Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Ulfina Walii Kennuuf Wal Dorgomtuu?

Ulfina Walii Kennuuf Wal Dorgomtuu?

Ulfina Walii Kennuuf Wal Dorgomtuu?

“Walii keessaniif ulfina kennuudhaaf wal dorgomaa!”—ROM. 12:10.

1. Wanti biyyoota hedduutti hafaa dhufe maalidha?

BIYYOOTA tokko tokkotti, ijoollee xixinnoon yommuu namoota gurguddaa dubbisan jilbeenfatanii kabaja kennuunsaanii kan baramedha. Kana gochuunsaanii, hangafootasaaniirra dheeratanii akka hin argamne godha. Akkasumas, hawaasa akkasii keessatti, ijoolleen nama guddaatti dugda garagalchuunsaanii, akka isaan tuffatan argisiisa. Aadaawwan addaddaa keessatti, ulfinni kan ibsamu karaa addaddaa ta’uyyuu, kabajni akkasii kun Seera Musee nu yaadachiisa. Seerichi ajaja, “Ati nama mataa harrii yommuu argitu ka’iif! Nama dulloomaaf ulfina kenni!” jedhu ni dabalata. (Lew. 19:32) Biyyoota hedduutti namoota kabajuun kan hafe ta’uunsaa nama gaddisiisa. Yeroo ammaatti, namoota tuffachuun waan barame ta’eera.

2. Dubbiin Waaqayyoo eenyufaa akka kabajnu nutti hima?

2 Dubbiin Waaqayyoo kabajaaf bakka guddaa kenna. Yihowaafi Yesusiin akka kabajnu nutti hima. (Yoh. 5:23) Miseensota maatii keenyaa, hidhattoota amantaa keenyaafi namoota gumii Kiristiyaanaatii ala jiran tokko tokkos akka kabajnu ajajamneerra. (Rom. 12:10; Efe. 6:1, 2; 1 Phe. 2:17) Karaawwan Yihowaadhaaf ulfina akka laannu itti argisiisnu tokko tokko kamfa’i? Kiristiyaanotaaf ulfina ykn kabaja guddaa akka kenninu akkamitti argisiisna? Mee, gaaffiiwwan kanaafi kanaa wajjin walitti dhufeenya qaban kaanirratti haa mari’annu.

Yihowaafi Maqaasaatiif Ulfina Kennaa

3. Karaa guddaan Yihowaadhaaf ulfina itti laannu inni tokko maalidha?

3 Karaan guddaan Yihowaadhaaf ulfina akka laannu itti argisiisnu inni tokko, maqaasaatiif ulfina kennuudha. Nuyi ‘saba maqaasaatiif fudhatamnedha.’ (HoE. 15:14, hiika bara 1899) Dhugumayyuu, maqaa Yihowaa isa Waaqa hundumaa danda’uu baachuun ulfina guddaadha. Miikiyaas raajichi, “Sabni warri kaan hundinuu adduma addaan maqaa waaqayyolii isaaniitiin in deddeebi’u; nuyi garuu yeroo hundumaa bara baraan maqaa Waaqayyo keenya gooftichaatiin [“Yihowaatiin,” NW] in deddeebina” jedheera. (Mik. 4:5) Guyyaa hundumaa, karaa maqaa baanne kanaaf ulfina fiduun jiraachuudhaan, ‘maqaa Yihowaatiin deddeebina.’ Akkuma Phaawulos Kiristiyaanota Roomaa yaadachiisee ture, misiraachoo lallabnuu wajjin haala wal simuun yoo jiraachuu baanne, maqaan Waaqayyoo “in arrabsama,” ulfina qabus ni dhaba.—Rom. 2:21-24.

4. Mirga Yihowaadhaaf dhugaa ba’uuf argatte akkamitti ilaalta?

4 Hojii lallabaatiinis Yihowaadhaaf ulfina ni kennina. Bara duriitti Yihowaan sabni Israa’el dhugaa baatotasaa akka ta’an filatee kan ture ta’uyyuu, isaan garuu kana gochuu didaniiru. (Isa. 43:1-12) Yeroo baay’ee Yihowaarratti ka’an; “isa qulqulluu kan Israa’elis in aarsan.” (Far. 78:40, 41) Dhumarrattis, sabni sun Yihowaa biratti guutummaatti fudhatama dhabe. Nuyi garuu yeroo har’aa Yihowaadhaaf dhugaa ba’uufi maqaasaa beeksisuuf mirga waan arganneef baay’ee isa galateeffanna. Kana kan goonu, waan isa jaallannuufi maqaansaa qulqulluu ta’ee akka eegamu waan hawwinuufidha. Waa’ee Abbaa keenya isa samiifi kaayyoosaa utuu beeknuu, lallabuurraa akkamitti duubatti jechuu dandeenya? Phaawulos, “Kana himuun ana irraa in barbaadama; wangeela yoon lallabuu dhaabaadhe garuu, anaaf wayyoo!” jedhee ture; nuyis akkumasaa nutti dhaga’ama.—1 Qor. 9:16.

5. Yihowaatti amanamuun, isa kabajuu wajjin walitti dhufeenya kan qabu akkamitti?

5 Daawit faarfatichi, “Yaa Waaqayyo, warri maqaa kee beekan kooluu sitti in galu, ati warra si barbaadan hin ganne’o” jedheera. (Far. 9:10) Dhugumaan Yihowaa kan beeknuufi maqaasaatiif ulfina kan laannu yoo ta’e, akkuma tajaajiltoota bara duriitti isaaf amanamoo turanii isatti amanamna. Yihowaarratti amantaa akkasii qabaachuunis karaa isaaf ulfina itti laannu keessaa isa tokkodha. Dubbiin Waaqayyoo, Yihowaatti amanamuufi isa kabajuun walitti dhufeenya qabaachuusaa akka ibsu hubadhaa. Yeroo Israa’eloonni Isatti amanamuu dhiisanitti, Yihowaan, “Jarri kun hamma yoomiitti na tuffatu? Utuma ani isaan gidduutti milikkita garaa garaa argisiisaa jiruu, hamma yoomiitti anatti amanuu didu? jechuudhaan Musee gaafatee ture. (Lak. 14:11) Nuyi garuu karaa kanarraa faallaa ta’een, Yihowaan yeroo qoramnuttillee akka nu eeguufi akka nu gargaaru isatti amanamuudhaan, akka isa kabajnu argisiisuu dandeenya.

6. Yihowaadhaaf ulfina guddaa akka laannu kan nu kakaasu maalidha?

6 Yesus, ulfinni Yihowaadhaaf laannu garaadhaa kan madde ta’uu akka qabu dubbateera. Yesus, Yihowaan namoota waaqeffannaa garaadhaa hin maddine dhiheessan ilaalchisee, “Sabni kun afaan isaatiin ulfina anaaf kenna, garaan isaa garuu baay’ee anattii fagoo dha” jechuusaa ibseera. (Mat. 15:8) Garaadhaa Yihowaadhaaf ulfina kennuun, jaalala dhugaa isaaf qabnurraa kan maddudha. (1 Yoh. 5:3) Yihowaan, “Warra ulfina anaaf kennaniif ulfina nan kenna” jechuudhaan waadaa galuusaas beekna.−1 Sam. 2:30.

Jaarsoliin Warra Kaaniif Ulfina Kennu

7. (a) Obboloonni itti gaafatamummaa guddaa qaban, warra isaan jala jiran kabajuu kan qaban maaliifi? (b) Phaawulos hidhattoota amantaasaa kan kabaje akkamitti?

7 Phaawulos ergamaan, “Walii keessaniif ulfina kennuudhaaf wal dorgomaa!” jechuudhaan hidhattoota amantaasaa gorseera. (Rom. 12:10) Obboloonni gumii keessatti itti gaafatamummaa qaban, warra isaan jala jiraniif ulfina kennuuf ‘wal dorgomuudhaan’ fakkeenya ta’uu qabu. Obboloonni itti gaafatamummaa guddaan irra jiru, karaa kanaan fakkeenya Phaawulos hordofuu qabu. (1 Tasaloniiqee 2:7, 8 dubbisi.) Obboloonni gumiiwwan Phaawulos daawwatu keessa turan, wanta inni ofiisaatiif gochuu hin barbaanne akka godhan matumaa akka isaan hin gaafanne beeku turan. Phaawulos hidhattoota amantaasaa kabajuunsaa, isaanis akka isa kabajan godheera. Phaawulos, ofiisaa fakkeenya gaarii waan ta’eef, yommuu inni “Fakkeenya koo akka fudhattaniifan isin kadhadha” jedhe, namoonni hedduun fedhiidhaan fakkeenyasaa akka hordofan mirkanaa’oo ta’uu dandeenya.—1 Qor. 4:16.

8. (a) Yesus bartootasaa akka kabaju kan argisiise akkamitti? (b) Yeroo har’aa ilaaltonni olaanaa fakkeenya Yesus hordofuu kan danda’an akkamitti?

8 Karaan obboleessi itti gaafatamummaa qabu tokko warra isa jala jiran akka kabaju itti argisiisu inni kaanimmoo, wanta akka godhan barbaaduuf ykn qajeelfama isaanii kennuuf sababii dhiheessuudha. Kana gochuudhaan fakkeenya Yesus hordofa. Fakkeenyaaf Yesus, bartoonnisaa hojjettoonni midhaan sassaaban dabalataan akka ergaman akka kadhatan yeroo itti hime, sababiisaa isaaniif ibseera. Akkas jedheen: “Midhaan sassaabamu baay’ee dha, hojjetoonni sassaaban garuu muraasa; egaa hojjettoota warra midhaan sassaaban itti haa yaafatuuf, abbaa midhaanichaa kadhadhaa!” (Mat. 9:37, 38) Bartoonnisaa ‘akka dammaqan’ yommuu itti himus, “Kanaafis gooftaan keessan yoom akka dhufu hin beektan” jechuudhaan sababiisaa isaanii ibseera. (Mat. 24:42) Yeroo baay’ee Yesus, bartootasaatti waan gochuu qaban qofa utuu hin ta’in, maaliif akkas gochuu akka qabanis itti hima ture. Kana gochuudhaan akka isaan kabaju argisiiseera. Yesus, ilaaltota olaanaatiif fakkeenya gaarii ta’a!

Gumii Yihowaafi Qajeelfama Achii Kennamu Kabajaa

9. Gumii Kiristiyaanaa addunyaa maraafi bakka buutotasaa kabajuun maal argisiisa? Ibsi.

9 Yihowaa kabajuun, gumii Kiristiyaanaa addunyaa maratti argamuufi bakka buutotasaa kabajuu kan dabalatudha. Gorsa Caaffata Qulqullaa’oo, hojjetaa amanamaan nuu kennu yommuu fudhannu, qophii Yihowaa akka kabajnu argisiisna. Gumii Kiristiyaanaa jaarraa jalqabaa ture keessatti, Yohannis ergamaan namoota warra gumii keessatti muudaman tuffatan balaaleffachuuf dirqamee ture. (3 Yohannis 9-11 dubbisi.) Namoonni kun ilaaltota olaanaa qofa utuu hin ta’in, barumsaafi qajeelfama isaan kennanis tuffachaa akka turan, wanta Yohannis dubbaterraa hubachuun ni danda’ama. Kan nama gammachiisu garuu, Kiristiyaanonni hedduun kan akkasii hin turre. Yeroo ergamoonni Yesus lubbuudhaan turanitti, akkuma walii galaatti obboloonni warra geggeessitoota ta’aniif ulfina guddaa kennu turan.—Filp. 2:12.

10, 11. Gumii Kiristiyaanaa keessatti namoonni tokko tokko aangoo qabaachuunsaanii maaliif sirrii akka ta’e, Caaffata Qulqullaa’oorraa ibsi.

10 Namoonni tokko tokko, Yesus bartootasaatiin “Hundumti keessan obboloota” waan jedheef, gumii keessatti eenyuyyuu aangoo qabaachuu hin qabu jedhu. (Mat. 23:8) Haata’u malee, Caaffanni Qulqullaa’oon afaan Ibrootaas ta’e afaan Giriikii, Waaqayyo namoota hedduudhaaf aangoo kennee akka ture ibsu. Seenaan abboota amantaa, abboota firdiifi mootota Ibroota durii, Yihowaan namoota bakka buutotasaa ta’anitti fayyadamee qajeelfama akka kennu kan argisiisudha. Yihowaan, namoota warra aangoo qaban sirriitti hin kabajne adabeera.—2 Mot. 1:2-17; 2:19, 23, 24.

11 Haaluma wal fakkaatuun, Kiristiyaanonni jaarraa jalqabaa aangoo ergamoota Yesus kabajaniiru. (HoE. 2:42) Fakkeenyaaf, Phaawulos obbolootaaf qajeelfama kenneera. (1 Qor. 16:1; 1 Tas. 4:2) Innis namoota isarratti aangoo qabaniif fedhiidhaan bitameera. (HoE. 15:22; Gal. 2:9, 10) Dhugumayyuu Phaawulos aangoo gumii Kiristiyaanaa keessa jiruuf ilaalcha sirrii qaba ture.

12. Aangoo ilaalchisee fakkeenyawwan Macaafa Qulqulluurraa barumsa lamaan kam argachuu dandeenya?

12 Kanarraa barumsa lama arganna. Tokkoffaa, “hojjetaan amanamaanii fi ogeessi” karaa Qaama Olaanaasaa dhiirota muuduunsaa, deggersa Caaffata Qulqullaa’oo qaba. Akkasumas, dhiironni tokko tokko, dhiirota muudaman kaanirratti aangoo qabu. (Mat. 24:45-47; 1 Phe. 5:1-3) Lammaffaammoo, dhiirota muudaman dabalatee hundi keenya, warra nurratti aangoo qaban kabajuu qabna. Karaawwan namoota gumii Kiristiyaanaa addunyaa maratti argamu keessatti itti gaafatamummaa qaban kabajuu itti dandeenyu tokko tokko maalfa’i?

Daawwattoota Olaanaatiif Ulfina Kennaa

13. Bakka buutota gumii Kiristiyaanaa bara keenyatti argaman akka kabajnu argisiisuu kan dandeenyu akkamitti?

13 Phaawulos, “Obboloota nana, warra isin gidduutti hojiitti dadhaban, karaa gooftaas warra isin geggeessanii fi isin gorsan ulfinaan akka ilaaltan isin in kadhanna. Sababii hojii isaaniitiifis herregaa jaalalaatiin baay’ee ol isaan qabaa; walii keessan gidduuttis nagaa qabaadhaa!” jedheera. (1 Tas. 5:12, 13) Daawwattoonni olaanaa, namoota “hojiitti dadhaban” keessaa tokko akka ta’an beekamaadha. Kanaafuu, ‘baay’ee ol isaan qabuu’ ykn kabajuu qabna. Karaa kana itti goonu keessaa tokko, gorsaafi jajjabina nuu kennan garaa guutuudhaan fudhachuudha. Daawwataan olaanaa qajeelfama kutaa hojjetaa amanamaarraa dhufe yommuu nuu kennu, “ogummaan waaqa irraa” ‘tole akka jennu, [NW]’ godha.—Yaq. 3:17.

14. Gumiin, daawwattoota olaanaa garaadhaa akka kabaju akkamitti argisiisuu danda’a? Kana gochuunsaahoo bu’aa akkamii qaba?

14 Haata’u malee, wanta tokko karaa kanaan dura gochaa turerraa haala adda ta’een akka hojjennu yoo nutti himame maal goona? Ulfina argisiisuun, yeroo tokko tokko “Nuyi asitti waan akkasii hin barre” ykn “Kun bakka biraatti hojjechuu danda’a ta’a; gumii keenya keessatti garuu hin hojjetu” jennee yaaduudhaan, qajeelfama nuu kennamu mormuurraa fagaachuu kan gaafatu ta’uu danda’a. Kanaa mannaa, qajeelfama nuu kennamu hordofuuf carraaquu qabna. Gumiin kan Yihowaa akka ta’eefi Mataan gumiis Yesus akka ta’e beekuun keenya, kana gochuuf nu gargaara. Gumiin qajeelfama daawwataan olaanaa kenne gammachuudhaan hojiirra oolchuunsaa, dhugumaan obboleessa kana akka kabaju kan argisiisudha. Obboloonni gumii Qorontos, qajeelfama Tiitoos inni jaarsa gumii ta’eefi isaan daawwachuu dhaqe isaanii kenneef ajajamaniiru. Phaawulosis Tiitosiin kabajuusaaniitiin isaan galateeffateera. (2 Qor. 7:13-16) Har’as, qajeelfama daawwattoota olaanaarraa argannu hojjiirra oolchuuf fedhii qabaachuun keenya, tajaajilarratti gammachuu akka argannu nu gargaara.— 2 Qorontos 13:11 dubbisi.

“Namoota Hundumaaf Ulfina Kennaa”

15. Karaawwan hidhattoota amantaa keenya akka kabajnu itti argisiisnu tokko tokko kamfa’i?

15 Phaawulos, “Nama jaarsa akka abbaatti gorsi malee, hin ifatin! Namoota gara ijoollee akka obbolootaatti isaan qabi! Dubartoota maangoddoota akka haadhotaatti, warra gara ijoollees yaada qullaa’aadhaan akka obboleettotaatti gorsi! Warra abbaan manaa irraa du’e, dhugumaanis gargaartuu hin qabnetti ulfina argisiisi!” jechuudhaan barreesseera. (1 Xim. 5:1-3) Eeyyee, Dubbiin Waaqayyoo namoota gumii Kiristiyaanaa keessa jiran hundaaf ulfina akka laannu nu gorsa. Ta’us, obboleessa ykn obboleettiikee wajjin waldhabiinsi yoo uumamehoo? Kun, dirqama Kiristiyaanota hidhatakee ta’an kabajuuf sirra jiru akka hin raawwanne si dhowwamoo, amalawwan gaarii tajaajilaan Waaqayyoo sun qabu hubachuudhaan ilaalchakee sirreessuu dandeessa? Namoonni aangoo qaban, keessumaa “warra tika [isaanii] jala jiran irratti gooftummaa argisiisuu” dhiisuudhaan, obbolootasaanii kabajuu qabu. (1 Phe. 5:3) Dhugaasaa dubbachuuf, gumii Kiristiyaanaa jaalala dhugaa miseensotasaa gidduu jiruun beekamu keessatti, ulfina walii kennuuf carraa hedduu qabna.—Yohannis 13:34, 35 dubbisi.

16, 17. (a) Namoota lallabnuuf qofa utuu hin ta’in warra nu mormanis kabajuun keenya barbaachisaa kan ta’e maaliifi? (b) ‘Namoota hundumaaf ulfina kan kenninu’ akkamitti?

16 Namoota miseensa gumii Kiristiyaanaa ta’an qofa kabajna jechuu akka hin taane beekamaadha. Phaawulos, “Akkuma fucha argannetti, kottaa nama hundumaaf, . . . gaarii in hojjenna!” jechuudhaan Kiristiyaanota barasaa turaniif barreesseera. (Gal. 6:10) Dhugaadha, namni waliin hojjennu ykn waliin barannu waan sirrii hin taane nurratti kan raawwatu yoo ta’e, seera bu’uuraa kana hojiirra oolchuun rakkisaa ta’uu danda’a. Yeroo kanatti, gorsa, “Warra waan jal’aa hojjetanitti hin aarin” jedhu yaadachuu qabna. (Far. 37:1) Gorsa kana hojiirra oolchuun keenya, namoota nu mormanillee akka kabajnu nu gargaara. Haaluma wal fakkaatuun, namoota gad of qabnu ta’uun keenya, tajaajilarratti namoota hundaaf “arraba laafaadhaan nama safeeffachuudhaanis” deebii kennuuf nu gargaaruu danda’a. (1 Phe. 3:16) Haalli keenyaafi akkaataan uffannaa keenyallee, namoota lallabnuuf sana akka kabajnu argisiisuu danda’a.

17 Dhugumayyuu, walitti dhufeenya hidhattoota amantaa keenyaa wajjin ykn namoota gumiidhaa ala jiranii wajjin qabnuun, gorsa, “Namoota hundumaaf ulfina kennaa; obbolummaa amantootaa jaalladhaa; Waaqayyoon sodaadhaa; mootiidhaaf ulfina kennaa!” jedhu hojiirra oolchuuf carraaquu barbaanna.—1 Phe. 2:17.

Maal Jettee Deebista?

• Yihowaadhaaf,

• Jaarsolii gumiifi daawwattoota olaanaatiif,

• Miseensota gumii hundaaf,

• Namoota lallabduufiif

Ulfina kennuu kan dandeessu akkamitti?

[Gaaffiiwwan Qayyabannaa]

[Fakkii fuula 23rra jiru]

Kiristiyaanonni jaarraa jalqabaa aangoo qaama olaanaa kabajaniiru

[Fakkii fuula 24rra jiru]

Jaarsoliin bakka hundumaa jiraatan, daawwattoota olaanaa Qaamni Olaanaan muude ni kabaju