Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

“Agartuun” Yihowaa Hundumaa Qoree Ilaala

“Agartuun” Yihowaa Hundumaa Qoree Ilaala

“Agartuun” Yihowaa Hundumaa Qoree Ilaala

“Agartuun [Waaqayyoo] namoota qoree in ilaala.”—FAR. 11:4.

1. Namoota akkamiitti dhihaachuu jaallanna?

NAMOOTA garaasaaniitii siif yaadan ilaalchisee maaltu sitti dhaga’ama? Yommuu ati waan tokko isaan gaafattu, dhugaasaa sitti himu. Gargaarsi yoo si barbaachise, si gargaaruuf qophaa’oodha. Jaalalaan kaka’anii gorsa si barbaachisu sii kennu. (Far. 141:5; Gal. 6:1) Namoota akkasiitti dhihaachuun si hin gammachiisuu? Yihowaafi Ilmisaas amala akkasii qabu. Jaalalli siif qaban jaalala eenyuurrayyuu kan caaludha. Waan tokko kan sii godhan, haala ofittummaarraa walaba ta’eenidha. ‘Jireenya dhugaa harkakee keessa akka galfattu’ si gargaaruu barbaadu.—1 Xim. 6:19; Mul. 3:19.

2. Yihowaan tajaajiltootasaa hammam beeka?

2 Daawit faarfatichi, “[Waaqayyo] ija isaatiin ilmaan namaa in arga, agartuun isaas namoota qoree in ilaala” jechuudhaan, Yihowaan hangam akka nu beeku ibseera. (Far. 11:4) Eeyyee, Waaqayyo akkasumatti nu ilaaluu mannaa, qoree nu ilaala. Daawit, “Garaa koo keessa qortee halkanis dhuftee yoo na ilaalte, . . . hamaa yaaduu koo hin argitu” jechuudhaanis barreesseera. (Far. 17:3) Daawit Yihowaan akka gaariitti akka isa beeku hubatee ture. Garaansaa hamaa utuu yaadee, Yihowaa akka gaddisiisuufi isa biratti fudhatama akka dhabu beeka ture. Atis akkuma Daawit, Yihowaan wanta gootu hundumaa akka ilaalu sitti dhaga’amaa?

Yihowaan Garaa Namaa Ilaala

3. Yihowaan dogoggora cubbamoo ta’uu keenyaan hojjennuuf ilaalcha sirrii akka qabu kan argisiise akkamitti?

3 Yihowaan hunda caalaa keessa namummaa keenyaa, jechuunis garaa keenya ilaala. (Far. 19:14; 26:2) Waaqa jaalalaa waan ta’eef, dogoggora xixinnoo raawwannurratti hin xiyyeeffatu. Fakkeenyaaf, haadha manaa Abrahaam kan taate Saaraan yommuu ergamaa foon uffate sana sobde, ergamichi sodaachuufi qaana’uushee waan argeef, xinnuma isheetti dheekkame. (Uma. 18:12-15) Abbaa amantaa kan ta’e Iyoob, “Waaqayyoon qajeelaa gochuu irra ofii isaa qajeelaa of godhe.” Yeroo kanatti Yihowaan, Iyoob kana kan godhe Seexanni garmalee waan isa dhiphiseef ta’uusaa waan beekuuf, isa eebbisuu hin dhiisne. (Iyo. 32:2; 42:12) Kana malees, haati hiyyeessaa Saraaphtaatti argamtu, wanta isheetti dhaga’ame Eliyaas raajichatti yommuu dubbatte Yihowaan hin aarre. Waaqayyo ilmashee tokkicha dhabuusheetiin baay’ee gadduushee hubateera.—1 Mot. 17:8-24.

4, 5. Yihowaan Abiimelekiif akka yaadu kan argisiise akkamitti?

4 Yihowaan garaa namaa waan qoruuf, namoota isatti hin amanneefillee ni yaada. Yihowaan, biyya Filisxeem keessatti, wanta mootiin magaalaa Geraar Abiimelek raawwateef akkamitti furmaata akka kenne ilaali. Abiimelek, Saaraan haadha manaa Abrahaam ta’uushee waan hin beekneef, fudhatee haadha manaasaa ishee godhachuu barbaade. Haata’u malee, Abiimelek utuu isheerratti waan tokko hin raawwatin Yihowaan abjuudhaan akkas isaan jedhe: “Ati garaa keetti hamaa utuu hin yaadin kana akka goote ani iyyuu beeka; kanaaf ati akka ana hin yakkineef ani si dhowweera; ati akka ishee bira geessuufis ani karaa siif hin laanne. Amma haadha manaa namichaa galchiif! Innoo raajii dha! Inni siif in kadhata, atis in jiraatta.”—Uma. 20:1-7.

5 Yihowaan, Abiimelek isa waaqolii sobaa waaqeffatutti dheekkamuu danda’a ture. Haata’u malee, Waaqayyo namni kun kana kan raawwate garaa qulqulluudhaan akka ta’e beeka ture. Kanaafuu, Yihowaan mootichaaf dhiifama gochuudhaan, ‘jiraachuusaa’ itti fufuuf maal gochuu akka qabu itti hime. Atoo waaqeffachuu kan barbaaddu Waaqa akkasii mitii?

6. Yesus fakkeenya Abbaasaa kan hordofe karaawwan kamiini?

6 Yesus wanta gaarii bartoonnisaa raawwatanirratti xiyyeeffachuufi dogoggorasaanii bira darbuudhaan fakkeenya Abbaasaa akka gaariitti hordofeera. (Mar. 10:35-45; 14:66-72; Luq. 22:31, 32; Yoh. 15:15) Ilaalchi Yesus qabu, wanta inni Yohannis 3:17⁠rratti, “Waaqayyo biyya lafaatti farachiisuuf miti, biyyi lafaa isaan haa fayyuuf ilma isaa biyya lafaatti erge malee” jechuudhaan dubbatee wajjin kan wal simudha. Eeyyee, jaalalli Yihowaafi Yesus nuuf qaban guddaafi kan hin jijjiiramnedha. Kanammoo, jireenya akka argannu fedhii qabaachuusaaniirraa hubachuun ni danda’ama. (Iyo. 14:15) Jaalalli akkasii, Yihowaan maaliif akka nu qoru, ilaalcha akkamii akka nuu qabuufi wanta ilaalerratti tarkaanfii akkamii akka fudhatu beekuuf nu gargaara.—1 Yohannis 4:8, 19 dubbisi.

Karaa Jaalala Qabeessa Ta’een Qoramuu

7. Yihowaan maaliif nu qora?

7 Yihowaa, akka Poolisii samiirra taa’ee yommuu cubbuu hojjennu nu qabuuf ija nurraa hin buqqifanneetti ilaaluun dogoggoradha. Kan shakkiidhaan nu ilaaluufi yakka nurratti barbaadu Seexanadha. (Mul. 12:10) Seexanni, waan tokko kan goonu yaada sirrii hin taaneen kakaanee akka ta’e dubbata. (Iyo. 1:9-11; 2:4, 5) Faarfatichi, “Yaa Waaqayyo, utuu ati irra-daddarbaa namatti lakkooftee, silaa eenyutu si dura dhaabata, yaa gooftaa?” jechuudhaan waa’ee Waaqayyoo barreesseera. (Far. 130:3) Deebiinsaa, eenyuyyuu hin dhaabatu kan jedhudha. (Lal. 7:20) Kanaa mannaa, Yihowaan akkuma abbaan jaalala qabeessa ta’e tokko ijoolleesaa balaarraa eeguuf ijaan to’atu, ija gara laafinaafi gaarummaatiin nu ilaala. Yihowaan, balaarraa akka fagaannu gochuuf, cubbamoo ta’uu keenyaafi dadhabina keenya nu hubachiisa.—Far. 103:10-14; Mat. 26:41.

8. Yihowaan tajaajiltootasaa kan barsiisuufi kan adabu akkamitti?

8 Jaalalli Waaqayyoo, adabaafi barumsa karaa Caaffata Qulqullaa’oos ta’e karaa nyaata hafuuraa “hojjetaan amanamaanii fi ogeessi” kennuun ni mul’ata. (Mat. 24:45; Ibr. 12:5, 6) Yihowaan, karaa gumii Kiristiyaanaafi karaa “dhiirota kennaa” ta’aniis nu gargaara. (Efe. 4:8, NW) Leenjii abbaa keenya ta’uudhaan nuu kennuuf ilaalcha akkamii akka qabnu beekuuf kan nu ilaalu yommuu ta’u, caalaatti nu gargaaruus ni barbaada. Faarfannaan 32:8, “Waan gochuun siif ta’u sin hubachiisa, karaa irra adeemuun siif ta’u sittan argisiisa; sin gorsa, ija kootiinis sin to’adha” jedha. Kanaaf, yeroo hunda Yihowaa dhaggeeffachuun keenya barbaachisaa mitiiree? Inni Barsiisaafi Abbaa keenya isa jaalala qabeessa ta’uusaa hubachuudhaan, yeroo hunda isa duratti gad of deebisuun nu barbaachisa.—Maatewos 18:4 dubbisi.

9. Amalawwan akkamiirraa fagaachuu qabna? Maaliif?

9 Kanaafuu, kooraan, amantii dhabuudhaan ykn “gowwoomsaa cubbuutiin” mata jabeeyyii ta’uurraa haa fagaannu! (Ibr. 3:13; Yaq. 4:6) Yeroo baay’ee, namni tokko amala akkasii argisiisuu kan jalqabu, yaada ykn fedhii sirrii hin taane yommuu qabaatudha. Namni akkasii gorsa sirrii Caaffata Qulqullaa’oorratti hundaa’e gara diduutti deemuu danda’a. Namni kun, ilaalcha ykn gochasaa isa gadhee kanatti cichee jiraachuudhaan diina Waaqayyoo of gochuunsaammoo, kanarra kan hammaatu yommuu ta’u, kunimmoo haala sodaachisaadha! (Fak. 1:22-31) Ilma hangafaa Addaamiifi Hewwaan kan ta’e Qaayiniin akka fakkeenyaatti ilaali.

Yihowaan Waan Hundumaa Ilaalee Tarkaanfii Fudhata

10. Yihowaan kennaa Qaayin kan jibbe maaliif ture? Qaayin sana booda maal godhe?

10 Qaayiniifi Abeel yommuu Yihowaadhaaf aarsaa dhiheessan, Yihowaan kennaasaanii qofa utuu hin ta’in, yaada garaasaaniitiifis xiyyeeffannaa kenneera. Kanaafuu, kennaa Abeel amantaadhaan dhiheesse kan fudhate yommuu ta’u, kennaa Qaayin amantaa malee dhiheesse jibbuusaa ibseera. (Uma. 4:4, 5; Ibr. 11:4) Qaayin wanta kanarraa barumsa argachuudhaan ilaalchasaa sirreessuu mannaa, obboleessasaatti aaree boba’e.—Uma. 4:6.

11. Qaayin garaa jal’aa akka qabu kan argisiise akkamitti? Kanarraa barumsa akkamii arganna?

11 Yihowaan, ilaalchi Qaayin balaadhaaf akka isa saaxilu hubachuudhaan, wanta gaarii utuu hojjeteera ta’ee akka gammadu itti hime. Kan nama gaddisiisu, Qaayin gorsa Uumaansaa kenneef diduudhaan obboleessasaa ajjeese. Qaayin, gaaffii Waaqayyo, “Abeel obboleessi kee eessa jira?” jechuudhaan isaa dhiheesseef, “Ani hin beeku, obboleessa koo natu eegaa?” jedhee deebii kennuudhaan yaada garaa hamaa akka qabu argisiiseera. (Uma. 4:7-9) Garaan namaa gorsa Waaqayyo kallattiidhaan kennu hanga tuffatuttillee jal’aa ta’uu danda’a. (Er. 17:9) Kanaaf, seenaawwan akkasiirraa barachuudhaan yaadaafi fedhii gadheerraa dafnee haa fagaannu! (Yaaqoob 1:14, 15 dubbisi.) Gorsi Caaffata Qulqullaa’oorratti hundaa’e yommuu nuu kennamu, gorsa kana haa dinqisiifannu; akka waan jaalala Yihowaa argisiisuttis haa ilaallu.

Cubbuun Yihowaa Jalaa Dhokatu Hin Jiru

12. Yihowaan, namoota cubbuu hojjetanirratti tarkaanfii akkamii fudhata?

12 Namoonni tokko tokko yeroo cubbuu hojjetan namni isaan hin argine taanaan, adaba jalaa kan oolan isaanitti fakkaata. (Far. 19:12) Haata’u malee, cubbuun dhokatu tokkoyyuu hin jiru. “Wanti hundinuu saaqamaa ija isaa durattis mul’ataa dha; nus waan goone sababii isaa wajjin isatti himuun nu irra jira.” (Ibr. 4:13) Yihowaan, abbaa firdii yaada garaa namaa isa dhokataa ilaaluu danda’u waan ta’eef, cubbuu hojjetameef murtoo sirrii kennuudhaan tarkaanfii fudhata. Inni, ‘Waaqayyo isa oo’a-qabeessaafi araara qabeessa; aariitti suuta-jedhaa; gaarummaansaafi amanamummaansaa guddaadha.’ Haata’u malee, namoota qalbii hin geddaranneefi ‘jaallatanii beekaa cubbuu hojjetan’ ykn jal’oota ta’an ‘utuu hin adabin hin dhiisu.’ (Bau. 34:6, 7; Ibr. 10:26) Kun dhugaa ta’uunsaa, tarkaanfii Yihowaan Akaanirratti, Anaaniyaasiifi Safiiraarratti fudhaterratti mul’ateera.

13. Ilaalchi dogoggoraa, Akaan gocha gadhee akka raawwatu kan isa godhe akkamitti?

13 Akaan, abboommii Waaqayyo kenne cabsee, tarii maatiisaa wajjin ta’uudhaan wanta magaalaa Yerikootii booji’ame dunkaanasaa keessa dhokseera. Yommuu cubbuunsaa irratti beekamu, Akaan balleessaan inni hojjete cimaa ta’uusaa waan hubateef, “Ani dhugumaan Waaqayyo gooftaa Israa’el duratti cubbuu hojjedheera” jedhe. (Iya. 7:20) Akaanis akkuma Qaayin yaada garaa gadhee qaba ture. Rakkinni Akaan inni guddaan sassata yommuu ta’u, kunis hannatti isa geesseera. Wanti Yerikoodhaa booji’ame kan Yihowaa waan ta’eef, Akaan Waaqayyo jalaa akka hatetti kan lakkaa’amu yommuu ta’u, kunimmoo isas ta’e maatiisaa du’aaf saaxileera.—Iya. 7:25.

14, 15. Anaaniyaasiifi Safiiraan surraa Waaqayyoo kan dhaban maaliif ture? Nuyi kanarraa maal baranna?

14 Anaaniyaasiifi haati manaasaa Safiiraan, jaarraa jalqabaatti miseensota gumii Kiristiyaanaa Yerusaalem turan. Dh.K.B. bara 33 guyyaa Phenxeqostee booda, amantoota biyyoottan fagoodhaa dhufanii Yerusaalemitti argaman gargaaruuf buusiin qarshii ni godhama ture. Buusiin kunis fedhiidhaan kan godhamu ture. Anaaniyaas lafasaa gurguree, qarshii sana keessaa hamma tokko buusii kan godhe yommuu ta’u, haati manaasaas dhimma kana akka gaariitti beekti turte. Haata’u malee, qarshii lafasaa itti gurgure hundumaa kan kenne fakkeesse. Namoonni kun kana kan godhan, gumii keessatti ulfina guddaa argachuu barbaadanii akka ta’e hin shakkisiisu. Ta’us, gochisaanii kun gowwoomsaa ture. Yihowaan, wanti kun gowwoomsaa ta’uusaa Phexrosiif kan ibse yommuu ta’u, Phexros, Anaaniyaas maaliif gowwoomsaa kana akka raawwate isa gaafateera. Anaaniyaas yeruma sana lafa dha’ee du’e. Safiiraanis sana booda utuu baay’ee hin turin duute.—HoE. 5:1-11.

15 Anaaniyaasiifi Safiiraan dogoggora kana kan raawwatan akka tasaa hin turre. Ergamoota Yesus gowwoomsuuf itti yaadanii sobaniiru. Kan kanarra hammaatummoo, ‘hafuura qulqulluufi Waaqayyoon sobuusaaniiti.’ Tarkaanfiin Yihowaan fudhate kun, Inni fakkeessuun gumii keessatti akka hin mul’anne ittisuuf qophaa’aa ta’uusaa argisiisa. Dhugumayyuu “Waaqayyo isa jiraataa harka bu’uun guddaa sodaachisaa dha.”—Ibr. 10:31.

Yeroo Hunda Amanamoo Ta’aa

16. (a) Seexanni amala saba Waaqayyoo mancaasuuf kan yaalu akkamitti? (b) Seexanni naannoo keessanitti amala namootaa mancaasuuf mala akkamiitti fayyadama?

16 Seexanni amala keenya mancaasuufi Yihowaa biratti fudhatama nu dhabsiisuuf carraaqqii cimaa godha. (Mul. 12:12, 17) Biyyi lafaa kun saalqunnamtii seeraan ala ta’eefi yakkaan guutamuunsaa, yaada gadhee seexanni qabu kan argisiisudha. Fakkiiwwan fedhii saalqunnamtii kakaasan, kompiitaraan ykn meeshaawwan elektiriikii kaaniin salphaatti argachuun ni danda’ama. Malawwan Seexanaatiin akka hin gowwoomfamne of eeggannoo haa goonu. Yaanni keenya wanta Daawit faarfatichi, “Waa’ee jireenya balleessaa hin qabnee nan yaada, mana koo keessas garaa balleessaa hin qabneen nan jiraadha” jechuudhaan barreessee wajjin kan wal fakkaatu haa ta’u.—Far. 101:2.

17. (a) Yihowaan oolee bulee cubbuuwwan dhokataa ta’an ifatti kan baasu maaliifi? (b) Murtoon keenya maal ta’uu qaba?

17 Yihowaan akka dur darbee darbee gochaa ture, yeroo ammaatti cubbuu cimaafi soba karaa dinqii ta’een hin saaxilu. Ta’us, wanta hundumaa waan ilaaluuf, yeroofi karaa inni jedheen wantoonni dhokataa ta’an ifatti akka mul’atan godha. Phaawulos, “Cubbuun nama tokko tokkoo, dura bakkeetti mul’atee gara firdiitti isa geessa; cubbuun warra kaanii garuu booddeedhaan in mul’ata” jedheera. (1 Xim. 5:24) Yihowaan gocha gadhee tokko akka saaxilu kan isa godhu sababii inni guddaan jaalaladha. Yihowaan gumii Kiristiyaanaa waan jaallatuuf qulqullummaa gumii eeguu barbaada. Kana malees, namoota cubbuu hojjetaniifi dhugumaan qalbii geddarataniif ni oo’a. (Fak. 28:13) Kanaaf, garaa guutuudhaan gara Waaqayyootti deebi’uufi dhiibbaawwan yaada keenya mancaasan hundarraa fagaachuuf carraaqqii haa goonu.

Garaa Hin Hiramne Qabaadhaa

18. Daawit Mootichi ilmisaa Waaqayyoof miira akkamii akka qabaatu barbaada ture?

18 Daawit Mootichi ilmasaa Solomooniin, “Waaqayyo inni ani abbaan kee waaqessu garaa nama hundumaa qoree waan ilaaluuf, wanta yaadni namaa itti hidhamee jiru hundumaas waan hubatuuf, gooftummaa isaa beekiitii garaa guutuudhaan, fedha guutuudhaanis isaaf hojjedhu!” jedheen. (1 Sen. 28:9) Daawit, ilmisaa Waaqayyotti amanuu qofa utuu hin ta’in, waan kanarra caalus akka godhu barbaada ture. Solomoon, Yihowaan tajaajiltootasaatiif baay’ee waan yaaduuf akka isa galateeffatu barbaada ture. Atoo Yihowaa ni galateeffattaa?

19, 20. Akka Faarfannaan 19:7-11, jedhutti Daawit Yihowaatti akka dhihaatu kan isa gargaare maalidha? Nuhoo fakkeenya Daawit hordofuu kan dandeenyu akkamitti?

19 Yihowaan, namoonni garaa qajeelaa qaban garasaa akka dhufaniifi amalawwansaa warra gaggaarii ta’an beekuudhaan akka gammadan beeka. Kanaan kan ka’es, akka isa beeknuufi amalawwansaa warra gaggaarii akka hubannu barbaada. Kana gochuu kan dandeenyu akkamitti? Dubbiisaa qayyabachuufi jireenya keenya keessatti eebbawwansaa argachuudhaan kana gochuu dandeenya.—Fak. 10:22; Yoh. 14:9.

20 Macaafni Qulqulluun dubbiisaa akka ta’e hubachuudhaan guyyaa hunda ni dubbistaa? Wanta dubbiste hojiirra oolchuu akka dandeessutti ni kadhattaa? Faayidaa seerawwan bu’uuraa Macaafa Qulqulluu hojiirra oolchuun qabu ni hubattaa? (Faarfannaa 19:7-11 dubbisi.) Taanaan, amantiin Yihowaarratti qabdus ta’e, jaalalli isaaf qabdu guddachaa adeema. Innis, yeroo kamirrayyuu caalaa sitti dhihaachuudhaan, harkakee qabee sii wajjin adeema. (Isa. 42:6; Yaq. 4:8) Yihowaan, karaa dhiphoo jireenyatti geessurra yommuu adeemtu, karaa hafuuraa si eebbisuufi si eeguudhaan jaalalasaa sitti argisiisa.—Far. 91:1, 2; Mat. 7:13, 14.

Maal Jettee Deebista?

• Yihowaan qoree kan nu ilaalu maaliifi?

• Namoonni tokko tokko diinota Waaqayyoo akka ta’an kan godhe maalidha?

• Yihowaan akka nu ilaalu amanuu keenya akkamitti argisiisuu dandeenya?

• Garaa hin hiramneen Yihowaa waaqeffachuu kan dandeenyu akkamitti?

[Gaaffiiwwan Qayyabannaa]

[Fakkii fuula 4rra jiru]

Yihowaan akkuma abbaa ijoolleesaatiif yaaduutti kan nu ilaalu akkamitti?

[Fakkii fuula 5rra jiru]

Fakkeenya Anaaniyaasirraa barumsa akeekkachiisaa akkamii arganna?

[Fakkii fuula 6rra jiru]

Garaa guutuu Yihowaa tajaajiluu keenya akka itti fufnu maaltu nu gargaara?