Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Gaaffii Dubbistootaa

Gaaffii Dubbistootaa

Gaaffii Dubbistootaa

Phaawulos ergamaan, “Israa’elis guutummaatti in fayyifama” jechuudhaan dubbateera. (Rom. 11:26) Kana jechuunsaa, yeroo tokkotti Yihudoonni hundi amantii Kiristiyaanummaa fudhatu jechuusaa turee?

Phaawulos matumaa akkas jechuusaa hin turre. Akka sabaatti, sanyiin Abrahaam Yesus Masiihicha ta’uusaa fudhachuu didaniiru. Waggoota du’a Yesus booda turanittis, amantii Kiristiyaanummaa kan fudhatan Yihudoota hunda akka hin taane beekameera. Haata’u malee, jechi Phaawulos “Israa’elis guutummaatti in fayyifama” jechuudhaan dubbate sirrii ture. Akkamitti?

Yesus, geggeessitoota amantii yeroo sana turaniin, ‘Egaa mootummaan Waaqayyoo isinirraa fudhatamee, saba ija isaaf godhatuuf in kennama’ jedhee ture. (Mat. 21:43) Walumatti qabaatti sabni Israa’el Yesusiin fudhachuu waan dideef, Yihowaan saba haaraa hafuura qulqulluudhaan dibame filate. Phaawulos saba kana, “Israa’el Waaqayyoo” jechuudhaan waameera.—Gal. 6:16.

Caaffanni Qulqullaa’oon afaan Giriikii bakka biraattis, “Israa’el Waaqayyoo” kun, Kiristiyaanota 144,000 ta’aniifi hafuura qulqulluudhaan dibaman kan qabate ta’uusaa ibsu. (Rom. 8:15-17; Mul. 7:4) Tuutni kun, namoota Yihudoota hin taanes akka dabalatu Mul’ata 5:9, 10⁠rratti ibsameera. Caqasichi Kiristiyaanonni dibamoon, “gosa hundumaa keessaa, afaan hundumaa keessaa, nama hundumaa keessaa, saba hundumaa keessaas” akka walitti qabaman dubbata. Miseensonni Israa’el hafuuraa kan filataman keessumaa, ‘mootummaadhaafi luboota isaa ta’uudhaan lafarratti akka mo’aniifidha.’ Yihowaan, akka saba tokkootti Israa’eliin kan dhiise ta’uyyuu, namoonni dhuunfaadhaan isaa wajjin walitti dhufeenya gaarii qabaachuu danda’u turan. Ergamoonni Yesusis ta’an Kiristiyaanonni hedduun jaarraa jalqabaatti turan, Yihowaa duratti fudhatama argachuunsaanii kana argisiisa. Dhugaadha, Yihudoonni kunis akkuma warra kaanii dhiiga Yesus Kiristosiin bitamuu qabu turan.—1 Xim. 2:5, 6; Ibr. 2:9; 1 Phe. 1:17-19.

Warri jaarraa jalqabaatti turaniifi dhalootaan Yihudoota ta’an hedduun, mirga Yesusii wajjin bulchuuf qaban dhabuunsaanii, kaayyoon Yihowaa akka fashalaa’u hin goone. Yihowaan karaa raajiisaa, “Akkasuma immoo dubbiin afaan koo keessaa ba’u, wanta ani fedhe hojjetee, wanta ani itti erges in raawwata malee, harka duwwaa gara kootti hin deebi’u” waan jedheef kaayyoon Yihowaa matumaa fashalaa’uu hin danda’u.—Isa. 55:11.

Caqasni kun, kaayyoo Waaqayyo namoonni 144,000 ta’an Ilmasaa wajjin samiirratti akka bulchan baaseefis ni hojjeta. Macaafni Qulqulluun, Waaqayyo namoota 144,000 ta’an akka dibu ni dubbata. Lakkoofsa kana keessaa tokkollee hin hir’atu.—Mul. 14:1-5.

Kanaaf, Phaawulos “Israa’elis guutummaatti in fayyifama” yommuu jedhu, Yihudoonni hundi Kiristiyaana akka ta’an raajii dubbachuusaa hin turre. Kanaa mannaa, Waaqayyo Israa’eloonni hafuuraa 144,000 ta’an, Ilmasaa Yesus Kiristosii wajjin samiirra taa’anii akka bulchaniif kaayyoon inni qabu raawwiisaa akka argatu ibsuusaa ture. Yeroo Waaqayyo murteessetti, namoonni 144,000 ta’an hundi jechuunis, ‘Israa’el guutummaatti’ ni fayyifamu. Yeroo boodammoo Mootummaa Masiihichaa keessatti mootummootaafi luboota ta’uudhaan bulchu.—Efe. 2:8

[Fakkii fuula 28rra jiru]

Kiristiyaanonni dibamoon, “gosa hundumaa keessaa, afaan hundumaa keessaa, nama hundumaa keessaa, saba hundumaa keessaas” kan walitti qabamanidha