Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Qabiyyee

Qabiyyee

Qabiyyee

Hagayya 15, 2008

Maxxansa Qayyabannaa

TORBAN MATADUREEWWAN ITTI QAYYABATAMAN:

Fulbaana 29, 2008-Onkoloolessa 5, 2008

Yihowaan Warra Isaaf Amanamoo Ta’an Hin Gatu

FUULA 3

FAARFANNAA: 23 (200), 16 (143)

Onkoloolessa 6-12, 2008

Garaa Tokkichaan Amanamoo Ta’aa

FUULA 7

FAARFANNAA: 7 (51), 22 (130)

Onkoloolessa 13-19, 2008

Karaa Ulfina Qabuun Jiraachuudhaan Yihowaadhaaf Ulfina Kennaa

FUULA 12

FAARFANNAA: 26 (212), 6 (45)

Onkoloolessa 20-26, 2008

Yihowaan Maanguddoota Isa Tajaajilaniif Garaadhaa Ni Yaada

FUULA 17

FAARFANNAA: 11 (85), 23 (200)

Onkoloolessa 27, 2008–Sadaasa 2, 2008

“Qooqa Qulqulluu” Akka Gaariitti Ni Dubbattaa?

FUULA 21

FAARFANNAA: 21 (191) 6 (45)

Kaayyoo Matadureewwan Qayyabannaa

Matadureewwan Qayyabannaa 1, 2 FUULA 3-11

Matadureewwan kun, Israa’el, mootummaa kaabaafi kibbaa jedhamtee bakka lamatti hiramuushee kan ibsu yommuu ta’u, Yihowaan namoota isaaf amanamoo ta’an akkamitti akka hin dhiisne argisiisu. Qorumsa jaalala qabeenyaa, addaggummaa ykn of tuulummaa mo’uuf, ammumaa garaa guutuudhaan amanamoo ta’uun barbaachisaa akka ta’e ibsameera.

Mataduree Qayyabannaa 3 FUULA 12-16

Matadureen kun, dinqisiifannaan ulfina Waaqayyootiif qabnu nurratti jijjiirama akkamii akka fidu argisiisa. Karaa Yesus warra kaan itti qaberraa, waa’ee ulfinaa maal akka barannu ibsa.

Mataduree Qayyabannaa 4 FUULA 17-21

Maanguddootaaf ilaalcha akka Yihowaa qabaachuu baradhaa. Macaafni Qulqulluun, beekumsaafi muuxannoosaaniitiif bakka guddaa akka kennu hubadhaa. Miirasaaniitiif yaadaa; karaa hafuuraa dammaqoo ta’anii akka jiraatan isaan gargaaraa.

Mataduree Qayyabannaa 5 FUULA 21-25

Yihowaan karaa Sefaaniyaa raajiisaa, ‘Saba hundumaatiif qooqa qulqulluu nan kenna’ jedheera. (Sef. 3:9, NW) ‘Qooqni qulqulluun’ maal akka ta’e baradhu. Qooqa kana sirriitti dubbachuuf maal gochuu akka qabdu hubadhu. Akkasumas, qooqa addaa kanatti fayyadamtee karaa itti Yihowaa ol ol gochuu dandeessu barbaadi.

MATADUREEWWAN DABALATAA:

Dubbiin Yihowaa Jiraataadha—Yaadawwan Ijoo Macaafa Galaatiyaa, Efesoon, Filiphisiiyusiifi Qolosaayis

FUULA 26

Ni Yaadattaa?

FUULA 29

Misiyoononni Hawaannisatti Fakkeeffamu

FUULA 30