Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Yaalii Fayyaa Yommuu Gootan Ilaalcha Waaqayyoo Qabaadhaa

Yaalii Fayyaa Yommuu Gootan Ilaalcha Waaqayyoo Qabaadhaa

Yaalii Fayyaa Yommuu Gootan Ilaalcha Waaqayyoo Qabaadhaa

“Waaqayyo kee goofticha . . . yaada kee guutuudhaan, humna kee guutuudhaanis jaallachuutu siif ta’a!”—MAR. 12:30.

1. Kaayyoon Waaqayyo ilmaan namootaatiif qabu maal ture?

ILMAAN NAMOOTAA akka dhukkubsataniifi akka du’an kaayyoo Yihowaa hin turre. Addaamiifi Hewwaan jannata Eeden ykn jannata gammachuu keessa kan kaa’aman, waggaa 70 ykn 80 qofaaf utuu hin ta’in barabaraaf ‘akka ishee tottolchaniifi akka eegan’ ture. (Uma. 2:8, 15; Far. 90:10) Namoonni jalqabaa kun utuu Yihowaadhaaf amanamoo ta’aniifi olaantummaasaatiif jaalalaan bitamaniiru ta’ee, dhukkubni, dadhabbiifi duuti isaanirra hin ga’u ture.

2, 3. (a) Dullumni maal namatti fida? (b) Du’a karaa Addaam nutti dhufeef eenyutu itti gaafatama? Rakkinni duuti fide kan diigamuhoo akkamitti?

2 Lallabni boqonnaa 12, “barri hamaan” ilmaan namootaa cubbamoo ta’anirratti dullumaa wajjin wal qabatee dhufu kan akkamii akka ta’e ifa godha. (Lallaba 12:1-7 dubbisi.) Mataa harriin, “daraaraa mata-bokkee” wajjin wal fakkeeffameera. Miillan “ciccimoon” waan hollataniif dafanii deemuu hin danda’an. Iji akka gaariitti ilaalaa ture akka dimimmisaa’u ibsameera. ‘Ilkaan muraasa ta’aa waan deemuuf nyaachuu hin danda’u.’

3 Miillan hollatan, iji dimimmisaa’eefi ilkaan dhume, wanta Waaqayyo jalqaba ilmaan namootaatiif yaade miti. Kana malees, duuti Addaamirraa dhaalle, “hojii Seexanaa” Ilmi Waaqayyoo Mootummaa Masiihichaatti fayyadamee diigu keessaa tokkodha. Yohannis ergamaan, “Ilmi Waaqayyo immoo hojii Seexanaa diiguudhaaf mul’ate” jechuudhaan barreesseera.—1 Yoh. 3:8.

Hamma Tokko Fayyaa Ofiitiif Yaaduun Sirriidha

4. Dhugaa Baatonni Yihowaa, fayyaasaaniitiif hamma tokko kan yaadan maaliifi? Ta’us maal hubatu?

4 Yeroo ammaa, Dhugaa Baatonni Yihowaa tokko tokko akkuma namoota cubbamoo ta’an kaanii, dhukkubaafi dullumaan ni rakkatu. Yeroo akkasiitti waa’ee fayyaa keenyaa hamma tokko yaaduun, sirriifi faayidaa kan qabudha. ‘Humna keenya guutuu’ Yihowaa tajaajiluu barbaanna. (Mar. 12:30) Haata’u malee, hamma tokko fayyaa qabaachuu kan barbaannu ta’uyyuu, dulluma keenya tursuu ykn guutummaatti dhukkuba ofirraa ittisuu akka hin dandeenye beekuu qabna.

5. Tajaajiltoota Waaqayyoo warra amanamoo dhukkubsachaa turanirraa maal barachuu dandeenya?

5 Dhugaa Baatonni Yihowaa amanamoo ta’an hedduun dhibee fayyaa qabu turan. Isaan keessaa tokko Ephafrodixos ture. (Filp. 2:25-27) Hidhata amanamaa Phaawulos kan ture Ximotewosis, garaa dhukkubbii waan qabuuf, Phaawulos, “waynii xinnoo” akka itti dhugu isatti himeera. (1 Xim. 5:23) Phaawulosis ‘wanta dhagnasaa keessa taa’ee isa waraanu’ tarii, dhukkuba ijaa ykn dhukkuba yeroo sanatti qoricha hin qabne kan biraatiin rakkachaa ture. (2 Qor. 12:7; Gal. 4:15; 6:11) Phaawulos ‘wanta dhagnasaa keessa taa’ee isa waraanu’ ilaalchisee, Yihowaatti kadhannaa garaadhaa madde dhiheesseera. (2 Qorontos 12:8-10 dubbisi.) Waaqayyo, Phaawulosiin ‘wanta dhagnasaa keessa taa’ee isa waraanu’ sanarraa dinqiidhaan isa hin fayyisne. Kanaa mannaa, dhukkubasaa akka danda’u isa jabeesseera. Kanaan kan ka’es, humni Yihowaa dadhabbii Phaawulosirratti mul’ateera. Nuyi kanarraa barumsa argannu qabnaa?

Waa’ee Fayyaa Keetii Garmalee Hin Dhiphatin

6, 7. Fayyaa keenyaaf garmalee dhiphachuu kan hin qabne maaliifi?

6 Akkuma beektu, Dhugaa Baatonni Yihowaa yaalii fayyaa addaddaatti ni gargaaramu. Barruun Dammaqaa! yeroo baay’ee matadureewwan waa’ee fayyaa dubbatan qabatee ba’a. Yaalii fayyaa isa kanatu gaariidha jennee yaada kennuu baannus, gargaarsa ogeeyyiin fayyaa nuu godhan ni dinqisiifanna. Yeroo ammaatti guutummaatti fayyaa ta’uun akka hin danda’amne beekna. Kanaafuu, waa’een fayyaa keenyaa jireenya keenya kan to’atu ykn yeroo hunda kan nu dhiphisu ta’uu akka hin qabne beekna. Ilaalchi keenya ilaalcha warra ‘abdii hin qabneerraa’ adda ta’uu qaba. Namoonni akkasii, jireenyi isuma ammaa kana qofadha jedhanii waan amananiif, dhukkubasaaniirraa fayyuuf yaalii hundumaa argachuuf carraaqu. (Efe. 2:2, 12) Hamma dhumaatti Waaqayyoof amanamoo yoo taane, ‘jireenya dhugaa harka keessa akka galfannu’ waan beeknuuf, jireenya keenya isa ammaa oolchuuf jecha surraa Yihowaa akka hin dhabne murteessineerra.—1 Xim. 6:12, 19; 2 Phe. 3:13.

7 Sababiin fayyaa keenyarratti garmalee akka hin xiyyeeffanne nu godhu gara biraanis jira. Fayyaa keenyarratti garmalee xiyyeeffachuun keenya, ofittoo akka taanu gochuu danda’a. Phaawulos, “Isin keessaa adduma addaan waan warra kaanitti tolus immoo haa ilaalu malee, waan isatti tolu duwwaa hin ilaalin!” jechuudhaan warra Filiphisiiyus yeroo gorsetti, ofittummaa ilaalchisee akeekkachiisa kenneera. (Filp. 2:4) Ofii keenyaaf hamma tokko yaaduun keenya sirriidha. Ta’us, obboloota keenyaafis ta’e namoota ‘wangeela mootummaa kana’ isaanii lallabnuuf yaaduun keenya, dhimma fayyaa keenyaa wajjin wal qabaterratti garmalee akka hin xiyyeeffanne nu gargaara.—Mat. 24:14.

8. Fayyaa keenyarratti garmalee xiyyeeffachuun keenya maalitti nu geessuu danda’a?

8 Kiristiyaanni tokko dhimmawwan Mootummichaatiif dursa kennuu hamma dadhabutti fayyaasaatiif dhiphachuu danda’a. Dhimma fayyaarratti garmalee kan dhiphannu yoo ta’e, nyaata ykn yaaliiwwan fayyaa tokko tokkorratti warri kaan ilaalcha akka keenyaa akka qabaatan dhiibbaa gochuu dandeenya. Karaa kanaan, seera bu’uuraa Phaawulos gorsa, “Isa ta’uu fi isa hin taane gargar baaftanii akka qortan, guyyaa dhufa Kristosittis makaa malee, gufuu malees akka taatan kadhachuu koo ti” jechuudhaan kenne keessatti argamu ilaali.—Filp. 1:10.

Wanti Caalaatti Barbaachisaa Ta’e Maalidha?

9. Wantoota caalaatti barbaachisaa ta’aniifi irraanfachuu hin qabne keessaa tokko maalidha? Maaliif?

9 Wanta caalaatti barbaachisaa ta’e yoo beekne, namoonni karaa hafuuraa fayyaa akka qabaatan gochuurratti dammaqinaan hirmaanna. Kana kan goonummoo, Dubbii Waaqayyoo lallabuufi barsiisuudhaani. Hojii gammachiisaan kun, nu qofaa utuu hin ta’in namoota barsiisnus ni fayyada. (Fak. 17:22; 1 Xim. 4:15, 16) Barruuleen Masaraa Eegumsaafi Dammaqaa! darbee darbee seenaawwan, waa’ee obboloota dhukkuba cimaa qabanii ibsan qabatanii ba’u. Seenaawwan kun, yeroo tokko tokko obboloonni kun dhukkubasaanii akkamitti akka mo’an ykn warri kaan Yihowaafi abdii inni kenne akka beekan gargaaruuf jecha akkamitti yeroodhaaf dhukkubasaanii akka irraanfatan ibsu. *

10. Filannaan yaalii fayyaa ilaalchisee goonu itti yaadamuu kan qabu maaliifi?

10 Kiristiyaanni tokko yeroo dhukkubsatu, yaalii fayyaa filatu ilaalchisee ‘ba’aasaa ofiisaatiif baachuu qaba.’ (Gal. 6:5) Haata’u malee, yaalii fayyaa ilaalchisee filannaan goonu Yihowaa gammachiisuu ykn gaddisiisuu akka danda’u beekuu qabna. Seerawwan bu’uuraa Macaafa Qulqulluu kabajuun keenya, ‘dhiiga akka hin nyaanneefi akka hin dhugne’ nu godha. Haaluma wal fakkaatuun, Dubbii Waaqayyootiif ulfina kennuun keenya, yaalii fayyaa seerawwan bu’uuraa Macaafa Qulqulluu nu diigsisu ykn walitti dhufeenya Yihowaa wajjin qabnu nu jalaa balleessu akka hin filanne nu gochuu qaba. (HoE. 15:20) Akkaataawwan qorannoofi yaalii fayyaa tokko tokko, gochawwan hafuura xuraa’ummaa wajjin wal fakkaatu. Yihowaan, Israa’eloota gantoota ta’aniifi gochawwan hafuura xuraa’ummaa filatan balaaleffateera. Akkas jedhe: “Kennaa waa’ee hin baafne deebitanii hin fidinaa! Ani aarsaa ixaana keessanii ciigga’eera, baatii haaraa, Sanbataa fi walga’ii keessan, jal’inaaf [“hojii hafuura xuraa’ummaatiif,” NW] walitti qabamuu keessanis ani obsuu hin danda’u.” (Isa. 1:13) Dhukkubsachuun keenya, wanta kadhannaa keenya ittisuufi walitti dhufeenya Yihowaa wajjin qabnu nu jalaa balleessu gochuuf sababii hin ta’u.—Faru. 3:44.

‘Yaada Gaarii Qabaachuun’ Barbaachisaadha

11, 12. Yaalii fayyaa yommuu filannu, ‘yaada gaarii qabaachuun’ barbaachisaa kan ta’e akkamitti?

11 Yeroo dhukkubsannu, Yihowaan dinqiidhaan akka nu fayyisu eeguu kan hin dandeenye ta’us, yaalii fayyaa sirrii ta’e filachuuf ogummaa akka nuu kennu kadhachuu dandeenya. Filannaan keenya seerawwan bu’uuraa Caaffata Qulqullaa’oorrattiifi hubannaarratti kan hundaa’e ta’uu qaba. Dhukkubni keenya cimaa yoo ta’e, ogeessa fayyaa tokkoo ol mariisisuun keenya gaariidha. Kana gochuun keenya, yaada Fakkeenya 15:22⁠rratti, “Mareen hin jiru yoo ta’e, wanti yaadame fiixaan hin ba’u; warri gorsa kennan yoo baay’atan garuu, fiixaan in ba’a” jechuudhaan ibsamee wajjin wal sima. Phaawulos ergamaan, Kiristiyaanonni hidhatasaa ta’an, ‘bara kana keessa of qabuutti [‘yaada gaarii qabaachuutti,’ NW] qajeelinatti, namoota Waaqayyoo taa’anii akka jiraataniifi gara gaariitti akka deebi’an’ isaan gorseera.—Tit. 2:12.

12 Haalli namoota baay’ee, haala dubartii dhukkubsattuu bara Yesus turtee wajjin wal fakkaata. Maarqos 5:25, 26 akkas jedha: “Dubartiin waggaa kudha lamaaf dhiigni ishee dhaabachuu diduudhaan rakkattu tokko immoo turte. Isheen ogeessota qorichaa biratti baay’ee dhiphattee, waan qabdu hundumaas kanuma irratti fixxe; haa ta’u iyyuu malee, qooda itti fooyya’uu ittuma hammaataa adeeme.” Yesus kan ishee fayyise ta’uusaarrayyuu, gara laafinaan ishee haasofsiiseera. (Mar. 5:27-34) Kiristiyaanonni tokko tokko ni fayyina jedhanii abdachuudhaan, qorannoo ykn yaalii fayyaa seerawwan bu’uuraa waaqeffannaa dhugaa wajjin wal hin simne filachuuf qoramaniiru.

13, 14. (a) Seexanni yaalii fayyaa ilaalchisee filannaa goonutti fayyadamuudhaan, amanamummaa keenya akka laaffisnu gochuu kan danda’u akkamitti? (b) Wanta hafuura xuraa’ummaa wajjin xinnumallee walitti dhufeenya qabu kamirraayyuu fagaachuu kan qabnu maaliifi?

13 Seexanni, waaqeffannaa dhugaarraa nu fageessuuf waan danda’e hunda godha. Namoota tokko tokko gufachiisuuf saalqunnamtii seeraan ala ta’eefi hawwii qabeenyaatti akkuma fayyadamu, warra kaanimmoo, yaaliiwwan fayyaa sirrii hin taaneefi hafuura xuraa’ummaa wajjin walitti dhufeenya qabaachuu danda’anitti fayyadamuudhaan amanamummaasaanii laaffisuuf yaala. Yihowaan, isa ‘hamaafi’ “seera irra daddarbuu hundumaa” jalaa akka nu oolchu ni kadhanna. Wanta hafuura xuraa’ummaa wajjin walitti dhufeenya qabu kamirraayyuu fagaachuudhaan, humna Seexanaa jala akka hin galle of oolchuu qabna.—Mat. 6:13; Tit. 2:14.

14 Yihowaan, Israa’eloonni hooda akka hin dubbanneefi ayyaana akka hin hedne dhowwee ture. (Kes. 18:10-12) Phaawulos, ‘hojiiwwan foonii’ keessaa tokko “gocha hafuura xuraa’ummaa, [NW]akka ta’e ibseera. (Gal. 5:19, 20) Kana malees, “warri gocha hafuura xuraa’ummaa raawwatan” addunyaa haaraa Yihowaan fidu keessatti qooda hin qabaatan. (Mul. 21:8, NW) Wanti hafuura xuraa’ummaa wajjin xinnumallee walitti dhufeenya qabu, Yihowaa biratti ciiggaasisaa akka ta’e beekamaadha.

‘Ilaalcha Sirrii Qabaachuun Keessan Nama Hundumaa Biratti Haa Beekamu!’

15, 16. Yaalii fayyaa sirrii ta’e filachuuf ogummaa qabaachuun kan barbaachisu maaliifi? Qaamni olaanaa jaarraa jalqabaa ture, gorsa gaarii akkamii kenne?

15 Akka armaan olitti ilaalletti, akkaataa qorannoo ykn yaaliin fayyaa tokko itti godhamu ilaalchisee shakkii yoo qabaanne, yaalii sana dhiisuun keenya gaariidha. Haata’u malee, yaaliin fayyaa tokko akkamitti akka godhamu ibsuu dadhabuun keenya, yaaliin sun hafuura xuraa’ummaa wajjin walitti dhufeenya qaba jechuu akka hin taane hubachuu qabna. Yaalii fayyaatiif ilaalcha Caaffata Qulqullaa’oo wajjin wal simu qabaachuun, ogummaa Dubbii Waaqayyoorratti hundaa’eefi hubannaa qabaachuu gaafata. Fakkeenya boqonnaa 3⁠rratti gorsa akkas jedhu arganna: “Garaa kee guutuu Waaqayyoon amanadhu, hubannaa ofii keetiitti hin hirkatin! Karaa kee hundumaatti isa yaadi, innis daandii kee siif in qajeelcha. . . . ogummaa fi dubbii gargar baasanii hubachuutti jabaadhu, . . . Isaan siif jireenya, . . . in ta’u.”—Fak. 3:5, 6, 21, 22.

16 Hamma danda’ame fayyaa taanee jiraachuuf kan carraaqnu ta’uyyuu, carraaqqiin yaalii fayyaa argachuuf goonu ykn wal’aansoon dulluma keenya tursuuf goonu, Yihowaa biratti fudhatama akka dhabnu nu gochuu hin qabu. Akkuma dhimmawwan kaanirratti goonu, yaalii fayyaa wajjin haala wal qabateenis ‘ilaalcha sirrii qabaachuun keenya namoota hundumaa biratti akka beekamu haa goonu.’ (Filp. 4:5, NW) Qaamni olaanaan jaarraa jalqabaatti ture, xalayaa baay’ee barbaachisaa ta’e tokkorratti Kiristiyaanonni waaqolii tolfamoo waaqeffachuurraa, dhiiga nyaachuufi dhuguurraa, akkasumas halalummaarraa akka fagaatan ajajee ture. Xalayaan sun, “Kana hundumaa irraa yoo of eeggattan gaarii dha” jechuudhaan yaada dabalataa kenna. (HoE. 15:28, 29) Karaa kamiin gaarii ta’a?

Fuulduratti Fayyaa Guutuu Akka Argannu Abdachuudhaan Fayyaa Keenya Kunuunsuu

17. Seerawwan bu’uuraa Macaafa Qulqulluu hordofuu keenyaan, fayyaan keenya kan eegame akkamitti?

17 Hundi keenya, ‘Seerawwan bu’uuraa Macaafa Qulqulluu dhiigaafi ejja ilaalchisee kennaman akka gaariitti hordofuunkoo hammam akka na fayyade hubadheeraa?’ jennee of gaafachuu qabna. ‘Wanta dhagna keenyaafi hafuura keenya xureessurraa of qulleessuu’ keenyaanis faayidaa akkamii akka arganne yaadi. (2 Qor. 7:1) Seera bu’uuraa Dubbiin Waaqayyoo qulqullina ilaalchisee kenne hordofuun keenya, dhukkuba hedduurraa nu eega. Tamboofi qorichawwan sammuu namaa hadoochan kaaniin hafuuraafi qaama keenya xureessuurraa fagaachuun keenya gaarii nuu ta’a. Garmalee nyaachuufi dhuguurraa fagaachuudhaan fayyaa argannus yaadi. (Fakkeenya 23:20fi Tiitoos 2:2, 3 dubbisi.) Boqonnaa fudhachuun, sochii jabeenya qaamaa hojjechuufi wantoonni kana fakkaatan fayyaa gaarii akka qabaannu gochuu danda’u. Ta’us, keessumaa qaamaanis ta’e karaa hafuuraa haala gaarii keessatti argamuu kan dandeenye, qajeelfama Caaffata Qulqullaa’oo kan fudhannu waan ta’eefi.

18. Wanti nu yaaddessuu qabu inni guddaan maalidha? Fayyaa ilaalchisee raajiin inni kam yeroo itti raawwatamu hawwiidhaan eeggachuu dandeenya?

18 Hunda caalaa, nageenya karaa hafuuraa qabnuuf of eeggachuu qabna. Akkasumas, walitti dhufeenya gaarii Abbaa keenya isa samii “jireenya ammaaf,” isa addunyaa haaraa keessatti “dhufuufis” burqaa ta’ee wajjin qabnu jabeeffachuu qabna. (1 Xim. 4:8; Far. 36:9) Addunyaa haaraa Waaqayyo fidu keessatti, dhiifama cubbuu aarsaa furii Yesusiin argannuun karaa hafuuraas ta’e qaamaan fayyaa guutuu arganna. Hoolaa Waaqayyoo kan ta’e Yesus Kiristos, “gara burqaa bishaan jireenya kennuutti” kan nu geessu ennaa ta’u, Waaqayyos ija keenyarraa imimmaan ni haqa. (Mul. 7:14-17; 22:1, 2) Kana malees, yeroo sana raajiin, “Isaan keessaa namni tokko illee, ‘Na dhukkuba’ kan jedhu hin jiru” jedhu nurratti ni raawwatama.—Isa. 33:24.

19. Fayyaa keenyaaf hamma tokko kunuunsa kan goonu yoo ta’eyyuu, waa’ee maalii mirkanaa’oo ta’uu dandeenya?

19 Fayyinni keenya akka dhihaate ni amanna. Guyyaa Yihowaan ilmaan namootaarraa dhukkubaafi du’a itti balleessus hawwiidhaan eegganna. Hammasitti garuu, Abbaan keenya inni jaalala qabeessa ta’e ‘waan nuu yaaduuf’ rakkina dhukkubni keenya nutti fide danda’uuf akka nu gargaaru waadaa nuu galeera. (1 Phe. 5:7) Kanaafuu, qajeelfama Dubbii Waaqayyoo keessatti argamuu wajjin haala wal simuun fayyaa keenya haa eegnu!

[Miiljalee]

^ key. 9 Matadureewwan kana keessaa tokko tokko, Masaraa Eegumsaa, Fulbaana 1, 2003, saanduqa fuula 17⁠rra jiru keessatti argamu.

[Gaaffiiwwan Qayyabannaa]

[Fakkii fuula 23rra jiru]

Ilmaan namootaa kan uumaman akka dhukkubsataniifi akka dulloomaniif hin turre

[Fakkii fuula 25rra jiru]

Dhugaa Baatonni Yihowaa dhibee fayyaa qabaatanis, tajaajilarraa gammachuu ni argatu

[Fakkii fuula 26rra jiru]

Irra Deebii

• Dhukkubsachuu keenyaaf kan itti gaafatamu eenyu? Rakkoowwan cubbuun nutti fiderraa kan nu furuhoo eenyu?

• Fayyaa keenyaaf yaaduu kan qabnu ta’uyyuu, maal gochuurraa fagaachuu qabna?

• Filannaan yaalii fayyaa ilaalchisee goonu, Yihowaa gammachiisuu ykn gaddisiisuu kan danda’u maaliifi?

• Fayyaa keenya ilaalchisee seerawwan bu’uuraa Macaafa Qulqulluu hordofuudhaan kan fayyadamnu akkamitti?