Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

‘Wanta Nagaaf Ta’u Duukaa Bu’aa!’

‘Wanta Nagaaf Ta’u Duukaa Bu’aa!’

‘Wanta Nagaaf Ta’u Duukaa Bu’aa!’

DAANDIIN haaraa hojjetame jabaafi rakkoon kan irra hin geenye fakkaachuu danda’a. Ta’us yeroo booda baqaquufi nyaatamuu danda’a. Balaan akka irra hin geenyeefi yeroo dheeraa akka turuuf suphuun barbaachisaadha.

Haaluma wal fakkaatuun hariiroon namootaa wajjin qabnu qabbanaa’uu ykn baduu danda’a. Phaawulos Kiristiyaanota Roomaa gidduu ilaalchi garagaraa akka ture ibseera. Kiristiyaanota hidhatasaa ta’aniin, “Kottaa wanta nagaaf ta’u, waan ittiin jireenya tokkummaa waliif ijaarru duukaa in buunaa!” jechuun gorseera. (Rom. 14:13, 19) ‘Wanta nagaaf ta’u duukaa bu’uun’ barbaachisaa kan ta’e maaliifi? Kana gochuuf ija jabina argisiisuufi karaa bu’a qabeessa ta’een carraaqqii gochuu kan dandeenyu akkamitti?

Wanta Nagaaf Ta’u Duukaa Bu’uu Kan Qabnu Akkamitti?

Babbaqaqaa xixinnoon daandii tokkorratti argaman, atattamaan suphamuu baannaan boolla uumuudhaan balaa geessisuu danda’u. Waldhabiinsis furmaata argachuu baannaan balaa geessisuu danda’a. Yohannis akkas jechuun barreesseera: “Namni, ‘Waaqayyoon nan jaalladha’ jedhee, obboleessa isaa immoo yoo jibbe, inni sobduu dha; obboleessa isaa isa arge kan hin jaallanne, Waaqayyoon isa hin argin jaallachuu hin danda’u.” (1 Yoh. 4:20) Waldhabiinsi uumame hiikamuu baannaan Kiristiyaanni tokko obboleessasaa akka jibbu gochuu danda’a.

Yesus Kiristos namootaa wajjin nagaa hin qabnu taanaan, waaqeffannaan keenya Yihowaa biratti fudhatama akka hin arganne ibseera. Akkas jechuun bartootasaa ajajeera: “Kennaa aarsaa dhi’eessuudhaaf iddoo aarsaatti yoo fidde, iddoodhuma sanattis akka obboleessa kee waa yakkitee yaada isaa miite sitti in yaadatama ta’a. Kennaa aarsaa kee achuma iddoo aarsaa duratti dhiisiitii dhaqii obboleessa keetti dura araarami; kana booddee deebi’ii kennaa aarsaa kee dhi’eessi!” (Mat. 5:23, 24) Hunda caalaa Yihowaa gammachiisuu waan barbaannuuf wanta nagaaf ta’u duukaa buuna. *

Haalli gumii Filiphisiiyusitti uumamee ture, sababii garabiraa wanta nagaaf ta’u duukaa bu’uuf carraaqqii gochuu itti qabnu akka gaariitti ibsa. Ka’umsi waldhabiinsa Ewodiyaafi Sinxiikee gidduutti uumamee ture maal akka ta’e ibsamuu baatus, nagaa gumichaa booressee ture. (Filp. 4:2, 3) Waldhabiinsi furmaata argachuu baannaan, yeroo gabaabaa gidduutti namoota biratti beekamuu danda’a. Hawwiin jaalalaafi tokkummaa gumichaa eeguuf qabnu, obboloota hidhata keenya ta’anii wajjin wanta nagaaf ta’u duukaa bu’uuf nu kakaasa.

Yesus “warri nagaa buusan haa gammadan” jedheera. (Mat. 5:9) Wanta nagaaf ta’u duukaa bu’uun gammachuu argamsiisa. Kana malees, “yaadni nagaa qabu namummaa namaatiif jireenya” waan kennuuf, nagaan fayyaa qabaachuurratti shoora guddaa qaba. (Fak. 14:30) Karaa kaanimmoo, haaloo qabachuun dhukkubaaf nama saaxila.

Kiristiyaanonni hedduun nagaa duukaa bu’uuf carraaqqii gochuun barbaachisaa ta’uusaa amananis, waldhabiinsa hiikuun kan danda’amu akkamitti? jettee gaafatta ta’a. Seerawwan bu’uuraa Caaffata Qulqullaa’aa gama kanaan nu gargaaran haa qorru.

Tasgabbiin Mari’achuun Nagaa Buusa

Yeroo baay’ee daandii tokkorratti babbaqaqaa xixinnoon yoo argame, bakka babbaqaqe sana qofa duuchuudhaan suphuun ni danda’ama. Akkas taanaan, hanqina xixinnoo obboloonni keenya qaban jaalalaan duuchinee irra darbuu dandeenyaa? Phexros, “baay’inni cubbuu akka deebi’ee hin argamne kan godhu jaalala” jedhee waan barreesseef, waldhabiinsi hedduun karaa kanaan furmaata argachuu danda’a.—1 Phe. 4:8.

Al tokko tokko garuu waldhabiinsi uumame ulfaataa ta’ee waan nutti dhaga’amuuf irra darbuun nu rakkisuu danda’a. Israa’eloonni Biyyattii Abdachiifamte erga dhaalanii yeroo muraasa booda wanta uumame tokko qalbeeffadhu. “Ilmaan Ruuben, ilmaan Gaadi, walakkaan gosa Minaasees” Laga Yordaanos erga ce’anii booda, “iddoo aarsaa baay’ee guddaa tokko in ijaaran.” Gosti Israa’el warri hafan garuu iddoon aarsaa kun waaqeffannaaf qophaa’e jedhanii waan yaadaniif rakkoo kanarra darbuu hin dandeenye. Kanaaf lolaaf qophaa’an.—Iya. 22:9-12.

Israa’eloonni tokko tokkommoo, dogoggorri raawwatamuusaatiif ragaa ga’aan jira; utuu isaan hin yaadin lola irratti kaasuun gosasaanii keessaa namoonni hedduun akka hin duune gargaara jedhanii yaadanii ta’a. Ta’us, gosonni dhiha Yordaanosiin jiran ariitiin tarkaanfii fudhachuu mannaa, rakkoo uumamerratti obbolootasaanii wajjin mari’achuuf bakka buutota ergan. Isaanis, “Isin attamitti har’a Waaqayyo isa kan Israa’el amanachuu dhiiftanii isa irraa garagaltanii isa irrattis kaatani” jedhanii gaafatan. Dhugaaf taanaan garuu, gosonni iddoo aarsaa hojjetan Waaqayyoon amanachuu dhiisuudhaan isarratti ka’uusaanii hin turre. Ta’us, himata isaanirratti dhihaateef deebii akkamii kennu laata? Namoota kanaaf deebii gadhee kennummoo isaanii wajjin dubbachuu didu laata? Gosonni himataman kun, fedhii Yihowaa tajaajiluuf qabaniin kaka’anii iddoo aarsaa kana akka hojjetan arraba laafaadhaan deebisan. Deebiinsaanii kunis, hariiroon Waaqayyoo wajjin qaban akka hin banne gochuusaarrayyuu, lubbuun akka hin banne gargaareera. Tasgabbiin mari’achuunsaanii, rakkoon uumame furmaata akka argatuufi nagaan akka bu’u godheera.—Iya. 22:13-34.

Gosonni Israa’el warri kaan tarkaanfii jabaa fudhachuusaanii dura gosa Ruuben, gosa Gaadiifi walakkaa gosa Minaasee wajjin rakkoo uumamerratti mari’ataniiru. Dubbiin Waaqayyoo, “Aariin bobaa gowwootaa jala waan boqotuuf, ati daftee hin aarin!” jedha. (Lal. 7:9) Karaan Caaffata Qulqullaa’aa waldhabiinsa cimaa hiikuuf gargaaru dhimmicharratti tasgabbiifi ifatti mari’achuudha. Nama nu miidheera jennee yaannurratti haaloo qabachuufi rakkoo uumamerratti mari’achuuf fedhii utuu hin qabaatin eebba Yihowaa arganna jennee eeguu dandeenyaa?

Karaa kaaniin, Kiristiyaanni hidhata keenya ta’e akka isa mufachiifne itti dhaga’amee yoo nu haasofsiise, caalaattimmoo himata sobaa yoo nurratti dhiheesse maal goona? Macaafni Qulqulluun, “Deebiin laafaan dheekkamsa in qabbaneessa” jedha. (Fak. 15:1) Gosonni Israa’el himata isaanirratti dhihaateef sababii ta’an, ejjennoosaanii arraba laafaafi ifatti dubbachuunsaanii, dhimmi obbolootasaanii wajjin walitti bu’iinsa guddaa uumuuf ture akka qabbanaa’u godheera. Rakkoo uumame tokkoof dursa fudhannee obboleessa keenya yoo haasofsiisne ykn inni dursa fudhatee yoo nu haasofsiise, ‘Nagaa buusuuf, jechoota, sagaleefi amala akkamii yoon argisiise gaarii ta’a?’ jennee of gaafachuun barbaachisaadha.

Karaa Sirrii Ta’een Arraba Keessanitti Fayyadamaa

Yihowaan wantoota nu yaaddessan dubbachuu akka barbaannu beeka. Waldhabiinsi uumamee, rakkoo kana utuu hin hiikin hafuun dhimma kana nama garabiraatti himuuf akka qoramnu nu gochuu danda’a. Haaloo qabannaan, waa’ee nama kanaa dubbii gadhee dubbachuutti nu geessuu danda’a. Fakkeenyi 11:11 arraba ofiitti karaa sirrii hin taaneen fayyadamuu ilaalchisee, ‘Dubbii afaan jal’ootaatiin, mandarri gara in gaggalfamti’ jedha. Haaluma wal fakkaatuun waa’ee Kiristiyaana hidhata keenyaa wanta afaan keenyatti dhufe kan dubbannu taanaan, nagaa gumii isa mandaratti fakkeeffamu booressuu dandeenya.

Wanta nagaaf ta’u duukaa bu’uu jechuun garuu, matumaa waa’ee obboloota keenyaa hin dubbannu jechuu miti. Phaawulos amantoota hidhatasaa akkas jedhee gorseera: “Dubbii gargaaru, yeroo barbaachisutti kan cimsu, warra dhaga’uufis ayyaana kan kennu malee, dubbiin hamaan afaan keessan keessaa hin ba’in! . . . Walitti kan toltan, garaas kan waliif laaftan ta’aa; . . . waliif dhiisaa!” (Efe. 4:29-32) Obboleessi kanaan dura waa’eekee warra kaanitti waan gaarii dubbachaa ture dubbii ykn gocha keetti mufatee yoo si haasofsiise, obboleessa kana dhiifama gaafachuufi nagaan akka bu’u gochuun sitti hin salphatuu? Kanaaf, waa’ee Kiristiyaanota hidhata keenyaa waan gaarii kan dubbannu taanaan, yommuu waldhabiinsi uumamu hariiroo keenya haaressuun salphaa ta’a.—Luq. 6:31.

“Harka Wal Qabatanii” Waaqayyoon Tajaajiluu

Cubbuu waan dhaalleef, namoota nu mufachiisanirraa baqachuu ykn fagaachuutu nutti salphata. Kun garuu tarkaanfii sirrii miti. (Fak. 18:1) Saba tokkummaan maqaa Yihowaa waaman waan taaneef, ‘harka wal qabannee’ Isa tajaajiluuf murtoo gooneerra.—Sef. 3:9.

Dubbii ykn gochi hin taaneefi warri kaan dubbatan, hinaaffaa waaqeffannaa qulqulluuf qabnu matumaa nu jalaa laaffisuu hin qabu. Aarsaan Yesus dhiheesse, aarsaa horii mana qulqullummaa keessatti dhihaachaa ture bakka bu’uusaa guyyoota muraasa duraafi Yesus barsiisota seeraa erga balaaleffatee yeroo muraasa booda haati hiyyeessaa tokko, wanta “danuu hiyyuma ishee keessaa, har’a ittiin buluudhaaf kan qabdu hundumaa” qodaa buusii mana qulqullummaa keessa utuu buuftuu arge. Yesus ishee dhowwuuf yaaleeraa? Matumaa! Kanaa mannaa, gumii Yihowaa yeroo sana ture amanamummaan deggeruusheetiin galateeffateera. (Luq. 21:1-4) Jal’inni warri kaan raawwatan, itti gaafatamummaa waaqeffannaa Yihowaa deggeruuf qabdurraa walaba ishee hin taasisne.

Kiristiyaanni hidhata keenya ta’e tokko wanta sirrii hin taane, kanarras darbee jal’ina akka nurratti raawwate yoo nutti dhaga’ame maal goona? Haalli kun tajaajila garaa guutuun Yihowaaf dhiheessinurratti dhiibbaa akka geessisu ni heyyamnaa? Moo nagaa yeroo har’aa gumii keessatti argamu eeguuf jecha, waldhabiinsa kamiyyuu hiikuuf ija jabinaan tarkaanfii fudhanna?

Caaffanni Qulqullaa’oon, “nama hundumaa wajjin nagaatti jiraachuudhaaf karaa keessan wanta danda’amu hundumaa godhaa!” jechuun nu gorsu. (Rom. 12:18) Gorsa kana hojiirra oolchuudhaan daandii jireenyaarra jabinaan deddeebi’uu keenya itti haa fufnu.

[Miiljalee]

^ key. 6 Gorsa Yesus Maatewos 18:15-17⁠rra jiru ilaalchisee odeeffannoo dabalataa argachuuf, Masaraa Eegumsaa Onkoloolessa 15, 1999, ful. 17-22 ilaali. (Amaariffa)

[Fakkii fuula 17rra jiru]

Ewodiyaafi Sinxiikeen wanta nagaaf ta’u duukaa bu’uun isaan barbaachiseera

[Fakkii fuula 18rra jiru]

Nagaa buusuuf, jechoota, sagaleefi amala akkamii yoon argisiise gaarii ta’a?