Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

“Qooqa Qulqulluu” Akka Gaariitti Ni Dubbattaa?

“Qooqa Qulqulluu” Akka Gaariitti Ni Dubbattaa?

“Qooqa Qulqulluu” Akka Gaariitti Ni Dubbattaa?

“Egaa sabni hundinuu maqaa koo akka waammataniif, harka wal qabataniis anaaf akka hojjetaniif dubbii amanamaa [“qooqa qulqulluu,” NW] nan kennaaf.”—SEF. 3:9.

1. Yihowaan kennaa dinqisiisaa akkamii nuu kenne?

QOOQNI, Uumaa ilmaan namootaa kan ta’e Yihowaa biraa malee, ilmaan namootaa biraa kan argame miti. (Bau. 4:11, 12) Yihowaan, Addaam akka dubbatu qofa utuu hin ta’in, jechoota haaraas walitti fiduudhaan kuusaa jechootaa akka baay’ifatu dandeettii isaa kenneera. (Uma. 2:19, 20, 23) Kun kennaa dinqisiisaa mitii? Dandeettiin kun, ilmaan namootaa Abbaasaanii isa samii wajjin akka dubbataniifi maqaasaa isa guddaadhaaf ulfina akka kennan isaan gargaareera.

2. Namoonni qooqa tokko dubbachuu kan dadhaban maaliifi?

2 Namoonni erga uumamanii kaasee jaarraawwan 17f, namni hundi qooqa tokkichaafi “haasaa tokkicha” qaba ture. (Uma. 11:l) Bara Naamruditti Waaqayyorratti ka’uun ni jalqabame. Qajeelfama Yihowaan kennerraa haala faallaa ta’een, namoonni ajajamoo hin taane yeroo booda bakka Baabel jedhamutti walitti qabamanii jiraachuuf murteessan. Sana booda, masaraa guddaa tokko ijaaruu jalqaban. Kanas kan godhan ulfina Yihowaatiif utuu hin ta’in, ofiisaaniitiif ‘ittiin maqaa godhachuuf’ ture. Kanaaf, Yihowaan qooqa namoota hamoo kanaa wal makuudhaan, qooqa gara garaa akka dubbatan godhe. Sana booda, addunyaa mararratti faffaca’an.—Uumama 11:4-8 dubbisi.

3. Yihowaan, qooqa namoota Baabel warra isarratti ka’anii yommuu make maaltu uumame?

3 Yeroo ammaatti qooqni kumaan lakkaa’amu, akka namoonni tokko tokko jedhanittimmoo qooqni 6,800 ta’u jira. Qooqni kun hundi karaa gara garaa yaaduu kan gaafatudha. Kanaaf, Yihowaan yommuu qooqa namoota hamoo kanaa make, qooqa isa dura dubbachaa turan akka irraanfatan kan godhe fakkaata. Jechoota haaraa qofa utuu hin ta’in, akkaataa itti yaadaniifi akkaataa ijaarsa himaa haaraa sammuusaanii keessatti uumeera. Maqaan iddoo gamoo sanaa, “Waliin makamaa” ykn Baabel jedhamuunsaa nama hin dinqisiisu! (Uma. 11:9.) Qooqni akkamitti akka baay’ate, ibsa bal’aa kan nuu kennu Macaafa Qulqulluu qofadha.

Qooqa Haaraa Qulqulluu Ta’e

4. Yihowaan bara keenyatti maaltu akka ta’u raajii dubbate?

4 Seenaan Macaafa Qulqulluu, Waaqayyo dhimma warra Baabel keessa galuusaa ibsu akkuma nama dinqisiisu, bara keenyattis wanti barbaachisaan caalaatti nama ajaa’ibsiisu tokko raawwatamaa jira. Yihowaan karaa raajiisaa Sefaaniyaa, “Egaa sabni hundinuu maqaa koo akka waammataniif, harka wal qabataniis anaaf akka hojjetaniif dubbii amanamaa [“qooqa qulqulluu,” NW] nan kennaaf” jechuudhaan raajii dubbatee ture. (Sef. 3:9) ‘Qooqni qulqulluun’ kun maalidha? Nuhoo qooqa kana sirriitti dubbachuu kan dandeenyu akkamitti?

5. ‘Qooqni qulqulluun’ maalidha? Qooqni kun bu’aa akkamii argamsiiseera?

5 Qooqni qulqulluun kun dhugaa waa’ee Yihowaafi kaayyoosaa ibsu yommuu ta’u, innis Dubbiisaa Macaafa Qulqulluu keessatti kan argamudha. “Qooqni” kun, dhugaa waa’ee Mootummaa Waaqayyoo ibsu hubachuu, Mootummaan kun akkamitti maqaa Yihowaa akka qulqulleessu, olaantummaasaa akka mirkaneessuufi namoota amanamoo ta’aniif akkamitti eebba barabaraa akka argamsiisu sirriitti hubachuu dabalata. Qooqni kun bu’aawwan akkamii argamsiisa? Namoonni ‘maqaa Yihowaa akka waamaniifi harka wal qabatanii akka isaaf hojjetan’ nutti himameera. Wanta Baabelitti raawwatamerraa haala adda ta’een, qooqni qulqulluun kun maqaa Yihowaatiif ulfina fiduufi namootaaf tokkummaa argamsiisuu danda’eera.

Qooqa Qulqulluu Barachuu

6, 7. (a) Qooqa haaraa barachuun maal dabalata? Kunoo qooqa qulqulluu barachuuf kan nu gargaaru akkamitti? (b) Kanatti aansee waa’ee maalii ilaalla?

6 Namni tokko qooqa haaraa barachuu yoo barbaade, jechoota haaraa sammuutti qabachuunsaa qofti ga’aa miti. Qooqa haaraa barachuun, karaa haaraa ta’een yaaduu gaafata. Akkaataan qooqa tokko keessatti dhugaa tokko itti dubbatanis ta’e gammachuu ofii itti ibsan qooqa kaanirraa addadha. Sagalee haaraa waamuun, qaamawwan dubbii kan akka arrabaatti karaa haaraa ta’een fayyadamuu gaafata. Qooqa qulqulluu dhugaa Macaafa Qulqulluu keessatti argamu barachuu yommuu jalqabnus haallisaa kanuma fakkaata. Barumsawwan bu’uuraa Macaafa Qulqulluu muraasa barachuu qofti ga’aa miti. Qooqa haaraa kana akka gaariitti barachuun, ilaalcha keenya haaressuufi yaada keenya jijjiiruu gaafata.—Roomaa 12:2; Efesoon 4:23 dubbisi.

7 Qooqa qulqulluu barachuufi akka gaariitti dubbachuuf maaltu nu gargaara? Akkuma qooqa kaanii, qooqa dhugaa Macaafa Qulqulluu akka gaariitti dubbachuufis malawwan bu’uura ta’an beekuun nu barbaachisa. Mee amma malawwan bu’uuraa namoonni qooqa haaraa barachuu barbaadan itti fayyadaman tokko tokkoofi malawwan kun qooqa qulqulluu kana barachuuf akkamitti akka nu gargaaran haa ilaallu.

Qooqa Qulqulluu Sirriitti Dubbachuu

8, 9. Qooqa qulqulluu barachuu yoo barbaanne maal gochuu qabna? Kana gochuun baay’ee barbaachisaa kan ta’e maaliifi?

8 Sirriitti dhaggeeffadhaa. Qooqni tokko, nama dhaga’ee hin beekneef jalqabarratti haaraa ta’uu danda’a. (Isa. 33:19) Haata’u malee, namni tokko wanta dhaga’uuf xiyyeeffannaa kennaa yommuu adeemu, jechoota tokko tokko beekuufi akkaataa qooqni sun itti dubbatamu hubachuu jalqaba. Haaluma wal fakkaatuun nuufis gorsi, “Karaa irraa akka hin gorreef, dubbii isa dhageenye kana caalchifnee yaadaan duukaa bu’uun in barbaachisa” jedhu nuu kennameera. (Ibr. 2:1) Yesus, “Namni gurra qabu haa dhaggeeffatu” jechuudhaan irra deddeebi’ee bartootasaa gorseera. (Mat. 11:15; 13:43; Mar. 4:23; Luq. 14:35) Eeyyee, qooqa qulqulluu kana barachuurratti guddina argisiisuu yoo barbaanne, wanta jedhamu ‘dhaggeeffachuufi hubachuu’ qabna.—Mat. 15:10; Mar. 7:14.

9 Dhaggeeffachuun xiyyeeffannaa kan gaafatu yoo ta’eyyuu, carraaqqiin kanaaf godhamu kan nama gaabbisiisu miti. (Luq. 8:18) Yommuu walga’iiwwan Kiristiyaanaarratti argamnu, wanta jedhamaa jirurratti xiyyeeffannamoo yaanni keenya ni hirama? Barumsa dhihaachaa jirurratti xiyyeeffachuuf, carraaqqii cimaa gochuun barbaachisaadha. Kun ta’uu baannaan, wanta dhageenyu hubachuutti daagii ta’uu dandeenya.—Ibr. 5:11.

10, 11.(a) Akka gaariitti dhaggeeffachuu malees maal gochuu qabna? (b) Qooqa qulqulluu dubbachuun maalfaa dabalata?

10 Namoota qooqa sana akka gaariitti dubbatan fakkeessaa dubbadhaa. Barattoonni qooqa haaraa baratan, akka gaariitti akka dhaggeeffatan qofa utuu hin ta’in, loqodaafi akkaataa dubbii namoonni afaan sana akka gaariitti dubbatan itti fayyadaman akka hordofan ni jajjabeeffamu. Kunimmoo barattoonni loqoda ulfaataa ta’eefi yeroo booda walii galuuf isaan rakkisu akka hin hordofne isaan gargaara. Haaluma wal fakkaatuun, fakkeenya namoota qooqa haaraa kana ‘barsiisuutti ogummaa guddaa qabanii’ duukaa bu’uu qabna. (2 Xim. 4:2, NW) Gargaarsa gaafadhu. Yommuu dogoggora hojjettu, sirreeffama sii kennamu fudhachuuf of qopheessi.—Ibroota 12:5, 6, 11 dubbisi.

11 Qooqa qulqulluu dubbachuun, dhugaatti amanuufi warra kaan barsiisuu qofa utuu hin ta’in, amala keenya seerawwaniifi seerawwan bu’uuraa Waaqayyoo wajjin wal simsiisuus ni dabalata. Fakkeenya warra kaanii hordofuun, gama kanaan faayidaa guddaa nuu argamsiisa. Kunimmoo, akkuma fakkeenya Yesus hordofnu, amantaa, hinaaffaafi tariimmoo akkaataa jireenyaasaanii hordofuu kan dabalatudha. (1 Qor. 11:1; Ibr. 12:2; 13:7) Kana gochuutti jabaachuun keenya, obboloonni akkaataa dubbii tokkoon akka dubbatan gargaaruudhaan, sabni Waaqayyoo tokkummaa akka qabaatu godha.—1 Qor. 4:16, 17.

12. Yaadatti qabachuun qooqa haaraa barachuuf kan gargaaru akkamitti?

12 Yaadatti qabadhaa. Barattoonni qooqa baratan, wantoota haaraa baay’ee yaadatti qabachuu qabu. Kunimmoo jechootaafi ibsawwan haaraa yaadatti qabachuu dabalata. Yaadatti qabachuun, Kiristiyaanonni qooqa qulqulluu akka gaariitti akka beekan isaan gargaara. Kitaabawwan Macaafa Qulqulluu tartiibasaaniitiin yaadatti qabachuu akka qabnu beekamaadha. Obboloonni tokko tokko, jechoota caqasawwan Macaafa Qulqulluufi bakka itti argaman yaadatti qabachuuf galma baafataniiru. Warri kaanimmoo, faarfannaawwan Mootummichaa, maqaa gosoota Israa’el, maqaa ergamoota 12aniifi amalawwan ija hojii hafuuraa yaadatti qabachuun bu’a qabeessa akka ta’e hubataniiru. Bara duriitti, Israa’eloonni hedduun yaadawwan macaafa faarfannaa keessa jiran yaadatti qabachuu danda’u turan. Bara keenyattis mucaan tokko yommuu umriinsaa waggaa ja’a turetti, caqasawwan Macaafa Qulqulluu 80 ta’an guutummaasaa yaadatti qabatee ture. Dandeettii kanatti caalaatti fayyadamuu ni dandeenyaa?

13. Irra deddeebi’uun baay’ee barbaachisaa kan ta’e maaliifi?

13 Irra deddeebi’uun waa yaadachuuf kan nu gargaaru yommuu ta’u, kana gochuun barumsa Kiristiyaanummaa keessattis baay’ee barbaachisaadha. Phexros ergamaan, “Kanaafis utuma isin wanta kana hundumaa beektanii, dhugaa isin bira jiru sanattis utuma jabaattanii, ani waa’ee kanaa yeroo hundumaa isin yaadachiisuuf nan jedha” jedheera. (2 Phe. 1:12) Yaadachiisni kan nu barbaachisu maaliifi? Hubannaa keenya waan nuu guddisuuf, ilaalcha keenya waan nuu bal’isuufi Yihowaadhaaf ajajamuuf murtoo goone waan nuu cimsuufidha. (Far. 119:129) Yeroo hunda seerawwaniifi seerawwan bu’uuraa Waaqayyoo irra deebinee qorachuun keenya, akka of gamaaggamnuufi “warra dhaga’uu duwwaadhaan of gowwoomsan” akka hin taane nu gargaara. (Yaq. 1:22-25) Yeroo hunda waa’ee dhugaa of hin yaadachiisnu yoo ta’e, wantoonni garabiraan garaa keenyarratti dhiibbaa geessisuufi Qooqa qulqulluu akka gaariitti akka hin dubbanne nu gochuu danda’u.

14. Qooqa qulqulluu barachuuf maaltu nu gargaara?

14 Sagalee dhageessisaa dubbisaa. (Mul. 1:3) Barattoonni tokko tokko, sagalee utuu hin dhageessisin qooqa haaraa barachuuf yaalii godhu. Kun bu’aa gaarii hin argamsiisu. Haaluma wal fakkaatuun, yommuu qooqa qulqulluu kana barannu irratti yaaduuf akka nu gargaarutti, darbee darbee sagalee keenya gadi qabnee dubbisuun barbaachisaa ta’uu danda’a. Kanaan kan ka’es faarfatichi, “Isa gammadu kanatti seerri Waaqayyoo itti in tola, innoo halkanii fi guyyaa waa’ee seera Waaqayyoo in yaada [“sagaleesaa gadi qabee dubbisa,” NW]” jedheera. (Far. 1:2) Sagalee gadi qabnee dubbisuun keenya, wanti dubbisne sammuu keenya keessaa akka hin badne godha. Jechi afaan Ibrootaa ‘sagalee gadi qabanii dubbisuu’ jedhu, jecha irratti xiinxaluu jedhuu wajjin wal fakkaata. Nyaata nyaannurraa guutummaatti faayidaa argachuu yoo barbaanne, nyaanni sun akka gaariitti bullaa’uu qaba. Wanta dubbisnu hubachuufis irratti xiinxaluun barbaachisaadha. Wanta qayyabannerratti xiinxaluuf yeroo ga’aa ni ramadnaa? Macaafa Qulqulluu erga dubbisnee booda, wanta dubbisnerratti gadi fageenyaan yaaduu qabna.

15. “Ijaarsa himaa” qooqa qulqulluu barachuu kan dandeenyu akkamitti?

15 Akkaataa ijaarsa himaa hubadhaa. Yommuu qooqa haaraa tokko barannu, akkaataa himni itti ijaaramu ykn tartiiba jechoonni itti tarreeffamaniifi seerawwan qooqa sanaa barachuun barbaachisaadha. Kunimmoo akkaataa qooqni sun itti ijaaramu hubachuudhaan, akka gaariitti dubbachuuf nu gargaara. Qooqni tokko, sirna jechootaa mataasaa qaba. Haaluma wal fakkaatuun, qooqni qulqulluun dhugaa Caaffata Qulqullaa’oo keessatti argamus, seera ‘dubbii sirrii duukaa bu’u’ qaba. (2 Xim. 1:13) Nuyis seera kana ‘duukaa bu’uu’ qabna.

16. Ilaalcha akkamii mo’uu qabna? Kana gochuu kan dandeenyu akkamitti?

16 Guddina gochuu keessan itti fufaa. Namni tokko, qooqa tokko hamma ta’e warra kaanii wajjin ittiin walii galuu erga danda’ee booda, qooqa kana fooyyeffachuu dhiisuu danda’a. Namoonni qooqa qulqulluu dubbatanis dadhabina akkasii qabaachuu danda’u. (Ibroota 5:11-14 dubbisi.) Qorumsa akkasii mo’uuf maaltu nu gargaaruu danda’a? Jechoota baay’ee beekuuf fedhii qabaadhu. “Kanaafis kottaa dubbii waa’ee Kristos isa gara jalqabaa dubbachuu dhiifnee, gara barsiisa isa warra ga’aniif kennamuutti in darbina. Nuyi waa’ee hojii gara du’aatti geessu irraa yaada garaa geddarachuu, waa’ee Waaqayyootti amanuus deebinee hundee barsiisichaa kaa’uuf miti. Barsiisa waa’ee cuuphaa, waa’ee harka mataa namaa irra kaa’uu, waa’ee ka’uu warra du’anii, waa’ee firdii bara baraa keessa hin deebinu.”—Ibr. 6:1, 2.

17. Utuu walirraa hin kutin qayyabachuu kan qabnu maaliifi? Fakkeenyaan ibsi.

17 Qayyabachuuf yeroo ramadaa. Wanta tokko darbee darbee yeroo dheeraadhaaf qayyabachuu mannaa, xinnuma xinnoodhaan yeroo hundumaa qayyabachuutu caalaatti bu’aa qaba. Yommuu dammaqaa taatuufi yaannikee hin hihhiramnetti qayyabadhu. Qooqa haaraa barachuun, bosona keessa karaa baasuu wajjin wal fakkaata. Yommuu karaa sanarra deddeebi’amu, karichi adeemsaaf caalaatti mijaa’aa ta’aa adeema. Karichi yeroo dheeraadhaaf kan irra hin adeemamne yoo ta’e garuu, bosonni sun deebi’ee karicha cufa. Kanaaf utuu walirraa hin kutin ciminaan itti fufuun barbaachisaadha. (Dan. 6:16, 20) Qooqa qulqulluu waa’ee dhugaa Macaafa Qulqulluu ibsu dubbachuu keessanis, “yeroo hundumaa” kadhannaadhaan itti fufaa.—Efe. 6:18.

18. Carraa arganne hundatti fayyadamnee qooqa qulqulluu dubbachuu kan qabnu maaliifi?

18 Dubbadhu! Dubbadhu! Dubbadhu! Namoonni qooqa haaraa tokko baratan, qaana’uudhaan ykn ni dogoggorra jedhanii sodaachuudhaan dubbachuurraa duubatti jechuu danda’u. Kunimmoo guddina gochuurraa isaan dhowwa. Qooqa tokko barachuuf shaakalli baay’ee barbaachisaadha. Barataan tokko qooqa haaraa tokko caalaatti yommuu dubbachaa adeemu, qooqa kanatti fayyadamuun caalaatti isaaf salphata. Haaluma wal fakkaatuun, nuyis carraa arganne hundaatti fayyadamnee qooqa qulqulluu kana dubbachuu qabna. “Namni garaa isaatti amanee qajeelaa ta’a, afaan isaatiinis beeksisee in fayya.” (Rom. 10:10) Yommuu cuuphamnu qofa utuu hin ta’in, tajaajilarrattis ta’e carraa arganne hundumaatti waa’ee Yihowaa ‘beeksisuu’ qabna. (Mat. 28:19, 20; Ibr. 13:15) Walga’iiwwan Kiristiyaanaa keenya, qooqa qulqulluu jechoota ifaafi gabaabaa ta’aniin dubbachuuf nu gargaaru.—Ibroota 10:23-25 dubbisi.

Yihowaa Ol Ol Gochuuf Tokkummaadhaan Qooqa Qulqulluutti Fayyadamaa

19, 20. (a) Dhugaa Baatonni Yihowaa yeroo ammaatti wanta dinqisiisaa akkamii raawwachaa jiru? (b) Murtoonkee maalidha?

19 Dilbata ganama Siivaan 6, Dh.K.B. bara 33, Yerusaalemitti argamuun baay’ee kan nama gammachiisu ture. Gaafas ganama sa’aatii 3 dura, namoonni darbii tokkorratti walitti qabamanii turan haala dinqii ta’een “afaan garaa garaa dubbachuu jalqaban.” (HoE. 2:4) Yeroo ammaatti sabni Waaqayyoo dinqiidhaan qooqa garabiraa dubbachuu hin danda’u. (1 Qor. 13:8) Haata’u malee, Dhugaa Baatonni Yihowaa qooqa 430 ol ta’uun misiraachoo Mootummichaa labsu.

20 Afaan kamiyyuu yoo dubbanne, hundi keenya qooqa qulqulluu dhugaa Macaafa Qulqulluurratti hundaa’e dubbachuudhaan tokko ta’uu dandeenyeerra; kanaafis Yihowaa galateeffanna. Kunimmoo wanta Baabelitti raawwatamerraa guutummaatti addadha. Sabni Yihowaa qooqa tokko dubbachuudhaan maqaasaatiif ulfina fidu. (1 Qor. 1:10) Abbaa keenya isa samii kan ta’e Yihowaadhaaf ulfina fiduuf qooqa qulqulluu kana yeroo kamiyyuu caalaa sirriitti dubbachuudhaan, obboloota addunyaa maratti argamanii wajjin ‘harka wal qabannee’ tajaajiluu keenya itti fufuuf murtoo haa goonu.—Faarfannaa 150:1-6 dubbisi.

Maal Jettee Deebista?

• Qooqni qulqulluun maalidha?

• Qooqa qulqulluu dubbachuun maalfaa dabalata?

• Qooqa qulqulluu akka gaariitti dubbachuuf maaltu nu gargaara?

[Gaaffiiwwan Qayyabannaa]

[Saanduqa fuula 23rra jiru]

Qooqa Qulqulluu Dubbachuutti Dandeettii Qabdan Guddifachuuf:

sirriitti dhaggeeffadhaa.

Luq. 8:18; Ibr. 2:1.

namoota qooqa sana akka gaariitti dubbatan fakkeessaa dubbadhaa.

1 Qor. 11:1; Ibr. 13:7.

yaadatti qabadhaa, akkasumas irra deddeebi’aa.

Yaq. 1:22-25; 2 Phe. 1:12.

sagalee dhageessisaa dubbisaa.

Far. 1:1, 2; Mul. 1:3.

akkaataa “ijaarsa himaa” hubadhaa.

2 Xim. 1:13.

guddina gochuu keessan itti fufaa.

Ibr. 5:11-14; 6:1, 2.

qayyabachuuf yeroo ramadaa.

Dan. 6:16, 20; Efe. 6:18.

dubbadhaa.

Rom. 10:10; Ibr. 10:23-25.

[Fakkii fuula 24rra jiru]

Sabni Yihowaa tokkummaadhaan “qooqa qulqulluu” dubbata