Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

“Faarfannaa Galaanaa” Barreeffama Durii, Bara Dheeraa Gidduusaanii Ture Duuche

“Faarfannaa Galaanaa” Barreeffama Durii, Bara Dheeraa Gidduusaanii Ture Duuche

“Faarfannaa Galaanaa” Barreeffama Durii, Bara Dheeraa Gidduusaanii Ture Duuche

CICCITAAN maraa Caaffata Qulqullaa’oo afaan Ibrootaa Dh.K.D. jaarraa torbaffaa ykn saddeettaffaa booda barreeffame, Caamsaa 22, 2007, Muuziyamii Israa’el Yerusaalemitti argamutti argisiisaaf dhihaatee ture. Ciccitaan maraa kun caqasoota Ba’uu 13:19–16:1⁠tti argaman kan qabatedha. “Faarfannaan Galaanaa” kunis, Israa’eloonni haala dinqii ta’een Galaana Diimaa erga ce’anii booda, faarfannaa mo’ichaa isaan faarfatan kan dabalatudha. Ciccitaan maraa kanaa argisiisaaf dhihaachuunsaa xiyyeeffannaa kan hawwatu maaliifi?

Deebiin gaaffii kanaa umrii barreeffamni kun qabuu wajjin kan wal qabatedha. Maraawwan Galaan Soogidda kan barreeffaman, Dh.K.D jaarraa sadaffaatii kaasee hanga Dh.K.B. jaarraa jalqabaattidha. Maraawwan Galaana Soogiddaa argamuusaanii naannoo waggaa 60 dura, barreeffamni afaan Ibrootaa baay’ee tureera jedhamee yaadamu, Dh.K.B. bara 930⁠tti kan barreeffameefi Aleeppoo Koodeeks jedhamuun beekamu ture. Ciccitaa muraasaan alatti waggoota hedduu dhibbaan lakkaa’aman sanatti barreeffamni afaan Ibrootaa tokkoyyuu hin argamne.

Dirikteerri Muuziyamii Israa’el Jams Eess. Isnaayaayidar, barreeffama durii “Faarfannaa Galaanaa” jedhamu ilaalchisee akkas jedhaniiru. “Maraan Faarfannaa Galaanaa, bara dheeraa maraawwan Galaana Soogiddaa durii . . . fi Aleeppoo Koodeeksii gidduu ture kan duuchedha” jedhaniiru. Akka isaan jedhanitti barreeffamoota Macaafa Qulqulluu warra durii dabalatee barreeffamni kun, “ragaa addaa barreeffamasaarratti jijjiiramni tokkollee akka hin godhamne argisiisudha.”

Ciccitaan maraa kun barreeffamoota bara durii dhuma jaarraa 19⁠ffaatti, Gibxii magaalaa Kaayirootti mana sagadaa tokko keessatti argaman hedduu keessaa tokko akka ta’e amanama. Ta’us, namni dhuunfaatti Caaffata Qulqullaa’oo afaan Ibrootaa durii walitti qabaa ture tokko, hanga dhuma bara 1970⁠tti ogeessa tokko mariisisetti, faayidaa barreeffamni kun qabu hin hubanne ture. Umriin barreeffama ciccitaa kanaa mala kaarboon-deetid jedhamuun erga beekamee booda, hanga Muuziyamii Israa’elitti argisiisaaf dhihaatetti akka eegamu godhameera.

Muuziyamii Israa’el keessatti itti gaafatamaa kutaa Shiraayin oov za Buuk jedhamuufi maraawwan Galaana Soogiddaa kan ta’an Adoolfoo Rooyitiman, faayidaa ciccitaa maraa kanaa ilaalchisee akkas jedhaniiru: “Faarfannaan Galaanaa barreeffama durii, barreeffamni Macaafa Qulqulluu Maasooreetotaa jaarraa hedduuf, haala dinqisiisaa ta’een sirriitti darbaa turuusaa argisiisa. Faarfannaan Galaanaa yeroo har’aatti argamus, akkaataa barreeffama jaarraa 7⁠ffaa hanga 8⁠ffaatti ture akka qabatetti argamuunsaa baay’ee nama ajaa’ibsiisa.”

Macaafni Qulqulluun Dubbii Waaqayyoo geggeessaa hafuura qulqulluutiin barreeffame waan ta’eef, macaafni kun eegamee akka turu gochuurratti ga’ee guddaa kan qabu Yihowaadha. Akkasumas, namoonni Caaffata Qulqullaa’oo garagalchan hojii kana of eeggannoo guddaadhaan raawwataniiru. Kanaaf, Macaafni Qulqulluun yeroo har’aatti itti gargaaramnu sirrii ta’uunsaa hin shakkisiisu.

[Fakkii fuula 32rra jiru]

Courtesy of Israel Museum, Jerusalem