Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Dafanii Akka Deebi’an Gargaaraa!

Dafanii Akka Deebi’an Gargaaraa!

Dafanii Akka Deebi’an Gargaaraa!

“Si dhiifnee eenyu bira dhaqna ree? Gooftaa, dubbii waa’ee jireenya bara baraa nama barsiisu situ qaba’o.”—YOH. 6:68.

1. Duuka buutonni baay’een yommuu Yesusiin dhiisanii deeman Phexros maal jedhe?

YEROO TOKKO duuka buutonni Yesus Kiristos hedduun, barumsa inni barsiisetti gufachuudhaan isa dhiisanii deemanii turan. Sana booda Yesus, “Isinis immoo adeemuu in barbaadduu iyyuu?” jedhee ergamootasaa gaafate. Phexrosis, “Si dhiifnee eenyu bira dhaqna ree? Gooftaa, dubbii waa’ee jireenya bara baraa nama barsiisu situ qaba’o” jedhee deebiseef. (Yoh. 6:51-69) Dhugumayyuu isaan alatti bakki dhaqan hin turre. Yeroo sanatti amantiin Yihudootaa “dubbii waa’ee jireenya bara baraa nama barsiisu” hin qabu ture. Dubbiin kun yeroo ammaattis Baabilon Guddittii ishee bulchiinsa amantii sobaa addunyaa maraa taate keessatti argamuu akka hin dandeenye beekamaadha. Nama karra Waaqayyoo keessaa ba’uyyuu Yihowaa gammachiisuu barbaadu hundaaf, yeroon kun yeroo ‘hirribaa dammaqee’ karra hoolotaatti itti deebi’uu qabudha.—Rom. 13:11.

2. Dhimmawwan murtoo barbaadan ykn iccitiidhaan qabamuu qaban ilaalchisee maal hubachuu qabna?

2 Yihowaan hoolota Israa’el warra badaniif akka yaadu argisiiseera. (Hisqi’el 34:15, 16 dubbisi.) Haaluma wal fakkaatuun jaarsoliinis warra hoolotatti fakkeeffamaniifi karra keessaa badan gargaaruuf fedhiifi itti gaafatamummaa qabu. Jaarsoliin nama karaa hafuuraa dadhabee tureefi gargaarsa barbaadu tokko akka qayyabsiisu babal’isaa tokko ramadan haa jennu. Babal’isaan kun namni dadhabe kun cubbuu cimaa hojjechuusaa yoo beeke maal gochuu qaba? Dhimmawwan murtoo barbaadan ykn wantoota iccitiidhaan qabamuu qabanirratti gorsa kennuu mannaa, jaarsoliitti himee dhimmi sun furmaata akka argatu gochuu qaba.—Lew. 5:1; Gal. 6:1.

3. Namni hoolota dhibba qabu yommuu hoolaa badde tokko argate maaltu itti dhaga’ame?

3 Mataduree darberratti, fakkeenyi Yesus waa’ee nama hoolota 100 qabu tokkoo dubbate ibsamee ture. Isaan keessaa hoolaan tokko yeroo badde, namichi hoolota 99 dhiisee ishee barbaacha dhaqe. Yommuu ishee argates baay’ee gammade! (Luq. 15:4-7) Nuyis hoolaan Waaqayyoo karra keessaa badee ture yommuu deebi’u baay’ee gammanna. Jaarsoliiniifi miseensonni gumii warri kaan, jaalalaan kaka’anii nama karaa hafuuraa dadhabe tokko dhaqanii gaafataniiru ta’a. Isaanis namni kun karra hoolotaatti deebi’ee gargaarsa, eegumsaafi eebba Waaqayyoo yommuu argatu ilaaluu barbaadu. (Kes. 33:27; Far. 91:14; Fak. 10:22) Gama kanaan isa gargaaruuf carraa yoo argatan maal gochuu qabu?

4. Galaatiyaa 6:2, 5⁠rraa maal hubachuu dandeenya?

4 Namoonni kun, Yihowaan hoolotasaa akka jaallatuufi wanta humnasaaniitii ol ta’e akka isaanirraa hin eegne gaarummaadhaan itti himuudhaan, namni sun gumiitti akka deebi’u isa jajjabeessuu danda’u. Wanti Yihowaan nurraa barbaadu, Caaffata Qulqullaa’oo qayyabachuu, walga’iiwwanirratti argamuufi misiraachoo Mootummichaa lallabuu dabalata. Galaatiyaa 6:2, 5 dubbisuuniifi Kiristiyaanonni ba’aa walii wal gargaaruu kan danda’an ta’us karaa hafuuraa “namni adduma addaan waan ofii isaatii baatu” akka qabu ibsuun gaarii ta’uu danda’a. Namni bakka keenya bu’ee Waaqayyoof amanamaa nuu ta’uu danda’u hin jiru.

Akka Dadhabu Kan Godhe “Yaaddoo Jireenyaatii”?

5, 6. (a) Namoota karaa hafuuraa dadhaban xiyyeeffannaadhaan dhaggeeffachuun barbaachisaa kan ta’e maaliifi? (b) Namni karaa hafuuraa dadhabe tokko saba Waaqayyoorraa fagaachuunsaa rakkina akka isatti fidu isa hubachiisuu kan dandeessu akkamitti?

5 Jaarsoliinis ta’an namoonni ga’eessota ta’an kaan, obboloonni karaa hafuuraa dadhaban wanta itti dhaga’amu yommuu dubbatan xiyyeeffannaadhaan dhaggeeffachuu qabu. Fakkeenyaaf, jaarsa haadha manaafi abbaa manaa “yaaddoo jireenyaatiin” qabamanii gumiidhaa hafan gaafachaa jirtudha haa jennu. (Luq. 21:34) Sochiiwwan hafuuraa gochuurraa gara duubaatti akka jedhan kan isaan godhe rakkina dinagdee ykn itti gaafatamummaa maatii dabalaa dhufe ta’uu danda’a. Boqonnaan akka isaan barbaachisu itti dhaga’ameera ta’a. Ati garuu addaan of baasanii jiraachuun rakkina kanaaf furmaata akka hin taane ibsitaaf. (Fakkeenya 18:1 dubbisi.) Akkas jettee malaan isaan gaafachuu dandeessa: “Walga’iirratti argamuu erga dhiistanii asitti gammachuun keessan dabaleeraa? Jireenyi maatii keessanii fooyya’eeraa? Gammachuun Yihowaan kennu ammayyuu jabina isinii ta’aa jiraa?”—Nah. 8:10.

6 Namoonni karaa hafuuraa dadhaban gaaffiiwwan akkasiirratti yaaduunsaanii, gumiirraa hafuun, jireenyi hafuuraasaaniis ta’e gammachuunsaanii akka hir’atu gochuusaa akka hubatan gargaara. (Mat. 5:3; Ibr. 10:24, 25) Misiraachicha lallabuu dhiisuun, gammachuu akka isaan dhabsiise akka hubatan gargaaruunis ni danda’ama. (Mat. 28:19, 20) Namoonni kun maal gochuu qaburee?

7. Namoonni karra hoolotaa keessaa badan maal akka godhan jajjabeessuu dandeenya?

7 Yesus akkas jedheera: ‘Gad-dhiisiitti jiraachuudhaan, machiidhaan, yaaddoo jireenyaatiinis yaada garaa keessanitti ba’aa hin fidinaa, yeroo hundumaa dammaqaa, wanta ta’uuf jedhu kana hundumaa jalaa ba’uudhaaf, ilma namaa duras dhaabachuudhaaf humna akka argattaniif kadhadhaa.’ (Luq. 21:34-36) Namoonni karra hoolotaa keessaa badaniifi gammachuu kanaan dura qaban deebisanii argachuu barbaadan, hafuura qulqulluufi gargaarsa Waaqayyoo argachuuf akka kadhatan, akkasumas haala kadhannaasaanii wajjin wal simuun akka jiraatan jajjabeessuu dandeenya.—Luq. 11:13.

Wanta Itti Gufate Qabaa?

8, 9. Jaarsi tokko nama gufate gargaaruu kan danda’u akkamitti?

8 Ilmaan namootaa cubbamoo waan ta’aniif isaan gidduutti wal dhabiinsi uumamuufi kunimmoo nama tokko gufachiisuu danda’a. Namoonni tokko tokko, namni gumii keessatti kabajamaa ta’e tokko wanta Macaafa Qulqulluu wajjin wal faallessu raawwachuunsaa isaan gufachiiseera. Namni karaa hafuuraa dadhabe tokko, rakkina akkasiitiin kan miidhame yoo ta’e, jaarsi isa jajjabeessuu dhaqe, Yihowaan eenyuuniyyuu akka hin gufachiisne itti himuu danda’a. Namni tokko sababii kanaan walitti dhufeenya Waaqayyoo wajjinis ta’e sabasaa wajjin qabu maaliif of jalaa balleessaree? Kanaa mannaa, “abbaan firdii guutummaa biyya lafaa” wanta nurra ga’e akka beekuufi dhimma kanas karaa sirrii ta’een akka hiiku abdachuudhaan, Waaqayyoon tajaajiluusaa itti fufuu hin qabuu? (Uma. 18:25; Qol. 3:23-25) Namni tokko gufatee yoo kufe, bakka sanaa ka’uuf carraaqqii godha malee ta’e jedhee achumatti hin hafu.

9 Jaarsi kun nama kana karaa hafuuraa gargaaruuf, namoonni gufatan tokko tokko yeroo booda wanti isaan gufachiise sun guddaa akka hin taane akka hubatan itti himuu danda’a. Tariimmoo wanti yeroo sana isa gufachiise amma hin jiruyyuu ta’a. Nama kana kan gufachiise adabni isaa kennamuusaa yoo ta’e, kadhannaadhaan dhimma kanarratti yaaduunsaa, innumtiyyuu hamma ta’e balleessaa akka raawwateefi adabni kun isa gufachiisuunsaa sirrii akka hin turre isa hubachiisuu danda’a.—Far. 119:165; Ibr. 12:5-13.

Barumsa Haaraa Tokkotu Isa Gufachiisee?

10, 11. Nama barumsa Macaafa Qulqulluu tokko karaa garabiraa hubate gargaaruuf, yaada akkamii dhiheessuu dandeenya?

10 Namoonni tokko tokko karra Waaqayyoo keessaa kan ba’an, barumsa Caaffata Qulqullaa’oo tokko tokkorratti waan walii hin galleef ta’uu danda’a. Israa’eloonni garbummaa Gibxii jalaa birmaduu ba’an, isaaniif jecha “wanta [Waaqayyo] godhe in irraanfatan, gorsa inni kennus hin eegganne.” (Far. 106:13) Nama karaa hafuuraa dadhabe, “hojjetaan amanamaanii fi ogeessi” nyaata hafuuraa gaarii ta’e akka dhiheessu yaadachiisuun barbaachisaa ta’uu danda’a. (Mat. 24:45) Namichis jalqabarratti dhugaa beekuu kan danda’e gargaarsuma hojjetaa kanaatiini. Ammas karaa dhugaarra adeemuuf maaliif hin murteessu?—2 Yoh. 4.

11 Jaarsi tokko yommuu nama karra Waaqayyoo keessaa ba’e gargaaruuf carraaqqii godhu, duuka buutota Yesus warra barumsasaa tokkotti gufatanii isa dhiisanii deeman caqasuu danda’a. (Yoh. 6:53, 66) Namoonni kun Kiristosiifi duuka buutotasaa warra amanamoo ta’anirraa fagaachuusaaniitiin jireenya hafuuraasaaniifi gammachuusaanii dhabaniiru. Warri gumii Kiristiyaanaarraa fagaatan, bakka nyaanni hafuuraa baay’een jiru kan biraa argataniiruu? Iddoon akkasii garabiraan waan hin jirreef, hin arganne.

Cubbuu Cimaa Hojjetee?

12, 13. Namni karra hoolotaa keessaa bade cubbuu cimaa hojjechuusaa yoo dubbate, akkamitti isa gargaaruu dandeenya?

12 Namoonni tokko tokko, cubbuu cimaa waan hojjetaniif lallabuufi walga’iirratti argamuu dhiisu. Cubbuu keenya jaarsoliitti yoo himanne gumiidhaa baafamna jedhanii yaaduu danda’u. Haata’u malee, hojiisaanii isa gadhee yoo dhiisaniifi garaadhaa qalbii yoo geddaratan gumiidhaa hin baafaman. (2 Qor. 7:10, 11) Kanaa mannaa simannaa gaariin kan godhamuuf ta’uusaarrayyuu, jaarsoliin karaa hafuuraa gargaarsa isaan barbaachisu isaanii godhu.

13 Babal’isaa ga’eessa nama karaa hafuuraa dadhabe akka gargaartu ramadamte yoo taateefi namni kun cubbuu cimaa hojjechuusaa yoo sitti hime maal gochuu qabda? Akkuma olitti ibsame, dhimma kana keessa galuu mannaa, jaarsoliitti akka himu isa jajjabeessi. Kana gochuuf fedhii hin qabu taanaan, maqaa Yihowaafi nageenya hafuuraa gumiitiif yaaduudhaan, qajeelfama Waaqayyo dhimma kana ilaalchisee kennee wajjin haala wal simuun tarkaanfii fudhadhu. (Lewwoota 5:1 dubbisi.) Jaarsoliin nama gumiitti deebi’uufi akka fedha Waaqayyootti jiraachuu barbaadu akkamitti akka gargaaran beeku. Adabni jaalalarratti hundaa’e barbaachisuu danda’a. (Ibr. 12:7-11) Namni tokko Waaqayyorratti cubbuu hojjechuusaa yoo amane, cubbuu sana hojjechuu yoo dhiiseefi dhugumaan qalbii yoo geddarate, gargaarsa jaarsoliifi dhiifama Yihowaa argachuu danda’a.—Isa. 1:18; 55:7; Yaq. 5:13-16.

Ilmi Bade Deebi’uunsaa Gammachuu Argamsiise

14. Fakkeenya waa’ee ilma badee dubbatu jecha mataakeetiin ibsi.

14 Kiristiyaanni, nama gumiidhaa bade tokko gargaaruuf ramadame, fakkeenya Yesus isa Luqaas 15:11-24⁠rratti ibsame caqasuu danda’a. Fakkeenya sana keessatti dargaggeessi tokko jireenya gadhiisii jiraachuudhaan qabeenyasaa bittimseera. Yeroo booda garuu jireenyasaa isa gadhee kan jibbe ta’uusaarrayyuu, waan beela’eefi warrasaa waan yaadeef gara manaatti deebi’uuf murteesse. Abbaansaa fagoodhaa isa argee gammachuudhaan isatti fiiguudhaan itti maramee isa dhungate. Namni karra hoolotaarraa fagaatee ture tokko fakkeenya kanarratti yaaduunsaa karra hoolotaatti deebi’uuf isa kakaasuu danda’a. Sirni si’anaa kun yeroo dhihootti waan baduuf, namni kun dafee ‘manatti deebi’uu’ qaba.

15. Namoonni tokko tokko gumiirraa kan fagaatan maaliifi?

15 Namoonni gumiirraa fagaatan hedduun, haallisaanii haala ilma badee wajjin guutummaatti wal fakkaata jechuun hin danda’amu. Akkuma bidiruun tokko suutuma suuta qarqara galaanaarraa fagaatu, namoonni tokko tokkos suutuma suuta gumiirraa fagaatu. Warri kaanimmoo yaaddoo jireenyaatti garmalee dhiphachuudhaan walitti dhufeenya Yihowaa wajjin qaban dagatu. Kaanis gumiirraa kan fagaatan, miseensa gumii tokkotti gufachuudhaan ykn barumsa Caaffata Qulqullaa’oo tokko tokkorratti walii galuu dhiisuudhaan ta’uu danda’a. Namoonni muraasnimmoo wanta Caaffanni Qulqullaa’oon dhowwan waan raawwataniif gumiirraa fagaatu. Haata’u malee, yaanni dhimmawwan kana ilaalchisee olitti ibsame, namoonni sababiiwwan kanaanis ta’e kan biraadhaan karra hoolotaarraa fagaatan utuu yeroonsaa hin darbin akka deebi’an gargaaruuf si fayyaduu danda’a.

“Ilmako Baga Nagaan Manakeetti Deebite!”

16-18. (a) Jaarsi tokko obboleessa waggoottan hedduudhaaf karaa hafuuraa dadhabee ture tokko kan gargaare akkamitti? (b) Obboleessi kun karaa hafuuraa kan dadhabe maaliifi? Gargaarsi kan godhameef akkamitti? Gumichi akkamitti isa simate?

16 Jaarsi gumii tokko akkas jedhe: “Qaamni jaarsolii gumii keenyaa namoota karaa hafuuraa dadhaban gargaaruun isa gammachiisa. Obboleessi ani qayyabsiisee beekumsa dhugaa akka argatu gargaare tokko, waggoota 25f karaa hafuuraa dadhabee waan tureef, rakkinni baay’een irra ga’e; kanaan kan ka’es seerawwan bu’uuraa Macaafa Qulqulluu hojiirra oolchuun akkamitti isa gargaaruu akka danda’un itti hime. Yeroo muraasa booda, Galma Mootummaa dhufuu kan jalqabe yommuu ta’u, murtoo karra hoolotaatti deebi’uuf godhe jabeeffachuuf akka isa gargaarutti Macaafa Qulqulluu qayyabachuuf walii gale.”

17 Obboleessi kun karaa hafuuraa kan dadhabe maaliifi? Akkas jedheera: “Dhimmawwan hafuuraa caalaa dhimmawwan biyya lafaatiif xiyyeeffannaa guddaa kennuuttan ka’e. Achiis, qayyabachuu, tajaajilarratti hirmaachuufi walga’iirratti argamuun dhiise. Sana booda utuun hin beekinan gumii Kiristiyaanaarraa fagaadhe. Haata’u malee, gargaarsa jaarsi kun garaa guutuudhaan dhuunfaatti naa godheen gara gumiitti deebi’uu danda’eera.” Rakkinni obboleessa kanaa, qayyabannaa Macaafa Qulqulluu erga jalqabee booda ni hir’ate. “Jaalala Yihowaafi jaarmiyaasaa akkasumas qajeelfama isaan kennan dhabee akkan ture nan hubadhe” jedheera.

18 Gumichi obboleessa kana akkamitti simate? Akkas jedha: “Akkuma ilma badee argameefi Yesus Kiristos waa’eesaa dubbate sanaa natti dhaga’ame. Obboleettii maanguddoon waggoota 30 dura achi turteefi ammayyuu amanamummaadhaan Yihowaa tajaajiltu tokko, ‘Ilmako baga nagaan manakeetti deebite’ naan jette. Jechishee kun garaa na tuqe. Dhugumayyuu manakoottan deebi’e. Jaarsa kanas ta’e namoota gumii keessatti argaman hunda jaalala, simannaafi obsasaaniitiif baay’een isaan dinqisiifadha. Jaalalli Yihowaadhaafis ta’e namootaaf qaban gara karra hoolotaatti akkan deebi’u na gargaareera.”

Ammuma Tarkaanfii Akka Fudhatan Isaan Jajjabeessaa!

19, 20. Warri karaa hafuuraa dadhaban dafanii karra hoolotaatti akka deebi’an gargaaruu kan dandeenyu akkamitti? Waaqayyo wanta humnasaaniitii ol ta’e akka isaanirraa hin eegne ibsuufii kan dandeenyuhoo akkamitti?

19 Kan jiraannu guyyoota dhumaa keessa ta’uusaarrayyuu, badiisni biyya lafaa yeroo dhihootti dhufa. Kanaaf, namoonni karaa hafuuraa dadhaban walga’iiwwan Kiristiyaanaarratti akka argaman jajjabeessi. Kanas dafanii akka jalqaban itti himi. Seexanni, walitti dhufeenya Waaqayyoo wajjin qaban balleessuufi ba’aan yaaddoo jireenyaatiin namatti dhufu waaqeffannaa dhugaa dhiisuudhaan akka namaa salphatu isaan amansiisuu akka barbaadu itti himi. Boqonnaa dhugaa argachuu kan danda’an, duuka buutota Yesus warra amanamoo ta’uudhaan qofa akka ta’e isaanii mirkaneessuu dandeessa.—Maatewos 11:28-30 dubbisi.

20 Warri karaa hafuuraa dadhaban, Waaqayyo kan nurraa eegu wanta gochuu dandeenyu qofa ta’uusaa akka hubatan godhi. Obboleettii Alaazaar kan taate Maartaan, Yesus ajjeefamuusaa yeroo xinnoo dura urgooftuu dibataa gati jabeessa ta’e mataasaarratti naquusheetiin yommuu warri kaan ishee morman Yesus, “Ishee dhiisaa! . . . Isheen waan dandeesse hojjetteetti” jedhe. (Mar. 14:6-8) Yesus, haadha hiyyeessaa ishee mana qulqullummaatti buusii xinnoo goote galateeffateera. Isheenis waanuma dandeessu gooteetti. (Luq. 21:1-4) Baay’een keenya walga’iiwwan Kiristiyaanaarratti argamuufi hojii misiraachoo Mootummichaa lallabuurratti hirmaachuu ni dandeenya. Warri yeroo ammaatti karaa hafuuraa dadhaban hedduunis gara fuulduraatti gargaarsa Yihowaatiin kana gochuu danda’u.

21, 22. Warri gara Yihowaatti deebi’an maal akka argatan isaanii mirkaneessuu dandeessa?

21 Namni karaa hafuuraa dadhabe tokko ija obbolootaa ilaaluun kan isa qaanessu yoo ta’e, ilmi badee ture yommuu argame gammachuun akkamii akka ture isa yaadachiisuu dandeessa. Yommuu obboloonni kun gumiitti deebi’anis gammachuu akkasii arganna. Jarri kun Seexanaan mormuufi Waaqayyotti dhihaachuuf ammumaa tarkaanfii akka fudhatan jajjabeessi.—Yaq. 4:7, 8.

22 Namoonni gara Yihowaatti deebi’an akka gaariitti simatamu. (Faru. 3:40) Muuxannoon Waaqayyoon tajaajiluutti kanaan dura qaban, gammachuu guddaa isaanii argamsiisee akka ture hin shakkisiisu. Warri dafanii karra hoolotaatti deebi’an eebba hammana hin jedhamne argatu!

[Gaaffiiwwan Qayyabannaa]

[Fakkii fuula 13rra jiru]

Namni karaa hafuuraa dadhabe tokko wanta itti dhaga’amu yommuu dubbatu xiyyeeffannaadhaan dhaggeeffadhu

[Fakkii fuula 15rra jiru]

Namoonni tokko tokko fakkeenya ilma bade sanaarratti xiinxaluunsaanii, karra hoolotaatti akka deebi’an isaan gargaaruu danda’a

[Fakkii fuula 16rra jiru]

Maal Jettee Deebista?

• Kiristiyaana waan tokkotti gufatee karaa hafuuraa dadhabe akkamitti gargaaruu dandeessa?

• Nama barumsa haaraa tokkorratti ilaalcha adda ta’e qabaachuudhaan karra Waaqayyoorraa fagaate akkamitti gargaaruu dandeessa?

• Nama gumiitti deebi’uu sodaate tokko gargaaruun kan danda’amu akkamitti?