Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Jireenya Barabaraa Argachuuf Aarsaa Hammamii Kaffaluu Feeta?

Jireenya Barabaraa Argachuuf Aarsaa Hammamii Kaffaluu Feeta?

Jireenya Barabaraa Argachuuf Aarsaa Hammamii Kaffaluu Feeta?

“Namni gatii lubbuu isaa maal kennuu danda’a ree?”—MAT. 16:26.

1. Yesus yaada Phexros kan morme maaliif ture?

PHEXIROS ergamaan wanta dhaga’etti baay’ee na’e! Barsiisaansaa inni jaalala qabeessa ta’e Yesus Kiristos, yeroo dhihoo booda akka dhiphatuufi akka ajjeefamu “mul’inatti” dubbate. Phexros wanti hamaan akka isarra hin geenye hawwuudhaan, “Waaqayyo si haa oolchu! Kun si irratti dhufuun hin ta’uuf” jedhee isatti dheekkamuutti ka’e. Yesus garuu Phexrosirraa garagalee duuka buutotasaa kaan ilaale. Isaanis akkuma Phexros ilaalcha dogoggoraa kan qaban fakkaata. Achiis Phexrosiin, “Na duraa turi Seexana nana! Ati gufuu anatti taate, ati kan namootaa malee kan Waaqayyoo hin yaaddu” jedheen.—Mar. 8:32, 33; Mat. 16:21-23.

2. Yesus ulaagaa duuka buutota dhugaarraa eegamu kan ibse akkamitti?

2 Phexros, Yesus yaada inni isaa dhiheesseef deebii cimaa akkasii kan kenne maaliif akka ta’e, wanta Yesus itti aansuudhaan dubbaterraa hubachuu hin oolu. Yesus “tuuta jaraa bartoota isaatii wajjin ofitti waamee,” akkas jedhe: “Namni tokko illee ana duukaa bu’uu yoo barbaade, waa’ee ofii isaa dhiisee, fannoo isaa isa anaaf jedhee baatu of irra kaa’atee, ana duukaas haa bu’u! Namni jireenya isaa oolfachuu yoo barbaade, jireenyi isaa duraa in fudhatama; namni anaa fi wangeelaaf jedhee jireenya isaa kennu immoo, isa in oolfata.” (Mar. 8:34, 35) Kanarraa hubachuun akka danda’amutti, Yesus lubbuusaa aarsaa gochuuf kan jiru ta’uusaa qofa utuu hin ta’in, namoonni duuka buutotasaa ta’anis tajaajila Waaqayyoorratti lubbuusaanii aarsaa gochuuf qophaa’oo akka ta’an isaanirraa eega ture. Kana yoo godhan eebba guddaa argatu turan.—Maatewos 16:27 dubbisi.

3. (a) Yesus dhaggeeffattootasaa gaaffiiwwan akkamii gaafate? (b) Gaaffiin Yesus inni lammaffaan, dhaggeeffattootasaa waa’ee maalii yaadachiisee ta’uu danda’a?

3 Yeroo kanatti Yesus, “Namni biyya lafaa guutummaatti buufatee, lubbuu isaa garuu yoo dhabe, bu’aan isaa maali ree? Namni gatii lubbuu isaa maal kennuu danda’a ree?” jechuudhaan gaaffiiwwan xiyyeeffannaa namaa harkisan lama kaaseera. (Mar. 8:36, 37) Akka ilaalcha namaatti deebiin gaaffii jalqabaa salphaadha. Namni tokko biyya lafaa guutummaatti buufatee, lubbuusaa ykn jireenyaasaa yoo dhabe faayidaa hin qabu. Qabeenyi kan bu’aa namaaf argamsiisu, yoo lubbuudhaan jiraatanii itti fayyadaman qofadha. Gaaffiin Yesus inni lammaffaan: “Namni gatii lubbuu isaa maal kennuu danda’a ree?” kan jedhu ture. Gaaffiin kun, namoonni isa dhaggeeffachaa turan himata Seexanni bara Iyoobitti, “Namni wanta qabu hundumaa lubbuu isaaf in kenna” jechuudhaan kaase akka yaadatan gochuu hin oolu. (Iyo. 2:4) Namoota Yihowaa hin waaqeffanne tokko tokkoof wanti Seexanni jedhe kun dhugaa ta’uu danda’a. Namoonni baay’een lubbuusaanii tursuuf qofa, waanuma barbaadan godhu; seera kamiyyuu ni cabsu. Kiristiyaanonni garuu ilaalcha kanarraa adda ta’e qabu.

4. Gaaffiiwwan Yesus kaase Kiristiyaanotaaf hiika guddaa kan qaban maaliifi?

4 Yesus gara lafaa kan dhufe, biyya lafaa isa ammaa kana keessatti fayyaa, qabeenyaafi umrii dheeraa nuu kennuuf akka hin taane beekna. Kanaa mannaa, addunyaa haaraa keessatti jireenya barabaraa akka argannuuf kan dhufe yommuu ta’u, nuyis abdii jireenyaa kanaaf iddoo guddaa laanna. (Yoh. 3:16) Kiristiyaanni tokko gaaffiin jalqabaa Yesus gaafate, “Namni tokko guutummaa biyya lafaa argatee abdii jireenya barabaraa yoo dhabe faayidaa maalii argata?” hiika jedhu akka qabu hubata. Deebiinsaa faayidaa tokkoyyuu hin argatu kan jedhudha. (1 Yoh. 2:15-17) Gaaffii Yesus lammatarratti kaase deebisuuf, ‘Abdii jireenyaa addunyaa haaraa keessatti argamu harkatti galfachuuf, amma aarsaa hammamii kaffaluufan fedhii qaba?’ jennee of gaafachuu qabna. Deebiin akkaataa jireenyaa keenyaan gaaffii kanaaf laannu, abdiin kun garaa keenya keessatti hangam cimaa akka ta’e kan argisiisudha.—Yohannis 12:25 waliin ilaali.

5. Kennaa jireenya barabaraa argachuu kan dandeenyu akkamitti?

5 Yesus, jireenyi barabaraa dadhabbii ofiitiin argama jechuusaa akka hin taane beekamaadha. Jireenyi yeroo gabaabaadhaaf amma jiraannullee kennaa Waaqayyooti. Jireenya kana bitachuu ykn waanuma fedhe goonuyyuu kan nuuf malu gochuu hin dandeenyu. Kennaa jireenya barabaraa argachuu kan dandeenyu, Yihowaa isa ‘warra isa barbaadaniif gatiisaanii kennutti’ akkasumas “Kiristositti amanuudhaan,” qofadha. (Gal. 2:16; Ibr. 11:6) Haata’u malee, “amantiin hojii gaarii hin argisiifne du’aa” waan ta’eef, amantaan keenya hojiidhaan argisiifamuu qaba. (Yaq. 2:26) Kanaaf, gaaffiiwwan Yesusirratti irra deddeebinee yommuu yaannu, biyya lafaa kanarratti aarsaa hammamii kaffaluuf fedhii akka qabnuufi amantaa dhugaa akka qabnu argisiisuuf, tajaajila Yihowaarratti maal raawwachuuf fedhii akka qabnu akka gaariitti yaaduu qabna.

“[Kiristos] Ofii Isaa Hin Gammachiifne”

6. Yesus maaliif dursa kenna ture?

6 Yesus wantoota yeroo sanatti biyya lafaarraa argamanirratti utuu hin ta’in, wantoota barbaachisaa ta’anirratti kan xiyyeeffate ta’uusaarrayyuu, jireenya qananii jiraachuuf jecha qabeenya argachuurraa fagaateera. Jireenyisaa aarsaa kaffaluufi Waaqayyoof abboomamuurratti kan xiyyeeffate ture. Of gammachiisuu mannaa, ‘Ani yeroo hundumaa kan Waaqayyoon gammachiisun hojjedha’ jedheera. (Yoh. 8:29) Yesus Waaqayyoon gammachiisuuf hammam fedhii qaba ture?

7, 8. (a) Yesus aarsaa akkamii kaffale? Eebba kan argatehoo akkamitti? (b) Gaaffii akkamii of gaafachuu qabna?

7 Yeroo tokko Yesus duuka buutotasaatiin, “Ilmi namaa . . . hojjechiifachuudhaaf hin dhufne, namootaaf hojjechuu fi, lubbuu isaa furii namoota baay’eedhaaf kennuuf dhufe malee” jedheera. (Mat. 20:28) Sana dura Yesus, yeroo dhihoo booda ‘lubbuusaa dabarsee akka kennu’ yommuu isaanitti himu, Phexros, kun akka isarratti hin raawwatamne isa gorseera. Ta’uyyuu, Yesus ejjennoosaa hin laaffisne. Fedhiisaatiin, lubbuusaa isa mudaa hin qabne ilmaan namootaatiif aarsaa godheera. Yesus, jireenya ofittummaarraa walaba ta’e waan jiraateef, abdiinsaa amansiisaa ture. Du’aa kaafamee, “gara mirga Waaqayyoo abbaatti ol fudhatame.” (HoE. 2:32, 33) Kanaan kan ka’es fakkeenya gaarii nuu ta’a.

8 Phaawulos, Kiristiyaanonni Roomaatti argaman “ofii [isaanii] gammachiisuudhaaf dhama’uu” akka hin qabne erga isaan gorsee booda, ‘Kiristos ofiisaa akka hin gammachiisne’ isaan yaadachiiseera. (Rom. 15:1-3) Nuhoo, gorsa ergamaa kanaa hojiirra oolchuudhaan fakkeenya Yesus hordofuuf hammam fedhii qabna?

Yihowaan Hamma Humna Keenyaa Nurraa Barbaada

9. Kiristiyaanni tokko Yihowaadhaaf of murteessuunsaa maal argisiisaa?

9 Seerri Musee, Ibroonni Israa’el durii keessatti garboota ta’an waggaa torba erga tajaajilanii booda ykn waggaa Iyobeeliyutti birmaduu akka ba’an dubbata. Haata’u malee filannaa garabiraas qabu turan. Garbi tokko gooftaasaa yoo jaallate, umriisaa guutuu maatii sana keessatti garba ta’ee jiraachuuf filachuu danda’a. (Keessa Deebii 15:12, 16, 17 dubbisi.) Nuyis yommuu Waaqayyoof of murteessinu filannaa akkasii gooneerra. Fedha keenya utuu hin ta’in, fedha Waaqayyoo raawwachuuf jaallannee walii galleerra. Kana gochuun keenya, Yihowaadhaaf jaalala guddaa akka qabnuufi barabaraaf isa tajaajiluuf fedhii akka qabnu argisiisa.

10. Qabeenya Waaqayyoo kan taane akkamitti? Kana beekuun keenya yaadaafi gocha keenyarratti dhiibbaa geessisuu kan qabu akkamitti?

10 Dhugaa Baatota Yihowaa wajjin kan qayyabattu, misiraachicha labsuurratti kan hirmaattuufi walga’iirratti kan argamtu yoo ta’e, galateeffamuu qabda. Yeroo dhihootti Yihowaadhaaf of murteessuuf akka kakaatuufi gaaffii namichi Itoophiyaa, “Akka ani hin cuuphamneef maaltu na dhowwa?” jechuudhaan Filiphosiin gaafate akka gaafattu ni abdanna. (HoE. 8:35, 36) Sana booda, walitti dhufeenyi ati Waaqayyoo wajjin qabdu, akkuma Kiristiyaanota Phaawulos, “Isin kan ofii keessanii miti. Waaqayyo gatiidhaan isin bitate” jechuudhaan isaanii barreessee ta’a. (1 Qor. 6:19, 20) Abdiin keenya samiis ta’e lafa, Yihowaadhaaf kan of murteessine yoo taane qabeenyasaa ta’uu keenyadha. Kanaaf, fedhii ofittummaa to’achuufi ‘garba namootaa ta’uu dhiisuun’ keenya baay’ee barbaachisaadha! (1 Qor. 7:23) Tajaajiltoota Yihowaa warra amanamoofi inni karaa barbaadeen itti fayyadamu ta’uun mirga guddaa mitii?

11. Kiristiyaanonni aarsaa akkamii akka dhiheessan gorfamaniiru? Aarsaawwan Seera Musee jalatti dhihaatanirratti akkuma ilaalame, kana jechuun maal jechuudha?

11 Phaawulos, “Namummaan keessan qulqullaa’aadhaa fi Waaqayyo duratti fudhatamaa akka ta’utti, aarsaa jiraatu gootanii akka isa dhi’eessitan isin nan gorsa; akkasittis hafuuraan Waaqayyoof in sagaddu” jechuudhaan hidhattoota amantaasaa gorseera. (Rom. 12:1) Gorsi kun, Yihudoonni Kiristiyaanota ta’an, aarsaa duuka buutota Yesus ta’uusaanii dura dhiheessaa turan akka yaadatan gochuu hin oolu. Seera Musee jalatti, horiiwwan iddoo aarsaa Yihowaarratti dhihaatan kan filataman ta’uu akka qaban beeku turan. Aarsaan mudaa qabu kamiyyuu fudhatama hin qabu ture. (Mil. 1:8, 13) Nuyis ‘namummaa keenya aarsaa jiraatu’ goonee ennaa dhiheessinu, haallisaa kanuma fakkaata. Yihowaadhaaf hamma humna keenyaa kennina malee, fedha dhunfaa keenyaa hunda erga guuttannee booda wanta nurraa hafe hin kenninuuf. Yommuu Waaqayyoof of murteessinu, humna, qabeenyaafi dandeettii keenya dabalatee, “lubbuu” ykn jireenya keenya guutummaatti isaa kennuuf waadaa galla. (Qol. 3:23) Kana jechuun maal jechuudha?

Yeroo Keessanitti Ogummaadhaan Fayyadamaa

12, 13. Karaan Yihowaadhaaf hamma humna keenyaa kennuu itti dandeenyu inni tokko maalidha?

12 Karaan Yihowaadhaaf hamma humna keenyaa itti kenninu inni tokko, yeroo keenyatti ogummaadhaan fayyadamuudha. (Efesoon 5:15, 16 dubbisi.) Kunimmoo of to’achuu gaafata. Biyyi lafaa kuniifi cubbuun dhaalle, yeroo keenya of gammachiisuufi faayidaa dhuunfaa keenyaatiif oolchuudhaan, karaa sirrii hin taaneen akka itti fayyadamnu dhiibbaa nurra geessisa. Dhugaadha, bashannanuufi itti gaafatama Kiristiyaanummaa keenyaa raawwachuuf hojii hojjechuu dabalatee, “wanti hundinuu yeroo qaba.” (Lal. 3:1) Haata’u malee, Kiristiyaanni of murteesse tokko yeroosaatti ogummaadhaan fayyadamuun isa barbaachisa.

13 Phaawulos yommuu Ateenaa daawwatu, “warri Ateenaa hundinuu, ormi achi jiraatanis, oduu haaraa odeessuu fi namoota irraas dhaga’uu malee, kan biraa yeroo isaanii kan itti dabarsan” akka hin qabne hubate. (HoE. 17:21) Yeroo har’aas namoonni baay’een haaluma akkasiitiin yeroosaanii balleessu. Yeroo ammaatti namoonni televijinii ilaaluu, taphawwan viidiyoo taphachuufi Intarneetii sakatta’uutti yeroosaanii balleessu. Wantoonni yeroo keenya saaman yeroodhaa gara yerootti baay’achaa jiru. Wantoota kanaaf xiyyeeffannaa yoo laanne, wantoota karaa hafuuraa nu barbaachisan dagachuu dandeenya. Yeroo booda, “waan wayyu,” jechuunis wanta Yihowaa tajaajiluu wajjin walitti dhufeenya qabu raawwachuuf akka yeroo hin qabne nutti dhaga’amuu danda’a.—Filp. 1:9, 10, hiika bara 1899.

14. Gaaffiiwwan kamiif xiyyeeffannaa kennuu qabna?

14 Kanaaf, tajaajilaa Yihowaadhaaf of murteessite waan taateef, gaaffiiwwan armaan gadii of gaafadhu: ‘Sagantaan guyyaa hundumaatiif baase Macaafa Qulqulluu dubbisuu, irratti xiinxaluufi kadhannaa gochuu kan dabalatudhaa?’ (Far. 77:12; 119:97; 1 Tas. 5:17) ‘Walga’iiwwan Kiristiyaanaatiif qophaa’uuf yeroo nan ramadaa? Walga’iirratti yaada kennuudhaan warra kaan nan jajjabeessaa?’ (Far. 122:1; Ibr. 2:12) Dubbiin Waaqayyoo, Phaawulosiifi Barnaabaas humna Yihowaatiin ‘yeroo dheeraadhaaf, ija jabummaadhaan akka lallaban’ nutti hima. (HoE 14:3) Haalakee sirreessitee tarii qajeelchaa ta’uudhaan, hojii lallabaarratti “yeroo dheeraa” dabarsuu dandeessaa?—Ibroota 13:15 dubbisi.

15. Jaarsoliin yeroosaaniitti ogummaadhaan kan fayyadaman akkamitti?

15 Phaawulosiifi Barnaabaas gumii Kiristiyaanaa Anxokiyaa keessa jiru yommuu daawwatan, isaaniin jajjabeessuuf ‘yeroo dheeraa amantootaa wajjin turan.’ (HoE. 14:28) Yeroo ammaas jaarsoliin jaalala qabeeyyii ta’an, warra kaan jajjabeessuurratti yeroo dheeraa dabarsu. Jaarsoliin tajaajila ba’uudhaan alattis, hoolota isaan jala jiran eeguuf, warra badan barbaaduuf, warra dhukkubsatan gargaaruufi itti gaafatamummaa hedduu gumii keessatti qaban raawwachuuf carraaqqii godhu. Obboleessa cuuphamte yoo taate, haallikee mirga tajaajilaa dabalataa kanarra ga’uuf carraaqqii akka gootu kan sii heyyamudhaa?

16. “Warra amantii keessa jiraniif gaarii” gochuu kan dandeenyu karaawwan kamiini?

16 Obboloonni baay’een, warra balaa namoonni uumaniin ykn balaawwan uumamaatiin qabeenyasaanii dhaban gargaaruudhaan gammachuu argataniiru. Fakkeenyaaf, obboleettiin umriinshee gara waggaa 65 ta’uufi Bet’elitti tajaajiltu tokko, namoota rakkinarra bu’aniif gargaarsa gochuuf yeroo baay’ee karaa dheeraa deemti turte. Yeroo boqonnaasheetti karaa kanaan kan fayyadamte maaliif ture? Akkas jetti: “Dandeettii adda ta’e yoon qabaachuu baadheyyuu, wanta barbaachisu hundaan gargaarsa gochuu danda’uunkoo mirga guddaadha. Amantaa obboloonnikoo warri qabeenyasaanii dhaban qaban arguukootiin, jajjabina guddaa argadheera.” Kana malees, obboloonni kumaan lakkaa’aman, ijaarsa Galma Mootummaafi Galmawwan Walga’iirratti ni hirmaatu. Sochiiwwan akkasiirratti hirmaachuudhaan, ofittummaarraa fagaannee “warra amantii keessa jiraniif gaarii” goona.—Gal. 6:10.

“Guyyaa Hundumaa Isinii Wajjin Nan Jira”

17. Abdii jireenya barabaraa argachuuf dhuunfaatti aarsaa akkamii kaffaluu feeta?

17 Hawaasni ilmaan namootaa inni Waaqayyorraa fagaate darbuuf jira. Yeroo kun itti ta’u sirriitti hin beeknu. Ta’us, “yeroon si’anaa kun dhumuu” jala akka ga’eefi ‘biyyi lafaa inni amma mul’atu kun akka dhidhimu [‘darbu,’ hiika bara 1899] beekna. (1 Qorontos 7:29-31 dubbisi.) Yeroon hafe xinnoo ta’uusaa beekuun keenya, gaaffiin Yesus, “Namni gatii lubbuu isaa maal kennuu danda’a ree?” jechuudhaan gaafate baay’ee barbaachisaa ta’uusaa nu hubachiisa. “Jireenya dhugaa” argachuuf aarsaa Yihowaan akka kaffallu barbaadu hunda akka kaffallu beekamaadha. (1 Xim. 6:19) Dhugumayyuu, abboommii Yesus ‘yeroo hundumaa akka isa duukaa buunuufi,’ [NW] ‘yaada keenya mootummaa Waaqayyootti akka hiinu’ nuu kenne hojiirra oolchuun baay’ee barbaachisaadha.—Mat. 6:31-33; 24:13.

18. Waa’ee maalii mirkanaa’oo ta’uu dandeenya? Maaliif?

18 Yesus duukaa bu’uun yeroo hunda salphaa akka hin taane beekamaadha. Akkuma Yesus akeekkachiise, isa duukaa bu’uun namoonni tokko tokko sirna kana keessatti lubbuusaanii akka dhaban godheera. Haata’u malee, nuyis akkuma Yesus, qorumsa, ‘kun sirra hin ga’in’ jedhu ni mormina. Abdii Yesus jaarraa jalqabaatti duuka buutotasaa warra dibamaniin, “Kunoo, ani immoo hamma dhuma baraatti guyyaa hundumaa isinii wajjin nan jira” jechuudhaan kennerratti amantaa qabna. (Mat. 28:20) Kanaaf, hanga dandeenyu yeroofi dandeettii keenya tajaajila qulqulluurratti haa dabarsinu. Kana gochuudhaan, Yihowaan rakkina guddaa keessaa akka nu oolchu ykn addunyaa haaraa keessatti du’aa akka nu kaasu amantaa qabaachuu keenya argisiisna. (Ibr. 6:10) Kana gochuudhaanis, jireenya kennaa ta’e kana akka waan guddaatti ilaaluu keenya argisiisna.

Deebiinkee Maalidha?

• Yesus Waaqayyoonis ta’e namoota tajaajiluuf fedhii guddaa akka qabu kan argisiise akkamitti?

• Namni tokko of ganuu kan qabu maaliifi? Kunoo kan danda’amu akkamitti?

• Israa’el durii keessatti Yihowaan aarsaawwan akkamii qofa fudhata ture? Kunoo yeroo ammaatti fakkeenya kan nuu ta’u akkamitti?

• Yeroo keenyatti ogummaadhaan fayyadamuu kan dandeenyu karaawwan kamiini?

[Gaaffiiwwan Qayyabannaa]

[Fakkii fuula 26rra jiru]

Yesus yeroo hunda wanta Waaqayyoon gammachiisu godha ture

[Fakkii fuula 28rra jiru]

Israa’eloonni dinqisiifannaa qaban, waaqeffannaa dhugaa deggeruuf waan qaban keessaa isa hundarra caalu kennaniiru

[Fakkii fuula 29rra jiru]

Yeroo keenyatti ogummaadhaan fayyadamuudhaan Waaqayyoon gammachiisna