafi Yesus Kiristos isa inni ergee beekuudha.’ (Yoh. 17:3) Qajeelummaaf dhama’uun namni cubbuu hojjete, wanta kanaan dura raawwateef akka qalbii geddaratuufi fedha Waaqayyoo raawwachuuf akka ‘deebi’u’ isa kakaasa.—HoE. 3:19.

5. Waaqayyo duratti qajeeloo taanee jiraachuuf maal gochuu qabna?

5 Namoonni miliyoonaan lakkaa’amaniifi dhugumaan qajeelummaadhaaf dhama’an Yihowaaf of murteessuusaanii cuuphamuudhaan argisiisaniiru. Kiristiyaana cuuphamte yoo taate, akkaataan jireenyaakee qajeelummaadhaaf dhama’aa akka jirutu kan argisiisu ta’uu akka qabu yaaddee beektaa? Karaan kana itti argisiistu keessaa inni tokko, yeroo murtoo barbaachisaa gootu “hamaa fi gaarii” ilaalchisee wanta Macaafni Qulqulluun jedhu hubachuudha. (Ibroota 5:14 dubbisi.) Fakkeenyaaf, Kiristiyaana qeentee gaa’elaaf ga’e yoo taate, nama Dhugaa Baatuu hin taane tokkoo wajjin karaa kamiiniyyuu jaalala uumuurraa fagaachuuf guutummaatti murtoo gooteettaa? Qajeelummaaf dhama’uu yoo barbaadde kana gochuu qabda.—1 Qor. 7:39.

6. Dhugumaan qajeelinaaf dhama’uun maalfaa dabalata?

6 Qajeelaa ta’uufi akka qajeelaatti of ilaaluudhaan of tuuluu ykn ‘qajeelaa keessa ba’aa’ ta’uun garaagarummaa qaba. (Lal. 7:16) Yesus warra kaanirra nan caala jedhanii yaaduudhaan akka qajeelaatti of ilaaluun sirrii akka hin taane akeekkachiiseera. (Mat. 6:1) Dhugumaan qajeelinaaf dhama’uun garaa keenyaa wajjin kan wal qabate yommuu ta’u, innis yaada, ilaalcha, kaka’umsaafi fedhii sirrii hin taane sirreessuu dabalata. Akkas gochuu keenya kan itti fufnu taanaan cubbuu cimaa hin raawwannu. (Fakkeenya 4:23 dubbisi; Yaaqoob 1:14, 15 waliin ilaali.) Akkasumas, amalawwan Kiristiyaanotarraa barbaadaman garabiraa guutuuf yeroo dhamaanu Yihowaan nu eebbisa, nu gargaaras.

‘Akka Nama Waaqayyootti Jiraachuuf Dhama’aa!’

7. “Nama Waaqayyoo ta’uu” jechuun maal jechuudha?

7 Nama Waaqayyoo ta’uun, of murteessuuf fedhii cimaa qabaachuufi amanamaa ta’uu dabalata. Galmeen jechoota Macaafa Qulqulluu tokko jecha afaan Giriikii “nama Waaqayyoo ta’uu” jedhu, “Ilaalcha sirrii qabaachuudhaan wanta sodaa Waaqayyoof qabnu mancaasu kamirraayyuu fagaachuu” jedhee hiikeera. Israa’eloonni erga Waaqayyo hacuuccaa warra Gibxii jalaa isaan baasee boodas, abboomamuu dhiisuudhaan nama Waaqayyoo akka hin taane gochasaaniitiin argisiisaniiru.

8. (a) Cubbuun Addaam raawwate gaaffii akkamii kaase? (b) “Dhoksaa” qulqulluu ta’e kanaaf deebiin kan argame akkamitti?

8 Addaam inni mudaa hin qabne erga cubbuu hojjetee waggoota kumaan lakkaa’aman booda gaaffiin, “Namni mudaa tokko malee nama Waaqayyoo ta’uusaa argisiisu ni argamaa?” jedhu ka’eera. Jaarraawwan hedduu darbanitti ilmaan namootaa cubbamoo ta’an keessaa mudaa tokko malee nama Waaqayyoo ta’uu kan danda’e hin turre. Haata’u malee, Yihowaan yeroosaatti “dhoksaa” qulqulluu kana ifa godheera. Tokkicha Ilmasaa isa samiirra jiraachaa ture gara gadameessa Maariyaamitti galchuudhaan mudaa malee akka dhalatu godhe. Guutummaa jireenyasaa isa lafaafi salphinaan hamma ajjeefametti, Yesus fedhii cimaa Waaqa isa dhugaatiif of murteessuuf qabuufi amanamaa ta’uusaa argisiiseera. Kadhannaansaa, jaalala waaqeffannaa Abbaasaa isa waaqarraatiif qabu kan argisiisu ture. (Mat. 11:25; Yoh. 12:27, 28) Kanaaf, Yihowaan fakkeenya jireenya Yesus “nama Waaqayyoo” ta’ee jiraachuudhaan dabarse Phaawulos akka barreessu godheera.—1 Ximotewos 3:16 dubbisi.

9. Nama Waaqayyoo ta’uuf dhama’uu kan dandeenyu akkamitti?

9 Cubbamoota waan taaneef mudaa tokko malee nama Waaqayyoo taanee jiraachuu hin dandeenyu. Ta’us kana gochuuf dhama’uu dandeenya. Kunimmoo hamma dandeenye akkaataa jireenyaa Kiristos jiraate duukaa bu’uuf dhama’uu gaafata. (1 Phe. 2:21) Kanaaf, namoota of hin arginee ‘bakkeedhaan nama Waaqayyoo fakkaatanii mul’ataniifi humnisaa keessasaanii hin jirre’ fakkaachuu hin barbaannu. (2 Xim. 3:5) Kana jechuun garuu nama Waaqayyoo ta’uun eenyummaa keenya isa bakkeedhaan mul’atuun argisiifamuu hin qabnu jechuu miti. Nama Waaqayyoo ta’uun eenyummaa keenya isa bakkeedhaan mul’atuunis kan argisiifamudha. Fakkeenyaaf uffannaa cidhaas ta’e, yeroo gabaa dhaqnu uffachuuf filannu yoomiyyuu, akkaataan uffannaa keenyaa jecha “Waaqayyoof in saganna” jennuu wajjin kan walsimu ta’uu qaba. (1 Xim. 2:9, 10) Eeyyee, nama Waaqayyoo ta’uuf dhama’uun seera Waaqayyo qajeelummaadhaaf baase yeroo mara xiyyeeffannaadhaan hordofuu gaafata.

‘Amantiif Dhama’aa!’

10. Amantii keenya cimsuuf maal gochuu qabna?

10 Roomaa 10:17 dubbisi. Kiristiyaanni tokko amantiisaa guddifachuufi cimsee eeggachuuf, dhugaa Macaafa Qulqulluurratti xiinxaluu qaba. “Hojjetaan amanamaanii fi ogeessi” barreeffamoota gaarii hedduu qopheesseera. Kitaabni addaa Kitaaba koo Isan Seenaa Macaafa Qulqulluu Ittiin Baradhu jedhamu Seenaa 84 jalqabee, Kiristoosiin caalaatti beekuufi isa duukaa akka buunu nu gargaaruuf kan qophaa’edha. (Mat. 24:45-47) Akkasumas kutaan hojjetaa amanamaa walga’iiwwan gumii, aanaafi koonyaa kan qopheesse yommuu ta’u, walga’iiwwan kun hedduunsaaniis “dubbii Kiristos” kan ibsanidha. Wantoota Waaqayyo qopheesse kana ‘caalchiftee yaadaan duukaa bu’uudhaan’ karaa faayidaa guddaa itti argachuu dandeessu hubatteettaa?—Ibr. 2:1.

11. Yeroo amantiif dhamaanu, kadhannaafi abboomamuun ga’ee maalii qabu?

11 Wanti garabiraan amantii jabaa qabaachuuf nu gargaaru kadhannaadha. Bartoonni Yesus yeroo tokko, “Amantii keenya nuuf guddisi!” jedhanii isa kadhatanii turan. Nutis Waaqayyo akkas akka nuu godhu gad of deebisnee kadhachuu dandeenya. (Luq. 17:5) Amantiin ‘ija hojii hafuuraa’ keessaa tokko waan ta’eef, hafuurri Waaqayyoo amantii keenya akka nuu jabeessuufi akka nu gargaaru kadhachuu qabna. (Gal. 5:22, NW) Kana malees, abboommota Waaqayyoof ajajamuun amantii keenya nuu jabeessa. Fakkeenyaaf, hojii lallabaarratti caalaatti hirmaachuuf carraaqqii goona ta’a. Akkas gochuun keenya gammachuu hangana hin jedhamne nuu argamsiisa. Akkasumas eebba ‘duraan dursinee yaada keenya Mootummaa Waaqayyoofi qajeelummaasaa barbaaduutti hidhuun’ nuu argamsiisurratti yaaduun, amantii keenya nuu jabeessa.—Mat. 6:33

‘Jaalalaaf Dhama’aa!’

12, 13. (a) Abboommii haaraan Yesus kenne isa kamidha? (b) Karaawwan akka Kiristos jaalala argisiisuuf dhama’uu qabnu kamfa’i?

12 Ximotewos Isa Duraa 5:1, 2 dubbisi. Phaawulos Kiristiyaanonni akka wal jaallatan akkamitti argisiisuu akka danda’an gorsa kenneera. Nama Waaqayyoo ta’uun, akkuma Yesus nu jaallate, abboommii haaraa akka ‘wal jaallannuuf’ kennameef abboomamuus kan dabalatudha. (Yoh. 13:34) Yohannis akkas jedhee barreesseera: “Namni biyya lafaa kana irratti waan ittiin jiraatu qabu, dhaba obboleessa isaatii argee yoo garaa itti jabaate, jaalalli Waaqayyoo attamitti isa keessa jiraata ree?” (1 Yoh. 3:17) Atoo jaalala akka qabdu yeroo hojiidhaan argisiiste ni yaadattaa?

13 Karaa garabiraan jaalalaaf dhamaanummoo haaloo qabachuu mannaa obboloota keenyaaf dhiifama gochuudha. (1 Yohannis 4:20 dubbisi.) Kanaa manaa gorsa geggeessaa hafuuraatiin barreeffameefi armaan gaditti argamu hordofuu barbaanna: “Waliif danda’aa, namni tokko isa kaan yoo komate waliif dhiisaa; gooftaan akkuma isiniif dhiise, isinis immoo waliif dhiisaa!” (Qol. 3:13) Gorsa kana hojiirra oolchuudhaan gumii keessatti namni dhiifama gochuufii qabdu jiraa? Dhiifama gochuufoo ni feetaa?

‘Obsaaf Dhama’aa!’

14. Gumii Filaadelfiyaarraa maal baranna?

14 Galma yeroo gabaabaarra ga’uuf wanta dandeenyu hunda gochuun wanta tokko yommuu ta’u, galma rakkisaa ykn yeroo eegnee ol fudhaturra ga’uuf carraaqqii gochuunimmoo wanta garabiraadha. Galma jireenya barabaraa bira ga’uuf dhama’uun obsa cimaa akka gaafatu beekamaadha. Yesus gumii Filaadelfiyaatiif ergaa, “Ati dubbii koo isa obsaan danda’uu si irraa barbaadu waan eegdeef, anis immoo yeroo qoramsi . . . dhufutti isa jalaa akka baatuuf sin eega” jedhu ergeera. (Mul. 3:10) Yesus, obsaan danda’uun barbaachisaa ta’uusaa kan barsiise yommuu ta’u, amalli akkasiimmoo rakkinniifi qorumsi yommuu nu mudatu abdii akka hin kutanne nu gargaara. Jaarraa jalqabaatti, obboloonni gumii Filaadelfiyaatti argaman qorumsi amantaa hedduun isaan mudatus obsaan danda’anii dhaabachuudhaan fakkeenya gaarii ta’aniiru. Kanaaf, Yesus qorumsa cimaa gara fuulduraatti isaan mudaturratti akka isaan gargaaru isaaniif mirkaneesseera.—Luq. 16:10

15. Yesus waa’ee jabaatanii dhaabachuu maal barsiise?

15 Yesus bartoonnisaa firootasaanii hin amannerraa, akkasumas biyya lafaarraa jibbi akka isaanirra ga’u waan beekuuf, al lama: “Namni hamma dhumaatti jabaatee dhaabatu . . . in fayya” jechuudhaan isaan jajjabeesseera. (Mat. 10:22; 24:13) Bartoonnisaa yeroo rakkinaatti humna jabaatanii dhaabachuuf isaan gargaaru akkamitti argachuu akka danda’anis ibseera. Fakkeenya tokkorratti, namoota “dubbicha dhaga’anii gammachuudhaan fudhatan” lafa dhagaatti kan fakkeesse si’a ta’u, yeroo qorumsi amantiisaaniirra ga’u kan kufan ta’uusaanii ibseera. Haata’u malee, bartoonnisaa amanamoo waan ta’aniif, lafa gaarii dubbii Waaqayyoo “fudhatanii” “obsanii ija godhatanii” wajjin wal fakkeesseera.—Luq. 8:13, 15.

16. Namoonni miliyoonaan lakkaa’aman obsaan akka dhaabbatan qophii jaalalaa isa kamtu gargaare?

16 Wanti jabaatanii dhaabachuuf nama dandeessisu maal akka ta’e hubatteettaa? Dubbii Waaqayyoo garaafi sammuu keenyatti ‘fudhachuu’ qabna. Macaafa Qulqulluu Caaffata Qulqullaa’oo Hiika Addunyaa Haaraa inni sirriifi dubbisuuf salphaa ta’e afaan hedduudhaan jiraachuunsaa kana gochuuf haalli mijaa’aan akka jiraatu godheera. Kutaawwan Macaafa Qulqulluu muraasarratti guyyaa guyyaan xiinxaluun ‘obsa’ humna ija godhachuuf nu dandeessisu akka argannu nu gargaara.—Far. 1:1, 2.

Nagaafi ‘Gara-Laafummaaf Dhama’aa!’

17. (a) ‘Gara laafummaan’ baay’ee barbaachisaa kan ta’e maaliifi? (b) Yesus gara laafummaa kan argisiise akkamitti?

17 Eenyuyyuu wanta hin dubbanneen ykn hin gooneen yeroo himatamu hin gammadu. Namoonni himanni sirrii hin taane yeroo isaanirratti dhihaatu, himanni sun soba ta’uusaa aariidhaan akka ibsan beekamaadha. Haata’u malee ‘gara-laafummaa’ argisiisuun baay’ee barbaachisaadha! (Fakkeenya 15:1 dubbisi.) Himanni sirrii hin taane yeroo nurratti dhihaatu gara laafummaa argisiisuun jabina guddaa gaafata. Gama kanaan Yesus Kiristos fakkeenya gaarii ta’a. “Inni yommuu arrabsame deebisee hin arrabsine; yommuu dhiphates Waaqayyo isa firdii qajeelaa faradutti kennate malee, warra isa dhiphisan hin doorsifne.” (1 Phe. 2:23) Guutummaatti akka Yesus gara laafummaa argisiisuun rakkisaa ta’us, gama kanaan hamma tokko fooyya’iinsa gochuu dandeenyaa?

18. (a) Gara laafummaan maal raawwata? (b) Amalli kan biraan akka dhamaanuuf gorfamne kamidha?

18 Fakkeenya Yesus hordofuudhaan, waa’ee amantii keenyaa ‘deebii ga’u deebisuuf yeroo hundumaa qophaa’oo haa taanu!’ Kunis ‘arraba laafaafi nama safeeffachuudhaan haa ta’u!’ (1 Phe. 3:15, 16) Eeyyee, gara laafummaa qabaachuun namoota tajaajilarratti argannu ykn namoota hidhata amantii keenyaa wajjin ilaalchi keenya gargar yeroo ta’utti gara mormii cimaatti akka hin adeemne gochuu danda’a. (2 Xim. 2:24, 25) Gara laafummaan nagaa qabaachuuf nu gargaara. Phaawulosis, xalayaa lammaffaa Ximotewosiif barreesserratti amalawwan dhama’uufii qabnu keessaa, waa’ee “nagaa” kan ibseef kanaaf ta’uu danda’a. (2 Xim. 2:22; 1 Ximotewos 6:11 waliin ilaali.) Eeyyee, ‘nagaan’ amala Caaffanni Qulqullaa’oon akka dhamaanuuf nu jajjabeessan keessaa tokkodha.—Far. 34:14; Ibr. 12:14.

19. Amalawwan Kiristiyaanonni argisiisuu qaban torba erga qorree booda maal gochuuf murteessiteetta? Maaliif?

19 Gabaabaadhumatti amalawwan Kiristiyaanonni akka dhama’an jajjabeeffaman torba ilaalleerra; isaanis, qajeelummaa, akka nama Waaqayyootti jiraachuu, amantii, jaalala, obsa, gara laafummaafi nagaadha. Obboloonni gumii hundumaa keessa jiran amalawwan gaarii kana caalaatti calaqqisuuf carraaqqii gochuunsaanii baay’ee nama gammachiisa! Kun Yihowaadhaaf ulfina fida; akkasumas karaa isaaf ulfina fiduun akka nu tolchu haala gaarii mijeessaaf.

Yaadawwan Irratti Xiinxaluuf Gargaaran

• Qajeelaafi nama Waaqayyoo ta’anii jiraachuuf dhama’uun maal dabalata?

• Amantiifi obsa argisiisuuf dhama’uuf maaltu nu gargaara?

• Jaalalli hariiroo gidduu keenya jirurratti dhiibaa geessisuu kan qabu akkamitti?

• Gara laafummaafi nagaaf dhama’uun kan nu barbaachisu maaliifi?

[Gaaffiiwwan Qayyabannaa]

[Fakkii fuula 12rra jiru]

Yesus, of argisiisuufi qajeelaa of fakkeessuu ilaalchisee akeekkachiisa kenneera

[Fakkii fuula 13rra jiru]

Dhugaa Dubbii Waaqayyoo keessa jirurratti xiinxaluudhaan amantiif dhama’uu dandeenya

[Fakkii fuula 15rra jiru]

Jaalalaafi gara laafummaa argisiisuuf dhama’uu dandeenya