Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Rakkoowwan Manaa Gara Manaatti Tajaajiluuf Gufuu Ta’an Mo’uu

Rakkoowwan Manaa Gara Manaatti Tajaajiluuf Gufuu Ta’an Mo’uu

Rakkoowwan Manaa Gara Manaatti Tajaajiluuf Gufuu Ta’an Mo’uu

“Warri nuun morman utuma baay’atanii iyyuu, wangeela isaa akka isinitti himnuuf Waaqayyo keenya ija jabina nuuf kenneera.”—1 TAS. 2:2.

1. Ermiyaasirra rakkina akkamiitu ga’e? Rakkoowwan kanahoo akkamitti mo’uu danda’e?

ERMIYAAS namuma akka keenyaa ture. Yihowaan “sabaaf raajii” akka ta’u yommuu isa ajaje, “Maaloo yaa Waaqayyo gooftaa, kunoo, ani mucaa waanan ta’eef attamitti akka dubbatan hin beeku” jedhee ture. Ta’us Yihowaatti amanamuudhaan hojii isaaf kenname fudhateera. (Er. 1:4-10) Ermiyaas, namoonni utuu dantaa dhabanii, utuu isa mormanii, utuu itti ga’isaniifi utuu qaamasaarra miidhaa geessisanii waggaa 40 oliif hojiisaa kana itti fufeera. (Er. 20:1, 2) Yeroo abdii kutachuu jala ga’es qaba ture. Haata’u malee, ergaa namoonni hedduun itti hin gammanneefi fudhachuu hin barbaanne himuusaa itti fufeera. Ermiyaas, humna Waaqayyo isaa kenneen, wanta matumaa humnasaatiin hojjechuu hin dandeenye hojjeteera.—Ermiyaas 20:7-9 dubbisi.

2, 3. Tajaajiltoonni Waaqayyoo yeroo ammaatti argaman, rakkoowwan Ermiyaasirra ga’an akkamii isaan mudachuu danda’u?

2 Tajaajiltoonni Waaqayyoo yeroo ammaatti argaman hedduunis akkuma Ermiyaas itti dhaga’amuu danda’a. Waa’ee manaa gara manaa dhaqanii tajaajiluu yommuu yaannu, nu keessaa tokko tokko ‘Matumaa wanta kana gochuu hin danda’u’ jennee yeroon itti yaadne jira. Haata’u malee, misiraachoo kana labsuun keenya fedha Yihowaa ta’uusaa yommuu hubanne, sodaa keenya moonee lallabarratti bobbaaneerra. Ta’us, baay’een keenya haalawwan yoo xinnaate yeroo muraasaaf tajaajilli akka nutti ulfaatu godhan nu mudataniiru. Tajaajila manaa gara manaarratti hirmaachuu jalqabuufi hanga dhumaatti itti fufuun rakkisaa akka ta’e beekamaadha.—Mat. 24:13.

3 Dhugaa Baatota Yihowaa wajjin kan qayyabattuufi walga’iiwwan gumiirratti argamuu kan jalqabde ta’uyyuu, manaa gara manaa dhaqxee lallabuu kan sodaattu yoo ta’e maal gochuu dandeessa? Yookiin, Dhugaa Baatuu cuuphamte yoo taateefi utuu dandeessuu tajaajila mana gara manaarratti hirmaachuun rakkisaa yoo sitti ta’ehoo? Namoonni aadaafi akkaataa guddinaa addaddaa qaban, rakkoowwan manaa gara manaa dhaqanii tajaajiluuf gufuu isaanitti ta’an mo’aa akka jiran mirkanaa’aa ta’i. Gargaarsa Yihowaatiin atis rakkoowwan kana mo’uu dandeessa.

Ija Jabina Argachuu

4. Phaawulos, ija jabinaan misiraachicha akka dubbatu kan isa gargaare maalidha?

4 Addunyaa maratti hojiin lallabaa kan raawwatamu, humna ykn ogummaa namootaatiin utuu hin ta’in, hafuura Waaqayyootiin ta’uusaa akka hubattu hin shakkisiisu. (Zak. 4:6) Kiristiyaanonni yommuu dhuunfaasaaniitti tajaajilanis gargaarsa kana akka argatan beekamaadha. (2 Qor. 4:7) Fakkeenya Phaawulos ergamaa ilaali. Wanta mormitoonni isaafi misiyoonii hiriyaasaa ta’erra geessisan yaadachuudhaan akkas jedhee barreesseera: “Filiphisiiyusitti akka dhiphanne, namoonni akka nutti darbanis in beektu. Isin biraas warri nuun morman utuma baay’atanii iyyuu, wangeela isaa akka isinitti himnuuf Waaqayyo keenya ija jabina nuuf kenneera.” (1 Tas. 2:2; HoE 16:22-24) Namni akka Phaawulos hinaaffaadhaan lallabaa ture, yeroo itti sodaate qaba jennee yaaduun nu rakkisa ta’a. Haata’u malee, Phaawulosis akkuma keenya, misiraachicha ija jabinaan dubbachuuf, Yihowaatti amanamuu qaba ture. (Efesoon 6:18-20 dubbisi.) Fakkeenya Phaawulos hordofuu kan dandeenyu akkamitti?

5. Wanta ija jabinaan lallabuuf nu gargaaru keessaa tokko maalidha?

5 Wanta ija jabinaan lallabuuf nu gargaaru keessaa inni tokko kadhannaadha. Qajeelchituun tokko akkas jetteetti: “Ija jabinaan lallabuu, garaa namootaa tuquufi tajaajilakoorraa gammachuu argachuuf nan kadhadha. Kun hojii Yihowaa malee, hojii keenya waan hin taaneef, gargaarsasaatiin alatti waan tokkoyyuu gochuu hin dandeenyu.” (1 Tas. 5:17) Hundi keenya ija jabinaan lallabuu akka dandeenyutti, hafuura qulqulluu argachuuf yeroo hunda kadhachuun nu barbaachisa.—Luq. 11:9-13.

6, 7. (a) Hisqi’el mul’ata akkamii arge? Mul’atichoo hiika maalii qaba ture. (b) Mul’anni Hisqi’el tajaajiltoota Waaqayyoo yeroo ammaatti argamaniif barumsa akkamii dabarsa?

6 Macaafni Hisqi’el wanti ija jabinaan lallabuuf nu gargaaru inni kaan maal akka ta’e ni ibsa. Yihowaan mul’ataan Hisqi’eliif macaafa maramuufi gar lamaan “boo’ichi, gaddi, wawwaannaanis” itti barreeffame kennee ture. Sana boodas, “Yaa mucaa namaa! Ati macaaficha ani amma siif kennu kana nyaadhuu garaa kee guuttadhu!” jechuudhaan akka inni macaafa kana nyaatu itti hime. Mul’anni kun hiika maalii qaba? Hisqi’el ergaa dabarsu kana guutummaatti hubachuufi yaanni garaasaa ittiin tuqamuu qaba ture. Raajichi itti aansuudhaan, “Ani yommuun nyaadhes afaan kootti akka dammaa in miyaa’e” jedheera. Hisqi’el, ergaa Waaqayyoo namootaaf labsuun akka dammaa itti mi’aawa ture. Kana gochuun, namoota fedhii hin qabnetti ergaa cimaa kana lallabuu kan gaafatu ta’uyyuu, Yihowaa bakka bu’uufi hojii inni isaaf kenne raawwachuun mirga guddaa akka ta’e itti dhaga’amee ture.—Hisqi’el 2:8–3:4, 7-9 dubbisi.

7 Mul’anni kun tajaajiltoota Waaqayyoo warra yeroo ammaatti argamaniif barumsa guddaa qabateera. Nuyis namoota yeroo hunda carraaqqii goonu hin dinqisiifanneef, ergaa isaan dhaga’uu hin feene lallabna. Tajaajila keenya akka mirga Waaqayyorraa arganneetti ilaaluu keenya itti fufuuf, karaa hafuuraa akka gaariitti soorachuu qabna. Qayyabannaa gadi fageenya qabu ykn dhaabbataa ta’e hin qabnu taanaan, Dubbii Waaqayyoo guutummaatti hubachuu hin dandeenyu. Dubbisa Macaafa Qulqulluu akkasumas qayyabannaa dhuunfaa gadi fageenya qabuufi dhaabbataa ta’e gochuurratti fooyya’iinsa gochuu dandeessaa? Yeroo baay’ee wanta dubbisterratti ni xiinxaltaa?—Far. 1:2, 3.

Maree Macaafa Qulqulluu Jalqabuu

8. Malli babal’istoonni tokko tokko tajaajila manaa gara manaarratti namootaa wajjin maree jalqabuuf isaan gargaare maalidha?

8 Tajaajila manaa gara manaarratti babal’istoota hedduu kan rakkisu, abbaa manichaa wajjin maree jalqabuudha. Naannoowwan tajaajilaa tokko tokkotti maree jalqabuun baay’ee rakkisaa akka ta’e beekamaadha. Akkuma saanduqa itti aanu keessatti ibsame, babal’istoonni tokko tokko yeroo namoota haasofsiisan jechoota filataman muraasa erga dubbatanii booda, abbaa manichaatiif tiraaktii kennuudhaan maree jalqabuun isaan hin rakkisu. Matadureen ykn fakkiin tiraaktichaa xiyyeeffannaa namichaa waan harkisuuf, kaayyoo itti dhufneef akka isaa ibsinuufi gaaffii akka gaafannu carraa nuu banuu danda’a. Malli garabiraanimmoo, tiraaktii addaddaa sadii ykn afur itti argisiisuufi kan barbaade akka filatu gochuudha. Dhugaadha, kaayyoon keenya namoota hundaaf tiraaktii kennuu ykn mana hundumaatti tiraaktiitti fayyadamuu qofa utuu hin ta’in, maree gara qayyabannaa Macaafa Qulqulluutti geessu gochuudha.

9. Qophii gaarii gochuun barbaachisaa kan ta’e maaliifi?

9 Mala akkamiiyyuu yoo fayyadamte, akka gaariitti qophaa’uunkee manaa gara manaatti yommuu tajaajiltu karaa tasgabbii qabuufi miira ho’aadhaan dubbachuuf si gargaara. Qajeelchaan tokko, “Akka gaariitti yommuun qophaa’u nan gammada. Akkaataan dhiheenyaa qophaa’etti fayyadamuufan kaka’a” jedheera. Qajeelchaan tokkommoo, “Barreeffamootan raabsuuf jedhu akka gaariitti yoon dubbise, barreeffamoota kana raabsuuf fedhii guddaan qabaadha” jedheera. Utuu sagalee hin dhageessisin wanta jechuuf jirturratti yaaduunkee hamma tokko faayidaa qabaatuyyuu, namoonni baay’een sagalee ol fuudhanii shaakaluun bu’aa akka isaaniif argamsiise dubbatu. Kana gochuunsaanii, humnasaanii guutuu Yihowaa tajaajiluuf isaan gargaara.—Qol. 3:23; 2 Xim. 2:15.

10. Walga’iiwwan tajaajila dirree, bu’a qabeeyyii akka ta’an gochuuf maaltu godhamuu danda’a?

10 Walga’iin tajaajila dirree akka gaariitti itti yaadame, tajaajila manaa gara manaatti bu’a qabeeyyii akka taanuufi gammachuu akka argannu nu gargaara. Caqasni guyyaa sanaa kallattiidhaan waa’ee tajaajilaa kan ibsu yoo ta’e, dubbifamuufi gabaabaadhumatti irratti mari’atamuu danda’a. Haata’u malee, obboleessi walga’ii tajaajila dirree geggeessu, yeroo ga’aa ramadee akkaataawwan dhiheenyaa naannoo sanaaf ta’an ykn yaadawwan barbaachisaa guyyaa sanatti tajaajilaaf fayyadanirratti mari’achuu ykn hojiin argisiisni gabaabaan akka dhihaatu gochuu qaba. Kunimmoo, warri kaan akka gaariitti akka dhugaa ba’an isaan hidhachiisa. Jaarsoliifi obboloonni walga’ii kana geggeessan kaan, dursanii akka gaariitti kan qophaa’an yoo ta’e, yaada kana hojiirra oolchuufi walga’icha yeroo isaanii ramadametti xumuruu danda’u.—Rom. 12:8.

Dhaggeeffachuun Faayidaa Qaba

11, 12. Gara laafinaan warra kaan dhaggeeffachuun, misiraachichaan garaasaanii tuquuf kan nu gargaaru akkamitti? Fakkeenya kenni.

11 Tajaajilarratti maree Macaafa Qulqulluu jalqabuufi garaa namootaa tuquun, qophii gaarii gochuu qofa utuu hin ta’in, warra kaaniif yaaduus kan gaafatudha. Karaan namootaaf akka yaannu itti argisiisnu inni tokkommoo, akka gaariitti isaan dhaggeeffachuudha. Daawwataan olaanaa tokko akkas jedheera: ‘Obsaafi warra kaan dhaggeeffachuuf fedhii qabaachuun, namoonni misiraachicha akka fudhatan kan gargaaru ta’uusaarrayyuu, karaa warra kaaniif yaaduu keenya itti argisiisnu keessaa tokkodha.’ Muuxannoon armaan gaditti ibsame akka argisiisutti, gara laafinaan dhaggeeffachuun namoonni yaadasaanii akka ibsan gochuuf baay’ee barbaachisaadha.

12 Gaazexaa magaalaa Faransaay Seeyint Eteeyin jedhamtutti maxxanfamuufi La Progree jedhamurratti Xalayaan tokko ba’ee ture. Achirratti, dubartiin tokko erga daa’imni ji’a sadii haala gaddisiisaadhaan jalaa duutee booda, namoonni lama yommuu balbalashee rurrukutan wanta raawwatame akkas jechuudhaan ibsiteetti: “Namoonni kun Dhugaa Baatota Yihowaa ta’uusaanii yeruma sanan hubadhe. Malumaan isaan deebisuuf qophaa’een ture; haata’u malee birooshura raabsaa jiran nan arge. Birooshurichi, Waaqayyo rakkinni akka jiraatu maaliif akka heyyame kan ibsudha. Kanaaf, wanti isaan jedhan soba ta’uusaa isaan amansiisuuf manattin isaan galche. . . . Dhugaa Baatonni kun sa’aatii tokkoo oliif kan na bira turan ennaa ta’u, gara laafinaan na dhaggeeffataniiru. Achiis yommuu adeeman hamma tokko jajjabina argadhee waanan tureef, deebi’anii akka na gaafatan yommuu natti himan tolen jedhe. (Rom. 12:15) Yeroo booda dubartiin kun Macaafa Qulqulluu qayyabachuu jalqabdeetti. Yommuu Dhugaa Baatonni jalqaba manashee dhaqan kan ishee tuqe, wanta isaan itti himan utuu hin ta’in, akkaataa itti ishee dhaggeeffatan ta’uusaarraa barumsa guddaa arganna.

13. Yommuu misiraachicha lallabnu, akkaataa dhiheenyaa keenya, haala namoota naannoo keenyaa wajjin wal simsiisuu kan dandeenyu akkamitti?

13 Gara laafinaan yommuu namoota dhaggeeffannu, Mootummichi maaliif akka isaan barbaachisu akka nutti himan gochaa jirra jechuudha. Kunimmoo misiraachoo kana isaanitti himuuf haala nuu mijeessa. Namoonni wangeela lallabuutti bu’a qabeeyyii ta’an, warra akka gaariitti dhaggeeffatan ta’uusaanii hubachuu hin ooltu. (Fak. 20:5) Obboloonni akkasii, namoota tajaajilarratti argataniif garaadhaa yaadu. Maqaafi teessoosaanii qofa utuu hin ta’in, fedhasaaniifi wanta namoota sana barbaachisus galmeessanii qabatu. Namni tokko wanta isa yaaddessu yoo isaanitti hime, dhimma sanarratti qorannaa gochuudhaan yaada argatan utuu hin turin deebi’anii namichatti himu. Akkuma Phaawulos, ergaa Mootummichaa yommuu lallaban, akkaataa dhiheenyaasaanii haala namoota naannoosaanii wajjin wal simsiisu. (1 Qorontos 9:19-23 dubbisi.) Akkasitti garaadhaa isaaniif yaaduun, namoonni misiraachicha akka fudhatan gochuusaarrayyuu, fakkeenya ‘Waaqayyo keenyaa isa oo’aan guutee’ hordofuu keenya argisiisa.—Luq. 1:78.

Ilaalcha Gaarii Qabaadhaa

14. Tajaajila keenyarratti, amalawwan Yihowaa argisiisuu kan dandeenyu akkamitti?

14 Yihowaan waan barbaanne akka filannu mirga nuu kennuudhaan nuu kabajeera. Inni, Waaqa Hundumaa Danda’u yoo ta’eyyuu, eenyuyyuu akka isa waaqeffatu hin dirqisiisu. Kanaa mannaa, namoota qophiiwwansaa warra dinqisiisaa ta’an fudhatan eebbisuudhaan, jaalala inni isaaniif qabuun garasaatti akka harkifaman godha. (Rom. 2:4) Tajaajiltootasaa waan taaneef, yeroo dhugaa baanu hunda misiraachoo kana akka Waaqa keenya isa oo’a qabeessa ta’eef tolutti dhiheessuuf qophaa’oo ta’uu qabna. (2 Qor 5:20, 21; 6:3-6) Kana gochuufis, namoota naannoo tajaajilaa keenya jiraniif ilaalcha gaarii qabaachuu qabna. Kana galmaan ga’uu kan dandeenyu akkamitti?

15. (a) Yesus bartoonnisaa namoonni ergaasaanii fudhachuu yoo didan maal akka godhan isaan ajaje? (b) Namoota isaaniif ta’u barbaaduurratti xiyyeeffachuuf maaltu nu gargaaruu danda’a?

15 Yesus duuka buutonnisaa namni tokko ergaasaanii fudhachuu diduunsaa isaan yaaddessuu mannaa, nama isaaf ta’u barbaaduurratti akka xiyyeeffatan ajajeera. (Maatewos 10:11-15 dubbisi.) Galmawwan xixinnaa bira ga’uun danda’amu baasuudhaan, kana gochuun ni danda’ama. Obboleessi tokko akka nama albuuda barbaaduutti of ilaala. Akeekasaa, “Har’a yeroo ta’e tokkotti akkan warqee argadhu abdiin qaba” jechuudhaan ibseera. Obboleessi tokkommoo, galmisaa “torbanitti nama fedhii qabu tokko argatee, guyyaa muraasa booda deebi’ee fedha nama sanaa guddisuu” akka ta’e ibseera. Babal’istoonni tokko tokko, hamma danda’ametti nama dubbisan hundaaf yoo xinnaate caqasa Macaafa Qulqulluu tokko dubbisuuf carraaqqii godhu. Atoo galma hojiirra oolchitu akkamii baafachuu dandeessa?

16. Sababiiwwan hojii lallabaa keenyatti akka itti fufnu nu godhan maalfa’i?

16 Tajaajila manaa gara manaarratti milkaa’ina argachuun keenya, fedhii namoonni naannoo keenyaa qabanirratti kan hundaa’e miti. Hojiin lallabaa, namoonni garaa qajeelaa qaban fayyina akka argatan gochuurratti shoora guddaa akka taphatu beekamaadha. Ta’us, hojiin kun kaayyoowwan barbaachisaa ta’an kan biraas ni raawwata. Tajaajilli Kiristiyaanummaa jaalala Yihowaadhaaf qabnu argisiisuuf carraa nuu bana. (1 Yoh. 5:3) Dhiiga namootaatiin gaafatamuurraa nu oolcha. (HoE. 20:26, 27) Namoonni Waaqayyo malee jiraatan, ‘yeroon firdii Waaqayyoo ga’uusaa’ akka beekan akeekkachiisa. (Mul. 14:6, 7) Hundumaa caalaa, misiraachoon kun lallabamuunsaa maqaan Yihowaa guutummaa biyya lafaarratti ulfina akka argatu godha. (Far. 113:3) Kanaaf, namoonni fudhatanis fudhachuu baatanis, ergaa Mootummichaa dhageessisuu keenya itti fufuu qabna. Dhugumayyuu, misiraachoo kana lallabuuf carraaqqiin goonu hundi Yihowaa ni gammachiisa.—Rom. 10:13-15.

17. Namoonni yeroo dhihootti maal hubachuuf dirqamu?

17 Namoonni baay’een hojii lallabaa keenya kan tuffatan ta’uyyuu, yeroo dhihoo booda ilaalchisaanii ni jijjiirama. (Mat. 24:37-39) Yihowaan, Hisqi’el guyyaan firdii inni lallabu yommuu raawwatamu, Israa’eloonni mata jabeeyyii ta’an, “Raajiin isaan gidduu akka tures in beeku” jechuudhaan isaaf mirkaneesseera. (His. 2:5) Haaluma wal fakkaatuun, Waaqayyo biyya lafaa kanarratti yommuu faradu, namoonni, ergaan Dhugaa Baatonni Yihowaa karaarrattis ta’e manaa manatti lallaban, Waaqa dhugaa kan ta’e Yihowaa biraa akka dhufeefi isaanis Dhugaa Baatotasaa akka turan hubachuuf dirqamu. Yeroo murteessaa ta’e kanatti, maqaasaa baachuufi ergaasaa lallabuun keenya mirga guddaa mitii? Jabina inni nuu kennuun, rakkoowwan manaa gara manaa tajaajiluuf gufuu nutti ta’an haa moonu.

Maal Jettee Deebista?

• Lallabarratti ija jabina argachuu kan dandeenyu akkamitti?

• Tajaajila manaa gara manaarratti maree Macaafa Qulqulluu jalqabsiisuuf kan nu gargaaru maalidha?

• Warra kaaniif garaadhaa akka yaannu akkamitti argisiisuu dandeenya?

• Namoota naannoo tajaajilaa keenya jiraniif ilaalcha gaarii qabaachuuf kan nu gargaaru maalidha?

[Gaaffiiwwan Qayyabannaa]

[Saanduqa/Fakkii fuula 9rra jiru]

Karaa Maree Macaafa Qulqulluu Jalqabuuf Nu Gargaaru Tokko

Jalqaba:

◼ Abbaa manichaa erga nagaa gaafattee booda, tiraaktii isaa kennuudhaan, “Mataduree barbaachisaa kana ilaalchisee yaada nama jajjabeessu sii hiruufan dhufe” jechuu dandeessa.

◼ Yookiin erga tiraaktii isaa kennitee booda, “Yeroo gabaabaadhaaf, dhimma kanarratti ilaalcha akkamii akka qabdu si gaafachuun dhufe” jechuu dandeessa.

Tiraakticha yoo fudhate:

◼ Utuu baay’ee hin turin, mataduree tiraaktichaarratti ilaalcha akkamii akka qabu gaaffii salphaa gaafadhu.

◼ Ilaalcha namichaa hubachuuf qalbiidhaan dhaggeeffadhu. Yaada kenneef erga isa galateeffattee booda, maree keessan keessatti yaadasaa kana tilmaama keessa galchi.

Maree keessan itti fufuuf:

◼ Akkaataa dhiheenyaakee fedhii namichaafi wanta isa barbaachisuu wajjin wal simsiisuudhaan, caqasa tokko ykn lama erga dubbistee booda ibsa kenni.

◼ Namichi fedha qaba taanaan, barreeffama erga kenniteefii booda, yoo danda’ame qayyabannaan Macaafa Qulqulluu akkamitti akka godhamu itti argisiisi. Deebi’ii isa gaafadhu.