Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Guutummaatti Dhugaa Ba’uuf Murteessaa

Guutummaatti Dhugaa Ba’uuf Murteessaa

Guutummaatti Dhugaa Ba’uuf Murteessaa

“Inni wangeelicha namootatti akka lallabnuuf, . . . akka dhugaa baanuuf nu abboomeera.” —HOE. 10:42.

1. Phexros Qorneelewos bakka jirutti yommuu dubbatu, ergamootaaf hojiin akkamii akka kenname ibse?

ANGAFNI DHIBBAA waraana Xaaliyaanii, yeroo jijjiiramni guddaan itti ta’u tokkoof firootasaafi michootasaa walitti qabe. Namni Waaqayyoon sodaatu kun Qorneelewos jedhama. Phexros, ergamoonni ‘wangeelicha namootatti akka lallabaniifi [“guutummaatti,” NW] akka dhugaa ba’an abboomamuusaanii’ namoota walitti qabaman sanatti hime. Lallabni Phexros bu’aa guddaa argamsiiseera. Namoonni saba Waaqayyoo hin taaneefi dhagna hin qabanne, hafuura Waaqayyoo argachuu, cuuphamuufi Yesusii wajjin samiirratti mootota ta’uu danda’aniiru. Phexros guutummaatti dhugaa ba’uunsaa bu’aa dinqisiisaa argamsiiseera!—HoE. 10:22, 34-48.

2. Dhugaa ba’uuf abboommiin kan kenname ergamoota 12 qofaaf akka hin taane akkamitti beekna?

2 Kun kan ta’e Dh.K.B. bara 36⁠tti ture. Kun ta’uusaa waggaa lama dura, namni cimsee Kiristiyaanota ari’achaa ture tokko, wanti jireenyasaarratti jijjiirama fide isa mudate. Saa’ol inni biyya Xarsees kun yommuu Yesus isatti mul’atee, “Gara mandaraatti lixi! Waan gochuun siif ta’us sitti in himama” isaan jedhu, gara Damaasqoo dhaqaa jira ture. Yesus, Saa’ol “warra saba Waaqayyoo hin ta’in duratti, mootota duratti, namoota Israa’el durattis” dhugaa akka ba’u Anaaniyaasitti hime. (Hojii Ergamootaa 9:3-6, 13-20 dubbisi.) Anaaniyaas Saa’oliin, “Waaqayyo gooftaan abaabilii keenyaa, . . . si fo’ateera. . . . namoota hundumaatti in himta, isaafis dhuga-baatuu in taata” jedheen. (HoE. 22:12-16) Saa’ol inni booda Phaawulos jedhame, hojii isaa kenname kanaaf iddoo akkamii kennee ture?

Guutummaatti Dhugaa Ba’eera!

3. (a) Seenaa adda ta’e kamirratti xiyyeeffanna? (b) Jaarsoliin Efesoon ergaa Phaawulosirraa isaan ga’eef maaltu isaanitti dhaga’ame? Fakkeenya gaarii kan nuu ta’an akkamitti?

3 Wanta Phaawulos sana booda godhe hundumaa gadi fageenyaan qorachuun baay’ee nama gammachiisa. Ammaaf garuu, haasawaa inni Dh.K.B. bara 56⁠tti kenneefi Hojii Ergamootaa boqonnaa 20⁠rra jirurratti haa xiyyeeffannu. Phaawulos haasawaa kana kan dhiheesse, adeemsa misiyoonummaasaa isa sadaffaa yommuu xumuruu jala ga’etti ture. Miilexos ishee qarqara galaana Eejiyaanitti argamtutti markabarraa bu’ee, jaarsolii gumii Efesoonitti erge. Efesoon bakka sanarraa gara kiilomeetira 50 qofa kan fagaattu ta’uyyuu, karichi jajal’aa waan ta’eef yeroo dheeraa fudhata ture. Jaarsoliin Efesoon ergaan Phaawulos yommuu isaan ga’u hammam akka gammadan tilmaamuu dandeessa. (Fakkeenya 10:28 waliin ilaali.) Ta’us, gara Miilexos dhaquuf qophii gochuu qabu turan. Isaan keessaa tokko tokko hojiirraa boqonnaa fudhachuun ykn suuqiisaanii cufuun isaan barbaachisee ta’uu danda’a. Yeroo har’aas Kiristiyaanonni hedduun sagantaa walga’ii koonyaa keessaa kutaan tokkoyyuu akka isaan darbu waan hin barbaanneef tarkaanfii akkasii fudhatu.

4. Phaawulos yeroo waggoota muraasaaf Efesooniin turetti maal gochaa ture?

4 Phaawulos jaarsoliin sun hamma isa bira ga’anitti Miilexos keessa guyyaa sadii ykn afur tureera. Yeroo kanatti maal hojjechaa kan ture sitti fakkaata? Utuu si ta’ee maal goota turte? (Hojii Ergamootaa 17:16, 17 waliin ilaali.) Wanti Phaawulos jaarsolii Efesooniin jedhe deebiisaa argachuuf nu gargaara. Sana dura yeroo Efesoon ture dabalatee, waggoota hedduudhaaf akkamitti lallabaa akka ture isaanitti himee ture. (Hojii Ergamootaa 20:18-21 dubbisi.) Phaawulos, “Ergan gaafa kutaa biyya Asiyaa kana dhufeetii jalqabee, yeroo hundumaa . . . [“guutummaatti,” NW] dhugaa ba’eera” jechuu danda’ee ture. Eeyyee, hojii Yesus isaa kenne raawwachuuf murteessee ture. Efesoon keessatti hojii kana kan raawwate akkamitti? Karaan kana itti godhe tokko, bakka namoonni baay’een argaman dhaqee Yihudootaaf lallabuudhaan ture. Phaawulos Dh.K.B. naannoo bara 52-55 Efesoon keessa ennaa turetti, mana sagadaa warra Yihudootaatti namootaa ‘wajjin dudubbachaa isaan amansiisuufis waa’ee Mootummaa Waaqayyoo hubachiisaa akka ture’ Luqaas gabaaseera. Yommuu Yihudoonni ‘mata jabeeyyii ta’uudhaan amanuu didanitti,’ garuu isaan dhiisee warra kaanirratti xiyyeeffachuudhaan, magaalattii keessatti bakka biraatti lallabasaa itti fufe. Achiis, magaalaa guddoo sana keessatti Yihudootaafi Giriikotaaf dhugaa ba’e.—HoE. 19:1, 8, 9.

5, 6. Phaawulos mana manatti kan lallabe warra hin amanneef akka ta’e mirkanaa’oo ta’uu kan dandeenyu akkamitti?

5 Namoota Phaawulos Miilexositti haasaa dhiheesseef keessaa tokko tokko yeroo booda Kiristiyaanota kan ta’an si’a ta’u, ulaagaa isaanirraa eegamu guutuudhaan jaarsolii ta’aniiru. Phaawulos, “Waan waa’ee isiniif baasu hundumaa, waldaatti [“bakka namoonni baay’een argamanitti,” NW] mana manattis isinitti lallabuudhaaf isin barsiisuu irraa ani of hin qusanne” jechuudhaan mala lallabaa inni itti fayyadamu isaan yaadachiiseera. Namoonni tokko tokko, caqasa kanarratti Phaawulos namoota amananiif manasaanii dhaqee daawwannaa gochaafii akka ture ibsuusaati jedhu. Kun garuu dhugaa miti. Yaanni ‘bakka namoonni baay’een itti argamaniifi mana manatti’ jedhu adda durummaadhaan, namoota hin amanneef lallabuu kan argisiisudha. Kanammoo wanta Phaawulos, “Yaada garaa geddaratanii gara Waaqayyootti akka deebi’an gooftaa keenya Yesusittis akka amanan Yihudootaa fi Griikotatti dhugaa ba’eera” jechuudhaan itti aansee dubbaterraa hubachuu dandeenya. Kanarraa ifatti hubachuu akka dandeenyutti, Phaawulos dhugaa ba’aa kan ture namoota hin amanne, yaada garaa geddarachuufi Yesusitti amanuun isaan barbaachisuuf ture.—HoE. 20:20, 21.

6 Hayyuun tokko Caaffata Qulqullaa’oo afaan Giriikiirratti ibsa bal’aa yommuu kennu, Hojii Ergamootaa 20:20 ilaalchisee akkas jedheera: “Phaawulos Efesoon keessa waggaa sadii ture. Mana hundumaa dhaqeera, yoo xinnaate nama hundumaaf lallabeera (lakkoofsa 26). Caqasni manaa manattiifi bakka namoonni hedduun argamanitti lallabuuf ragaa ta’u isa kanadha.” Akkuma hayyuun kun jedhe Phaawulos mana hundumaa dhaqus dhaquu baatus, jaarsoliin Efesoon inni akkamitti akka lallabeefi bu’aa lallabnisaa argamsiise akka irraanfatan hin barbaanne. Luqaas, “Namoonni kutaa biyya Asiyaa keessa jiraatan hundinuu Yihudoonnii fi Griikonni dubbii gooftaa in dhaga’an” jechuudhaan gabaaseera. (HoE. 19:10) Haata’u malee, namoonni Asiyaa keessa jiran “hundinuu” dhaga’uu kan danda’an akkamitti? Kunoo, waa’ee lallaba keenyaa maal ibsa?

7. Lallabni Phaawulos namoota inni kallattiidhaan isaanii lallabe malees warra kaanirratti dhiibbaa geessisee ta’uu kan danda’u akkamitti?

7 Phaawulos bakka namoonni walitti qabamanittiifi mana manatti lallabuusaatiin kan ka’e, namoonni hedduun ergaasaa dhaga’aniiru. Namoonni ergaa sana dhaga’an hundi daldalaaf, firoottansaanii wajjin ta’uuf ykn bakka tasgabbaa’aa jiraachuuf bakka biraa dhaquu dhiisanii achuma Efesoon keessa kan turan sitti fakkaataa? Kun ta’uu hin danda’u. Yeroo har’aa namoonni baay’een sababiiwwan akkasiitiin iddoo jireenyaa jijjiirrataniiru; siinis kun si mudatee ta’uu danda’a. Yeroo sanatti, namoonni naannoo kan biraa jiraatan dhimma hawaasummaa ykn daldalaa wajjin wal qabateef Efesoon dhaqu turan. Yeroo achi turanitti Phaawulosiin wal arganii ykn lallabasaa dhaggeeffatanii ta’uu danda’a. Yeroo gara biyyasaaniitti deebi’an maal godhu? Namoonni dhugaa fudhatan sun warra kaaniif dhugaa ba’u. Warri kaanimmoo amantoota hin taane ta’a; ta’uyyuu wanta yeroo Efesoon turanitti dhaga’an warra kaanitti himuu hin oolan. Kanaan kan ka’es, firoonni, ollaawwan ykn maamiltoonnisaanii dhugaa dhaga’anii ta’uu kan danda’u yommuu ta’u, isaan keessaas tokko tokko ergaa kana fudhataniiru. (Maarqos 5:14 waliin ilaali.) Kun, guutummaatti dhugaa ba’uunkee bu’aa akkamii argamsiisuu akka danda’u argisiisa?

8. Namoonni kutaa biyya Asiyaa keessa jiraatan dhugaa kan dhaga’an akkamitti ta’uu danda’a?

8 Phaawulos, tajaajila sana dura Efesoon keessatti raawwate ilaalchisee, ‘hojii guddaafi waa’ee baasu hojjechuudhaaf karaan akka isaaf baname’ dubbateera. (1 Qor. 16:8, 9) Karaan Phaawulosiif baname maalidha? Kan banameefoo akkamitti? Phaawulos Efesoonitti utuu walirraa hin kutin lallabuunsaa misiraachichi akka babal’atu godheera. Waa’ee magaalaawwan sadan giddu galeessa Efesoonitti argaman, jechuunis Qolosaayis, Laa’odiiqeyaafi Heraapholis haa ilaallu. Phaawulos magaalaawwan kana dhaqee kan hin beekne ta’us, misiraachicha dhaga’aniiru. Ephaafraas nama naannoo sanaa ture. (Qol. 2:1; 4:12, 13) Ephaafraas Kiristiyaana kan ta’e lallaba Phaawulos Efesoonitti kenne dhaga’eetii? Macaafni Qulqulluun kana ilaalchisee waan ifa godhe hin qabu. Ta’uyyuu, Ephaafraas naannoo jireenyaasaatti dhugaa babal’isuudhaan, Phaawulosiin bakka bu’ee hojjetee ta’uu danda’a. (Qol. 1:7) Waggoota Phaawulos Efesoon keessatti lallabaa turetti, ergaan Kiristiyaanummaa kun, magaalota akka Filaadelfiyaa, Saardesiifi Tiyaatiraatti dhaga’amee ta’uu danda’a.

9. (a) Phaawulos hawwii guddaa akkamii qaba ture? (b) Caqasni waggaa 2009 maal kan jedhudha?

9 Kanaafuu jaarsoliin Efesoon, yaada Phaawulos akkas jechuudhaan dubbate fudhachuuf sababii ga’aa qabu turan: “Hojiin wangeela ayyaana Waaqayyoof [“guutummaatti,” NW] dhugaa ba’uu, gooftaa Yesus biraa anatti kennameera. Ani immoo ergaa koo fi hojii koo kana raawwachuu duwwaa nan barbaada; kana irraa kan hafe jireenya koo akka waan gatii naaf qabuutti hin lakkaa’u.” Caqasni kun caqasa waggaa 2009 isa “Wangeela Waaqayyoof Guutummaatti Dhugaa Ba’aa” jedhuufi nama jajjabeessu akkasumas hojiidhaaf nama kakaasu qabateera.—HoE. 20:24.

Yeroo Har’aa Guutummaatti Dhugaa Ba’uu

10. Guutummaatti dhugaa ba’uu akka qabnu akkamitti beekna?

10 Ergamoota Yesus qofa utuu hin ta’in warri kaanis, ‘Wangeelicha namootatti akka lallabaniifi guutummaatti akka dhugaa ba’an’ ajajamaniiru. Yesus erga du’aa ka’ee booda duuka buutota gara 500 ta’an Galiilaatti walitti qabee yommuu haasawaa isaanii kenne, akkas jechuudhaan isaan abboomee ture: “Egaa dhaqaa, maqaa abbaatii fi ilmaatti, kan hafuura qulqulluuttis isaan cuuphuudhaan, saba hundumaa bartoota koo godhaa! Waanan isin abboome hundumaa eeguu isaan barsiisaa!” Abboommiin kun Kiristiyaanota dhugaa yeroo ammaa jiran hundaafis kan hojjetu ta’uusaa, wanta Yesus, “Kunoo, ani immoo hamma dhuma baraatti guyyaa hundumaa isinii wajjin nan jira” jechuudhaan dubbaterraa hubachuun ni danda’ama.—Mat. 28:19, 20.

11. Dhugaa Baatonni Yihowaa hojii barbaachisaa isa kam hojjechuudhaan beekamu?

11 Kiristiyaanonni hinaaffaa qaban, ‘wangeelaaf guutummaatti dhugaa ba’uuf’ carraaquudhaan abboommii kanaaf ajajamuusaanii itti fufu. Phaawulos jaarsolii Efesooniif waa’ee mana manatti lallabuu akkuma ibse, karaan hojii kana itti raawwannu inni guddaan manaa manatti lallabuudha. Namni Deevid Istiwaart Juuniyar jedhamu, hojii misiyoonummaa bu’a qabeessa ta’e ilaalchisee kitaaba bara 2007⁠tti maxxansiiserratti akkas jedheera: “Dhugaa Baatonni Yihowaa namoonni warra kaanitti waa’ee amantiisaanii dubbachuu akkamitti akka danda’an karaan itti barsiisan, [waltajjiirra dhaabatanii] barumsa ifa hin taaneefi hojiidhaan hin argisiifamne barsiisuu caalaa bu’a qabeessa ta’uunsaa hubatameera. Dhugaa Baatonni Yihowaa hedduun amantiisaanii warra kaanitti himuu jaallatu.” Kunoo bu’aa akkamii argamsiise? Namichi kun itti dabaluudhaan akkas jedheera: “Qorannaan bara 1999, magaalota gurguddaa biyyoota baha Awurooppaa lamatti godheen namootan gaafadhe keessaa . . . misiyoononni ‘Mormonootaa’ akka isaan haasofsiisan kan dubbatan dhibbeentaa 2 hanga 4 qofadha. Isaan keessaa dhibbeentaa 70 ol kan ta’animmoo Dhugaa Baatonni Yihowaa dhuunfaatti akka isaan haasofsiisaniifi hedduusaanis al baay’ee akka haasofsiisan ibsaniiru.”

12. (a) Naannoo tajaajilaa keenyatti “al baay’ee” mana namootaa kan dhaqnu maaliifi? (b) Muuxannoo nama yeroo booda ergaa lallabnu fudhate tokkoo dubbachuu dandeessaa?

12 Namoota naannookeetiis haalli akkasii isaan mudateera ta’a. Atis kanarratti gahee qabaachuu hin ooltu. Tajaajila manaa gara manaarratti yommuu namoota ‘dhuunfaatti haasofsiistu’ dhiira, durbaafi dargaggoota haasofsiisteetta. Tokko tokko, “al baay’ee” isaanitti himamus ergicha hin fudhanne ta’a. Kaanimmoo caqasa Macaafa Qulqulluu tokko ykn yaada Caaffata Qulqullaa’oorratti hundaa’e tokko yommuu itti himtu xinnuma dhaabatanii si dhaggeeffatanii ta’uu danda’a. Warri kaan garuu akka gaariitti isaaniif lallabdee ergaakee fudhataniiru ta’a. ‘Wangeelicha guutummaatti yommuu dhugaa baanu’ kun hundumtuu nu mudachuu danda’a. Namoonni “al baay’ee” isaan haasofsiisnuyyuu fedhii guddaa hin qabaanne hedduun, boodarratti jijjiirama argisiisuusaanii hubachuu hin ooltu. Tarii wanti tokko isaanirra ykn nama jaallatan tokkorra ga’uusaatiin kan ka’e, sammuufi garaansaanii dhugaadhaaf banamee ta’a. Namoonni kun amma obboloota keenya ta’aniiru. Kanaafuu, dhiheenya kanatti namoonni hedduun si dhaggeeffachuu didanillee abdii hin kutatin. Namni hundumtuu gara dhugaa dhufa jennee hin yaannu. Ta’us, Waaqayyo jabinaafi hinaaffaadhaan guutummaatti dhugaa ba’uu keenya akka itti fufnu nurraa eega.

Bu’aansaa Maal Akka Ta’u Hin Beeknu

13. Dhugaa ba’uun keenya bu’aa nuyi hin beekne argamsiisuu kan danda’u akkamitti?

13 Lallabni Phaawulos bu’aa kan argamsiise, warra Kiristiyaana akka ta’an kallattiidhaan gargaare qofarratti hin turre. Lallabni keenyas akkasumadha. Tajaajila manaa gara manaarratti yeroo hundumaa hirmaachuudhaan, hamma dandeenye namoota hedduudhaaf dhugaa ba’uuf haa murteessinu. Ollaawwan keenyatti, warra nuu wajjin hojjetaniifi baratanitti, akkasumas firoota keenyatti misiraachicha ni himna. Bu’aa argamu hunda beekuu ni dandeenyaa? Tokko tokkorratti bu’aa gaariin dafee argamuu danda’a. Yeroo kan biraattimmoo sanyiin dhugaa garaa namaa isa biyyootti fakkeeffame keessatti utuu hin guddatin turuu danda’a; yeroo booda garuu hundee bal’ifatee ija godhachuu danda’a. Kun ta’uu baatullee, namoonni isaan haasofsiisne ergaa isaanitti himneefi amantii keenya, akkasumas wantoota raawwannu warra kaanitti himuu danda’u. Namoonni kun, utuu isaanitti hin beekamin sanyiin dhugaa biyyoo gaarii isa guddisurra akka bu’u gochuu danda’u.

14, 15. Obboleessi tokko lallabuunsaa bu’aa akkamii argamsiise?

14 Filoriidaa Yuunaayitid Isteetis kan jiraatan Raayaaniifi haadha manaasaa Maandii akka fakkeenyaatti fudhadhu. Raayaan bakka hojiisaatti nama isaa wajjin hojjetu tokkoof karaa alidilee ta’een dhugaa ba’e. Akkaataan Raayaan itti uffatuufi yaadasaa itti ibsu, namicha amantii Hinduu hordofu kana ni dinqisiisa ture. Raayaan nama kanaa wajjin waa’ee du’aa ka’uufi haala warri du’an keessa jiran mari’ateera. Ji’a Amajjii keessa gaaf tokko galgala namni kun, haati manaasaa Joodiin waa’ee Dhugaa Baatota Yihowaa maal akka beektu ishee gaafate. Haati manaasaa amantii Kaatolikii kan hordoftu yommuu ta’u, waa’ee Dhugaa Baatota Yihowaa kan beektu “manaa gara manaa dhaqanii akka lallaban” qofaa ta’uusaa itti himte. Sana booda Joodiin, mataduree “Jehovah’s Witnesses (Dhugaa Baatota Yihowaa)” jedhuun intarneetiidhaan qorannaa gochuu jalqabde; kunimmoo gara Weeb saayitii Dhugaa Baatota Yihowaa www.watchtower.org jedhutti ishee geesse. Joodiin ji’oota muraasaaf Macaafa Qulqulluu dabalatee matadureewwan xiyyeeffannaashee harkisan Weeb saayitii sanarraa dubbiste.

15 Narsoota kan ta’an Joodiifi Maandiin yeroo booda wal baran. Maandiin, gaaffiiwwan Joodiin gaafatteef gammachuudhaan deebii laatteef. Yeroo muraasa booda, yaadawwan Macaafa Qulqulluu hedduurratti waliin mari’atan. Joodiin Macaafa Qulqulluu akka qayyabattu yommuu afeeramtu tole jette. Baay’ee utuu hin turin, walga’iiwwan Galma Mootummaatti godhamanirratti argamuu jalqabde. Ji’a Onkoloolessaatti babal’istuu hin cuuphamne erga taatee booda, Guraandhalatti cuuphamte. Joodiin, “Dhugaa ergan beekee booda jireenyikoo baay’ee kan nama gammachiisu ta’eera” jechuudhaan barreessiteetti.

16. Muuxannoon obboleessa Filoriidaa tokkoo, carraaqqii guutummaatti dhugaa ba’uuf goonu ilaalchisee maal nu hubachiisa?

16 Raayaan nama tokkoof lallabuunsaa nama kan biraa gara dhugaatti fida jedhee tasumaa hin yaanne. Raayaan ‘guutummaatti dhugaa ba’uuf’ murtoo gochuunsaa bu’aa akka argamsiise hubateera. Atis, manaa gara manaatti, bakka hojiitti, mana barumsaatti ykn karaa alidilee ta’een misiraachicha lallabuunkee, warri kaan utuu ati hin beekin ergaa kana akka dhaga’an karaa banuu danda’a. Phaawulos lallabnisaa “kutaa biyya Asiyaatti” bu’aa akkamii akka argamsiise akkuma hin beekne, atis misiraachicha guutummaatti lallabuunkee bu’aa akkamii akka argamsiisu guutummaatti beekuu dhiisuu dandeessa. (Hojii Ergamootaa 23:11; 28:23 dubbisi.) Ta’uyyuu, kana gochuukee itti fufuun baay’ee barbaachisaadha!

17. Bara 2009⁠tti maal gochuuf murteessiteetta?

17 Bara 2009⁠tti, hundi keenya hojii manaa gara manaafi karaawwan kan biraadhaan lallabuuf nuu kennameef xiyyeeffannaa guddaa haa laannu. Yoo kana goone nuyis akkuma Phaawulos akkas jechuu dandeenya: “Hojiin wangeela ayyaana Waaqayyoof dhugaa ba’uu, gooftaa Yesus biraa anatti kennameera. Ani immoo ergaa koo fi hojii koo kana raawwachuu duwwaa nan barbaada; kana irraa kan hafe jireenya koo akka waan gatii naaf qabuutti hin lakkaa’u.”

Maal Jettee Deebista?

• Phaawulosiifi Phexros akkasumas warri jaarraa jalqabaa turan kaan, dhugaa kan ba’an akkamitti?

• Lallabuun keenya bu’aa nuyi hin beekne argamsiisuu kan danda’u maaliifi?

• Caqasni waggaa 2009 maal kan jedhudha? Caqasni kun filatamuunsaa sirrii akka ta’e kan sitti dhaga’amu maaliifi?

[Gaaffiiwwan Qayyabannaa]

[Yaada gabaabaatti fudhatameefi fuula 19rra jiru]

Caqasni waggaa 2009: Wangeela dhugaa ba’aajedha.—HoE. 20:24.

[Fakkii fuula 17rra jiru]

Jaarsoliin Efesoon, Phaawulos manaa manatti lallabuusaa beeku turan

[Fakkii fuula 18rra jiru]

Guutummaatti dhugaa ba’uunkee bu’aawwan akkamii argamsiisuu danda’a?