Kooriyaatti Sabni Waaqayyoo Yeroo Baay’achaa Adeemu Argeera
Kooriyaatti Sabni Waaqayyoo Yeroo Baay’achaa Adeemu Argeera
Miiltan Hamiliton akka dubbatetti
“Mootummaan Riippabliika Kooriyaa misiyoonota kan taatan hundaaf viizaa kennuufi gara biyyichaatti akka galtan kan hin barbaanne ta’uusaa yeroo isinitti himnu baay’ee gaddina. . . . Kanaan kan ka’es amma yeroof Jaappaaniitti ramadamtaniittu.”
ERGAAN olitti ibsame anaafi haadha manaakoof Biruukiliin Niiwu Yoork, Yuu.Ees.Eetii kan nu ga’e naannoo xumura bara 1954tti ture. Kutaa 23ffaa Mana Barumsaa Giil’aadii isa Niiwu Yoorkitti argamuu kan eebbifamne wagguma kanatti ture. Xalayichi yeroo nu ga’e, yeroof biyya Indiiyaanaapoolis, Indiyaanaa keessa tajaajilaa turre.
Aniifi haati manaakoo Liiz (dur Liiz Semook jedhamtu), mana barumsaa sadarkaa lammaffaatti kutaa tokko turre. Boodas, bara 1948tti gaa’ela dhaabbanne. Tajaajila yeroo guutuu kan jaallattu taatus, Yuunaayitid Isteetis ala biyya biraa dhaqxee tajaajiluun ishee sodaachisa ture. Ilaalchashee akka jijjiirtu maaltu ishee gargaare?
Liiz walga’ii namoota mana barumsaa Giil’aad seenuu barbaadanii wajjin godhamurratti naa wajjin argamuuf walii galte. Walga’ichi, walga’ii biyyoolessaa bona bara 1953tti Istaadiyemii Yaankii, Niiwu Yoorkitti godhame ture. Walga’ii nama jajjabeessu sana booda, Giil’aadiin galuuf foormii guunne. Kutaa ittaanu, jechuunis Guraandhala bara 1954 jalqaburratti akka hirmaannu yeroo waamichi nuu dhihaatu dinqisiifamnee turre.
Yeroo achitti ramadamne, waraanni Kooriyaatti waggaa sadiif taasifamaa ture bona bara 1953tti kan dhaabate yommuu ta’u, waraanichi biyyatti barbadeessee ture. Akkuma seensa xalayicharratti ibsame jalqaba gara Jaappaan dhaqne. Misiyoonota garabiraa Kooriyaatti ramadaman ja’aa wajjin guyyaa 20f galaanarra erga adeemnee booda, Amajjii 1955 achi geenye. Looyid Baarii, inni yeroo sanatti ilaaltuu olaanaa waajjira damee Jaappaan ture, barii sa’aatii 12:00tti galaanicha qarqaratti nu simate. Achiis mana misiyoonotaa isa Yookohaamaatti argamu erga dhaqnee booda, guyyuma sana tajaajila baane.
Dhumarratti Kooriyaa Seenne
Yeroo booda, viizaa ykn heyyama Riippabliika Kooriyaatti galuuf nu dandeessisu arganne. Bitootessa 7, 1955, xiyyaarri keenya Buufata Xiyyaaraa Biyyoolessaa Haaneedaa Tokiiyoo ka’ee sa’aatii sadiif erga balali’ee booda Buufata Xiyyaaraa Yoo’idoo See’ul geenye. Dhugaa Baatota Kooriyaa 200 ol ta’an yeroo nu simatan, hundi keenya gammachuun boonye. Yommus Kooriyaa keessa Dhugaa Baatota 1,000 qofatu ture. Akkuma biyyoota Dhihaa baay’ee, namoonni Baha Fagoo eessaayyuu yoo jiraatan hundinuu bifniifi gochisaanii tokko nutti fakkaata ture. Addadda ta’uusaanii hubachuuf garuu yeroo nutti hin fudhanne. Warri Kooriyaa qooqaafi qubee mataasaanii qabaachuu qofa
utuu hin ta’in, akkaataa nyaata itti qopheessan, bifaafi uffata aadaa, akkasumas haala ittiin mana ijaaran dabalatee wantoota adda isaan taasisan hedduu qabu.Hojiin keenya inni jalqabaafi ulfaataan afaan Kooriyaa barachuu ture. Kitaabni afaan Kooriyaa barachuuf gargaaru tokkoyyuu hin turre. Yeroo muraasa booda, sagalee qubee Ingiliffaatiin jechoota Kooriyaa sirriitti waamuun kan hin danda’amne ta’uusa hubanne. Namni tokko jechoota sirriitti waamuu kan danda’u qubee Kooriyaa yoo barate qofadha.
Yeroon itti dogoggorres jira. Fakkeenyaaf, gaaf tokko manaa gara manaatti utuu tajaajilluu, Liiz dubartii tokkoon Macaafa Qulqulluu qabdaa jette gaafatte. Dubartittiinis maaliif akka ishee gaafatte waan hin hubanneef naatee akkuma jedhamtee qodaa kibriitii fiddeef. Liiz jecha “Macaafa Qulqulluu” suunkiyuug jedhu dubbachuu mannaa, suungyaang (kibriitii) jedhu ishee gaafatte.
Ji’oota muraasa booda, Puusaan magaalaa kibbatti argamtuufi buufata doonii taatetti mana misiyoonotaa akka hundeessinu ramadamne. Lamaan keenyaafi obboleettota wajjin ramadamne lamaaf, kutaawwan xixinnoo sadii kireeffanne. Kutaawwan kun yeroo hunda bishaan boombaa kan hin arganneefi manni booliisaa bishaan kan hin qabnedha. Bishaan gara fooqii isa lammaffaatti kan harkifamu ujummoo gommaatiin si’a ta’u, isas ol harkisuuf humna kan argatu galgala qofa ture. Kanaaf ganama barii kaanee dabaree dabareen bishaan waraabna turre. Bishaan kana dhuguuf danfisuu ykn kilooriinii itti naquu qabna turre.
Rakkoowwan kan biraas jiru turan. Humni elektiriikii baay’ee dadhabaa waan ta’eef, maashinii ittiin huccuu miican ykn tokkosan fayyadamuu hin dandeenyu turre. Bakki itti nyaata qopheeffannu karaa kutaawwan gidduu jirutti yommuu ta’u, kan ittiin bilcheeffannus buttaa gaazii tokko qofa ture. Utuu hin turin, hundi keenya gaafa dabareen nu ga’u nyaata qopheessuu barre. Achi geenyee waggaa sadii booda aniifi Liiz dhukkuba kalee iitessuun (heepataaytis jedhamuun) qabamne. Misiyoononni yeroo sanaa baay’een dhukkuba kanaan qabamu turan. Dhukkuba kanarraa fayyuuf ji’oonni kan darban si’a ta’u, dhibeewwan fayyaa kaanis nu mudataniiru.
Obboloonni Wantoota Gufuu Isaanitti Ta’an Akka Mo’an Gargaarreerra
Haalli siyaasaa galoo galaana Kooriyaa, waggaa 55 darbaniif kan hin tasgabboofne ture. Naannoon waraanni akka hin kaaneef humni waraanaa buufate kun, Kooriyaan bakka lamatti akka hiramtu taasiseera. Naannoon humni waraanaa buufate kun magaalaa guddoo Riippabliika Kooriyaa kan taate See’ulirraa kaabatti kiilomeetira 55 fagaata. Bara 1971tti, Fireediriik Firaanz waajjira muummee Dhugaa Baatota Yihowaa Biruukiliinii
nu daawwachuu dhufe. Naannoo humni waraanaa buufatee jiru kana isaa wajjin kanan adeeme si’a ta’u, bakki kun bakka kamiyyuu caalaa daangaa eegumsi cimaan godhamuuf ture. Waggoota hedduuf, abbootiin taayitaa Mootummoota Gamtoomanii, bakka buutota mootummoota biyyoota kana lamaanii wajjin mari’achaa turaniiru.Haala galoo galaana Kooriyaa keessa ture dabalatee, siyaasa biyya lafaa keessa hin galle turre. (Yoh. 17:14) Dhugaa Baatonni Kooriyaa 13,000 ol ta’an namoota hin waraannu jechuusaaniitiin dimshaashatti waggaa 26,000 hidhamaniiru. (2 Qor. 10:3, 4) Kiristiyaanonni dargaggoota ta’an biyya sana jiran gaaffiin akkasii akka isaaniif dhihaatu beekanis, tasumaa hin sodaanne. Mootummaan, siyaasa keessa galuu diduusaanii akka “yakkaatti” lakkaa’uun, tajaajiltoota Kiristiyaana ta’an akka “yakkamtootatti” ibsuunsaanii nama gaddisiisa.
Bara 1944, Waraana Addunyaa Lammaffaatti anis loltuu waraanaa ta’uu waanan dideef, waggaa lamaaf walakkaa mana hidhaa Yuu.Ees. Lewiisbarg, Pensilvaaniyaa keessatti hidhameen ture. Obboloonni keenya Kooriyaa mana hidhaatti haalli baay’ee rakkisaa ta’e isaan mudatus, wanta dargaggoonni Dhugaa Baatota ta’an keessa jiran beekan ture. Misiyoononni Kooriyaa jiraannu tokko tokko, haala akkasii keessa kan dabarre ta’uu keenya beekuun baay’eesaanii jajjabeesseera.—Isa. 2:4.
Rakkina Keessa Dabarre
Siyaasa keessa galuu dhiisuun keenya bara 1977tti gaaffii kaasee ture. Abbootiin taayitaa, dargaggoota Kooriyaa loltuu waraanaa akka hin taane ykn meeshaa waraanaatti akka hin fayyadamne dhiibbaa waan isaanirratti goone itti fakkaatee ture. Kanaaf misiyoononni sababii kamiiniyyuu biyya kana keessaa baanaan biyyichatti akka hin deebine murteessan. Seerri kun bara 1977 hanga 1987tti kan itti fufe ture. Waggoota kana keessatti Kooriyaadhaa gara biyya keenyaa deemneerra utuu ta’ee, achitti deebi’uun nuuf hin heyyamamu ture. Nuyis takkaayyuu gara biyya keenyaa hin deemne.
Abbootii taayitaa wajjin yeroo baay’ee kan mari’anne si’a ta’u, ejjennoo duuka buutota Kiristos ta’uu keenyaan qabnu ibsineerraaf. Yeroo boodas, doorsisasaanii kana akka hin sodaanne kan hubatan si’a ta’u, seerri kun waggaa kudhan booda ka’e. Waggoota kana keessatti misiyoononni muraasni dhibee fayyaatiin biyyattii gadhiisanis, asitti hafuu keenyaan gammachuutu nutti dhaga’ama.
Walakkaa bara 1980tti, namoonni tajaajila keenya morman, dargaggoonni loltuu waraanaa akka hin taane dhowwaniiru jedhanii sobaan daayireektaroota korporeeshiinii jaarmiyaa keenya isa seera qabeessa ta’e himataniiru. Yeroo sanatti, mootummaan daayireektara kan taane hunda tokko tokkoon waamee nu gaafateera. Amajjii 22, bara 1987, waajjirri seeraa himanni kun ragaa kan hin qabne ta’uusaa mirkaneesse. Kunis himanni sobaa kun ifa akka ta’u gargaareera.
Waaqayyo Hojii Keenya Eebbiseera
Kooriyaatti, waggoota siyaasa keessa galuu didne kanatti mormiin hojii lallabaarratti raawwatamu ittuma caale. Kanaaf, walga’iiwwan gurguddaa keenyaaf bakka mijaa’aa ta’an argachuun baay’ee rakkisaa ta’ee ture. Kanaaf, Dhugaa Baatonni iddoo barbaadanii, Puusaanitti Galma Walga’ii Baha Fagootti isa jalqabaa ta’e ijaaran. Ebla 5, 1976 namoota 1,300 duratti haasawaa Galmichi tajaajila Yihowaaf
murteeffamuusaa argisiisu kennuuf mirga argadheera.Bara 1950 kaasee loltoonni kuma kudhaniin lakkaa’aman Yuunaayitid Isteetisii Kooriyaatti ramadamaniiru. Gara Yuunaayitid Isteetisitti erga deebi’anii booda, baay’eensaanii Dhugaa Baatota cimoo ta’aniiru. Yeroo baay’ee xalayaa kan nuu barreessan si’a ta’u, Yihowaa akka beekan isan gargaaruu keenya akka mirga guddaatti ilaalla.
Kan nama gaddisiisu garuu haadha manaakoo jaallatamtuu taate Fulbaana 26, 2006 du’aanan dhabe. Ishee dhabuunkoo baay’ee natti hir’iseera. Waggaa 51 as turtetti, bakka itti ramadamne gammachuun kan fudhattu si’a ta’u guungumtees hin beektu. Waa’ee Yuunaayitid Isteetis, biyya yeroo tokkotti dhiistee adeemuu hin barbaannetti deebi’uu dubbachuunillee haa hafuu, yaaddee hin beektu!
Hanga ammaatti Kooriyaatti miseensa maatii Bet’el ta’ee tajaajilaan jira. Miseensonni maatii Bet’el muraasa turan amma 250 ta’aniiru. Obboloota Koree Waajjiraa Damee hojii asitti geggeeffamu to’atan torbaa wajjin tajaajiluukoo akka mirgaattan ilaala.
Yeroo Kooriyaa dhaqne biyyattiin baay’ee hiyyeessa kan turte ta’us, amma biyyoota addunyaa baay’ee guddatan keessaa tokko taateetti. Kooriyaa keessa Dhugaa Baatota 95,000 ol ta’an kan jiran si’a ta’u, harka 40ni qajeelchaa gargaaraa ykn qajeelchaa ta’anii tajaajilu. Kun hundi asitti Waaqayyoon tajaajiluufi sabni Waaqayyoo guddachuusaa arguukoo akkan dinqisiifadhu na godheera.
[Fakkii fuula 24rra jiru]
Yeroo misiyoonota kaanii wajjin Kooriyaa geenye
[Fakkii fuula 24rra jiru]
Puusaanitti yeroo tajaajillu
[Fakkii fuula 25rra jiru]
Bara 1971, Obboleessa Keenya Firaanz wajjin naannoo waraanni akka hin kaaneef humni waraanaa buufatetti
[Fakkii fuula 26rra jiru]
Du’uushee yeroo muraasa dura Liiz wajjin
[Fakkii fuula 26rra jiru]
Amma waajjira damee Kooriyaatti miseensa maatii Bet’el ta’een tajaajilaa jira