Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Garaa Tokkichaan Amanamoo Ta’aa

Garaa Tokkichaan Amanamoo Ta’aa

Garaa Tokkichaan Amanamoo Ta’aa

‘Ani siif amanamee nan deddeebi’a. Maqaa kee safeeffachuuf nama garaa tokkichaa na godhi!’—FAR. 86:11.

1, 2. Akka Faarfannaan 86:2, 11 jedhutti, qorumsi ennaa nurra ga’u Yihowaadhaaf amanamoo ta’uuf maaltu nu gargaara? (b) Amanamummaa dhugaa qabaachuu kan qabnu yoomi?

KIRISTIYAANONNI baay’een, hidhaanis ta’e ari’atamni isaanirra ga’uyyuu waggoota hedduudhaaf amanamoo ta’anii erga turanii booda, jaalala qabeenyaafi amala addaggummaatiif kan mo’aman maaliifi? Deebiin gaaffii kanaa garaa, jechuunis keessa namummaa keenyaa wajjin kan wal qabatedha. Faarfannaa 86⁠ffaan, amanamummaan, garaa tokkicha, jechuunis garaa hin hihhiramne qabaachuu wajjin walitti dhufeenya akka qabu ibsa. Daawit faarfatichi, “Ani siif of kenneera ati lubbuu koo baraari, garbicha kee isa si amanatu ati gargaari! Ati Waaqayyo koo ti!” jechuudhaan erga kadhatee booda, itti dabaluudhaan, “Ani siif amanamee akkan deddeebi’utti, yaa Waaqayyo, karaa kee na barsiisi, maqaa kee safeeffachuufis nama garaa tokkichaa na godhi!” jedheera.—Far. 86:2, 11.

2 Garaa guutuudhaan Yihowaatti yoo amanamne malee, yaaddooniifi jaalalli wantoota kaaniif qabnu, amanamummaa Waaqayyoof qabnu nu jalaa laaffisuu danda’a. Hawwiin ofittummaa, boombii karaa irra deemnurratti awwaalamee wajjin wal fakkaata. Haalawwan rakkisaa ta’an keessatti Yihowaadhaaf amanamoo yoo taanellee, jaalala qabeenyaafi amala addaggummaatiin mo’amuu dandeenya. Qorumsi nurra ga’uusaa dura, ammuma garaa guutuudhaan Yihowaadhaaf amanamoo ta’uun keenya baay’ee barbaachisaadha! Macaafni Qulqulluun, “Waan hundumaa dura garaa kee eeggadhu” jedha. (Fak. 4:23, hiika bara 1899) Gama kanaan, wanta raajii biyya Yihudaa, Yihowaan gara Yerobi’aam Mooticha Israa’elitti ergerra ga’erraa barumsa gaarii argachuu dandeenya.

“Kennaa Siif Nan Kenna”

3. Yerobi’aam, ennaa raajiin Waaqayyoo ergaa firdii itti himu maaltu isatti dhaga’ame?

3 Haala yeroo sana ture yaadaan ilaali. Namni Waaqayyoo kun, Yerobi’aam Mooticha, isa mootummaa kaabaa saba Israa’el kurnanii keessatti waaqeffannaa jibichaa hundeessetti ergaa cimaa tokko hime. Mootichis baay’ee waan aareef, namicha ergamee dhufe kana akka qaban namootasaa ajaje. Yihowaan garuu tajaajilaasaa wajjin ture. Yeruma sana harki mootichi aariidhaan diriirse bakka jirutti gogee hafe; iddoon aarsaa waaqeffannaa sobaatiif gargaaru sunis dho’ee gargar ba’e. Ilaalchi Yerobi’aam battaluma sanatti jijjiirame. Kanaafuu nama Waaqayyoo sana, “Hadaraa, aarii isaa akka ana irraa qabbaneessuuf harka koos akka anaaf fayyisuuf Waaqayyoon gooftaa kee anaaf kadhadhu!” jedhee kadhate. Raajichi kan kadhateef yommuu ta’u, harki mootichaas ni fayyeef.—1 Mot. 13:1-6.

4. Afeerriin mootichaa amanamummaa raajichaa qoruu kan danda’u maaliif ture? (b) Deebiin raajichaa maal ture?

4 Sana booda Yerobi’aam nama Waaqayyoo sanaan, “Ana duukaa galiitii waa nyaadhu, anis kennaa siif nan kenna” jedheen. (1 Mot. 13:7) Yeroo kanatti raajichi maal godha laata? Yakkamaa ta’uusaa erga itti himee booda, afeerrii mootichi isaa dhiheesse fudhachuu qabaa? (Far. 119:113) Moo, mootichi kan gaabbe fakkaatus afeerrii kana diduu qaba ture? Yerobi’aam sooressa waan ta’eef, michootasaatiif kennaa gati jabeessa kennuu danda’a ture. Raajiin Waaqayyoo sun, qabeenyaaf hawwii dhokataa ta’e utuu qabaatee, afeerriin mootichaa qorumsa guddaa isatti ta’uu danda’a ture. Haata’u malee, Yihowaan, raajichi ‘wanta tokkollee akka hin nyaanne, wanta tokkollees akka hin dhugne, karaa irra dhuferras deebi’ee akka hin galle’ isa ajajee ture. Kanaafuu raajichi, “Walakkaa qabeenya keetii utuma anaaf kennitee iyyuu ani si duukaa hin dhaqu, addanattis buddeena hin nyaadhu, bishaanis hin dhugu” jechuudhaan deebii asiifi achi hin jenne isaa deebise. Sana booda raajichi karaa biraatiin Bet’elii deeme. (1 Mot. 13:8-10) Garaa guutuudhaan amanamoo ta’uu ilaalchisee, murtoo raajiin kun godherraa barumsa akkamii arganna?—Rom. 15:4.

“Nu Ga’a” Jedhaa

5. Qabeenya jaallachuun amanamummaa keenya kan qoru akkamitti?

5 Qabeenya jaallachuun amanamummaa wajjin walitti dhufeenya kan hin qabne fakkaatuyyuu, walitti dhufeenya qaba. Abdii Yihowaan wanta nu barbaachisu akka nuu guutu kennetti ni amannaa? (Mat. 6:33; Ibr. 13:5) Wantoota gaggaarii yeroo ammaatti argachuun rakkisaa ta’e argachuuf jecha waanuma hundumaa gochuu mannaa, jireenya salphaa jiraachuun sirrii mitii? (Filiphisiiyus 4:11-13 dubbisi.) Wantoota yeroo ammaa barbaannu argachuuf jecha, gumiirrattis ta’e tajaajila Waaqayyoorratti caalaatti hirmaachuu dhiisuuf ni qoramnaa? Jireenya keenya keessatti tajaajila Yihowaatiif dursa ni laannaa? Deebiin gaaffiiwwan kanaaf laannu, tajaajila Waaqayyoorratti garaa guutuudhaan hirmaachuufi dhiisuu keenyarratti kan hundaa’edha. Phaawulos ergamaan, “Nama Waaqayyoo ta’uun, nama wanta qabuun of danda’ee jiraatu biratti bu’aa guddaa qaba. Nuyi waanuma tokko illee fidnee gara biyya lafaa hin dhufne, isa keessaas waanuma tokko illee fuunee ba’uu hin dandeenyu. Waan ittiin jiraannu, waan keessa jiraannus qabaannaan nu ga’a” jechuudhaan barreesseera.—1 Xim. 6:6-8.

6. “Afeerriin” akkamii nuu dhihaachuu danda’a? Afeerrii kana fudhachuu ykn dhiisuu ilaalchisee murtoo gochuuf maaltu nu gargaara?

6 Fakkeenyaaf, namni nu qacare, hojii mindaa dabalataafi faayidaawwan kan biraa argamsiisu akka hojjennu nu afeera ta’a. Tariimmoo, biyya ykn naannoo biraa yoo dhaqne, hojii qarshii hedduu nuuf argamsiisu akka argannu hubanna ta’a. Jalqabarratti carraan kun eebba Yihowaarraa dhufe nutti fakkaachuu danda’a. Haata’u malee, murtoo gochuu keenya dura kaka’umsa keenya qoruu hin qabnuu? Wanti hunda caalaa nu yaaddessuu qabu, “Murtoonkoo walitti dhufeenyan Yihowaa wajjin qabu kan na jalaa tuqu akkamitti?” isa jedhudha.

7. Jaalala qabeenyaa of keessaa balleessuun barbaachisaa kan ta’e maaliifi?

7 Addunyaan Seexanaa utuu walirraa hin kutin, qabeenya akka jaallannu nu jajjabeessa. (1 Yohannis 2:15, 16 dubbisi.) Kaayyoon Seexanaa yaada keenya mancaasuudha. Kanaaf, hawwa qabeenyaa addaan baasnee beekuufi garaa keenya keessaa haxoofnee balleessuuf dammaqoo ta’uu qabna. (Mul. 3:15-17) Yesus, afeerrii Seexanni mootummoota biyya lafaa hundumaa isaa kennuuf dhiheesse diduun isa hin rakkisne. (Mat. 4:8-10) Yesus, “Ilaalladhaa, sassata hundumaattiis of eeggadhaa! Jireenyi eenyuu illee baay’ina qabeenya isaa irra hin dhaabatu” jechuudhaan akeekkachiiseera. (Luq. 12:15) Amanamummaan, ofitti utuu hin ta’in Yihowaatti akka hirkannu nu gargaara.

Raajii Dulloomaan Tokko Isa “Sobe”

8. Amanamummaan raajii Waaqayyoo kan qorame akkamitti?

8 Raajiin Waaqayyoo sun adeemsa gara manasaatti jalqabe utuu itti fufeera ta’ee, wanti hundumtuu isaa milkaa’a ture. Haata’u malee, utuu baay’ee hin turin qorumsi kan biraan isa mudate. Macaafni Qulqulluun, ‘raajiin dulloomaan mandara Bet’el keessa jiraatu tokko akka tureefi ilmaan raajichaa dhufanii’ wanta guyyaa sanatti raawwatame hunda akka itti himan dubbata. Namni dulloome kun oduu kana erga dhaga’ee booda, raajii Waaqayyoo dhaqqabachuuf ijoolleensaa harree akka isaa fe’an gaafate. Baay’ee utuu hin turin, raajichi aara galfachuuf muka guddaa tokko jala taa’ee utuu jiruu isa argatee, “Anaa wajjin galiitii waa nyaadhu” jedheen. Namni Waaqayyoo kun afeerriisaa fudhachuu yommuu didetti, namichi dulloomaan kun, “Anis immoo akkuma kee raajii dha, ergamaan tokko ajaja Waaqayyootiin, ‘Namni Waaqayyoo kun buddeena akka nyaatuuf bishaanis akka dhuguuf deebisiitii gara mana keetti fuudhii gali!’ anaan jedheera” jedheen. Caaffanni Qulqullaa’oon akka jedhanitti garuu raajii dulloomaan kun ‘isa sobee’ ture.—1 Mot. 13:11-18.

9. Caaffanni Qulqullaa’oon namoota warra kaan gowwoomsan ilaalchisee maal jedhu? Namoonni kun miidhaa kan geessisanoo eenyurratti?

9 Raajichi dulloomaan kaayyoonsaa maaliyyuu yoo ta’e, sobeera. Namni dulleeme kun, sana dura raajii amanamaa kan ture ta’uu danda’a. Yeroo kanatti garuu gowwoomsaa raawwateera. Caaffanni Qulqullaa’oon gocha akkasii kana ni balaaleffatu. (Fakkeenya 3:32 dubbisi.) Namoonni akkasii, walitti dhufeenya Yihowaa wajjin qaban kan dhaban ta’uusaarrayyuu, warri kaanis walitti dhufeenya isaa wajjin qaban akka dhaban godhu.

Namicha Dulloomee “Wajjin Deebi’e”

10. Raajiin Waaqayyoo, afeerrii namichi dulloomaan isaa dhiheesseef deebii akkamii kenne? Kunoo maal isarraan ga’e?

10 Raajiin Yihudaadhaa dhufe sun, haxxummaa raajii dulloome sanaa hubachuu qaba ture. ‘Yihowaan ergaa haaraa anatti himuuf jecha ergamaasaa nama biraatti kan erge maaliifi?’ jedhee of gaafachuu danda’a ture. Raajiin kun, Yihowaan qajeelfamasaa ifa akka isaa godhu gaafachuu danda’a ture; Caaffanni Qulqullaa’oon garuu akkas gochuusaa hin dubbatan. Raajiin kun, “[namicha dulloome sanaa] wajjin deebi’ee, mana isaatii buddeena nyaatee, bishaanis in dhuge.” Yihowaan gochasaa kanatti hin gammanne. Raajiin gowwoomfame kun dhumarratti gara Yihudaatti ennaa deebi’u, leenci karaarratti argatee isa ajjeese. Dhumni raajii kanaa kan nama gaddisiisu mitii?—1 Mot. 13:19-25. *

11. Ahiiyaan fakkeenya gaarii akkamii ta’a?

11 Karaa gara biraatiin garuu, Ahiiyaa raajichi, inni Yerobi’aam mootii akka ta’u isa dibuuf ergamee ture, hamma bara dullumasaatti amanamaa ta’ee jiraateera. Ahiiyaan dulloomee ijisaas jaamee yeroo turetti, Yerobi’aam haati manaasaa Ahiiyaa bira dhaqxee ilmisaanii inni dhukkubsate akka fayyuufi akka hin fayyine akka gaafattu ishee erge. Ahiiyaanis ilmi Yerobi’aam akka du’u ija jabinaan itti hime. (1 Mot. 14:1-18) Mirgawwan hedduu Ahiiyaan argate keessaa tokko, Dubbii Waaqayyoo isa hafuura qulqulluudhaan barreeffamerratti ga’ee qabaachuusaati. Akkamitti? Ezraa lubichi yeroo booda barreeffamoota inni qopheesserraa caqaseera.—2 Sen. 9:29.

12-14. (a) Wanta raajii Waaqayyoorra ga’erraa barumsa akkamii arganna? (b) Gorsa jaarsoliin Macaafa Qulqulluurratti hundaa’anii nuu kennanirratti kadhannaadhaan yaaduun barbaachisaa ta’uusaa fakkeenyaan ibsi.

12 Macaafni Qulqulluun, raajiin Yihowaa kun, namicha dulloome sanaa wajjin deebi’ee nyaata nyaachuufi dhugaatii dhuguusaa dura qajeelfama Yihowaa kan hin gaafanne maaliif akka ta’e hin dubbatu. Tarii namni dulloome sun wanta inni dhaga’uu barbaadu waan itti himeef ta’innaa? Kanarraa barumsa maalii arganna? Ulaagaawwan Yihowaa qajeeloo ta’uusaanii guutummaatti amanuufi kan akkamiiyyuu yoo ta’an hordofuuf murteessuu qabna.

13 Namoonni tokko tokko, yeroo gorsi isaanii kennamu wanta dhaga’uu barbaadan qofa fudhatu. Fakkeenyaaf, babal’isaan tokko hojii yeroo maatiisaa wajjiniifi sochiiwwan ti’ookraasiirratti dabarsu jalaa fudhatu argata ta’a. Kanaafuu, jaarsi gumii tokko gorsa akka isaa kennu gaafata. Jaarsi kunis, babal’isaan kun akkamitti maatiisaa deggeruu akka qabu itti himuuf mirga akka hin qabne dubbachuudhaan jalqaba ta’a. Achiis, babal’isaan kun hojii kana hojjechuunsaa, karaa hafuuraa miidhaa akkamii akka isarra geessisu itti hima. Babal’isaan kun, wanta jaarsi gumii kun jalqabarratti dubbate qofa yaadatamoo, wanta itti aansee dubbaterratti xiyyeeffannaadhaan yaada? Wanta jireenya hafuuraatiif isa fayyadu murteessuun akka isa barbaachisu beekamaadha.

14 Haala uumamuu danda’u kan biraas ilaali. Obboleettiin tokko abbaa manaashee isa hin amannerraa adda ba’uu akka qabduufi akka hin qabne jaarsa tokko gaafatti ta’a. Jaarsichi, adda ba’uufis ta’e waliin jiraachuuf murtoo gochuu kan qabu ishuma ta’uushee akka itti himu beekamaadha. Achiis, dhimma kanarratti gorsa Macaafni Qulqulluun kennu itti hima. (1 Qor. 7:10-16) Obboleettiin kun, wanta jaarsi gumii kun jedheef xiyyeeffannaa sirrii ta’e ni laattimoo, abbaa manaasheerraa addaan ba’uuf dursitee murteessiteetti? Murtoo yeroo gootu, gorsa Macaafa Qulqulluu isheedhaaf kennamerratti kadhannaadhaan yaaduunshee barbaachisaadha.

Gad Of Deebisaa

15. Dogoggora raajiin Waaqayyoo tokko raawwaterraa maal baranna?

15 Dogoggora raajichi Yihudaadhaa dhufe raawwaterraa barumsa kan biraa akkamii arganna? Fakkeenyi 3:5, “Garaa kee guutuu Waaqayyoon amanadhu, hubannaa ofii keetiitti hin hirkatin!” jedha. Raajiin Yihudaadhaa dhufe kun akkuma sanaan duraa Yihowaatti amanamuu mannaa, ilaalcha ofiisaatti hirkateera. Dogoggorrisaa, lubbuusaafi maqaa gaarii Waaqayyo biratti qabu isa dhabsiiseera. Muuxannoonsaa kun, gad of deebisuufi amanamummaadhaan Yihowaa tajaajiluun baay’ee barbaachisaa akka ta’e kan argisiisu mitii?

16, 17. Yihowaadhaaf amanamoo taanee jiraachuuf maaltu nu gargaara?

16 Ofittummaan, karaa sirriirraa nu jal’isuu danda’a. “Garaan namaa waan hundumaa irra jal’aa dha, namnis isa qajeelchuu hin danda’u.” (Er. 17:9) Yihowaadhaaf amanamoo taanee itti fufuuf, namummaa moofaa, isa akka of tuulluufi hubannaa ofiitti akka hirkannu godhu ofirraa baasuu qabna. Kana malees, namummaa haaraa “isa qajeelummaa fi qulqullummaa [“amanamummaa,” NW] dhugaatti, fakkaattii Waaqayyootiin uumame” uffachuu qabna.—Efesoon 4:22-24 dubbisi.

17 Fakkeenyi 11:2, “Yommuu gad of deebisan ogummaatu dhufa” jedha. Gad of deebisuudhaan Yihowaatti amanamuun keenya, dogoggora balaa geessisu raawwachuurraa nu eega. Fakkeenyaaf, abdii kutachuun yaada sirrii akka hin qabaanne nu gochuu danda’a. (Fak. 24:10) Mirga ta’e tokko qabaachuudhaan tajaajila qulqulluu dhiheessuun nu nuffisiiseera ta’a. Kunimmoo, waggoota baay’eedhaaf waanan tajaajileef ani na ga’a; amma dabareensaa kan warra kaaniiti jennee akka yaannu nu gochuu danda’a. Yookiinimmoo, akkuma warra kaaniitti jiraachuu barbaanna ta’a. Haata’u malee, ‘dhama’uufi’ ‘yeroo hundumaa hojii gooftaa caalchisnee hojjechuun keenya’ garaa keenya nuu eega.—Luq. 13:24, hiika bara 1899; 1 Qor. 15:58.

18. Maal murteessuu akka qabnu yoo wallaalle maal gochuu dandeenya?

18 Yeroo tokko tokko, wanti murteessuuf nu rakkisu tokko nu mudachuu danda’a; yeroo kanatti, maal murteessuu akka qabnu hin beeknu ta’a. Rakkina kana hiikuuf wanti nuyi yaanne sirriidha jennee yaaduuf ni qoramnaa? Wanti akkasii ennaa nu mudatu, gargaarsa Yihowaa gaafachuun keenya barbaachisaadha. Yaaqoob 1:5, “Isin keessaa nama tokkotti ogummaan yoo hir’ate, Waaqayyo isa nama hundumaaf harka guutee . . . kennu haa kadhatu!” jedha. Abbaan keenya inni samii, murtoowwan gaarii gochuu akka dandeenyutti hafuura qulqulluu nu barbaachisu nuu kenna.—Luqaas 11:9, 13 dubbisi.

Amanamummaadhaan Jiraachuuf Murteessaa

19, 20. Maal gochuuf murteessuu qabna?

19 Waggoonni rakkisaan erga Solomoon waaqeffannaa dhugaa dhiisee booda turan, amanamummaa tajaajiltoota Waaqayyoo qoranii turan. Namoonni baay’een karaa tokkoon ykn karaa biraadhaan amanamummaasaanii dhabanii akka turan beekamaadha. Tokko tokko garuu Yihowaadhaaf amanamoo ta’anii jiraataniiru.

20 Guyyaa guyyaadhaan, filannaafi murtoowwan amanamummaa keenya qoran nu mudatu. Nuyis amanamoo ta’uu keenya argisiisuu dandeenya. Garaa tokkicha qabaachuufi warra isaaf amanaman eebbisuusaa akka itti fufu abdachuudhaan, yeroo hundumaa Yihowaadhaaf amanamoo haa taanu.—2 Sam. 22:26.

[Miiljalee]

^ key. 10 Macaafni Qulqulluun, Yihowaan raajii dulloomaa sana ajjeesuufi dhiisuusaa hin dubbatu.

Maal Jettee Deebista?

• Hawwii qabeenyaa garaa keenya keessaa haxoofnee balleessuu kan qabnu maaliifi?

• Amalaa wajjin haala wal qabateen, Yihowaadhaaf amanamoo taanee jiraachuuf maaltu nu gargaara?

• Gad of deebisuun, Waaqayyoof amanamoo taanee jiraachuuf nu gargaaruu kan danda’u akkamitti?

[Gaaffiiwwan Qayyabannaa]

[Fakkii fuula 9rra jiru]

Qorumsa mo’uun si rakkisaa?

[Fakkii fuula 10rra jiru]

Gorsa Macaafa Qulqulluurratti hundaa’ee sii kennamurratti kadhannaadhaan ni yaaddaa?