Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Yesus Waa’ee Ibidda Cubbamoonni Bara Baraan Itti Gubatanii Dubbachuusaa Ture?

Yesus Waa’ee Ibidda Cubbamoonni Bara Baraan Itti Gubatanii Dubbachuusaa Ture?

Yesus Waa’ee Ibidda Cubbamoonni Bara Baraan Itti Gubatanii Dubbachuusaa Ture?

NAMOONNI barumsa ibidda qilillee [Gahaannamitti] amanan tokko tokko, wanta Yesus Maarqos 9:48 (ykn lakkoofsa 44, 46) irratti dubbate akka ragaatti caqasu. Yesus iddoo kanatti waa’ee raammoo hin duuneefi ibidda hin dhaamnee dubbateera. Namni tokko waa’ee jechoota kanaa yoo si gaafate maal jettee deebista?

Caqasoonni sadan kun waan wal fakkaataniif, namni tokko hiika Macaafa Qulqulluusaarratti hundaa’uudhaan lakkoofsa 44, 46 ykn 48 akka ragaatti dubbisuu danda’a. * Hiikni Addunyaa Haaraa akkas jedha: “Iji kee yoo si gufachiise, of keessaa baasii gati; ija lachuu qabaattee Gahaannamitti, jechuunis bakka raammoonsaa hin duuneefi ibiddisaa hin dhaamnetti darbatamuu mannaa, ija tokko qabaattee Mootummaa Waaqayyootti galuukee sii wayya.”—Mar. 9:47, 48.

Kanas ta’e sana, namoonni tokko tokko jechi Yesus, barumsa lubbuun cubbamootaa du’a booda bara baraaf ni gubatti jedhu deggera jedhanii falmu. Fakkeenyaaf, yaanni kitaaba Ispaanish Saagraataa Bibliyaa jedhamuufi Yunivarsiitii Naavaareetti argamu keessatti caqasame akkas jedha: “Gooftaan keenya [jechoota kanatti] kan fayyadame, rakkina Gahaannam keessa jiru argisiisuufidha. ‘Raammoon hin duune’ yeroo baay’ee gaabbii bara baraa namoonni achi keessatti rakkatan itti dhaga’amu kan argisiisudha; ‘ibiddi hin dhaamnemmoo’ rakkina qaamasaaniirra ga’u kan argisiisudha.”

Haata’u malee, jechoota Yesus, lakkoofsa dhumaa raajii Isaayaasii wajjin wal bira qabii ilaali. * Yesus yaada raajii Isaayaas boqonnaa 66⁠rra jiru caqasuusaa akka ture ifa mitii? Raajiin kun caqasa kanarratti waa’ee “Dachaa Hiinom (Gahaannam) isa naannoo Yerusaalem jiruu akka dubbatu beekamaadha. Bakki kun bakka yeroo tokko namoonni itti aarsaa godhamaa turan, (Er. 7:31) yeroo boodammoo bakka kosiin magaalattii itti gatamu ture.” (Za Jeroom Bibilikaal Koommentaarii.) Fakkeenyi Isaayaas 66:24⁠rra jiru, kan gubatu namoota utuu hin ta’iin reeffa namootaa akka ta’e akka dubbatu ifadha. Hin du’u kan jedhame, nama ykn lubbuu namaa utuu hin ta’iin raammoodha. Ergasuu, jechi Yesus maal kan argisiisu ture?

Barreeffamni Kaatolik woork El ivaanjeliyo de Maarkos. Anaaliisis linguyistikoo yi komentaariyo ekseheetekoon, Jildii II keessatti yaada Maarqos 9:48⁠rratti kenne ilaali. Akkas jedha: “Gaaleen [kun] Isaayaas (66,24) irraa fudhatame. Raajiin kun yeroo baay’ee iddoo kanatti reeffi namootaa karaawwan lamaan jechuunis tortorfamuufi gubamuudhaan akka balleeffamu ibsa . . . Raammooniifi ibiddi caqasamuunsaanii guutummaatti baduu kan argisiisudha. . . . Wantoonni balleessuuf gargaaran lamaanuu (hin du’u, hin dhaamu) jedhamuudhaan yeroo hundaa akka jiraatan ibsamaniiru, salphaadhumatti isaan keessa ba’uun hin danda’amu. Akka asirratti ibsametti, raammoofi ibiddi wanta isaan keessa bu’e waan balleessaniif, utuu hin badin kan hafu nama utuu hin ta’in raammoofi ibidda sanadha. Kanaafuu, ibsi kun bara baraan gubachuu kan argisiisu miti. Kanaa mannaa wanti kana keessa bu’e du’aa waan hin kaaneef, badiisa bara baraa kan argisiisudha. Kanaafuu ibiddi, guutummaatti baduu kan argisiisudha.”

Waaqni dhugaa jaalalaafi qajeelaa akka ta’e kan beeku eenyuyyuu, jecha Yesus karaa kanaan hubachuun hammam sirrii akka ta’e arguu danda’a. Yesus cubbamoonni bara baraaf gubatu hin jenne. Kanaa mannaa guutummaatti waan badaniif du’aa hin kaafaman.

[Footnotes]

^ key. 3 Hiikawwan Macaafa Qulqulluu bara durii harkaan barreeffamaniifi amansiisaa ta’an lakkoofsota 44fi 46 hin qaban. Hayyoonni, lakkoofsonni lamaan kun tarii yeroo booda itti dabalamuu akka hin oolle amanu. Piroofeesara kakuu haaraa kan ta’an Aarkebold Toomaas Roobartisan, akkas jechuudhaan barreessaniiru: “Barreeffamoonni durii harkaan barreeffamaniifi amansiisaa ta’an lakkoofsota kana hin qaban. Caqasoonni kun, barreeffamoota durii warra Lixaafi Sooriyaa (Baayzantaayin) harkaan barreeffamanirraa kan itti dabalamanidha. Caqasoonni kun waanuma lakkoofsa 48⁠rra jiru irra deebi’u. Kanaafuu, lakkoofsota 44fi 46 warra sirrii hin taane kana hiika keenya keessaa baasneerra.”

^ key. 5 “Gad ba’anii reeffa warra na yakkanii in argu; raammoon isaan nyaatu hin du’u, ibiddi isaan gubus hin dhaamu; isaan nama kan ta’e hundumaa duratti jibbisiisoo in ta’u”.—Isa. 66:24.