Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Wantoota Jalaa Baqachuu Qabnu

Wantoota Jalaa Baqachuu Qabnu

Wantoota Jalaa Baqachuu Qabnu

“Isin ijoollee mar’ataa nana, dheekkamsa isinitti bu’uuf jiru jalaa akka baqattaniif, eenyutu isin yaadachiise?”—MAT. 3:7.

1. Baqachuu ilaalchisee, fakkeenyiwwan Macaafa Qulqulluu keessatti ibsaman kam fa’i?

JECHA “baqadhaa” jedhu yommuu dhageessu maal yaadatta? Namoonni tokko tokko, dargaggeessi bareedaan Yoseef jedhamu haati manaa Phooxifaaraa ishee wajjin saalqunnamtii akka raawwatu yeroo isa gaafatte baqachuusaa yaadatu ta’a. (Uma. 39:7-12) Warri kaanimmoo, Kiristiyaanonni Dh.K.B. bara 66⁠tti abboommii Yesus, “Yerusaalem loltuudhaan marfamuu ishee yommuu argitan . . . Yommus Yihudaa kan jiran gara gaarotaatti haa baqatan, mandarattii keessa kan jiranis ba’anii haa adeeman” jechuudhaan kenneef abboomamanii Yerusaalemii baqachuusaanii yaadatu ta’a.—Luq. 21:20, 21.

2, 3. (a) Jechi Yohannis Cuuphaan, geggeessitoota amantiitti dubbate hiiknisaa maal ture? (b) Yesus, akeekkachiisa Yohannis kenne kan cimse akkamitti?

2 Fakkeenyiwwan olitti ibsaman qaamaan baqachuu kan gaafatan turan. Yeroo ammatti Kiristiyaanonni addunyaa maratti argaman, karaa fakkeenya ta’een baqachuunsaanii ariifachiisaadha. Yohannis cuuphaan jecha “baqachuu” jedhu karaa kanaan fayyadameera. Namoota Yohannisiin dhaggeeffachuu dhufan keessaa tokko tokko, geggeessitoota amantii Yihudii warra of jajaniifi qalbii geddarachuun nu hin barbaachisu jedhan turan. Namoota qalbii geddarachuudhaan cuuphaman ni tuffatu turan. Yohannis geggeessitoota amantii of hin arginee ta’an kanaan, “Isin ijoollee mar’ataa nana, dheekkamsa isinitti bu’uuf jiru jalaa akka baqattaniif, eenyutu isin yaadachiise? Ammas yaada garaa geddarachuun keessan ija gaarii haa godhatu!” jechuudhaan sodaa malee isaan saaxileera.—Mat. 3:7, 8.

3 Yohannis asirratti kan dubbate waa’ee qaamaan baqachuu hin turre. Waa’ee guyyaa firdiifi guyyaa dheekkamsaa akeekkachiisaa ture. Geggeessitoonni amantii kun, guyyaa kanarraa ooluu yoo barbaadan, hojii yaada garaa geddarachuusaanii argisiisu akka hojjetan isaanitti himuusaa ture. Yeroo boodammoo Yesus, geggeessitoonni amantii kun nama ajjeesuu waan barbaadaniif, abbaansaanii inni dhugaan Diiyaabilos ta’uusaa sodaa malee itti himuudhaan isaan balaaleffateera. (Yoh. 8:44) Yesus, akeekkachiisa Yohannis kenne irra deebi’uudhaan namoota kana, “ijoollee mar’ataa” jedhee kan waame yommuu ta’u, “Qilillee [“Gahaannam” hiika bara 1899] keessatti adabamuu jalaa attamitti baatu ree?” jechuudhaan isaan gaafateera. (Mat. 23:33 ) Yesus “Gahaannam” yommuu jedhu maal jechuusaa ture?

4. Yesus Gahaannamiin ilaalchisee akeekkachiisa kennuunsaa maal kan argisiisu ture?

4 Gahaannam, dachaa dallaa Yerusaalemii alatti argamuufi bakka kosiifi reeffi horii itti gubamu ture. Yesus, du’a barabaraa fakkeenyaan ibsuuf, jecha Gahaannam jedhutti fayyadameera. Gahaannamirraa ooluu ilaalchisee gaaffiin isaan gaafate, geggeessitoonni amantii kun tuutaan badiisa bara baraatiif kan malan ta’uusaanii argisiisa.—Mat. 5:22, 29.

5. Wanti Yohannisiifi Yesus dubbatan kan raawwatame akkamitti?

5 Geggeessitoonni amantii Yihudii, Yesusiifi duuka buutotasaa ari’achuudhaan cubbuusaaniirratti cubbuu dabalaniiru. Akkuma Yohannisiifi Yesus akeekkachiisan, yeroo booda guyyaan dheekkamsa Waaqayyoo isaanitti dhufeera. Yeroo sanatti, ‘dheekkamsi isaanitti bu’uuf jiru’ naannoo Yerusaalemiifi Yihudaa qofa kan miidhu waan ta’eef, qaamaan bakka biraatti baqachuun ni danda’ama ture. Guyyaan dheekkamsaa sun Dh.K.B. bara 70⁠tti, yommuu waraanni Roomaa Yerusaalemiifi mana qulqullummaashee balleessetti isaanitti dhufeera. Yerusaalem sana dura “rakkina” guddaa akkasii argitee hin beektu turte. Namoonni baay’een ajjeefamanii ykn booji’amanii turan. Badiisni kun, badiisa guddaa gara fuulduraatti amantiiwwan Kiristiyaana ofiin jedhaniifi amantiiwwan garabiraarratti dhufu argisiisa.—Mat. 24:21.

Dheekkamsa Gara Fuulduraatti Dhufu Jalaa Baqachuu

6. Gumii Kiristiyaanaa jaarraa jalqabaa keessatti maaltu babal’achuu jalqabe?

6 Kiristiyaanonni jaarraa jalqabaa tokko tokko gantoota ta’uudhaan, duuka buutota argataniiru. (HoE. 20:29, 30) Ergamoonni yeroo lubbuudhaan turan, gantummaa akkasii kan ‘ittisan’ ta’uyyuu, erga isaan du’anii booda, gareewwan amantii Kiristiyaanaa sobaa hedduun uumamaniiru. Yeroo ammaatti, saba Kiristiyaanaa keessa amantiiwwan wal mormaniifi dhibbaan lakkaa’amantu jira. Macaafni Qulqulluun luboonni Saba Kiristiyaanaa akka ka’an kan ibse yommuu ta’u, ‘Isa hamaa seera malee jiraatu jechuudhaan isaan ibseera. Kana malees, ‘ilma badiisaa Yesus Gooftaan ajjeesuufi deebi’ee dhufuusaatiin isa barbadeessu’ akka ta’an dubbata.—2 Tas. 2:3, 6-8.

7. Luboonni Saba Kiristiyaanaa ‘isa seera malee jiraatu’ jedhamuunsaanii sirrii kan ta’e maaliifi?

7 Luboonni Saba Kiristiyaanaa barumsawwan sobaa, guyyoota ayyaanaafi amalawwan Macaafa Qulqulluu wajjin wal faallessan babal’isuudhaan, namoota miliyoonaan lakkaa’aman gowwoomsaniiru. Kanaan kan ka’es, seera malee kan jiraatan jedhamaniiru. Geggeessitoota amantii Yesus balaaleffatee wajjin haaluma wal fakkaatuun, geggeessitoonni amantii yeroo ammaatti argamaniifi ‘ilmaan badiisaa’ jedhaman, abdii du’aa ka’uu utuu hin qabaatin ni balleeffamu. (2 Tas. 1:6-9) Haata’u malee, namoonni luboota Saba Kiristiyaanaafi geggeessitoota amantii sobaa garabiraatiin gowwoomfaman maaltu isaan eeggata? Deebii gaaffii kanaa argachuuf, wantoota Dh.K.D. bara 607⁠tti badiisa Yerusaalem booda raawwataman haa qorru.

“Baabilon Keessaa Baqadhaa”

8, 9. (a) Ermiyaas Yihudoota boojuudhaan Baabilon turan ilaalchisee raajii akkamii dubbate? (b) Warri Medooniifi Faares Baabiloniin erga mo’anii booda, haala akkamiitiin baqachuutu danda’ama ture?

8 Ermiyaas raajichi, Dh.K.D. bara 607⁠tti badiisni Yerusaalemirra akka ga’u raajii dubbatee ture. Sabni Waaqayyoo boojuudhaan yoo fudhatamaniyyuu “waggaa torbaatama” booda biyyasaaniitti akka deebi’an dubbateera. (Er. 29:4, 10) Ermiyaas, Yihudoonni boojuudhaan Baabilon turan, amantii sobaa biyyattiitti raawwatamurraa akka of eeggatan dhaamsa dabarsee ture. Barri murame sun yeroo ga’u, Yerusaalemitti deebi’anii waaqeffannaa dhugaa deebisanii jalqabuuf qophaa’oo ta’uu qabu turan. Kunimmoo warri Medooniifi Faares Dh.K.D. bara 539⁠tti Baabiloniin erga mo’anii booda utuu baay’ee hin turin raawwiisaa argateera. Mootii Faares kan ta’e Qiiros II, Yihudoonni biyyasaaniitti deebi’anii mana qulqullummaa Yihowaa isa Yerusaalemitti argamu deebisanii akka ijaaran labsii baase.—Iz. 1:1-4.

9 Yihudoonni kumaan lakkaa’aman carraa kanatti fayyadamuudhaan biyyasaaniitti deebi’aniiru. (Iz. 2:64-67) Kana yeroo godhanittis, bakka garabiraatti baqachuudhaan, abboommii raajii Ermiyaasirratti ibsame raawwataniiru. (Ermiyaas 51:6, 45, 50 dubbisi.) Yerusaalemiifi Yihudaatti deebi’uuf adeemsa dheeraa deemuu kan danda’an Yihudoota hunda hin turre. Daani’el maanguddicha dabalatee warri Baabilonitti hafan kaan, waaqeffannaa dhugaa Yerusaalemitti geggeeffamu garaa guutuudhaan yoo deggeraniifi waaqeffannaa sobaa Baabilonitti raawwatamurraa yoo fagaatan, eebba Waaqayyoo argachuu danda’u turan.

10. “Baabilon Guddittiin” “wantoota ciiggaasisaa” akkamiitiif itti gaafatamti?

10 Yeroo ammaatti namoonni biliyoonaan lakkaa’aman, amantiiwwan sobaa addaddaa Baabilon duriirraa dhufan keessatti hirmaatu. (Uma. 11:6-9) Amantiiwwan kun walumatti qabaatti “Baabilon guddittii, haadha ejjitootaa fi wanta ciiggaasisaa biyya lafaa” jedhamaniiru. (Mul. 17:5) Amantiin sobaa, waggoota dheeraadhaaf bulchitoota siyaasaa biyya lafaa kanaa deggeraa turteetti. “Wantoota ciiggaasisaa” raawwattuufi itti gaafatamtu keessaa tokko, waraanota namoonni miliyoona dhibbaan lakkaa’aman ‘lafarratti itti qalamanidha.’ (Mul. 18:24) ‘Wantoonni ciiggaasisaan’ isheen raawwattu kaanimmoo, luboonni daa’imman gudeeduufi amala addaggummaa raawwachuusaaniis kan dabalatu si’a ta’u, itti gaafatamtoonni manneen sagadaas gocha kana callisanii ilaalu. Yihowaan dhiheenyatti amantii sobaa lafarraa balleessuunsaa maal nama ajaa’ibsiisaree?—Mul. 18:8.

11. Baabilon Guddittiin hanga baddutti, Kiristiyaanota dhugaarra itti gaafatamummaa akkamiitu jira?

11 Kiristiyaanonni dhugaan dhimma kana beekan, miseensota Baabilon Guddittii akeekkachiisuuf itti gaafatamummaa qabu. Karaa kana itti godhan keessaa inni tokko, Macaafa Qulqulluu, akkasumas barreeffamoota isarratti hundaa’aniifi “hojjetaan amanamaanii fi ogeessi” qopheesse raabsuudha. Hojjetaan kun, “yeroodhaan nyaata” akka qopheessuuf Yesusiin muudameera. (Mat. 24:45) Yeroo namoonni ergaa Macaafa Qulqulluutiif fedhii qabaatan, Macaafa Qulqulluu isaan qayyabsiisuuf qophiin ni godhama. Sana booda, namoonni kun utuu yeroonsaa hin darbin ‘Baabilon keessaa baqachuun’ barbaachisaa ta’uusaa ni hubatu jennee abdanna.—Mul. 18:4.

Waaqolii Tolfamoorraa Fagaadhaa

12. Waaqayyo, waaqeffannaa fakkiiwwaniifi waaqolii tolfamoodhaaf dhihaatuuf ilaalcha akkamii qaba?

12 Gochi ciiggaasisaan Baabilon Guddittii keessatti beekamaa ta’e inni kaanimmoo, fakkiiwwaniifi waaqolii tolfamoo waaqeffachuudha. Waaqayyo, wantoota kana “wanta ciiggaasisaa” fi [“waaqayyolii xuraa’oo,” NW] jedhee waama. (Kes. 29:17) Namoonni Waaqayyoon gammachiisuu barbaadan hundi, waaqolii tolfamoorraa fagaachuu qabu. Kana gochuudhaanis jecha Yihowaan, “Ani Waaqayyoo dha, maqaan koo isa kana; ani ulfina koo kan biraatiif hin kennu, maqaa koo isan ittiin galateeffamus waaqayyolii tolfamaniif hin dhiisu” jechuudhaan dubbatee wajjin akka walii galan argisiisu.—Isa. 42:8.

13. Waaqolii tolfamoo hin hubatamne akkamiirraa baqachuu qabna?

13 Dubbiin Waaqayyoo, waaqolii tolfamoon salphaatti hin hubatamne akka jiran ibsa. Fakkeenyaaf, sassanni ‘waaqayyolii tolfaman waaqeffachuutti akka lakkaa’amu’ dubbata. (Qol. 3:5) Sassanni, wanta dhowwaa ta’e jechuunis qabeenya nama kaanii hawwuudha. (Bau. 20:17) Ergamaan yeroo booda Seexana ta’e, Waaqa Hundarra Caaluu fakkaachuufi waaqeffatamuuf hawwuu jalqabe. (Luq. 4:5-7) Kunimmoo, Yihowaarratti akka ka’uufi Hewwaan wanta Waaqayyo dhowwe akka hawwitu ishee gowwoomsuuf isa kakaase. Addaamis, Abbaasaa isa samiitiif abboomamuu mannaa, fedhii ofittummaatiin kaka’ee haadha manaasaa waan caalchifateef, waaqolii tolfamoo waaqeffateera jechuun ni danda’ama. Namoonni guyyaa dheekkamsa Waaqayyoo jalaa baqachuu barbaadan garuu, isa qofa waaqeffachuufi sassatarraa fagaachuu qabu.

“Halalummaa Baqadhaa!”

14-16. (a) Yoseef amala gaarii qabaachuudhaan fakkeenya kan ta’u maaliifi? (b) Hawwa saalqunnamtii sirrii hin taane yoo qabaanne maal gochuu qabna? (c) Halalummaarraa fagaachuu kan dandeenyu akkamitti?

14 Qorontos Isa Duraa 6:18 dubbisi. Yoseef, yommuu haati manaa Phooxifaaraa isa sossobuuf yaalte isheerraa baqateera. Yoseef Kiristiyaanota qeenteedhaafis ta’e hiriyaa gaa’elaa qabaniif fakkeenya gaarii hin ta’uu? Yoseef, sanaan dura Waaqayyo dhimma kanaaf ilaalcha akkamii akka qabu waan beekeef, yaanni garaasaa leenjii argatee akka ture beekamaadha. Ajaja “halalummaa baqadhaa” jedhuuf abboomamuu yoo barbaanne, wantoota nama hiriyaa gaa’elaa keenya hin taanee wajjin saalqunnamtii akka raawwannu nu kakaasanirraa fagaanna. Hundi keenya gorsi akkas jedhu nuu kennameera: “Yaada keessan . . . halalummaa fi xuraa’ummaa, kajeellaa fi hawwa hamaa, sassata isa waaqayyolii tolfaman waaqessuutti lakkaa’amus, of keessaa ajjeesaa. Sababii wanta kana hundumaatiif dheekkamsi Waaqayyoo warra isaaf hin abboomamne irratti in dhufa.”—Qol. 3:5, 6.

15 ‘Dheekkamsi Waaqayyoo warra isaaf hin abboomamnerratti akka dhufu’ hubadhu. Namoonni biyya lafaa hedduun, saalqunnamtii seeraan ala ta’eef hawwii cimaa waan qabaniif, hawwiisaanii kanaaf mo’amaniiru. Kanaaf, nuti Kiristiyaanonni, fedhiin saalqunnamtii sirrii hin taane akka nu hin to’anne, gargaarsa Waaqayyoofi hafuura qulqulluu argachuuf kadhachuu qabna. Dabalataanis, Macaafa Qulqulluu qayyabachuu, walga’iiwwanirratti argamuufi namootatti misiraachoo kana himuun keenya ‘hafuuraan geggeeffamnee jiraachuuf’ nu gargaara. Kana yoo goonemmoo, ‘fedha foonii hin raawwannu.’—Gal. 5:16.

16 Fakkiiwwan fedhii saalqunnamtii kakaasan kan ilaallu yoo ta’e, ‘hafuuraan geggeeffamaa’ akka hin jirre beekamaadha. Haaluma wal fakkaatuun, Kiristiyaanni tokko wantoota fedhii saalqunnamtii kakaasan dubbisuu, ilaaluufi dhaggeeffachuurraa of eeguu qaba. Kana malees, ‘warri Waaqayyoof qulqullaa’an’ dhimma kana kaasanii qoosuun ykn haasa’uunsaanii dogoggoradha. (Efe. 5:3, 4) Akka kanaan, guyyaa dheekkamsaa Abbaan keenya inni nu jaallatu fidurraa ooluufi addunyaa haaraa keessa jiraachuu akka barbaannu argisiisna.

‘Horii Jaallachuurraa’ Baqadhaa

17, 18. ‘Horii jaallachuurraa’ baqachuu kan qabnu maaliifi?

17 Phaawulos xalayaa Ximotewosiif jalqaba barreesserratti, seerawwan bu’uuraa Kiristiyaanonni garboota ta’an ittiin jiraachuu qaban ibseera. Garboota kana keessaa tokko tokko, gooftonnisaanii Kiristiyaanota waan ta’aniif, isaanirraa faayidaa sirrii hin taane argachuuf yaaduu hin oolan. Warri kaanimmoo, hawwiisaanii guuttachuuf wanta qulqulluu ta’etti fayyadamuuf yaalii godhanii ta’uu danda’a. Phaawulos, ‘nama Waaqayyoo ta’uu waan ittiin bu’aa argatan godhanii akka hin yaanne’ isaan akeekkachiiseera. Yaada akkasii akka qabaatan kan godhe “horii jaallachuu” ta’uu danda’a. Kunis nama hundarratti jechuunis sooressas ta’e hiyyeessarratti dhiibbaa gadhee kan fidudha.—1 Xim. 6:1, 2, 5, 9, 10.

18 Macaafa Qulqulluu keessatti, nama ‘horii’ ykn wantoota barbaachisaa hin taaneefi horiin bituu danda’u jaallachuudhaan walitti dhufeenya Waaqayyoo wajjin qabu dhabe beektaa? (Iya. 7:11, 21; 2 Mot. 5:20, 25-27) Phaawulos, “Ati garuu yaa nama Waaqayyoo, kana hundumaa irraa fagaadhu! Qajeelinaaf, akka nama Waaqayyootti jiraachuudhaaf, amantiidhaaf, jaalalaaf, obsaaf, gara-laafummaadhaaf dhama’i!” jechuudhaan Ximotewosiin gorseera. (1 Xim. 6:11) Namoonni guyyaa dheekkamsaa dhufu jalaa ooluu barbaadan hundi, gorsa kana hojiirra oolchuunsaanii barbaachisaadha.

“Kajeellaa Yeroo Dargaggummaatti Hammaatu Irraa Baqadhu”

19. Dargaggoonni hundi maaltu isaan barbaachisa?

19 Fakkeenya 22:15 dubbisi. Wallaalummaan inni yaada mucaatti qabamee jiru, salphaadhumatti isa ykn ishee dogoggorsiisuu danda’a. Macaafa Qulqulluurratti hundaa’anii adaba kennuun rakkina kana hambisuu danda’a. Dargaggoonni Kiristiyaanota ta’aniifi warra hin amanne qaban hedduun, seerawwan bu’uuraa Macaafa Qulqulluu argachuufi hojiirra oolchuuf carraaqqii godhu. Warri kaanimmoo, gorsa gaarii obboloonni karaa hafuuraa ga’eessota ta’an isaanii kennanirraa faayidaa argatu. Gorsa namni kamiyyuu Macaafa Qulqulluurratti hundaa’uudhaan nuu kennu hojiirra oolchuun, ammas ta’e gara fuulduraatti gammachuu nuu argamsiisa.—Ibr. 12:8-11.

20. Dargaggoonni hawwii sirrii hin taanerraa akka baqatan kan isaan gargaaru maalidha?

20 Ximotewos Isa Lammaffaa 2:20-22 dubbisi. Dargaggoonni gorsa gaarii hin arganne hedduun gochawwan gowwummaa hordofaniiru. Gochiwwan kunis wal morkii, sassata, halalummaa, horii jaallachuufi qabeenya ari’uudha. Kun, “kajeellaa bara dargaggummaatti hammaatu” kan argisiisu yommuu ta’u, Macaafni Qulqulluun kanarraa akka baqannu nu gorsa. Dargaggeessi Kiristiyaana ta’e tokko baqachuu kan danda’u, dhiibbaawwan gadhee karaa kamiiniyyuu isatti dhufanirraa kan of eegu yoo ta’edha. Keessumaa “warra garaa qullaa’aadhaan maqaa gooftaa waammatanii wajjin” ta’uudhaan amalawwan Waaqayyoon gammachiisan akka qabaatu gorsa Waaqayyo isaaf kenne hordofuunsaa faayidaa isaaf argamsiisa.

21. Yesus Kiristos duuka buutotasaa warra hoolotatti fakkeeffaman ilaalchisee abdii nama gammachiisu akkamii kenne?

21 Dargaggootas taane maanguddoota, namoota nu gowwoomsuuf yaalan dhaga’uu diduun keenya, duuka buutota Yesus warra hoolotatti fakkeeffamaniifi ‘sagalee warra ormaarraa baqatan’ keessaa tokko ta’uu akka barbaannu argisiisa. (Yoh. 10:5) Haata’u malee, guyyaa dheekkamsa Waaqayyoorraa baqachuun, wantoota nama miidhanirraa baqachuu qofa miti. Amalawwan gaggaarii horachuufis carraaquu qabna. Mataduree ittaanu keessatti amalawwan akkasii keessaa torba ilaalla. Yesus, “Ani jireenya bara baraa [hoolota kootiif] nan kenna, isaan bara baraan hin badan, namni tokko illee harka koo keessaa isaan hin butatu” waan jedheef, amalawwan kana gadi fageenyaan qoruun keenya baay’ee gaariidha.—Yoh. 10:28.

Maal Jettee Deebista?

• Yesus geggeessitoota amantiitiif akeekkachiisa akkamii kenne?

• Yeroo ammaatti, namoonni miliyoonaan lakkaa’aman wanta gadhee akkamiitu isaanirra ga’aa jira?

• Waaqolii tolfamoo salphaatti hin hubatamne akkamiirraa baqachuu qabna?

[Gaaffiiwwan Qayyabannaa]

[Fakkii fuula 9rra jiru]

Jecha “baqadhaa” jedhu yommuu dhageessu maal yaadatta?