Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Amanamummaakee Eeguu Kan Qabdu Maaliifi?

Amanamummaakee Eeguu Kan Qabdu Maaliifi?

Amanamummaakee Eeguu Kan Qabdu Maaliifi?

“Akka balleessaa malee argamuu [“amanamummaa,” NW] kootti, dhugaa koo anaaf baasi yaa Waaqayyo!”—FAR. 7:8.

1, 2. Haalawwan amanamummaa Kiristiyaana tokkoo qoran kamfa’i?

HAALAWWAN addaddaa sadii ilaali: Barattoonni isaa wajjin baratan mucaa tokkotti ga’isaa jiru. Ijoolleen kun, tarii mucichi aaree akka isaan arrabsu ykn akka isaan lolu gochuuf tuttuqanii isa kakaasuuf yaalaa jiru. Mucaan kun haaloo ba’amoo, of to’atee isaan biraa adeema? Abbaan manaa tokko Intarneetiitti fayyadamee mana keessatti kophaasaa qorannaa gochaa jira. Ergaan Weeb saayitii fakkiiwwan ejja argisiisan akka ilaalu afeeru tokko kompiitaricharratti mul’ate. Fakkii kana ilaaluuf qoramee ergaa sana banamoo, irraa fagaachuuf murtoo godha? Obboleettiin tokko Kiristiyaanota kaanii wajjin haasa’aa utuu jirtuu, haasichi warra gumii keessatti argaman hamachuutti geddarame. Hamii sanarratti hirmaattimoo, haasaa sana jijjiiruuf yaalii gooti?

2 Haalawwan olitti ibsaman kun garaa garummaa kan qaban ta’us, wanti wal isaan fakkeessu tokko jira. Haalawwan sadanuu jarri kun amanamummaasaanii eeganii akka hin jiraanne kan isaan qoranidha. Wantoonni si yaaddessaniifi si barbaachisan yommuu si mudatan, akkasumas galma yommuu baafattu waa’ee amanamummaakeetii ni yaaddaa? Guyyuma guyyaadhaan namoonni waa’een bifasaanii, fayyaasaanii, wantoota jireenyaaf barbaachisan argachuun, walitti dhufeenyi michootasaanii wajjin qaban, tariimmoo jaalalaan qabamuunsaanii isaan yaaddessa. Nutis dhimmawwan kanaaf xiyyeeffannaa guddaa ni laanna ta’a. Haata’u malee, Yihowaa isa garaa namaa qoru biratti wanti bakki guddaan kennamuuf maalidha? (Far. 139:23, 24) Amanamummaa keenyadha.

3. Yihowaan mirga akkamii nuu kenneera? Mataduree kana keessatti waa’ee maalii baranna?

3 Yihowaan inni ‘kennaa gaarii hundumaafi kennaa guutuu hundumaa kennu’ kennaawwan garagaraa hedduu nuu kenneera. (Yaq. 1:17) Galanni isaaf haa ta’uutii, qaama, sammuu, hamma ta’emmoo fayyaafi dandeettiiwwan addaddaa qabna. (1 Qor. 4:7) Haata’u malee, Yihowaan amanamummaa akka argisiisnu nu hin dirqisiisu. Amanamummaa argisiisuufi dhiisuu ilaalchisee, filannaasaa numaaf dhiiseera. (Kes. 30:19) Kanaaf, amanamummaan maal akka ta’e qorachuun keenya baay’ee barbaachisaadha. Sababiiwwan sadan amalli kun baay’ee barbaachisaa ta’uusaa ibsanis ni ilaalla.

Amanamummaan Maalidha?

4. Amanamummaan maalfaa dabalata? Horii aarsaa godhanii dhiheessuu ilaalchisee seera Yihowaan kennerraa maal barachuu dandeenya?

4 Namoonni baay’een hiika amanamummaa sirriitti kan beekan hin fakkaatu. Fakkeenyaaf, yeroo baay’ee namoonni amanamoo akka ta’an of jajuudhaan yommuu dubbatan, dhugaa akka dubbatan ibsuusaaniiti. Dhugaa dubbachuun barbaachisaa yoo ta’eyyuu amanamummaan kana qofa miti. Macaafni Qulqulluun akka ibsutti, amanamummaan guutummaatti amala gaarii qabaachuus ni dabalata. Jechi afaan Ibrootaatiin “amanamummaa” jedhu, fayyaa, guutuu, ykn mudaa kan hin qabne jecha jedhurraa kan argamedha. Jechoota kana keessaa tokko, aarsaa Yihowaadhaaf dhihaatuu wajjin haala wal qabateen itti hojjetameera. Aarsaan horii isa biratti fudhatama kan argatu, horiin sun fayyaa ykn guutuu yoo ta’e qofa ture. (Lewwoota 22:19, 20 dubbisi.) Yihowaan namoota ta’e jedhanii horii naafa, dhukkubsataa ykn jaamaa aarsaadhaaf dhiheessuudhaan seera kana cabsan balaaleffateera.—Mil. 1:6-8.

5, 6. (a) Wanta guutuu ta’eef bakka guddaa akka laannu fakkeenyawwan kamtu argisiisa? (b) Namoota cubbuu dhaalanii wajjin haala wal qabateen, amanamoo jechuun mudaa kan hin qabne ta’uu jechuudhaa? Ibsi.

5 Wanta mudaa hin qabne ykn guutuu ta’e barbaaduufi wanta kanaaf bakka guddaa kennuun waan haaraa miti. Mee nama kitaaba gaggaarii walitti qabu tokko akka fakkeenyaatti fudhadhu. Namni kun kitaaba barbaadu kana erga argatee booda, fuulli barbaachisaa ta’e hedduun kitaaba kana keessaa hir’achuusaa hubate. Yeroo kanatti abdii kutachuudhaan kitaabicha iddoosaatti deebisa. Yookiin, dubartii gabaa dhaqxee hanqaaquu bituuf filachaa jirtu tokko akka fakkeenyaatti fudhadhu. Dubartiin kun gad jettee isa gaggaariisaa ilaalti. Isaan keessaa kan akkamii filatti? Hanqaaquu fayyaa filatti. Haaluma wal fakkaatuun Waaqayyos namoota garaa guutuu qaban barbaada.—2 Sen. 16:9.

6 Haata’u malee, amanamaa ta’uu jechuun mudaa kan hin qabne ta’uudhaa? jettee gaafatta ta’a. Cubbuu waan dhaalleefi mudaa waan qabnuuf, akka kitaaba fuula guutuu hin qabneefi akka hanqaaquu fayyaa hin taane sanaatti of ilaalla ta’a. Darbee darbee akkas sitti dhaga’amaa? Yihowaan guutummaatti mudaa kan hin qabne akka taanu kan nurraa hin eegne ta’uusaa mirkanaa’aa ta’i. Wanta gochuu dandeenyu caalaa nurraa hin eegu. * (Far. 103:14; Yaq. 3:2) Ta’us, amanamoo akka taanu barbaada. Maarree mudaa dhabuufi amanamoo ta’uu gidduu garaagarummaan jiraa? Eeyyee jira. Fakkeenyaaf: Dargaggeessi tokko durba fuudhuuf jedhu tokko ni jaallata. Intalli kun mudaa kan hin qabne akka taatu eeguunsaa gowwummaadha. Ta’us, isaaf amanamtuu akka taatu, jechuunis isa qofa akka jaallattu isheerraa eeguunsaa sirriidha. Yihowaanis ‘Waaqa hinaafu’ waan ta’eef, isa qofa akka waaqeffannu barbaada. (Bau. 20:5) Mudaa kan hin qabne akka taanu utuu hin ta’in, garaa guutuudhaan isa qofa akka waaqeffannu nurraa barbaada.

7, 8. (a) Yesus amanamummaa ilaalchisee fakkeenya akkamii nuu ta’a? (b) Akka Caaffanni Qulqullaa’oon jedhanitti amanamummaa jechuun maal jechuudha?

7 Yesus, seerri inni hundarra caalu maal akka ta’e yommuu gaafatame deebii kenne ni yaadanna. (Maarqos 12:28-30 dubbisi.) Gaaffii kanaaf deebii kennuu qofa utuu hin ta’in, wanta jedhe hojiirra oolcheera. Yaadasaa, garaasaa, jireenyasaafi humnasaa guutuudhaan Yihowaa jaallachuutti fakkeenya gaarii ta’eera. Yesus, amanamummaan afaaniin qofa utuu hin ta’in, hojii garaa qulqulluudhaan hojjetamuunis akka ibsamu argisiiseera. Amanamummaa keenya eeguun, faana Yesus duukaa bu’uu gaafata.—1 Phe. 2:21.

8 Akka Caaffanni Qulqullaa’oon jedhanitti amanamummaa jechuun, garaa guutuudhaan Yihowaadhaaf, fedhasaafi kaayyoosaatiif of kennuu jechuudha. Amanamummaa jechuun guyyuma guyyaadhaan hunda caalaa Yihowaa gammachiisuuf carraaqqii gochuu jechuudha. Wantoota inni iddoo guddaa kennuuf dursa laanna. Kana gochuun maaliif barbaachisaa akka ta’e sababiiwwan sadii haa ilaallu.

1. Amanamummaa Keenyaafi Gaaffii Olaantummaa

9. Gaaffiin olaantummaa ilaalchisee ka’e, dhuunfaatti amanamoo ta’uu keenyaa wajjin walitti dhufeenya akkamii qaba?

9 Olaantummaan Yihowaa amanamummaa keenyarratti kan hundaa’e miti. Olaantummaan Yihowaa sirriifi kan bara baraati; olaantummaa kan qabus uumama cufaarratti. Uumamni kamiyyuu waan fedhe yoo jedhe ykn yoo godhe, Yihowaan yeroo hundumaa olaantummaa qaba. Haata’u malee, samiirrattis ta’e lafarratti olaantummaa Yihowaarratti mormiin ka’eera. Kanaan kan ka’es, Yihowaan bulchaa olaantummaa qabu ta’uunsaa sirrii akka ta’e, bulchiinsisaas haqaafi jaalalarratti kan hundaa’e ta’uunsaa uumamawwan yaaduu danda’an duratti mirkaneeffamuu qaba. Dhugaa Baatota Yihowaa waan taaneef, namoota nu dhaggeeffatan hundumaa wajjin waa’ee olaantummaa Yihowaa mari’achuun nu gammachiisa. Nutihoo dhimma kana ilaalchisee filannaa dhuunfaa kan goonuufi filannaa keenyaa wajjin haala wal simuun olaantummaa Yihowaa deggeruu kan dandeenyu akkamitti? Yihowaan nurratti olaantummaa akka qabaatu kan barbaannu ta’uu keenya akkamitti argisiisuu dandeenya? Amanamummaa keenya eeguudhaani.

10. Seexanni amanamummaa namootaa ilaalchisee gaaffii akkamii kaaseera? Atoo gaaffii kanaaf akkamitti deebii kennuu barbaadda?

10 Amanamummaankee olaantummaa Yihowaa wajjin walitti dhufeenya akkamii akka qabu ilaali. Seexanni, namni tokkoyyuu jaalala ofittummaarraa walaba ta’een Yihowaa hin tajaajilu ykn olaantummaa Waaqayyoo hin deggeru jechuudhaan himata dhiheesseera. Ergamoonni hangana hin jedhamne utuma isa dhaga’anii Yihowaadhaan, “Gogaan qooda gogaati. Namni waan qabu hundumaa lubbuusaatiinkenna” jedhe. (Iyo. 2:4, hiika bara 1899) Seexanni, Iyoob isa nama qajeelaa qofa utuu hin ta’in, ilmaan namootaa hunda akka arrabse hubadhu. Kanaan kan ka’es, Macaafni Qulqulluun Seexanni ‘hadheessituu obboloota keenyaa’ akka ta’e dubbata. (Mul. 12:10) Seexanni, siinis dabalatee Kiristiyaanonni hundi amanamoo ta’uu akka hin dandeenye dubbachuudhaan Yihowaatti ga’isa. Seexanni lubbuukee oolfachuuf jettee Yihowaa akka gantu dubbata. Himata sirratti tuulame kana ilaalchisee maaltu sitti dhaga’ama? Carraa argattetti fayyadamtee Seexanni sobduu ta’uusaa argisiisuu hin barbaadduu? Amanamummaakee eeguudhaan kana gochuu dandeessa.

11, 12. (a) Murtoon guyyaa guyyaan goonu amanamummaa keenyaa wajjin walitti dhufeenya akka qaban fakkeenyawwan kamtu argisiisa? (b) Amanamummaa ofii eeguun mirga guddaa kan ta’e maaliifi?

11 Amalli guyyaa guyyaadhaan argisiistuufi filannaan gootu, gaaffii amanamummaa ilaalchisee ka’ee wajjin walitti dhufeenya waan qabuuf, dhimmi kun wanta iddoo guddaan kennamuufii qabudha. Haalawwan sadan jalqabarratti kaasne irra deebi’ii ilaali. Amanamummaasaanii akkamitti eeguu danda’u? Gurbaan barattoonni itti ga’isan sun, isaan arrabsuuf qoramuyyuu abboommii, “Ijaa baasuu dheekkamsa Waaqayyootti dhiisaa malee, ofii keessanii ijaa hin baafatinaa! Caaffata qulqullaa’aa keessatti, Waaqayyo gooftaan, ‘Ijaa baasuun kan koo ti, ani hojii namaa mataa isaa irratti nan deebisa’ jedhee dubbateera” jedhu yaadata. (Rom. 12:19) Achiis isaan biraa adeema. Abbaan manaa sun, Intarneetiidhaan fakkii fedhii saalqunnamtii kakaasu sana ilaaluu danda’a ture. Haata’u malee, seera bu’uuraa yaada Iyoob, “Ani ija kootii wajjin kakuudhaan walii galeera, egaa attamittan ija hawwaatiin gara durbaa ilaala ree?” jechuudhaan dubbaterratti argamu yaadata. (Iyo. 31:1) Haaluma wal fakkaatuun, namni kunis fakkiiwwan gadhee kana ilaaluun sammuusaa akka xureessu hubachuudhaan irraa fagaata. Dubartiin warra kaanii wajjin haasa’aa turte sunis, jalqabarratti hamii gadhee sana dhaga’uu dandeessi. Yeroo kanatti qajeelfama, “Nu keessaa adduma addaan isa kaaniif gaarii akka ta’uuf, jireenya tokkummaas akka ijaaruuf nama haa gammachiisu!” jedhu yaadachuudhaan hamii sanarraa fagaatti. (Rom. 15:2) Hamiin isaanirraa fuutee dubbattu warra kaan kan jajjabeessu miti. Kana gochuunshee, Kiristiyaanota obbolootashee ta’aniif kabaja kan hin fidne ta’uusaarrayyuu, Abbaashee isa samii hin gammachiisu. Kanaafuu arrabashee to’attee maree sana jijjiirti.

12 Haalawwan kana hunda keessatti filannaan Kiristiyaanonni kun godhan, ‘Yihowaan Bulchaa kooti,’ dhimma kana ilaalchisee wanta isa gammachiisu gochuuf nan yaala’ akka jedhan kan argisiisu ta’a. Atoo filannaafi murtoo yommuu gootu, Yihowaa gammachiisuuf yaalii gootaa? Taanaan jechoota nama gammachiisaniifi Fakkeenya 27:11⁠rratti, “Yaa ilma ko, nama ana arrabsuuf deebii kennuu akkan danda’utti, ati ogeessa ta’i, garaa na ciibsi!” jedhuu wajjin haala wal simuun akka jiraattu argisiisuu dandeessa. Garaa Waaqayyoo ciibsuu danda’uun mirga guddaa mitii? Maarree, amanamummaa keenya eeguuf hamma dandeenye carraaqqii gochuun keenya sirrii mitii?

2. Yihowaan Amanamummaa Keenyarratti Hundaa’ee Firdii Nuu Kenna

13. Jechoonni Iyoobiifi Daawit, Yihowaan firdii kan nuu kennu amanamummaa keenyarratti hundaa’uudhaan akka ta’e kan argisiisan akkamitti?

13 Amanamummaan olaantummaa Yihowaa deggerree akka dhaabannu nu gargaara. Kanaan kan ka’es, Yihowaan firdii kan nuu kennu amanamummaa keenyarratti hundaa’eeti. Iyoob, kun dhugaa ta’uusaa hubateera. (Iyoob 31:6 dubbisi. *) Iyoob, Waaqayyo seera bu’uuraa murtoo sirrii gochuuf baasetti fayyadamee, amanamummaa keenya kan madaalu ta’uusaafi ilmaan namootaa “madaallii qajeelaatiin” akka miijanu hubatee ture. Haaluma wal fakkaatuun Daawitis, “Waaqayyo saba hundumaaf firdii in kenna, akka qajeelummaa koottii fi akka balleessaa malee argamuu [“amanamummaa,” NW] kootti dhugaa koo anaaf baasi yaa Waaqayyo! . . . Garaa namaa fi yaada namaa kan qortu, ati Waaqayyo qajeelaa dha” jedheera. (Far. 7:8, 9) Waaqayyo keessa namummaa keenya isa gadi fagoo, jechuunis “garaa namaa fi yaada namaa” ilaaluu akka danda’u beekna. Haata’u malee, wanta inni arguu barbaadus beekuu qabna. Akkuma Daawit jedhe Yihowaan akka amanamummaa keenyaatti firdii nuu kenna.

14. Cubbamoota ta’uun keenya amanamoo akka hin taane nu dhowwa jennee matumaa yaaduu kan hin qabne maaliifi?

14 Yihowaan yeroo ammaatti garaa namoota biliyoonaan lakkaa’amanii akka qoru hubadhu. (1 Sen. 28:9) Yihowaan namoota amanamummaasaanii eegan hammamii argata? Baay’ee hin argatu. Ta’us, cubbuu kan dhaalle ta’uun keenya, amanamoo akka hin taane nu dhowwa jennee yaaduu hin qabnu. Kanaa mannaa, cubbamoota yoo taanellee, akkuma Iyoobiifi akka Daawit, Yihowaan amanamummaa akka nu keessatti argatu mirkanaa’oo ta’uu dandeenya. Mudaa kan hin qabne hundi amanamaa ta’a jechuu akka hin taane yaadadhu. Lafa kanarra kan turan namoota mudaa hin qabne sadii qofa yommuu ta’an, isaan keessaa Addaamiifi Hewwaan amanamummaasaanii utuu hin eegin hafaniiru. Haata’u malee, namoonni cubbuu dhaalaniifi miliyoonaan lakkaa’aman amanamummaasaanii eeguu danda’aniiru. Atis kana gochuu ni dandeessa.

3. Amanamummaan Abdii Keenyaaf Barbaachisaadha

15. Daawit amanamummaan abdii gara fuulduraatiif barbaachisaa ta’uusaa kan argisiise akkamitti?

15 Yihowaan amanamummaa keenyarratti hundaa’ee firdii waan nuu kennuuf, amanamummaan abdii keenyaaf baay’ee barbaachisaadha. Daawit, kun dhugaa ta’uusaa beekeera. (Faarfannaa 41:12 dubbisi. *) Abdii barabaraaf Waaqayyo biratti fudhatama argachuuf qabuuf bakka guddaa kenna ture. Daawit akkuma Kiristiyaanota dhugaa yeroo ammaatti argamanii, bara baraaf jiraachuuf kan abdatu ta’uusaarrayyuu, Yihowaa tajaajiluudhaan caalaatti isatti dhihaachuu barbaada ture. Daawit abdiin kun akka isaaf raawwatamu yoo barbaade, amanamaa ta’uunsaa baay’ee barbaachisaa akka ta’e hubateera. Akkuma Daawit nuyis, yommuu amanamummaa keenya eegnu, Yihowaan nu deggera, nu barsiisa, nu qajeelcha akkasumas nu eebbisa.

16, 17. (a) Yeroo hunda amanamummaadhaan jiraachuuf murteessuu kan qabdu maaliifi? (b) Matadureen itti aanu gaaffiiwwan kamiif ibsa kenna?

16 Abdiin yeroo ammaattis gammachuu nuu argamsiisa. Abdiin, gammachuu yeroo rakkinaatti nu barbaachisu nuu argamsiisuu danda’a. Yaada keenyas nuu eeguu danda’a. Macaafni Qulqulluun, abdii, gonfoo sibiilaa wajjin akka wal fakkeessu yaadadhu. (1 Tas. 5:8) Gonfoon sibiilaa waraanarratti mataa loltuu tokkoo akkuma eegu, abdiinis ilaalcha gadheefi abdii kutachuu isa Seexanni biyya lafaa du’aa jiru kana keessatti babal’isurraa yaada keenya nuu eeguu danda’a. Dhugumayyuu jireenyi abdii malee gatii hin qabu. Amanamummaafi abdiin keenya sadarkaa maaliirratti akka argamu gamaaggamuudhaan sirriitti of qoruun nu barbaachisa. Amanamaa ta’uudhaan olaantummaa Yihowaa deggeruufi abdii guddaa gara fuulduraatti qabdu jabeeffachuu akka dandeessu hin dagatin. Yeroo hundumaa amanamummaakee eegi!

17 Amanamummaan baay’ee barbaachisaa waan ta’eef, gaaffiiwwan dabalataa tokko tokko qoruun keenya gaariidha. Amanamummaa qabaachuufi eegnee jiraachuu kan dandeenyu akkamitti? Namni tokko yeroo muraasaaf amanamummaasaa yoo dhabe maal gochuutu danda’ama? Matadureen itti aanu gaaffiiwwan kanaaf deebii kenna.

[Miiljaleewwan]

^ key. 6 Yesus, “Egaa abbaan keessan inni waaqa irraa mudaa malee akkuma ta’e, isinis warra mudaa hin qabne ta’aa!” jedheera. (Mat. 5:48) Kanarraa hubachuun akka danda’amutti, Yesus namoonni cubbuu dhaalanillee hamma ta’e guutuu ykn mudaa kan hin qabne ta’uu akka danda’an hubateera. Warra kaan garaadhaa akka jaallannu abboommii nuu kenname hojiirra oolchuudhaan, Waaqayyoon gammachiisuu dandeenya. Yihowaan guutummaatti mudaa kan hin qabnedha. Jechi “amanamummaa” jedhu isaaf yommuu itti hojjetamu, guutummaatti mudaa kan hin qabne jechuus ni dabalata.—Far. 18:30.

^ key. 13 Iyoob 31:6 (NW) “Amanamummaa koo akka beekutti, Waaqayyo madaallii qajeelaatiin ana haa miijanu!”

^ key. 15 Faarfannaa 41:12 (NW): “Amanamummaakoo eegee waanan argamuuf, ati ol qajeelchitee na qabda, bara baraanis of dura na dhaabda.”

Maal Jettee Deebista?

• Amanamummaan maalidha?

• Amanamummaafi gaaffiin olaantummaarratti ka’e walitti dhufeenya maalii qabu?

• Amanamummaan abdii keenyaaf bu’uura kan ta’e akkamitti?

[Gaaffiiwwan Qayyabannaa]

[Fakkii fuula 5rra jiru]

Guyyaa guyyaadhaan wantoonni amanamummaa keenya qoran hedduun nu mudatu