Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Gaaffii Dubbistootaa

Gaaffii Dubbistootaa

Gaaffii Dubbistootaa

Phaawulos Ergamaan xalayaa warra Ibrootaatiif barreesserratti waa’ee “harka mataa namaa irra kaa’uu” dubbatee ture. Jechisaa kun jaarsolii muuduumoo, wanta gara biraa kan argisiisudha?—Ibr. 6:2.

Kana ilaalchisee wanti ifatti dubbatame hin jiru. Haata’u malee, Phaawulos waa’ee harka mataa namaarra kaa’anii kennaa hafuura qulqulluu dabarsuu kan dubbate fakkaata.

Macaafni Qulqulluun harka mataarra kaa’uu, hojii Waaqayyootiif muuduu wajjin wal qabsiisee ibsa. Museen, Iyaasuun isatti aansee Israa’eloota akka geggeessu yommuu isa muude, ‘harkasaa isarra kaa’ee’ ture. (Kes. 34:9) Gumii Kiristiyaanaa keessatti namoonni ga’eessota ta’an tokko tokko, harki mataasaaniirra kaa’amuudhaan muudamu turan. (HoE. 6:6; 1 Xim. 4:14) Phaawulos warri itti gaafatamummaa qaban, harka mataa nama tokkoorra kaa’uutti akka hin ariifanne gorseera.—1 Xim. 5:22.

Haata’u malee, Phaawulos, Kiristiyaanonni Ibroota ta’an ‘dubbii isa gara jalqabaa’ dhiisanii, gara barsiisa ‘isa warra ga’aniif kennamuutti akka darban [“guddatan,” NW]’ isaan jajjabeessee ture. Achiis waa’ee, “hojii gara du’aatti geessu irraa yaada garaa geddarachuu, waa’ee waaqayyotti amanuus, barsiisa waa’ee cuuphaa, waa’ee harka mataa namaa irra kaa’uu” barreesseera. (Ibr. 6:1, 2) Jaarsolii muuduun, dubbii isa gara jalqabaa Kiristiyaanonni gara ga’eessummaatti irraa guddachuu qabanidhaa? Miti. Jaarsa gumii ta’uu jechuun, sadarkaa obboloonni ga’eessota ta’an irratti argamaniifi dinqisiifannaadhaan itti tajaajilanidha.—1 Xim. 3:1.

Haata’u malee, harka mataa namaarra kaa’uun faayidaa garabiraas qaba ture. Jaarraa jalqabaatti Yihowaan Israa’eloota warra foonii dhiisuudhaan, gumii Kiristiyaanota dibamoo jechuunis Israa’eloota hafuuraa eebbiseera. (Mat. 21:43; HoE. 15:14; Gal. 6:16) Afaan hin beekamneen dubbachuu dabalatee, dinqiiwwan kennaa hafuuraa ta’an kaanis kana kan argisiisan turan. (1 Qor. 12:4-11) Qorneelewosiifi maatiinsaa yommuu amantoota ta’aniifi “afaan dur hin beekneen dubbatan,” namoonni haaraan kun hafuura qulqulluu argachuunsaanii mul’atee ture.—HoE. 10:44-46.

Yeroo tokko tokko kennaan dinqii raawwachuu, harka mataa namaarra kaa’uudhaan kennama ture. Filiphos yommuu Samaariyaatti misiraachoo lallabe, namoonni baay’een cuuphamanii turan. Qaamni olaanaa ergamoota kan ta’an Phexrosiifi Yohannisiin achitti erge. Maaliif? Seenaansaa, “Ergamoonni [lamaan kun] harka isaanii isaan [bartoota dhiheenya cuuphaman] irra kaa’an, isaan immoo hafuura qulqulluu argatan” jedha. Kun, kennaa hafuuraa, jechuunis dandeettii ifatti mul’atu argachuusaanii kan argisiisu ta’uu qaba. Simi’oon inni duraan qoricha namatti gochaa ture, harka mataa namaarra kaa’anii hafuura qulqulluutiin dinqii raawwachuu horiidhaan bitachuu barbaaduunsaa, wanti hafuura qulqulluutiin hojjetamu kun ifatti kan mul’atu akka ture kan argisiisudha. (HoE. 8:5-20) Kana boodammoo namoonni 12 Efesoonitti cuuphamanii turan. Caqasichi, “Yeroo Phaawulos harka isaa isaan irra kaa’etti hafuurri qulqulluun isaan irratti bu’e; isaan afaan hin beekamneen haasa’an, raajiis in dubbatan” jedha.—HoE. 19:1-7; 2 Ximotewos 1:6 waliin ilaali.

Kanarraa ifatti hubachuun akka danda’amutti, Phaawulos Ibroota 6:2⁠rraatti dubbachaa kan ture, waa’ee harka mataa amantoota haaraarra kaa’anii kennaa hafuuraa kennuu ture jechuudha.