Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Gaaffii Dubbistootaa

Gaaffii Dubbistootaa

Gaaffii Dubbistootaa

Fakkeenyi 22:6 mucaan Kiristiyaanni tokko sirriitti leenjii argachuunsaa karaa Yihowaarraa akka hin jallanne mirkaneessaa?

Caqasni kun, “Akka itti jiraachuun ta’u mucaa barsiisi! Innis yommuu dulloomu iyyuu irraa hin kaatu” jedha. Mukti tokko jal’atee ykn sirriitti biqiluunsaa bifa mukichi yeroo guddatu qabaaturratti dhiibbaa akkuma geessisu, ijoolleen sirriitti leenjii argatanii guddatanis carraan Yihowaa tajaajiluu itti fufuuf qaban bal’aa ta’a. Warra kan ta’an hundi akkuma beekan leenjiin akkasii yeroo dheeraafi carraaqqii guddaa gaafata. Warri, ijoolleesaanii bartoota taasisuuf, xiyyeeffannaan barsiisuu, gorsuu, jajjabeessuu, adabuufi fakkeenya gaarii ta’uufii qabu. Kanas, utuu walirraa hin kutin waggoota hedduuf jaalalaan raawwachuu qabu.

Kana jechuun mucaan tokko Yihowaa tajaajiluu yoo dhiise leenjii warri isaa kennan rakkina qaba jechuudhaa? Al tokko tokko carraaqqii warri adabaafi barsiisa Yihowaatiin ijoolleesaanii leenjisuuf godhan ga’aa miti ta’a. (Efe. 6:4) Karaa biraas, yaanni macaafa Fakkeenyaarra jiru leenjii gaariin ijoolleen Waaqayyoof amanamoo akka ta’an wabii hin ta’u. Warri ijoolleesaanii akka ofii barbaadanitti guddisuu hin danda’an. Ijoolleenis akkuma ga’eessotaa, filannoo dhuunfaa gochuufi daandii jireenyaa filatanirra deemuuf mirga qabu. (Kes. 30:15, 16, 19) Warri carraaqqii cimaa godhanis, ijoolleen tokko tokko akkuma Solomoon isa caqasa kana barreessee amanamoo hin ta’in hafu. Yihowaanillee ijoollee amanamoo hin ta’in hafan qaba.

Kanaaf, caqasni kun mucaan leenjii sirrii argate haala akkamii keessattiyyuu “irraa hin kaatu” jechuusaa utuu hin ta’in bu’aa argamu ibsa. Kun warra baay’ee kan jajjabeessudha! Carraaqqii guddaan karaa Yihowaa ijoolleesaanii guddisuuf godhan, bu’aa akka argamsiisu beekuunsaanii isaan jajjabeessuu qaba. Ga’eensaanii barbaachisaa ta’uusaa caalaas, ijoolleesaaniirratti dhiibbaa gaarii waan geessisuuf, warri itti gaafatamummaasaaniitiif bakka guddaa akka kennan gorfamaniiru.—Kes. 6:6, 7.

Warri, ijoolleesaanii sirriitti leenjisuuf dhama’aa turan, ijoolleen kun Yihowaa tajaajiluu dhiisanillee, gaaf tokko gara dhugaatti akka deebi’an ni abdatu. Dhugaan Macaafa Qulqulluu humna qaba; leenjiin warraas salphaatti hin irraanfatamu.—Far. 19:7.