Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

‘Kan Guddisu Waaqayyodha!’

‘Kan Guddisu Waaqayyodha!’

‘Kan Guddisu Waaqayyodha!’

“Waaqayyo isa guddisu sana malee, inni dhaabu, inni bishaan obaasus homaa miti.”—1 QOR. 3:7.

1. ‘Waaqayyoo wajjin kan hojjennu’ hojii akkamiiti?

PHAAWULOS ERGAMAAN,“[Waaqayyoo] wajjinis in hojjenna,” [1899] jechuudhaan mirga guddaa hundi keenya qabaachuu dandeenyu ibseera. (1 Qorontos 3:5-9 dubbisi.) Phaawulos asirratti kan ibse, hojii bartoota gochuuti. Hojii kanas facaasuufi bishaan obaasuu wajjin wal fakkeesseera. Hojii barbaachisaa kanaan bu’aa argachuu yoo barbaanne, gargaarsa Yihowaa argachuu qabna. Phaawulos ‘kan guddisu Waaqayyo ta’uusaa’ ibseera.

2. ‘Kan guddisu Waaqayyo ta’uunsaa,’ tajaajila keenyaaf ilaalcha sirrii akka qabaannu kan nu gargaaru akkamitti?

2 Dhugaan akka gad of qabnu nu godhu kun, tajaajila keenyaaf ilaalcha sirrii akka qabaannu nu gargaara. Lallabuufi barsiisuurratti cimnee kan hojjennu ta’uyyuu, guddina argame kamiifiyyuu kan galateeffamu Yihowaadha. Maaliif? Carraaqqii akkamiiyyuu yoo goone, eenyuyyuu akkaataa guddina hafuuraa nama tokkoo to’achuu haa hafuutii akkamitti akka guddatullee guutummaatti hubachuu hin danda’u. Solomoon Mootichi, “Waaqayyo inni waan hundumaa hojjetu kan godhu beekuu hin dandeessu” jechuudhaan dhugaa kana sirriitti ibseera.—Lal. 11:5.

3. Sanyii facaasuufi bartoota gochuu gidduu wal fakkeenya akkamiitu jira?

3 Akkaataa namni tokko karaa hafuuraa itti guddatu beekuu dhiisuun keenya, hojii keenyatti akka abdii kutannu nu godhaa? Matumaa. Kanaa mannaa, kan nama gammachiisuufi nama hawwisiisu akka ta’u godha. Solomoon Mootichi, “Waan ati facaafte keessaa inni kam akka tolu waan hin beekneef, sanyii midhaanii kee ganama facaasi, galgalas harki kee facaasuuttii hin boqotin! Inni kun yookiis inni sun yookiis immoo lachanuu in tolu ta’a” jedheera. (Lal. 11:6) Dhugaasaa dubbachuuf, sanyiin yeroo facaafamu bakka itti biqilus ta’e biqiluufi dhiisuusaa hin beeknu. Kanaa wajjin haala wal qabateen wantoota hin beekne baay’ee qabna. Hojiin bartoota gochuus haallisaa kanaa wajjin wal fakkaata. Yesus, fakkeenyawwan Wangeela Maarqos boqonnaa 4⁠rratti nuu galmeeffaman lamarratti, kun dhugaa ta’uusaa ibseera. Fakkeenyawwan lamaan kanarraa maal barachuu akka dandeenyu haa ilaallu.

Lafa Gosa Addaddaa

4, 5. Fakkeenya Yesus namicha sanyii facaasu ilaalchisee dubbate gabaabsii ibsi.

4 Maarqos 4:1-9⁠rratti akka ibsametti, Yesus sanyiin namni tokko facaase lafa addaddaarra bu’uusaa akkas jechuudhaan dubbateera: “Dhaggeeffadhaa! Namichi tokko sanyii facaasuudhaaf ba’e. Inni utuu facaasuu kaan karaa bukkee bu’anii, simbirroonnis dhufanii funaananii nyaatan. Kaan immoo lafa dhagaa, lafa biyyoo baay’ee hin qabne irra bu’an; lafti isaan irra bu’an biyyoo gad fagoo waan hin qabneef dafanii biqilan. Garuu yommuu aduun itti baate coollaganii, hidda gad fagoo waan hin godhatiniif in gogan. Kaan qoraattii keessa bu’an; qoraattonnis guddatanii isaan hudhan; isaanis ija hin godhanne. Kaan garuu biyyoo gaarii keessa bu’an; biqilanii, guddatanii, ijas godhatan. Iji isaanii immoo kaan dachaa soddoma, kaan dachaa jaatama, kaanis dachaa dhibba ta’e!”

5 Sanyiin, harkaan darbachuudhaan facaafama. Namni sanyii facaasu, sanyicha wayyaasaatti ykn mi’atti naqatee facaasa. Kanaafuu akka fakkeenyi kun jedhutti, namichi sanyii facaasu lafa sanyichi itti bu’u hubachaa hin facaasu. Sanyichi bakka addaddaa bu’uu danda’a.

6. Yesus, fakkeenya nama sanyii facaasuu akkamitti ibse?

6 Hiika fakkeenya kanaa tilmaamuun nu hin barbaachisu. Yesus, Maarqos 4:14-20⁠rratti akkas jechuudhaan ibseera: “Inni facaasu sanyii dubbii Waaqayyoo facaasa. Karaa bukkeen, fakkeenya warra yommuudhuma dubbiin Waaqayyo facaafamu dhaga’anii, yommusumas Seexanni dhufee dubbicha isa garaa isaanii keessatti facaafame butatuu ti. Lafti dhagaas, fakkeenya warra dubbichi garaa isaanii keessatti facaafame, yommuu isa dhaga’an gammachuudhaan fudhatanii ti. Isaan akka biqiltuu hidda gad fagoo hin qabneetti, yeroodhaaf in dhaabatu; sababii dubbichaatiif rakkinni yookiis ari’atamuun yommuu ka’u garuu achumaan in gufatu. Lafti qoraattii, fakkeenya warra dubbicha isa garaa isaanii keessatti facaafame dhaga’anii ti. Yaaddoon biyya lafaa, gowwoomsaan soorumaa, kajeellaan adda addaas itti dacha’anii, dubbicha huunaan ija utuu hin godhatin hafe. Lafti gaariin garuu, fakkeenya warra dubbicha isa garaa isaanii keessatti facaafame dhaga’anii, fudhatanii, kaan dachaa soddoma, kaan dachaa jaatama, kaanis dachaa dhibba ija godhatanii ti.”

7. Sanyichiifi lafti addaddaa sun maal argisiisu?

7 Yesus, namichi sanyii addaddaa akka facaasu kan hin dubbanne ta’uusaa hubadhu. Kanaa mannaa, waa’ee sanyii gosa tokkoofi lafa addaddaarra bu’uudhaan bu’aa addaddaa argamsiisee dubbate. Lafni inni duraa jabaataa, inni lammaffaan lafa dhagaa, inni sadaffaan kan qoraattiin itti baay’ate, inni arfaffaanimmoo ba’eessaafi oomisha gaarii kan kennudha. (Luq. 8:8) Sanyichi maalidha? Ergaa Mootummichaa isa Dubbii Waaqayyoo keessatti argamudha. (Mat. 13:19) Lafti gosa addaddaa kun maal argisiisa? Namoota haala garaa addaddaa qaban argisiisa.—Luqaas 8:12, 15 dubbisi.

8. (a) Namichi sanyii facaasu eenyuun argisiisa? (b) Namoonni tokko tokko ergaa Mootummichaa yommuu fudhatan kaanimmoo kan didan maaliifi?

8 Namichi sanyii facaasu eenyuun argisiisa? Namoota Waaqayyoo wajjin hojjetan, jechuunis namoota misiraachoo Mootummichaa labsan argisiisa. Namoonni kun, akkuma Phaawulosiifi Apholos ni dhaabuu, bishaanis ni obaasu. Ciminaan yoo hojjetaniyyuu bu’aan argatan garaagaradha. Maaliif? Haalli garaa namoota ergaasaanii dhaga’anii garaagara waan ta’eefidha. Fakkeenyicha keessatti akka ibsametti, namichi sanyii facaasu bu’aa argamu murteessuu hin danda’u. Keessumaa obboloonni keenya warri amanamoon waggoota hedduudhaaf, tarii waggoota kudhaniin lakkaa’amaniif tajaajilaniyyuu bu’aa guddaa hin arganne, kana beekuunsaanii baay’ee isaan jajjabeessa! * Kan akkas jennu maaliifi?

9. Phaawulosiifi Yesus, wanta dhugaa ta’e akkamii addeessaniiru?

9 Amanamummaan namicha sanyii facaasuu, bu’aa hojiisaarraa argatuun kan madaalamu miti. Phaawulos, namni hundumtuu “Adduma addaanis akka dadhabbii isaatti miindaa ofii isaatii in fudhata” jechuudhaan yaada kana karaa kan biraatiin ibseera. (1 Qor. 3:8) Badhaasni kan isaa kennamu, dadhabbiisaarratti malee, bu’aa dadhabbiisaarratti hundaa’ee miti. Haaluma wal fakkaatuun Yesusis, yeroo bartoonnisaa iddoo lallabaa turanii deebi’anitti yaada kana addeesseera. Maqaa Yesusitti fayyadamanii hafuurota xuraa’oo abboomuu waan danda’aniif, baay’ee gammadanii turan. Kun hammamiyyuu kan nama gammachiisu yoo ta’e, Yesus, “Hafuuronni hamoonni isiniif abboomamuu isaaniitti hin gammadinaa; maqaan keessan waaqa irratti waan caafameef, guddisaa gammadaa malee” isaaniin jedhe. (Luq. 10:17-20) Namni sanyii facaasu tokko hojiisaarraa bu’aa guddaa hin arganne jechuun, akka warra kaaniitti carraaqqii guddaa hin goone ykn amanamaa hin taane jechuu miti. Bu’aan argamu, caalaatti haala garaa nama ergicha dhaggeeffatuurratti kan hundaa’e ta’uyyuu, kan guddisu garuu Waaqayyodha!

Itti Gaafatamummaa Namoonni Dubbicha Dhaga’an Qaban

10. Namni dubbicha dhaga’u tokko lafa gaarii ykn gaarii hin taane akka fakkaatu kan godhu maalidha?

10 Namoota dubbicha dhaga’anirra itti gaafatamummaa akkamiitu jira? Fedhiin isaan wanta dhaga’aniif qaban dursee kan murteeffamedhaa? Miti. Akka lafa gaarii ta’uufi dhiisuun filannaasaaniiti. Garaan nama tokkoo, gara gaariitti ykn gadheetti jijjiiramuu akka danda’u beekamaadha. (Rom. 6:17) Yesus fakkeenyasaa keessatti, namoonni tokko tokko “yommuudhuma dubbiin Waaqayyoo facaafamu dhaga’anii, yommuusuma” Seexanni dhufee dubbicha akka isaan keessaa butatu dubbateera. Kun garuu ta’uu hin qabu. Yaaqoob 4:7⁠rratti Kiristiyaanonni ‘Seexanaan akka morman’ gorfamaniiru; sana booda inni isaanirraa fagaata. Yesus, warri kaanimmoo dura dubbicha gammachuudhaan erga fudhatanii booda, “akka biqiltuu hidda gadi fagoo hin qabneetti” akka gufatan ibseera. Tajaajiltoonni Waaqayyoo garuu, “dhoksaan ogummaa isaa hammam akka bal’atu, hammam akka dheeratu, hammam akka ol fagaatu, hammam akka gad fagaatus’ hubachuu akka danda’aniif, “jaalala Kristos isa safara beekumsa namaa bira darbus” akka beekanitti ‘hiddaafi hundee akka godhatan’ gorfamaniiru.—Efe. 3:17-19; Qol. 2:6, 7.

11. Namni tokko yaaddoon jireenyaafi gowwoomsaan soorummaa dubbicha akka hin huune gochuu kan danda’u akkamitti?

11 Namoonni dubbicha dhaga’an kaanimmoo, “Yaaddoon biyya lafaa, gowwoomsaan soorumaa” dubbicha akka rakkisuufi akka hudhu gochuunsaanii ibsameera. (1 Xim. 6:9, 10) Kanarraa of eeguu kan danda’an akkamitti? Phaawulos, “Akki jireenya keessanii horiidhaaf sassataa hin ta’in, wanta argattaniin ‘Nu ga’a’ jedhaa! Waaqayyo, ‘Ani matumaa si hin dadhabu, si hin buusus!’ jedheera” jechuudhaan deebii kanaa nuu kenna.—Ibr. 13:5.

12. Namoonni lafa gaariitti fakkeeffaman, iji isaan godhatan kan wal caalu maaliifi?

12 Dhumarratti Yesus, sanyiiwwan lafa gaariirratti facaafaman sun “kaan dachaa soddoma, kaan dachaa jaatama, kaanis dachaa dhibba ija godhatan” jedheera. Namoonni dubbicha fudhatan tokko tokko garaa gaarii yoo qabaataniifi ija yoo godhataniyyuu, misiraachicha labsuudhaan wanti raawwachuu danda’an akka haalasaaniitti garaagaradha. Fakkeenyaaf, dullumniifi dhukkubni humna namaa laaffisu, hirmaannaa namoonni tokko tokko hojii lallabaarratti godhan jalaa daangessa ta’a. (Maarqos 12:43, 44 ilaali.) Karaa kanaanis wanti namichi sanyii facaasu gochuu danda’u murtaa’aadha, ykn homaa gochuu hin danda’u ta’a; ta’uyyuu, Yihowaan sanyicha guddisuusaa ennaa argu baay’ee gammada.—Faarfannaa 126:5, 6 dubbisi.

Namichi Sanyii Facaasu Rafuusaa

13, 14. (a) Fakkeenya Yesus waa’ee nama sanyii facaasuu dubbate gabaabsii ibsi. (b) Namni sanyicha facaasu eenyuun argisiisa? Sanyichimmoo maal argisiisa?

13 Nama sanyii facaasu ilaalchisee Maarqos 4:26-29⁠rratti fakkeenya akkas jedhu kan biraa arganna: “Mootummaan Waaqayyoo akka nama qotiisa isaatti sanyii facaafatee ti. Namichi galee halkan in rafa guyyaas in ka’a; sanyichi immoo utuu inni hin beekin in biqila in guddatas. Lafichi ofuma isaatiin duraan dursee biqilaa fi humna, itti aansees hudha, kana booddees ija guutuu in godhachiisa. Midhaanichi erga bilchaatee garuu yeroon haamaa waan ga’eef, achumaan haamtuu itti in erga.”

14 Kan sanyicha facaasu eenyudha? Namoonni Saba Kiristiyaanaa tokko tokko, namichi sanyii facaasu kun Yesusiin argisiisa jedhu. Haata’u malee, Yesus waan rafeef sanyichi akkamitti akka biqile hin beeku jechuun ni danda’amaa? Yesus akkaataa sanyichi itti guddatu akka beeku ifadha! Namichi sanyii facaasu kun garuu, akkuma isa kanaan dura ibsamee, labsitoota Mootummichaa, warra hinaaffaadhaan lallabuudhaan sanyii Mootummichaa facaasan kan argisiisudha. Sanyiin lafatti facaafamu, dubbii isaan lallaban kan argisiisudha. *

15, 16. Yesus, fakkeenya waa’ee nama midhaan facaasuu dubbaterratti, akkaataa sanyiin tokko kallattiidhaanis ta’e karaa hafuuraa itti guddatu kan ibse akkamitti?

15 Yesus, namichi sanyii facaasu ‘halkan akka rafu, guyyaa garuu akka ka’u’ dubbateera. Kun namichi dantaa kan hin qabne ta’uusaa kan argisiisu utuu hin ta’in, waanuma namoonni hundi godhan kan argisiisudha. Jechoonni caqasa kanarratti ibsaman, guyyaa hojjetanii halkan rafuu, isa baramaa ta’eefi yeroo hundumaaf itti fufu kan argisiisanidha. Yesus wanta yeroo sana gidduutti raawwatamu ibseera. “Sanyichi immoo utuu inni hin beekin in biqila in guddatas” jedheera. Asirratti kan addeeffame, sanyichi “ofuma isaatiin” guddachuusaati.

16 Yesus asirratti yaada akkamii dabarsuu barbaade? Yaannisaa kan xiyyeeffatu, guddinasaarratti, akkasumas guddinni kun suutuma suuta kan raawwatamu ta’uusaarratti. “Lafichi ofuma isaatiin duraan dursee biqilaa fi humna, itti aansees hudha, kana booddees ija guutuu in godhachiisa.” (Mar. 4:28) Guddinnisaa suutuma suuta, sadarkaa sadarkaadhaan raawwatama. Dirqisiisuun ykn dafee akka guddatu gochuun hin danda’amu. Haalli guddina hafuuraas kanuma fakkaata. Yihowaan, dhugaan nama garaa qajeelaa qabu keessatti akka guddatu kan heyyamu si’a ta’u, guddinni kunis sadarkaa sadarkaadhaan raawwatama.—HoE. 13:48; Ibr. 6:1.

17. Yommuu sanyiin dhugaa ija godhatu kan gammadan eenyu fa’i?

17 “Midhaanichi erga bilchaatee” booda, namichi facaasu haamaarratti kan hirmaatu akkamitti? Bartoonni haaraan, Yihowaan dhugaan Mootummichaa garaasaanii keessatti akka guddatu ennaa godhu, yeroo booda jaalalaan kaka’anii isaaf of murteessu. Of murteessuusaaniis bishaaniin cuuphamuudhaan argisiisu. Obboloonni karaa hafuuraa guddachuusaanii itti fufan, yeroo booda gumii keessatti itti gaafatamummaa dabalataa argachuu danda’u. Nama jalqaba sanyicha facaase qofa utuu hin ta’in, labsitoonni Mootummichaa sanyii duuka buutuu sana argamsiise facaasuurratti kallattiidhaan hin hirmaannes, ija Mootummichaa haamuurratti ga’ee qabu. (Yohannis 4:36-38 dubbisi.) ‘Inni facaasuufi inni haamu walii wajjin ni gammadu.’

Barumsa Akkamii Irraa Arganna?

18, 19. (a) Fakkeenyawwan Yesus dubbate kanarratti mari’achuun keenya, dhuunfaatti kan si jajjabeesse akkamitti? (b) Mataduree itti aanu keessatti waa’ee maalii mari’anna?

18 Fakkeenyawwan lamaan Maarqos boqonnaa 4⁠rra jiranirraa maal baranne? Hojii sanyii facaasuu hojjechuu akka qabnu baranneerra. Sababiiwwan ykn rakkoowwan akkamiiyyuu hojii kana hojjechuu keenya akka dhaabnu nu gochuu hin qaban. (Lal. 11:4) Waaqayyoo wajjin hojjechuuf mirga adda ta’e akka qabnu beekna. Carraaqqii keenyaafi carraaqqii namoonni ergicha fudhatan godhan eebbisuudhaan, namoonni kun karaa hafuuraa akka guddatan kan godhu Yihowaadha. Namni tokko karaa hafuuraa akka guddatu dirqisiisuu akka hin dandeenye beekna. Namni kun karaa hafuuraa kan guddatu suutuma suuta yoo ta’e, yookiinimmoo yoo guddachuu baate abdii kutachuu hin qabnu. Milkaa’inni keenya kan madaalamu, Yihowaadhaafis ta’e mirga inni ‘saba hundumaatti akka dhugaa ba’uuf wangeela mootummichaa’ akka lallabnu nuu kenneef amanamoo ta’uu keenyaanidha; kana beekuun keenyammoo baay’ee nu jajjabeessa.—Mat. 24:14.

19 Guddina duuka buutonni haaraan argisiisaniifi hojii Mootummichaa ilaalchisee Yesus barumsa kan biraa akkamii nu barsiise? Deebiin gaaffii kanaa, fakkeenyawwan seenaa Wangeelaa kan biraa keessatti argama. Mataduree itti aanu keessatti, fakkeenyawwan kana keessaa tokko tokko ilaalla.

[Miiljaleewwan]

^ key. 8 Tajaajila Obboleessi Keenya Joorj Fiyoolniir Liindaal Aayislaanditti raawwate ilaalchisee muuxannoo Kitaaba Waggaa 2005, fuula 210-211⁠rra jiru ilaali. Akkasumas, muuxannoo tajaajiltoota amanamoo Aayarlaand, warra battaluma sanatti bu’aa utuu hin argatin hafanii, Kitaaba Waggaa Dhugaa Baatota Yihowaa 1988, ful. 82-99⁠rraa ilaali.

^ key. 14 Kanaan dura barruun kun, sanyichi, amalawwan Kiristiyaana tokkoo warra gara ga’eessummaatti guddachuu qaban akka argisiisu, akkasumas haalli naannoo amala Kiristiyaana tokkoorratti dhiibbaa akka geessisu ibsee ture. Haata’u malee, fakkeenya Yesus ibserratti, sanyiin kun hin manca’u ykn hin tortoru. Kanaa mannaa gara ga’eessummaatti guddata.—Masaraa Eegumsaa, Waxabajjii 15, 1980, ful. 17-19 (Ingiliffa) ilaali.

Ni Yaadattaa?

• Karaawwan, sanyii facaasuufi ergaa Mootummichaa lallabuun itti wal fakkaatan tokko tokko kamfa’i?

• Yihowaan namni Mootummicha lallabu tokko amanamaa ta’uusaa kan madaalu akkamitti?

• Yesus, akkaataan sanyiin tokko kallattiidhaanis ta’e karaa hafuuraa itti guddatu kan wal fakkaatu ta’uusaa kan ibse akkamitti?

• ‘Inni facaasuufi inni haamu walii wajjin kan gammadan’ akkamitti?

[Gaaffiiwwan Qayyabannaa]

[Fakkii fuula 13rra jiru]

Yesus nama Mootummaa Waaqayyoo lallabuufi nama sanyii facaasu kan wal fakkeesse maaliifi?

[Fakkii fuula 15rra jiru]

Namoonni lafa gaariitti fakkeeffaman, akkuma haalasaaniitti garaa guutuudhaan Mootummicha lallabu

[Fakkii fuula 16rra jiru]

Akka guddatu kan godhu Waaqayyodha