Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Dadhabina Qabaataniyyuu Humna Argachuu

Dadhabina Qabaataniyyuu Humna Argachuu

Dadhabina Qabaataniyyuu Humna Argachuu

DADHABINNIKEE si mo’uufi akka dhulaandhulaatti sitti maxxanee jiraachuu danda’a. Dadhabinakee mo’uu akka hin dandeenye ykn warra kaanii gadi akka taate sitti dhaga’ama ta’a. Tariimmoo, dhukkuba cimaa humnakee fixuufi gammachuu si dhabsiisuu wajjin wal’aansoo gochaa jirta ta’a. Rakkinnikee maaliyyuu yoo ta’e, karaa itti keessaa baatu akka hin qabne sitti dhaga’amuu danda’a. Iyoob, “Dheekkamsi kee hamma darbutti, iddoo lafa jalaa keessa utuu ana dhoksitee, akkan hin argamnes utuu gootee, yeroo muramaa laattee utuu na yaadattee, attam gaarii dha!” jedhee ture; atis akkumasaa sitti dhaga’amuu danda’a.—Iyo. 14:13.

Abdii kutachuu dhiisuu kan dandeessu akkamitti? Haallisaa rakkisaa ta’uu danda’uyyuu, yeroo muraasaaf rakkinakeerratti yaaduu dhiisi. Fakkeenyaaf, gaaffii Yihowaan tajaajilaasaa isa amanamaa kan ta’e Iyoobiin gaafaterratti yaadi. “Yommuu ani hundee lafaa kaa’e, ati eessa turte? Hubannaa isaa yoo qabaatte anatti himi! Beekta yoo ta’e, safara isaa eenyutu murtoo itti godhe? Yookiis eenyutu funyoo irra harkise?” jedhee isa gaafatee ture. (Iyo. 38:4, 5) Hiika gaaffiiwwan kanaarratti yoo yaanne, ogummaafi humni Yihowaa hundarra akka caalu amanuun keenya hin oolu. Inni, haalli biyya lafaa amma jiru kun akka itti fufu sababii itti heyyameef qaba.

‘Wanta Dhagna Keessa Taa’ee Nama Waraanu’

Tajaajilaa amanamaa kan biraanimmoo, Yihowaan ‘wanta dhagnasaa keessa taa’ee isa waraanu,’ jechuunis rakkina isa hin gadhiisne tokko akka isarraa fuudhu kadhateera. Phaawulos ergamaan qorumsa kanarraa walaba ta’uuf, al sadii Waaqayyoon kadhateera. Rakkinni kun maaliyyuu yoo ta’e, akkuma qoree waraanee nama aarsuu, gammachuu Phaawulos tajaajila Yihowaarraa argatu jalaa balleessee ta’uu danda’a. Phaawulos rakkina kana akka wanta utuu walirraa hin kutin isa rukutuutti ibseera. Deebiin Yihowaa, “Ayyaanni koo si ga’a, humni koo dadhabaa keessaan akeeka isaa in raawwata” kan jedhu ture. Yihowaan wanta qaama Phaawulos waraanu sana isarraa hin kaasne. Phaawulos wanta kanaa wajjin qabsaa’uu kan qabu ta’us, “Yeroon dadhabutti nan jabaadha” jedheera. (2 Qor. 12:7-10) Maal jechuusaa ture?

Dhugaadha, rakkinni Phaawulos dinqiidhaan isarraa hin fuudhamne. Ta’uyyuu, kun tajaajila Yihowaarratti wantoota dinqisiisaa ta’an raawwachuurraa isa hin ittisne. Phaawulos, Yihowaatti amanamuudhaan akka isa gargaaru utuu walirraa hin kutin kadhateera. (Filp. 4:6, 7) Phaawulos du’asaa jala yeroo ga’e, “Wal’aansoo isa gaarii sanas dhaabadhee qabeera; dorgomee koos raawwadheera, amantiis eegeera” jechuu danda’eera.—2 Xim. 4:7.

Yihowaan, namoota mudaafi rakkoo qabanitti fayyadamee fedhasaa kan raawwatu si’a ta’u, kanaanis ulfina kan argatu isadha. Rakkoowwansaanii danda’uufi tajaajila isaaf dhiheessaniin gammachuu argachuusaanii akka itti fufan, qajeelfamaafi ogummaa isaanii kennuu danda’a. Eeyyee, Yihowaan ilmaan namootaa cubbamoo ta’an dadhabina qabaataniyyuu, hojiiwwan gurguddaa raawwachuuf isaanitti fayyadamuu danda’a.

Phaawulos, Waaqayyo wanta dhagnasaa keessa taa’ee isa waraanu sana maaliif akka isarraa hin fuune yommuu ibsu, “Ol of qabuu irraa na dhowwa” jechuudhaan sababiisaa dubbateera. (2 Qor. 12:7) Wanti Phaawulosiin ‘waraanaa’ ture, dadhabina qabaachuusaa akka yaadatuufi gad of deebisuusaa akka itti fufu isa gargaareera. Kun wanta Yesus “Namni ol of qabu gad in deebifama, namni gad of deebisus ol in qabama” jechuudhaan barsiisee wajjin wal fakkaata. (Mat. 23:12) Qorumsi, tajaajiltoonni Waaqayyoo gad of qabuu akka barataniifi amanamummaadhaan dhaabachuuf Yihowaatti amanamuun barbaachisaa ta’uusaa akka hubatan isaan gargaara. Kanaafuu, akkuma Phaawulos ‘Yihowaatti of jajuu’ danda’u.—1 Qor. 1:31.

Dadhabina Keenya Warra Dhokataa Ta’an

Namoonni tokko tokko, dadhabina isaanitti hin beekamne ykn amananii fudhachuun isaan rakkisu qabaachuu danda’u. Fakkeenyaaf, namni tokko qabeenyasaa abdachuudhaan garmalee kan ofitti amanamu ta’uu danda’a. (1 Qor. 10:12) Dadhabinni namoonni baay’een qaban kaanimmoo, fedhii beekamoo ta’uuf qabanidha.

Yo’aab, inni geggeessaa loltoota Daawit Mootichaa ture, ija jabeessa, kutataafi mala kan beeku ture. Haata’u malee, yakka guddaa nama of tuuluufi hawwii gadhee qabu ta’uusaa argisiisu raawwateera. Geggeessitoota loltootaa lama gara jabinaan ajjeese. Dura haaloo ba’uudhaaf Abneeriin ajjeese. Booddeemmoo Yo’aab, durbiisaa Amaasaa nagaa kan gaafatu fakkaatee areedasaa harka mirgaatiin qabachuudhaan, waan isa dhungatu fakkeessee harka bitaatiin billaadhaan waraanee isa ajjeese. (2 Sam. 17:25; 20:8-10) Geggeessaa loltootaa kan ture Yo’aab, aangoonsaa Amaasaadhaaf kennamee ture. Kanaaf tarii aangoo sana deebisee argachuuf jecha carraa kanatti fayyadamee morkituusaa kana ofirraa obbaafachuusaa ture. Yo’aab miirasaafi hawwasaa akka hin to’anne hubachuu dandeessa. Gaabbii tokko malee gara jabina guddaa raawwateera. Daawit Mootichi yeroo du’asaa jala ga’ee turetti, ilmisaa Solomoon hammeenya Yo’aabiif gatiisaa akka isaaf deebisu ajajee ture.—1 Mot. 2:5, 6, 29-35.

Hawwii hamaa nu keessa jiruuf matumaa mo’amuu hin qabnu. Haala Yo’aabirraa adda ta’een, dadhabina keenya mo’uu dandeenya. Dura garuu dadhabina keenya hubachuufi amanuu qabna. Sana booda dadhabina kana mo’uuf tarkaanfii fudhachuu dandeenya. Gama kanaan Yihowaan akka nu gargaaru yeroo hundumaa isa kadhachuufi dhimminee Dubbiisaa qayyabachuudhaan mala dadhabina kana mo’uu itti dandeenyu barbaaduu qabna. (Ibr. 4:12) Dadhabina keenya mo’uuf utuu abdii hin kutatin yaalii gochuu keenya itti fufuu qabna. Hamma cubbamoo taanetti wal’aansoon goonu itti fufuu danda’a. Phaawulos, “Ani waanan jibbun hojjedha malee, waanan jaalladhu hin hojjedhu” jechuudhaan muuxannoosaarraa haala kana amanee fudhateera. Ta’uyyuu, akkuma beektu Phaawulos akka waan gochisaa guutummaatti to’annaasaatiin ala ta’eetti dadhabina harka hin kennine. Kanaa mannaa, gargaarsa Waaqayyo karaa Yesus Kiristos isaaf godhutti amanamuudhaan, dadhabina wajjin wal’aansoo gochuusaa itti fufeera. (Rom. 7:15-25) Bakka biraatti Phaawulos, “Ani warra kaan dorgomeetti waamee, ofii kootii akkan keessaa hin hambifamneef, dhagni koo itti baree waan itti dhufu hundumaa akka danda’u, haleelee akka abboomamus gochuun anaaf in ta’a” jedheera.—1 Qor. 9:27.

Ilmaan namootaa balleessaasaaniitiif sababii dhiheessuu jaallatu. Gorsa Phaawulos, “Waan hamaa jibbaa, wanta gaarii ta’etti qabamaa jiraadhaa!” jechuudhaan Kiristiyaanotaaf kenne hojiirra oolchuudhaan, ilaalcha Yihowaa qabaannee amala akkasii mo’uuf carraaqqii gochuu dandeenya. (Rom. 12:9) Dadhabina keenya mo’uuf wal’aansoo ennaa goonu, amanamoo ta’uu, garaa kutachuufi of adabuun keenya barbaachisaadha. Daawit, “Yaada koo fi garaa koo ati fonqolchi! [“hubadhu,” hiika bara 1899]” jechuudhaan Yihowaa kadhateera. (Far. 26:2) Daawit, Waaqayyo yaada garaa keenyaa isa dhokataa sirriitti akka gamaaggamuufi yeroo nu barbaachisutti akka nu gargaaru beeka ture. Qajeelfama Yihowaan karaa Dubbiisaafi karaa hafuurasaa nuu kennu hojiirra yoo oolchine, dadhabina keenya mo’uu dandeenya.

Namoonni tokko tokko, rakkoowwan ofiisaaniitii hiikuu akka hin dandeenye isaanitti dhaga’amuun dhiphatu ta’a. Jaarsoliin gumii jaalalaan kaka’anii gargaarsaafi jajjabina kennuufii akka danda’an beekamaadha. (Isa. 32:1, 2) Ta’uyyuu dhugaasaa amananii fudhachuun barbaachisaadha. Biyya lafaa kana keessatti rakkoowwan tokko tokkoof guutummaatti furmaanni hin argamu. Haata’u malee, namoonni baay’een rakkoowwansaanii mo’uu kan baratan yommuu ta’u, kunis jireenya gaarii jiraachuu isaan dandeessiseera.

Yihowaan Akka Nu Deggeru Mirkaneesseera

Yeroo rakkisaa kanatti rakkinni akkamiiyyuu yoo nu mudate, Yihowaan qajeelfama akka nuu kennuufi akka nu gargaaru mirkanaa’oo ta’uu dandeenya. Macaafni Qulqulluun, “Waaqayyo yeroon isaa yommuu ga’u akka ol isin qabutti, harka isaa isa aango-qabeessa jalatti gad of deebisaa! Inni isiniif waan yaaduuf, yaaddoo keessan hundumaa Waaqayyotti gataatii dhiisaa!” jechuudhaan nu gorsa.—1 Phe. 5:6, 7.

Waggoota hedduudhaaf Bet’elitti tajaajilaa kan turte Kaatiin, abbaan manaashee dhukkuba Aalzaayimars jedhamuun qabamuusaa yeroo beektu, rakkina isheerra ga’e mo’uuf humna akka hin qabne isheetti dhaga’amee ture. Ogummaafi jabina akka isheedhaa kennu guyyaa guyyaadhaan Yihowaa kadhachuun ishee barbaachisee ture. Dhukkubni abbaa manaashee hammaachaa yeroo deemu, obboloonni jaalala qabeeyyii ta’an, waa’ee dhukkuba kanaafi akkaataa dhukkubsaticha itti kunuunsan ilaalchisee odeeffannoo argachuuf kan yaalan yommuu ta’u, obboleettonnimmoo Kaatiifi abbaa manaasheetiif deggersa godhaniiru. Yihowaan Kiristiyaanota kanatti fayyadamee ishee jajjabeessuudhaan deggersa isheedhaa godheera. Kaatiinis hanga abbaan manaashee waggaa 11 booda du’etti isa kunuunsuu dandeesseetti. Akkas jetti: “Gargaarsa naa godhe hundaaf imimmaaniifi garaa guutuudhaan Yihowaa nan galateeffadha; gargaarsisaa jabina naa kenneera. Baay’ee laafee waanan tureef, yeroo kana hundaaf wanta narraa eegamu raawwachuukoo itti fufuu kanin danda’u natti hin fakkaatu ture.”

Dadhabbiiwwan Dhokataa Mo’uuf Humna Argachuu

Namoonni gatii akka hin qabne ennaa itti dhaga’amu, Yihowaan kadhannaa yeroo dhiphinaatti gargaarsa argachuuf dhiheessan akka hin dhageenyeyaaduu danda’u. Yeroo kanatti, keessumaa wanta Daawit cubbuu Baat-Sheebaa wajjin hojjetetti gaabbee dubbate yaadachuunsaanii gaariidha. Daawit, “Yaa Waaqayyo, ati garaa cabaadhaaf bullaa’aa hin tuffattu!” jedhee ture. (Far. 51:17) Daawit, garaadhaa qalbii waan jijjiirrateef Waaqayyoon kadhachuu kan danda’e si’a ta’u, akka isaa oo’us beeka ture. Yesus, Yihowaan namootaaf akka yaadu argisiiseera. Barreessaa Wangeelaa kan ta’e Maatewos, “Inni jajjaba buruqfamaa hin cabsu, fo’aa ibsaa isa seequs hin dhaamsu” jechuudhaan wanti Isaayaas dubbate kun Yesusirratti akka raawwatame ifa godheera. (Mat. 12:20; Isa. 42:3) Yesus yeroo lafarra turetti, warra rakkataniifi cunqurfamaniif garaa laafeera. Namni tokko kurraazii dhaamuuf jedhu ukkaamsee dhaamsuu danda’a; inni garuu namoota rakkataniifi cunqurfaman hin miine. Kanaa mannaa, akkuma namni tokko kurraazii dhaamuuf jedhutti boba’aa naqu, Yesusis namoota rakkina keessa turaniif Yihowaan akka isaan jaallatu isaanii mirkaneessuudhaan, gara laafinaan isaan jajjabeesseera. Yeroo ilmaan namootaa wajjin jiraatetti nama akkasii ture. Yesus ammayyuu amaluma akkasii akka qabuufi dadhabbii qabaattus garaa sii laafuu akka danda’u hin amantuu? Ibroonni 4:15 Yesus Isa ‘dadhabbiin keenya garaa isa rukutu’ ta’uusaa akka ibsu hubadhu.

Phaawulos waa’ee ‘wanta dhagnasaa keessa taa’ee isa waraanuu’ yommuu barreessu, humni Kiristos “akka dunkaanaatti [hiika bara 1899]” akka isarra buufate hubachuusaa ibseera. (2 Qor. 12:7-9) Namni dunkaana keessa jiru tokko, haala qilleensaa rakkisaa ta’erraa eegumsa akka argate akkuma itti dhaga’amu, Phaawulosis Waaqayyo karaa Kiristos akka isa eege itti dhaga’amee ture. Akkuma Phaawulos, nuyis dadhabbinaafi rakkoowwan keenyaaf mo’amuu hin qabnu. Karaa hafuuraa cimoo taanee itti fufuuf, qophii Yihowaan karaa kutaa jaarmiyaasaa isa lafarraa nuu godhutti guutummaatti fayyadamuu dandeenya. Wanta nuu danda’amu hunda erga goonee booda, Yihowaan adeemsa keenya akka nuu geggeessu amantaa guutuu qabaachuu dandeenya. Humni Waaqayyoo dadhabina keenya mo’uuf akkamitti akka nu gargaaru yommuu arginu, akkuma Phaawulos, “Yeroon dadhabutti nan jabaadha” jechuu dandeenya.—2 Qor. 12:10.

[Fakkii fuula 3rra jiru]

Phaawulos Yihowaan tajaajilasaa raawwachuuf akka isa gargaaru irra deddeebi’ee kadhateera.

[Fakkii fuula 5rra jiru]

Daawit Mootichi, Yo’aab geggeessaa loltootasaa akka ta’u isa filatee ture

[Fakkii fuula 5rra jiru]

Yo’aab morkituusaa kan ture Amaasaa ajjeese

[Fakkii fuula 6rra jiru]

Jaarsoliin, Macaafa Qulqulluurratti hundaa’uudhaan jaalalaan qajeelfama rakkina keenya mo’uuf nu gargaaru nuu kennu