Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

“Jaalala Isa Dur Qabda Turte” Hin Dhiisin

“Jaalala Isa Dur Qabda Turte” Hin Dhiisin

“Jaalala Isa Dur Qabda Turte” Hin Dhiisin

“Isa qabdu jabeessii eeggadhu!—MUL. 3:11.

1, 2. Wanti waa’ee Yihowaa baratte dhugaa ta’uusaa yommuu amantu maaltu sitti dhaga’amee ture?

JALQABA waa’ee abdii dinqisiisaa Yihowaan ilmaan namootaatiif qopheessee yeroo itti dhageesse ni yaadattaa? Sanaan dura amantii gara biraa hordofaa kan turte yoo ta’e, kaayyoon Waaqayyoo Caaffata Qulqullaa’oorraa yeroo sii ibsamu ykn barumsawwan sanaan dura sitti ulfaatan yeroo ifa sii ta’an maaltu sitti dhaga’ame? Waa’ee Waaqayyoo wanta sirrii ta’e barattee akka hin turre hubattee ta’uu danda’a. Amma garuu dhugaa beekuukeetti baay’ee gammaddeetta! Karaa biraatiinimmoo, warrikee Kiristiyaanota dhugaa yoo ta’an, wantoonni waa’ee Yihowaa baratte dhugaa ta’uusaanii yeroo amantuufi wanta barattee wajjin haala wal simuun jiraachuuf yommuu murteessitu maaltu sitti dhaga’amee akka ture ni yaadattaa?—Rom. 12:2.

2 Kiristiyaanonni hedduun, yeroo dhugaa beekan baay’ee gammadanii akka turan, gara Yihowaatti akka dhihaatan akka isaanitti dhaga’ameefi innis gara gumiisaatti waan isaan harkiseef isa galateeffatanii akka turan sitti himu. (Yoh. 6:44) Gammachuunsaanii kun, sochiiwwan Kiristiyaanaarratti akka hirmaatan isaan kakaaseera. Obboloonni kun baay’ee gammaduusaaniitiin kan ka’e, wanta isaanitti dhaga’amu nama hundatti himuu barbaadu turan. Atoo akkas sitti dhaga’amee turee?

3. Yeroo Yesus gumii Efesooniif ergaa ergetti gumichi haala akkamiirra ture?

3 Yesus ergaa jaarraa jalqabaatti gumii Kiristiyaanaa Efesoon tureef ergerratti, ‘jaalala dur’ gumichi qabu ibsee ture. Kiristiyaanonni Efesoon amalawwan gaggaarii hedduu kan qaban ta’uyyuu, yeroo tokko jaalalli Yihowaadhaaf qaban qabbanaa’ee ture. Kanaan kan ka’es Yesus, “Hojii kee, wanta ati itti dadhabdu, obsaan danda’uu kees, namoota hamoota immoo calluma jettee akka ati hin dhiifne, warra ergamoota utuu hin ta’in ‘Nuyi ergamoota’ ofiin jedhan qortee ilaaltee sobduu ta’uu isaanii akka argites, ani beeka. Ati obsaan akka dandeessu, maqaa kootiif jettees akka baattu, kanas akka ati hin dadhabin ani beeka. Garuu jaalala isa dur qabda turte sana dhiisuu kee si irratti argadheera” isaaniin jedhee ture.—Mul. 2:2-4.

4. Ergaan Yesus gumii Efesooniif erge, yeroo har’aatti kan nu fayyadu akkamitti?

4 Gorsi Yesus gumii Efesooniifis ta’e gumiiwwan macaafa Mul’ataa keessatti ibsaman kaaniif kenne, haala Kiristiyaanonni dibamoon bara 1914 jalqabee yeroo muraasaaf keessa turan kan ibsu ture. (Mul. 1:10) Yeroo ammaattis Kiristiyaanonni tokko tokko, ‘jaalalli dur’ Yihowaadhaafis ta’e dhugaadhaaf qaban qabbanaa’uu danda’a. Kana yaadatti qabachuudhaan, wantoota jireenyakee keessatti si mudatan yaadachuunkee, akkasumas wantoota kanarratti xiinxaluunkee, jaalalli dur Waaqayyoofis ta’e dhugaadhaaf qabdu akka hin qabbanoofne, akka haaromfamuufi guddachaa akka deemu gochuuf akkamitti akka si gargaaru haa ilaallu.

Wanti Baratte Dhugaa Ta’uusaa Kan Sii Mirkaneesse Maalidha?

5, 6. (a) Kiristiyaanni hundi maal beekuu qaba? (b) Wanti Dhugaa Baatonni Yihowaa barsiisan dhugaa ta’uusaa kan si amansiise maalidha? (c) Namni tokko jaalala dur qabu haareffachuuf maaltu isa gargaaruu danda’a?

5 Kiristiyaanni Yihowaadhaaf of murteesse kamiyyuu murtoo akkasii gochuusaa dura, ‘jaalalli Waaqayyoo inni gaarii ta’e, isa duratti fudhatamaa ta’eefi akeeka isaa fiixaan baasu’ maal akka ta’e ‘hubateera’ jechuudha. (Rom. 12:1, 2) Wantoota kana gochuuf isa gargaaran keessaa tokko, dhugaa Macaafa Qulqulluu barachuusaati. Namni tokko barumsi Dhugaa Baatonni Yihowaa barsiisan dhugaa ta’uusaa akka amanu wanti godhu, wanta nama kaan amansiisurraa adda ta’uu danda’a. Namoonni tokko tokko ilaalchisaanii kan jijjiirame, maqaa Waaqayyoo Macaafa Qulqulluu keessatti arguusaanii ykn haala namoonni du’an keessatti argaman ilaalchisee dhugaasaa beekuusaanii akka ta’e dubbatu. (Far. 83:18; Lal. 9:5, 10) Wanti warra kaan ajaa’ibsiisemmoo, jaalala saba Yihowaa gidduutti arganidha. (Yoh. 13:34, 35) Namoonni kaanis, kutaa biyya lafaa ta’uu dhiisuu jechuun maal jechuu akka ta’e hubachuunsaanii garaasaanii tuqeera. Namoonni kun, Kiristiyaanonni dhugaan jeequmsa siyaasaa biyya kamiirrattis ta’e waraanarratti hirmaachuu akka hin qabne hubatanii turan.—Isa. 2:4; Yoh. 6:15; 17:14-16.

6 Sababiiwwan kuniifi kaan, namoonni hedduun jalqabarratti Waaqayyoon akka jaallatan godhanii turan. Mee atis wanti baratte dhugaa ta’uusaa akka amantu kan si godhe maal akka ta’e yaadachuuf yaali. Amalli nama hundaafi wantoonni jireenya keessatti nama mudatan gargar waan ta’aniif, wanti Yihowaa akka jaallattuufi abdiiwwan inni kennetti akka amantu si godhe kan warra kaaniirra adda ta’uu danda’a. Sababiiwwan kun jalqaba yeroo dhugaa dhageessu akkuma si amansiisanii turan, har’as wanti qabatte dhugaa ta’uusaa akka si amansiisan homaa hin shakkisiisu. Dhugaan har’as hin jijjiiramne. Kanaafuu, irra deebitee barumsawwan kanarratti yaaduunkeefi wanta yeroo sanatti sitti dhaga’amee ture yaadachuunkee, jaalala dur dhugaadhaaf qabdu haaressuuf si gargaara.—Faarfannaa 119:151, 152; 143:5 dubbisi.

‘Jaalalakee Isa Durii’ cimsi

7. Jaalalli dur dhugaadhaaf qabnu guddachaa akka deemu gochuu kan qabnu maaliifi? Kana gochuu kan dandeenyuhoo akkamitti?

7 Erga Yihowaadhaaf of murteessitee booda, jireenyakee keessatti jijjiiramni hedduun si mudateera ta’a. Jaalalli dur dhugaadhaaf qabdu barbaachisaa ta’us, yeroo booda wantoota haaraa amantiikee qoran mo’uu akka dandeessu jaalalakee cimsuun si barbaachiseera. Yeroo kanatti Yihowaan si gargaareera. (1 Qor. 10:13) Muuxannoowwan waggoota darbanitti argattes baay’ee si fayyadu. Muuxannoowwan kun, jaalallikee inni durii guddachaa akka deemu kan si gargaaran ta’uusaarrayyuu, karaawwan jaalalli Waaqayyoo inni gaariiniifi isa duratti fudhatamaa ta’e maal akka ta’e hubachuuf si gargaaran keessaa tokkodha.—Iya. 23:14; Far. 34:8.

8. Yihowaan Museedhaaf yeroo of ibsu maal jedhee ture? Israa’eloonni caalaatti Waaqayyoon beekuu kan danda’an akkamitti ture?

8 Yaada kana fakkeenyaan ibsuuf, Yihowaan Israa’eloota garbummaa biyya Gibxii jalaa baasuuf kaayyoo akka qabu erga isaanii ibsee booda wantoota raawwataman haa ilaallu. Waaqayyo, “Wanta ta’uun na barbaachisu hunda nan ta’a” (NW) jechuudhaan Museedhaaf of ibseera. (Bau. 3:7, 8, 13, 14) Yihowaan sabasaa bilisa baasuuf, wanta barbaachisu hunda akka ta’u ibsuusaa ture. Wantoonni hedduun sana booda kan raawwatamaniifi Waaqayyo wantoota barbaachisaa ta’an raawwachuuf tarkaanfii fudhateera. Tarkaanfiiwwan kunis Yihowaan, abbaa firdiifi geggeessaa, akkasumas kan bilisa baasuu, duulaa, kan sabasaa kunuunsuufi Waaqa hundumaa danda’u ta’uu akka danda’u Israa’eloota hubachiiseera.—Bau. 12:12; 13:21; 14:24-31; 16:4; Nah. 9:9-15.

9, 10. Wanta nama tokko mudate akkamiitu caalaatti Waaqayyoon akka beeku isa gargaaruu danda’a? Muuxannoowwan kana yaadachuunsaa faayidaa kan qabuhoo maaliifi?

9 Haallikee haala Israa’eloota duriirraa adda akka ta’e beekamaadha. Ta’us, wantoonni Waaqayyo dhuunfaatti akka sii yaadu si amansiisan si mudatanii ta’uu danda’a; wantoonni kunis amantaakee sii cimsaniiru. Tarii Yihowaan si Kunuunsee, si Jajjabeessee ykn si Barsiiseera ta’a. (Isaayaas 30:20, 21 dubbisi.) Yookiinimmoo, kadhannaa dhiheessiteef kallattiidhaan deebii sii kennee ta’uu danda’a. Yookiin, yeroo rakkinaatti hidhanni amantaakee tokko si gargaaree ta’uu danda’a. Yookiin qayyabannaa dhuunfaa ennaa gootu, caqasawwan haala ati keessa jirtuu wajjin walitti dhufeenya qaban argattee ta’uu danda’a.

10 Wantoonni Yihowaan sii godhe kun dinqii waan hin taaneef, warri kaan waa’ee kanaa yommuu itti himtu garaansaanii tuqamuu dhiisuu danda’a. Siif garuu wantoonni kun hiika guddaa qabu. Eeyyee, Yihowaan wanta ta’uun isa barbaachisu hunda siif ta’eera. Mee waggoota dhugaa keessatti dabarsite duubatti deebi’ii yaadadhu. Haalawwan Yihowaan dhuunfaatti akka sii yaadu si hubachiisan yaadachuu dandeessaa? Taanaan, wantoonni yeroo sanatti raawwatamaniifi miirri yeroo sanatti sitti dhaga’ame, har’as jaalala yeroo sanatti Yihowaadhaaf qabdu akka qabaattu gochuu danda’a. Muuxannoowwan sanaaf bakka guddaa kenni, irrattis xiinxali. Wantoonni kun ragaa Yihowaan dhuunfaatti akka sii yaadu akka amantu godhanidha; eenyuyyuu amantaankee kun akka laafu gochuu hin danda’u.

Of Qori

11, 12. Kiristiyaanni tokko jaalalli dhugaadhaaf qabu yoo qabbanaa’e sababiinsaa maal ta’uu danda’a? Yesus gorsa akkamii kenneera?

11 Jaalalli Yihowaadhaafis ta’e dhugaadhaaf qabdu akka qabbanaa’e yoo sitti dhaga’ame, akkas kan sitti dhaga’ame Yihowaan waan jijjiirameef miti. Yihowaan matumaa hin jijjiiramu. (Mil. 3:6; Yaq. 1:17) Inni akkuma kanaan duraa ammas siif yaada. Walitti dhufeenyi Yihowaa wajjin qabdu akka kanaan duraa yoo ta’uu baate sababiinsaa maal ta’uu danda’a? Bu’aa ba’iin jireenyaa isa kanaan duraa caalaa akka dhiphattu si godheeraa laata? Tariimmoo, kanaan dura cimsitee kadhachuun, dhimmitee qayyabachuufi yeroo hundumaa xiinxaluu amaleeffattee turte ta’a. Kanaan dura, isa ammaa caalaa hinaaffaadhaan tajaajilarratti hirmaachaafi walga’iiwwan gumiirratti yeroo hunda argamaa turtee?—2 Qor. 13:5.

12 Erga of qortee booda, jijjiirama akka hin qabne sitti dhaga’ama ta’a. Jijjiiramni akka sirra jiru yoo hubatte garuu sababiinsaa maal ta’uu danda’a? Carraaqqiin wanta maatii keetiif barbaachisu dhiheessuufi fayyaakee eeguuf gootu ykn wantoonni barbaachisaa ta’an akkasii, guyyaan Yihowaa dhihaachuusaa akka dagattuufi miira ariifannaakee akka dhabdu si godhaniiruu laata? Yesus ergamootasaatiin, “Gad-dhiisiitti jiraachuudhaan, machiidhaan, yaaddoo jireenyaatiinis yaada garaa keessanitti ba’aa fiddanii, akka kiyyoon bineensa qabutti guyyichi sun dingata akka isin irra hin baanetti of eeggadhaa. Akkuma kanatti namoota guutummaa biyya lafaa irra jiraatan hundumaa irra in ba’ao. Yeroo hundumaa dammaqaa, wanta ta’uuf jedhu kana hundumaa jalaa ba’uudhaaf, . . . humna akka argattaniif kadhadhaa” jedheera.—Luq. 21:34-36.

13. Yaaqoob Dubbii Waaqayyoo maalii wajjin wal fakkeesse?

13 Barreessitoota Macaafa Qulqulluu keessaa tokko kan ta’e Yaaqoob, hidhattoonni amantiisaa Dubbii Waaqayyootti fayyadamuudhaan sirriitti akka of qoran isaan hubachiiseera. Akkas jechuudhaan barreesse: “Warra dubbicha hojii irra oolchan ta’aa malee, warra dhaga’uu duwwaadhaan of gowwoomsan hin ta’inaa! Namni dubbicha dhaga’ee hojii irra immoo hin oolchine, akka nama fuula isaa of-ilaalee keessatti ilaalee akka jirutti ofii isaa arguu ti. Ofii isaa ilaalee erga adeemee booddee, achumaan bifni isaa attam akka ture in irraanfata. Namni seera birmadummaa isa hir’ina hin qabne keessa lixee ilaalu, isa biraas kan hin deebine, isa dhaga’ee hojii irra kan oolchu malee, kan hin irraanfanne garuu, gocha isaatti gammaduuf jira.”—Yaq. 1:22-25.

14, 15. (a) Macaafni Qulqulluun haala karaa hafuuraa irra jirtu fooyyessuuf kan si gargaaru akkamitti? (b) Gaaffiiwwan kamirratti xiinxaluu dandeessa?

14 Namni tokko uffannaansaas ta’e haallisaa hundumtuu sirrii ta’uusaa mirkaneessuuf daawwitii ilaala. Fakkeenyaaf, dhiironni karabaatiinsaanii jal’achuusaa yoo argan ni sirreeffatu. Dubartoonnimmoo rifeensi mataasaanii sirreeffamuu akka qabu yoo hubatan ni sirreessu. Haaluma wal fakkaatuun, Caaffanni Qulqullaa’oon akka of qorru nu gargaaru. Ulaagaa Macaafa Qulqulluurra jiruu wajjin yeroo wal bira qabnee of ilaallu, Macaafa Qulqulluutti akka daawwitiitti itti fayyadamaa jirra jechuudha. Hir’ina nurra jiru yoo sirreessuu baanne garuu, daawwitii ilaaluun keenya faayidaa maalii qaba? Tarkaanfii wanta seera Waaqayyoo isa ‘hir’ina hin qabne’ keessatti argannee wajjin wal simu fudhachuudhaan, ‘dubbicha hojiirra oolchuun’ keenya barbaachisaadha. Egaa, namni jaalalli Yihowaadhaafis ta’e dhugaadhaaf dur qabu akka qabbanaa’e hubate kamiyyuu, gaaffiiwwan armaan gadiirratti xiinxaluunsaa sirriidha: ‘Jireenyakoo keessatti wantoonni na dhiphisan akkamii na mudataniiru? Wantoota kana mo’uuf maal gochaan jira? Kanaan dura wantoonni akkasii yommuu na mudatan maal godheen ture? Amma wanti jijjiirame jiraa?’ Karaa kanaan yeroo of qortu rakkoowwan tokko tokko akka sirra jiran yoo hubatte bira hin darbin. Jijjiirama gochuun kan si barbaachisu yoo ta’e, har’aa bor utuu hin jedhin sirreessi.—Ibr. 12:12, 13.

15 Haala kanaan xiinxaluunkee, galmawwan bira ga’uu dandeessuufi karaa hafuuraa guddina akka argisiistu godhan baasuuf si gargaaruu danda’a. Phaawulos ergamaan hidhatasaa kan ta’e Ximotewos, tajaajilasaarratti jijjiirama akka godhu gorsa isaa kenneera. Phaawulos, Ximotewos isa umriinsaa isaa gadi ta’een, ‘Namoonni hundinuu itti guddachaa adeemuu kee akka arganitti, kennaa kanaan hojjedhu! Ittis of gad dhiisi!’ jedheera. Nuyis karaa kamiin jijjiiraa gochuu akka dandeenyu beekuuf, dubbii Waaqayyootti fayyadamnee xiinxaluun keenya barbaachisaadha.—1 Xim. 4:15.

16. Macaafa Qulqulluutti fayyadamtee yeroo of gamaaggamtu, ilaalcha gadhee akkamiirraa of eeguu qabda?

16 Sirriitti yoo of gamaaggamte, dadhabbiiwwan tokko tokko akka qabdu hubachuunkee hin oolu. Kun abdii si kutachiisuu danda’uyyuu, matumaa abdii hin kutatin. Kan of qortu, wantoota kamirratti sirreeffama gochuun akka si barbaachisu beekuuf ta’uusaa hin dagatin. Kaayyoon Seexanaa, Kiristiyaanni tokko dadhabbiiwwansaarratti yaaduudhaan nama gatii hin qabne godhee akka of lakkaa’u gochuudha. Seexanni, Waaqayyo carraaqqii namni tokko isa tajaajiluuf godhu wayittuu akka hin lakkoofne dubbateera. (Iyo. 15:15, 16; 22:3) Yesus garuu, ragaa ilaalchi akkasii soba ta’uusaa mirkaneessu nuu kenneera. Waaqayyo hunda keenyaaf bakka guddaa kenna. (Maatewos 10:29-31 dubbisi.) Dadhabbiiwwankee beekuunkee, gad of deebisuudhaan gargaarsa Yihowaatiin of sirreessuuf akka murteessitu si kakaasuu qaba. (2 Qor. 12: 7b-10) Dhukkubni ykn dullumni humnakee yoo si jalaa daangesse, galmawwan irra ga’uu dandeessu baafadhu. Ta’us abdii kutachuu ykn jaalallikee akka qabbanaa’u gochuu hin qabdu.

Wantoota Galateeffachuuf Sababii Ta’an Hedduutu Jira

17, 18. Jaalala dur qabdu jabeeffachuunkee faayidaa maalii sii argamsiisa?

17 Jaalallikee inni durii akka cimu gochuunkee faayidaa hedduu qaba. Waaqayyoon ilaalchisee beekumsi qabduufi dinqisiifannaan qajeelfamasaa isa jaalalarratti hundaa’eef qabdu akka dabalu gochuu dandeessa. (Fakkeenya 2:1-9; 3:5, 6 dubbisi.) Faarfatichi, “Namni [firdii Yihowaa] eegus bu’aa guddaa qaba” jedheera. “Wanti seerri Waaqayyoo dhugaa ba’u amanamaa dha, inni wallaalota iyyuu beektota in godha.” “Warri balleessaa malee deddeebi’an, warri akka seera Waaqayyootti jiraatan haa gammadan!”—Far. 19:7, 11; 119:1.

18 Sababiiwwan akka galateeffattu si godhan hedduun jiraachuusaanii akka amantu beekamaadha. Yeroo har’aa wantoota addunyaarratti raawwatamaa jiraniif ka’umsisaa maal akka ta’e beekta. Qophiiwwan hafuuraa Yihowaan bara kanatti sabasaatiif godhu hundarraa faayidaa argachaa jirta. Yihowaan gumii addunyaa maraa kanatti waan si makeefi Dhugaa Baatotasaa keessaa tokko akka taatu mirga waan sii kenneef akka isa galateeffattu beekamaadha. Eebbawwan argatterratti yaadi! Eebbawwan kana tokko tokkoonan galmeessa yoo jette baay’ee akka ta’an beekamaadha. Eebbawwan argatte kanarratti yeroo hundumaa xiinxaluunkee, gorsa “Isa qabdu jabeessii eeggadhu” jedhu hojiirra oolchuuf si gargaara.—Mul. 3:11.

19. Walitti dhufeenya Waaqayyoo wajjin qabdu malees, wantoonni dabalataa karaa hafuuraa haala gaariirra akka jiraattu si gargaaran maalfa’i?

19 Amantiinkee yeroodhaa gara yerootti akkamitti akka jabaate yaaduunkee, wantoota isa qabdu jabeessitee akka eeggattu si gargaaran keessaa tokkodha. Wantoonni karaa hafuuraa haallikee gaarii akka ta’u si gargaaran kan biraan, barruu kanarratti irra deddeebi’anii ibsamaniiru. Kadhannaan, walga’iiwwan gumiirratti argamuufi hirmaannaa gochuun, akkasumas hojii lallabaarratti hinaaffaadhaan hirmaachuun kanneen keessaa tokko tokkodha. Wantoonni kun jaalalli dur qabdu akka hin qabbanoofne, akka haareffamuufi guddachaa akka deemu si gargaaru.—Efe. 5:10; 1 Phe. 3:15; Yih. 20, 21.

Maal Jettee Deebista?

• Wantoonni jalqaba Yihowaa akka jaallattu si godhan, ammas si jajjabeessuu kan danda’an akkamitti?

• Wantoota waggoota darbanitti si mudatanirratti yaaduunkee, waa’ee maalii mirkanaa’aa akka taatu si gargaaruu danda’a?

• Jaalala Waaqayyoof qabdu ilaalchisee of gamaaggamuun kan si barbaachisu maaliifi?

[Gaaffiiwwan Qayyabannaa]

[Fakkii fuula 23rra jiru]

Wanti yeroo dhugaa barattu si gammachiiseefi, wanti baratte dhugaa ta’uusaa akka amantu si godhe maal ture?

[Fakkii fuula 25rra jiru]

Wanti sirreessuu qabdu akka jiru sitti dhaga’amaa?