Yihowaan Bara Duriitti Sabasaa ‘Fureera’
Yihowaan Bara Duriitti Sabasaa ‘Fureera’
“Ariifadhuu na bira ga’i, yaa Waaqayyo! ati gargaarsa koo ti, furii koo tis.” —FAR. 70:5.
1, 2. (a) Waaqeffattoonni Yihowaa gargaarsasaa argachuuf kan kadhatan yeroo akkamiitti? (b) Gaaffii akkamiitu ka’a? Deebii gaaffii kanaa eessaa argachuu dandeenya?
ABBAANIIFI haati tokko bashannanaaf yommuu qe’eedhaa fagaatanii adeemanitti, intallisaanii umriinshee waggaa 23 ta’eefi gaa’ela godhatte tokko bakki isheen buute wallaalamuusaa dhaga’an. Gochi gara jabinaa isheerratti raawwatameera ta’a jedhanii shakkan. Yeruma sana mi’asaanii sassaabbatanii Yihowaan akka isaan gargaaru garaadhaa kadhachaa gara manaatti deebi’an. Dhugaa Baatuun umriinsaa waggaa 20 ta’e tokko, dhukkuba yeroo booda socho’uu akka hin dandeenye isa godhuun akka qabame hubate. Yeruma sana Yihowaa kadhachuutti ka’e. Haati qeentee taate tokko, hojii ofiisheetiifis ta’e intalashee waggaa 12tiif nyaata bituuf ishee gargaaru argachuun rakkisaa itti ta’ee ture. Wanta isheetti dhaga’ame hundumaa Yihowaatti himatte. Eeyyee, sabni Waaqayyoo yommuu qorumsi ykn rakkinni cimaan isaan mudatu, gargaarsa Waaqayyoo argachuuf akka kadhatan beekamaadha. Yeroo rakkinni guddaan sirra ga’etti Yihowaa waammattee beektaa?
2 Gaaffii barbaachisaan, Dhuguma Yihowaan kadhannaa gargaarsa argachuuf dhiheessinuuf deebii ni kennaa? jedhu ka’uu danda’a. Faarfannaa 70rratti deebii amantii namaa cimsu arganna. Faarfannaa garaa namaa tuqu kana kan barreesse Daawiti. Inni nama amanamummaadhaan Yihowaa waaqeffachaa ture yommuu ta’u, jireenyasaa keessatti qorumsawwan rakkisaa ta’an hedduun isa mudataniiru. Faarfatichi geggeessaa hafuura qulqulluutiin kaka’ee Yihowaadhaan, “Yaa Waaqayyo! ati gargaarsa koo ti, furii koo tis” jedheera. (Far. 70:5) Faarfannaa 70ffaa qorachuun keenya, nuyis yommuu rakkannu Yihowaa kadhachuu kan qabnu maaliif akka ta’eefi inni akka ‘nu furu’ guutummaatti abdachuu kan qabnu maaliif akka ta’e hubachuuf nu gargaara.
“Ati . . . Furii Koo Ti”
3. (a) Faarfannaa 70ffaan, kadhannaa gargaarsa ariifachiisaa akkamii argachuuf dhihaate qabateera? (b) Faarfannaa 70rratti Daawit amantaa akkamii akka qabu ibse?
3 Faarfannaan 70ffaan jalqabarrattis ta’e xumurarratti, kadhannaa atattamaan gargaarsa Waaqayyoo argachuuf dhihaate qabateera. (Faarfannaa 70:1-5 dubbisi.) Daawit, Yihowaan isa oolchuudhaaf akka ‘dafuufi’ akka ‘ariifatu’ kadhateera. Lakkoofsa lamaa hanga afuuriirratti, Daawit kadhannaa shan kan dhiheesse yommuu ta’u, isaan keessaa warri jalqabaa sadan namoota isa ajjeesuuf yaalii godhan ilaalchisee kan dhihaatanidha. Yihowaan diinotasaa kana akka isaaf mo’uufi sababii hamminasaaniitiif akka isaan qaanessu kadhateera. Kadhannaawwan lakkoofsa 4rratti argaman lamaan, waa’ee saba Waaqayyoo dubbatu. Daawit warri Yihowaa barbaadan akka gammadaniifi akka ol ol isa godhan kadhateera. Yihowaadhaan, “Ati gargaarsa koo ti, furii koo tis” jechuudhaan faarfannaasaa xumureera. Daawit akka nama kadhannaa dabalataa dhiheessuutti, “Furiikoo ta’i” akka hin jenne qalbeeffadhaa. Kanaa mannaa, “Ati furii kooti” jechuudhaan amanannaa qabu ibseera. Daawit gargaarsa Waaqayyoo akka argatu ni amana ture.
4, 5. Faarfannaa 70rraa waa’ee Daawit maal baranna? Nuhoo amanannaa akkamii qabaachuu dandeenya?
4 Faarfannaa 70ffaan Daawit nama akkamii ta’uusaa argisiisa? Yommuu diinotasaa warra lubbuusaa balleessuuf kutatanii ka’an argatetti, ofumasaatiif tarkaanfii fudhachuu hin filanne. Kanaa mannaa, Yihowaan yeroofi karaa inni barbaaduun diinotasaa kanarratti tarkaanfii akka fudhatu amanannaa qaba ture. (1 Sam. 26:10) Daawit, Yihowaan namoota isa barbaadan akka gargaaruufi akka oolchu amantii cimaa qaba ture. (Ibr. 11:6) Daawit, waaqeffattoonni dhugaan, Waaqayyo guddaa ta’uusaa warra kaanitti himuudhaan gammaduufi Yihowaa ol ol gochuuf sababii akka qaban ni amana ture.—Far. 5:11; 35:27.
5 Nuyis Kiristiyaanota dhugaa waan taaneef, akkuma Daawit, Yihowaan akka nu gargaaruufi akka ‘nu furu’ amantaa cimaa qabaachuu dandeenya. Kanaaf, yommuu rakkinni addaddaa nurra ga’uufi gargaarsi akka nu barbaachisu yommuu nutti dhaga’amu, gargaarsa Yihowaa argachuuf dafnee kadhachuu qabna. (Far. 71:12) Haata’u malee, Yihowaan kadhannaa gargaarsa argachuuf dhiheessinuuf akkamitti deebii nuu kenna? Yihowaan akkamitti akka nu gargaaru mari’achuu keenya dura, yeroo Daawit rakkina guddaa keessa turetti isa gargaaruudhaan karaawwan sadan kamiin akka isa fure haa ilaallu.
Mormitoota Jalaa Ooluu
6. Daawit, Yihowaan namoota qajeeloo akka furu beekuuf kan isa gargaare maalidha?
6 Daawit, namoonni qajeeloon gargaarsa Yihowaa argachuuf isatti amanamuu akka danda’an Caaffata Qulqullaa’oo barasaatti turanirraa hubateera. Yihowaan, yommuu namoota Waaqayyo malee jiraatanitti Bishaan Badiisaa fide, Nohiifi maatiisaa warra Waaqayyoon sodaatan oolcheera. (Uma. 7:23) Yommuu namoota Sodoomiifi Gomoraarratti ibiddaafi dhagaa boba’u waaqarraa isaanitti roobsemmoo, nama qajeelaa kan ta’e Looxiifi intalootasaa lamaan fureera. (Uma. 19:12-26) Yihowaan, yommuu Fara’oon isa of tuuluufi humna waraanaasaa Galaana Diimaa keessatti balleesse, sabasaa eeguudhaan badiisarraa isaan oolcheera. (Bau. 14:19-28) Ergasuu, Daawit faarfannaa garabiraarratti, “Waaqayyo isa fayyisuu dha” jedhee Yihowaa jajachuunsaa maal nama dinqisiisaree?—Far. 68:20.
7-9. (a) Daawit, Waaqayyo fayyisuuf humna qabaachuusaa akka amanu kan isa gargaare maalidha? (b) Daawit balaarraa ooluusaatiif eenyuun galateeffate?
7 Daawit, Yihowaan fayyisuuf humna qabaachuusaa guutummaatti akka amanu kan isa gargaare wanti kan biraanimmoo muuxannoo mataasaati. Daawit, “irreen bara baraa” Yihowaa, namoota isa tajaajilan akka furu muuxannoo ofiisaarraa argeera. (Kes. 33:27) Yeroo baay’ee Yihowaan ‘harka diinotasaa’ keessaa isa oolcheera. (Far. 18:17-19, 48) Fakkeenya tokko ilaalaa.
8 Daawit waraanarratti injifannoo argachuusaatiin dubartoonni Israa’el yommuu isa jajan, Saa’ol Mootichi hinaaffaadhaan waan guggubateef al lama eeboo isatti darbate. (1 Sam. 18:6-9) Daawit al lamaanuu qara eeboo sanaarraa ooleera. Daawit, balaa kanarraa kan oole, dandeettiifi si’aa’ina waan qabuuf turee? Hin turre. Seenaan Macaafa Qulqulluu, “Waaqayyo isaa wajjin waan tureef” ta’uusaa ibsa. (1 Saamu’el 18:11-14 dubbisi.) Yeroo booda, Saa’ol Filisxeemonni Daawitiin akka ajjeesan malli inni qopheesse akka jalaa fashalaa’e yommuu hubatu, “Saa’ol yeroo sana Waaqayyo akka Daawitii wajjin jiru arge.”—1 Sam. 18:17-28.
9 Daawit balaa kanarraa ooluusaatiin eenyuun galateeffate? Ibsi Faarfannaa 18 olitti argamu, Daawit, “Yeroo Waaqayyo . . . qabaa Saa’ol isa oolchetti . . . Waaqayyoon faarfate” jedha. Daawit, “Waaqayyo kattaa koo, masaraa koo, oolchaa koo tis; Waaqayyo koo da’oo dhagaa isa ani kooluu itti galuu dha” jedhee faarfachuudhaan, wanta itti dhaga’ame ibseera. (Far. 18:2) Yihowaan sabasaa oolchuu akka danda’u beekuun amantii namaa kan cimsu mitii?—Far. 35:10.
Siree Dhukkubaarratti Gargaarsa Argachuu
10, 11. Daawit dhukkuba Faarfannaa 41rratti ibsame kan dhukkubsate yoom akka ta’e beekuuf maaltu nu gargaara?
10 Faarfannaa 41rratti Daawit Mootichi yeroo tokko garmalee dhukkubsatee akka ture ibsameera. Daawit baay’ee dhukkubsatee ciisaa waan tureef, diinonnisaa tokko tokko lafa ciisee “deebi’ee hin ka’u” jedhanii yaadanii turan. (Lakkoofsa 7, 8) Daawit dhukkuba cimaa kanaan kan qabame yoom ture? Haala faarfannaa kanarratti ibsamerraa akka hubannutti, Daawit kan dhukkubsate yommuu ilmisaa Abiishaalom mootummaasaa fudhachuuf yaalii godhetti fakkaata.—2 Sam. 15:6, 13, 14.
11 Fakkeenyaaf Daawit, michuunsaa inni amanamaa ta’eefi buddeenasaa nyaate dabarsee isa kennuusaa dubbateera. (Lakkoofsa 9) Kun wanta yeroo tokko Daawitirra ga’ee ture nu yaadachiisuu danda’a. Yommuu Abiishaalom Daawitirratti ka’e, gorsaa Daawit isa amanamaa kan ture Ahiitofel, Abiishaalomii wajjin ta’uudhaan mootummaa Daawit garagalchuuf yaaleera. (2 Sam. 15:31; 16:15) Waa’ee mootii ol jechuullee dadhabee sireerra ciisu kanaa yaadaa. Mootiin kun, namoota isarratti ka’aniifi kaayyoosaanii isa hamaa galmaan ga’uuf du’asaa hawwaniin marfameera.—Lakkoofsa 5.
12, 13. (a) Daawit amanannaa akkamii akka qabu ibse? (b) Waaqayyo Daawitiin kan jajjabeesse akkamitti ta’uu danda’a?
12 Daawit, amantiin inni ‘isa nama fururratti’ qabu jalaa hin qabbanoofne. Nama qajeelaa Yihowaa waaqeffatuufi dhukkubaan qabame ilaalchisee Daawit, “Waaqayyo guyyaa hamaatti isa in oolcha; Waaqayyo siree dhukkubaa irratti ol isa in qaba, fayyisees siree dhukkubaa irraa isa in kaasa” jedheera. (Far. 41:1, 3) Asirrattis Daawit, ‘Waaqayyo akkas isaaf in godha’ jechuudhaan amanannaa qabu ibsuusaa qalbeeffadhaa. Daawit Yihowaan akka isa furu mirkanaa’aa ture. Akkamitti?
13 Daawit, Yihowaan karaa dinqii ta’een dhukkubasaarraa akka isa fayyisu hin eegne. Kanaa mannaa, Yihowaan akka ol isa qabu, jechuunis yeroo siree dhukkubaarra ciisu akka isa gargaaruufi akka isa jajjabeessu amantaa guutuu qaba ture. Daawit gargaarsi akkasii baay’ee isa barbaachisa ture. Dhukkuba humna isa dhabsiisu kana malees, diinota waa’eesaa waan hamaa dubbataniin marfamee ture. (Lakkoofsa 5, 6) Yihowaan Daawitiin kan jabeesse, yaadawwan nama jajjabeessan akka yaadatu gochuudhaan ta’uu danda’a. Daawit, “Ani balleessaa malee waanan argamuuf, ati ol qajeelchitee na qabda” jedheera. (Lakkoofsa 12) Daawit humnisaa yoo dadhabeefi diinonnisaa waan hamaa isarratti yoo dubbataniyyuu, Yihowaan amanamummaasaa ilaalee bakka guddaa akka isaaf kennu yaaduunsaas jajjabina isaaf argamsiisee ta’uu danda’a. Yeroo booda Daawit dhukkubasaarraa fayyeera. Yihowaan namoota dhukkubsatan akka gargaaru beekuun kan nama jajjabeessu mitii?—2 Qor. 1:3.
Nyaata Argachuu
14, 15. Daawitiifi namoonnisaa rakkina guddaarra kan bu’an yoom ture? Yeroo kanatti gargaarsa akkamii argatan?
14 Daawit yommuu Mootii Israa’el ta’e, nyaataafi dhugaatii gaggaarii kan argatu ta’uusaarrayyuu, warri kaanis isaa wajjin akka nyaatan afeera ture. (2 Sam. 9:10) Haata’u malee, Daawit nyaataafi dhugaatii dhabuun maal akka nama godhus argeera. Yommuu ilmisaa Abiishaalom isarratti ka’uudhaan mootummaasaarraa isa fonqolchuuf carraaqqii godhetti, Daawit namoota isaaf amanamoo ta’an muraasaa wajjin Yerusaalemii ba’e. Achiis biyya Giil’aad keessaa lafa onaa baha Laga Yordaanositti argamutti baqate. (2 Sam. 17:22, 24) Daawitiifi namoonnisaa baqattoota ta’uudhaan jiraachuuf kan dirqaman yommuu ta’u, waan nyaatan, waan dhuganiifi boqonnaa dhabanii rakkatanii turan. Lafa onaa sana keessatti wanta isaan barbaachisu eessaa argachuu danda’uree?
2 Saamu’el 17:27-29 dubbisi.) Daawit namoonni sadan kun isaaf amanamoo ta’uunsaaniifi isa gargaaruunsaanii garaasaa tuqee ta’uu qaba. Daawit, wanta namoonni kun isaa godhan akkamitti irraanfachuu danda’a?
15 Yeroo booda Daawitiifi namoonnisaa magaalaa Mahanaayim ga’an. Achittis namoota ija jabeeyyii ta’an sadii, jechuunis Shobii, Maakiiriifi Baarzilaayiin argatan. Abiishaalom mootii yoo ta’e nama Daawitiin deggeru adaba cimaadhaan akka adabu beekamaadha. Ta’uyyuu namoonni kun, nama Waaqayyo moosise kana deggeruudhaan lubbuusaanii balaadhaaf saaxiluuf of qopheessanii turan. Namoonni sadan kun, rakkina Daawitiifi namootasaa hubachuudhaan, wanta irra ciisan, qamadii, garbuu, midhaan akaa’amaa, akaayii baaqilaa, misira, damma, itittuufi hoolaa dabalatee wantoota isaan barbaachisan baay’ee isaanii fidan. (16. Daawitiifi namootasaatiif hunda caalaa wanta isaan barbaachisu kan kenne eenyu?
16 Daawitiifis ta’e namootasaatiif hunda caalaa wanta isaan barbaachisu kan kenne eenyu? Daawit, Yihowaan sabasaatiif kunuunsa akka godhu ni amana ture. Yihowaan tajaajiltootasaa warra rakkinarra jiran akka gargaaran gochuuf, hidhattoota amantaasaanii kakaasuu danda’a. Daawit wanta lafa onaa keessatti isarra ga’e yommuu yaadu, gaarummaa namoonni sadan isaa godhan kana akka gaarummaa Yihowaatti akka fudhate hin shakkisiisu. Daawit yommuu du’asaa jala ga’e, “Dargaggummaa argeera, dulluma biras ga’eera; garuu [isas dabalatee] namni qajeelaan utuu gatamuu, ijoolleen isaas waan nyaatan dhabanii utuu kadhatanii ani takkaa argee hin beeku” jechuudhaan barreesseera. (Far. 37:25) Harki Yihowaa matumaa gabaabaa akka hin taane beekuun nama hin jajjabeessuu?—Far. 10:3.
‘Yihowaan, Akka Itti Namoota Oolchu Ni Beeka’
17. Yihowaan irra deddeebi’ee maal argisiiseera?
17 Daawit, namoota Yihowaan bara duriitti fure keessaa isa tokko qofadha. Waaqayyo bara Daawitii jalqabee wanti Phexros, “Egaa gooftichi, namoota Waaqayyoof bulan qorama keessaa baasuu, . . . in beeka” jechuudhaan dubbate dhugaa ta’uusaa irra deddeebi’ee argisiiseera. (2 Phe. 2:9) Fakkeenyawwan garabiraa lama ilaalaa.
18. Yihowaan bara Hisqiyaasitti sabasaa kan oolche akkamitti?
18 Dh.K.D. bara 732tti, yommuu waraanni Asor Yihudaa weerareefi Yerusaalemiin sossodaachise, Hisqiyaas Mootichi, “Yaa Waaqayyo! Mootummoonni lafa irraa hundinuu Waaqayyo si duwwaa akka ta’e akka beekanitti, ati . . . nu oolchi!” jedhee kadhateera. (Isa. 37:20) Wanti guddaan Hisqiyaasiin yaaddesse, arrabsoo maqaa Yihowaarratti dhufu ture. Yihowaanis kadhannaa garaadhaa madde kanaaf deebii kenneera. Ergamaan Waaqayyoo tokko qofti halkanuma tokkotti, namoota Asor 185,000 ta’an ajjeesuudhaan, tajaajiltoota Yihowaa warra amanamoo ta’an oolcheera.—Isa. 37:32, 36.
19. Kiristiyaanonni jaarraa jalqabaa balaarraa kan oolan, akeekkachiisa kam hojiirra waan oolchaniif ture?
19 Yesus du’uusaa guyyoota muraasa dura, duuka buutotasaa warra Yihudaatti argamaniif raajiidhaan akeekkachiisa isaan fayyadu kenneefii ture. (Luqaas 21:20-22 dubbisi.) Haata’u malee, Dh.K.B. bara 66tti, Yihudoonni warra Roomaarratti ka’uunsaanii, warri Roomaa Yerusaalemiin balleessuuf akka kaka’an godheera. Waraanni Seestiyas Gaalasiin hoogganamu, masaraa mana qulqullummaa diiguu erga jalqabee booda, akkuma tasaa duubatti deebi’e. Kiristiyaanonni amanamoon, yeroon kun, badiisa Yesus ni dhufa jedhe jalaa ooluuf carraa akka isaanii argamsiisu hubachuudhaan gara gaarotaatti baqatan. Waraanni warra Roomaa Dh.K.B. bara 70tti deebi’ee kan dhufe yommuu ta’u, yeroo kanatti garuu Yerusaalemiin guutummaatti hanga balleessutti duubatti hin deebine. Kiristiyaanonni akeekkachiisa Yesus kenne hojiirra oolchan, balaa hamaa sanarraa oolaniiru.—Luq. 19:41-44.
20. Yihowaan akka ‘nu oolchu’ amanuu kan dandeenyu maaliifi?
20 Ragaawwan Yihowaan sabasaa akka gargaaru ibsanirratti yaaduun amantii namaa kan jabeessudha. Wanti inni kanaan dura raawwate, isarratti amantaa akka qabaannu nu gargaara. Rakkinni akkamiiyyuu amma ykn gara fuulduraatti yoo nurra ga’e, nuyis Yihowaan akka ‘nu oolchu’ isarratti amantaa cimaa qabaachuu dandeenya. Haata’u malee, Yihowaan kan nu oolchu akkamitti? Namoonni keeyyata jalqabaarratti ibsaman gargaarsa Yihowaa kan argatan akkamitti? Dhimma kana mataduree itti aanurratti haa ilaallu.
Ni Yaadattaa?
• Faarfannaa 70ffaan amantaa akkamii akka qabaannu nu gargaara?
• Daawit yommuu dhukkubsatetti gargaarsa kan argate akkamitti?
• Fakkeenyawwan Yihowaan sabasaa mormitootarraa ‘oolchuu’ akka danda’u argisiisan kamfa’i?
[Gaaffiiwwan Qayyabannaa]
[Fakkii fuula 6rra jiru]
Yihowaan kadhannaa Hisqiyaas dhiheesseef deebii kenneera