Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Qabiyyee

Qabiyyee

Qabiyyee

Onkoloolessa 15, 2008

Maxxansa Qayyabannaa

TORBAN MATAREEWWAN ITTI QAYYABATAMAN:

Muddee 1-7, 2008

“Agartuun” Yihowaa Hundumaa Qoree Ilaala

FUULA 3

FAARFANNAA: 9 (37), 12 (113)

Muddee 8-14, 2008

Yihowaan Faayidaa Keenyaaf Jecha Nu Ilaala

FUULA 7

FAARFANNAA: 26 (212), 21 (191)

Muddee 15-21, 2008

Deebii Yihowaan Namoota Garaadhaa Isa Kadhataniif Kennu

FUULA 12

FAARFANNAA: 11 (85), 6 (45)

Muddee 22-28, 2008

Ulfina Walii Kennuuf Wal Dorgomtuu?

FUULA 21

FAARFANNAA: 23 (200), 15 (127)

Muddee 29, 2008–Amajjii 4, 2009

Jireenya Barabaraa Argachuuf Aarsaa Hammamii Kaffaluu Feeta?

FUULA 25

FAARFANNAA: 9 (37), 26 (212)

Kaayyoo Matadureewwan Qayyabannaa

Matadureewwan Qayyabannaa 1, 2 FUULA 3-11

Matadureewwan lamaan kun, Yihowaan wanta nurra ga’u hunda akka gaariitti akka beeku nuu mirkaneessu. Obsaan danda’uu keenya kan dinqisiifatu ta’uusaarrayyuu, wantoota nu yaaddessan beeka. Carraaqqii goonuufi wantoota tajaajiltootasaarra ga’an hunda ni beeka. Kana beekuun baay’ee nama jajjabeessa.

Mataduree Qayyabannaa 3 FUULA 12-16

Baay’een keenya jechoota Faarfannaa 83:18⁠rratti argaman beekna. Yaadawwan boqonnaa sana keessatti argaman kaanoo beeknaa? Matadureen kun, Faarfannaa 83⁠ffaan Kiristiyaanota yeroo ammaatti argamaniif jajjabina akka kennu ibsa.

Mataduree Qayyabannaa 4 FUULA 21-25

Phaawulos: “Walii keessaniif ulfina kennuudhaaf wal dorgomaa” jedheera. Warra kaaniif ulfina kennuu jechuun maal jechuudha? Ulfina kennuu kan qabu eenyu? Ulfina argachuu kan qabuhoo eenyu? Macaafa Qulqulluu keessatti fakkeenya akkamii arganna? Matadureen kun dhimma kana ilaalchisee yaadawwan gaggaarii qabateera.

Mataduree Qayyabannaa 5 FUULA 25-29

Gaaf tokko Yesus, “Namni gatii lubbuu isaa maal kennuu danda’a ree?” jechuudhaan gaafatee ture. Ati gaaffii kanaaf deebii akkamii kennita turte? Yesus yeroo “lubbuu” jedhu maal jechuusaati? Jireenyikee iddoo lubbuukeetiif kennitu ilaalchisee maal ibsa? Matadureen kun, gaaffiiwwan Yesus kaaseefi xiyyeeffannaa namaa harkisanirratti akka xiinxaltu si gargaara.

MATADUREEWWAN DABALATAA:

“Dhugumayyuu Kun Maqaa Waaqayyoo Isa Hunda Caalaa Qulqulluufi Guddaa Ta’edha”

FUULA 16

“Yihowaan Humnakooti”

FUULA 17

Dubbiin Yihowaa Jiraataadha—Yaadawwan Ijoo Macaafota Tiitoos, Filemoniifi Ibrootaa

FUULA 30