Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Karaa Ulfina Qabuun Jiraachuudhaan Yihowaadhaaf Ulfina Kennaa

Karaa Ulfina Qabuun Jiraachuudhaan Yihowaadhaaf Ulfina Kennaa

Karaa Ulfina Qabuun Jiraachuudhaan Yihowaadhaaf Ulfina Kennaa

“Hojiin [Yihowaa] hundinuu ulfinaafi galata.”—FAR. 111:3, [hiika bara 1899].

1, 2. (a) “Ulfina” jechuun maal jechuudha? (b) Mataduree kana keessatti gaaffiiwwan kamiif deebii arganna?

INTALA waggaa kudhanii kan taate Maadisan jechi, “ulfina” jedhu maal jechuu akka ta’e yommuu gaafatamtu, “akka gaariitti uffachuudha” jechuudhaan deebisteetti. Intalli kun, Macaafni Qulqulluun Waaqayyo ‘ulfinaafi surraa uffachuusaa’ akka dubbatu hin beektu ta’a. (Far. 104:1, hiika bara 1899) Namootaa wajjin haala wal qabateen, ulfina jechuun yeroo tokko tokko akka gaariitti uffachuu kan argisiisu ta’uu danda’a. Fakkeenyaaf Phaawulos ergamaan dubartoonni Kiristiyaanota ta’an, “amalli isaan argisiisan mataa tolfachuutti warqeedhaa fi callee naqachuutti, uffata gati-jabeessa uffachuutti, keessa ba’uudhaan of kuuluu utuu hin ta’in, uffata qajeelaa fakkaatu akka ta’utti uffachuudhaan maal naan jedhuudhaan, of qabuudhaanis” akka jiraatan hawwii qabu ibseera. (1 Xim. 2:9) Haata’u malee, amalli kabajamaan ‘surraafi miidhagina’ Yihowaa ol ol godhu, wanta kan biraas kan dabalatudha.—Far. 111:3.

2 Macaafa Qulqulluu keessatti jechi afaan Ibrootaafi Giriikiitiin “ulfina” jedhu, “simboo,” “guddina,” “kabaja” jedhamee hiikameera. Galmeen jechootaa tokko akka jedhutti, jechi “ulfina” jedhu, hiika “kabaja” ykn “guddina” jedhu qaba. Yihowaa caalaa kabajaniifi guddinni kan isaaf ta’u hin jiru. Kanaaf, tajaajiltootasaa warra isaaf of murteessine waan taaneef, jechaanis ta’e gocha keenyaan karaa ulfina qabuun jiraachuu qabna. Haata’u malee, namoonni ulfinaan jiraachuu kan danda’an maaliifi? Yihowaan ulfinaafi simbo-qabeessa ta’uunsaa kan mul’ate akkamitti? Waaqayyo ulfina qabeessa ta’uunsaa maal akka goonu nu kakaasuu qaba? Amala kana qabaachuu ilaalchisee Yesus Kiristosirraa maal baranna? Nutoo ulfina Waaqayyoof ta’u argisiisuu kan dandeenyu akkamitti?

Ulfinaan Jiraachuu Kan Dandeenyu Maaliifi?

3, 4. Yihowaan eenyuunfaa kabajeera? (b) Ulfina argachuun keenya maal akka goonu nu kakaasuu qaba? (c) Faarfannaan 8:5-9 waa’ee eenyuu raajiidhaan dubbata? (Miiljalee ilaali.)

3 Namoonni hundi bifa Waaqayyootiin waan uumamaniif ulfinaan jiraachuu ni danda’u. Yihowaan Addaam lafa kana akka kunuunsu mirga isaaf kennuudhaan isa kabajeera. (Uma. 1:26, 27) Yihowaan namoonni cubbuutti erga kufanii boodallee, lafa kana itti gaafatamummaadhaan isaanii kenneera. Ammayyuu Waaqayyo namootaaf ‘gonfoo’ ulfinaa kennuusaa itti fufeera. (Faarfannaa 8:5-9 dubbisi.) * Kabaja kana nuu kennuunsaa, maqaa Yihowaa isa guddaa ulfinaan ol ol akka goonu nu kakaasuu qaba.

4 Yihowaan keessumaa namoota tajaajila qulqulluu isaa dhiheessaniif ulfina guddaa kenneera. Waaqayyo aarsaa Abeel fudhatee kan obboleessasaammoo diduudhaan Abeeliin kabajeera. (Uma. 4:4, 5) Museen, Iyaasuu isa yeroo booda bakkasaa bu’uudhaan Israa’eloota geggeessuuf ‘ulfinasaarraa akka kennu’ ajajameera. (Lak. 27:20, hiika bara 1899) Macaafni Qulqulluun Solomoon ilma Daawitiin ilaalchisee, “Waaqayyos guutummaa Israa’el biratti Solomoon, nama guddaa beekamaa akka ta’u in godhe, mootonni isa dura Israa’el irratti mo’an takkaa kan hin qabaatin surraa mootummaas in kenneef” jedha. (1 Sen. 29:25) Waaqayyo Kiristiyaanota dibamoo du’aa ka’aniifi “ulfina mootummaasaa isa simbo-qabeessa” amanamummaadhaan beeksisaa turaniif ulfina adda ta’e ni kenna. (Far. 145:11-13) ‘Hoolonni kan biraan’ lakkoofsisaanii dabalaa adeemus, Yihowaa faarfachuurratti ga’ee qabaachuudhaan eebbaafi ulfina argatu.—Yoh. 10:16.

Yihowaan Ulfinaafi Simbo-qabeessa Ta’uunsaa Mul’ateera

5. Ulfinni Yihowaa hangam guddaadha?

5 Daawit, faarfannaa Waaqayyo guddaa ta’uusaafi namoonnimmoo xinnoo ta’uusaanii wal bira qabee faarfaterratti, “Yaa Waaqayyo gooftaa keenyaa! Maqaan kee guutummaa biyya lafaatti guddaa guddaa caalu attamii ti! Guddina kee bantiiwwan waaqaa irratti diriirsiteetta” jedheera. (Far. 8:1) Yihowaan, “waaqaa fi lafa” uumuusaa duraa jalqabee kaayyoon inni lafa kana jannata gochuufi ilmaan namootaa cubbuurraa walaba ta’an jiraachisuuf qabu erga raawwatame boodas, jechuunis baraa hamma bara baraatti uumama cufaarratti hunda caalaa guddaafi ulfina qabeessadha.—Uma. 1:1; 1 Qor. 15:24-28; Mul. 21:1-5.

6. Faarfatichi Yihowaan surraa akka uffate kan ibse maaliifi?

6 Faarfatichi inni sodaa Waaqayyoo qabu, halkan yeroo wacni hin jirretti samii bareedaa urjoota akka “callee” calaqqisaniin guutame yommuu ilaalu, baay’ee ajaa’ibsiifatee ta’uu qaba. Faarfatichi akkaataa Waaqayyo ‘bantiiwwan waaqaa akka dunkaanaatti itti diriirse’ ajaa’ibsiifateera. Yihowaan waa uumuuf dandeettii guddaa qabaachuusaatiin kan ka’es, ‘surraafi simboo akka uffatetti’ isa ibseera. (Faarfannaa 104:1, 2 dubbisi.) Surraafi simboon Uumaa keenya isa hundumaa danda’uufi ijaan hin argamnee, uumamawwansaa warra ijaan argamanirratti mul’ateera.

7, 8. Waa’ee surraafi ulfina Yihowaa, qaamota samiirraa ragaa akkamii arganna?

7 Gaalaaksii Miilkii Weey jedhamu akka fakkeenyaatti ilaali. Lafti irra jiraannu, gaalaaksii urjiiwwan, pilaaneetootaafi sirnawwan aduu baay’ee qabatee wajjin yommuu waliin ilaalamtu, cirracha qarqara galaanaa baay’ee keessaa hamma ija tokkoo geessi. Kan nama ajaa’ibsiisu, gaalaaksiin tokkichi kun qofti urjiiwwan biliyoona 100 ol ta’an qabateera! Guyyaatti utuu walirraa hin kutin sa’aatii 24f sekoondii tokkotti urjii tokko utuu lakkooftee, urjii biliyoona 100 lakkaa’uuf waggaa 3,000 ol sitti fudhata.

8 Gaalaaksiin Miilkii Weey jedhamu qofti urjiiwwan biliyoona 100 kan qabate yoo ta’e, uumamni cuftihoo? Namoonni urjiirratti qorannaa godhan Miilkii Waayiin gaalaaksiiwwan biliyoona 50 hanga biliyoona 125 ta’an keessaa tokko qofa akka ta’e dubbatu. Akka kanaan uumama cufa keessa urjiiwwan meeqatu jiraree? Deebiin gaaffii kanaa, sammuu keenyaa olidha. Haata’u malee, “Urjoota [Yihowaatu] lakkaa’ee kaa’e, hunduma isaaniis maqaa maqaadhaan in waama.” (Far. 147:4) Yihowaan surraafi ulfina akkasii uffachuusaa yommuu hubattu, maqaasaa isa guddaa kabajuuf hin kakaatuu?

9, 10. Akkaataan daabboon itti qophaa’u, ogummaa Uumaa keenyaa kan argisiisu akkamitti?

9 Ammammoo ija keenya samii isa guddaa kanarraa gad deebisnee, waa’ee sooraa haa ilaallu. Yihowaan ‘bantii waaqaafi lafa uumuu’ qofa utuu hin ta’in, “warra beela’aniifis soora in kenna.” (Far. 146:6, 7) Waaqayyo ulfinaafi simbo-qabeessa ta’uunsaa, biqiltuuwwan soora irraa argannu nuu kennuu dabalatee hojiiwwansaa warra gurguddaarratti mul’ateera. (Faarfannaa 111:1-5 dubbisi.) Yesus duuka buutonnisaa “Soora har’aa bor nu barbaachisu har’a nuuf kenni!” jedhanii akka kadhatan barsiiseera. (Mat. 6:11) Daabboon, Israa’eloota dabalatee soora namoonni durii hedduun sooratan ture. Daabboon, akka nyaata salphaatti haa ilaalamu malee, adeemsi keemikaalaa wantoonni xixinnoon walitti makamanii daabboo mi’aawaa akka argamsiisan godhu salphaa miti.

10 Bara Macaafni Qulqulluun barreeffametti, Israa’eloonni daakuu qamadii ykn garbuu bukeessanii daabboo tolchu turan. Yeroo tokko tokko, daabboo tolchuuf raacitiittis ni fayyadamu turan. Wantoonni salphaa ta’an kun yommuu walitti dabalaman makaa keemikaalaa hedduu uumu. Walitti dhufeenya makaawwan kanaa guutummaatti hubachuun hin danda’amu. Kana malees, daabboon garaa namaa keessatti akkamitti akka daakamu hubachuun rakkisaadha. Faarfatichi, “Yaa Waaqayyo, wanti ati hojjette maal maal baay’ee dha! . . . Isaan kana hundumaas ati ogummaadhaan hojjette” jedhee faarfachuunsaa nu dinqisiisuu hin qabu. (Far. 104:24) Atoo Yihowaa jajachuuf ni kakaataa?

Waaqayyo Ulfinaafi Simbo-qabeessa Ta’uunsaa Maal Akka Gootu Si Kakaasa?

11, 12. Uumamawwan Yihowaarratti xiinxaluun keenya faayidaa maalii qaba?

11 Urjiiwwan halkaniin samiirratti ilaallu dinqisiifachuuf, namoota urjii qoratan ta’uu, nyaatatti gammaduufis keemistoota ta’uun nu hin barbaachisu. Simboo Uumaa keenyaa dinqisiifachuuf garuu, yeroo fudhannee hojiiwwan harkasaarratti xiinxaluu qabna. Kana gochuun keenya faayidaa akkamii nuu argamsiisa? Faayidaa hojiiwwan Yihowaa warra kaanirratti xiinxaluudhaan argamu argachuuf nu gargaara.

12 Daawit, hojiiwwan gurguddaa Yihowaan sabasaatiif jecha raawwate ilaalchisee, “Isaan waa’ee simboo ulfina kee, waa’ee surraa kee, waa’ee hojii kee isa dinqisiisaas itti yaadanii in dubbatu” jechuudhaan faarfateera. (Far. 145:5) Yeroo ramannee Macaafa Qulqulluu qayyabachuufi wanta dubbisnerratti xiinxaluun keenya, hojiiwwan Yihowaa kanaaf bakka guddaa akka laannu argisiisa. Kana gochuudhaan bu’aa akkamii arganna? Dinqisiifannaan ulfinaafi simboo Waaqayyootiif qabnu ni guddata. Kunimmoo akkuma Daawit Yihowaa ol ol gochuufi “Anis guddina kee nan hima” jechuuf nu kakaasa. (Far. 145:6) Hojiiwwan Yihowaa dinqisiisaa ta’anirratti xiinxaluun keenya, walitti dhufeenya isaa wajjin qabnu nuu cimsuu, miira ho’aafi ija jabinaan waa’eesaa warra kaanitti himuuf nu kakaasuu qaba. Warri kaan, Yihowaan ulfinaafi simbo-qabeessa akkasumas guddaa ta’uusaa akka hubatan gargaaruuf misiraachicha hinaaffaadhaan lallabaa jirtaa?

Yesus Ulfina Waaqayyoo Guutummaatti Argisiiseera

13. (a) Akka Daani’el 7:13, 14 jedhutti Yihowaan Ilmasaatiif maal kenneera? (b) Mootii kan ta’e Yesus namoota isa jalatti bulan akkamitti qaba?

13 Ilmi Waaqayyoo Yesus Kiristos, misiraachicha hinaaffaadhaan kan lallabe ta’uusaarrayyuu, Abbaasaa isa ulfina qabeessaafi guddaa ta’e kabajeera. Yihowaanis, tokkicha Ilmasaatiif ‘gooftummaafi mootummaa’ kennuudhaan isa kabajeera. (Daani’el 7:13, 14 dubbisi.) Haata’u malee, Yesus kan of jaju ykn warra kaanirraa adda kan of baasu hin turre. Kanaa mannaa, Bulchaa gara laafessaafi dadhabina namoota isa jalatti bulanii hubatu ta’uusaarrayyuu, ulfina guddaa isaanii kenna. Yesus inni Mootii ta’uuf filatame, namootaaf keessumaammoo warra yeroo sanatti tuffatamaafi jibbamaa turaniif kunuunsa akkamii akka godhe fakkeenya tokko ilaali.

14. Israa’el durii keessatti warri dhukkuba qurciitiin qabaman akkamitti ilaalamu turan?

14 Bara duriitti namoonni dhukkuba qurciitiin qabaman suutuma suuta haala nama gaddisiisuun dhibamanii du’u turan. Qaamnisaanii suutuma suuta dhukkuba kanaan miidhamaa adeema. Nama du’e kaasuun akkuma ulfaataa ta’e, nama dhukkuba qurciitiin qabame fayyisuunis akkasuma ulfaataa ture. (Lak. 12:12; 2 Mot. 5:7, 14) Namoonni dhukkuba qurciitiin qabaman akka xuraa’ootti kan ilaalaman ta’uusaarrayyuu, warra kaanirraa adda baafamu turan. Yommuu namootatti dhihaatan, “Ani xuraa’aa dha! Ani xuraa’aa dha!” jedhanii labsuu qabu turan. (Lew. 13:43-46) Namni dhukkuba qurciitiin qabame akkuma nama du’eetti ilaalama ture. Barreeffamni warra rabbiitiin qophaa’e akka ibsutti, namni dhukkuba qurciitiin qabame tokko nama Yihudii ta’etti dhihaachuu kan danda’u hanga meetira 1.7 qofa ture. Namni geggeessaa amantii ta’e tokko, nama dhukkuba qurciitiin qabame fagoottillee yoo arge, namicha halaalumatti ittisuuf dhagaa akka itti darbatu gabaafameera.

15. Yesus nama dhukkuba qurciitiin qabame tokkoof maal godhe?

15 Haata’u malee, wanti Yesus nama isatti dhihaatee dhukkuba qurciirraa akka isa fayyisu kadhateef godhe kan nama ajaa’ibsiisudha. (Maarqos 1:40-42 dubbisi.) Yesus, nama warri kaan irraa baqatan kana ofirraa ari’uu mannaa, gara laafinaafi ulfinaan qabeera. Namni kun haala gaddisiisaa keessa akka jiruufi gargaarsi akka isa barbaachisu itti dhaga’amee ture. Yesus gara-laafinaan kaka’ee yeruma sana harkasaa diriirsee nama dhukkuba qurciitiin qabame kana fayyisuuf tarkaanfii fudhateera.

16. Akkaataa Yesus warra kaan itti qaberraa barumsa akkamii argatte?

16 Nuyis duuka buutota Yesus waan taaneef, Yesus isa ulfina Abbaasaa argisiise fakkaachuu kan dandeenyu akkamitti? Karaan inni tokko aangoo, fayyaa ykn umrii akkamiiyyuu yoo qabaatan namoonni hundi ulfinaafi kabaja sirrii ta’e argachuu akka qaban hubachuudha. (1 Phe. 2:17) Keessumaa namoonni itti gaafatamummaa qaban, jechuunis abbootiin manaa, warriifi jaarsoliin namoota isaan jalatti bulaniif ulfina kennuufi kabaja ofiif qaban akka hin dhabne gargaaruu qabu. Macaafni Qulqulluun, “Jaalala obbolummaatiin ho’isaa wal jaalladhaa; walii keessaniif ulfina kennuudhaaf wal dorgomaa!” jechuudhaan Kiristiyaanonni hundi kana gochuu akka qaban ibsa.—Rom. 12:10.

17. Waaqeffannaarratti ulfina argisiisuu ilaalchisee Caaffata Qulqullaa’oorraa barumsa akkamii arganna?

17 Macaafni Qulqulluun, keessumaa yeroo waaqeffannaatti ulfina argisiisuu akka qabnu ibsa. Lallabni 5:1 “Mana Waaqayyootti yommuu ol lixxu miilla kee eeggadhu!” jedha. Museefi Iyaasuun yommuu bakka qulqullaa’aa dhaabatanii turan kopheesaanii akka ofirraa baasan abboomamaniiru. (Bau. 3:5; Iya. 5:15) Kana kan godhan ulfina argisiisuuf ture. Israa’eloonni luboota ta’an “qullaa isaanii dhoksuudhaaf” uffatasaanii jalatti qumxaa quncee talbaarraa tolfame uffachuun dirqamasaanii ture. (Bau. 28:42, 43) Kana gochuunsaanii bakka aarsaatti yommuu tajaajilan qullaansaanii akka hin argamne godha. Miseensonni maatii lubootaa hundi, ulaagaa Waaqayyo ulfinaaf baase eeguu qabu turan.

18. Waaqeffannaa keenyarratti ulfina argisiisuu kan dandeenyu akkamitti?

18 Waaqeffattoota Yihowaa waan taaneef, jireenya keenya hundaan ulfina argisiisuu qabna. Ulfina argachuu yoo barbaanne, karaa ulfina qabuun jiraachuun keenya barbaachisaadha. Ulfinni argisiisnu fakkeessuudhaaf ykn maqumaaf kan godhamu ta’uu hin qabu. Kanaa mannaa, garaa keenya isa Waaqayyo argurraa kan madde ta’uu qaba. (1 Sam. 16:7; Fak. 21:2) Yeroo hundumaa ulfina qabeeyyii haa taanu. Kunimmoo amala keenya, fedhii keenya, walitti dhufeenya warra kaanii wajjin qabnuufi ilaalcha ofiif qabnurratti dhiibbaa gaarii geessisuu qaba. Dhugumayyuu, yeroo hundumaa, wanta jennuufi wanta goonu hundumaan ulfina argisiisuun keenya barbaachisaadha. Amala keenya, uffannaafi akkaataa miidhaginaa keenya ilaalchisee jechoota Phaawulos yaadatti qabachuu qabna. Phaawulos, “Ergaan keenya maqaa gadhee akka hin arganneef nama tokko iyyuu matumaa hin gufachiifnu. Haa ta’u iyyuu malee, nuyi karaa hundumaan akka hojjetoota Waaqayyootti of in dhi’eessina” jedheera. (2 Qor. 6:3, 4) “Barsiisichi waa’ee Waaqayyo fayyisaa keenyaa dubbatu kun, waan hundumaatti akka namatti tolee mul’atu” goona.—Tit. 2:10.

Ulfina Waaqayyoof Ta’u Argisiisuu Keessan Itti Fufaa

19, 20. (a) Warra kaaniif ulfina kennuuf karaa inni gaariin maalidha? (b) Ulfina ilaalchisee murtoon keenya maal ta’uu qaba?

19 Kiristiyaanonni dibamoon warri ‘afaan Kiristos ta’anii hojjetan’ karaa ulfina qabuun jiraatu. (2 Qor. 5:20) Hoolonni kan biraan amanamummaadhaan isaan deggeranis ergamtoota Mootummaa Masiihichaa ulfina qabanidha. Ambaasaaddarri ykn bakka butuun biyya tokkoo, ija jabinaafi ulfinaan mootummaasaatiif dubbata. Kanaaf, nutis ulfinaafi ija jabinaan bulchiinsa Waaqayyoo jechuunis Mootummicha bakka buunee dubbachuu qabna. (Efe. 6:19, 20) Namoota kaanitti “misiraachoo” yommuu himnu, ulfina isaaniif qabnu argisiisuu keenya mitii?—Isa. 52:7.

20 Haala ulfinasaa wajjin wal simuun jiraachuudhaan Waaqayyoof ulfina kennuuf murtoo gochuu qabna. (1 Phe. 2:12) Yeroo hunda isaaf, waaqeffannaasaatiifi hidhattoota amantaa keenyaaf ulfina guddaa haa kenninu. Ulfina yeroo waaqeffannaatti argisiisnuun, Yihowaa isa ulfinaafi simboo uffate haa gammachiisnu.

[Miiljalee]

^ key. 3 Raajiin Daawit Faarfannaa 8⁠rratti dubbate, Yesus Kiristos isa cubbuu hin qabnes kan argisiisudha.—Ibr. 2:5-9.

Maal Jettee Deebista?

• Ulfinaafi simboo Yihowaa dinqisiifachuun keenya faayidaa maalii qaba?

• Ulfina namaa kennuu ilaalchisee, karaa Yesus nama dhukkuba qurciitiin qabame tokkoof kunuunsa itti godherraa barumsa akkamii arganna?

• Karaa ulfina qabuun Yihowaa kabajuu kan dandeenyu akkamitti?

[Gaaffiiwwan Qayyabannaa]

[Fakkii fuula 12rra jiru]

Yihowaan Abeeliif ulfina kan kenne akkamitti?

[Fakkii fuula 14rra jiru]

Hojiiwwan Yihowaa warra gurguddaa, akkaataa daabboon itti qophaa’urraallee hubachuun ni danda’ama

[Fakkii fuula 15rra jiru]

Karaa Yesus nama dhukkuba qurciitiin qabameef kunuunsa itti godherraa barumsa akkamii argatte?

[Fakkii fuula 16rra jiru]

Waaqeffannaa ulfina qabeessa dhiheessuun Yihowaa kabajuus kan dabalatudha