Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Ni Yaadattaa?

Ni Yaadattaa?

Ni Yaadattaa?

Barruulee Masaraa Eegumsaa dhiheenyatti ba’an dubbisuun faayidaa argatteettaa? Mee gaaffiiwwan armaan gadii deebisuu yaali:

Qooqa qulqulluu,” waa’ee Waaqayyoofi kaayyoosaa ibsu sirriitti dubbachuu kan dandeenyu akkamitti? (Sef. 3:9, NW)

Akkuma afaan tokkoo “qooqa qulqulluu” sirriitti dubbachuuf akka gaariitti dhaggeeffachuu, namoota qooqa sana akka gaariitti dubbatan hordofuu, maqaa kitaabota Macaafa Qulqulluufi caqasoota tokko tokko yaadachuu, wantoota baranne irra deebi’uu, sagalee ol kaasanii dubbisuu, seerluga afaanichaa ykn fakkeenya dubbii dhugaa hubachuu, fooyya’aa adeemuuf carraaquu, qayyabannaaf yeroo ramaduufi qooqa qulqulluu ‘dubbachuu’ shaakaluu.—8/15, ful. 21-25.

• Yaanni ‘fo’aa dachaa sadiin walitti fo’ame’ jedhu gaa’ela keessatti hojiirra ooluu kan danda’u akkamitti?

Yaanni “fo’aan dachaa sadiin walitti fo’ame” jedhu akka fakkeenyaatti kan ibsamedha. (Lal. 4:12) Fakkeenya kana gara gaa’elatti yeroo finnu, fo’aa lama kan jedhaman abbaan manaafi haati manaa fo’aa gidduusaanii jiru tokkoo wajjin, jedhuunis Waaqayyoo wajjin akka walitti fo’aman argisiisa. Abbaan manaafi haati manaa Waaqayyoo wajjin tokkummaa qabaachuunsaanii, rakkina mo’uuf jabina kennaaf, akkasumas gammachuu argamsiisaaf.—9/15, ful. 16.

• Yaanni Ibroota 6:2rratti “harka mataa namaa irra kaa’uu” jedhu maal argisiisa?

Jaarsolii Kiristiyaanaa muuduu utuu hin ta’in, harka mataa namaarra ka’anii kennaa hafuura qulqulluu dabarsuu kan argisiisu utuu hin ta’in hin oolu. (HoE. 8:14-17; 19:6)—9/15, ful. 32.

• Geggeessitoonni warra kaaniif ulfina akka kennan argisiisuu kan danda’an akkamitti?

Karaan jaarsi tokko kana itti gochuu danda’u, wanta ofiisaatiif gochuu hin barbaanne warri kaan akka godhan gaafachuurraa fagaachuudha. Akkasumas, wanta warri kaan akka hojjetan gaafatuuf ykn qajeelfama isaanii kennuuf sababiisaa itti himuudhaan akka ulfina isaanii kennu argisiisa.—10/15, ful. 22.

• Jaarsi Kiristiyaanni tokko haala tikseen Israa’el durii keessa ture uleesaa isa hokkoo ittiin fayyadamaa turerraa barumsa maalii argachuu danda’a?

Tikseen bara durii Israa’el keessa ture hoolotasaa eeguuf ulee hookkootti fayyadama ture. Hoolonni karra keessaa yommuu ba’an ykn gara karraatti yommuu galan, ‘ulee tiksituu jala akka ba’an’ gochuudhaan isaan lakkaa’aa. (Lew. 27:32) Kiristiyaanni tiksituu ta’e tokkos haaluma wal fakkaatuun, tokkoon tokkoon hoolota tikasaa jalatti argaman akka gaariitti beekuufi haala isaan keessatti argaman hordofuu qaba.—11/15, ful. 9.