Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Akkuma Yesus ‘Seexana Mormaa’

Akkuma Yesus ‘Seexana Mormaa’

Akkuma Yesus ‘Seexana Mormaa’

“Seexanaan immoo mormaa! Innis isin dhiisee in baqata.”—YAQ. 4:7.

1. Yesus lafarratti eenyurraa mormiin akka isarra ga’u beeka ture? Dhumarrattoo maaltu ta’a?

YESUS KIRISTOS Seexanni mormii akka isarraan geessisu beeka ture. Kanas wanta Waaqayyo bofichaan jechuunis hafuuricha hamaa bofichaan fayyadamee dubbatetti akkas jechuudhaan dubbaterraa hubachuu dandeenya: “Ani sii fi dubartittii [kutaa jaarmiyaa Yihowaa ishee samii] gidduu, sanyii isheetii fi sanyii kee gidduus diinummaa nan buusa; inni [Yesus Kiristos] mataa kee in buruqsa, atis koomee isaa in iddita.” (Uma. 3:14, 15; Mul. 12:9) Yihowaan Yesusiin du’aa kaasee samiirratti ulfina waan isaa kenneef, koomeen Yesus iddamuunsaa, yommuu lafarra turetti ajjeefamuudhaan yeroodhaaf rakkinni akka isarra ga’u kan argisiisudha. Mataan bofichaa buruqfamuunsaa garuu, Seexanni barabaraaf akka balleeffamu argisiisa.—Hojii Ergamootaa 2:31, 32fi Ibroota 2:14 dubbisi.

2. Yihowaan, Yesus Seexana akka mo’u mirkanaa’aa kan ture maaliifi?

2 Yihowaan, Yesus yeroo lafarra turetti hojii isaa kenname guutummaatti akka raawwatuufi Seexana akka mormu mirkanaa’aa ture. Yihowaan hamma kana mirkanaa’aa ta’uu kan danda’e maaliifi? Samiirratti Yesusiin kan uumee yeroo dheeraa dura waan ta’eef, akka gaariitti isa argeera; akkasumas ilmisaa inni “hojjetaa” ta’eefi “uumama hundumaa duras dhalate” kun ajajamaafi amanamaa ta’uusaa beeka ture. (Fak. 8:22-31; Qol. 1:15) Kanaafuu, yeroo Yesus gara lafaatti ergameefi Seexanni hamma du’aatti akka isa qoru heyyamameefitti, Waaqayyo Ilmisaa tokkichi inni qulqulluun, mormii sana akka mo’u mirkanaa’aa ture.—Yoh. 3:16.

Yihowaan Tajaajiltootasaa Ni Eega

3. Seexanni, tajaajiltoota Yihowaatiif ilaalcha akkamii qaba?

3 Yesus, Seexanni ‘biyya lafaa kana kan seerratu’ ta’uusaa kan ibse yommuu ta’u, bartoonnisaas akkumasaa ari’atamuu akka danda’an isaan akeekkachiiseera. (Yoh. 12:31; 15:20) Kiristiyaanonni dhugaa Yihowaa waan tajaajilaniifi qajeelummaa waan lallabaniif, biyyi lafaa Seexanni seerratu kun isaan jibba. (Mat. 24:9; 1 Yoh. 5:19) Seexanni keessumaa dibamtoota lafarratti argamaniifi yeroo booda Kiristosii wajjin Mootummaa samiirratti bulchanirratti xiyyeeffata. Dhugaa Baatota hedduu lafa jannata taaturra barabaraaf jiraachuuf abdatanirrattis ni xiyyeeffata. Dubbiin Waaqayyoo, “Seexanni hamajaajiin keessan akka leenci yeroo beela’utti aadaa naanna’utti, nama liqimsuu barbaadee in naanna’a” jechuudhaan nu akeekkachiisa.—1 Phe. 5:8.

4. Sabni Waaqayyoo yeroo keenya kanatti mormii Seexanaa mo’uusaa kan mirkaneessu maalidha?

4 Akka jaarmiyaatti gargaarsa Yihowaa waan qabnuuf, Seexana mo’uu ni dandeenya. Mee yaadi: Waggoota 100 darbanitti, bulchitoonni hamoo ta’an tokko tokko Dhugaa Baatota Yihowaa lafarraa balleessuuf yaalanii turan. Haata’u malee, lakkoofsi Dhugaa Baatotaa guddachuusaa kan itti fufe ennaa ta’u, yeroo ammaa gumiiwwan addunyaa maraa 100,000 ol ta’an keessatti gara 7,000,000 ta’aniiru. Lafarraa kan badan bulchitoota hamoo isaan ari’achaa turan sanadha!

5. Haalli tajaajiltoota Yihowaa, Isaayaas 54:17 dhugaa ta’uusaa kan mirkaneesse akkamitti?

5 Waaqayyo gumii Israa’el duriitiif akkas jechuudhaan abdii kenneera: “Si balleessuudhaaf mi’i waraanaa yoo qopheeffame iyyuu, si miidhuu hin danda’u, dubbii warra firdii duratti si hammeessaniis in busheessita; kun wanta garboonni koo ana biraa argatanii dha, isa ani isaaniif dhugaa baasuu dhas.” (Isa. 54:17) Abdiin kun dhugaa ta’uunsaa, saba Yihowaa “guyyoota gara dhumaa” keessa jiranirratti mirkanaa’eera. (2 Xim. 3:1-5, 13) Seexana mormuu keenya ittuma fufna; Yihowaan nuu wajjin waan jiruuf mi’i waraanaa Seexanni saba Waaqayyoo balleessuuf qopheessu kamiyyuu hin milkaa’u.—Far. 118:6, 7.

6. Raajiin Daani’el bulchiinsi Seexanaa gara fuulduraatti maal akka ta’u nutti hima?

6 Yeroon biyyi lafaa hamaan kun guutummaatti itti balleeffamu kan dhihaate yommuu ta’u, yeroo kanatti bulchiinsi Seexanaa haxaa’amee bada. Daani’el raajichi hafuura Waaqayyootiin geggeeffamee akkas jechuudhaan raajii dubbateera: “Bara mootota sanaatti [yeroo ammaa jiraniitti] Waaqayyo inni waaqa irraa [samiirratti] mootummaa deebi’ee matumaa hin badne, isa mo’ichi isaas saba biraatti hin darbine dhaabuuf jira; inni mootummoota sana [yeroo ammaa jiran] hundumaa caccabsee in hurreessa, badduus isaan in baasa; ofii isaatii immoo bara baraan jabaatee in dhaabata.” (Dan. 2:44) Yeroo kun ta’utti, bulchiinsi Seexanaas ta’e bulchiinsi ilmaan namootaa cubbamoo ta’anii ni bada. Guutummaan sirna Seexanaa barabaraaf ni dhabama; Mootummaan Waaqayyoos mormii tokko malee guutummaa lafaarratti ni bulcha.—2 Phexros 3:7, 13 dubbisi.

7. Tajaajiltoonni Yihowaa, dhuunfaatti Seexana mormuu akka danda’an akkamitti beekna?

7 Jaarmiyaan Yihowaa badiisarraa akka ooluufi eebba Waaqayyoo argachuusaa akka itti fufu homaa hin shakkisiisu. (Faarfannaa 125:1, 2 dubbisi.) Nuhoo? Macaafni Qulqulluun, akkuma Yesus nuyis Seexana mormuu akka dandeenyu nutti hima. Raajiin Kiristos karaa Yohannis ergamaa kenne, namoota lafarra jiraachuuf abdii qaban keessaa “tuuta sonaan baay’ee” kan ta’an, Seexanni kan isaan mormu ta’uyyuu badiisa biyya lafaa kanaarraa akka oolan dubbata. Akka Caaffanni Qulqullaa’oon jedhanitti, “Fayyinni Waaqayyo keenya isa teessicha irra taa’u biraa, hoolicha [Yesus Kiristos] biraas in argama!” jedhu. (Mul. 7:9-14) Kiristiyaanonni dibamoon Seexana akka mo’aniifi hidhattootasaanii kan ta’an ‘hoolonni kan biraanis’ akka isa morman ibsameera. (Yoh. 10:16; Mul. 12:10, 11) Haata’u malee, kun carraaqqii guddaa gochuufi isa ‘hamaa akka nu oolchu’ kadhachuu kan gaafatudha.—Mat. 6:13.

Seexana Mormuudhaan Isa Fakkeenya Gaarii Nuu Ta’u

8. Qorumsi jalqaba Seexanni lafa onaatti Yesusiif dhiheesse maalidha? Yesusoo deebii maalii kenne?

8 Seexanni, Yesus amanamaa ta’ee akka itti hin fufne gochuuf yaaleera. Lafa onaatti, Seexanni, Yesus Yihowaadhaaf akka hin ajajamne gochuuf isa qoreera. Yesus garuu isa mormuudhaan fakkeenya gaarii nuu ta’eera. Yesus guyyaa 40fi halkan 40 erga soomee booda, baay’ee waan beela’eef nyaachuu akka barbaade beekamaadha. Seexanni, “Ati dhugumaan ilma Waaqayyoo yoo taate, dhagoonni kun buddeena akka ta’aniif abboomi!” jedheen. Yesus garuu, humna Waaqayyo isaaf kennetti gargaaramee faayidaa dhuunfaasaa guuttachuu akka hin barbaanne ibseera. Kanaa mannaa Yesus, “Caaffata qulqullaa’aa keessatti ‘Namni nyaata duwwaadhaan hin jiraatu, dubbii afaan Waaqayyoo keessaa ba’u hundumaan malee’ kan jedhu caafameera” jedhe.—Mat. 4:1-4; Kes. 8:3.

9. Yaalii Seexanni fedhii foonii keenyatti fayyadamuuf godhu mo’uu kan qabnu maaliifi?

9 Yeroo har’aatti Seexanni, fedhii foonii tajaajiltoonni Yihowaa qabanitti fayyadamuu barbaada. Kanaafuu, qorumsa saalqunnamtii seeraan ala ta’eefi biyya lafaa addaggee kana keessatti babal’ate mo’uuf haa murteessinu. Dubbiin Waaqayyoo akkas jechuudhaan akeekkachiisa cimaa kenna: “Egaa warri jal’oonni mootummaa Waaqayyootti akka hin galle hin beektanii ree? Hin gowwoominaa! Warri halaleen, warri waaqayyolii tolfaman waaqessan, warri ejjan, warri gadhaa’an, warri nama gadhoomsanis, . . . matumaa mootummaa Waaqayyootti hin galan.” (1 Qor. 6:9, 10) Kanaaf, namoonni jireenya addaggummaa jiraataniifi jijjiiramuu hin barbaanne, addunyaa haaraa Waaqayyo fidu keessa akka jiraatan hin heyyamamuuf.

10. Maatewos 4:5, 6 akka jedhutti, qorumsi kan biraan Seexanni amanamummaa Yesus laaffisuuf itti fayyadame maalidha?

10 Qorumsa lafa onaa keessatti Yesusiin mudate ilaalchisee, Caaffanni Qulqullaa’oon akkas jedhu: “Seexanni ammoo gara mandara qulqullaa’aatti isa geessee, fittee guutuu mana qulqullummaa irras dhaabachiisee, ‘Ati dhugumaan ilma Waaqayyoo yoo taate kana irraa gad of darbadhu, “Inni ergamoota isaa siif in abbooma, miilli kee dhagaatti akka hin buunettis isaan harka isaanii irratti si in baatu” kan jedhu caafameera’ ittiin jedhe.” (Mat. 4:5, 6) Seexanni, Yesus carraa kanatti fayyadamuudhaan dinqii raawwatee Masiihii ta’uusaa akka argisiisu isa afeeruusaa ta’uu danda’a. Haata’u malee, Yesus utuu kana godheera ta’ee, gochisaa kun sirrii kan hin taane, gocha of tuulummaa, akkasumas surraafi deggersa Waaqayyoo kan isa dhabsiisu ta’a ture. Yeroo kanattis Yesus caqasa caqasuudhaan amanamummaasaatiin akka itti fufu ibseera. “‘Waaqayyo kee goofticha gar-malee hin eeggatin’ kan jedhus immoo caafameera” jedhe.—Mat. 4:7; Kes. 6:16.

11. Seexanni karaa kamiin nu qoruu danda’a? Qorumsi kunoo rakkina akkamii nutti fiduu danda’a?

11 Seexanni, karaa addaddaatiin ulfina akka barbaannu gochuudhaan nu qoruu danda’a. Akkaataa uffannaafi filannaa keenyaan faashinii akka hordofnu ykn bashannana sirrii hin taanerratti akka hirmaannus nu kakaasuu danda’a. Haata’u malee, gorsa Macaafa Qulqulluu didnee biyya lafaa yoo fakkaanne, ergamoonni Waaqayyoo rakkina gochi keenya nutti fidurraa nu eegu jennee yaaduu dandeenyaa? Daawit Mootichi cubbuu Baat-Sheebaa wajjin hojjeteef qalbii kan geddarate ta’us, rakkina cubbuusaatiin itti dhuferraa eegumsa hin arganne. (2 Sam. 12:9-12) Karaawwan sirrii hin taaneen, tarii biyya lafaa wajjin michummaa uumuudhaan Yihowaa qoruurraa of haa eegnu.—Yaaqoob 4:4fi 1 Yohannis 2:15-17 dubbisi.

12. Qorumsi Maatewos 4:8, 9⁠rratti ibsame maalidha? Ilmi Waaqayyoo qorumsa kana kan mo’e akkamitti?

12 Qorumsi Seexanni lafa onaa keessatti itti fayyadame kaanimmoo, Yesusiif aangoo siyaasaa kennuuf afeerrii dhiheessuu ture. Seexanni, mootummoota biyya lafaa hundaafi ulfinasaanii Yesusitti erga argisiisee booda, “Lafa dhooftee anaaf yoo sagadde, isaan kana hundumaa siif nan kenna” jedheen. (Mat. 4:8, 9) Seexanni, saalfii tokko malee Waaqeffannaa Yihowaadhaaf qofa dhihaachuu qabu fudhachuufi Yesusimmoo Waaqayyoof amanamaa akka hin taane gochuuf yaalii akkasii godheera! Ergamaan amanamaa ture sun, hawwii waaqeffatamuuf qaburratti xiinxaluusaatiin kan ka’e, Seexana isa cubbamaa, ofittoo, hamaafi qortuu of godhe. (Yaq. 1:14, 15) Haala kanarraa guutummaatti adda ta’een, Yesus Abbaasaa isa samiitiif amanamaa ta’ee jiraachuuf waan murteesseef, “Seexana nana, argaa koo duraa turi! ‘Waaqayyo kee gooftichaaf jilbeenfattee sagadi isa duwwaafis hojjedhu!’ kan jedhu caafameera” jechuu danda’eera. Yeroo kanattis, Yesus jecha ifaafi hin shakkisiisneen Seexana mormeera. Ilmi Waaqayyoo biyya lafaa Seexanaa kan ofii godhachuufi matumaa isa hamaa sana waaqeffachuu hin barbaanne!—Mat. 4:10; Kes. 6:13; 10:20.

“Seexana . . . Mormaa Innis Isin Dhiisee In Baqata”

13, 14. (a) Seexanni mootummoota biyya lafaa hunda Yesusitti argisiisuudhaan maal isa afeere? (b) Seexanni nu xureessuuf kan yaalu akkamitti?

13 Seexanni, mootummoota biyya lafaa hundumaa Yesusitti argisiisuudhaan, aangoo namni kamiyyuu argatee hin beekne isaa kennuuf isa afeere. Seexanni, wanti Yesus ilaale sun isa gammachiisee, bulchaa siyaasaa lafa kanarratti aangoo guddaa qabu akka ta’u isa amansiisa jedhee yaadee ture. Yeroo har’aa Seexanni mootummoota nuu kennuuf afeerrii hin dhiheessu. Ta’uyyuu, wanta arginu, dhageenyuufi yaannutti fayyadamee garaa keenya xureessuuf yaala.

14 Biyya lafaa kana kan to’atu Seexanadha. Kanaafuu, sabqunnamtii biyya lafaa kanaa kan to’atu isadha. Kanaan kan ka’es, wanti biyyi lafaa kun akka ilaallu, akka dhaggeeffannuufi akka dubbisnu nuu dhiheessu, addaggummaafi yakkaan kan guutame ta’uunsaa homaa nama hin dinqisiisu. Beeksisni biyyi lafaa dhiheessu, wantoota nu hin barbaachisne hedduu bitachuuf akka hawwinu godha. Seexanni yeroo hundumaa meeshaawwan ija, gurraafi sammuu keenyatti tolanitti fayyadamuudhaan nu qora. Haata’u malee, wantoota Caaffata Qulqullaa’oo wajjin wal hin simne ilaaluu, dhaggeeffachuufi dubbisuu yommuu didnu, “Seexana nana argaa koo duraa turi!” jechaa jirra jechuudha. Kana yoo goone, biyya lafaa kan Seexanaa ta’e kanaaf tole jechuu dhiisuutti cimoofi gara kuteeyyii ta’uudhaan fakkeenya Yesus hordofna. Bakka hojiitti, mana barumsaatti, ollaawwaniifi firoottan keenya biratti Dhugaa Baatota Yihowaafi duuka buutota Kiristos ta’uu keenya ija jabinaan ibsuudhaanis, kutaa biyya lafaa Seexanni seerratu kanaa akka hin taane ni argisiisna.—Maarqos 8:38 dubbisi.

15. Seexanaan mormuun yeroo hundumaa dammaqoo ta’uu kan gaafatu maaliifi?

15 Yesus amanamummaa Waaqayyoof qabu akka laaffisu gochuuf yeroo sadaffaadhaaf yaalee isaaf ta’uu didnaan, “Seexanni isa dhiise.” (Mat. 4:11) Haata’u malee, “Seexanichi immoo [lafa onaatti] Yesusin karaa garaa garaatiin erga qoree, hamma yerootti isa biraa sokke” kan jedhu waan barreeffameef, Seexanni hamma dhumaatti Yesusiin qoruusaa hin dhiisne. (Luq. 4:13) Seexana mormuudhaan milkaa’ina yommuu argannu, Yihowaa galateeffachuu qabna. Ta’us, Seexanni yeroo nuyi yaadne qofaatti utuu hin ta’in yeroo isaaf mijaa’aa ta’etti nu qoruuf deebi’ee waan dhufuuf, yeroo hunda gargaarsa Yihowaa barbaaduu qabna. Yeroo hundumaa dammaqoo ta’uufi qorumsi akkamiiyyuu yoo nutti dhufe Yihowaadhaaf tajaajila qulqulluu dhiheessuu keenya itti fufuuf qophaa’oo ta’uu qabna.

16. Yihowaan humna guddaa akkamii nuu kenna? Humna kana argachuuf kadhachuu kan qabnu maaliifi?

16 Seexana mormuu akka dandeenyu, hafuura Waaqayyoo isa uumama cufa keessatti humna guddaa qabu argachuuf kadhachuufi hafuura kana akka argannu amantaa qabaachuu qabna. Hafuurri kun, wantoota humna keenyaan raawwachuu hin dandeenye raawwachuuf nu gargaara. Yesus, “Isin hamoota taatanii utuu jirtanii, ijoollee keessaniif kennaa gaarii kennuu erga beektanii, abbaan keessan inni waaqa irraa immoo, hammam isin caalaa warra isa kadhataniif hafuura qulqulluu kenna!” jechuudhaan, hafuura kana argachuun akka danda’amu duuka buutotasaatiif mirkaneesseera. (Luq. 11:13) Hafuura qulqulluu argachuuf, Yihowaa kadhachuu keenya itti haa fufnu. Gargaarsa hafuura humna guddaa qabu kanaatiin murtoo Seexana mormuuf gooneen milkaa’ina argachuu dandeenya. Yeroo hundumaafi garaa guutuudhaan kadhachuu malees, ‘haxxummaa Seexanaa mormuu akka dandeenyutti’ mi’a lolaa hafuuraa isa kan Waaqayyoo guutummaatti hidhachuun keenya barbaachisaadha.—Efe. 6:11-18.

17. Yesus Seexana akka mormu kan isa gargaare gammachuu akkamiiti?

17 Wanti Yesus Seexanaan akka mormu isa gargaareefi nu gargaaruu danda’u kan biraanis jira. Macaafni Qulqulluun, “[Yesus] gammachuu fuula isaa dura jiru sanaaf jedhee, fannoo irratti du’uu isaatiif yeelloo isa irra ga’e homaatti utuu hin lakkaa’in, obsaan fannoo irratti du’uu in danda’e; ergasiis gara mirga teessoo Waaqayyoo taa’e” jedha. (Ibr. 12:2) Olaantummaa Yihowaa deggeruudhaan, maqaasaa isa qulqulluudhaaf ulfina kennuudhaan, akkasumas abdii jireenya barabaraa of dura kaa’uudhaan, nuyis gammachuu akkasii argachuu dandeenya. Yeroo Seexanniifi hojiinsaa hundi barabaraaf badu, akkasumas ‘warri garraamonni lafa qabaataniifi [‘dhaalaniifi,’ NW] nagaa guututti jiraachuu isaaniitiin sonaan gammadan’ baay’ee gammadna! (Far. 37:11) Kanaafuu akkuma Yesus, Seexana mormuu keessan itti fufaa.—Yaaqoob 4:7, 8 dubbisi.

[Gaaffiiwwan Qayyabannaa]

[Fakkii fuula 29rra jiru]

Michuu biyya lafaa ta’uun diinota Waaqayyoo nu godha

[Fakkii fuula 31rra jiru]

Yesus, afeerrii Seexanni mootummoota biyya lafaa hunda isaa kennuuf dhiheesse dideera

[Fakkii fuula 31rra jiru]

Maal Jettee Deebista?

• Yihowaan sabasaa akka eegu kan argisiisu maalidha?

• Yesus Seexana mormuudhaan fakkeenya kan nuu ta’e akkamitti?

• Seexana mormuu kan dandeessu karaawwan kamiini?