Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Waa’ee Amantiikeetii Ibsa Kennuuf Qophoofteettaa?

Waa’ee Amantiikeetii Ibsa Kennuuf Qophoofteettaa?

Waa’ee Amantiikeetii Ibsa Kennuuf Qophoofteettaa?

AMANTIIKEE ilaalchisee gaaffii gaafatamteef deebii kennuu akka qabdu sitti dhaga’amee beekaa? Haala obboleettii Susaanaa jedhamtuufi biyya Paaraaguwaayitti argamtuu ilaali. Obboleettiin kun nama umrii waggaa 16ti. Mana barumsaa sadarkaa ol aanaatti utuu barumsa tokko barattuu, barataan tokko Dhugaa Baatonni Yihowaa “Kakuu Haaraatti,” Yesus Kiristositti ykn Maariyaamitti hin amanan yommuu jedhu dhageesse. Warri kaanimmoo, Dhugaa Baatonni Yihowaa cimsitoota amantii waan ta’aniif, yaalii fayyaa argachuu mannaa du’a filatu yommuu jedhan dhageesse. Utuu si’iitii maal goota turte?

Susaanaan Yihowaa erga kadhattee booda harkashee baaste. Sagantaan barumsichaa xumuramuu jala ga’ee waan ture, isheenis Dhugaa Baatuu Yihowaa waan taateef yeroo garabiraatti waa’ee amantiishee ibsa kennuuf barsiistuushee heyyama gaafatte. Barsiistuun kunis yaada kanatti walii galte. Susaanaan birooshura Dhugaa Baatonni Yihowaa Eenyu? Maal Jedhanii Amanu? (Ingiliffa) jedhamutti fayyadamtee torban lamaaf haasawaashee qophoofte.

Guyyaan haasawicha itti dhiheessitu ni ga’e. Susaanaan maqaan Dhugaa Baatota Yihowaa jedhu eessaa akka dhufe ibsite. Itti aansuudhaan, gara fuulduraatti abdii akkamii akka qabnuufi nuyi dhiiga kan hin fudhanne maaliif akka ta’e ibsite. Achiis barattoonni gaaffii akka gaafatan kan afeerte yommuu ta’u, hedduunsaaniis harka baasan. Barsiistuunshee, intalli xinnoon kun Caaffata Qulqullaa’oorraa caqasuudhaan gaaffii gaafatamteef deebii yeroo laattu ilaaluunshee ishee ajaa’ibsiise.

Barataan tokko, “Yeroo tokko, Galma Mootummaa dhaqeen ture; garuu fakkii tokkoyyuu hin argine” jedhee yaada kenne. Barsiiftuun kun, waa’ee kanaa beekuu waan barbaaddeef, Susaanaan Faarfannaa 115:4-8 fi Ba’uu 20:4 dubbisteef. Barsiistuun kunis, dinqisiifannaadhaan, “Macaafni Qulqulluun kana gochuu utuu dhowwuu, manneetiin amantii keenya fakkiidhaan kan guutaman akkamittiree?” jechuudhaan gaafatte.

Mareen gaaffiifi deebiidhaan godhamu kun daqiiqaa 40f itti fufe. Susaanaan barattoonni viidiyoo Dhiiga Hin Fudhadhu—Karaa Mana Yaalaa Furmaanni Argameera (Ingiliffa) jedhamu ilaaluu kan barbaadan ta’uusaanii yommuu gaafattu, hundinuu eeyyee jechuudhaan deebisan. Kanaaf barsiistuun kun sagantaa itti aanutti viidiyoon kun akka ilaalamu qophii goote. Viidiyoon sun erga ilaalamee booda, Susaanaan malawwan yaalii fayyaa Dhugaa Baatota Yihowaa tokko tokko biratti fudhatama qaban ibsite. Sana ilaalchisee barsiistuun kun, “Malli yaalii fayyaa kun hundi akka jiru hin beekun ture; yaaliiwwan fayyaa dhiiga malee godhaman faayidaa akkamii akka qabanis hin beekun ture. Yaaliiwwan fayyaa kun Dhugaa Baatota Yihowaatiif qofa godhamuu?” jette. Yaaliiwwan kun warra kaaniifis akka godhaman yommuu dhageessu, “Yeroo itti aanutti Dhugaa Baatonni Yihowaa yommuu manakoo dhufan, isaanii wajjin nan mari’adha” jette.

Mareen Susaanaan daqiiqaa 20f qophoofte sa’aatii sadiif itti fufe. Torban tokko booda, barattoonni kaanis waa’ee amantiisaanii haasawaa dhiheessan. Dhumarratti gaaffiiwwan hedduun kan ka’an ta’uyyuu, barattoonni kun waa’ee amantiisaanii gaaffii gaafatamaniif deebii kennuu hin dandeenye. Barsiistuunis, “Isin akka barattuun Dhugaa Baatuu Yihowaa kun gaaffii gaafatamteef deebii kennuu dandeesse, waa’ee amantii keessanii akkamitti deebii kennuu dadhabdan?” jettee isaan gaafatte.

Barattoonnis, “Isaan akka gaariitti Macaafa Qulqulluu baratu. Nuyi garuu hin barannu” jechuudhaan deebisan.

Barsiistuun kun Susaanaatti garagaluudhaan, “Isin akka gaariitti Macaafa Qulqulluu barattu; wanta inni jedhu hojiirra oolchuufis carraaqqii gootu. Kanaaf galateeffamuu qabdu” jetteen.

Susaanaan callisuu dandeessi turte. Haata’u malee, ilaalcha warra kaanii sirreessuuf jecha dubbachuudhaan, fakkeenya gaarii durba Israa’el warri Sooriyaa boojuudhaan fudhatanii hordofteetti. Durbi sun, mana ajajaa waraana Sooriyaa Na’amaan jedhamuu kan galte yommuu ta’u, innimmoo nama dhukkuba lamxiitiin qabame ture. Durbi biyya Israa’el kun giiftiisheetiin, “Gooftaan koo gara raajicha isa Samaariyaa jiruu utuu dhaqee, raajichi dhukkuba lamxii isaattii isa in fayyisa ture” jette. Intalli kun waa’ee Waaqa dhugaa dubbachuurraa duubatti jechuu hin dandeenye. Kunis, gooftaanshee Na’amaan yeroo booda Yihowaa akka waaqeffatu isa godheera.—2 Mot. 5:3, 17.

Haaluma wal fakkaatuun, Susaanaanis waa’ee Yihowaafi waa’ee sabasaa dhugaa ba’uurraa duubatti jechuu hin dandeenye. Susaanaan yommuu amantiisheerratti mormiin ka’e dursa fudhattee deebii kenniteetti. Kana gochuudhaanis abboommii Caaffata Qulqullaa’aa akkas jedhuuf ajajamteetti: “Kristosiif garuu akka gooftaatti garaa keessan keessatti ulfina addaan ba’e kennaaf! Waa’ee abdii isin keessa jiruuf, nama isin gaafatee, deebii isin irraa barbaaduuf, deebii ga’u deebisuudhaaf yeroo hundumaa qophaa’oo ta’aa! Deebiin keessanis arraba laafaadhaan nama safeeffachuudhaanis haa ta’u!” (1 Phe. 3:15, 16) Yeroo kana gochuuf carraa argattutti, gaaffii amantiikee ilaalchisee ka’uuf deebii kennuuf qophoofteettaa?

[Fakkii fuula 17rra jiru]

Barreeffamniifi viidiyoon kun, waa’ee amantiikeetii ibsa kennuuf si gargaaruu danda’a

[Fakkii fuula 17rra jiru]

JEHOVAH’S WITNESSES

Who Are They?

What Do They Believe?

[Fakkii fuula 17rra jiru]

NO BLOOD

Medicine Meets

the Challenge