Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Yaadawwan Ijoo Macaafa Roomaa

Yaadawwan Ijoo Macaafa Roomaa

Dubbiin Yihowaa Jiraataadha

Yaadawwan Ijoo Macaafa Roomaa

NAANNOO Dh.K.B bara 56 booda, Phaawulos ergamaan adeemsa misiyoonummaasaa isa sadaffaa yeroo godhu gara magaalaa Qorontos dhaqe. Yeroo sana Phaawulos, Kiristiyaanota Roomaa Yihudii turaniifi Yihudii hin turre gidduutti garaagarummaan akka uumame hubate. Phaawulos, Kiristiyaanonni kun karaa Kiristosin tokkummaa akka qabaatan gargaaruu waan barbaadeef xalayaa isaanii barreesse.

Phaawulos xalayaa warra Roomaatiif barreesserratti, ilmaan namootaa qajeeloo jedhamanii waamamuu kan danda’an akkamitti akka ta’eefi warri qajeeloo jedhaman kun jireenya akkamii jiraachuu akka qaban ibseera. Xalayaan kun, beekumsa Waaqayyoofi Dubbiisaa ilaalchisee qabnu nuu bal’isa. Waa’ee ayyaana Waaqayyoo, akkasums Kiristos fayyina keenyaa wajjin haala wal qabateen shoora akkamii akka taphatu nuu addeessa.—Ibr. 4:12.

QAJEELOO JEDHAMANII KAN WAAMAMAN AKKAMITTI?

(Rom. 1:1–11:36)

Phaawulos, “Hundi yakkaniiru, ulfinni Waaqayyoos isaanitti hir’ateera. Isaanumti immoo ayyaana Waaqayyoo isa karaa furii Yesus Kristos tola isaaniif kennameen, qajeelota in ta’u” jechuudhaan barreesseera. Itti aansuudhaanis, “Namni waan seerri abboomu hojjechuudhaan utuu hin ta’in, amanuu duwwaadhaan Waaqayyo duratti qajeelaa akka ta’u” dubbateera. (Rom. 3:23, 24, 28) Kiristiyaanonni dibamoonis ta’an ‘tuutni sonaan baay’een’ miseensota ‘hoolota kan biraa ta’an’ ‘qajeelchuu nama tokkootti’ amanuusaaniitiin ‘qajeeloo jedhamanii waamamuu’ danda’aniiru. Kanaan kan ka’es, Kiristiyaanonni dibamoon Kiristosii wajjin bulchuudhaan samiirra kan jiraatan si’a ta’u, tuutni sonaan baay’eenimmoo michoota Waaqayyoo ta’uudhaan “rakkina guddaa” keessaa ba’uuf abdii qabu.—Rom. 5:18; Mul. 7:9, 14; Yoh. 10:16; Yaq. 2:21-24; Mat. 25:46.

Phaawulos, “Seera jalatti qabamnee kan jiraannu utuu hin ta’in, ayyaana Waaqayyoo jala waan jiraannuuf, cubbuu hojjennuu ree?” jedhee erga gaafatee booda, “Kun matumaa hin ta’u” jechuudhaan deebiseera. “Cubbuudhaaf yoo abboomamtan du’aaf, Waaqayyoof yoo abboomamtan qajeelinaaf in bultu” jechuudhaan ibseera. (Rom. 6:15, 16) “Hafuuraan hojii namummaa keessan isa foonii yoo ajjeeftan garuu in jiraattu” jedheera.—Rom. 8:13.

Gaaffiiwwan Caaffata Qulqullaa’aafi Deebiisaanii:

1:24-32—Gocha salphinaa asirratti ibsame kana kan raawwatan, Yihudootamoo warra saba Waaqayyoo hin taanedha? Gocha gadhee caqasicharratti ibsame kan raawwatan lamaansaaniiyyuu ta’uu danda’anis, Phaawulos kan dubbate waa’ee Israa’eloota bara duriitti gantoota turaniiti. Sabni kun seera qajeelummaa Waaqayyo kenne kan beekan ta’uyyuu, “Waaqayyoon beekuu, dubbii qajeelaatti waan hin lakkaa’iniif” komatamuu qabu turan.

3:24, 25—‘Furiin Yesus Kiristos’ kaffalamuusaa dura, “cubbuu namoonni kanaan dura hojjetan” dhiifama akka argatu kan godhu akkamitti? Raajiin jalqabaa waa’ee Masiihichaa dubbatuufi Uumama 3:15⁠rratti argamu kan raawwatame, Dh.K.B. bara 33 booda yeroo Yesus mukarratti fannifamee du’ettidha. (Gal. 3:13, 16) Haata’u malee, Waaqayyo wanti kaayyoonsaa akka galamaan hin geenye dhowwu waan hin jirreef, yeruma raajii sana dubbate gatiin furichaa akka kaffalametti lakkaa’uu danda’a. Kanaafuu Yihowaan, aarsaa Yesus Kiristos gara fuulduraatti dhiheessurratti hundaa’uudhaan, sanyii Addaam warra abdii kanatti amananiif dhiifama gochuu danda’eera. Kana malees, furiin kun namoonni bara Kiristiyaanummaa dura du’an du’aa ka’uu akka danda’an karaa baneera.—HoE. 24:15.

6:3-5—Yaanni Yesus Kiristositti dabalamuuf cuuphamuufi du’asaatti isatti dabalamuuf cuuphamuu jedhu maal kan argisiisudha? Yihowaan duuka buutota Kiristos hafuura qululluudhaan yeroo dibu, Yesusii wajjin tokko ta’uusaaniirrayyuu, miseensota gumii Kiristiyaanota dibamoo ta’u. Gumiin kun qaama Kiristos si’a ta’u, mataan qaamichaammoo Yesusi. (1 Qor. 12:12, 13, 27; Qol. 1:18) Yesus Kiristositti dabalamuuf cuuphamuu kan jedhame kanadha. Kana malees, Kiristiyaanonni dibamoon jireenya aarsaa isaan kaffalchiisu waan jiraataniifi abdii barabaraaf lafarra jiraachuuf qaban waan dhiisaniif, ‘Kiristosii wajjin du’asaatti isatti dabalamuuf akka cuuphaman’ ibsameera. Kanaan kan ka’es, duuti Kiristiyaanota dibamoo furii ta’uudhaan faayidaa argamsiisuu baatuyyuu, du’a aarsaa isaan kaffalchiisudha. Kiristiyaanonni kun erga du’anii booda gara samii dhaquuf ennaa ka’an, cuuphaan du’a Kiristositti dabalamuuf cuuphaman ni raawwata.

7:8-11—‘Cubbuun abboommiidhaan kan qabate’ akkamitti? Seerichi, namoonni maalummaa cubbuu guutummaatti akka beekan isaan gargaareera. Kunis cubbamoo ta’uusaanii caalaatti akka hubatan godheera. Kanaan kan ka’es, karaawwan hedduudhaan cubbuu akka hojjetan beekuu kan danda’an yommuu ta’u, namoonni baay’eenis cubbamoo ta’uusaanii hubataniiru. Cubbuun carraa Seerichi argamsiisetti akka fayyadame kan ibsame kanaafi.

Barumsa Akkamii Arganna?

1:14, 15. Misiraachicha hinaaffaadhaan lallabuuf sababiiwwan hedduu qabna. Isaan keessaa tokko, namoota dhiiga Yesusiin bitanaiif dirqamni kan nurra jiru ta’uusaati; karaa hafuuraa namoota kana gargaaruufimmoo dirqamni nurra jira.

1:18-20. Amalawwan Yihowaa warri hin mul’anne wantoota inni uumerratti waan mul’ataniif, namoonni Waaqayyo malee jiraataniifi jal’oo ta’an “waan itti qabatan hin qaban.”

2:28; 3:1, 2; 7:6, 7Phaawulos, wanta Yihudoota garaa hanqachiisu erga dubbatee booda, yaada haaswaasaa sana laaffisu dubbateera. Kunis, dhimmawwan rakkisaa ta’an malaan akka hiikun fakkeenya gaarii nuu ta’a.

3:4. Yeroo yaanni namootaa yaada Waaqayyo Dubbiisaa keessatti akka barreeffamu godhee wajjin wal faallessu, ergaa Macaafa Qulqulluu keessatti argamutti amanuudhaan, akkasumas tarkaanfii fedha Waaqayyoo wajjin wal simu fudhachuudhaan, “Waaqayyo dhuga-qabeessa” ta’ee akka argamu goona. Hojii waa’ee Mootummaa Waaqayyoo lallabuufi bartoota gochuurratti hinaaffaadhaan hirmaachuudhaanis, warri kaan Waaqayyo dhuga qabeessa ta’uusaa akka hubatan isaan gargaaruu dandeenya.

4:9-12. Abrahaam amantiinsaa akka qajeelummaatti kan isaa lakkaa’ame, dhaqna qabachuusaa dura yeroo umriinsaa waggaa 99 turettidha. (Uma. 12:4; 15:6; 16:3; 17:1, 9, 10) Waaqayyo kana gochuudhaan, isa biratti qajeeloo taanee akka ilaalamnu kan godhu maal akka ta’e barumsa cimaa kenneera.

4:18. Amanuuf abdiin baay’ee barbaachisaadha. Amantiin keenya abdii keenyarratti kan hundaa’edha.—Ibr. 11:1.

5:18, 19. Phaawulos, karaa Yesus Addaamii wajjin itti wal fakkaatu ragaadhaan ibsuudhaan, jechoota muraasatti fayyadamee karaa salphaa ta’een namni tokko “lubbuu isaa furii namoota baay’eedhaaf kennuu” kan danda’u akkamitti akka ta’e ibseera. (Mat. 20:28) Akkasitti ragaa dhiheessanii karaa salphaa ta’een barsiisuun, fakkeenya gaarii hordofuu qabnudha.—1 Qor. 4:17.

7:23. Kutaawwan qaama keenya akka harkaa, miillaafi arrabaa ‘seera cubbuu jalatti boojisiisuu’ waan danda’aniif, karaa seeraan ala ta’een akka isaanitti hin fayyadamne of eeggachuu qabna.

8:26, 27. Wantoonni nu mudatan kan bitaa namatti galan ta’uusaaniitiin kan ka’e, maal jennee akka kadhannu yommuu wallaallu, “Hafuurichi . . . nuuf in kadhata.” Yihowaan ‘inni kadhata namaa dhaga’us,’ kadhannaawwan Dubbiisaarratti galmeeffamaniifi haala keenyaa wajjin wal siman akkuma nuyi dhiheessinetti fudhata.—Far. 65:2.

8:38, 39. Rakkinnis ta’e uumamawwan hafuuraa hamoo ta’an, akkasumas mootummoonni ilmaan namaa, jaalalli Yihowaan nuuf qabu akka badu gochuu hin danda’an; nuyis wantoonni kun jaalala Yihowaadhaaf qabnu akka balleessan gochuu hin qabnu.

9:22-28; 11:1, 5, 17-26. Raajiiwwan Israa’el deebitee akka ijaaramtu dubbatan hedduun, kan raawwataman gumii Kiristiyaanota dibamoorratti. Miseensonni gumii kanaa ‘Yihudoota keessaa qofa utuu hin ta’in, Yihudoota warra hin ta’in keessaas waamamaniiru.’

10:10, 13, 14. Jaalala Waaqayyoofi namootaaf qabnu malees, Yihowaarrattiifi abdiiwwan inni kennerratti amantii cimaa qabaachuun keenya, tajaajilarratti hinaaffaadhaan akka hirmaannu nu kakaasa.

11:16-24, 33. ‘Gaarummaafi humni Waaqayyoo’ tasumaa wal hin faallessan! Eeyyee, “Inni kattaa jabaa dha, wanti inni godhus mudaa hin qabu, karaan isaa hundinuus qajeelaa dha.”—Kes. 32:4.

QAJEELOO JEDHAMANII WAAMAMUU WAJJIN HAALA WAL SIMUUN JIRAACHUU

(Rom. 12:1–16:27)

Phaawulos, “Ammas yaa obboloota ko, araara Waaqayyoof jedhaatii namummaan keessan qulqullaa’aadhaa fi Waaqayyo duratti fudhatamaa akka ta’utti, aarsaa jiraatu gootanii akka isa dhi’eessitan isin nan gorsa” jedheera. (Rom. 12:1) Kiristiyaanonni amantii qabaachuusaaniitiin qajeeloo jedhamanii waan waamamaniif, wanti Phaawulos itti aansuudhaan dubbate, ilaalcha ofiisaaniitiif, warra kaaniifi warra aboorra jiraniif qabanirratti jijjiirama fiduu qaba.

Phaawulos, “Namni waan yaaduun isaaf ta’u caalaatti akka of hin yaadne, tokkon tokkon keessanitti nan hima” jedheera. “Nama jaallachuun keessan jaalala dhugaa haa ta’u” jechuudhaanis gorsa kenneera. (Rom. 12:3, 9) “Namni hundinuu warra biyya bulchuudhaaf aboo qabaniif haa abboomamu!” (Rom. 13:1) Phaawulos, wantoota yaada garaatiif dhiifamanii wajjin haala wal qabateen, ‘akka walitti hin faranne’ gorseera.—Rom. 14:13.

Gaaffiiwwan Caaffata Qulqullaa’aafi Deebiisaanii:

12:20—Diinni keenya ‘gaabbee akka yeella’u gochuu [“barbadaa ibiddaa mataasaarra tuuluu,” NW]’ kan dandeenyu akkamitti? Bara duriitti, sibiilli hin qulqulleeffamne barbadaa ibiddaa keessa ruuqama. Kasalli sibiilicha gubbaafi jalatti ni naqama ture. Barbadaan ibiddaa gubbaasaarra jiru sibiilichi akka baqu waan godhuuf xuriin sibiilichaa irraa ba’a. Haaluma wal fakkaatuun, diina keenyaaf waan gaarii gochuudhaan amallisaa inni hamaan irraa baqee inni gaariin akka ba’u gochuu dandeenya.

12:21—‘Waan gaariidhaan isa hamaa mo’uu’ kan dandeenyu akkamitti? Karaan kana itti goonu inni tokko, hojii Yihowaan waa’ee Mootummaa Waaqayyoo akka lallabnu nuu kenne hamma inni ga’a jedhutti ija jabinaan hojjechuu keenya itti fufuuf murtoo gochuudhaani.—Mar. 13:10.

13:1—Warra aboo qaban “Waaqayyotu achi isaan dhaabe” jechuun kan danda’amu akkamitti? Bulchitoonni ilmaan namaa “Waaqayyotu achi isaan dhaabe” kan jedhamu, akka bulchan kan isaanii heyyame Waaqayyo waan ta’eefidha. Haalawwan tokko tokkoonimmoo Waaqayyo waa’ee bulchiinsasaanii dursee dubbateera. Raajiin Macaafni Qulqulluun bulchitoota hedduu ilaalchisee dubbate kana nuu mirkaneessa.

Barumsa Akkamii Arganna?

12:17, 19. Haaloo baafachuuf yaaluun, tarkaanfii Yihowaa qofaan fudhachuu qabu akka ofii fudhachuutti lakkaa’ama. ‘Nama hamaa nurratti hojjeterratti deebisnee hamaa hojjechuun’ of tuulummaadha.

14:14, 15. Obboloota keenya, nyaata ykn dhugaatii isaanii dhiheessinuun isaan gaddisiisuu ykn gufachiisuu hin qabnu.

14:17. Namni tokko Waaqayyoo wajjin walitti dhufeenya gaarii qabaachuunsaa, nyaata tokko nyaachuu ykn dhiisuusaarratti yookiinimmoo dhugaatii tokko dhuguu ykn dhiisuusaarratti kan hundaa’e miti. Kanaa mannaa ayyaana Waaqayyoo argachuusaa, qajeelina, nagaafi gammachuu wajjin kan wal qabatedha.

15:7. Namoota garaasaaniitii dhugaa barbaadan hunda utuu wal hin caalchisin gumii keessatti simachuufi namoota argannu hundaaf ergaa Mootummichaa labsuu qabna.

[Fakkii fuula 31rra jiru]

Furichi, cubbuuwwan furiin sun dhihaachuusaa dura raawwatamaniif dhiifama argamsiisuu ni danda’aa?