Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Misiyoononni Hawaannisatti Fakkeeffamu

Misiyoononni Hawaannisatti Fakkeeffamu

Eebba Giil’aad Kutaa 124⁠ffaa

Misiyoononni Hawaannisatti Fakkeeffamu

MANNI Barumsaa Macaafa Qulqulluu Giil’aad, waggaatti al lama sagantaa eebbaa kan qopheessu yommuu ta’u, guutummaan maatii Bet’el Yuunaayitid Isteetisitti argamus eebba kanarratti ni afeerama. Bitootessa 8, 2008, keessummoonni biyyoota 30aa dhufan maatii Bet’elii wajjin eebba bartoota Giil’aad kutaa 124⁠ffaarratti argamaniiru. Namoonni 6,411 ta’an, guyyaa addaa sana barattoota kanaa wajjin gammachuudhaan dabarsaniiru.

Dura taa’aan sagantichaa miseensa Qaama Olaanaa ta’e Isteevan Leet, haasawaa matadureensaa “Hawaannisa Yihowaa Wajjin Fuulduraatti Adeemaa” jedhuun saganticha jalqabe. Mul’anni 9:1-4 tuuta Kiristiyaanota dibamoo warra bara 1919⁠tti sochii hafuuraasaanii jalqaban, gurmuu hawaannisaa battala tokkotti hojiisaa jalqabee wajjin wal fakkeessa. Barattoonni miseensota ‘hoolota kan biraa’ ta’an kun, warra gurmuu hawaannisaatti fakkeeffamanii wajjin akka hojjetan barumsi isaanii kennameera.—Yoh. 10:16.

Itti aansuudhaan, Miseensa Koree Waajjira Damee Yuunaayitid Isteetis kan ta’e Loon Shiiliin haasawaa, “Hir’ina Walii Kan Guuttan Ta’aa” jedhu dhiheesse. Haasawaan kun, fakkeenya Macaafa Qulqulluu keessatti ibsameefi seenaa Kiristiyaanota jaarraa jalqabaa abbaa manaafi haadha manaa ta’aniifi Aqiilaafi Phirsqiilaa jedhamaniirratti kan hundaa’e ture. (Rom. 16:3, 4) Kutaan Giil’aad kun hiriyoota gaa’elaa 28 kan qabate ture. Hojii misiyoonummaarratti milkaa’ina argachuu yoo barbaadan, gaa’elasaanii cimsuu akka qaban yaadachiisni isaanii kennamee ture. Macaafni Qulqulluun yommuu waa’ee Aqiilaa dubbatu, maqaa haadha manaasaa Phirsqiilaas utuu hin dha’in hin darbu. Kanaaf, Phaawulosis ta’e gumichi, akka nama tokkootti isaan ilaalu turan. Haaluma wal fakkaatuun yeroo ammaattis, misiyoononni hiriyaa gaa’elaasaanii waliin hojjechuu, waliin waaqeffachuufi rakkoowwan yommuu biyya alaatti tajaajilan isaan mudatan waliin hiikuudhaan hir’ina waliisaanii guutuu qabu.—Uma. 2:18.

Haasawaa itti aanummoo kan dhiheesse miseensa Qaama Olaanaa kan ta’e Gaay Piirs yommuu ta’u, matadureen haasawaasaa “Galata Gaarummaa Yihowaatiif Qabdan Hojiidhaan Argisiisaa” kan jedhu ture. Obboleessi kun nama gaarii ta’uu jechuun, wanta hamaarraa fagaachuu qofa akka hin taane ibseera. Namni gaariin, warra kaan fayyaduuf jecha wanta gaarii hojjeta. Yihowaan eenyurrayyuu caalaa gaariidha. (Zak. 9:16, 17) Gaarummaafi jaalalli Waaqayyo nuuf qabu, warra kaaniif waan gaarii akka goonu nu kakaasuu danda’a. Obboleessi kun, “Wanta gaarii gochaa turtan; gara fuulduraattis hojii Yihowaan isinii kennu kamirrattiyyuu waan gaarii gochuudhaan, galata gaarummaa Waaqayyootiif qabdan hojiidhaan argisiisuu keessan itti fuftu jennee abdanna” jedhee barattoota jajjabeessuudhaan haasawaasaa xumureera.

Itti aansuudhaan haasawaa kan dhiheesse, obboleessa Maayikil Barneet jedhamu yommuu ta’u, innis misiyoonii kan tureefi dhiheenya kanatti Giil’aaditti barsiisaa ta’ee kan ramadamedha. Matadureen haasawichaa, ‘Ija kee duratti kan rarra’u haa ta’u!’ kan jedhu ture. Israa’eloonni akkuma wanta ‘ijasaanii duratti rarra’u’ hidhataniitti, gocha Yihowaan dinqiidhaan biyya Gibxiitii isaan baasuudhaan raawwate yaadachuu qabu turan. (Bau. 13:16) Barattoonni kunis, barumsa hedduu Mana Barumsaa Giil’aadii argatan akka waan ijasaanii gidduutti hidhataniitti akka yaadatan gorfamaniiru. Obboleessi kun, kan gad of deebisan akka ta’aniifi walitti bu’iinsa misiyoonotas ta’e warra kaanii wajjin uumamu yommuu hiikan, seerawwan bu’uuraa Macaafa Qulqulluu hojiirra oolchuun barbaachisaa ta’uusaa dubbateera.—Mat. 5:23, 24.

Obboleessi Maark Numeer jedhamuufi yeroo dheeraadhaaf Giil’aaditti barsiisaa ture haasawaa matadureensaa, “Waa’ee Keessan Faarfannaa Akkamiitu Faarfatama?” jedhu kenne. Bara duriitti, injifannoon waraanarratti argamu, faarfannaadhaan ayyaaneffatama ture. Faarfannaawwan akkasii keessaa tokko, gosti Zebuloon aarsaa kaffaluuf fedhii kan qabu ta’uusaatiin kan isa faarsu yommuu ta’u, gosti Ruuben, Daaniifi Asheer garuu kanaaf akka of hin dhiheessine kan saaxilu ture. (Abo. 5:16-18) Akkuma walaloo faarfannaa tokkoo, gochi Kiristiyaanota hundaas yeroo booda warra kaan biratti kan beekamu ta’a. Hinaaffaan namni tokko hojii Waaqayyoorratti argisiisuufi qajeelfama Yihowaatiif amanamaa ta’uunsaa, Yihowaa biratti maqaa gaarii isaaf argamsiisa; obbolootasaatiifis fakkeenya gaarii ta’uuf isa gargaara. Warri gumii keessatti argaman kaan, faarfannaa gocha keenyaan galmeessisne yommuu dhaggeeffatan fakkeenya kana hordofuuf kaka’u.

Obboloonni kutaa Giil’aad 124⁠ffaarratti hirmaatan leenjiirra utuu jiranii tajaajila shaakalaarratti sa’aatii 3,000 dabarsaniiru. Mataduree “Qajeelfama Hafuura Qulqulluu Hordofuu” jedhu jalatti barattoonni kun obboleessa Saam Roobarsan jedhamuufi miseensa Kutaa Mana Barumsaa Ti’ookraasii ta’etti muuxannoo tajaajilarraa argatan kan dubbatan si’a ta’u, kana keessaa tokko tokkos hojiin argisiisaan dhiheessaniiru. Muuxannoowwan nama jajjabeessan kanatti aansuudhaan, obboleessi Paatriik Laa Fraankaa jedhamuufi miseensa Koree Waajjira Damee Yuunaayitid Isteetis ta’e, obboloota Giil’aadii eebbifamanii yeroo ammaatti biyyoottan addaddaatti tajaajilaa jiraniif gaafannoo godhe. Barattoonni kun, gorsa gaarii obboloota kanarraa argataniif dinqisiifannaa qaban ibsaniiru.

Obboleessi Antoonii Mooris jedhamuufi miseensa Qaama Olaanaa ta’e, haasawaa xumuraa, “Wantoonni Ijaan Argaman Yeroodhaaf Qofa Kan Turan Ta’uusaanii Yaadadhaa” jedhu dhiheesse. Caaffanni Qulqullaa’oon, rakkina yeroodhaaf nurra ga’anirratti utuu hin ta’in, eebbawwan Yihowaan gara fuulduraatti nuu kennurratti akka xiyyeeffannu nu gorsu. (2 Qor. 4:16-18) Yeroo ammaatti hiyyumni, dabni, hacuuccaan, dhukkubniifi duuti namootarra yommuu ga’an hundi keenya ni argina. Rakkoowwan kun kallattiidhaan misiyoonotarra ga’uu danda’u. Haata’u malee, wantoonni kun yeroodhaaf qofa kan turan ta’uusaanii yaadachuun, dhimmawwan hafuuraatiif dursa kennuufi abdii keenyarratti xiyyeeffachuuf nu gargaara.

Sagantaan kun kan xumurame, barattoonni hundi waltajjiirra taa’anii haasawaa xumuraa Obboleessi Isteevan jedhamu dhiheesse dhaggeeffachuudhaan ture. Obboleessi kun abdii akka hin kutanne kan isaan jajjabeesse yommuu ta’u, “Rakkinni akkamiiyyuu yoo nurra ga’e, gargaarsa Yihowaatiin amanamoo taanee itti fufuu dandeenya” jedheera. Misiyoononni haaraan kun, akkuma gurmuu hawaannisaa hinaaffaa qabaachuudhaan, akkasumas amanamoofi ajajamoo ta’uudhaan bara baraaf Yihowaa tajaajiluusaanii akka itti fufan isaan jajjabeesseera.

[Saanduqa fuula 30rra jiru]

ODEEFFANNOO BARATTOOTA ILAALU

Baay’ina biyyoota barattoonni keessaa dhufan: 7

Baay’ina biyyoota isaan itti ramadaman: 16

Baay’ina barattootaa: 56

Umrii giddu galeessaan: 33.8

Waggoota isaan dhugaa keessa turan giddu galeessaan: 18.2

Waggoota isaan tajaajila yeroo guutuu keessa turan giddu galeessaan: 13.8

[Fakkii fuula 31rra jiru]

Eebbifamtoota Mana Barumsaa Macaafa Qulqulluu Masaraa Eegumsaa Giil’aad Kutaa 124⁠ffaa

Ibsa armaan gaditti argamuun, lakkoofsi tokkoon tokkoon toorichaatiif kenname, duraa gara duubaatti yommuu ta’u, maqoonnis kan kaa’aman bitaa gara mirgaattidha.

(1) Taaniyaa Nikoolsan, Heezar Meen, Yookoo Seengee, Liindaa Isneep, Kiloodiyaa Vaaneegaas, Litiishaa Poo, (2) Saandiraa Saantaanaa, Kriistan Oo, Kristiin Lemeetira, Nuriyaa Wiiliyaamz, Liizaa Angizaandar, (3) Bireendaa Wuudz, Liyaa Isteentan, Eemlii Haantilii, Gilooriyaa Alvaareez, Jiiliyaan Kiruuzs, Jo’aanaa Beeneet, (4) Aajeer Wiliyaamsan, Noo’eemii Gonsaalees, Jeeniifar Zurooskii, Izaabeel Dihaand, Jeesiikaa Meey, Ischiintisiyaa Diyamii, Looran Taavinar, (5) Wiiliyaam Lameetira, Aliishaa Haariis; Siintiyaa Weelz; Seeraa Raajarz; Maandii Duraant; Juun Seengee (6) Traavar Haantilii; Aalan Vaanegaas; Antooniyoo Poo; Mooyisees Saantaanaa; Voon Beeneet; Deeviid Taavinar; Maayikil Oo (7) Miik Zurooskii; Gordan Raajarz; Daani’el Diyamii; Lii Nikoolsan; Kaarlos Alvaareez; Jaashuwaa Isnaap (8) Maat Haariis; Peetroo Gonsaales; Shoon Meen; Isteefaank Wuudiz; Bireent Istaantan; Duween Wiiliyaamsan; Jaan Duraant (9) Pool Kiruuz; Bireekt Dihaand; Daanald Wiiliyaamz; Saayiman Weelz; Daan Aliigzaandar; Maayikaa Meey

[Fakkii fuula 32rra jiru]

Manni Barumsaa Giil’aad bakka Handhuura Barumsa Masaraa Eegumsaatti argama