Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Yihowaan Nuu Wajjin Waan Tureef Hin Sodaanne—Eegiiptiyaa Petriidees

Yihowaan Nuu Wajjin Waan Tureef Hin Sodaanne—Eegiiptiyaa Petriidees

Yihowaan Nuu Wajjin Waan Tureef Hin Sodaanne—Eegiiptiyaa Petriidees

AKKA DUBBATTETTI

Bara 1972⁠tti, Dhugaa Baatonni Qophiros keessa jiran, haasawaa addaa Naataan Eech Noor, inni yeroo dheeraadhaaf hojii Dhugaa Baatota Yihowaa geggeessaa ture dhiheessu dhaggeeffachuuf Nikosiyaatti walga’anii turan. Naataan Eech Noor akkuma na argeen waan na beekeef, utuman maqaakoo itti hin himiin, “Waa’ee obboloota Gibxii waan dhageesse qabdaa?” jechuudhaan na gaafate. Obboleessa keenya Noorii wajjin kan wal barree, waggaa 20 dura magaalaa Gibxii, Iskindriiyaa iddoon itti dhaladhetti ture.

Kanan dhaladhe Amajjii 23, 1914, Iskindriiyaatti yommuu ta’u, ijoollee afur keessaa hangafan ture. Bakki itti guddanne galaanatti baay’ee dhihoo ture. Iskindriiyaan, yeroo sanatti magaalaa bareedduufi namoonni bakka addaddaatii dhufan keessa jiraatan yommuu taatu, ijaarsa gamootiin kan beekamtuufi wantoonni seena qabeessa ta’an hedduun kan itti raawwataman turte. Warri Awurooppaa Arabootaa wajjin wal keessa waan jiraataniif, ijoollummaa keenyatti, Ingiliffa, afaan Arabaa, Faransaayiifi Xaaliyaanii akkasumas afaan warra keenyaa jechuunis afaan Giriikii barannee turre.

Barumsakoo ergan xumuree booda, mana hodhaa faashinii warra Faransaayi tokko keessatti kanan qacarame yommuu ta’u, iddoo kanattis uffata dubartoonni beekamoon yeroo adda ta’etti uffatan diizaayinii baasuufi hodhuun ulfina guddaa akka ta’e natti dhaga’ama ture. Amantiikoo akka gaariitti kanan hordofu yommuu ta’u, wantan dubbisu kessaa baay’eensaa yoo naa galuu baateyyuu, Macaafa Qulqulluu dubbisuu nan jaalladhan ture.

Naannoo bara 1935⁠tti dargaggeessa gaarii lammii biyya Qophiros ta’e tokkoo wajjinan wal bare. Namni maqaansaa Te’oodotos Petriidees jedhamu kun, wal’aansootti warra kaan mo’uudhaan kan beekamu yoo ta’eyyuu, keekiifi karameellaa hojjechuus baratee waan tureef, dhaabbata keekii hojjechuutti beekamu tokko keessatti hojjeta ture. Te’oodotos, dubartii qaama xinnoofi rifeensa mataa gurraachaa kanan ta’e anarraa jaalalli isa qabe. Yeroo baay’ee galgala galgala foddaakoo jala dhaabatee sirba jaalalaa warra Giriikii naa sirba ture. Waxabajjii 30, bara 1940⁠tti wal fuune. Yeroon sun baay’ee nama gammachiisa ture. Gamoo tokko keessa, kutaa haatikoo keessa jiraattu jala jiraanna turre. Mucaan keenya inni jalqabaa Joon bara 1941⁠tti dhalate.

Dhugaa Macaafa Qulqulluu Barachuu

Te’oodotos, amantiin keenya waan isa hin gammachiisneef, waa’ee Macaafa Qulqulluu gaaffii gaafata ture. Utuun ani hin beekin Dhugaa Baatota Yihowaa wajjin Macaafa Qulqulluu qayyabachuu jalqabee ture. Gaaf tokko utuun mucaa keenyaa wajjin mana jiruu, dubartiin tokko balbala rurrukuttee kaardii ergaa Macaafa Qulqulluu qabate tokko naa kennite. Kabajasheetiif jedheen achuma dhaabadhee dubbisuutti ka’e. Achiis barreeffamoota Macaafa Qulqulluu tokko tokko naa kennite. Kan nama dinqisiisu kitaabonni kun kitaabota Te’oodotos manatti fidee turee wajjin tokko turan!

“Kitaabota kana qaba, ol seeni” nan jedheen. Dhugaa Baatuu Elenii Niikoolaa’u jedhamtu kana, yeruma sana gaaffii hedduu gaafachuuttan ka’e. Isheenis gaaffiiwwankootiif obsaan Macaafa Qulqulluurraa deebii naa kennite. Kunis baay’ee na gammachiise. Baay’ee utuu hin turin, ergaa Macaafa Qulqulluu hubachuun jalqabe. Utuma mari’achaa jirruu Eleniin, suuraa abbaa manaakoo argite. Achiis, “Ani namicha kana beeka” naan jette. Iccitiin Te’oodotos ni saaxilame. Maal gochaa akka ture beekuunkoo na ajaa’ibsiise. Te’oodotos, utuu natti hin himin kophaasaa walga’ii Dhugaa Baatota Yihowaarratti argama ture! Guyyaa sana yommuu inni manatti galu, “Iddoo ati Dilbata darbe dhaqxe, yeroo itti aanutti sii wajjinan dhaqan!” jedheen.

Yeroo jalqabaatiif yommuun walga’iirratti argame, namoonni gara kudhanii ta’an Macaafa raajii Miikiyaas qayyabatu turan. Waan hundumaa xiyyeeffannaadhaan hordofaan ture! Yeroo sanaa kaasee, Joorjiifi Kaatiriinii Petraakiin Macaafa Qulqulluu nu qayyabsiisuuf yeroo hundaa jimaata galgala mana keenya dhufu turan. Abbaankoofi obboloonnikoo baay’een Dhugaa Baatotaa wajjin qayyabachuu keenya ni mormu turan. Obboleettiinkoo isheen tokko dhugaa fudhachuu baattuyyuu, nu hin mormitu turte. Haatikoo garuu dhugaa Macaafa Qulqulluu fudhatteetti. Bara 1942⁠tti haatikoo, Te’oodotosiifi ani galaana Iskindriiyaatti cuuphamuudhaan Yihowaadhaaf of murteessuu keenya argisiisne.

Jireenyi Keenya Ni Jeeqame

Bara 1939⁠tti waraanni addunyaa lammaffaa kan jalqabe si’a ta’u, utuma hin turinis babal’achaa adeeme. Jalqaba waggoota 1940maniitti Jeneraala Jarman kan ta’e Erwiin Roomeeliifi loltoonnisaa warri taankiidhaan lolan El Alaamiin yommuu ga’an, Iskindriiyaanimmoo loltoota Biriitaaniyaatiin guutamtee turte. Yeroo Kanatti nyaata goggogaa hedduu walitti qabanne. Achiis, Te’oodotos dhaabbata keekiifi karameellaa haaraa hojjechiisaansaa magaalaa Toofiiq ishee qarqara Suwiizitti argamtutti ijaare keessatti akka hojjetu waan isa gaafateef achitti jijjiiramne. Yeroo kanatti Dhugaa Baatonni afaan Giriikii dubbatan lama magaalaa kana keessa nu barbaaduutti ka’an. Teessoo keenya kan hin beekne yoo ta’aniyyuu, hanga nu argatanitti manaa gara manaa lallabaniiru.

Yeroo magaalaa Toofiiq turretti, namoota Staavrosiifi Guulaa Kipraayos jedhamaniifi ijoolleesaanii Tootosiifi Joorjiyaa Macaafa Qulqulluu kan qayyabisiisne yommuu ta’u, isaanis michuuwwan keenya ta’aniiru. Staavros Macaafa Qulqulluu qayyabachuu baay’ee jaallata ture. Kanaafuu, baaburri inni dhumaa ittiin gara manaa gallu akka nu darbuufi yeroo dheeraa akka isaan bira turruuf jecha, sa’aatiiwwan mana keessa jiran hunda sa’aatii tokkoon duubatti akka hafan godhee ture. Mareen keenya hanga halkaniitti itti fufe.

Magaalaa Toofiiq keessa waggaafi ji’a ja’a erga jiraannee booda, haatikoo waan dhukkubsatteef Iskindriiyaatti deebine. Isheen akkuma Yihowaadhaaf amanamtetti bara 1947⁠tti duute. Yeroo kanattis Yihowaan Kiristiyaanota ga’eessa ta’anitti fayyadamee akkamitti akka nu jajjabeessu argineerra. Kana malees, misiyoonota gara ramaddiisaaniitti adeemaniifi markabnisaanii yeroo muraasaaf Iskindriiyaa dhaabatu keessumsiisuuf carraa arganneerra.

Gaddaafi Gammachuu

Bara 1952⁠tti mucaa keenya isa lammaffaa Jamsiinan da’e. Warra waan taaneef, ijoolleen keenya karaa hafuuraa haala gaarii kessatti akka guddatan gochuun barbaachisaa ta’uusaa hubannee turre. Kanaafuu, walga’iiwwan gumii mana keenyatti akka godhamaniifi tajaajiltoonni yeroo guutuu mana keenyatti akka keessumsiifaman qophii goone. Kanaan kan ka’es, mucaan keenya inni hangafaa Joon, dhugaa Macaafa Qulqulluu waan jaallateef, utuu umrii kurnanii keessa jiruu qajeelchaa ta’e. Yeroo sanatti barumsasaa xumuruuf galgala barata ture.

Utuma baay’ee hin turin, Te’oodotos dhukkuba onnee cimaa ta’een waan qabameef, hojiisaa akka dhaabu itti himame. Yeroo kanatti Mucaan keenya Jams umriinsaa waggaa afur ture. Haala akkasii keessatti maal gochuu dandeenya turre? Yihowaan, “Ani sii wajjin waanan jiruuf hin sodaatin” hin jennee? (Isa. 41:10) Bara 1956⁠tti Ismaa’iiliyaa ishee Bo’oo Suwiiz qarqara jirtutti qajeelchaa taane akka tajaajillu yommuu afeeramne gammachuun akkamii akka nutti dhaga’ame yaadaa! Waggoottan ittaananitti Gibxii keessa jeequmsi waan tureef, obboloonni keenya jajjabina argachuun isaan barbaachisa ture.

Bara 1960⁠tti shaanxaa tokko tokko qofa qabannee Gibxii ba’uu qabna turre. Achiis odoola Qophros biyya abbaa manaakootti galle. Yeroo kanatti Te’oodotos baay’ee waan dhukkubsateef hojjechuu hin danda’u ture. Haata’u malee, obboleessi arjaan tokkoofi haati manaasaa, manasaanii akka jiraannu nuu heyyaman. Kan nama gaddisiisu garuu abbaan manaakoo waggaa lama booda kan du’e yommuu ta’u, anis mucaakoo Jamsii wajjinan kophaatti hafe. Yeroo kanatti Joon gara Qophros kan dhufe yoo ta’eyyuu, haadha manaa waan qabuuf maatii ofiisaa kunuunsa ture.

Yeroo Rakkinaatti Gargaarsa Argachuu

Kana booda, Istaavirosiifi Dooraa Kaayiriis isaanii wajjin akka jiraannu nu afeeran. Yihowaan yeroo kanattis wanta nu barbaachisu waan nuu kenneef, jilbeenfadheen isa galateeffadhe. (Far. 145:16) Istaavirosiifi Dooraan manasaanii gurguranii gamoo jallisaa Galma Mootummatiif ooluu yommuu ijaarratan, gaarummaadhaan kaka’anii anaafi Jamsiifis achuma maddiitti mana kutaa lama qabu nuu ijaaran.

Yeroo booda Jams kan fuudhe yommuu ta’u, hanga ijoolleesaanii arfan keessaa inni hangafti dhalatutti qajeelchaa ta’anii tajaajilaniiru. Erga obboleessi keenya Noor bara 1974⁠tti daawwannaa hin irraanfatamne nuu godhee waggaa lama booda, Qophros siyaasaan jeeqamte. * Dhugaa Baatota dabalatee namoonni baay’een, manasaanii gadhiisanii bakka biraa jiraachuuf dirqamanii turan. Ilmikoo Joonis isaan keessaa tokko waan tureef, haadha manaasaafi Ijoolleesaa sadanii wajjin Kaanaadaatti gale. Haata’u malee, yeroo kanatti lakkoofsi babal’istoota Mootummichaa Qophros keessa jiranii dabalaa dhufuunsaa nu gammachiisee ture.

Yommuun soorama fudhachuu eegale, tajaajilarratti caalaatti hirmaachuun jalqabe. Haata’u malee, waggoottan muraasa dura dhukkuba hamma ta’e dhiiga namaa kantarsuun waanan qabameef ilmakoo Jams bira jiraachuun dhaqe. Booda dhukkubnikoo yommuu natti hammaachaa deemu torban hedduudhaaf ergan hospitaala ciisee booda, dhaabbata maanguddoonni itti kunuunfamanittan gale. Yeroo hunda kan na dhukkubu yoo ta’eyyuu, hojjettoota dhaabbata sanaatiif, dhukkubsattootaafi namoota warra dhukkubsatan gaafataniif nan lallaban ture. Macaafa Qulqulluu kophaakoo qayyabachuutti sa’aatii dheeraan dabarsa. Gargaarsa Kiristiyaanonni gaarummaadhaan naa godhaniin Qayyabannaa Kitaabaa natti dhihoo jirurratti nan hirmaadha.

Bara Dullumaatti Jajjabina Argachuu

Waa’ee namoota aniifi Te’oodotos gargaarree yommuun dhaga’u nan jajjabaadha. Ijoolleensaaniifi ijoolleen ijoolleesaanii tajaajiltoota yeroo guutuu yommuu ta’an, isaan keessaa tokko tokko Awustiraaliyaa, Kaanaadaa, Ingilaand, Giriikiifi Siwiizarlaanditti tajaajilu. Amma ilmikoo Jooniifi haatimanaasaa ijoolleesaanii wajjin Kaanaadaa jiraatu. Intallisaanii isheen hangaftiifi abbaan manaashee qajeelchitoota ta’anii tajaajilu. Intallisaanii isheen quxisuun Liindaa jedhamtuufi abbaan manaashee Jooshuwaa Isneep jedhamu Mana Barumsaa Giil’aad kutaa 124⁠ffaarratti akka hirmaatan afeeramaniiru.

Ilmikoo Jamsiifi haati manaasaa yeroo ammaatti Jarman jiraatu. Ijoolleesaanii keessaa lama, inni tokko Ateens Giriikitti, inni kaanimmoo Seeltars Jarmanitti Bet’el keessatti tajaajilu. Ilmisaanii inni quxisuun, intallisaaniifi abbaan manaashee Jarman keessatti qajeelchitoota ta’anii tajaajilu.

Haatikoofi abbaan manaakoo Te’oodotos yommuu du’aa ka’an, seenaa nama gammachiisu kana isaanitti himna! Maatiisaaniitiif dhaala gaarii akka kaa’an yommuu argan baay’ee gammadu. *

[Miiljaleewwan]

^ key. 21 Dammaqaa! Onkoloolessa 22, 1974, fuula 12-15 (Ingiliffa) ilaali.

^ key. 26 Obboleettiin keenya Petriidees utuu barreeffamni kun qophaa’aa jiruu umrii waggaa 93⁠tti duuteetti.

[Yaada gabaabaatti fudhatameefi fuula 24rra jiru]

Yeroo kanattis Yihowaan Kiristiyaanota ga’eessa ta’anitti fayyadamee akkamitti akka nu jajjabeessu argineerra.

[Kaartaa fuula 24rra jiru]

(For fully formatted text, see publication)

QOPHROS

NIKOOSIYAA

GALAANA MEDITERAANIYAA

GIBXII

KAAYIROO

[Fakkii fuula 24rra jiru]

EL Alaamiin

Iskindriiyaa

Ismaa’iiliyaa

Suwiiz

Magaalaa Toofiiq

Bo’oo Suwiiz

[Madda]

Based on NASA/Visible Earth imagery

[Fakkii fuula 23rra jiru]

Bara 1938⁠tti Te’oodotosii wajjin

[Fakkii fuula 25rra jiru]

Ilmakoo Joon haadha manaasaa wajjin

[Fakkii fuula 25rra jiru]

Ilmakoo Jams haadha manaasaa wajjin