Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

‘Garaa Tokkoofi Yaada Tokkoon’ Waaqayyoon Tajaajiluu

‘Garaa Tokkoofi Yaada Tokkoon’ Waaqayyoon Tajaajiluu

‘Garaa Tokkoofi Yaada Tokkoon’ Waaqayyoon Tajaajiluu

YIHUDOONNIIFI namoonni amantii Yihudootaa fudhatan bartoota Yesus Kiristos biratti walga’anii turan. Yeroonsaa guyyaa Ayyaana Phenxeqostee si’a ta’u, namoonni kun fagoodhaa, jechuunis dhihaan Roomaa, bahaanimmoo Phaarxeenaadhaa gara Yerusaalem kan dhufan turan. Namoonni kun afaan garagaraa dubbatu turan. Ta’us, bartoonni Yesus warri jara kanatti dubbatan namoota Galiilaa turan. Namoota kana keessaa tokko tokko dinqisiifannaan, “Tokkon tokkon keenya attamitti afaan itti dhalanneen isaan dhageenya?” jechuun gaafataniiru.—HoE. 2:8.

Phexros ka’ee waa’ee dinqii isaan dhugaa ba’aa jiran kun sababii maaliitiin akka raawwatame ibseef. Kan achitti walga’anii turan yeruma sana tarkaanfii fudhachuudhaan, namoonni haaraan kumaan lakka’aman cuuphamaniiru! (HoE. 2:41) Gumichi saffisaan guddachuusaarrayyuu tokkummaasaa eegee itti fufeera. Barreessaan Macaafa Qulqulluu Luqaas, “Namoonni amanan hundinuu, warra garaa tokkoo fi yaada tokkoo turan” jechuun barreesseera.—HoE. 4:32.

Namoonni kumaan lakkaa’amaniifi Dh.K.B. guyyaa Phenxeqostee bara 33 cuuphaman, waa’ee amantiisaanii isa haaraa caalaatti baruuf yeroo dheeraaf Yerusaalem turuu barbaadan. Garuu baay’ee turuuf qophaa’anii hin dhufne. Kanaaf yeroo muraasaaf qarshii sassaabuun barbaachisee ture. Amantoonni tokko tokko fedhiin kaka’anii qabeenyasaanii gurguruudhaan namoota gargaarsi barbaachisu akka ittiin gargaaraniif qarshicha ergamootatti kennan. (HoE. 2:42-47) Kun jaalala guddaafi arjummaa dinqisiisaadha!

Kiristiyaanonni dhugaa yeroo hunda jaalala guddaafi arjummaa dinqisiisaa akkasii argisiisaa turaniiru. Yeroo har’aas gumiin Kiristiyaanaa tokkummaadhaan ‘garaa tokkoofi yaada tokkoon’ Yihowaa tajaajiluusaa itti fufa. Kiristiyaanonni hundi misiraachicha babal’isuufi dhimmoota hojii Mootummaa Waaqayyoo wajjin wal qabatan deggeruuf yeroo, humnaafi qabeenyasaanii arjoomu.—Saanduqa “Karaawwan Buusii Gochuun Itti Danda’amu” jedhu ilaali.

[Fakkii fuula 6rra jiru]

Karaawwan Buusii Gochuun Itti Danda’amu

BUUSIIWWAN HOJII ADDUNYAA MARAATIIF

Obboloonni hedduun saanduqa mallattoon “Hojii Addunyaa Maraatiif” jedhu irratti maxxanfame keessa buusuuf qarshii murtaa’e ramadu.

Gumiiwwanis qarshii achi keessaa argame ji’a ji’aan waajjira damee Dhugaa Baatota Yihowaa biyyasaaniitti ergu. Akkasumas qarshiin fedhiin kennamu kallattiin teessoo Watchtower Bible and Tract Society of New York, Inc., Attention Treasurer’s Office, 25 Columbia Heights, Brooklyn, New York 11201-2483 ykn waajjira damee Dhugaa Baatota Yihowaa biyya keessaniitti erguun ni danda’ama. Cheekiin teessoo armaan oliin ergamu, jaarmiyaa “Yeyihowa Misikiroch” jedhamuuf akka kaffalamu ibsamuu qaba. Faayaa ykn mi’a gati jabeessa gara biraas gumaachuun ni danda’ama. Xalayaa gabaabaan mi’i kun kennaa ta’uusaa ibsus duukaa ergamuu qaba.

QOPHII QARSHIIN DEEBI’U ITTI KENNAMU

Namni tokko Waldaan Masaraa Eegumsaa Macaafa Qulqulluufi Tiraaktii Pensilvaaniyaa hojii addunyaa maratti geggeeffamu akka ittiin hojjetuuf, qarshii adaraadhaan kennuufi ennaa barbaadutti deebisee fudhachuu danda’a. Odeeffannoo dabalataaf, teessoo armaan olitti caqasametti barreessuu ykn lakkoofsa bilbilaa (718) 560-7500 kanaan kutaa ‘Treasurer’s Office’ jedhamu qunnamuu dandeessu.

KENNAA KAROORAAN GODHAMU

Qarshii akka kennaatti gumaachuun alatti, karaan hojii Mootummichaa addunyaa maratti geggeeffamu itti deggeruun danda’amu kan biraas jira. Isaanis:

Inshuraansii: Waldaan Masaraa Eegumsaa Macaafa Qulqulluufi Tiraaktii Pensilvaaniyaa inshuraansii lubbuu ykn soorama ennaa ba’an akka isaaf kaffalamu maqaasaatti jijjiiruun ni danda’ama.

Herrega Baankii: Seerri baankii biyyichaa heyyamnaan, herrega baankii, ragaa qarshii kuufatanii qaban mirkaneessu ykn herrega soorama itti ba’an adaraadhaan ykn gaafa du’an Waldaa Masaraa Eegumsaa Macaafa Qulqulluufi Tiraaktii Pensilvaaniyaatiif akka kennamu gochuun in danda’ama.

Aksiyooniifi Boondota: Waldaa Masaraa Eegumsaa Macaafa Qulqulluufi Tiraaktii Pensilvaaniyaatiif kennuun ni danda’ama.

Qabeenya Hin Sochoone: Qabeenya dhaabataa gurguramuu danda’u kennuu ykn bakka jireenyaa yoo ta’emmoo abbaan qabeenyichaa amma lubbuun jirutti itti fayyadamee yeroo du’u dhaalchisuu danda’a. Namni tokko qabeenya hin sochoone dhaalchisuuf maqaa utuu hin jijjiirsisin dura waajjira damee biyyasaa mariisisuu qaba.

Durgoo Kennaarraa Argamu: Durgoon kennaa kennamerraa argamu namni tokko qarshii ykn sanadii abbaa qabeenyummaa argisiisu, jaarmiyaa Dhugaa Baatota Yihowaa bakka bu’ee hojjetutti jijjiirsisuuf qophii inni godhu argisiisa. Haala kanaan namichi kennaa kenne ykn namni inni bakka buuse amma lubbuun jirutti qarshii murtaa’e waggaa waggaan akka durgootti fudhata. Namni kennaa kana kenne waggaa durgoo kennuuf itti walii galetti gibirri galiirraa citu ni hir’ifamaaf.

Dhaamsa Dhaalaafi Adaraan Kaa’uu: Qabeenyaa ykn qarshii dhaamsa dhaalaa seera duratti fudhatama qabuun Waldaa Masaraa Eegumsaa Macaafa Qulqulluufi Tiraaktii Pensilvaaniyaa dhaalchisuu ykn qabeenyaa adaraadhaan Waldaa Masaraa Eegumsaa Macaafa Qulqulluufi Tiraaktii Pensilvaaniyaa akka itti fayyadamuuf maqaasaatti jijjiirsisuun ni danda’ama. Dhaabbanni amantii tokko qabeenyaatti akka fayyadamuuf kennuun karaa qaraxaa bu’aa argamsiisu tokko tokko qaba.

Jechi “kennaa karooraan godhamu” jedhu, namichi kennaa kennu karoora baafachuu akka qabu kan argisiisudha. Namoota hojii Dhugaa Baatonni Yihowaa addunyaa maratti geggeessan kennaa karooraan godhamuun deggeruu barbaadaniif ifa gochuuf, birooshurri Tajaajila Mootummaa Addunyaa Maratti Geggeeffamu Deggeruuf Kennaa Karooraan Godhamu jedhamu Ingiliffaafi afaan Ispaanishiin qophaa’eera. Birooshurri kun namoonni kennaa kennuuf ykn yeroo du’anitti dhaamsa dhaalaa karaawwan addaddaa gochuuf isaan dandeessisu jiran ilaalchisee ragaa kennuuf yaadamee kan qophaa’edha. Obboloonni hedduun birooshuricha erga dubbisanii booda, gorsitoota seeraa ykn qaraxaa wajjin mari’achuudhaan hojii amantiifi gargaarsa namummaa Dhugaa Baatonni Yihowaa addunyaa maratti raawwachaa jiran deggeruu caalaas haala qaraxaa wajjin wal qabateen faayidaa guddaa argataniiru. Birooshura kana Biiroo Kennaa Karooraan Godhamu jedhamuufi dhimmi kun ilaallatu gaafachuudhaan argachuun ni danda’ama.

Odeeffannoo dabalataaf, Biiroo Kennaa Karooraan Godhamu jedhamu teessoo ykn bilbilaan armaan gadiitiin ykn waajjira damee biyyakeetti argamu gaafachuu dandeessa.

Charitable Planning Office

Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania

100 Watchtower Drive

Patterson, New York 12563-9204

Bilbila: (845) 306-0707